caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Israa الإسراء

111 verses · Mecca · revelation order 50

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ سُبْحَٰنَ ٱلَّذِىٓ أَسْرَىٰ بِعَبْدِهِۦ لَيْلًا مِّنَ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ إِلَى ٱلْمَسْجِدِ ٱلْأَقْصَا ٱلَّذِى بَٰرَكْنَا حَوْلَهُۥ لِنُرِيَهُۥ مِنْ ءَايَٰتِنَآ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْبَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborInni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa gooneetti deemsise qulqullaa’e, mallattoowwan keenya irraa akka itti argisiifnuuf, Dhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha.

See all translations of this verse →

وَءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلْنَٰهُ هُدًى لِّبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَلَّا تَتَّخِذُوا۟ مِن دُونِى وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborMuusaaf kitaaba kenninee Ilmaan Israa’iilif qajeelfama isa goone “anaa gaditti hirkoo hin godhatinaa”(jechuun).

See all translations of this verse →

ذُرِّيَّةَ مَنْ حَمَلْنَا مَعَ نُوحٍ إِنَّهُۥ كَانَ عَبْدًا شَكُورًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! Dhugumatti, inni gabricha galatoomfataa ture.

See all translations of this verse →

وَقَضَيْنَآ إِلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ فِى ٱلْكِتَٰبِ لَتُفْسِدُنَّ فِى ٱلْأَرْضِ مَرَّتَيْنِ وَلَتَعْلُنَّ عُلُوًّا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborGara Ilmaan Israa’iil kitaaba keessatti beeksisa goonee jirra “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa of tuuluuf jirtu” (jechuun).

See all translations of this verse →

فَإِذَا جَآءَ وَعْدُ أُولَىٰهُمَا بَعَثْنَا عَلَيْكُمْ عِبَادًا لَّنَآ أُو۟لِى بَأْسٍ شَدِيدٍ فَجَاسُوا۟ خِلَٰلَ ٱلدِّيَارِ وَكَانَ وَعْدًا مَّفْعُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergine. Isaan manneen keessa ni deddeebi’an (nisakatta'an). (Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera

See all translations of this verse →

ثُمَّ رَدَدْنَا لَكُمُ ٱلْكَرَّةَ عَلَيْهِمْ وَأَمْدَدْنَٰكُم بِأَمْوَٰلٍ وَبَنِينَ وَجَعَلْنَٰكُمْ أَكْثَرَ نَفِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii isaan irratti dabaree injifannoo isiniif deebifnee, qabeenyaaleefi ilmaanis isiniif daballe, Gama gosaatiinis baay’ee isin taasifne.

See all translations of this verse →

إِنْ أَحْسَنتُمْ أَحْسَنتُمْ لِأَنفُسِكُمْ وَإِنْ أَسَأْتُمْ فَلَهَا فَإِذَا جَآءَ وَعْدُ ٱلْـَٔاخِرَةِ لِيَسُـۥٓـُٔوا۟ وُجُوهَكُمْ وَلِيَدْخُلُوا۟ ٱلْمَسْجِدَ كَمَا دَخَلُوهُ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَلِيُتَبِّرُوا۟ مَا عَلَوْا۟ تَتْبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYoo toltuu hojjattan lubbuma keessaniif toltuu hojjattu. Yoo hamtuu hojjattan isuma irratti. Yeroo waadaan lamaffaa dhufe, akka (diinotiin keessan) fuuleen keessan hammeessan, akka masjiidicha (Aqsaa) akkuma yeroo duraa isa seenanitti seenaniifi, akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina).

See all translations of this verse →

عَسَىٰ رَبُّكُمْ أَن يَرْحَمَكُمْ وَإِنْ عُدتُّمْ عُدْنَا وَجَعَلْنَا جَهَنَّمَ لِلْكَٰفِرِينَ حَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan keessan rahmata isiniif gochuun ni kajeelama. Yoo isin (badiitti) deebitan, Nutis (isin adabuutti) ni deebina. Jahannamiin kaafirootaaf mana hidhaa taasifnee jirra.

See all translations of this verse →

إِنَّ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانَ يَهْدِى لِلَّتِى هِىَ أَقْوَمُ وَيُبَشِّرُ ٱلْمُؤْمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعْمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمْ أَجْرًا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Qur’aanni kun (karaa) ishee irra (haqaafi) qajeeltuu taatetti qajeelcha. Mu’uminoota warra gaggaarii hojjatan dhugumatti mindaan guddaan isaaniif jiraachuudhaan gammachiisa.

See all translations of this verse →

وَأَنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِٱلْـَٔاخِرَةِ أَعْتَدْنَا لَهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan aakhiraatti hin ammanne immoo adabbii laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra (jechuun gammachiisa).

See all translations of this verse →

وَيَدْعُ ٱلْإِنسَٰنُ بِٱلشَّرِّ دُعَآءَهُۥ بِٱلْخَيْرِ وَكَانَ ٱلْإِنسَٰنُ عَجُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborIlmi namaa (yeroo aarii) hamtuu akkuma toltuu kadhatutti (Rabbiin) kadhata. Ilmi namaa jarjaraa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ ءَايَتَيْنِ فَمَحَوْنَآ ءَايَةَ ٱلَّيْلِ وَجَعَلْنَآ ءَايَةَ ٱلنَّهَارِ مُبْصِرَةً لِّتَبْتَغُوا۟ فَضْلًا مِّن رَّبِّكُمْ وَلِتَعْلَمُوا۟ عَدَدَ ٱلسِّنِينَ وَٱلْحِسَابَ وَكُلَّ شَىْءٍ فَصَّلْنَٰهُ تَفْصِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborHalkaniifi guyyaa mallattoo lama taasifnee jirra. Mallattoo halkanii (dukkanaan) haguugnee, mallattoo guyyaa immoo ifa goone, Akka tola Gooftaa keessan irraa ta’e barbaaddaniifi, akka lakkoofsa waggootaafi herregas beektaniif (kana goone). Waan hunda addaan baafnee isa addeessinee jirra.

See all translations of this verse →

وَكُلَّ إِنسَٰنٍ أَلْزَمْنَٰهُ طَٰٓئِرَهُۥ فِى عُنُقِهِۦ وَنُخْرِجُ لَهُۥ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ كِتَٰبًا يَلْقَىٰهُ مَنشُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborNama hundayyuu hojii isaa morma isaatti rarraafnee jirra, Guyyaa Qiyaamaa kitaaba isaaf baafna. banamaa tahee inni isa argata..

