Home › Surahs › Surah Al-Anfaal
Surah Al-Anfaal الأنفال
75 verses · Medina · revelation order 88
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلْأَنفَالِ قُلِ ٱلْأَنفَالُ لِلَّهِ وَٱلرَّسُولِ فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَصْلِحُوا۟ ذَاتَ بَيْنِكُمْ وَأَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Boojuu irraa si gaafatu, jedhi “Boojuun kan Rabbiifi ergamaa Isaati, Rabbiin sodaadhaa. Hariiroo gidduu keessan jiru tolchaa.Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa Yoo mu’uminoota taatan".
See all translations of this verse →
إِنَّمَا ٱلْمُؤْمِنُونَ ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَجِلَتْ قُلُوبُهُمْ وَإِذَا تُلِيَتْ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُهُۥ زَادَتْهُمْ إِيمَٰنًا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mu’umintoonni (dhugaa) warra yeroo (maqaan) Rabbii dubbatamu onneewwan isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuu, kan Gooftaa isaanii irratti irkataniidha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ يُقِيمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَمِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ يُنفِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan salaata (seera ishee guutanii) dhaabani, waan nuti isaaniif kennine irraas kennitaniidha.
See all translations of this verse →
أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُؤْمِنُونَ حَقًّا لَّهُمْ دَرَجَٰتٌ عِندَ رَبِّهِمْ وَمَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’uminoota, Gooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduuisaaniif jira, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) (isaaniif jiraaf).
See all translations of this verse →
كَمَآ أَخْرَجَكَ رَبُّكَ مِنۢ بَيْتِكَ بِٱلْحَقِّ وَإِنَّ فَرِيقًا مِّنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ لَكَٰرِهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor akkuma Rabbiin kee mana kee irraa dhugaan si baaseeti. gariin mu’uminootarraa nijibban.
See all translations of this verse →
يُجَٰدِلُونَكَ فِى ٱلْحَقِّ بَعْدَ مَا تَبَيَّنَ كَأَنَّمَا يُسَاقُونَ إِلَى ٱلْمَوْتِ وَهُمْ يَنظُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Siin falmu Dhugaa irratti, erga inni ifa ta’ee booda, akka waan odoo argan gara du’aa oofamaaraniitti .
See all translations of this verse →
وَإِذْ يَعِدُكُمُ ٱللَّهُ إِحْدَى ٱلطَّآئِفَتَيْنِ أَنَّهَا لَكُمْ وَتَوَدُّونَ أَنَّ غَيْرَ ذَاتِ ٱلشَّوْكَةِ تَكُونُ لَكُمْ وَيُرِيدُ ٱللَّهُ أَن يُحِقَّ ٱلْحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦ وَيَقْطَعَ دَابِرَ ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo tokkoon gareewwan lamaanii isiniif ta’uu Rabbiin waadaa isiniif galee, isinis isheen abbaa lolaa hin ta’in (gareen daldaalaa) isiniif ta’uu jaallattan, Rabbiin nifedha jechoota (waadaa) Isaatiin dhugaa mirkaneessuu. hidda kaafirootaa muruu (fedha).
See all translations of this verse →
لِيُحِقَّ ٱلْحَقَّ وَيُبْطِلَ ٱلْبَٰطِلَ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُجْرِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Wanti kana hojjateef) akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi odoo kaafiroonni jibbanillee .
See all translations of this verse →
إِذْ تَسْتَغِيثُونَ رَبَّكُمْ فَٱسْتَجَابَ لَكُمْ أَنِّى مُمِدُّكُم بِأَلْفٍ مِّنَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةِ مُرْدِفِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate “Ani maleykoota kumaa wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” (jeche) [yaadadhu].
