Home › Surahs › Surah Al-A'raaf
Surah Al-A'raaf الأعراف
206 verses · Mecca · revelation order 39
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓمٓصٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Alif Laam Miim Saad
See all translations of this verse →
كِتَٰبٌ أُنزِلَ إِلَيْكَ فَلَا يَكُن فِى صَدْرِكَ حَرَجٌ مِّنْهُ لِتُنذِرَ بِهِۦ وَذِكْرَىٰ لِلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Kun) kitaaba gara keetti buufame,Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)
See all translations of this verse →
ٱتَّبِعُوا۟ مَآ أُنزِلَ إِلَيْكُم مِّن رَّبِّكُمْ وَلَا تَتَّبِعُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ أَوْلِيَآءَ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa, Jaalalleewwan (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa, Xiqqoo qofa gorfamtu
See all translations of this verse →
وَكَم مِّن قَرْيَةٍ أَهْلَكْنَٰهَا فَجَآءَهَا بَأْسُنَا بَيَٰتًا أَوْ هُمْ قَآئِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Magaalota irraa kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.
See all translations of this verse →
فَمَا كَانَ دَعْوَىٰهُمْ إِذْ جَآءَهُم بَأْسُنَآ إِلَّآ أَن قَالُوٓا۟ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.
See all translations of this verse →
فَلَنَسْـَٔلَنَّ ٱلَّذِينَ أُرْسِلَ إِلَيْهِمْ وَلَنَسْـَٔلَنَّ ٱلْمُرْسَلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna.
See all translations of this verse →
فَلَنَقُصَّنَّ عَلَيْهِم بِعِلْمٍ وَمَا كُنَّا غَآئِبِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.
See all translations of this verse →
وَٱلْوَزْنُ يَوْمَئِذٍ ٱلْحَقُّ فَمَن ثَقُلَتْ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Madaalli guyyaa san dhugaadha. Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha.
See all translations of this verse →
وَمَنْ خَفَّتْ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُم بِمَا كَانُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا يَظْلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphatte immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya miidhaa turaniif lubbuu isaanii hoongessaniidha.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ مَكَّنَّٰكُمْ فِى ٱلْأَرْضِ وَجَعَلْنَا لَكُمْ فِيهَا مَعَٰيِشَ قَلِيلًا مَّا تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ خَلَقْنَٰكُمْ ثُمَّ صَوَّرْنَٰكُمْ ثُمَّ قُلْنَا لِلْمَلَٰٓئِكَةِ ٱسْجُدُوا۟ لِـَٔادَمَ فَسَجَدُوٓا۟ إِلَّآ إِبْلِيسَ لَمْ يَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isin uumneerra, Ergasiis isin bocne, Ergasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenne, Achumaan sujuudani; Ibliis malee, Inni warra sujuudan irraa hin taane.
See all translations of this verse →
قَالَ مَا مَنَعَكَ أَلَّا تَسْجُدَ إِذْ أَمَرْتُكَ قَالَ أَنَا۠ خَيْرٌ مِّنْهُ خَلَقْتَنِى مِن نَّارٍ وَخَلَقْتَهُۥ مِن طِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe, (Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe.
See all translations of this verse →
قَالَ فَٱهْبِطْ مِنْهَا فَمَا يَكُونُ لَكَ أَن تَتَكَبَّرَ فِيهَا فَٱخْرُجْ إِنَّكَ مِنَ ٱلصَّٰغِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiinis) "ishee irraa bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; bahi ati warra salphattoota irraayi" jedheen.
See all translations of this verse →
قَالَ أَنظِرْنِىٓ إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Ibliis) "Hanga guyyaa isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe.
See all translations of this verse →
قَالَ إِنَّكَ مِنَ ٱلْمُنظَرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen.
See all translations of this verse →
قَالَ فَبِمَآ أَغْوَيْتَنِى لَأَقْعُدَنَّ لَهُمْ صِرَٰطَكَ ٱلْمُسْتَقِيمَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Ibliis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif taa’a.