See all translations of this verse →

ٱقْرَأْ كِتَٰبَكَ كَفَىٰ بِنَفْسِكَ ٱلْيَوْمَ عَلَيْكَ حَسِيبًا

Oromo Translation - Gali AbaborKitaaba kee dubbisi, Hardha ati mataan kee sirratti herregaa ta’uuf ga’aadha.

See all translations of this verse →

مَّنِ ٱهْتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهْتَدِى لِنَفْسِهِۦ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيْهَا وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ وَمَا كُنَّا مُعَذِّبِينَ حَتَّىٰ نَبْعَثَ رَسُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborNamni qajeele, kan inni qajeelu lubbuu isaatiifii, Namni jallates, kan inni jallatu ishemarratti, Lubbuun ba’aa baadhattu kamilleen ba’aa lubbuu biraa hin baadhattu, Hanga ergamaa erginutti kan adabnu hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِذَآ أَرَدْنَآ أَن نُّهْلِكَ قَرْيَةً أَمَرْنَا مُتْرَفِيهَا فَفَسَقُوا۟ فِيهَا فَحَقَّ عَلَيْهَا ٱلْقَوْلُ فَدَمَّرْنَٰهَا تَدْمِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo magaalaa takka balleessuu feene, namoota qanani’oo ishee (akka Rabbiin sodaatan) ajajna. Isaan ishee keessatti ajaja Rabbii didu; kanaaf jechi (adabaa) isaan irratti mirkanaa’a. Ishee barbadeessuu barbadeessine.

See all translations of this verse →

وَكَمْ أَهْلَكْنَا مِنَ ٱلْقُرُونِ مِنۢ بَعْدِ نُوحٍ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًۢا بَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuuhiin booda magaalota irraa meeqaatama balleessine! Gooftaan kee ga’aadha Badii gabroota Isaa beekaa argaa ta’uutti.

See all translations of this verse →

مَّن كَانَ يُرِيدُ ٱلْعَاجِلَةَ عَجَّلْنَا لَهُۥ فِيهَا مَا نَشَآءُ لِمَن نُّرِيدُ ثُمَّ جَعَلْنَا لَهُۥ جَهَنَّمَ يَصْلَىٰهَا مَذْمُومًا مَّدْحُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborNama (addunyaa) jerjertuu kan fedhu tahe, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersina. Ergasii (Ibidda) jahannam isaaf goona. isii ni seena arrabsamaa, darbamaa ta’ee.

See all translations of this verse →

وَمَنْ أَرَادَ ٱلْـَٔاخِرَةَ وَسَعَىٰ لَهَا سَعْيَهَا وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُو۟لَٰٓئِكَ كَانَ سَعْيُهُم مَّشْكُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborNama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

كُلًّا نُّمِدُّ هَٰٓؤُلَآءِ وَهَٰٓؤُلَآءِ مِنْ عَطَآءِ رَبِّكَ وَمَا كَانَ عَطَآءُ رَبِّكَ مَحْظُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborHundaayyuu kennina, isaan kanaafi isaan sanas, kennaa Gooftaa keetii irraa (isaaniif kennina). Kennaan Gooftaa keetii dhorgatamaa miti.

See all translations of this verse →

ٱنظُرْ كَيْفَ فَضَّلْنَا بَعْضَهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ وَلَلْـَٔاخِرَةُ أَكْبَرُ دَرَجَٰتٍ وَأَكْبَرُ تَفْضِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborAkkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaali. (Haa ta’u malee) Aakhiraatu sadarkaafi caalchisuuttis irra guddoodha.

See all translations of this verse →

لَّا تَجْعَلْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَقْعُدَ مَذْمُومًا مَّخْذُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborRabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin; (yoo waliin gabbarte) balaaleffatamaa, salphataa taatee teessa.

See all translations of this verse →

وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّآ إِيَّاهُ وَبِٱلْوَٰلِدَيْنِ إِحْسَٰنًا إِمَّا يَبْلُغَنَّ عِندَكَ ٱلْكِبَرَ أَحَدُهُمَآ أَوْ كِلَاهُمَا فَلَا تَقُل لَّهُمَآ أُفٍّ وَلَا تَنْهَرْهُمَا وَقُل لَّهُمَا قَوْلًا كَرِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jira. Yoo sibiratti tokkoon isaanii yookiin lamaanuu sadarkaa dullummaa irra ga’an, ish (jecha hifannaafii tuffii) isaaniin hin jedhin. Isaaniin hin lolin. Jecha kabajaa isaaniin jedhi.

See all translations of this verse →

وَٱخْفِضْ لَهُمَا جَنَاحَ ٱلذُّلِّ مِنَ ٱلرَّحْمَةِ وَقُل رَّبِّ ٱرْحَمْهُمَا كَمَا رَبَّيَانِى صَغِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniif koola (qoochoo) xiqqeenyaa rahmatarraa kantahe isaaniif gadi qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi.

See all translations of this verse →

رَّبُّكُمْ أَعْلَمُ بِمَا فِى نُفُوسِكُمْ إِن تَكُونُوا۟ صَٰلِحِينَ فَإِنَّهُۥ كَانَ لِلْأَوَّٰبِينَ غَفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan keessan waan lubbuulee keessan keessa jiru akkaan beeka. Yoo namoota gaggaarii taataniif Inni warra akkaan gara Isaatti deebi’aniif araaramaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَءَاتِ ذَا ٱلْقُرْبَىٰ حَقَّهُۥ وَٱلْمِسْكِينَ وَٱبْنَ ٱلسَّبِيلِ وَلَا تُبَذِّرْ تَبْذِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborFiraaf,hiyyeeyyiifi kara deemaafis haqa isaa kenni, qisaasuu (bazzaruu) hin qisaasin.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُبَذِّرِينَ كَانُوٓا۟ إِخْوَٰنَ ٱلشَّيَٰطِينِ وَكَانَ ٱلشَّيْطَٰنُ لِرَبِّهِۦ كَفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, qisaastonni obboleeyyan sheyxaanotaa ta’aniiru. Sheyxaanni Gooftaa isaatti akkaan kafaraa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَإِمَّا تُعْرِضَنَّ عَنْهُمُ ٱبْتِغَآءَ رَحْمَةٍ مِّن رَّبِّكَ تَرْجُوهَا فَقُل لَّهُمْ قَوْلًا مَّيْسُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborYoo kennaa Gooftaa kee irraa ta’e kan isii kajeeltu barbaaduuf jecha isaan irraa gara galte, jecha laafaa isaaniin jedhi.