See all translations of this verse →
وَمَا جَعَلَهُ ٱللَّهُ إِلَّا بُشْرَىٰ وَلِتَطْمَئِنَّ بِهِۦ قُلُوبُكُمْ وَمَا ٱلنَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِندِ ٱللَّهِ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin gammachuu (keessanii)fi akka onneewwan keessan ittiin tasgabbooftuuf malee waan biraatiif isa hin goone, Injifannoon Rabbiin biraa malee hin taane. Rabbiin injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
إِذْ يُغَشِّيكُمُ ٱلنُّعَاسَ أَمَنَةً مِّنْهُ وَيُنَزِّلُ عَلَيْكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً لِّيُطَهِّرَكُم بِهِۦ وَيُذْهِبَ عَنكُمْ رِجْزَ ٱلشَّيْطَٰنِ وَلِيَرْبِطَ عَلَىٰ قُلُوبِكُمْ وَيُثَبِّتَ بِهِ ٱلْأَقْدَامَ
Oromo Translation - Gali Ababor [yaadadhaa]. Yeroo Inni hirribaan isin haguuge tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti).samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse (roobse), isaan isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaa isin irraa deemsisuuf, onneewwan keessanirratti (obsaan) jabeessuuf, faanowwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha (isiniif roobse).
See all translations of this verse →
إِذْ يُوحِى رَبُّكَ إِلَى ٱلْمَلَٰٓئِكَةِ أَنِّى مَعَكُمْ فَثَبِّتُوا۟ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ سَأُلْقِى فِى قُلُوبِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱلرُّعْبَ فَٱضْرِبُوا۟ فَوْقَ ٱلْأَعْنَاقِ وَٱضْرِبُوا۟ مِنْهُمْ كُلَّ بَنَانٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti beeksisa godhe [yaadadhu] “Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaa, Ani onneewwan isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Mormoowwan (isaanii) gubbaa rukutaa, Isaan irraas quba hunda rukutaa” (jedhee).
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ شَآقُّوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَمَن يُشَاقِقِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَإِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلْعِقَابِ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaa faallessaniifi, Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكُمْ فَذُوقُوهُ وَأَنَّ لِلْكَٰفِرِينَ عَذَابَ ٱلنَّارِ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaa, Dhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا لَقِيتُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ زَحْفًا فَلَا تُوَلُّوهُمُ ٱلْأَدْبَارَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin baqatinaa).
See all translations of this verse →
وَمَن يُوَلِّهِمْ يَوْمَئِذٍ دُبُرَهُۥٓ إِلَّا مُتَحَرِّفًا لِّقِتَالٍ أَوْ مُتَحَيِّزًا إِلَىٰ فِئَةٍ فَقَدْ بَآءَ بِغَضَبٍ مِّنَ ٱللَّهِ وَمَأْوَىٰهُ جَهَنَّمُ وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jira, Teessoon isaas jahannami, Deebiin (isaanii jahannam) waa fokkate.
See all translations of this verse →
فَلَمْ تَقْتُلُوهُمْ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ قَتَلَهُمْ وَمَا رَمَيْتَ إِذْ رَمَيْتَ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ رَمَىٰ وَلِيُبْلِىَ ٱلْمُؤْمِنِينَ مِنْهُ بَلَآءً حَسَنًا إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isin isaan hin ajjeefne Garuu Rabbitu isaan ajjeese. Ati hin darbanne Yeroo darbatte Garuu Rabbiitu darbate. Mu’uminootaafis tola gaarii isa biraa ta’e akka kennuuf (kana hojjate). Rabbiin dhagahaa, beekaadha.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكُمْ وَأَنَّ ٱللَّهَ مُوهِنُ كَيْدِ ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun (dhugaadha) Rabbiin dadhabsiisaa tooftaa kaafirootati.
See all translations of this verse →
إِن تَسْتَفْتِحُوا۟ فَقَدْ جَآءَكُمُ ٱلْفَتْحُ وَإِن تَنتَهُوا۟ فَهُوَ خَيْرٌ لَّكُمْ وَإِن تَعُودُوا۟ نَعُدْ وَلَن تُغْنِىَ عَنكُمْ فِئَتُكُمْ شَيْـًٔا وَلَوْ كَثُرَتْ وَأَنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jira. Yoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadha. Ammas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (tumsa keenyaan) ni deebina.Tuunni keessan odoo baay’attellee homaa isin hin fayyadanu. Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَلَا تَوَلَّوْا۟ عَنْهُ وَأَنتُمْ تَسْمَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajajamaa, Odoo dhageessanuu Isa irraa gara hin galinaa.
See all translations of this verse →
وَلَا تَكُونُوا۟ كَٱلَّذِينَ قَالُوا۟ سَمِعْنَا وَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka isaan “dhageenyee jirra” jedhanii hin ta’inaa haala isaan hin dhageenyeen.