See all translations of this verse →
ثُمَّ لَـَٔاتِيَنَّهُم مِّنۢ بَيْنِ أَيْدِيهِمْ وَمِنْ خَلْفِهِمْ وَعَنْ أَيْمَٰنِهِمْ وَعَن شَمَآئِلِهِمْ وَلَا تَجِدُ أَكْثَرَهُمْ شَٰكِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii fuuldura isaanii, duuba isaanii, mirgaawwan isaaniitiifi bitaawwan isaanii irraan isaanitti dhufa. Irra hedduu isaaniis galateeffattoota ta'anii hin argitu."
See all translations of this verse →
قَالَ ٱخْرُجْ مِنْهَا مَذْءُومًا مَّدْحُورًا لَّمَن تَبِعَكَ مِنْهُمْ لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكُمْ أَجْمَعِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiinis) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen ba’i, Isaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta.
See all translations of this verse →
وَيَٰٓـَٔادَمُ ٱسْكُنْ أَنتَ وَزَوْجُكَ ٱلْجَنَّةَ فَكُلَا مِنْ حَيْثُ شِئْتُمَا وَلَا تَقْرَبَا هَٰذِهِ ٱلشَّجَرَةَ فَتَكُونَا مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa Aadam! Atiifi niitiin kee jannata keessa taa'aa; iddoo feetan irraas nyaadhaa. Miidhaa raawwattoota irraa taatu mukattii tanatti immoo hin dhihaatinaa."
See all translations of this verse →
فَوَسْوَسَ لَهُمَا ٱلشَّيْطَٰنُ لِيُبْدِىَ لَهُمَا مَا وُۥرِىَ عَنْهُمَا مِن سَوْءَٰتِهِمَا وَقَالَ مَا نَهَىٰكُمَا رَبُّكُمَا عَنْ هَٰذِهِ ٱلشَّجَرَةِ إِلَّآ أَن تَكُونَا مَلَكَيْنِ أَوْ تَكُونَا مِنَ ٱلْخَٰلِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Shayxaanni isaan lamaanitti hasaase isaanitti mul’isuuf waan isaanirraa dhokate qaama saalaa isaanii irraa; nijedhe "Rabbiin keessan mukattii kana irraa waa isin hindhoorgine akka isin lamaan malaykota hin taaneef malee, yookiin akka isin lamaan hafoo hin taaneefi malee".
See all translations of this verse →
وَقَاسَمَهُمَآ إِنِّى لَكُمَا لَمِنَ ٱلنَّٰصِحِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate.
See all translations of this verse →
فَدَلَّىٰهُمَا بِغُرُورٍ فَلَمَّا ذَاقَا ٱلشَّجَرَةَ بَدَتْ لَهُمَا سَوْءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخْصِفَانِ عَلَيْهِمَا مِن وَرَقِ ٱلْجَنَّةِ وَنَادَىٰهُمَا رَبُّهُمَآ أَلَمْ أَنْهَكُمَا عَن تِلْكُمَا ٱلشَّجَرَةِ وَأَقُل لَّكُمَآ إِنَّ ٱلشَّيْطَٰنَ لَكُمَا عَدُوٌّ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Gowwoomsuun isaan jallise, Yeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii isaanitti mul'atte; isaanis qaama isaanii baala jannataatiin haguuguutti seenan, Gooftaan isaanii isaanitti lallabe "Sila Ani mukattii tana irraa isin hin dhorginee; shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" (jedheen).
See all translations of this verse →
قَالَا رَبَّنَا ظَلَمْنَآ أَنفُسَنَا وَإِن لَّمْ تَغْفِرْ لَنَا وَتَرْحَمْنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلْخَٰسِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Gooftaa keenya! lubbuu keenya miinee jirra. Yoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin goone, nuti Dhugumatti, warra hoonga’an irraa taana" jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱهْبِطُوا۟ بَعْضُكُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ وَلَكُمْ فِى ٱلْأَرْضِ مُسْتَقَرٌّ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin bu’aa, Isiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’ee ta'eetu jira."
See all translations of this verse →
قَالَ فِيهَا تَحْيَوْنَ وَفِيهَا تَمُوتُونَ وَمِنْهَا تُخْرَجُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu; ishee irraas baafamtu" jedheen.