See all translations of this verse →

وَلَا تَجْعَلْ يَدَكَ مَغْلُولَةً إِلَىٰ عُنُقِكَ وَلَا تَبْسُطْهَا كُلَّ ٱلْبَسْطِ فَتَقْعُدَ مَلُومًا مَّحْسُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborHarka keeti gara morma keetiitti sakaalamaa hin godhin. Diriirinsa hundas isa hin diriirsin. Komatamaa, sheena’aa taatee teessa.

See all translations of this verse →

إِنَّ رَبَّكَ يَبْسُطُ ٱلرِّزْقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقْدِرُ إِنَّهُۥ كَانَ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرًۢا بَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee hiree nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisas. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقْتُلُوٓا۟ أَوْلَٰدَكُمْ خَشْيَةَ إِمْلَٰقٍ نَّحْنُ نَرْزُقُهُمْ وَإِيَّاكُمْ إِنَّ قَتْلَهُمْ كَانَ خِطْـًٔا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborIlmaan keessan sodaa hiyyummaatiif jecha hin ajjeesinaa. Isaaniifi isinis Nutu soora. Dhugumatti, isaan ajjeesuun badii guddaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقْرَبُوا۟ ٱلزِّنَىٰٓ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةً وَسَآءَ سَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborSagaagalummaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni (hojii) fokkataafi ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقْتُلُوا۟ ٱلنَّفْسَ ٱلَّتِى حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَمَن قُتِلَ مَظْلُومًا فَقَدْ جَعَلْنَا لِوَلِيِّهِۦ سُلْطَٰنًا فَلَا يُسْرِف فِّى ٱلْقَتْلِ إِنَّهُۥ كَانَ مَنصُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborLubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa. Nama roorroon ajjeefame nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirra. Ajjeechaa keessatti daangaa hin dabrin. Dhugumatti, inni tumsamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقْرَبُوا۟ مَالَ ٱلْيَتِيمِ إِلَّا بِٱلَّتِى هِىَ أَحْسَنُ حَتَّىٰ يَبْلُغَ أَشُدَّهُۥ وَأَوْفُوا۟ بِٱلْعَهْدِ إِنَّ ٱلْعَهْدَ كَانَ مَسْـُٔولًا

Oromo Translation - Gali AbaborQabeenya yatiimaa, kaayyoo gaariif malee hanga inni cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa. Waadaa guutaa. Dhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira.

See all translations of this verse →

وَأَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ إِذَا كِلْتُمْ وَزِنُوا۟ بِٱلْقِسْطَاسِ ٱلْمُسْتَقِيمِ ذَٰلِكَ خَيْرٌ وَأَحْسَنُ تَأْوِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo safartanis safara guutaa. Madaala qajeelaa ta’eenis madaalaa. Kun waan gaariidha; booddeen isaas bareedaadha.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقْفُ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِۦ عِلْمٌ إِنَّ ٱلسَّمْعَ وَٱلْبَصَرَ وَٱلْفُؤَادَ كُلُّ أُو۟لَٰٓئِكَ كَانَ عَنْهُ مَسْـُٔولًا

Oromo Translation - Gali AbaborWaan beekumsa isaa hin qabne hin hordofin. Dhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَلَا تَمْشِ فِى ٱلْأَرْضِ مَرَحًا إِنَّكَ لَن تَخْرِقَ ٱلْأَرْضَ وَلَن تَبْلُغَ ٱلْجِبَالَ طُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborDachii keessas boonaa hin deemin. Dhugumatti, ati dachii hin urtu; dheerinnaanis gaarreen hin geessu.

See all translations of this verse →

كُلُّ ذَٰلِكَ كَانَ سَيِّئُهُۥ عِندَ رَبِّكَ مَكْرُوهًا

Oromo Translation - Gali AbaborKun hundi yakki isaa Gooftaa kee biratti jibbamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ مِمَّآ أَوْحَىٰٓ إِلَيْكَ رَبُّكَ مِنَ ٱلْحِكْمَةِ وَلَا تَجْعَلْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتُلْقَىٰ فِى جَهَنَّمَ مَلُومًا مَّدْحُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborKuni beekumsa irraa waan Gooftaan kee gara keetti wahyii godheedha. Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin. (Yoos) jahannam keessatti darbamta komatamaa fageeffamaa taatee.

See all translations of this verse →

أَفَأَصْفَىٰكُمْ رَبُّكُم بِٱلْبَنِينَ وَٱتَّخَذَ مِنَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةِ إِنَٰثًا إِنَّكُمْ لَتَقُولُونَ قَوْلًا عَظِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila Gooftaan keessan isiniif ilmaan dhiiraa fileeti ofiif maleeykota irraa ilmaan dubaraa godhatee? Dhugumatti, isin jecha (badii) ulfaataa jettu.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ صَرَّفْنَا فِى هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لِيَذَّكَّرُوا۟ وَمَا يَزِيدُهُمْ إِلَّا نُفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti akka (isaan) gorfamaniif deddeebinee ifa goonee jirra. Baqa malee homaa isaaniif hin dabalu.

See all translations of this verse →

قُل لَّوْ كَانَ مَعَهُۥٓ ءَالِهَةٌ كَمَا يَقُولُونَ إِذًا لَّٱبْتَغَوْا۟ إِلَىٰ ذِى ٱلْعَرْشِ سَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Odoo akka isaan jedhan Isa waliin gabbaramtoonni biraa jiraatanii, silaa gara abbaa Arshiitti karaa barbaaddatu turan”.

See all translations of this verse →

سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يَقُولُونَ عُلُوًّا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Rabbiin) waan isaan jedhan irraa qulqulluufi ol ta’iinsa guddaas ol ta'eera.

