ذَٰلِكَ مِمَّآ أَوْحَىٰٓ إِلَيْكَ رَبُّكَ مِنَ ٱلْحِكْمَةِ وَلَا تَجْعَلْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتُلْقَىٰ فِى جَهَنَّمَ مَلُومًا مَّدْحُورًا
Oromo Translation - Gali AbaborKuni beekumsa irraa waan Gooftaan kee gara keetti wahyii godheedha. Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin. (Yoos) jahannam keessatti darbamta komatamaa fageeffamaa taatee.