See all translations of this verse →
يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ قَدْ أَنزَلْنَا عَلَيْكُمْ لِبَاسًا يُوَٰرِى سَوْءَٰتِكُمْ وَرِيشًا وَلِبَاسُ ٱلتَّقْوَىٰ ذَٰلِكَ خَيْرٌ ذَٰلِكَ مِنْ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ لَعَلَّهُمْ يَذَّكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirra. Uffata sodaa Rabbii, saniitu caala. Kun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne).
See all translations of this verse →
يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ لَا يَفْتِنَنَّكُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ كَمَآ أَخْرَجَ أَبَوَيْكُم مِّنَ ٱلْجَنَّةِ يَنزِعُ عَنْهُمَا لِبَاسَهُمَا لِيُرِيَهُمَا سَوْءَٰتِهِمَآ إِنَّهُۥ يَرَىٰكُمْ هُوَ وَقَبِيلُهُۥ مِنْ حَيْثُ لَا تَرَوْنَهُمْ إِنَّا جَعَلْنَا ٱلشَّيَٰطِينَ أَوْلِيَآءَ لِلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf. Dhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra.
See all translations of this verse →
وَإِذَا فَعَلُوا۟ فَٰحِشَةً قَالُوا۟ وَجَدْنَا عَلَيْهَآ ءَابَآءَنَا وَٱللَّهُ أَمَرَنَا بِهَا قُلْ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَأْمُرُ بِٱلْفَحْشَآءِ أَتَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo waan fokkattuu hojjatan "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu. "Rabbiin fokkatuuwwanitti hin ajaju, Sila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?" jedhiin.
See all translations of this verse →
قُلْ أَمَرَ رَبِّى بِٱلْقِسْطِ وَأَقِيمُوا۟ وُجُوهَكُمْ عِندَ كُلِّ مَسْجِدٍ وَٱدْعُوهُ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ كَمَا بَدَأَكُمْ تَعُودُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi "Gooftaan kiyya haqatti ajaje. Masjida hunda biratti fuulleen keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaa. Amantii keessan isaaf qulqulleessaa haala taataniin isa gabbaraa, Akkuma isin jalqabetti deebitu"
See all translations of this verse →
فَرِيقًا هَدَىٰ وَفَرِيقًا حَقَّ عَلَيْهِمُ ٱلضَّلَٰلَةُ إِنَّهُمُ ٱتَّخَذُوا۟ ٱلشَّيَٰطِينَ أَوْلِيَآءَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَيَحْسَبُونَ أَنَّهُم مُّهْتَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Garee tokko ni qajeelche; garee biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e, Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalalleewwan taasifatan, Isaan qajeeltota uf sehan.
See all translations of this verse →
يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ خُذُوا۟ زِينَتَكُمْ عِندَ كُلِّ مَسْجِدٍ وَكُلُوا۟ وَٱشْرَبُوا۟ وَلَا تُسْرِفُوٓا۟ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلْمُسْرِفِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa ilmaan Aadam! Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa. Nyaadhaa, dhugaa, daangaa hin dabrinaa, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.{1}
See all translations of this verse →
قُلْ مَنْ حَرَّمَ زِينَةَ ٱللَّهِ ٱلَّتِىٓ أَخْرَجَ لِعِبَادِهِۦ وَٱلطَّيِّبَٰتِ مِنَ ٱلرِّزْقِ قُلْ هِىَ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا خَالِصَةً يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Namni bareechifannaa (uffata) ishee Rabbiin gabroota Isaatiif baaseefi soorata irraas gaggaarii dhorge eenyu?" jedhi. Isheen jiruu addunyaa keessatti warra amananiifi Guyyaa Qiyaamaa dhuunfaa isaaniiti" jedhi, Akka kanatti keeyyattoota ummata beekaniif addeessina.