See all translations of this verse →

تُسَبِّحُ لَهُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ ٱلسَّبْعُ وَٱلْأَرْضُ وَمَن فِيهِنَّ وَإِن مِّن شَىْءٍ إِلَّا يُسَبِّحُ بِحَمْدِهِۦ وَلَٰكِن لَّا تَفْقَهُونَ تَسْبِيحَهُمْ إِنَّهُۥ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborSamiin torbaniifi Dachiin, wanni isaan keessa jiran hundi Isa faarsu. Wanti tokkos kan odoo faaruu Isaatiin Isa hin qulqulleessin hafu hin jiru. Garuu isin faaruu isaanii hin beektanu. Inni obsaa, araaramaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَإِذَا قَرَأْتَ ٱلْقُرْءَانَ جَعَلْنَا بَيْنَكَ وَبَيْنَ ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِٱلْـَٔاخِرَةِ حِجَابًا مَّسْتُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Qur’aana dubbiftu gidduu keetiifi gidduu warra Aakhiraatti hin amannee haguuggii dhokataa taasifna.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ أَكِنَّةً أَن يَفْقَهُوهُ وَفِىٓ ءَاذَانِهِمْ وَقْرًا وَإِذَا ذَكَرْتَ رَبَّكَ فِى ٱلْقُرْءَانِ وَحْدَهُۥ وَلَّوْا۟ عَلَىٰٓ أَدْبَٰرِهِمْ نُفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborAkka isaan isa (Qur’aana) hin hubannes onneewwan isaanii irratti haguuggii, gurra isaanii keessatti immoo duuchaa goonee jirra. Yeroo Qur’aana keessatti Gooftaa kee kophaa Isaa dubbatte, baqataa dugda galu.

See all translations of this verse →

نَّحْنُ أَعْلَمُ بِمَا يَسْتَمِعُونَ بِهِۦٓ إِذْ يَسْتَمِعُونَ إِلَيْكَ وَإِذْ هُمْ نَجْوَىٰٓ إِذْ يَقُولُ ٱلظَّٰلِمُونَ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا رَجُلًا مَّسْحُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti waan isaan isa dhageeffataniif ni beekna. yeroo isaan gara kee dhaggeeffatan, yeroo isaan maqoo (iccitii) hasaasan, yeroo miidhaa raawwattoonni jedhan “namticha sihriin tuqame malee waan biraa hin hordoftanu”(nibeeyna).

See all translations of this verse →

ٱنظُرْ كَيْفَ ضَرَبُوا۟ لَكَ ٱلْأَمْثَالَ فَضَلُّوا۟ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ سَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenya akkamii akka siif taasisan ilaali. Isaan jallatanii jiru; karaa (sirrii argachuus) hin danda’anu.

See all translations of this verse →

وَقَالُوٓا۟ أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمًا وَرُفَٰتًا أَءِنَّا لَمَبْعُوثُونَ خَلْقًا جَدِيدًا

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan “sila nuti erga (duunee) lafeefi bututaa (tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoo dhaa?”

See all translations of this verse →

قُلْ كُونُوا۟ حِجَارَةً أَوْ حَدِيدًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Dhagaa yookiin sibiila ta’aa.

See all translations of this verse →

أَوْ خَلْقًا مِّمَّا يَكْبُرُ فِى صُدُورِكُمْ فَسَيَقُولُونَ مَن يُعِيدُنَا قُلِ ٱلَّذِى فَطَرَكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ فَسَيُنْغِضُونَ إِلَيْكَ رُءُوسَهُمْ وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هُوَ قُلْ عَسَىٰٓ أَن يَكُونَ قَرِيبًا

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin uumama qomoowwan keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa. (kaafamuun keessan hin hafu)". Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu“. Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhi. Mataa isaanii sitti raasuuf jiru, Ni jedhus: “Inni sun yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَدْعُوكُمْ فَتَسْتَجِيبُونَ بِحَمْدِهِۦ وَتَظُنُّونَ إِن لَّبِثْتُمْ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Inni isin waamnaan, isin Isa faarsaa owwaattan. yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uun mirkanaa’e).

See all translations of this verse →

وَقُل لِّعِبَادِى يَقُولُوا۟ ٱلَّتِى هِىَ أَحْسَنُ إِنَّ ٱلشَّيْطَٰنَ يَنزَغُ بَيْنَهُمْ إِنَّ ٱلشَّيْطَٰنَ كَانَ لِلْإِنسَٰنِ عَدُوًّا مُّبِينًا

Oromo Translation - Gali AbaborGabroota kiyyaan jedhi “isitti (jecha) gaggaarii dubbadhaa. sheyxaanni gidduu isaanii balleessa. sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha”.

See all translations of this verse →

رَّبُّكُمْ أَعْلَمُ بِكُمْ إِن يَشَأْ يَرْحَمْكُمْ أَوْ إِن يَشَأْ يُعَذِّبْكُمْ وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ عَلَيْهِمْ وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan keessan akkaan isin beekaadha. Yoo fedhe rahmata isiniif godha; yookiin yoo fedhe isin adaba. Nuti isaan irratti itti gaafatamaa goonee si hin ergine.

See all translations of this verse →

وَرَبُّكَ أَعْلَمُ بِمَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَلَقَدْ فَضَّلْنَا بَعْضَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ عَلَىٰ بَعْضٍ وَءَاتَيْنَا دَاوُۥدَ زَبُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee waan samiileefi dachii keessa jiru beekaadha. Nuti dhugumatti garii nabiyyoota garii irra caalchifnee jirra. Daawudiif zabuur kennineerra.

See all translations of this verse →

قُلِ ٱدْعُوا۟ ٱلَّذِينَ زَعَمْتُم مِّن دُونِهِۦ فَلَا يَمْلِكُونَ كَشْفَ ٱلضُّرِّ عَنكُمْ وَلَا تَحْوِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhiin “Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa. (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee naannessuu hin danda’an”.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ يَدْعُونَ يَبْتَغُونَ إِلَىٰ رَبِّهِمُ ٱلْوَسِيلَةَ أَيُّهُمْ أَقْرَبُ وَيَرْجُونَ رَحْمَتَهُۥ وَيَخَافُونَ عَذَابَهُۥٓ إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ كَانَ مَحْذُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborWarri isaan yaammatan sun gara Rabbii isaaniitti dhiheenya barbaadu.eenyuu isaaniitu gara Rabbiitti irra dhihaataadhaan. {1} Rahmata isaas ni kajeelu. adabbii isaa ni sodaatu. Dhugumatti, adabbiin Rabbii keetii sodaatamaa ta’ee jira.

