caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Kahf الكهف

110 verses · Mecca · revelation order 69

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ ٱلَّذِىٓ أَنزَلَ عَلَىٰ عَبْدِهِ ٱلْكِتَٰبَ وَلَمْ يَجْعَل لَّهُۥ عِوَجَا

Oromo Translation - Gali AbaborFaaruun kan Rabbii gabricha Isaa irratti kitaaba buuseeti. kan isa keessatti daba hin godhiniiti.

See all translations of this verse →

قَيِّمًا لِّيُنذِرَ بَأْسًا شَدِيدًا مِّن لَّدُنْهُ وَيُبَشِّرَ ٱلْمُؤْمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعْمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمْ أَجْرًا حَسَنًا

Oromo Translation - Gali AbaborQajeelaa (godhee) akka adabbii cimaa Isa biraa ta’e ittiin sodaachisuuf, mu’uminoota gaggaarii hojjatan ‘mindaan bareedaan isaaniif jiraachuudhaan’ gammachiisuuf (buuse).

See all translations of this verse →

مَّٰكِثِينَ فِيهِ أَبَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsa keessa yeroo hunda jiraatoodha.

See all translations of this verse →

وَيُنذِرَ ٱلَّذِينَ قَالُوا۟ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan “Rabbiin ilma qaba” jedhan sodaachisuuf (isa buuse).

See all translations of this verse →

مَّا لَهُم بِهِۦ مِنْ عِلْمٍ وَلَا لِـَٔابَآئِهِمْ كَبُرَتْ كَلِمَةً تَخْرُجُ مِنْ أَفْوَٰهِهِمْ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi hin jiru. Jechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu.

See all translations of this verse →

فَلَعَلَّكَ بَٰخِعٌ نَّفْسَكَ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمْ إِن لَّمْ يُؤْمِنُوا۟ بِهَٰذَا ٱلْحَدِيثِ أَسَفًا

Oromo Translation - Gali AbaborYoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama.

See all translations of this verse →

إِنَّا جَعَلْنَا مَا عَلَى ٱلْأَرْضِ زِينَةً لَّهَا لِنَبْلُوَهُمْ أَيُّهُمْ أَحْسَنُ عَمَلًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne, isaan irraa eenyu akka irra tolchee hojjatu mul’isuuf.

See all translations of this verse →

وَإِنَّا لَجَٰعِلُونَ مَا عَلَيْهَا صَعِيدًا جُرُزًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne taasisoodha.

See all translations of this verse →

أَمْ حَسِبْتَ أَنَّ أَصْحَٰبَ ٱلْكَهْفِ وَٱلرَّقِيمِ كَانُوا۟ مِنْ ءَايَٰتِنَا عَجَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila (seenaan) warra holqaafi gabatee mallattoolee keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee?

See all translations of this verse →

إِذْ أَوَى ٱلْفِتْيَةُ إِلَى ٱلْكَهْفِ فَقَالُوا۟ رَبَّنَآ ءَاتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً وَهَيِّئْ لَنَا مِنْ أَمْرِنَا رَشَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo dargaggoonni gara godaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu).

See all translations of this verse →

فَضَرَبْنَا عَلَىٰٓ ءَاذَانِهِمْ فِى ٱلْكَهْفِ سِنِينَ عَدَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborHolqa keessatti waggoota lakkaa’amaniif dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine.

See all translations of this verse →

ثُمَّ بَعَثْنَٰهُمْ لِنَعْلَمَ أَىُّ ٱلْحِزْبَيْنِ أَحْصَىٰ لِمَا لَبِثُوٓا۟ أَمَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii Nuti isaan dammaqsine, kamii gareewwan lamaaniitu dheerina yeroo turanii irra hubataa beekuuf jecha.

See all translations of this verse →

نَّحْنُ نَقُصُّ عَلَيْكَ نَبَأَهُم بِٱلْحَقِّ إِنَّهُمْ فِتْيَةٌ ءَامَنُوا۟ بِرَبِّهِمْ وَزِدْنَٰهُمْ هُدًى

Oromo Translation - Gali AbaborNuti oduu isaanii dhugaan siif odeessina, Dhugumatti, isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii, qajeeluma isaaniif daballeedha.

See all translations of this verse →

وَرَبَطْنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ إِذْ قَامُوا۟ فَقَالُوا۟ رَبُّنَا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ لَن نَّدْعُوَا۟ مِن دُونِهِۦٓ إِلَٰهًا لَّقَدْ قُلْنَآ إِذًا شَطَطًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti onneewwan isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra. yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiileefi dachiiti Nuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannu. Dhugumatti, (yoo kana raawwanne), haasa’a (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan.

See all translations of this verse →

هَٰٓؤُلَآءِ قَوْمُنَا ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً لَّوْلَا يَأْتُونَ عَلَيْهِم بِسُلْطَٰنٍۭ بَيِّنٍ فَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Ummanni keenya kun Isaa gaditti gabbaramoota biraa taasifataniiru, Sila Maaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin fidanne? Nama Rabbi irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyu?

See all translations of this verse →

وَإِذِ ٱعْتَزَلْتُمُوهُمْ وَمَا يَعْبُدُونَ إِلَّا ٱللَّهَ فَأْوُۥٓا۟ إِلَى ٱلْكَهْفِ يَنشُرْ لَكُمْ رَبُّكُم مِّن رَّحْمَتِهِۦ وَيُهَيِّئْ لَكُم مِّنْ أَمْرِكُم مِّرْفَقًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Dargaggoonnis ni jedhan): “Yeroo isaaniifi wantoota isaan Rabbiin ala gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaa, Gooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’isa. dhimma keessan irraas laafina isiiniif qopheessa”.

See all translations of this verse →

وَتَرَى ٱلشَّمْسَ إِذَا طَلَعَت تَّزَٰوَرُ عَن كَهْفِهِمْ ذَاتَ ٱلْيَمِينِ وَإِذَا غَرَبَت تَّقْرِضُهُمْ ذَاتَ ٱلشِّمَالِ وَهُمْ فِى فَجْوَةٍ مِّنْهُ ذَٰلِكَ مِنْ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ مَن يَهْدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلْمُهْتَدِ وَمَن يُضْلِلْ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ وَلِيًّا مُّرْشِدًا

Oromo Translation - Gali AbaborAduu yeroo baatu holqa isaanii irraa kan gara mirgaatti dabdu argita. Yeroo dhiitu, haala isaan bal’ina isa (goda) irraa ta’e keessa jiraniin gara bitaatti isaan dhiifti. Kun mallattoolee Rabbii irraayi. Namni Rabbiin (isa) qajeelche, isumaatu qajeelaadha. Nama Inni jallise immoo gargaaraa isa qajeelchu isaaf hin argitu.

