caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Ibrahim ابراهيم

52 verses · Mecca · revelation order 72

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓر كِتَٰبٌ أَنزَلْنَٰهُ إِلَيْكَ لِتُخْرِجَ ٱلنَّاسَ مِنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ بِإِذْنِ رَبِّهِمْ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلْعَزِيزِ ٱلْحَمِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborAlif Laam Raa (Inni) kitaaba gara keetti isa buufneedha. akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf.

See all translations of this verse →

ٱللَّهِ ٱلَّذِى لَهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَوَيْلٌ لِّلْكَٰفِرِينَ مِنْ عَذَابٍ شَدِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedha. Badiin azaaba cimaa irraa ta’e kaafirootaaf ta’eera.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يَسْتَحِبُّونَ ٱلْحَيَوٰةَ ٱلدُّنْيَا عَلَى ٱلْـَٔاخِرَةِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبْغُونَهَا عِوَجًا أُو۟لَٰٓئِكَ فِى ضَلَٰلٍۭ بَعِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra jireenya addunyaa kanaa isa Aakhiraa irra jaalatanii, karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi jallina ta’uu ishee barbaadaniidha. Isaan sun jallina fagoo keessa jiru.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَرْسَلْنَا مِن رَّسُولٍ إِلَّا بِلِسَانِ قَوْمِهِۦ لِيُبَيِّنَ لَهُمْ فَيُضِلُّ ٱللَّهُ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِى مَن يَشَآءُ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti ergamaa irraa tokkos afaan ummata isaatiin malee hin ergine. akka inni (ergaa keenya) isaaniif addeessuf jecha. Rabbiin nama fedhe jallisa; nama fedhe qajeelcha. Inni injifataa, ogeessa.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ أَنْ أَخْرِجْ قَوْمَكَ مِنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ وَذَكِّرْهُم بِأَيَّىٰمِ ٱللَّهِ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugumatti Muusaa raajiwwan keenyaan ergine “Ummata kee dukkanoowwan irraa gara ifaatti baasi, Guyyoota Rabbiitiin isaan yaadachiisi” jechuun. Dhugumatti, kana keessa warra akkaan obsanii, cimsanii galateeffatan hundaaf mallattooleetu jira.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ ٱذْكُرُوا۟ نِعْمَةَ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ أَنجَىٰكُم مِّنْ ءَالِ فِرْعَوْنَ يَسُومُونَكُمْ سُوٓءَ ٱلْعَذَابِ وَيُذَبِّحُونَ أَبْنَآءَكُمْ وَيَسْتَحْيُونَ نِسَآءَكُمْ وَفِى ذَٰلِكُم بَلَآءٌ مِّن رَّبِّكُمْ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhu] :“Ni’imaa Rabbii kan isin irratti tahe yaadadhaa. kan yeroo ummata Fir’awni irraa isin baraarse, kan adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan akka jiraatan dhiisan, Kana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.

See all translations of this verse →

وَإِذْ تَأَذَّنَ رَبُّكُمْ لَئِن شَكَرْتُمْ لَأَزِيدَنَّكُمْ وَلَئِن كَفَرْتُمْ إِنَّ عَذَابِى لَشَدِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAmmas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabala. yoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa).

See all translations of this verse →

وَقَالَ مُوسَىٰٓ إِن تَكْفُرُوٓا۟ أَنتُمْ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا فَإِنَّ ٱللَّهَ لَغَنِىٌّ حَمِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborMuusaan nijedhe Yoo isiniifi namoonni dachii irra jiran hundi kafartan (Rabbiin homaa hin miitan) dhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha.