See all translations of this verse →

وَإِن مِّن قَرْيَةٍ إِلَّا نَحْنُ مُهْلِكُوهَا قَبْلَ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ أَوْ مُعَذِّبُوهَا عَذَابًا شَدِيدًا كَانَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْكِتَٰبِ مَسْطُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborMagaalota (kafarte) kamiyyuu Guyyaa Qiyaamaatiin dura ishee balleessinu yookiin adabbii cimaa ishee adabnu malee hin haftu. Sun kitaabicha keessatti barreeffamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَمَا مَنَعَنَآ أَن نُّرْسِلَ بِٱلْـَٔايَٰتِ إِلَّآ أَن كَذَّبَ بِهَا ٱلْأَوَّلُونَ وَءَاتَيْنَا ثَمُودَ ٱلنَّاقَةَ مُبْصِرَةً فَظَلَمُوا۟ بِهَا وَمَا نُرْسِلُ بِٱلْـَٔايَٰتِ إِلَّا تَخْوِيفًا

Oromo Translation - Gali AbaborMallattoolee erguu wanti Nu dhorge hinjiru warri duraa ishee kijibsiisuu malee. Samuudiif gaalattii mallattoo ifa galtuu kenninee jirra. Isheetti kafaranii (isii miidhan) (halaakamani). Nuti sodaachisaaf malee mallattooleen hin erginu.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قُلْنَا لَكَ إِنَّ رَبَّكَ أَحَاطَ بِٱلنَّاسِ وَمَا جَعَلْنَا ٱلرُّءْيَا ٱلَّتِىٓ أَرَيْنَٰكَ إِلَّا فِتْنَةً لِّلنَّاسِ وَٱلشَّجَرَةَ ٱلْمَلْعُونَةَ فِى ٱلْقُرْءَانِ وَنُخَوِّفُهُمْ فَمَا يَزِيدُهُمْ إِلَّا طُغْيَٰنًا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jenne [yaadadhu]. Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin goone. Mukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone). Nuti isaan sodaachifna; inni jallinna guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قُلْنَا لِلْمَلَٰٓئِكَةِ ٱسْجُدُوا۟ لِـَٔادَمَ فَسَجَدُوٓا۟ إِلَّآ إِبْلِيسَ قَالَ ءَأَسْجُدُ لِمَنْ خَلَقْتَ طِينًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne [yaadadhu]. Ibliis malee isaan sujuuda godhan. Inni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ أَرَءَيْتَكَ هَٰذَا ٱلَّذِى كَرَّمْتَ عَلَىَّ لَئِنْ أَخَّرْتَنِ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ لَأَحْتَنِكَنَّ ذُرِّيَّتَهُۥٓ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibliis) ni jedhe: “Mee naaf himi! Isa Ati ana caalaa kabajje kana, yoo hanga Guyyaa Qiyaamaatti na tursiifte, sanyii isaa muraasa malee garan jallinaa harkisa.”

See all translations of this verse →

قَالَ ٱذْهَبْ فَمَن تَبِعَكَ مِنْهُمْ فَإِنَّ جَهَنَّمَ جَزَآؤُكُمْ جَزَآءً مَّوْفُورًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofe dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa ta’eedha.

See all translations of this verse →

وَٱسْتَفْزِزْ مَنِ ٱسْتَطَعْتَ مِنْهُم بِصَوْتِكَ وَأَجْلِبْ عَلَيْهِم بِخَيْلِكَ وَرَجِلِكَ وَشَارِكْهُمْ فِى ٱلْأَمْوَٰلِ وَٱلْأَوْلَٰدِ وَعِدْهُمْ وَمَا يَعِدُهُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ إِلَّا غُرُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa nama dandeesses sagalee keetiin kakaasi. Yaabbattoota keetiifi lafoo keetiinis isaan irratti gulufsiisi. Qabeenyaafi ilmaan keessattis isaanitti qindaa’ii. waadaas isaaniif gali. Sheyxaanni gowwoomsuu malee homaa waadaa isaaniif hin galu.

See all translations of this verse →

إِنَّ عِبَادِى لَيْسَ لَكَ عَلَيْهِمْ سُلْطَٰنٌ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, gabroota kiyya, isaan irratti aangoon siif hin jiru. Hirkoo ta’uuf Rabbiin kee ga’aadha.

See all translations of this verse →

رَّبُّكُمُ ٱلَّذِى يُزْجِى لَكُمُ ٱلْفُلْكَ فِى ٱلْبَحْرِ لِتَبْتَغُوا۟ مِن فَضْلِهِۦٓ إِنَّهُۥ كَانَ بِكُمْ رَحِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan keessan Isa doonii galaana keessa isiniif deemsisuudha. akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, Dhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَإِذَا مَسَّكُمُ ٱلضُّرُّ فِى ٱلْبَحْرِ ضَلَّ مَن تَدْعُونَ إِلَّآ إِيَّاهُ فَلَمَّا نَجَّىٰكُمْ إِلَى ٱلْبَرِّ أَعْرَضْتُمْ وَكَانَ ٱلْإِنسَٰنُ كَفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqe, Isa malee wantoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni badu. Yeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtan. Namni akkaan kafaraa ta’eera.

See all translations of this verse →

أَفَأَمِنتُمْ أَن يَخْسِفَ بِكُمْ جَانِبَ ٱلْبَرِّ أَوْ يُرْسِلَ عَلَيْكُمْ حَاصِبًا ثُمَّ لَا تَجِدُوا۟ لَكُمْ وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila sodaa dhabdanii? (Rabbiin) cinaa dachii isiniin kutuu, yookiin bubbee cirrachaa isin irratti erguu, ergasii isiniif hirkoo hin argattan.