See all translations of this verse →
إِنَّ شَرَّ ٱلدَّوَآبِّ عِندَ ٱللَّهِ ٱلصُّمُّ ٱلْبُكْمُ ٱلَّذِينَ لَا يَعْقِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti duudaa, arraba qabamaa, isaan aqlii hin qabneedha.
See all translations of this verse →
وَلَوْ عَلِمَ ٱللَّهُ فِيهِمْ خَيْرًا لَّأَسْمَعَهُمْ وَلَوْ أَسْمَعَهُمْ لَتَوَلَّوا۟ وَّهُم مُّعْرِضُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee, silaa isaan dhageessisa ture. Odoo isaan dhageessisee, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱسْتَجِيبُوا۟ لِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ إِذَا دَعَاكُمْ لِمَا يُحْيِيكُمْ وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ يَحُولُ بَيْنَ ٱلْمَرْءِ وَقَلْبِهِۦ وَأَنَّهُۥٓ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Rabbiif awwaadhaa, Ergamaa Isaatiifis; yeroo inni waan isin jiraachisutti isin waame (awwaadhaa). beekaa Rabbiin gidduu namichaatiifi onnee isaa nigolga. isin gara Isaatti walitti qabamtan.
See all translations of this verse →
وَٱتَّقُوا۟ فِتْنَةً لَّا تُصِيبَنَّ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ مِنكُمْ خَآصَّةً وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلْعِقَابِ
Oromo Translation - Gali Ababor Rakkoo (Fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophaatti hin tuqne sodaadhaa. Rabbiin adabbiin isaa cimaadhaa beekaa
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرُوٓا۟ إِذْ أَنتُمْ قَلِيلٌ مُّسْتَضْعَفُونَ فِى ٱلْأَرْضِ تَخَافُونَ أَن يَتَخَطَّفَكُمُ ٱلنَّاسُ فَـَٔاوَىٰكُمْ وَأَيَّدَكُم بِنَصْرِهِۦ وَرَزَقَكُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaadadhaa yeroo isin muraasa, dachii keessattis hacuucamoo, namoonni (saamichaafi ajjeechaan) isin bubbutuu sodaattan, (Rabbiin) isin qubsiisee, tumsa Isaatiin isin gargaare,gaggaarii irraa isin soore akka isin galateeffattaniif.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَخُونُوا۟ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ وَتَخُونُوٓا۟ أَمَٰنَٰتِكُمْ وَأَنتُمْ تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa hin ganinaa, amaanaa keessanis hin ganinaa odoo beektanii.
See all translations of this verse →
وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّمَآ أَمْوَٰلُكُمْ وَأَوْلَٰدُكُمْ فِتْنَةٌ وَأَنَّ ٱللَّهَ عِندَهُۥٓ أَجْرٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor beekaa qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessanis (fitnaa) mokkoroodha. Rabbiin mindaan guddaan Isa bira jira.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِن تَتَّقُوا۟ ٱللَّهَ يَجْعَل لَّكُمْ فُرْقَانًا وَيُكَفِّرْ عَنكُمْ سَيِّـَٔاتِكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ وَٱللَّهُ ذُو ٱلْفَضْلِ ٱلْعَظِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Yoo Rabbiin sodaattan, addaan baasaa (dhugaafi dharaa) isiniif godha. Badiilee teessan isin irraa harcaasa, Isiniif araaramas, Rabbiin abbaa tola guddaati.
See all translations of this verse →
وَإِذْ يَمْكُرُ بِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِيُثْبِتُوكَ أَوْ يَقْتُلُوكَ أَوْ يُخْرِجُوكَ وَيَمْكُرُونَ وَيَمْكُرُ ٱللَّهُ وَٱللَّهُ خَيْرُ ٱلْمَٰكِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isaan kafaran shira sirratti baasan [yaadadhu], si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf. Isaan shira baasu; Rabbiinis shira baasa (shira isaanii isaan irratti deebisa), Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti.
See all translations of this verse →
وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُنَا قَالُوا۟ قَدْ سَمِعْنَا لَوْ نَشَآءُ لَقُلْنَا مِثْلَ هَٰذَآ إِنْ هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu nijedhan “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti”.