See all translations of this verse →

أَلَمْ يَأْتِكُمْ نَبَؤُا۟ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِكُمْ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَٱلَّذِينَ مِنۢ بَعْدِهِمْ لَا يَعْلَمُهُمْ إِلَّا ٱللَّهُ جَآءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ فَرَدُّوٓا۟ أَيْدِيَهُمْ فِىٓ أَفْوَٰهِهِمْ وَقَالُوٓا۟ إِنَّا كَفَرْنَا بِمَآ أُرْسِلْتُم بِهِۦ وَإِنَّا لَفِى شَكٍّ مِّمَّا تَدْعُونَنَآ إِلَيْهِ مُرِيبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila oduun warra isin dura turanii isin hin geenyee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hin geenyee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harkoowwan isaanii afaanoowwan isaanii keessatti deebisani “Dhugumatti, nuti isa isin ittiin ergamtanitti kafarree jirra. Ammas nuti isa isin itti nu waamtan irraa mamii dhamaasaa keessa jirra” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَتْ رُسُلُهُمْ أَفِى ٱللَّهِ شَكٌّ فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يَدْعُوكُمْ لِيَغْفِرَ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمْ وَيُؤَخِّرَكُمْ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى قَالُوٓا۟ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا تُرِيدُونَ أَن تَصُدُّونَا عَمَّا كَانَ يَعْبُدُ ءَابَآؤُنَا فَأْتُونَا بِسُلْطَٰنٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborErgamoonni isaanii ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?”. [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa malee hintaane, waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadan. mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَتْ لَهُمْ رُسُلُهُمْ إِن نَّحْنُ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يَمُنُّ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ مِنْ عِبَادِهِۦ وَمَا كَانَ لَنَآ أَن نَّأْتِيَكُم بِسُلْطَٰنٍ إِلَّا بِإِذْنِ ٱللَّهِ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgamoonni isaanii isaanin ni jedhan: “Nuti nama fakkaataa keessanii malee hin taane. Garuu Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti tola oola. Nuti hayyama Rabbiitiin malee taaytaa (ragaa) tokkoonis isinitti dhufuun nuuf hin taane. Mu’uminoonni Rabbi (qofa) irratti haa hirkatanu.

See all translations of this verse →

وَمَا لَنَآ أَلَّا نَتَوَكَّلَ عَلَى ٱللَّهِ وَقَدْ هَدَىٰنَا سُبُلَنَا وَلَنَصْبِرَنَّ عَلَىٰ مَآ ءَاذَيْتُمُونَا وَعَلَى ٱللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُتَوَكِّلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila dhugumatti odoo Inni karaa keenya nu qajeelchee jiruu maaltu nuuf jiraayyi Rabbi irratti hin hirkanne! Dhugumatti rakkoo isin nurrraan geessan irratti ni obsina. Hirkattoonni Rabbi irratti haa hirkatu.”

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِرُسُلِهِمْ لَنُخْرِجَنَّكُم مِّنْ أَرْضِنَآ أَوْ لَتَعُودُنَّ فِى مِلَّتِنَا فَأَوْحَىٰٓ إِلَيْهِمْ رَبُّهُمْ لَنُهْلِكَنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri kafaran ergamtoota isaaniitiin nijedhan “dhugumatti, nuti dachii keenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhan. Rabbiin isaanii “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe.

See all translations of this verse →

وَلَنُسْكِنَنَّكُمُ ٱلْأَرْضَ مِنۢ بَعْدِهِمْ ذَٰلِكَ لِمَنْ خَافَ مَقَامِى وَخَافَ وَعِيدِ

Oromo Translation - Gali Ababor“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifna. Kun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.”

See all translations of this verse →

وَٱسْتَفْتَحُوا۟ وَخَابَ كُلُّ جَبَّارٍ عَنِيدٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ergamoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadan. (gargaarsa ni argatan) Of tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e.

See all translations of this verse →

مِّن وَرَآئِهِۦ جَهَنَّمُ وَيُسْقَىٰ مِن مَّآءٍ صَدِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborFuuldura isaa jahannamtu jira. Bishaan malaa irraa obaafama.

See all translations of this verse →

يَتَجَرَّعُهُۥ وَلَا يَكَادُ يُسِيغُهُۥ وَيَأْتِيهِ ٱلْمَوْتُ مِن كُلِّ مَكَانٍ وَمَا هُوَ بِمَيِّتٍ وَمِن وَرَآئِهِۦ عَذَابٌ غَلِيظٌ

Oromo Translation - Gali AbaborLiqimsuuf yaala; gadi isa liqimsuutti hin dhiyaatu (hin danda’u). Duuti kallattii hunda irraa isatti dhufa. Inni kan du’uu miti. Fuuldura isaa azaaba guddaa ta’etu jira.