See all translations of this verse →

أَمْ أَمِنتُمْ أَن يُعِيدَكُمْ فِيهِ تَارَةً أُخْرَىٰ فَيُرْسِلَ عَلَيْكُمْ قَاصِفًا مِّنَ ٱلرِّيحِ فَيُغْرِقَكُم بِمَا كَفَرْتُمْ ثُمَّ لَا تَجِدُوا۟ لَكُمْ عَلَيْنَا بِهِۦ تَبِيعًا

Oromo Translation - Gali AbaborMoo sodaa dhabdanii yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee, qilleensarraa hobonboleettii isinitti ergee, bishaaniin isin dhidhimsuu sababa isin kafartaniif. ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan (hin sodaattanuu?)

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ كَرَّمْنَا بَنِىٓ ءَادَمَ وَحَمَلْنَٰهُمْ فِى ٱلْبَرِّ وَٱلْبَحْرِ وَرَزَقْنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلْنَٰهُمْ عَلَىٰ كَثِيرٍ مِّمَّنْ خَلَقْنَا تَفْضِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerra, Dachiifi galaana keessattis isaan yaabbachiifneerra, Wantoota gaggaarii (halaala) irraas isaaniif hirreera. Irra hedduu wanta uumnee irra caalchisuu isaan caalchifnee jirra.

See all translations of this verse →

يَوْمَ نَدْعُوا۟ كُلَّ أُنَاسٍۭ بِإِمَٰمِهِمْ فَمَنْ أُوتِىَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَأُو۟لَٰٓئِكَ يَقْرَءُونَ كِتَٰبَهُمْ وَلَا يُظْلَمُونَ فَتِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu [yaadadhaa]. Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa (baqaqaa firii timiraa keessaa)llee hin miidhamanu.

See all translations of this verse →

وَمَن كَانَ فِى هَٰذِهِۦٓ أَعْمَىٰ فَهُوَ فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ أَعْمَىٰ وَأَضَلُّ سَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborNamni (addunyaa) tana keessatti jaamaa (qalbii) ta’e,inni aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha.

See all translations of this verse →

وَإِن كَادُوا۟ لَيَفْتِنُونَكَ عَنِ ٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ لِتَفْتَرِىَ عَلَيْنَا غَيْرَهُۥ وَإِذًا لَّٱتَّخَذُوكَ خَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone irraa si jallisuutti dhiyaatanii turan. akka ati soba isaan ala ta’e Nu irratti uumtuuf jecha. Oggas jaalallee si taasifatu ture.

See all translations of this verse →

وَلَوْلَآ أَن ثَبَّتْنَٰكَ لَقَدْ كِدتَّ تَرْكَنُ إِلَيْهِمْ شَيْـًٔا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Nuti gadi si dhaabuu baannee, silaa ati waan xiqqoo gara isaanii dabuutti dhihaattee turte.

See all translations of this verse →

إِذًا لَّأَذَقْنَٰكَ ضِعْفَ ٱلْحَيَوٰةِ وَضِعْفَ ٱلْمَمَاتِ ثُمَّ لَا تَجِدُ لَكَ عَلَيْنَا نَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborOggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (adabbii) dachaa du’aa si dhandhamsiifna ture. Ergasii ati Nurraa tumsaa hin argattu.

See all translations of this verse →

وَإِن كَادُوا۟ لَيَسْتَفِزُّونَكَ مِنَ ٱلْأَرْضِ لِيُخْرِجُوكَ مِنْهَا وَإِذًا لَّا يَلْبَثُونَ خِلَٰفَكَ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan dachii keessatti si shororkeessuutti dhihaatanii jiru akka ishee irraa si baasaniif, Yoos, si booda xiqqoo malee hin turan.

See all translations of this verse →

سُنَّةَ مَن قَدْ أَرْسَلْنَا قَبْلَكَ مِن رُّسُلِنَا وَلَا تَجِدُ لِسُنَّتِنَا تَحْوِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborKaraa ergamtoota keenya kan sidura erginee (karaa siif goone).Karaa keenyaaf jijjiirama hin argitu.

See all translations of this verse →

أَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِدُلُوكِ ٱلشَّمْسِ إِلَىٰ غَسَقِ ٱلَّيْلِ وَقُرْءَانَ ٱلْفَجْرِ إِنَّ قُرْءَانَ ٱلْفَجْرِ كَانَ مَشْهُودًا

Oromo Translation - Gali AbaborAduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata (ulaagaa ishee guutii) gadi dhaabi. qur'aana (Salaata fajriis) (sagadi). qur'aanni (Salaanni) fajrii (maleykaadhaan) dhufamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَمِنَ ٱلَّيْلِ فَتَهَجَّدْ بِهِۦ نَافِلَةً لَّكَ عَسَىٰٓ أَن يَبْعَثَكَ رَبُّكَ مَقَامًا مَّحْمُودًا

Oromo Translation - Gali AbaborHalkan irraa isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadi. Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.

See all translations of this verse →

وَقُل رَّبِّ أَدْخِلْنِى مُدْخَلَ صِدْقٍ وَأَخْرِجْنِى مُخْرَجَ صِدْقٍ وَٱجْعَل لِّى مِن لَّدُنكَ سُلْطَٰنًا نَّصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhis: “(yaa) Gooftaa kiyya! Seensa gaarii naseensisi, Ba’iinsa gaariis na baasi, Si biraa ragaa na gargaaru naaf taasisi.

See all translations of this verse →

وَقُلْ جَآءَ ٱلْحَقُّ وَزَهَقَ ٱلْبَٰطِلُ إِنَّ ٱلْبَٰطِلَ كَانَ زَهُوقًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi “Dhugaan dhufe; sobni dhabame, sobni dhabamaa ta’eera”.

See all translations of this verse →

وَنُنَزِّلُ مِنَ ٱلْقُرْءَانِ مَا هُوَ شِفَآءٌ وَرَحْمَةٌ لِّلْمُؤْمِنِينَ وَلَا يَزِيدُ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا خَسَارًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti Qur’aana irraa nibuufna waan inni qorichaafi rahmata mu’uminootaaf ta’e. zaalimtootaaf hoongoo malee hindabalu.

See all translations of this verse →

وَإِذَآ أَنْعَمْنَا عَلَى ٱلْإِنسَٰنِ أَعْرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ كَانَ يَـُٔوسًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ilma namaa ni’imaa keenyaan qanansiifne, garagaleeti cinaa isaatiin (dhugaa) irraa fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe abdii murataa ta’a.

