Surah Al-Mulk الملك
30 verses · Mecca · revelation order 77
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ تَبَٰرَكَ ٱلَّذِى بِيَدِهِ ٱلْمُلْكُ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) Inni mootummaan (waan hundaa) harka Isaa jiru tolli isaa baay'ate. Inni waan hunda irratti danda'aadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلْمَوْتَ وَٱلْحَيَوٰةَ لِيَبْلُوَكُمْ أَيُّكُمْ أَحْسَنُ عَمَلًا وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْغَفُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) Isa du'aafi jireenya uumeedha eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha. Inni injifataa, araaramaadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِى خَلَقَ سَبْعَ سَمَٰوَٰتٍ طِبَاقًا مَّا تَرَىٰ فِى خَلْقِ ٱلرَّحْمَٰنِ مِن تَفَٰوُتٍ فَٱرْجِعِ ٱلْبَصَرَ هَلْ تَرَىٰ مِن فُطُورٍ
Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argitu. Mee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa?
See all translations of this verse →
ثُمَّ ٱرْجِعِ ٱلْبَصَرَ كَرَّتَيْنِ يَنقَلِبْ إِلَيْكَ ٱلْبَصَرُ خَاسِئًا وَهُوَ حَسِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborErgasii yeroo baay'ee ija deddeebisi; ijji (kee) hoonga'aa dadhabaa ta'ee gara kee deebi'a.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ زَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنْيَا بِمَصَٰبِيحَ وَجَعَلْنَٰهَا رُجُومًا لِّلشَّيَٰطِينِ وَأَعْتَدْنَا لَهُمْ عَذَابَ ٱلسَّعِيرِ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, samii addunyaa ibsaawwaniin (urjiiwwaniin) miidhagsineerra. Sheyxaanotaafis furguuggee ishee goone. Isaaniif adabbii ibidda boba'aa qopheessineerra.
See all translations of this verse →
وَلِلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِرَبِّهِمْ عَذَابُ جَهَنَّمَ وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Gooftaa isaaniitti kafaraniif adabbii jahannamtu jira. Deebi’ichi waa fokkate!
See all translations of this verse →
إِذَآ أُلْقُوا۟ فِيهَا سَمِعُوا۟ لَهَا شَهِيقًا وَهِىَ تَفُورُ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ishee keessatti darbaman isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u,haala isheen danfuutti jirtuun.
See all translations of this verse →
تَكَادُ تَمَيَّزُ مِنَ ٱلْغَيْظِ كُلَّمَآ أُلْقِىَ فِيهَا فَوْجٌ سَأَلَهُمْ خَزَنَتُهَآ أَلَمْ يَأْتِكُمْ نَذِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborDallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ بَلَىٰ قَدْ جَآءَنَا نَذِيرٌ فَكَذَّبْنَا وَقُلْنَا مَا نَزَّلَ ٱللَّهُ مِن شَىْءٍ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا فِى ضَلَٰلٍ كَبِيرٍ
Oromo Translation - Gali AbaborNijedhu "Eeyyeen; dhugumatti akeekkachiisaan nutti dhufeera; sobsiifneeti 'Rabbiin homaa hin buufne; isin jallina guddaa keessa jirtu' jenneen".
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ لَوْ كُنَّا نَسْمَعُ أَوْ نَعْقِلُ مَا كُنَّا فِىٓ أَصْحَٰبِ ٱلسَّعِيرِ
Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan "Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre".
See all translations of this verse →
فَٱعْتَرَفُوا۟ بِذَنۢبِهِمْ فَسُحْقًا لِّأَصْحَٰبِ ٱلسَّعِيرِ
Oromo Translation - Gali AbaborDilii isaanii ni amanan. Warra ibidda (boba'aa)tiif (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa tahu!
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُم بِٱلْغَيْبِ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborWarra Gooftaa isaanii fagootti sodaataniif araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
وَأَسِرُّوا۟ قَوْلَكُمْ أَوِ ٱجْهَرُوا۟ بِهِۦٓ إِنَّهُۥ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Oromo Translation - Gali AbaborHaasa'a keessan gadi qabaa yookiin ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.
See all translations of this verse →
أَلَا يَعْلَمُ مَنْ خَلَقَ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلْخَبِيرُ
Oromo Translation - Gali AbaborSila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha.
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُمُ ٱلْأَرْضَ ذَلُولًا فَٱمْشُوا۟ فِى مَنَاكِبِهَا وَكُلُوا۟ مِن رِّزْقِهِۦ وَإِلَيْهِ ٱلنُّشُورُ
Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. Deebiin garuma Isaatti.