See all translations of this verse →

مَّثَلُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِرَبِّهِمْ أَعْمَٰلُهُمْ كَرَمَادٍ ٱشْتَدَّتْ بِهِ ٱلرِّيحُ فِى يَوْمٍ عَاصِفٍ لَّا يَقْدِرُونَ مِمَّا كَسَبُوا۟ عَلَىٰ شَىْءٍ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلضَّلَٰلُ ٱلْبَعِيدُ

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenyi warra Rabbii isaaniitti kafaranii, dalagaaleen isaanii akka daaraa guyyaa bubbee cimaa qilleensi itti hammaatteeti, Waan hojjatan irraa homaattuu (fayyadamuu) hin danda’an. Kun isatu jallina fagoodha.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِٱلْحَقِّ إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila dhugumatti Rabbiin samiileefii dachii dhugaan uumuu hin argituu? (Rabbiin) yoo fedhe isin adeemsiseetiin uumama haaraa fida.

See all translations of this verse →

وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ بِعَزِيزٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKuni Rabbi irratti jabaataa miti.

See all translations of this verse →

وَبَرَزُوا۟ لِلَّهِ جَمِيعًا فَقَالَ ٱلضُّعَفَٰٓؤُا۟ لِلَّذِينَ ٱسْتَكْبَرُوٓا۟ إِنَّا كُنَّا لَكُمْ تَبَعًا فَهَلْ أَنتُم مُّغْنُونَ عَنَّا مِنْ عَذَابِ ٱللَّهِ مِن شَىْءٍ قَالُوا۟ لَوْ هَدَىٰنَا ٱللَّهُ لَهَدَيْنَٰكُمْ سَوَآءٌ عَلَيْنَآ أَجَزِعْنَآ أَمْ صَبَرْنَا مَا لَنَا مِن مَّحِيصٍ

Oromo Translation - Gali AbaborHunda ta’anii Rabbiif mul’atan. dadhaboonni isaan boonaniin nijedhan “dhugumatti, nuti isiniif hordoftoota taane, sila isin adabbii Rabbii irraa homa tokko nurraa deebisoo dhaa?" (Isaan boonan) nijedhan “Odoo Rabbiin nu qajeelchee, silaa nutis isin qajeelchina turre. (Har’a) obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixa. Iddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru”.

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلشَّيْطَٰنُ لَمَّا قُضِىَ ٱلْأَمْرُ إِنَّ ٱللَّهَ وَعَدَكُمْ وَعْدَ ٱلْحَقِّ وَوَعَدتُّكُمْ فَأَخْلَفْتُكُمْ وَمَا كَانَ لِىَ عَلَيْكُم مِّن سُلْطَٰنٍ إِلَّآ أَن دَعَوْتُكُمْ فَٱسْتَجَبْتُمْ لِى فَلَا تَلُومُونِى وَلُومُوٓا۟ أَنفُسَكُم مَّآ أَنَا۠ بِمُصْرِخِكُمْ وَمَآ أَنتُم بِمُصْرِخِىَّ إِنِّى كَفَرْتُ بِمَآ أَشْرَكْتُمُونِ مِن قَبْلُ إِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababoryeroma dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedhe: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif seene; anis waadaa isiniif seenee isin gane. isin irratti anaaf aangoon tokkollee hin taane. Isin waamnaanuma naaf owwaattan malee.ana hin komatinaa, lubbuulee teessan komadhaa malee. Ani isiniif birmataa miti; isiniis naaf birmatoo miti. Ani waan isin duraan (Rabbitti) na qindeessitan waakkadhe” Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira.

See all translations of this verse →

وَأُدْخِلَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا بِإِذْنِ رَبِّهِمْ تَحِيَّتُهُمْ فِيهَا سَلَٰمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan amananii gaggaarii hojjatan jannata laggeen ishee keessa yaatu seensifaman. ishee keessatti kan hafan ta’anii hayyama Gooftaa isaaniitiin. waldubbisaan isaanii ishee keessatti ‘salaam’ (jechuu dha).