See all translations of this verse →

قُلْ كُلٌّ يَعْمَلُ عَلَىٰ شَاكِلَتِهِۦ فَرَبُّكُمْ أَعْلَمُ بِمَنْ هُوَ أَهْدَىٰ سَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Hunduu karaa isatti fakkaateen dalaga. Gooftaan kee nama karaan isaatti qajeelaa ta’e beekaadha.”

See all translations of this verse →

وَيَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلرُّوحِ قُلِ ٱلرُّوحُ مِنْ أَمْرِ رَبِّى وَمَآ أُوتِيتُم مِّنَ ٱلْعِلْمِ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborRuuhii irraa si gaafatu, jedhi “Ruuhiin amrii gooftaa kiyyaati. Beekumsa irraa waan xiqqoo malee isin hin kennamne”.

See all translations of this verse →

وَلَئِن شِئْنَا لَنَذْهَبَنَّ بِٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ ثُمَّ لَا تَجِدُ لَكَ بِهِۦ عَلَيْنَا وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo feenee isa gara keetti wahyii goone ni deemsifna turre. Ergasii siif Nurraa isa (deebisu) itti gaafatamaa hin argattu.

See all translations of this verse →

إِلَّا رَحْمَةً مِّن رَّبِّكَ إِنَّ فَضْلَهُۥ كَانَ عَلَيْكَ كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborGaruu rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (isa eegne), tolli Isaa si irratti guddaa ta’eera.

See all translations of this verse →

قُل لَّئِنِ ٱجْتَمَعَتِ ٱلْإِنسُ وَٱلْجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأْتُوا۟ بِمِثْلِ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِۦ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, fakkaataa isaatiin hin dhufan odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis”.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ صَرَّفْنَا لِلنَّاسِ فِى هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ مِن كُلِّ مَثَلٍ فَأَبَىٰٓ أَكْثَرُ ٱلنَّاسِ إِلَّا كُفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf addeessinee jirra. Irra hedduun namootaa kafaruu malee didan.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ لَن نُّؤْمِنَ لَكَ حَتَّىٰ تَفْجُرَ لَنَا مِنَ ٱلْأَرْضِ يَنۢبُوعًا

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Hanga burqituu dachii keessaa nuuf maddisiiftutti siif hin amannu.

See all translations of this verse →

أَوْ تَكُونَ لَكَ جَنَّةٌ مِّن نَّخِيلٍ وَعِنَبٍ فَتُفَجِّرَ ٱلْأَنْهَٰرَ خِلَٰلَهَا تَفْجِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin (hanga) oyruu muka timiraatiifi Inabaa irraa siif tahutti, ergasii isa keessa laggeen yaasiinsa yaaftutti (hin amannu).

See all translations of this verse →

أَوْ تُسْقِطَ ٱلسَّمَآءَ كَمَا زَعَمْتَ عَلَيْنَا كِسَفًا أَوْ تَأْتِىَ بِٱللَّهِ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةِ قَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin (hanga) akka jettetti cittuu samii irraa taate nu irratti buuftutti, yookiin (hanga) Rabbiifi maleeykota fuuldura keenya fiddutti (hin amannu).

See all translations of this verse →

أَوْ يَكُونَ لَكَ بَيْتٌ مِّن زُخْرُفٍ أَوْ تَرْقَىٰ فِى ٱلسَّمَآءِ وَلَن نُّؤْمِنَ لِرُقِيِّكَ حَتَّىٰ تُنَزِّلَ عَلَيْنَا كِتَٰبًا نَّقْرَؤُهُۥ قُلْ سُبْحَانَ رَبِّى هَلْ كُنتُ إِلَّا بَشَرًا رَّسُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin (hanga) manni faaya warqee irraa ta’e siif ta’utti yookiin (hanga) samii keessa ol korttutti; ol ba’iinsa keettis hanga kitaaba dubbifnu nurratti buuftutti hin amannu”. (jedhu)“Gooftaan kiyya qulqullaa’ee jira. Sila ani nama ergamaa (Rabbii) ta’ee ergame malee waan biraa nintahee?” jedhi.

See all translations of this verse →

وَمَا مَنَعَ ٱلنَّاسَ أَن يُؤْمِنُوٓا۟ إِذْ جَآءَهُمُ ٱلْهُدَىٰٓ إِلَّآ أَن قَالُوٓا۟ أَبَعَثَ ٱللَّهُ بَشَرًا رَّسُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborIlma namaa amanuu waa hindhoowwine yeroo qajeelfamni (Rabbii) isaanitti dhufe, jechuu isaanii malee “sila Rabbiin nama ergamaa taasisee ergaa?”.

See all translations of this verse →

قُل لَّوْ كَانَ فِى ٱلْأَرْضِ مَلَٰٓئِكَةٌ يَمْشُونَ مُطْمَئِنِّينَ لَنَزَّلْنَا عَلَيْهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ مَلَكًا رَّسُولًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Odoo dachii keessa maleykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa maleykaa samii irraa ergamaa taasifnee isaan irratti buufna turre” jedhi.

See all translations of this verse →

قُلْ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ إِنَّهُۥ كَانَ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرًۢا بَصِيرًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaaf Rabbiin ga’aadha, Dhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera” jedhi.

See all translations of this verse →

وَمَن يَهْدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلْمُهْتَدِ وَمَن يُضْلِلْ فَلَن تَجِدَ لَهُمْ أَوْلِيَآءَ مِن دُونِهِۦ وَنَحْشُرُهُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ عُمْيًا وَبُكْمًا وَصُمًّا مَّأْوَىٰهُمْ جَهَنَّمُ كُلَّمَا خَبَتْ زِدْنَٰهُمْ سَعِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborNamni Rabbiin qajeelche, isumatu qajeelaadha, Nama Inni jallise, isaaniif Isaa gaditti gargaartota hin argituuf, Guyyaa Qiyaamaas fuulleen isaanii irratti, jaamaa, arrabaa qabamaafi gurraa duudaa ta’anii isaan kaafna.Teessoon isaanii jahannami, Dhawaata isiin gadi laaftuun gubaa isaaniif daballa.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُم بِأَنَّهُمْ كَفَرُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالُوٓا۟ أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمًا وَرُفَٰتًا أَءِنَّا لَمَبْعُوثُونَ خَلْقًا جَدِيدًا

Oromo Translation - Gali Ababorkun mindaa isaaniiti. Waan isaan keeyyattoota keenyatti kafaraniif. nijedhan “sila yeroo lafeefi biyyee taane, nuti uumama haara’a taanee kaafamoodhaa?”

