وَجَعَلْنَا ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ ءَايَتَيْنِ فَمَحَوْنَآ ءَايَةَ ٱلَّيْلِ وَجَعَلْنَآ ءَايَةَ ٱلنَّهَارِ مُبْصِرَةً لِّتَبْتَغُوا۟ فَضْلًا مِّن رَّبِّكُمْ وَلِتَعْلَمُوا۟ عَدَدَ ٱلسِّنِينَ وَٱلْحِسَابَ وَكُلَّ شَىْءٍ فَصَّلْنَٰهُ تَفْصِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborHalkaniifi guyyaa mallattoo lama taasifnee jirra. Mallattoo halkanii (dukkanaan) haguugnee, mallattoo guyyaa immoo ifa goone, Akka tola Gooftaa keessan irraa ta’e barbaaddaniifi, akka lakkoofsa waggootaafi herregas beektaniif (kana goone). Waan hunda addaan baafnee isa addeessinee jirra.