See all translations of this verse →
قُلْ إِنَّمَا حَرَّمَ رَبِّىَ ٱلْفَوَٰحِشَ مَا ظَهَرَ مِنْهَا وَمَا بَطَنَ وَٱلْإِثْمَ وَٱلْبَغْىَ بِغَيْرِ ٱلْحَقِّ وَأَن تُشْرِكُوا۟ بِٱللَّهِ مَا لَمْ يُنَزِّلْ بِهِۦ سُلْطَٰنًا وَأَن تَقُولُوا۟ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: "wanti Gooftaan kiyya haraama godhe gochaalee fokkatoo, isherraa waan mul'ateefii waan dhokate, dilii, haqaan maletti roorrisuu, waan inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuufi Rabbi irratti waan hin beekne jechuudha."
See all translations of this verse →
وَلِكُلِّ أُمَّةٍ أَجَلٌ فَإِذَا جَآءَ أَجَلُهُمْ لَا يَسْتَأْخِرُونَ سَاعَةً وَلَا يَسْتَقْدِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata hundaafuu yeroo murtaa’etu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.
See all translations of this verse →
يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ إِمَّا يَأْتِيَنَّكُمْ رُسُلٌ مِّنكُمْ يَقُصُّونَ عَلَيْكُمْ ءَايَٰتِى فَمَنِ ٱتَّقَىٰ وَأَصْلَحَ فَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an isinitti dhufan kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَٱسْتَكْبَرُوا۟ عَنْهَآ أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلنَّارِ هُمْ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, sunniin warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
See all translations of this verse →
فَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوْ كَذَّبَ بِـَٔايَٰتِهِۦٓ أُو۟لَٰٓئِكَ يَنَالُهُمْ نَصِيبُهُم مِّنَ ٱلْكِتَٰبِ حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا يَتَوَفَّوْنَهُمْ قَالُوٓا۟ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ قَالُوا۟ ضَلُّوا۟ عَنَّا وَشَهِدُوا۟ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ أَنَّهُمْ كَانُوا۟ كَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama Rabbiin irratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (tokkolleenuu hinjiru). Sunniin qoodni isaanii kitaaba irraa haala ta'een isaan dhaqqaba; Ergamoonni keenya lubbuu isaanii kan fuudhan ta'anii yeroo isaanitti dhufan "Warri Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiru?" jedhu. "Nurraa badaniiru" jedhu. Isaan kaafiroota tahuu lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱدْخُلُوا۟ فِىٓ أُمَمٍ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِكُم مِّنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ فِى ٱلنَّارِ كُلَّمَا دَخَلَتْ أُمَّةٌ لَّعَنَتْ أُخْتَهَا حَتَّىٰٓ إِذَا ٱدَّارَكُوا۟ فِيهَا جَمِيعًا قَالَتْ أُخْرَىٰهُمْ لِأُولَىٰهُمْ رَبَّنَا هَٰٓؤُلَآءِ أَضَلُّونَا فَـَٔاتِهِمْ عَذَابًا ضِعْفًا مِّنَ ٱلنَّارِ قَالَ لِكُلٍّ ضِعْفٌ وَلَٰكِن لَّا تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran keessa seenaa kan jinnootaafi namoota irraa ta’an ibidda keessatti (tahaa). " Ummanni wahii dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaarti, Yeroo hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiru, Kanaaf adabbii dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jette, (Rabbiinis) "Hundaafuu dachaatu jira, Garuu isin hin beektanu" jedhe.
See all translations of this verse →
وَقَالَتْ أُولَىٰهُمْ لِأُخْرَىٰهُمْ فَمَا كَانَ لَكُمْ عَلَيْنَا مِن فَضْلٍ فَذُوقُوا۟ ٱلْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri jalqaba isaanii warra booda isaaniitiin ni jette "isiniif nurra caaliinsi wahii hin taane; Waan hojjachaa turtaniif jecha adabbii dhandhamaa".
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَٱسْتَكْبَرُوا۟ عَنْهَا لَا تُفَتَّحُ لَهُمْ أَبْوَٰبُ ٱلسَّمَآءِ وَلَا يَدْخُلُونَ ٱلْجَنَّةَ حَتَّىٰ يَلِجَ ٱلْجَمَلُ فِى سَمِّ ٱلْخِيَاطِ وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْمُجْرِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraa boonan, balballan samii isaaniif hin banamtu. Hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanu. Akka kanatti yakkamtoota (adabbiin) galata galchina..
