caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Hijr الحجر

99 verses · Mecca · revelation order 54

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓر تِلْكَ ءَايَٰتُ ٱلْكِتَٰبِ وَقُرْءَانٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAlif Laam Raa tun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti.

See all translations of this verse →

رُّبَمَا يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوْ كَانُوا۟ مُسْلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!

See all translations of this verse →

ذَرْهُمْ يَأْكُلُوا۟ وَيَتَمَتَّعُوا۟ وَيُلْهِهِمُ ٱلْأَمَلُ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan dhiisi Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu, (Itti gala isaanii) fuula duratti ni beeku.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٌ مَّعْلُومٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Warra) gandaa tokkollee hin balleessine beellamni beekamaan isheef jiraatu malee .

See all translations of this verse →

مَّا تَسْبِقُ مِنْ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسْتَـْٔخِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِى نُزِّلَ عَلَيْهِ ٱلذِّكْرُ إِنَّكَ لَمَجْنُونٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha”.

See all translations of this verse →

لَّوْ مَا تَأْتِينَا بِٱلْمَلَٰٓئِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif maleeykotaan nutti hin dhufne Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate?” (jedhan).

See all translations of this verse →

مَا نُنَزِّلُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةَ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَمَا كَانُوٓا۟ إِذًا مُّنظَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnu, Yoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.

See all translations of this verse →

إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا ٱلذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti Zikrii (Qur'aana) Numatu buuse, Numatu isaaf tiksoodha.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ فِى شِيَعِ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.

See all translations of this verse →

وَمَا يَأْتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgamaan tokkos isatti dhufee kan isatti qishinan ta’anii malee hintaane.

See all translations of this verse →

كَذَٰلِكَ نَسْلُكُهُۥ فِى قُلُوبِ ٱلْمُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.

See all translations of this verse →

لَا يُؤْمِنُونَ بِهِۦ وَقَدْ خَلَتْ سُنَّةُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsatti hin amananu, Dhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa).

See all translations of this verse →

وَلَوْ فَتَحْنَا عَلَيْهِم بَابًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَظَلُّوا۟ فِيهِ يَعْرُجُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;

See all translations of this verse →

لَقَالُوٓا۟ إِنَّمَا سُكِّرَتْ أَبْصَٰرُنَا بَلْ نَحْنُ قَوْمٌ مَّسْحُورُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSilaa nijedhan “ijootuma keenyatu cufame, Inumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha”.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ جَعَلْنَا فِى ٱلسَّمَآءِ بُرُوجًا وَزَيَّنَّٰهَا لِلنَّٰظِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugumatti samii keessatti urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.

See all translations of this verse →

وَحَفِظْنَٰهَا مِن كُلِّ شَيْطَٰنٍ رَّجِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSheyxaana darbatamaa hunda irraa ishee tiiksine.

See all translations of this verse →

إِلَّا مَنِ ٱسْتَرَقَ ٱلسَّمْعَ فَأَتْبَعَهُۥ شِهَابٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa dhageettii hatee malee qaanqee mul'ataatu isa hordofe.

See all translations of this verse →

وَٱلْأَرْضَ مَدَدْنَٰهَا وَأَلْقَيْنَا فِيهَا رَوَٰسِىَ وَأَنۢبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ شَىْءٍ مَّوْزُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDachii Nuti ishee diriirsinee jirra, Gaarreen ishee keessati goonee jirra, Wanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا لَكُمْ فِيهَا مَعَٰيِشَ وَمَن لَّسْتُمْ لَهُۥ بِرَٰزِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.

See all translations of this verse →

وَإِن مِّن شَىْءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَآئِنُهُۥ وَمَا نُنَزِّلُهُۥٓ إِلَّا بِقَدَرٍ مَّعْلُومٍ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti tokkos hin taane;Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male, Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.