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ كَيْفَ ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا كَلِمَةً طَيِّبَةً كَشَجَرَةٍ طَيِّبَةٍ أَصْلُهَا ثَابِتٌ وَفَرْعُهَا فِى ٱلسَّمَآءِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila akkamitti akka Rabbiin fakkeenya godhe hin arginee? jechi gaariin akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee, dameen ishee samii keessatti ta’eetti.

See all translations of this verse →

تُؤْتِىٓ أُكُلَهَا كُلَّ حِينٍۭ بِإِذْنِ رَبِّهَا وَيَضْرِبُ ٱللَّهُ ٱلْأَمْثَالَ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborFirii ishee ni kenniti (nidhalti) Yeroo hunda hayyama Gooftaa isheetiin. Rabbiin fakkeenya namootaaf godha Akka isaan gorfamanuuf jecha.

See all translations of this verse →

وَمَثَلُ كَلِمَةٍ خَبِيثَةٍ كَشَجَرَةٍ خَبِيثَةٍ ٱجْتُثَّتْ مِن فَوْقِ ٱلْأَرْضِ مَا لَهَا مِن قَرَارٍ

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenyi jecha fokkataa akka muka fokkataati. kan gubbaa dachii irraa buqqifamtee isheedhaaf gadi dhaabannaan hin taaneeti.

See all translations of this verse →

يُثَبِّتُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِٱلْقَوْلِ ٱلثَّابِتِ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَفِى ٱلْـَٔاخِرَةِ وَيُضِلُّ ٱللَّهُ ٱلظَّٰلِمِينَ وَيَفْعَلُ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra amanan jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaaba. jireenya addunyaafi Aakhiraa keessattis. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni jallisa. Rabbiin waan fedhe hojjata.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ بَدَّلُوا۟ نِعْمَتَ ٱللَّهِ كُفْرًا وَأَحَلُّوا۟ قَوْمَهُمْ دَارَ ٱلْبَوَارِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gara isaan ni’imaa Rabbii kufriin jijjiiranii hinlaallee?,kan ummata isaanii ganda badii qubsiisan.

See all translations of this verse →

جَهَنَّمَ يَصْلَوْنَهَا وَبِئْسَ ٱلْقَرَارُ

Oromo Translation - Gali AbaborJahannamiin ishee seensifaman, qubannaa waa fokkate!

See all translations of this verse →

وَجَعَلُوا۟ لِلَّهِ أَندَادًا لِّيُضِلُّوا۟ عَن سَبِيلِهِۦ قُلْ تَمَتَّعُوا۟ فَإِنَّ مَصِيرَكُمْ إِلَى ٱلنَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborKaraa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif hiriyoota godhan. “(yeroo xiqqoof) qanani’aa Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaati” jedhiin.

See all translations of this verse →

قُل لِّعِبَادِىَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ يُقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُنفِقُوا۟ مِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِىَ يَوْمٌ لَّا بَيْعٌ فِيهِ وَلَا خِلَٰلٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin jedhi “salaata ni dhaaban, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii ni arjoomu (sagadaa, arjoomaa) odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura”.

See all translations of this verse →

ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَخْرَجَ بِهِۦ مِنَ ٱلثَّمَرَٰتِ رِزْقًا لَّكُمْ وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلْفُلْكَ لِتَجْرِىَ فِى ٱلْبَحْرِ بِأَمْرِهِۦ وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلْأَنْهَٰرَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin Isa samiifi dachii uumee samiiwwan irraas bishaan (rooba) buusee ittiin fuduraa irraa soorata isiniif baaseedha. Dooniis akka ajaja Isaatiin galaana keessa deemtu isiniif laaffise; laggeenis isiniif laaffise.

See all translations of this verse →

وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ دَآئِبَيْنِ وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ

Oromo Translation - Gali AbaborAduufi ji’as walitti fufuun kan deeman ta’anii isiniif laaffisee halkaniifi guyyaas isiniif laaffise.