See all translations of this verse →

وَتَحْسَبُهُمْ أَيْقَاظًا وَهُمْ رُقُودٌ وَنُقَلِّبُهُمْ ذَاتَ ٱلْيَمِينِ وَذَاتَ ٱلشِّمَالِ وَكَلْبُهُم بَٰسِطٌ ذِرَاعَيْهِ بِٱلْوَصِيدِ لَوِ ٱطَّلَعْتَ عَلَيْهِمْ لَوَلَّيْتَ مِنْهُمْ فِرَارًا وَلَمُلِئْتَ مِنْهُمْ رُعْبًا

Oromo Translation - Gali Ababordammaqoo isaan seeta isaanii rafu. gara Mirgaafi gara bitaatti isaan garagaggalchina, Sareen isaanii dhundhumma isaa lamaan moggaa (holqaatti) diriirsaadha. Odoo isaan argitee dhugumatti, silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaa guutamta turte.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ بَعَثْنَٰهُمْ لِيَتَسَآءَلُوا۟ بَيْنَهُمْ قَالَ قَآئِلٌ مِّنْهُمْ كَمْ لَبِثْتُمْ قَالُوا۟ لَبِثْنَا يَوْمًا أَوْ بَعْضَ يَوْمٍ قَالُوا۟ رَبُّكُمْ أَعْلَمُ بِمَا لَبِثْتُمْ فَٱبْعَثُوٓا۟ أَحَدَكُم بِوَرِقِكُمْ هَٰذِهِۦٓ إِلَى ٱلْمَدِينَةِ فَلْيَنظُرْ أَيُّهَآ أَزْكَىٰ طَعَامًا فَلْيَأْتِكُم بِرِزْقٍ مِّنْهُ وَلْيَتَلَطَّفْ وَلَا يُشْعِرَنَّ بِكُمْ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborAkkuma kana isaan dammaqsine akka gidduu isaanitti wal gaafataniif jecha. Jedhaan isaan irraa ta’e tokko nijedhe “Yeroo hangam (as) turtan?” nijedhan “Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre”. Ni jedhan: “Yeroo hangam akka (as) turtan Gooftaa keessan (qofatu) beeka, Tokkoo keessan maallaqa teessan tanaan gara magaalaa ergaa. kamii isiittu irra gaarii nyaataatii haalaaluu, soorata isaa irraa isiniif haa fidu. Haa dhokatu; waa’ee keessan nama tokkos akka hin beeksifne.

See all translations of this verse →

إِنَّهُمْ إِن يَظْهَرُوا۟ عَلَيْكُمْ يَرْجُمُوكُمْ أَوْ يُعِيدُوكُمْ فِى مِلَّتِهِمْ وَلَن تُفْلِحُوٓا۟ إِذًا أَبَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan yoo isin argan, dhagaan isin tumu yookiin amantii isaaniitti isin deebisu, Yoo san gonkumaa hin milkooftan.”

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ أَعْثَرْنَا عَلَيْهِمْ لِيَعْلَمُوٓا۟ أَنَّ وَعْدَ ٱللَّهِ حَقٌّ وَأَنَّ ٱلسَّاعَةَ لَا رَيْبَ فِيهَآ إِذْ يَتَنَٰزَعُونَ بَيْنَهُمْ أَمْرَهُمْ فَقَالُوا۟ ٱبْنُوا۟ عَلَيْهِم بُنْيَٰنًا رَّبُّهُمْ أَعْلَمُ بِهِمْ قَالَ ٱلَّذِينَ غَلَبُوا۟ عَلَىٰٓ أَمْرِهِمْ لَنَتَّخِذَنَّ عَلَيْهِم مَّسْجِدًا

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti isaan irratti mul’ifne. akka isaan beellamni Rabbii dhugaa ta’uu beekaniifi Qiyaamaa shakkiin ishee keessa hinjiruu (akka beekaniif), yeroo isaan gidduu isaaniitti waa’ee isaanii (warra holqaa) keessatti wal dhaban, Ni jedhan: ijaarsa isaan irratti ijaaraa Gooftaa isaaniitu isaan beekaa,.” Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo nijedhan “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna”.

See all translations of this verse →

سَيَقُولُونَ ثَلَٰثَةٌ رَّابِعُهُمْ كَلْبُهُمْ وَيَقُولُونَ خَمْسَةٌ سَادِسُهُمْ كَلْبُهُمْ رَجْمًۢا بِٱلْغَيْبِ وَيَقُولُونَ سَبْعَةٌ وَثَامِنُهُمْ كَلْبُهُمْ قُل رَّبِّىٓ أَعْلَمُ بِعِدَّتِهِم مَّا يَعْلَمُهُمْ إِلَّا قَلِيلٌ فَلَا تُمَارِ فِيهِمْ إِلَّا مِرَآءً ظَٰهِرًا وَلَا تَسْتَفْتِ فِيهِم مِّنْهُمْ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali Ababornijedhu “Isaan sadihi afraffaan isaanii saree isaaniiti”. nijedhu “Isaan shani jahaffaan isaanii saree isaaniiti” shalaggii fagootii. nijedhu “Isaan torba saddeettaffaan isaaniis saree isaaniti”. (Yaa Muhammad!) jedhi “Lakkoofsa isaanii Gooftaa kiyyatu beeka, (namoota) muraasa malee isaan hin beeku”. Kanaafuu waa’ee isaanii keessatti hin falmin mormii ifa ta’e malee, Waa’ee isaanii keessatti isaan irraa nama tokkos hin gaafatin.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقُولَنَّ لِشَا۟ىْءٍ إِنِّى فَاعِلٌ ذَٰلِكَ غَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborWaan tokkonis hinjedhin Ani waan san borun hojjataadha.

See all translations of this verse →

إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ وَٱذْكُر رَّبَّكَ إِذَا نَسِيتَ وَقُلْ عَسَىٰٓ أَن يَهْدِيَنِ رَبِّى لِأَقْرَبَ مِنْ هَٰذَا رَشَدًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Yoo Rabbiin fedhe” (jettu) malee, yeroo dagatte Gooftaa kee yaadadhu. Gooftaan kiyya gara karaa kana irra qajeelumatti dhihoo ta’ee na qajeelchuun ni kajeelama” jedhi.