See all translations of this verse →

وَأَرْسَلْنَا ٱلرِّيَٰحَ لَوَٰقِحَ فَأَنزَلْنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَسْقَيْنَٰكُمُوهُ وَمَآ أَنتُمْ لَهُۥ بِخَٰزِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBubbeewwan ergine Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee, Samii irraa bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra, (Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّا لَنَحْنُ نُحْىِۦ وَنُمِيتُ وَنَحْنُ ٱلْوَٰرِثُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugumatti (lubbuu) Numatu jiraachisee ajjeesa, Numatu dhaaltota.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ عَلِمْنَا ٱلْمُسْتَقْدِمِينَ مِنكُمْ وَلَقَدْ عَلِمْنَا ٱلْمُسْتَـْٔخِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerra, Warren boodaas dhugumatti beeknee jirra.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحْشُرُهُمْ إِنَّهُۥ حَكِيمٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ خَلَقْنَا ٱلْإِنسَٰنَ مِن صَلْصَٰلٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne.

See all translations of this verse →

وَٱلْجَآنَّ خَلَقْنَٰهُ مِن قَبْلُ مِن نَّارِ ٱلسَّمُومِ

Oromo Translation - Gali AbaborJinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّى خَٰلِقٌۢ بَشَرًا مِّن صَلْصَٰلٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.

See all translations of this verse →

فَإِذَا سَوَّيْتُهُۥ وَنَفَخْتُ فِيهِ مِن رُّوحِى فَقَعُوا۟ لَهُۥ سَٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, sujuuddota ta’aatii isaaf kufaa.

See all translations of this verse →

فَسَجَدَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمْ أَجْمَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.

See all translations of this verse →

إِلَّآ إِبْلِيسَ أَبَىٰٓ أَن يَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIbliis malee inni warra sujuuda bu’an wajji ta’uu dide.

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰٓإِبْلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an wajji ta’uu didde?” jedheen.

See all translations of this verse →

قَالَ لَمْ أَكُن لِّأَسْجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقْتَهُۥ مِن صَلْصَٰلٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ

Oromo Translation - Gali Ababor[Inni] nijedhe “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef kan sujuudu hintaane”.

See all translations of this verse →

قَالَ فَٱخْرُجْ مِنْهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiinis)nijedheen “ishee irraa ba’i; Ati darbamaadha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ عَلَيْكَ ٱللَّعْنَةَ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلدِّينِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirratti jiraata.”

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ فَأَنظِرْنِىٓ إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلْمُنظَرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.

See all translations of this verse →

إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْوَقْتِ ٱلْمَعْلُومِ

Oromo Translation - Gali Ababor“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ بِمَآ أَغْوَيْتَنِى لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمْ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَأُغْوِيَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen hunda isaanii isaan jallisa.

See all translations of this verse →

إِلَّا عِبَادَكَ مِنْهُمُ ٱلْمُخْلَصِينَ

Oromo Translation - Gali Ababorisaan irraa Gabroota kee qulqulleeffamoota malee.

See all translations of this verse →

قَالَ هَٰذَا صِرَٰطٌ عَلَىَّ مُسْتَقِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha.

See all translations of this verse →

إِنَّ عِبَادِى لَيْسَ لَكَ عَلَيْهِمْ سُلْطَٰنٌ إِلَّا مَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلْغَاوِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru. Jallattoota irraa warra si hordofan malee.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمَوْعِدُهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) beellamamaa isaan hundaati.

See all translations of this verse →

لَهَا سَبْعَةُ أَبْوَٰبٍ لِّكُلِّ بَابٍ مِّنْهُمْ جُزْءٌ مَّقْسُومٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheedhaaf balbala torbatu jira. Tokko tokkoo balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُتَّقِينَ فِى جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.

See all translations of this verse →

ٱدْخُلُوهَا بِسَلَٰمٍ ءَامِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).

See all translations of this verse →

وَنَزَعْنَا مَا فِى صُدُورِهِم مِّنْ غِلٍّ إِخْوَٰنًا عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَٰبِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJibbaa irraa waan qomoota isaanii keessa jiru baafne, Obboleeyyan sireewwan irratti walitti garagaggalan ta’an.