See all translations of this verse →

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ قَادِرٌ عَلَىٰٓ أَن يَخْلُقَ مِثْلَهُمْ وَجَعَلَ لَهُمْ أَجَلًا لَّا رَيْبَ فِيهِ فَأَبَى ٱلظَّٰلِمُونَ إِلَّا كُفُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan hin ilaallee (hinbeeynee) akka Rabbiin inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’ee. beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise. Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan.

See all translations of this verse →

قُل لَّوْ أَنتُمْ تَمْلِكُونَ خَزَآئِنَ رَحْمَةِ رَبِّىٓ إِذًا لَّأَمْسَكْتُمْ خَشْيَةَ ٱلْإِنفَاقِ وَكَانَ ٱلْإِنسَٰنُ قَتُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “odoo isin dilbii rahmata Gooftaa kiyyaa dhuunfattanii, yoggus silaa dhumuu sodaaf (of biratti) qabattu turtan.” Ilmi namaa akkaan don’a ta’eera.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَىٰ تِسْعَ ءَايَٰتٍۭ بَيِّنَٰتٍ فَسْـَٔلْ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ إِذْ جَآءَهُمْ فَقَالَ لَهُۥ فِرْعَوْنُ إِنِّى لَأَظُنُّكَ يَٰمُوسَىٰ مَسْحُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Muusaaf mallattoolee ifa ta’an sagal kennineefii jirra. Ilmaan Israa’iil gaafadhu yeroo inni isaanitti dhufe Fir’awni “yaa Muusaa! Ani dhugumatti sihriin qabamaa ta’uun si yaada” isaan jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ لَقَدْ عَلِمْتَ مَآ أَنزَلَ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ بَصَآئِرَ وَإِنِّى لَأَظُنُّكَ يَٰفِرْعَوْنُ مَثْبُورًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiileefii dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirta. Ani yaa Fir’awn! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada.”

See all translations of this verse →

فَأَرَادَ أَن يَسْتَفِزَّهُم مِّنَ ٱلْأَرْضِ فَأَغْرَقْنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ جَمِيعًا

Oromo Translation - Gali AbaborDachii (Misraa) irraa isaan baasuu fedhe. Isaafi namoota isa waliin turan hunda bishaan isaan nyaachifne.

See all translations of this verse →

وَقُلْنَا مِنۢ بَعْدِهِۦ لِبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱسْكُنُوا۟ ٱلْأَرْضَ فَإِذَا جَآءَ وَعْدُ ٱلْـَٔاخِرَةِ جِئْنَا بِكُمْ لَفِيفًا

Oromo Translation - Gali AbaborNutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii keessa jiraadhaa. Yeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, haala walitti qabamoo taataniin hunda keessaniin dhufna.”

See all translations of this verse →

وَبِٱلْحَقِّ أَنزَلْنَٰهُ وَبِٱلْحَقِّ نَزَلَ وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا مُبَشِّرًا وَنَذِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugaan isa (Qur’aana) buufne; innis dhugaan bu’e. Gammachiisaafi sodaachisaa goonee malee Nuti si hin ergine.

See all translations of this verse →

وَقُرْءَانًا فَرَقْنَٰهُ لِتَقْرَأَهُۥ عَلَى ٱلنَّاسِ عَلَىٰ مُكْثٍ وَنَزَّلْنَٰهُ تَنزِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborQur’aana akka ati suuta suutaan namoota irratti isa dubbiftuuf isa qoqqoodne; buusiinsas isa buufne.

See all translations of this verse →

قُلْ ءَامِنُوا۟ بِهِۦٓ أَوْ لَا تُؤْمِنُوٓا۟ إِنَّ ٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ مِن قَبْلِهِۦٓ إِذَا يُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ يَخِرُّونَ لِلْأَذْقَانِ سُجَّدًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Isatti amanaa yookiinis hin amaninaa; dhugumatti, isaan isa dura beekumsa kennaman, yeroo inni isaan irratti dubbifame fuula isaaniitiin sujuuda bu’u.”

See all translations of this verse →

وَيَقُولُونَ سُبْحَٰنَ رَبِّنَآ إِن كَانَ وَعْدُ رَبِّنَا لَمَفْعُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhu: “Gooftaan keenya qulqullaa’eera. Dhugumatti, waadaan Gooftaa keenyaa raawwatamaadha.”

See all translations of this verse →

وَيَخِرُّونَ لِلْأَذْقَانِ يَبْكُونَ وَيَزِيدُهُمْ خُشُوعًا

Oromo Translation - Gali AbaborFuula isaanii irratti booyaa sujuuda bu’u. Innis sodaa isaaniif dabala. {1}

See all translations of this verse →

قُلِ ٱدْعُوا۟ ٱللَّهَ أَوِ ٱدْعُوا۟ ٱلرَّحْمَٰنَ أَيًّا مَّا تَدْعُوا۟ فَلَهُ ٱلْأَسْمَآءُ ٱلْحُسْنَىٰ وَلَا تَجْهَرْ بِصَلَاتِكَ وَلَا تُخَافِتْ بِهَا وَٱبْتَغِ بَيْنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Allaah kadhaa yookiin Rahmaaniin kadhaa; kamiinuu yoo kadhattan Isaaf maqoota babbareedaa ta’antu jira. Salaata kee keessatti (baay’ee) sagalee kee ol hin fuudhin; (baay’ee) gadis hin qabatin. Giddu (lamaan) sanitti karaa barbaadadhu.

See all translations of this verse →

وَقُلِ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ ٱلَّذِى لَمْ يَتَّخِذْ وَلَدًا وَلَمْ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٌ فِى ٱلْمُلْكِ وَلَمْ يَكُن لَّهُۥ وَلِىٌّ مِّنَ ٱلذُّلِّ وَكَبِّرْهُ تَكْبِيرًۢا

Oromo Translation - Gali Ababor”Faaruun hundi kan Rabbii ilma hin godhatiniiti, kan mootummaa keessatti hiriyyaa hin qabneefi kan sababa salphinaa irraa gargaaraan isaaf hin jirreeti” jedhi. Guddisuu Isa guddisi

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70