See all translations of this verse →

وَلَبِثُوا۟ فِى كَهْفِهِمْ ثَلَٰثَ مِا۟ئَةٍ سِنِينَ وَٱزْدَادُوا۟ تِسْعًا

Oromo Translation - Gali AbaborHolqa isaanii keessa waggoota dhibba sadi turanii sagalis dabalatan.

See all translations of this verse →

قُلِ ٱللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا لَبِثُوا۟ لَهُۥ غَيْبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ أَبْصِرْ بِهِۦ وَأَسْمِعْ مَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِىٍّ وَلَا يُشْرِكُ فِى حُكْمِهِۦٓ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi Rabbumatu beekaa Hanga isaan turan, (Beekumsi) fagoo kan samiileefi dachii Isumaafi. Akkam arga! Akkam dhagayas! Isaaniif Isa malee gargaaraan hin jiru, Murtii Isaa keessatti tokkollee hin hinqindeessu.

See all translations of this verse →

وَٱتْلُ مَآ أُوحِىَ إِلَيْكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَن تَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلْتَحَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborWaan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisi, Jechoota Isaatiif jijjiiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti dabdan hin argattu.

See all translations of this verse →

وَٱصْبِرْ نَفْسَكَ مَعَ ٱلَّذِينَ يَدْعُونَ رَبَّهُم بِٱلْغَدَوٰةِ وَٱلْعَشِىِّ يُرِيدُونَ وَجْهَهُۥ وَلَا تَعْدُ عَيْنَاكَ عَنْهُمْ تُرِيدُ زِينَةَ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَلَا تُطِعْ مَنْ أَغْفَلْنَا قَلْبَهُۥ عَن ذِكْرِنَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ وَكَانَ أَمْرُهُۥ فُرُطًا

Oromo Translation - Gali AbaborLubbuu kee hidhi isaan Gooftaa isaanii ganamaafi galgala waammatanii wajjiin Fuula Isaa barbaachaaf. ija kee lamaan isaan irra hin qaarsin Miidhagina jireenya addunyaa barbaachaaf. Nama onnee isaa yaadannoo keenya irraa cufnef hin ajajamin. kan fedha lubbuu isaa hordofe, dhimmi isaa daangaa darbaa ta’e.

See all translations of this verse →

وَقُلِ ٱلْحَقُّ مِن رَّبِّكُمْ فَمَن شَآءَ فَلْيُؤْمِن وَمَن شَآءَ فَلْيَكْفُرْ إِنَّآ أَعْتَدْنَا لِلظَّٰلِمِينَ نَارًا أَحَاطَ بِهِمْ سُرَادِقُهَا وَإِن يَسْتَغِيثُوا۟ يُغَاثُوا۟ بِمَآءٍ كَٱلْمُهْلِ يَشْوِى ٱلْوُجُوهَ بِئْسَ ٱلشَّرَابُ وَسَآءَتْ مُرْتَفَقًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi, Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru, Dhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirra, Yoo birmachiifatan bishaan akka rajaa (siicoo) zeytii danfeetti fuulleen wadditu isaaniif kennama. Dhugaatichi waa fokkatee! Hirkannaanis akkaan fokkate!

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجْرَ مَنْ أَحْسَنَ عَمَلًا

Oromo Translation - Gali AbaborWarreen amananii, gaggaarii hojjatan, (galata guddaa argatu) Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمْ جَنَّٰتُ عَدْنٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهِمُ ٱلْأَنْهَٰرُ يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَيَلْبَسُونَ ثِيَابًا خُضْرًا مِّن سُندُسٍ وَإِسْتَبْرَقٍ مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلْأَرَآئِكِ نِعْمَ ٱلثَّوَابُ وَحَسُنَتْ مُرْتَفَقًا

Oromo Translation - Gali AbaborWarra san isaaniif jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaatuutu jira. ishee keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamu, Uffata magariisa hariira haphiifi furdaa irraa tahanis uffatu, Ishee keessatti sireewwan girdoo qaban irratti hirkatanii (taa’u), Mindaan waa tole! Hirkannaanis waa bareedde!

See all translations of this verse →

وَٱضْرِبْ لَهُم مَّثَلًا رَّجُلَيْنِ جَعَلْنَا لِأَحَدِهِمَا جَنَّتَيْنِ مِنْ أَعْنَٰبٍ وَحَفَفْنَٰهُمَا بِنَخْلٍ وَجَعَلْنَا بَيْنَهُمَا زَرْعًا

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenya isaaniif godhi. namoota lama kan tokkoo isaaniittiif oyruu lama tan inaboota irraa taate taasifnee, isaan lamaanuu muka timiraatiin marsinee, gidduu isaaniittis midhaan (facaafamu) taasifne.

See all translations of this verse →

كِلْتَا ٱلْجَنَّتَيْنِ ءَاتَتْ أُكُلَهَا وَلَمْ تَظْلِم مِّنْهُ شَيْـًٔا وَفَجَّرْنَا خِلَٰلَهُمَا نَهَرًا

Oromo Translation - Gali AbaborOyruun sun lamaanuu firii isii odoo homaa isarraa hin hirdhisin kennite; gidduu isaaniitii laga maddisiifne (san fakkeenya godhiif)

See all translations of this verse →

وَكَانَ لَهُۥ ثَمَرٌ فَقَالَ لِصَٰحِبِهِۦ وَهُوَ يُحَاوِرُهُۥٓ أَنَا۠ أَكْثَرُ مِنكَ مَالًا وَأَعَزُّ نَفَرًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaf midhaan godhatee hiriyaa isaatiin odoo itti haasa’uu nijedhe “Anatu qabeenyaan sirra hedduudha, gosaanis sirra jabaadha”.

See all translations of this verse →

وَدَخَلَ جَنَّتَهُۥ وَهُوَ ظَالِمٌ لِّنَفْسِهِۦ قَالَ مَآ أَظُنُّ أَن تَبِيدَ هَٰذِهِۦٓ أَبَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborHaala lubbuu isaa miidhaa ta’een oyruu isaa seenee ni jedhe: “Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةً وَلَئِن رُّدِدتُّ إِلَىٰ رَبِّى لَأَجِدَنَّ خَيْرًا مِّنْهَا مُنقَلَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborQiyaamaanis ni dhaabbattii hin yaadu, Dhugumatti, yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifameef, iddoo deebii kan isa caaluun argadha.”