See all translations of this verse →

لَا يَمَسُّهُمْ فِيهَا نَصَبٌ وَمَا هُم مِّنْهَا بِمُخْرَجِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee keessatti dadhabbiin isaan hin tuqu. Isaan ishee irraa baafamoo hintaane.

See all translations of this verse →

نَبِّئْ عِبَادِىٓ أَنِّىٓ أَنَا ٱلْغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborGabroota kiyyatti odeessi Ani Anumatu araaramaa, rahmata godhaadhaa.

See all translations of this verse →

وَأَنَّ عَذَابِى هُوَ ٱلْعَذَابُ ٱلْأَلِيمُ

Oromo Translation - Gali Ababor“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)

See all translations of this verse →

وَنَبِّئْهُمْ عَن ضَيْفِ إِبْرَٰهِيمَ

Oromo Translation - Gali AbaborKeessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi

See all translations of this verse →

إِذْ دَخَلُوا۟ عَلَيْهِ فَقَالُوا۟ سَلَٰمًا قَالَ إِنَّا مِنكُمْ وَجِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ لَا تَوْجَلْ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٍ

Oromo Translation - Gali Ababor“Hin sodaatin, Nuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ أَبَشَّرْتُمُونِى عَلَىٰٓ أَن مَّسَّنِىَ ٱلْكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ بَشَّرْنَٰكَ بِٱلْحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ ٱلْقَٰنِطِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin.

See all translations of this verse →

قَالَ وَمَن يَقْنَطُ مِن رَّحْمَةِ رَبِّهِۦٓ إِلَّا ٱلضَّآلُّونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii murata?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ فَمَا خَطْبُكُمْ أَيُّهَا ٱلْمُرْسَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ إِنَّآ أُرْسِلْنَآ إِلَىٰ قَوْمٍ مُّجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.

See all translations of this verse →

إِلَّآ ءَالَ لُوطٍ إِنَّا لَمُنَجُّوهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Maatii Luux malee dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”

See all translations of this verse →

إِلَّا ٱمْرَأَتَهُۥ قَدَّرْنَآ إِنَّهَا لَمِنَ ٱلْغَٰبِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَآءَ ءَالَ لُوطٍ ٱلْمُرْسَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma ergamtoonni maatii Luuxitti dhufanu.

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّكُمْ قَوْمٌ مُّنكَرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Isin ummata wallaalamoodha” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ بَلْ جِئْنَٰكَ بِمَا كَانُوا۟ فِيهِ يَمْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.

See all translations of this verse →

وَأَتَيْنَٰكَ بِٱلْحَقِّ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Dhugaadhaan sitti dhufne, Dhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.

See all translations of this verse →

فَأَسْرِ بِأَهْلِكَ بِقِطْعٍ مِّنَ ٱلَّيْلِ وَٱتَّبِعْ أَدْبَٰرَهُمْ وَلَا يَلْتَفِتْ مِنكُمْ أَحَدٌ وَٱمْضُوا۟ حَيْثُ تُؤْمَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborCittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duubaawwan isaanii hordofi, Isin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtanii deemaa.”

See all translations of this verse →

وَقَضَيْنَآ إِلَيْهِ ذَٰلِكَ ٱلْأَمْرَ أَنَّ دَابِرَ هَٰٓؤُلَآءِ مَقْطُوعٌ مُّصْبِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAjaja sanas "xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii muramaadha” jechuun gara isaatti murteessine.

See all translations of this verse →

وَجَآءَ أَهْلُ ٱلْمَدِينَةِ يَسْتَبْشِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJiraattonni magaalaa kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ ضَيْفِى فَلَا تَفْضَحُونِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Luuxis ni jedhe): “isaan kun keessumoota kiyyaa, nan xiqqeessinaa” jedhe.

See all translations of this verse →

وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَلَا تُخْزُونِ

Oromo Translation - Gali Ababor“Rabbiin sodaadhaa; nan xiqqeessinaa.”

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَوَلَمْ نَنْهَكَ عَنِ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Namoonni magaalattii) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِىٓ إِن كُنتُمْ فَٰعِلِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Luux) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”

See all translations of this verse →

لَعَمْرُكَ إِنَّهُمْ لَفِى سَكْرَتِهِمْ يَعْمَهُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.

