Surah Al-Qalam القلم
52 verses · Mecca · revelation order 2
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ نٓ وَٱلْقَلَمِ وَمَا يَسْطُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborNuun Qalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha.
See all translations of this verse →
مَآ أَنتَ بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِمَجْنُونٍ
Oromo Translation - Gali AbaborAti ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane.
See all translations of this verse →
وَإِنَّ لَكَ لَأَجْرًا غَيْرَ مَمْنُونٍ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.
See all translations of this verse →
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٍ
Oromo Translation - Gali AbaborAti amala (naamusa) guddaa irra jirta.
See all translations of this verse →
فَسَتُبْصِرُ وَيُبْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborFuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.
See all translations of this verse →
بِأَييِّكُمُ ٱلْمَفْتُونُ
Oromo Translation - Gali AbaborEenyuu keessanitti maraattummaan jirtii (arguuf jirtu).
See all translations of this verse →
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعْلَمُ بِٱلْمُهْتَدِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; qajeeltotas inni beekaadha.
See all translations of this verse →
فَلَا تُطِعِ ٱلْمُكَذِّبِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborKijibsiiftotaaf hin ajajamin.
See all translations of this verse →
وَدُّوا۟ لَوْ تُدْهِنُ فَيُدْهِنُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborOdoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu.
See all translations of this verse →
وَلَا تُطِعْ كُلَّ حَلَّافٍ مَّهِينٍ
Oromo Translation - Gali AbaborAkkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.
See all translations of this verse →
هَمَّازٍ مَّشَّآءٍۭ بِنَمِيمٍ
Oromo Translation - Gali AbaborAkkaan hamataa, faradaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).
See all translations of this verse →
مَّنَّاعٍ لِّلْخَيْرِ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ
Oromo Translation - Gali AbaborToltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis.
See all translations of this verse →
عُتُلٍّۭ بَعْدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ
Oromo Translation - Gali AbaborGara jabeessa, sana booda immoo diqaalaa kan ta'eef (hin ajajamin).
See all translations of this verse →
أَن كَانَ ذَا مَالٍ وَبَنِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborWaan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).
See all translations of this verse →
إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.
See all translations of this verse →
سَنَسِمُهُۥ عَلَى ٱلْخُرْطُومِ
Oromo Translation - Gali AbaborFunyaan irratti isa mallatteessina.
See all translations of this verse →
إِنَّا بَلَوْنَٰهُمْ كَمَا بَلَوْنَآ أَصْحَٰبَ ٱلْجَنَّةِ إِذْ أَقْسَمُوا۟ لَيَصْرِمُنَّهَا مُصْبِحِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborNuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra.
See all translations of this verse →
وَلَا يَسْتَثْنُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSiinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
See all translations of this verse →
فَطَافَ عَلَيْهَا طَآئِفٌ مِّن رَّبِّكَ وَهُمْ نَآئِمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborOdoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e.
See all translations of this verse →
فَأَصْبَحَتْ كَٱلصَّرِيمِ
Oromo Translation - Gali AbaborAkka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte.
See all translations of this verse →
فَتَنَادَوْا۟ مُصْبِحِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborBariidhaan walitti lallaban.
See all translations of this verse →
أَنِ ٱغْدُوا۟ عَلَىٰ حَرْثِكُمْ إِن كُنتُمْ صَٰرِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).
See all translations of this verse →
فَٱنطَلَقُوا۟ وَهُمْ يَتَخَٰفَتُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborWalitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
See all translations of this verse →
أَن لَّا يَدْخُلَنَّهَا ٱلْيَوْمَ عَلَيْكُم مِّسْكِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
See all translations of this verse →
وَغَدَوْا۟ عَلَىٰ حَرْدٍ قَٰدِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
See all translations of this verse →
فَلَمَّا رَأَوْهَا قَالُوٓا۟ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
See all translations of this verse →
بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborInumaayyuu nuti hoongeffamoodha."
See all translations of this verse →
قَالَ أَوْسَطُهُمْ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ لَوْلَا تُسَبِّحُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborIrra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ سُبْحَٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
See all translations of this verse →
فَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَلَٰوَمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborKan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ يَٰوَيْلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَٰغِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.
See all translations of this verse →
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبْدِلَنَا خَيْرًا مِّنْهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeella. Nuti gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
See all translations of this verse →
كَذَٰلِكَ ٱلْعَذَابُ وَلَعَذَابُ ٱلْـَٔاخِرَةِ أَكْبَرُ لَوْ كَانُوا۟ يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborAdabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan tahanii (irraa of tiksu turan).
See all translations of this verse →
إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
See all translations of this verse →
أَفَنَجْعَلُ ٱلْمُسْلِمِينَ كَٱلْمُجْرِمِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?
See all translations of this verse →
مَا لَكُمْ كَيْفَ تَحْكُمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborMaalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!
See all translations of this verse →
أَمْ لَكُمْ كِتَٰبٌ فِيهِ تَدْرُسُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
See all translations of this verse →
إِنَّ لَكُمْ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborKan isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?
See all translations of this verse →
أَمْ لَكُمْ أَيْمَٰنٌ عَلَيْنَا بَٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ إِنَّ لَكُمْ لَمَا تَحْكُمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila kakuulee nurratti taheetu kan Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun?
See all translations of this verse →
سَلْهُمْ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborEenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.
See all translations of this verse →
أَمْ لَهُمْ شُرَكَآءُ فَلْيَأْتُوا۟ بِشُرَكَآئِهِمْ إِن كَانُوا۟ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu)tu isaaniif tahee? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.
See all translations of this verse →
يَوْمَ يُكْشَفُ عَن سَاقٍ وَيُدْعَوْنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
See all translations of this verse →
خَٰشِعَةً أَبْصَٰرُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ وَقَدْ كَانُوا۟ يُدْعَوْنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ وَهُمْ سَٰلِمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborIjjoonni isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguuga. Dhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.
See all translations of this verse →
فَذَرْنِى وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا ٱلْحَدِيثِ سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborAnaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.
See all translations of this verse →
وَأُمْلِى لَهُمْ إِنَّ كَيْدِى مَتِينٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroon isaaniif kenna. Tooftaan Kiyya cimaadha.
See all translations of this verse →
أَمْ تَسْـَٔلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)?
See all translations of this verse →
أَمْ عِندَهُمُ ٱلْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila (iccitii) fagoottu isaan biratti tahee, kan isaan barreessan?
See all translations of this verse →
فَٱصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ ٱلْحُوتِ إِذْ نَادَىٰ وَهُوَ مَكْظُومٌ
Oromo Translation - Gali AbaborMurtii Gooftaa keetiitiif obsi. Akka saahiba qurxummii hintahin yeroo lallabe inni dallansuun guutame.
See all translations of this verse →
لَّوْلَآ أَن تَدَٰرَكَهُۥ نِعْمَةٌ مِّن رَّبِّهِۦ لَنُبِذَ بِٱلْعَرَآءِ وَهُوَ مَذْمُومٌ
Oromo Translation - Gali AbaborOdoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.
See all translations of this verse →
فَٱجْتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَجَعَلَهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe.
See all translations of this verse →
وَإِن يَكَادُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَيُزْلِقُونَكَ بِأَبْصَٰرِهِمْ لَمَّا سَمِعُوا۟ ٱلذِّكْرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُۥ لَمَجْنُونٌ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran ijoowwan isaaniitiin lafaan si dhahuutti dhihaatan. yeroo yaadachiisa dhaga'an "inni maraataa dha" (siin)jedhan.
See all translations of this verse →
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborInnis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.
See all translations of this verse →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→