See all translations of this verse →

قَالَ لَهُۥ صَاحِبُهُۥ وَهُوَ يُحَاوِرُهُۥٓ أَكَفَرْتَ بِٱلَّذِى خَلَقَكَ مِن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ سَوَّىٰكَ رَجُلًا

Oromo Translation - Gali AbaborHiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati Isa biyyee irraa si uumetti kafartee?, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii nama guutuu si godhe.

See all translations of this verse →

لَّٰكِنَّا۠ هُوَ ٱللَّهُ رَبِّى وَلَآ أُشْرِكُ بِرَبِّىٓ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborAni garuu Inni, Allaah’n Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin qindeessu.

See all translations of this verse →

وَلَوْلَآ إِذْ دَخَلْتَ جَنَّتَكَ قُلْتَ مَا شَآءَ ٱللَّهُ لَا قُوَّةَ إِلَّا بِٱللَّهِ إِن تَرَنِ أَنَا۠ أَقَلَّ مِنكَ مَالًا وَوَلَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif Yeroo oyruu tee seentu “waan Rabbiin fedhetu (ta’a); Rabbiin malee humni (naaf) hin jiru” jechuu dhiifte!, Yoo ana qabeenyaafii ilmaaniiniis sirra xiqqaa ta’uu na agartes;

See all translations of this verse →

فَعَسَىٰ رَبِّىٓ أَن يُؤْتِيَنِ خَيْرًا مِّن جَنَّتِكَ وَيُرْسِلَ عَلَيْهَا حُسْبَانًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَتُصْبِحَ صَعِيدًا زَلَقًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kiyya waan oyruu kee irra caalu naaf kennuun nikajeelama, ishee (kee) irratti immoo samii irraa bakakkaa buusee, dirree duwwaa ta’uun ishee (ni mala).

See all translations of this verse →

أَوْ يُصْبِحَ مَآؤُهَا غَوْرًا فَلَن تَسْتَطِيعَ لَهُۥ طَلَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin bishaan ishee gadi lixaa tahee ati isa barbaaduu dadhabuun (ni mala).”

See all translations of this verse →

وَأُحِيطَ بِثَمَرِهِۦ فَأَصْبَحَ يُقَلِّبُ كَفَّيْهِ عَلَىٰ مَآ أَنفَقَ فِيهَا وَهِىَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا وَيَقُولُ يَٰلَيْتَنِى لَمْ أُشْرِكْ بِرَبِّىٓ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborMidhaan isaattis ni marfame (ni bade), waan isii keessatti baaserratti ganaa (shanacha) isaa lamaan gara gaggalchutti seene. isheen mogoleewwan (jirma) ishee irratti kukkufte, nijedhe “yaa gaabbii koo! Odoon Gooftaa kiyyatti waa tokko qindeessuu baadhee”.

See all translations of this verse →

وَلَمْ تَكُن لَّهُۥ فِئَةٌ يَنصُرُونَهُۥ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَمَا كَانَ مُنتَصِرًا

Oromo Translation - Gali AbaborGareen Rabbii gaditti isa tumsitus isaaf hin jirtu. Inni tumsamaa hin taane.

See all translations of this verse →

هُنَالِكَ ٱلْوَلَٰيَةُ لِلَّهِ ٱلْحَقِّ هُوَ خَيْرٌ ثَوَابًا وَخَيْرٌ عُقْبًا

Oromo Translation - Gali AbaborAchittii (Qiyaamaa) mootummaan kan Rabbii haqa ta’eeti, Inni mindeessuutti Isumatu caala; booddee tolchuttis Isumatu caalaadha.

See all translations of this verse →

وَٱضْرِبْ لَهُم مَّثَلَ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا كَمَآءٍ أَنزَلْنَٰهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَٱخْتَلَطَ بِهِۦ نَبَاتُ ٱلْأَرْضِ فَأَصْبَحَ هَشِيمًا تَذْرُوهُ ٱلرِّيَٰحُ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ مُّقْتَدِرًا

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenya jiruu addunyaa isaaniif godhi, (sun) akka bishaan samii irraa buufnee, biqiltuuwwan dachii isaan walitti makamanii, goggogaa caccabaa bubbeewwan isa faffacaaftu ta’e. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.

See all translations of this verse →

ٱلْمَالُ وَٱلْبَنُونَ زِينَةُ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَٱلْبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيْرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابًا وَخَيْرٌ أَمَلًا

Oromo Translation - Gali AbaborQabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaati, Gaggaarii haftuu taatetu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala; gama abdiittis irra caalaadha.

See all translations of this verse →

وَيَوْمَ نُسَيِّرُ ٱلْجِبَالَ وَتَرَى ٱلْأَرْضَ بَارِزَةً وَحَشَرْنَٰهُمْ فَلَمْ نُغَادِرْ مِنْهُمْ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Nuti gaarreen deemsifnee dachii dirree ta’uu argitee, isaan walitti qabnu [yaadadhu]. Isaan irraas tokkollee hin hanbifnu.

See all translations of this verse →

وَعُرِضُوا۟ عَلَىٰ رَبِّكَ صَفًّا لَّقَدْ جِئْتُمُونَا كَمَا خَلَقْنَٰكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍۭ بَلْ زَعَمْتُمْ أَلَّن نَّجْعَلَ لَكُم مَّوْعِدًا

Oromo Translation - Gali AbaborHiriiroo tahanii Gooftaa kee irra fidaman; “dhugumatti, akka yeroo jalqabaa isin uumnetti nutti dhuftan, Nuti waadaa isiniif godhuu dhabuu yaaddu turtan” (jedhaman).

See all translations of this verse →

وَوُضِعَ ٱلْكِتَٰبُ فَتَرَى ٱلْمُجْرِمِينَ مُشْفِقِينَ مِمَّا فِيهِ وَيَقُولُونَ يَٰوَيْلَتَنَا مَالِ هَٰذَا ٱلْكِتَٰبِ لَا يُغَادِرُ صَغِيرَةً وَلَا كَبِيرَةً إِلَّآ أَحْصَىٰهَا وَوَجَدُوا۟ مَا عَمِلُوا۟ حَاضِرًا وَلَا يَظْلِمُ رَبُّكَ أَحَدًا

Oromo Translation - Gali Ababorkitaabni kaa’amee, badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agarta. Ni jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun maaltu isaaf tahe kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne.” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee tokkollee hin miidhu.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قُلْنَا لِلْمَلَٰٓئِكَةِ ٱسْجُدُوا۟ لِـَٔادَمَ فَسَجَدُوٓا۟ إِلَّآ إِبْلِيسَ كَانَ مِنَ ٱلْجِنِّ فَفَسَقَ عَنْ أَمْرِ رَبِّهِۦٓ أَفَتَتَّخِذُونَهُۥ وَذُرِّيَّتَهُۥٓ أَوْلِيَآءَ مِن دُونِى وَهُمْ لَكُمْ عَدُوٌّۢ بِئْسَ لِلظَّٰلِمِينَ بَدَلًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne [yaadadhu], Ibliis malee sujuuda godhan, (inni) jinnii irraa ta’ee ajaja Gooftaa isaa irraa fincile. Sila Ana dhiiftanii isaafi sanyii isaa jaalallee godhattuu? isaan isiniif diinoota. (Ibliis) miidhaa raawwattootaaf jijjiirraa ta’uun akkaan fokkate!