See all translations of this verse →

فَأَخَذَتْهُمُ ٱلصَّيْحَةُ مُشْرِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIyyattiin isaan qabatte aduu baasifatootahanii.

See all translations of this verse →

فَجَعَلْنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِمْ حِجَارَةً مِّن سِجِّيلٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGubbaa ishee jala ishee taasifnee (gara galchine), dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّلْمُتَوَسِّمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهَا لَبِسَبِيلٍ مُّقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen (magaalattiin) daandii (guddaa) qajeelaa irra jirti.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً لِّلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.

See all translations of this verse →

وَإِن كَانَ أَصْحَٰبُ ٱلْأَيْكَةِ لَظَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababorwarri eeykaa (bosonaa) dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.{1}

See all translations of this verse →

فَٱنتَقَمْنَا مِنْهُمْ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborHaaloo isaan irraa ba’anne. Dhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ كَذَّبَ أَصْحَٰبُ ٱلْحِجْرِ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.{2}

See all translations of this verse →

وَءَاتَيْنَٰهُمْ ءَايَٰتِنَا فَكَانُوا۟ عَنْهَا مُعْرِضِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.

See all translations of this verse →

وَكَانُوا۟ يَنْحِتُونَ مِنَ ٱلْجِبَالِ بُيُوتًا ءَامِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborOf amanoo ta’anii gaarreen irraa manneen isaanii urataa turan.

See all translations of this verse →

فَأَخَذَتْهُمُ ٱلصَّيْحَةُ مُصْبِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte

See all translations of this verse →

فَمَآ أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.

See all translations of this verse →

وَمَا خَلَقْنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَآ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَإِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَـَٔاتِيَةٌ فَٱصْفَحِ ٱلصَّفْحَ ٱلْجَمِيلَ

Oromo Translation - Gali AbaborSamiileef dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumne. Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Irraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.

See all translations of this verse →

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلْخَلَّٰقُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin kee isatu akkaan uumaa, beekaadha

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَٰكَ سَبْعًا مِّنَ ٱلْمَثَانِى وَٱلْقُرْءَانَ ٱلْعَظِيمَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Nuti dorban deddeebi'aa fii Qur’aana guddaa siif kenninee jirra.

See all translations of this verse →

لَا تَمُدَّنَّ عَيْنَيْكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعْنَا بِهِۦٓ أَزْوَٰجًا مِّنْهُمْ وَلَا تَحْزَنْ عَلَيْهِمْ وَٱخْفِضْ جَنَاحَكَ لِلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irratti hin gaddin; kooluu kee Mu’uminootaaf gadi qabi.

See all translations of this verse →

وَقُلْ إِنِّىٓ أَنَا ٱلنَّذِيرُ ٱلْمُبِينُ

Oromo Translation - Gali Ababor“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.

See all translations of this verse →

كَمَآ أَنزَلْنَا عَلَى ٱلْمُقْتَسِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkuma qoqqooddattoota irratti buufne.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ جَعَلُوا۟ ٱلْقُرْءَانَ عِضِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).

See all translations of this verse →

فَوَرَبِّكَ لَنَسْـَٔلَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.

See all translations of this verse →

عَمَّا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan isaan dalagaa turan irraa.

See all translations of this verse →

فَٱصْدَعْ بِمَا تُؤْمَرُ وَأَعْرِضْ عَنِ ٱلْمُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraa garagali.

See all translations of this verse →

إِنَّا كَفَيْنَٰكَ ٱلْمُسْتَهْزِءِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti qishnitoota siif geenyeerra.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يَجْعَلُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدْرُكَ بِمَا يَقُولُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti waan isaan jedhanuun qomti kee rakkachuu ni beekna.

See all translations of this verse →

فَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ وَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessi, Warra sujuudan irraa ta’i.

See all translations of this verse →

وَٱعْبُدْ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأْتِيَكَ ٱلْيَقِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70