See all translations of this verse →

وَءَاتَىٰكُم مِّن كُلِّ مَا سَأَلْتُمُوهُ وَإِن تَعُدُّوا۟ نِعْمَتَ ٱللَّهِ لَا تُحْصُوهَآ إِنَّ ٱلْإِنسَٰنَ لَظَلُومٌ كَفَّارٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenne. qananii Rabbii odoo lakkooftani ishee fixuu hin dandeessanu. Dhugumatti, namni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَ إِبْرَٰهِيمُ رَبِّ ٱجْعَلْ هَٰذَا ٱلْبَلَدَ ءَامِنًا وَٱجْنُبْنِى وَبَنِىَّ أَن نَّعْبُدَ ٱلْأَصْنَامَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Ibraahiim jedhu [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) nagaya taasisi. Anaafi ilmaan kiyyaas taabotoota gabbaruu irraa nu fageessi.

See all translations of this verse →

رَبِّ إِنَّهُنَّ أَضْلَلْنَ كَثِيرًا مِّنَ ٱلنَّاسِ فَمَن تَبِعَنِى فَإِنَّهُۥ مِنِّى وَمَنْ عَصَانِى فَإِنَّكَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa kiyya! isaan nama hedduu jallisanii jiru; Namni na hordofe, inni anarraayyi. Nama na dide Ati araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

رَّبَّنَآ إِنِّىٓ أَسْكَنتُ مِن ذُرِّيَّتِى بِوَادٍ غَيْرِ ذِى زَرْعٍ عِندَ بَيْتِكَ ٱلْمُحَرَّمِ رَبَّنَا لِيُقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ فَٱجْعَلْ أَفْـِٔدَةً مِّنَ ٱلنَّاسِ تَهْوِىٓ إِلَيْهِمْ وَٱرْزُقْهُم مِّنَ ٱلثَّمَرَٰتِ لَعَلَّهُمْ يَشْكُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa keenya! Ani garii maatii kiyya irraa ta’e bowwaa (laga) qonna hin qabne, mana kee kabajamaa biratti dhiiseen jira. Gooftaa keenya! Akka salaata gadi dhaabaniif jecha. nama irraas onneewwan (isaanii) kan gara isaanii hawwitu taasisi;fuduraalee irraas isaan soori Akka isaan Si galateeffataniif.

See all translations of this verse →

رَبَّنَآ إِنَّكَ تَعْلَمُ مَا نُخْفِى وَمَا نُعْلِنُ وَمَا يَخْفَىٰ عَلَى ٱللَّهِ مِن شَىْءٍ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِى ٱلسَّمَآءِ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa keenya! Ati waan nuti dhoksinuufi waan nuti ifa goonu ni beekta. Rabbi irratti dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu hin dhokatu.

See all translations of this verse →

ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ ٱلَّذِى وَهَبَ لِى عَلَى ٱلْكِبَرِ إِسْمَٰعِيلَ وَإِسْحَٰقَ إِنَّ رَبِّى لَسَمِيعُ ٱلدُّعَآءِ

Oromo Translation - Gali AbaborFaaruun (hundi) kan Rabbii manguddummaa irratti Ismaa’iiliifi Isihaaqiin naaf kenneeti. Dhugumatti, Gooftaan kiyya kadhaa dhaga’aadha.

See all translations of this verse →

رَبِّ ٱجْعَلْنِى مُقِيمَ ٱلصَّلَوٰةِ وَمِن ذُرِّيَّتِى رَبَّنَا وَتَقَبَّلْ دُعَآءِ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhi. Ilmaan kiyya irraas (akkasuma). Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali.

See all translations of this verse →

رَبَّنَا ٱغْفِرْ لِى وَلِوَٰلِدَىَّ وَلِلْمُؤْمِنِينَ يَوْمَ يَقُومُ ٱلْحِسَابُ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa keenya! naaf araarami, haadhaafi abbaa kiyyaafis mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu (guyyaa qiyaamaa) san.

See all translations of this verse →

وَلَا تَحْسَبَنَّ ٱللَّهَ غَٰفِلًا عَمَّا يَعْمَلُ ٱلظَّٰلِمُونَ إِنَّمَا يُؤَخِّرُهُمْ لِيَوْمٍ تَشْخَصُ فِيهِ ٱلْأَبْصَٰرُ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin Waan zaalimtoonni hojjatanirraa dagataa hin sehin. Kan Rabbiin booda isaan aansuuf guyyaa isa keessa ijoowwan banamtee ol fuudhamtuufi.