See all translations of this verse →

مَّآ أَشْهَدتُّهُمْ خَلْقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَلَا خَلْقَ أَنفُسِهِمْ وَمَا كُنتُ مُتَّخِذَ ٱلْمُضِلِّينَ عَضُدًا

Oromo Translation - Gali AbaborAni uumaminsa samiifii dachii isaan hin hingarsiifne, uumaminsa lubbuulee isaaniitis, Ani jallistoota gargaartota godhataa hin taane.

See all translations of this verse →

وَيَوْمَ يَقُولُ نَادُوا۟ شُرَكَآءِىَ ٱلَّذِينَ زَعَمْتُمْ فَدَعَوْهُمْ فَلَمْ يَسْتَجِيبُوا۟ لَهُمْ وَجَعَلْنَا بَيْنَهُم مَّوْبِقًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Inni “(warra) hiriyyoota Kiyya kan kijibaan dubbattan san waamaa” jedhu [yaadadhu]. Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatan. gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifne.

See all translations of this verse →

وَرَءَا ٱلْمُجْرِمُونَ ٱلنَّارَ فَظَنُّوٓا۟ أَنَّهُم مُّوَاقِعُوهَا وَلَمْ يَجِدُوا۟ عَنْهَا مَصْرِفًا

Oromo Translation - Gali AbaborYakkamtoonni ibidda ni argan,Ishee keessa bu’oo ta’uu isaanii yaadan, Karaa ishee jalaa ittiin ba’an hin argatan.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ صَرَّفْنَا فِى هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لِلنَّاسِ مِن كُلِّ مَثَلٍ وَكَانَ ٱلْإِنسَٰنُ أَكْثَرَ شَىْءٍ جَدَلًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugumatti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa (namootaaf) ibsinee jirra. Namni baay’isaa wahii falmii ta’eera.

See all translations of this verse →

وَمَا مَنَعَ ٱلنَّاسَ أَن يُؤْمِنُوٓا۟ إِذْ جَآءَهُمُ ٱلْهُدَىٰ وَيَسْتَغْفِرُوا۟ رَبَّهُمْ إِلَّآ أَن تَأْتِيَهُمْ سُنَّةُ ٱلْأَوَّلِينَ أَوْ يَأْتِيَهُمُ ٱلْعَذَابُ قُبُلًا

Oromo Translation - Gali AbaborNamoota wanni amanuu dhoowwe waa hinjiru, yeroo qajeelumni isaanitti dhufe, Gooftaa isaanii araara kadhachuu irraas, karaan (dhumiinsi) warra durii isaanitti dhufuu yookiin adabbiin fuulduraa isaanitti dhufuu (eeguu) malee.

See all translations of this verse →

وَمَا نُرْسِلُ ٱلْمُرْسَلِينَ إِلَّا مُبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ وَيُجَٰدِلُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِٱلْبَٰطِلِ لِيُدْحِضُوا۟ بِهِ ٱلْحَقَّ وَٱتَّخَذُوٓا۟ ءَايَٰتِى وَمَآ أُنذِرُوا۟ هُزُوًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti ergamtoota gammachiiftotaafi dinniintoota goonee malee hin erginu, Warri kafaran sobaan falmu isaan haqa deemsisuuf jecha.; keeyyattoota kiyyaafi waan dinniinamanis qishnaa godhatan.

See all translations of this verse →

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ فَأَعْرَضَ عَنْهَا وَنَسِىَ مَا قَدَّمَتْ يَدَاهُ إِنَّا جَعَلْنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ أَكِنَّةً أَن يَفْقَهُوهُ وَفِىٓ ءَاذَانِهِمْ وَقْرًا وَإِن تَدْعُهُمْ إِلَى ٱلْهُدَىٰ فَلَن يَهْتَدُوٓا۟ إِذًا أَبَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborNama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii ishee irraa garagaluufi waan harki isaa lamaan dabarfatte dagate- caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti dhugumatti akka isaan isa (Qur’aana) hin hubanne onneewwan isaanii irratti qadaaddaafi gurreen isaanii keessattis duudiinsa taasifnee jirra. Yoo gara qajeellumaa isaan waamte, isaan yoo san gonkumaa hin qajeelan.

See all translations of this verse →

وَرَبُّكَ ٱلْغَفُورُ ذُو ٱلرَّحْمَةِ لَوْ يُؤَاخِذُهُم بِمَا كَسَبُوا۟ لَعَجَّلَ لَهُمُ ٱلْعَذَابَ بَل لَّهُم مَّوْعِدٌ لَّن يَجِدُوا۟ مِن دُونِهِۦ مَوْئِلًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee akkaan araaramaa, abbaa rahmataati. Odoo waan isaan hojjataniin isaan qabee, silaa dhugumatti, adabbii isaaniif jerjersa ture. Garuu isaaniif beellamaatu jira, ken isa malee gara itti deebi’an hin arganne.

See all translations of this verse →

وَتِلْكَ ٱلْقُرَىٰٓ أَهْلَكْنَٰهُمْ لَمَّا ظَلَمُوا۟ وَجَعَلْنَا لِمَهْلِكِهِم مَّوْعِدًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Warra) magaalotaa san isaan miidhaa hojjanaan isaan balleessine. halaakamiinsa isaaniitiif beellama goone..

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِفَتَىٰهُ لَآ أَبْرَحُ حَتَّىٰٓ أَبْلُغَ مَجْمَعَ ٱلْبَحْرَيْنِ أَوْ أَمْضِىَ حُقُبًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Muusaan dargaggoo isaatiin “hangan iddoo galaanni lamaan itti wal qunnaman ga’utti yookiin deemsa irratti waggoota (hedduu) fixutti (deemuu) hin dhiisu” jedhe [yaadadhu].

