وَإِذْ قُلْنَا لَكَ إِنَّ رَبَّكَ أَحَاطَ بِٱلنَّاسِ وَمَا جَعَلْنَا ٱلرُّءْيَا ٱلَّتِىٓ أَرَيْنَٰكَ إِلَّا فِتْنَةً لِّلنَّاسِ وَٱلشَّجَرَةَ ٱلْمَلْعُونَةَ فِى ٱلْقُرْءَانِ وَنُخَوِّفُهُمْ فَمَا يَزِيدُهُمْ إِلَّا طُغْيَٰنًا كَبِيرًا
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jenne [yaadadhu]. Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin goone. Mukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone). Nuti isaan sodaachifna; inni jallinna guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.