See all translations of this verse →
ءَأَمِنتُم مَّن فِى ٱلسَّمَآءِ أَن يَخْسِفَ بِكُمُ ٱلْأَرْضَ فَإِذَا هِىَ تَمُورُ
Oromo Translation - Gali AbaborSila isa samii olii sodaa dhabdanii? dachii isiniin cichisiisuu, achumaan isheen sossooti.
See all translations of this verse →
أَمْ أَمِنتُم مَّن فِى ٱلسَّمَآءِ أَن يُرْسِلَ عَلَيْكُمْ حَاصِبًا فَسَتَعْلَمُونَ كَيْفَ نَذِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababormmoo isa samii olii sodaa dhabdanii? bubbee cirracha qabu isin irratti erguu. Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, warri isaaniin duraa sobsiisaniiru; (adabbiin) najibbuu akkam tureree!
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَرَوْا۟ إِلَى ٱلطَّيْرِ فَوْقَهُمْ صَٰٓفَّٰتٍ وَيَقْبِضْنَ مَا يُمْسِكُهُنَّ إِلَّا ٱلرَّحْمَٰنُ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَىْءٍۭ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborSila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabu. Inni waan hunda argaadha.
See all translations of this verse →
أَمَّنْ هَٰذَا ٱلَّذِى هُوَ جُندٌ لَّكُمْ يَنصُرُكُم مِّن دُونِ ٱلرَّحْمَٰنِ إِنِ ٱلْكَٰفِرُونَ إِلَّا فِى غُرُورٍ
Oromo Translation - Gali AbaborSila innin sun ka Rahmaaniin achitti waraanaa isiniif ta'ee isin tumsuu eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessatti malee hintaane.
See all translations of this verse →
أَمَّنْ هَٰذَا ٱلَّذِى يَرْزُقُكُمْ إِنْ أَمْسَكَ رِزْقَهُۥ بَل لَّجُّوا۟ فِى عُتُوٍّ وَنُفُورٍ
Oromo Translation - Gali AbaborInni isin sooru sun eenyu Odoo Inni soorata Isaa (isinirraa) qabee? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufan.
See all translations of this verse →
أَفَمَن يَمْشِى مُكِبًّا عَلَىٰ وَجْهِهِۦٓ أَهْدَىٰٓ أَمَّن يَمْشِى سَوِيًّا عَلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ
Oromo Translation - Gali AbaborSila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu irra qajeelaadha?
See all translations of this verse →
قُلْ هُوَ ٱلَّذِىٓ أَنشَأَكُمْ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمْعَ وَٱلْأَبْصَٰرَ وَٱلْأَفْـِٔدَةَ قَلِيلًا مَّا تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuuwwaniifi onneewwan isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"
See all translations of this verse →
قُلْ هُوَ ٱلَّذِى ذَرَأَكُمْ فِى ٱلْأَرْضِ وَإِلَيْهِ تُحْشَرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."
See all translations of this verse →
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلْوَعْدُ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborNijedhu "Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?".
See all translations of this verse →
قُلْ إِنَّمَا ٱلْعِلْمُ عِندَ ٱللَّهِ وَإِنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jira. Ani immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."
See all translations of this verse →
فَلَمَّا رَأَوْهُ زُلْفَةً سِيٓـَٔتْ وُجُوهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَقِيلَ هَٰذَا ٱلَّذِى كُنتُم بِهِۦ تَدَّعُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroma dhihoo ta'ee isa (beellamicha) argan fuulleen warra kafaranii fokkatte "Inni kun isa waammataa turtanii dha" jedhame
See all translations of this verse →
قُلْ أَرَءَيْتُمْ إِنْ أَهْلَكَنِىَ ٱللَّهُ وَمَن مَّعِىَ أَوْ رَحِمَنَا فَمَن يُجِيرُ ٱلْكَٰفِرِينَ مِنْ عَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi "Mee naaf himaa! yoo Rabbiin anaafi nama ana wajjin jiru balleesse yookiin rahmata nuuf godhe, namni kaafiroota adabbii laalessaa irraa baraaru eenyu?".
See all translations of this verse →
قُلْ هُوَ ٱلرَّحْمَٰنُ ءَامَنَّا بِهِۦ وَعَلَيْهِ تَوَكَّلْنَا فَسَتَعْلَمُونَ مَنْ هُوَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi "Inni Rahmaani Isatti amanne; Isa irrattis hirkanne. Namni jallina ifa ta'e keessa jiru eenyu akka ta'e beekuuf jirtu".
See all translations of this verse →
قُلْ أَرَءَيْتُمْ إِنْ أَصْبَحَ مَآؤُكُمْ غَوْرًا فَمَن يَأْتِيكُم بِمَآءٍ مَّعِينٍۭ
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Mee naaf himaa! odoo bishaan keessan dachii keessa gadi lixaa ta'ee eenyu bishaan yaa'u isiniif fida?"
See all translations of this verse →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→