See all translations of this verse →
لَهُم مِّن جَهَنَّمَ مِهَادٌ وَمِن فَوْقِهِمْ غَوَاشٍ وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniif Jahannam irraa firaashiitu jira, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu (jira). Akka kanatti miidhaa raawwattoota (adabaan) galata galchina..
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَا نُكَلِّفُ نَفْسًا إِلَّا وُسْعَهَآ أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ هُمْ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee hin dirqisiifnu; isaan sun warra jannataati, Isaan ishee keessatti hafoodha.
See all translations of this verse →
وَنَزَعْنَا مَا فِى صُدُورِهِم مِّنْ غِلٍّ تَجْرِى مِن تَحْتِهِمُ ٱلْأَنْهَٰرُ وَقَالُوا۟ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ ٱلَّذِى هَدَىٰنَا لِهَٰذَا وَمَا كُنَّا لِنَهْتَدِىَ لَوْلَآ أَنْ هَدَىٰنَا ٱللَّهُ لَقَدْ جَآءَتْ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلْحَقِّ وَنُودُوٓا۟ أَن تِلْكُمُ ٱلْجَنَّةُ أُورِثْتُمُوهَا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jibbaarraa waan qomoota isaanii keessa jirus ni baafne, Laggeen jala (gamoo) isaanii yaati, "Faaruun kan Rabbii kanaaf nu qajeelcheeti, Odoo Rabbiin nu qajeelchuu baatee hin qajeellu turre; ergamoonni Rabbii keenyaa dhugaadhaan dhufteetti" jedhan. nilallabaman "Jannata tana dhaalchifamtan sababa waan hojjataa turtaniitiif".
See all translations of this verse →
وَنَادَىٰٓ أَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ أَصْحَٰبَ ٱلنَّارِ أَن قَدْ وَجَدْنَا مَا وَعَدَنَا رَبُّنَا حَقًّا فَهَلْ وَجَدتُّم مَّا وَعَدَ رَبُّكُمْ حَقًّا قَالُوا۟ نَعَمْ فَأَذَّنَ مُؤَذِّنٌۢ بَيْنَهُمْ أَن لَّعْنَةُ ٱللَّهِ عَلَى ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri jannataa warra ibiddaatti lallabu "Nuti Dhugumatti, waan Gooftaan keenya waadaa nuuf gale dhugaa haala ta’een arganneerra. Isin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif gale haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" (jedhaniin). "Eeyyeen" jedhan. Lallabaan gidduu isaaniitti ta’e nilallabe "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" (jedhe).
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ يَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبْغُونَهَا عِوَجًا وَهُم بِٱلْـَٔاخِرَةِ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidha, Isaan Aakhiratti kafaroodha.
See all translations of this verse →
وَبَيْنَهُمَا حِجَابٌ وَعَلَى ٱلْأَعْرَافِ رِجَالٌ يَعْرِفُونَ كُلًّۢا بِسِيمَىٰهُمْ وَنَادَوْا۟ أَصْحَٰبَ ٱلْجَنَّةِ أَن سَلَٰمٌ عَلَيْكُمْ لَمْ يَدْخُلُوهَا وَهُمْ يَطْمَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gidduu isaanii haguuggaatu jira, 'A’araaf' irras dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiru, Warra jannataatti lallabu "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun. Isaan (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne. {1}
See all translations of this verse →
وَإِذَا صُرِفَتْ أَبْصَٰرُهُمْ تِلْقَآءَ أَصْحَٰبِ ٱلنَّارِ قَالُوا۟ رَبَّنَا لَا تَجْعَلْنَا مَعَ ٱلْقَوْمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo ijji isaanii gara warreen ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya! Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu.
See all translations of this verse →
وَنَادَىٰٓ أَصْحَٰبُ ٱلْأَعْرَافِ رِجَالًا يَعْرِفُونَهُم بِسِيمَىٰهُمْ قَالُوا۟ مَآ أَغْنَىٰ عَنكُمْ جَمْعُكُمْ وَمَا كُنتُمْ تَسْتَكْبِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri a’araaf dhiirota mallattoo isaanitiin beekanitti lallaban, "(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.