See all translations of this verse →
وَإِذْ قَالُوا۟ ٱللَّهُمَّ إِن كَانَ هَٰذَا هُوَ ٱلْحَقَّ مِنْ عِندِكَ فَأَمْطِرْ عَلَيْنَا حِجَارَةً مِّنَ ٱلسَّمَآءِ أَوِ ٱئْتِنَا بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isaan jedhan yaadadhu “Yaa Allaah! Yoo kuni dhugaa si biraa (bu’e) ta’e, samii irraa dhagaa nurratti roobsi; yookiin adabbii laalessaa nutti fidi”.
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنتَ فِيهِمْ وَمَا كَانَ ٱللَّهُ مُعَذِّبَهُمْ وَهُمْ يَسْتَغْفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiinis odoo ati isaan keessa jirtuu kan isaan adabu hin taane, Ammas Rabbiin odoo isaan araarama kadhatanuu kan isaan adabu hin taane.
See all translations of this verse →
وَمَا لَهُمْ أَلَّا يُعَذِّبَهُمُ ٱللَّهُ وَهُمْ يَصُدُّونَ عَنِ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ وَمَا كَانُوٓا۟ أَوْلِيَآءَهُۥٓ إِنْ أَوْلِيَآؤُهُۥٓ إِلَّا ٱلْمُتَّقُونَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor maaltu isaaniif tahe kan Rabbiin isaan hin adabneef, Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) dhoorganiin. isaan itti gaafatamtoota isaa hintaane.itti gaafatamtoonni isaa Warra Rabbiin sodaatan malee kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ صَلَاتُهُمْ عِندَ ٱلْبَيْتِ إِلَّا مُكَآءً وَتَصْدِيَةً فَذُوقُوا۟ ٱلْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu) fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taane, adabbii dhandhamaa Sababa kufrii keessaniif.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ يُنفِقُونَ أَمْوَٰلَهُمْ لِيَصُدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ فَسَيُنفِقُونَهَا ثُمَّ تَكُونُ عَلَيْهِمْ حَسْرَةً ثُمَّ يُغْلَبُونَ وَٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِلَىٰ جَهَنَّمَ يُحْشَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan kafaran (namoota) karaa Rabbii irraa dhorguuf jecha qabeenya isaanii kennu, Fuula duras ishee kennu, Sana booda isaan irratti gaabbii taati, Ergasii ni injifatamu; isaan kafaran gara jahannamitti walitti qabamu.
See all translations of this verse →
لِيَمِيزَ ٱللَّهُ ٱلْخَبِيثَ مِنَ ٱلطَّيِّبِ وَيَجْعَلَ ٱلْخَبِيثَ بَعْضَهُۥ عَلَىٰ بَعْضٍ فَيَرْكُمَهُۥ جَمِيعًا فَيَجْعَلَهُۥ فِى جَهَنَّمَ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْخَٰسِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin fokkataa gaarii irraa adda baasuufi, fokkataa garii isaa garii gubbaatti taasisa, hunda isaanii walitti tuulee, ergasii jahannam keessatti isaan taasisuuf (walitti qabamu). Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
See all translations of this verse →
قُل لِّلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِن يَنتَهُوا۟ يُغْفَرْ لَهُم مَّا قَدْ سَلَفَ وَإِن يَعُودُوا۟ فَقَدْ مَضَتْ سُنَّتُ ٱلْأَوَّلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaraniin jedhi, yoo (kufrii irraa) dhorgaman wanti dabre isaaniif araaramama, Yoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti.
See all translations of this verse →
وَقَٰتِلُوهُمْ حَتَّىٰ لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ وَيَكُونَ ٱلدِّينُ كُلُّهُۥ لِلَّهِ فَإِنِ ٱنتَهَوْا۟ فَإِنَّ ٱللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhorgaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.
See all translations of this verse →
وَإِن تَوَلَّوْا۟ فَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ مَوْلَىٰكُمْ نِعْمَ ٱلْمَوْلَىٰ وَنِعْمَ ٱلنَّصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan irraa gara galan, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessanii beekaa, Tiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole.
