وَلَا تَقْتُلُوا۟ ٱلنَّفْسَ ٱلَّتِى حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَمَن قُتِلَ مَظْلُومًا فَقَدْ جَعَلْنَا لِوَلِيِّهِۦ سُلْطَٰنًا فَلَا يُسْرِف فِّى ٱلْقَتْلِ إِنَّهُۥ كَانَ مَنصُورًا
Oromo Translation - Gali AbaborLubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa. Nama roorroon ajjeefame nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirra. Ajjeechaa keessatti daangaa hin dabrin. Dhugumatti, inni tumsamaa ta’eera.