See all translations of this verse →
أَهَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ أَقْسَمْتُمْ لَا يَنَالُهُمُ ٱللَّهُ بِرَحْمَةٍ ٱدْخُلُوا۟ ٱلْجَنَّةَ لَا خَوْفٌ عَلَيْكُمْ وَلَآ أَنتُمْ تَحْزَنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan kun warra Rabbiin rahmataan isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa? Jannata seenaa, sodaan isin irra hin jiru; isinis kan gadditanu hin taane (jedhamu)
See all translations of this verse →
وَنَادَىٰٓ أَصْحَٰبُ ٱلنَّارِ أَصْحَٰبَ ٱلْجَنَّةِ أَنْ أَفِيضُوا۟ عَلَيْنَا مِنَ ٱلْمَآءِ أَوْ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ قَالُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ حَرَّمَهُمَا عَلَى ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri ibiddaa warra jannataatti lallabu "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isinii hire irraa nurratti dhangalaasaa" jedhu, "Dhugumatti, Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera" jedhaniin.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُوا۟ دِينَهُمْ لَهْوًا وَلَعِبًا وَغَرَّتْهُمُ ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا فَٱلْيَوْمَ نَنسَىٰهُمْ كَمَا نَسُوا۟ لِقَآءَ يَوْمِهِمْ هَٰذَا وَمَا كَانُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا يَجْحَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isaan) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedha, Akkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfataniifi keeyyattoota keenya mormaa turan guyyaa har'aa isaan irraanfanna (dhiifna)..
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ جِئْنَٰهُم بِكِتَٰبٍ فَصَّلْنَٰهُ عَلَىٰ عِلْمٍ هُدًى وَرَحْمَةً لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen isaanitti dhufnee jirra, haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een. {1}
See all translations of this verse →
هَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا تَأْوِيلَهُۥ يَوْمَ يَأْتِى تَأْوِيلُهُۥ يَقُولُ ٱلَّذِينَ نَسُوهُ مِن قَبْلُ قَدْ جَآءَتْ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلْحَقِّ فَهَل لَّنَا مِن شُفَعَآءَ فَيَشْفَعُوا۟ لَنَآ أَوْ نُرَدُّ فَنَعْمَلَ غَيْرَ ٱلَّذِى كُنَّا نَعْمَلُ قَدْ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَفْتَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan xumura isaa malee maal eegaaru? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan nijedhu "Dhugumatti, ergamoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufteetti, Sila araarsonni nuuf araarsan nuuf jiraa? Yookiin dalagaa isa hojjataa turreen alaa hojjachuuf (gara addunyaatti) deebifamnaa?" (jedhu), Dhugumatti, lubbuulee isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jalaa badeera.
See all translations of this verse →
إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ يُغْشِى ٱلَّيْلَ ٱلنَّهَارَ يَطْلُبُهُۥ حَثِيثًا وَٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتٍۭ بِأَمْرِهِۦٓ أَلَا لَهُ ٱلْخَلْقُ وَٱلْأَمْرُ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate.
See all translations of this verse →
ٱدْعُوا۟ رَبَّكُمْ تَضَرُّعًا وَخُفْيَةً إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلْمُعْتَدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaa keessan gadi of qabuufi dhoksaadhaan kadhaa. Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
See all translations of this verse →
وَلَا تُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ بَعْدَ إِصْلَٰحِهَا وَٱدْعُوهُ خَوْفًا وَطَمَعًا إِنَّ رَحْمَتَ ٱللَّهِ قَرِيبٌ مِّنَ ٱلْمُحْسِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dachii irrattis erga isheen toltee booda hin balleessinaa. Sodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaa. Dhugumatti, rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى يُرْسِلُ ٱلرِّيَٰحَ بُشْرًۢا بَيْنَ يَدَىْ رَحْمَتِهِۦ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَقَلَّتْ سَحَابًا ثِقَالًا سُقْنَٰهُ لِبَلَدٍ مَّيِّتٍ فَأَنزَلْنَا بِهِ ٱلْمَآءَ فَأَخْرَجْنَا بِهِۦ مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ كَذَٰلِكَ نُخْرِجُ ٱلْمَوْتَىٰ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda isaan baafne, akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.Akka isin gorfamtaniif jecha.