See all translations of this verse →

فَلَمَّا بَلَغَا مَجْمَعَ بَيْنِهِمَا نَسِيَا حُوتَهُمَا فَٱتَّخَذَ سَبِيلَهُۥ فِى ٱلْبَحْرِ سَرَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isaan lamaan iddoo wal ga’iinsa galaana lamaanii ga’an, qurxummii isaanii ni dagatan. Inni (qurxummiin) karaa isaa galaana keessa baqaqaa godhate.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَاوَزَا قَالَ لِفَتَىٰهُ ءَاتِنَا غَدَآءَنَا لَقَدْ لَقِينَا مِن سَفَرِنَا هَٰذَا نَصَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isaan lamaan (iddoo san) qaxxaamuran, (Muusaan) dargaggicha isaatiin ni jedhe: “Laaqana keenya nuuf fidi Dhugumatti, nuti imala keenya kana irraa dadhabbii guddaa qunnamnee jirra.”

See all translations of this verse →

قَالَ أَرَءَيْتَ إِذْ أَوَيْنَآ إِلَى ٱلصَّخْرَةِ فَإِنِّى نَسِيتُ ٱلْحُوتَ وَمَآ أَنسَىٰنِيهُ إِلَّا ٱلشَّيْطَٰنُ أَنْ أَذْكُرَهُۥ وَٱتَّخَذَ سَبِيلَهُۥ فِى ٱلْبَحْرِ عَجَبًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Dargaggichi isaa) ni jedhe: “Argitee? Sila yeroo nuti gara dhagaa hirkanne, dhugumatti, ani qurxummii irraanfadheera. Wanti akka isa hin yaadanne na irraanfachiises sheyxaana malee hin jiru. Innis karaa isaa galaana keessa dinqisiisaa godhate.”

See all translations of this verse →

قَالَ ذَٰلِكَ مَا كُنَّا نَبْغِ فَٱرْتَدَّا عَلَىٰٓ ءَاثَارِهِمَا قَصَصًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Muusaan) ni jedhe: “Sun waan nuti barbaadaa turreedha.” Faanoowwan isaanii irra hordafaa gara duubaa deebi’an.

See all translations of this verse →

فَوَجَدَا عَبْدًا مِّنْ عِبَادِنَآ ءَاتَيْنَٰهُ رَحْمَةً مِّنْ عِندِنَا وَعَلَّمْنَٰهُ مِن لَّدُنَّا عِلْمًا

Oromo Translation - Gali AbaborGabricha gabroota keenya irraa ta’e, argan, kan Nuti nu biraa rahmata isaaf kennineefi beekumsa Nubiraa ta’e isa barsiifne.{1}

See all translations of this verse →

قَالَ لَهُۥ مُوسَىٰ هَلْ أَتَّبِعُكَ عَلَىٰٓ أَن تُعَلِّمَنِ مِمَّا عُلِّمْتَ رُشْدًا

Oromo Translation - Gali AbaborMuusaan isaan nijedhe “sila waan barsiifamte kan qajeelaa ta’e irraa akka na barsiiftuuf si hordofuu danda’aa?”

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّكَ لَن تَسْتَطِيعَ مَعِىَ صَبْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Namichi) ni jedhe: “ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu.

See all translations of this verse →

وَكَيْفَ تَصْبِرُ عَلَىٰ مَا لَمْ تُحِطْ بِهِۦ خُبْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila waan beekumsa isaa hin qabnee irratti akkamitti obsita?”

See all translations of this verse →

قَالَ سَتَجِدُنِىٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ صَابِرًا وَلَآ أَعْصِى لَكَ أَمْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Muusaanis) “Yoo Rabbiin fedhe obsaa ta’uu na argita, Ajaja keetis hin didu” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ فَإِنِ ٱتَّبَعْتَنِى فَلَا تَسْـَٔلْنِى عَن شَىْءٍ حَتَّىٰٓ أُحْدِثَ لَكَ مِنْهُ ذِكْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Namichi) yoo na hordofte, waan tokkoyyuu hanga ani waa’ee isaa siif himutti homaa irraa na hin gaafatin” jedheen.

See all translations of this verse →

فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَا رَكِبَا فِى ٱلسَّفِينَةِ خَرَقَهَا قَالَ أَخَرَقْتَهَا لِتُغْرِقَ أَهْلَهَا لَقَدْ جِئْتَ شَيْـًٔا إِمْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan lamaanuu hanga doonii tokko keessa yaabbatanitti ni deeman, Inni (namichi) ishee ure (Muusaan) ni jedhe: “Sila namoota ishee keessa jiran bishaan nyaachisuuf ishee urtee? Dhugumatti, ati waan guddaa fidde!”

See all translations of this verse →

قَالَ أَلَمْ أَقُلْ إِنَّكَ لَن تَسْتَطِيعَ مَعِىَ صَبْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Namichis) ni jedhe: “Sila ani ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu hin jennee?”

See all translations of this verse →

قَالَ لَا تُؤَاخِذْنِى بِمَا نَسِيتُ وَلَا تُرْهِقْنِى مِنْ أَمْرِى عُسْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Muusaan) ni jedhe: “Waanan irraanfadheef na hin qabin, Dhimma kiyya irraas rakkoo na hin baachisin.”

See all translations of this verse →

فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَا لَقِيَا غُلَٰمًا فَقَتَلَهُۥ قَالَ أَقَتَلْتَ نَفْسًا زَكِيَّةًۢ بِغَيْرِ نَفْسٍ لَّقَدْ جِئْتَ شَيْـًٔا نُّكْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborHanga mucaa tokkotti dhufanitti deemanii achumaan isa (mucicha) ajjeese, (Muusaan) “Sila ati lubbuu qulqulluu lubbuu (ajjeesuun) ala ajjeeftaa? Dhugumatti, ati waan fokkataa hojjatteetta” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ أَلَمْ أَقُل لَّكَ إِنَّكَ لَن تَسْتَطِيعَ مَعِىَ صَبْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Namichi) ni jedhe: “Sila ani ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”

See all translations of this verse →

قَالَ إِن سَأَلْتُكَ عَن شَىْءٍۭ بَعْدَهَا فَلَا تُصَٰحِبْنِى قَدْ بَلَغْتَ مِن لَّدُنِّى عُذْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Muusaan) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin), Dhugumatti, ana biraa dhiifama (dhumaa) irra geessee jirta.”