See all translations of this verse →
وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّمَا غَنِمْتُم مِّن شَىْءٍ فَأَنَّ لِلَّهِ خُمُسَهُۥ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِى ٱلْقُرْبَىٰ وَٱلْيَتَٰمَىٰ وَٱلْمَسَٰكِينِ وَٱبْنِ ٱلسَّبِيلِ إِن كُنتُمْ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ وَمَآ أَنزَلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا يَوْمَ ٱلْفُرْقَانِ يَوْمَ ٱلْتَقَى ٱلْجَمْعَانِ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Beekaa wanti isin boojitan kumiyyuu, tokko shanaffaan isaa Rabbiifi, ergamaa Isaatiifi, firoota dhihootiifi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi, kara deemaaf taha; yoo kan Rabbiifi waan Nuti gabricha keenya irratti guyyaa addaba’iinsaa (dhugaafi soba addaan baafne), guyyaa (Badrii kan) tuutti lamaan wal qunnaman buufnetti kan amantan taatan (sana beekaa), Rabbiini waan hunda irratti danda’aadha
See all translations of this verse →
إِذْ أَنتُم بِٱلْعُدْوَةِ ٱلدُّنْيَا وَهُم بِٱلْعُدْوَةِ ٱلْقُصْوَىٰ وَٱلرَّكْبُ أَسْفَلَ مِنكُمْ وَلَوْ تَوَاعَدتُّمْ لَٱخْتَلَفْتُمْ فِى ٱلْمِيعَٰدِ وَلَٰكِن لِّيَقْضِىَ ٱللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا لِّيَهْلِكَ مَنْ هَلَكَ عَنۢ بَيِّنَةٍ وَيَحْيَىٰ مَنْ حَىَّ عَنۢ بَيِّنَةٍ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَسَمِيعٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihootti taatanii, isaan moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa). Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtan, Garuu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa ifa ta’e booda akka baduuf, namni jiraatus ragaa ifa ta’e booda akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe). Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.
See all translations of this verse →
إِذْ يُرِيكَهُمُ ٱللَّهُ فِى مَنَامِكَ قَلِيلًا وَلَوْ أَرَىٰكَهُمْ كَثِيرًا لَّفَشِلْتُمْ وَلَتَنَٰزَعْتُمْ فِى ٱلْأَمْرِ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ سَلَّمَ إِنَّهُۥ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Rabbiin abjuu kee keessatti xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiise [yaadadhu], Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee, silaa luynoomtanii, dhimmicha keessatti wal mormitu turtan. Garuu Rabbiin nagaya (isin) godhe. Dhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.
See all translations of this verse →
وَإِذْ يُرِيكُمُوهُمْ إِذِ ٱلْتَقَيْتُمْ فِىٓ أَعْيُنِكُمْ قَلِيلًا وَيُقَلِّلُكُمْ فِىٓ أَعْيُنِهِمْ لِيَقْضِىَ ٱللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا وَإِلَى ٱللَّهِ تُرْجَعُ ٱلْأُمُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo walitti dhuftanii (yeroo) isaan isin agarsiise ijoowwan keessan keessatti xiqqoo taasisee, isin ijoowwan isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’e [yaadadhu]. Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) raawwatamaa ta’e galmaan ga’uuf jecha (kana hojjate), Wantoonni gara Rabbii deebifamti
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا لَقِيتُمْ فِئَةً فَٱثْبُتُوا۟ وَٱذْكُرُوا۟ ٱللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Yeroo garee (diinaa) wahii qunnamtan, gadi dhaabbadhaa; (faaruu) baay’ee Rabbiin faarsaa akka milkooftaniif.
See all translations of this verse →
وَأَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَلَا تَنَٰزَعُوا۟ فَتَفْشَلُوا۟ وَتَذْهَبَ رِيحُكُمْ وَٱصْبِرُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; wal hin morminaa; luynoomtanii humni keessan (isin irraa) deemtii; obsaa, Dhugumatti, Rabbiin obsitoota wajjin jira.
See all translations of this verse →
وَلَا تَكُونُوا۟ كَٱلَّذِينَ خَرَجُوا۟ مِن دِيَٰرِهِم بَطَرًا وَرِئَآءَ ٱلنَّاسِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka isaan manneen isaanii irraa bahanii hin ta’inaa boonaa, namootatti argisiifataa. kan karaa Rabbii irraa (namoota) dhorgan, (hiintahinaa). Rabbiin waan isaan dalaganitti marsaadha.