See all translations of this verse →

مُهْطِعِينَ مُقْنِعِى رُءُوسِهِمْ لَا يَرْتَدُّ إِلَيْهِمْ طَرْفُهُمْ وَأَفْـِٔدَتُهُمْ هَوَآءٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Gara waamichaatti) daddafoodha, mataalee isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati), Ijji isaanii gara isaaniitti hin deebi'u, Qalbiileen isaaniis duwwaadha.

See all translations of this verse →

وَأَنذِرِ ٱلنَّاسَ يَوْمَ يَأْتِيهِمُ ٱلْعَذَابُ فَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ رَبَّنَآ أَخِّرْنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٍ قَرِيبٍ نُّجِبْ دَعْوَتَكَ وَنَتَّبِعِ ٱلرُّسُلَ أَوَلَمْ تَكُونُوٓا۟ أَقْسَمْتُم مِّن قَبْلُ مَا لَكُم مِّن زَوَالٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIlma namaa akeekkachiis guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan nijedhan “Gooftaa keenya! hanga beellama dhihootti booda nu aansi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna”. (isaaniin jedhama) “Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi isiniif hinjirurratti kakachaa hin turree?

See all translations of this verse →

وَسَكَنتُمْ فِى مَسَٰكِنِ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ وَتَبَيَّنَ لَكُمْ كَيْفَ فَعَلْنَا بِهِمْ وَضَرَبْنَا لَكُمُ ٱلْأَمْثَالَ

Oromo Translation - Gali AbaborManneen warra lubbuulee isaanii miidhanii keessa jiraattan. Akkam akka isaanitti hojjannes ifa isiniif ta’eera. Fakkeenya hedduus isiniif gooneerra” (jedhamaan).

See all translations of this verse →

وَقَدْ مَكَرُوا۟ مَكْرَهُمْ وَعِندَ ٱللَّهِ مَكْرُهُمْ وَإِن كَانَ مَكْرُهُمْ لِتَزُولَ مِنْهُ ٱلْجِبَالُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiru. Malli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jira. Tooftaan isaanii kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti.

See all translations of this verse →

فَلَا تَحْسَبَنَّ ٱللَّهَ مُخْلِفَ وَعْدِهِۦ رُسُلَهُۥٓ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ ذُو ٱنتِقَامٍ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadin. Dhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati.

See all translations of this verse →

يَوْمَ تُبَدَّلُ ٱلْأَرْضُ غَيْرَ ٱلْأَرْضِ وَٱلسَّمَٰوَٰتُ وَبَرَزُوا۟ لِلَّهِ ٱلْوَٰحِدِ ٱلْقَهَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiileenis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu].

See all translations of this verse →

وَتَرَى ٱلْمُجْرِمِينَ يَوْمَئِذٍ مُّقَرَّنِينَ فِى ٱلْأَصْفَادِ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa san badii hojjattoota sakaallaalee keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita.

See all translations of this verse →

سَرَابِيلُهُم مِّن قَطِرَانٍ وَتَغْشَىٰ وُجُوهَهُمُ ٱلنَّارُ

Oromo Translation - Gali AbaborQamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyi. Ibiddi fuula isaanii ni haguugdi.

See all translations of this verse →

لِيَجْزِىَ ٱللَّهُ كُلَّ نَفْسٍ مَّا كَسَبَتْ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe). Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha.

See all translations of this verse →

هَٰذَا بَلَٰغٌ لِّلنَّاسِ وَلِيُنذَرُوا۟ بِهِۦ وَلِيَعْلَمُوٓا۟ أَنَّمَا هُوَ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ وَلِيَذَّكَّرَ أُو۟لُوا۟ ٱلْأَلْبَٰبِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Qur’aanni) kun ergaa gayaa ilma namaati, akka ittiin akeekkachiifamanuuf, Inni (Rabbiin) gabbaramaa haqaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70