See all translations of this verse →

فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَآ أَتَيَآ أَهْلَ قَرْيَةٍ ٱسْتَطْعَمَآ أَهْلَهَا فَأَبَوْا۟ أَن يُضَيِّفُوهُمَا فَوَجَدَا فِيهَا جِدَارًا يُرِيدُ أَن يَنقَضَّ فَأَقَامَهُۥ قَالَ لَوْ شِئْتَ لَتَّخَذْتَ عَلَيْهِ أَجْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii isaan lamaan nideeman hanga warra magaalattii tokkoo bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata gaafatan, isaan keessummeessuu didan. Ergasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko argan. (namichi) ol kaasee isa dhaabe (Muusaan): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ هَٰذَا فِرَاقُ بَيْنِى وَبَيْنِكَ سَأُنَبِّئُكَ بِتَأْوِيلِ مَا لَمْ تَسْتَطِع عَّلَيْهِ صَبْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Namichi) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiiti. Ani hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima.

See all translations of this verse →

أَمَّا ٱلسَّفِينَةُ فَكَانَتْ لِمَسَٰكِينَ يَعْمَلُونَ فِى ٱلْبَحْرِ فَأَرَدتُّ أَنْ أَعِيبَهَا وَكَانَ وَرَآءَهُم مَّلِكٌ يَأْخُذُ كُلَّ سَفِينَةٍ غَصْبًا

Oromo Translation - Gali AbaborDoonittiin tan namoota hiyyeeyyii galaana keessa dalaganii turte.ishee fokkisuu fedhe. isaan fuula duratti mootiin dooniwwan (fayyaa) hunda saamee fudhatu tokkootu jira.

See all translations of this verse →

وَأَمَّا ٱلْغُلَٰمُ فَكَانَ أَبَوَاهُ مُؤْمِنَيْنِ فَخَشِينَآ أَن يُرْهِقَهُمَا طُغْيَٰنًا وَكُفْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborMucichi immoo, haadhaafi abbaan isaa mu’uminoota. Nutis (yoo guddate) jallinaafi kufriidhaan isaan haguuguu sodaanne.

See all translations of this verse →

فَأَرَدْنَآ أَن يُبْدِلَهُمَا رَبُّهُمَا خَيْرًا مِّنْهُ زَكَوٰةً وَأَقْرَبَ رُحْمًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene.

See all translations of this verse →

وَأَمَّا ٱلْجِدَارُ فَكَانَ لِغُلَٰمَيْنِ يَتِيمَيْنِ فِى ٱلْمَدِينَةِ وَكَانَ تَحْتَهُۥ كَنزٌ لَّهُمَا وَكَانَ أَبُوهُمَا صَٰلِحًا فَأَرَادَ رَبُّكَ أَن يَبْلُغَآ أَشُدَّهُمَا وَيَسْتَخْرِجَا كَنزَهُمَا رَحْمَةً مِّن رَّبِّكَ وَمَا فَعَلْتُهُۥ عَنْ أَمْرِى ذَٰلِكَ تَأْوِيلُ مَا لَمْ تَسْطِع عَّلَيْهِ صَبْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti ture. Isa jala immoo qabeenya awwaalame kan isaan lamaaniitu jira. Abbaan isaanii nama gaarii ture. Gooftaan kee (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedhe. Anis kana (hunda) fedha kiyyaan hin hojjanne. Kun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu hindandayiniiti.”

See all translations of this verse →

وَيَسْـَٔلُونَكَ عَن ذِى ٱلْقَرْنَيْنِ قُلْ سَأَتْلُوا۟ عَلَيْكُم مِّنْهُ ذِكْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborZulqarnayni irraas si gaafatu “Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi.{1}

See all translations of this verse →

إِنَّا مَكَّنَّا لَهُۥ فِى ٱلْأَرْضِ وَءَاتَيْنَٰهُ مِن كُلِّ شَىْءٍ سَبَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirra, Waan hunda irraa tooftaa isaaf kennine.

See all translations of this verse →

فَأَتْبَعَ سَبَبًا

Oromo Translation - Gali Ababorkaraa (gara dhihaa) deeme.

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَغْرِبَ ٱلشَّمْسِ وَجَدَهَا تَغْرُبُ فِى عَيْنٍ حَمِئَةٍ وَوَجَدَ عِندَهَا قَوْمًا قُلْنَا يَٰذَا ٱلْقَرْنَيْنِ إِمَّآ أَن تُعَذِّبَ وَإِمَّآ أَن تَتَّخِذَ فِيهِمْ حُسْنًا

Oromo Translation - Gali AbaborHanga iddoo lixa aduu ga’u, isheedhaa ija dhoqqee gurraattii keessatti lixxuu arge. Ishee biratti ummata wahii arge. Nuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayn! Ati isaan adabuu yookiin isaanitti toltuu hojjachuu (filannoo qabda)”

See all translations of this verse →

قَالَ أَمَّا مَن ظَلَمَ فَسَوْفَ نُعَذِّبُهُۥ ثُمَّ يُرَدُّ إِلَىٰ رَبِّهِۦ فَيُعَذِّبُهُۥ عَذَابًا نُّكْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabna, Ergasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e (jahannamiin) isa adabuuf jira.

See all translations of this verse →

وَأَمَّا مَنْ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَلَهُۥ جَزَآءً ٱلْحُسْنَىٰ وَسَنَقُولُ لَهُۥ مِنْ أَمْرِنَا يُسْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborNama amanee, gaarii hojjate immoo, isaaf mindaa gaarii ta’etu jira. Nuti ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.”

See all translations of this verse →

ثُمَّ أَتْبَعَ سَبَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborSana booda karaa hordofe (deemsa gara bahaa itti fufe).

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَطْلِعَ ٱلشَّمْسِ وَجَدَهَا تَطْلُعُ عَلَىٰ قَوْمٍ لَّمْ نَجْعَل لَّهُم مِّن دُونِهَا سِتْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborHanga iddoo baha biiftuu ga’etti, isheedhaa ummata irratti baatu arge, (ummanni sunuu) kan nuti ishee gaditti waan hagoogu isaaniif hingodhin.

See all translations of this verse →

كَذَٰلِكَ وَقَدْ أَحَطْنَا بِمَا لَدَيْهِ خُبْرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Dubbichi) akka kana, Wantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra.

See all translations of this verse →

ثُمَّ أَتْبَعَ سَبَبًا

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii karaa (kaabaa) hordofe (deemsa ittifufe).