See all translations of this verse →
وَإِذْ زَيَّنَ لَهُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ أَعْمَٰلَهُمْ وَقَالَ لَا غَالِبَ لَكُمُ ٱلْيَوْمَ مِنَ ٱلنَّاسِ وَإِنِّى جَارٌ لَّكُمْ فَلَمَّا تَرَآءَتِ ٱلْفِئَتَانِ نَكَصَ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ وَقَالَ إِنِّى بَرِىٓءٌ مِّنكُمْ إِنِّىٓ أَرَىٰ مَا لَا تَرَوْنَ إِنِّىٓ أَخَافُ ٱللَّهَ وَٱللَّهُ شَدِيدُ ٱلْعِقَابِ
Oromo Translation - Gali Ababor [yaadadhu] Yeroo sheyxaanni dalagaalee isaanii (gadhee) miidhagsee, nijedhe “har’a nama irraa injifataan isiniif hin jiru, Ani isiniif gargaaraadha”. Yeroma gareen lamaan wal argan, of duuba deebi’ee nijedhe “ani isin irraa qulqulluudha; ani waan isin hin agarren argaa, Ani Rabbiinin sodaadha, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha”.
See all translations of this verse →
إِذْ يَقُولُ ٱلْمُنَٰفِقُونَ وَٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ غَرَّ هَٰٓؤُلَآءِ دِينُهُمْ وَمَن يَتَوَكَّلْ عَلَى ٱللَّهِ فَإِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo munaafiqoonniifi warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru jedhan (yaadadhu) “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse”. Namni Rabbi irratti hirkate (ni moo’ata), Rabbiin injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
وَلَوْ تَرَىٰٓ إِذْ يَتَوَفَّى ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَٰرَهُمْ وَذُوقُوا۟ عَذَابَ ٱلْحَرِيقِ
Oromo Translation - Gali Ababor odoo gartee Yeroo maleeykonni warra kafaran fuuleen isaaniitiifi duuydoowwan isaanii rukutaa lubbuu fuudhan “azaaba gubu dhandhamaa” (jedhaaniin) (dubbii cimaa argita).
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّٰمٍ لِّلْعَبِيدِ
Oromo Translation - Gali Ababor ”Kun waan harkoowwan keessan dabarfatteefi (waan) Rabbiin gabroota miidhaa hin ta’iniifi” (isaaniin jedhama)
See all translations of this verse →
كَدَأْبِ ءَالِ فِرْعَوْنَ وَٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ كَفَرُوا۟ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ إِنَّ ٱللَّهَ قَوِىٌّ شَدِيدُ ٱلْعِقَابِ
Oromo Translation - Gali Ababor (Haalli ummata kanaa) Akkuma haala warra Fir’awniifi warra isaan dura turaniiti. keeyyattoota Rabbiitti kafaranii Rabbiin badiiwwan isaaniitiin isaan qabeeti. Rabbiin jabaa, adabbiin Isaa cimaati.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ لَمْ يَكُ مُغَيِّرًا نِّعْمَةً أَنْعَمَهَا عَلَىٰ قَوْمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُوا۟ مَا بِأَنفُسِهِمْ وَأَنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun waan Rabbiin tola ummata irratti oole tokko hanga isaan waan lubbuulee isaaniitti jiru jijjiiranitti kan jirjiiru hintahiniifi. Rabbiin dhagayaa beekaadha.
See all translations of this verse →
كَدَأْبِ ءَالِ فِرْعَوْنَ وَٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمْ فَأَهْلَكْنَٰهُم بِذُنُوبِهِمْ وَأَغْرَقْنَآ ءَالَ فِرْعَوْنَ وَكُلٌّ كَانُوا۟ ظَٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka haala namoota Fir’awnaafi warra isaan duraati. keeyyattoota Gooftaa isaanii kijibsiisan, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessine; ummata Fir’awnaa bishaaniin dhidhimsine; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan.
See all translations of this verse →
إِنَّ شَرَّ ٱلدَّوَآبِّ عِندَ ٱللَّهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ عَٰهَدتَّ مِنْهُمْ ثُمَّ يَنقُضُونَ عَهْدَهُمْ فِى كُلِّ مَرَّةٍ وَهُمْ لَا يَتَّقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isaan) warra ati waadaa isaan irraa fuutee, yeroo (waadaa seenan) hunda ahdii isaanii nidiigan, isaan Rabbiin hin sodaatan.
See all translations of this verse →
فَإِمَّا تَثْقَفَنَّهُمْ فِى ٱلْحَرْبِ فَشَرِّدْ بِهِم مَّنْ خَلْفَهُمْ لَعَلَّهُمْ يَذَّكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo lola irratti isaan argite namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi, akka isaan gorfamaniif jecha .