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ بَيْنَ ٱلسَّدَّيْنِ وَجَدَ مِن دُونِهِمَا قَوْمًا لَّا يَكَادُونَ يَفْقَهُونَ قَوْلًا

Oromo Translation - Gali Ababorhanga gidduu gaara lamaanii ga’e, isaan lamaanii asitti ummata haasa’a beekuutti hin dhihaanne arge.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰذَا ٱلْقَرْنَيْنِ إِنَّ يَأْجُوجَ وَمَأْجُوجَ مُفْسِدُونَ فِى ٱلْأَرْضِ فَهَلْ نَجْعَلُ لَكَ خَرْجًا عَلَىٰٓ أَن تَجْعَلَ بَيْنَنَا وَبَيْنَهُمْ سَدًّا

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaanis) nijedhan “Yaa Zalqarnayn! Dhugumatti, Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj dachii keessatti badii hojjatoodha,baasii (kafaltii) siif goonuu Nuufi isaan giddutti cufaa godhuu irratti?” {1}

See all translations of this verse →

قَالَ مَا مَكَّنِّى فِيهِ رَبِّى خَيْرٌ فَأَعِينُونِى بِقُوَّةٍ أَجْعَلْ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُمْ رَدْمًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu caala. humnaan na gargaaraa, Gidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, .

See all translations of this verse →

ءَاتُونِى زُبَرَ ٱلْحَدِيدِ حَتَّىٰٓ إِذَا سَاوَىٰ بَيْنَ ٱلصَّدَفَيْنِ قَالَ ٱنفُخُوا۟ حَتَّىٰٓ إِذَا جَعَلَهُۥ نَارًا قَالَ ءَاتُونِىٓ أُفْرِغْ عَلَيْهِ قِطْرًا

Oromo Translation - Gali AbaborMuraa Sibiilaa naaf kennaa.” hanga iddoo gaara lamaan gidduu jiru guute “afuufaa” jedheen, hanga ibidda (diimaa) isa godhetti “sibiila baqe isa irrattin dhangalaasa naa fidaa ” jedhe.

See all translations of this verse →

فَمَا ٱسْطَٰعُوٓا۟ أَن يَظْهَرُوهُ وَمَا ٱسْتَطَٰعُوا۟ لَهُۥ نَقْبًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) isa irra koruu hin dandeenye; (jalaanis) isa uruu hin dandeenye.

See all translations of this verse →

قَالَ هَٰذَا رَحْمَةٌ مِّن رَّبِّى فَإِذَا جَآءَ وَعْدُ رَبِّى جَعَلَهُۥ دَكَّآءَ وَكَانَ وَعْدُ رَبِّى حَقًّا

Oromo Translation - Gali Ababor(Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’e, Yeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, bittinnaa’aa isa godha, Waadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.”

See all translations of this verse →

وَتَرَكْنَا بَعْضَهُمْ يَوْمَئِذٍ يَمُوجُ فِى بَعْضٍ وَنُفِخَ فِى ٱلصُّورِ فَجَمَعْنَٰهُمْ جَمْعًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa (qiyaamaa) san garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifna. Garriin (xurumbaanis) ni afuufamaa, (uumama hunda) walittiqabiinsa walitti isaan qabna.

See all translations of this verse →

وَعَرَضْنَا جَهَنَّمَ يَوْمَئِذٍ لِّلْكَٰفِرِينَ عَرْضًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa san jahannamiin kaafirootaaf dhiyeessuu dhiheessina.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ كَانَتْ أَعْيُنُهُمْ فِى غِطَآءٍ عَن ذِكْرِى وَكَانُوا۟ لَا يَسْتَطِيعُونَ سَمْعًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra ijjoowwan isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenye turan.

See all translations of this verse →

أَفَحَسِبَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَن يَتَّخِذُوا۟ عِبَادِى مِن دُونِىٓ أَوْلِيَآءَ إِنَّآ أَعْتَدْنَا جَهَنَّمَ لِلْكَٰفِرِينَ نُزُلًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila warri kafaran gabroota kiyya Anaa gaditti gabbaramtoota godhachuu yaaduu? Nuti jahannamiin kaafirootaf qubannoo qopheessineera.

See all translations of this verse →

قُلْ هَلْ نُنَبِّئُكُم بِٱلْأَخْسَرِينَ أَعْمَٰلًا

Oromo Translation - Gali Ababor”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ ضَلَّ سَعْيُهُمْ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَهُمْ يَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ يُحْسِنُونَ صُنْعًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra jiruu adunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha odoo isaan dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمْ وَلِقَآئِهِۦ فَحَبِطَتْ أَعْمَٰلُهُمْ فَلَا نُقِيمُ لَهُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ وَزْنًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitiifi wal qunnamtii Isaatti kafarani. dalagaaleen isaanii baddee. Guyyaa Qiyaamaa miizaana isaaniif hin dhaabnu.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُمْ جَهَنَّمُ بِمَا كَفَرُوا۟ وَٱتَّخَذُوٓا۟ ءَايَٰتِى وَرُسُلِى هُزُوًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun galanni isaanii jahannami. waan kafaranii keeyyattoota kiyyaafi ergamtoota kiyyas qishnaa godhataniif jecha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَانَتْ لَهُمْ جَنَّٰتُ ٱلْفِرْدَوْسِ نُزُلًا

Oromo Translation - Gali AbaborWarreen amananii, gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws qubannoota isaaniif taatee jirti.

See all translations of this verse →

خَٰلِدِينَ فِيهَا لَا يَبْغُونَ عَنْهَا حِوَلًا

Oromo Translation - Gali AbaborIshee keessa nituru. Ishee irraa jijjiiramuu hin barbaadan.

See all translations of this verse →

قُل لَّوْ كَانَ ٱلْبَحْرُ مِدَادًا لِّكَلِمَٰتِ رَبِّى لَنَفِدَ ٱلْبَحْرُ قَبْلَ أَن تَنفَدَ كَلِمَٰتُ رَبِّى وَلَوْ جِئْنَا بِمِثْلِهِۦ مَدَدًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).”

See all translations of this verse →

قُلْ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ يُوحَىٰٓ إِلَىَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ فَمَن كَانَ يَرْجُوا۟ لِقَآءَ رَبِّهِۦ فَلْيَعْمَلْ عَمَلًا صَٰلِحًا وَلَا يُشْرِكْ بِعِبَادَةِ رَبِّهِۦٓ أَحَدًۢا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Ani namuma akka keessaniiti. kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudha. Kanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu kajeelu dalagaa gaarii haa hojjatu; gabbartii Gooftaa isaa keessattis tokkollee hin qindeessin.”

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70