See all translations of this verse →
وَإِمَّا تَخَافَنَّ مِن قَوْمٍ خِيَانَةً فَٱنۢبِذْ إِلَيْهِمْ عَلَىٰ سَوَآءٍ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلْخَآئِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (waadaa isaanii) gara isaanitti darbi, Rabbiin warra (waadaa)gantoota hin jaalatu.
See all translations of this verse →
وَلَا يَحْسَبَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ سَبَقُوٓا۟ إِنَّهُمْ لَا يُعْجِزُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliqanii hin yaadin, isaan (Nu) hin dadhabsiisanu.
See all translations of this verse →
وَأَعِدُّوا۟ لَهُم مَّا ٱسْتَطَعْتُم مِّن قُوَّةٍ وَمِن رِّبَاطِ ٱلْخَيْلِ تُرْهِبُونَ بِهِۦ عَدُوَّ ٱللَّهِ وَعَدُوَّكُمْ وَءَاخَرِينَ مِن دُونِهِمْ لَا تَعْلَمُونَهُمُ ٱللَّهُ يَعْلَمُهُمْ وَمَا تُنفِقُوا۟ مِن شَىْءٍ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ يُوَفَّ إِلَيْكُمْ وَأَنتُمْ لَا تُظْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Humnaafi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessan isaaniif qopheessaa, kan ittiin diina Rabbii fii diina keessan sodaachiftan. (akkasuma kan) ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan isin isaan hin beekne, Rabbiin isaan beeku, ittiin akka sodaachiftaniif. Wanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) isiniif kennama, Isin hin miidhamtanu.
See all translations of this verse →
وَإِن جَنَحُوا۟ لِلسَّلْمِ فَٱجْنَحْ لَهَا وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱللَّهِ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhu, Inni dhaga’aa, argaadha.
See all translations of this verse →
وَإِن يُرِيدُوٓا۟ أَن يَخْدَعُوكَ فَإِنَّ حَسْبَكَ ٱللَّهُ هُوَ ٱلَّذِىٓ أَيَّدَكَ بِنَصْرِهِۦ وَبِٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti ga’aan kee Rabbuma, Inni Isa si jabeesse tumsa Isaatiifi mu’uminootaan.
See all translations of this verse →
وَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ لَوْ أَنفَقْتَ مَا فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا مَّآ أَلَّفْتَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ أَلَّفَ بَيْنَهُمْ إِنَّهُۥ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Gidduu onneewwan isaanii wal taasise. odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu, gidduu onneewwan isaanii wal taasisuu hin dandeessu, Garuu Rabbitu gidduu isaanii wal taasise. Inni injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ حَسْبُكَ ٱللَّهُ وَمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa nabiyyii (kiyya)! Rabbiin siif gahaadha, mu’uminoota irraa namoota si hordofaniifis.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ حَرِّضِ ٱلْمُؤْمِنِينَ عَلَى ٱلْقِتَالِ إِن يَكُن مِّنكُمْ عِشْرُونَ صَٰبِرُونَ يَغْلِبُوا۟ مِا۟ئَتَيْنِ وَإِن يَكُن مِّنكُم مِّا۟ئَةٌ يَغْلِبُوٓا۟ أَلْفًا مِّنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَفْقَهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasi, Isin irraa obsitoonni digdamni yoo argame, dhibba lama haa injifatanu, Isin irraa dhibbi tokko yoo argame isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu, waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif.
See all translations of this verse →
ٱلْـَٰٔنَ خَفَّفَ ٱللَّهُ عَنكُمْ وَعَلِمَ أَنَّ فِيكُمْ ضَعْفًا فَإِن يَكُن مِّنكُم مِّا۟ئَةٌ صَابِرَةٌ يَغْلِبُوا۟ مِا۟ئَتَيْنِ وَإِن يَكُن مِّنكُمْ أَلْفٌ يَغْلِبُوٓا۟ أَلْفَيْنِ بِإِذْنِ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Amma Rabbiin isin irraa laaffiseera, Isin keessa dadhabbiin akka jirus beekeera, Isin irraa obsitoonni dhibbi tokko yoo argame, dhibba lama haa injifatu, Isin irraa kumni tokko yoo argame,kuma lama haa injifatu, hayyama Rabbiitiin. Rabbiin obsitootaa wajjin jira.
See all translations of this verse →
مَا كَانَ لِنَبِىٍّ أَن يَكُونَ لَهُۥٓ أَسْرَىٰ حَتَّىٰ يُثْخِنَ فِى ٱلْأَرْضِ تُرِيدُونَ عَرَضَ ٱلدُّنْيَا وَٱللَّهُ يُرِيدُ ٱلْـَٔاخِرَةَ وَٱللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Nabiyyii kamiifuu booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin malu, hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti). Isin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedha, Rabbiin injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
لَّوْلَا كِتَٰبٌ مِّنَ ٱللَّهِ سَبَقَ لَمَسَّكُمْ فِيمَآ أَخَذْتُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattan keessatti adabbiin guddaan isin mudata ture.
See all translations of this verse →
فَكُلُوا۟ مِمَّا غَنِمْتُمْ حَلَٰلًا طَيِّبًا وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Haala hayyamamaafi gaarii ta’een waan boojitan irraa nyaadhaa, Rabbiin sodaadhaa, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ قُل لِّمَن فِىٓ أَيْدِيكُم مِّنَ ٱلْأَسْرَىٰٓ إِن يَعْلَمِ ٱللَّهُ فِى قُلُوبِكُمْ خَيْرًا يُؤْتِكُمْ خَيْرًا مِّمَّآ أُخِذَ مِنكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ati Yaa nabiyyicha Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “yoo Rabbiin onneewwan keessan keessatti toltuu wahii beekee, waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna, isiniifis ni araarama, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَإِن يُرِيدُوا۟ خِيَانَتَكَ فَقَدْ خَانُوا۟ ٱللَّهَ مِن قَبْلُ فَأَمْكَنَ مِنْهُمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraa (ajjeesuufi booji’uun) (siif) mijjeessee jira, Rabbiin beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَهَاجَرُوا۟ وَجَٰهَدُوا۟ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلَّذِينَ ءَاوَوا۟ وَّنَصَرُوٓا۟ أُو۟لَٰٓئِكَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَآءُ بَعْضٍ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَلَمْ يُهَاجِرُوا۟ مَا لَكُم مِّن وَلَٰيَتِهِم مِّن شَىْءٍ حَتَّىٰ يُهَاجِرُوا۟ وَإِنِ ٱسْتَنصَرُوكُمْ فِى ٱلدِّينِ فَعَلَيْكُمُ ٱلنَّصْرُ إِلَّا عَلَىٰ قَوْمٍۭ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُم مِّيثَٰقٌ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii godaananii, karaa Rabbii keessattis qabeenyaafi lubbuulee isaanitiin qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsas (isiniif) godhan, warri sun gariin isaanii jaalallee gariiti, Isaan amananii hin godaanin immoo hanga godaananitti jaalala isaanii irraa homtuu isiniif hin taane, Yoo amantii keessatti gargaarsa isin gaafatan,isaan gargaaruun isin irratti dirqama, -namoota gidduu keessaniifi gidduu isaanii waadaan jiru irratti (yoo ta’e) malee- Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَآءُ بَعْضٍ إِلَّا تَفْعَلُوهُ تَكُن فِتْنَةٌ فِى ٱلْأَرْضِ وَفَسَادٌ كَبِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran gariin isaanii jaalallee gariiti. Yoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) hojjachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَهَاجَرُوا۟ وَجَٰهَدُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلَّذِينَ ءَاوَوا۟ وَّنَصَرُوٓا۟ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُؤْمِنُونَ حَقًّا لَّهُم مَّغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii, godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsa (isiniif) godhan, warri sun isaanumatu mu’uminoota dhugaati, Isaaniif araaramaafi hiree gaariitu jira.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنۢ بَعْدُ وَهَاجَرُوا۟ وَجَٰهَدُوا۟ مَعَكُمْ فَأُو۟لَٰٓئِكَ مِنكُمْ وَأُو۟لُوا۟ ٱلْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِى كِتَٰبِ ٱللَّهِ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌۢ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri sana booda amananii, godaananiifi isin waliin qabsaa’an, isaan isin irraayyi. (Dhaala ilaalchisee) warri firaa gariin isaanii garii (dhaaluu)tti irra caalaadha,kitaaba Rabbii keessatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.
See all translations of this verse →
← Surah Al-A'raaf
Surah At-Tawba →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.