See all translations of this verse →
وَٱلْبَلَدُ ٱلطَّيِّبُ يَخْرُجُ نَبَاتُهُۥ بِإِذْنِ رَبِّهِۦ وَٱلَّذِى خَبُثَ لَا يَخْرُجُ إِلَّا نَكِدًا كَذَٰلِكَ نُصَرِّفُ ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍ يَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha, Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu, Akka kanatti keeyyattoota namoota galateeffataniif addeessina.
See all translations of this verse →
لَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوْمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥٓ إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱلْمَلَأُ مِن قَوْمِهِۦٓ إِنَّا لَنَرَىٰكَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "Dhugumatti, nuti jallina ifa galaa keessatti si argina" jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ يَٰقَوْمِ لَيْسَ بِى ضَلَٰلَةٌ وَلَٰكِنِّى رَسُولٌ مِّن رَّبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Nuuhis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.
See all translations of this verse →
أُبَلِّغُكُمْ رِسَٰلَٰتِ رَبِّى وَأَنصَحُ لَكُمْ وَأَعْلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa; toltuus isiniifin yaada, Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka.
See all translations of this verse →
أَوَعَجِبْتُمْ أَن جَآءَكُمْ ذِكْرٌ مِّن رَّبِّكُمْ عَلَىٰ رَجُلٍ مِّنكُمْ لِيُنذِرَكُمْ وَلِتَتَّقُوا۟ وَلَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor sila ni dinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu, nama isin irraa ta’e tokko irratti,akka isin akeekkachiisuuf, akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif (isaaniin jedhe).
See all translations of this verse →
فَكَذَّبُوهُ فَأَنجَيْنَٰهُ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥ فِى ٱلْفُلْكِ وَأَغْرَقْنَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَآ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ قَوْمًا عَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isa kijibsiisan, Isaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarsine, Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo bishaaniin dhidhimsine, isaan ummata jaamaa turan.
See all translations of this verse →
وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمْ هُودًا قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥٓ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gara Aad obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Sila hin sodaattanuu?" jedheen.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱلْمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن قَوْمِهِۦٓ إِنَّا لَنَرَىٰكَ فِى سَفَاهَةٍ وَإِنَّا لَنَظُنُّكَ مِنَ ٱلْكَٰذِبِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata isaa irraas qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti, nuti gowwummaa keessatti si argina, Dhugumatti, kijibdootaa irraa ta'uu kees yaanna" jedhaniin.
See all translations of this verse →
قَالَ يَٰقَوْمِ لَيْسَ بِى سَفَاهَةٌ وَلَٰكِنِّى رَسُولٌ مِّن رَّبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Huudis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.
See all translations of this verse →
أُبَلِّغُكُمْ رِسَٰلَٰتِ رَبِّى وَأَنَا۠ لَكُمْ نَاصِحٌ أَمِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa, Anis isiniif tola yaadaa, amanamaadha.
See all translations of this verse →
أَوَعَجِبْتُمْ أَن جَآءَكُمْ ذِكْرٌ مِّن رَّبِّكُمْ عَلَىٰ رَجُلٍ مِّنكُمْ لِيُنذِرَكُمْ وَٱذْكُرُوٓا۟ إِذْ جَعَلَكُمْ خُلَفَآءَ مِنۢ بَعْدِ قَوْمِ نُوحٍ وَزَادَكُمْ فِى ٱلْخَلْقِ بَصْۜطَةً فَٱذْكُرُوٓا۟ ءَالَآءَ ٱللَّهِ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor sila nidinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa tahe isinitti dhufuu nama isin irraa ta'e irratti (bu'ee) akka isin diyniinuuf jecha. yaadadhaa Yeroo Inni ummata Nuuh booda bakka bu’oota isin taasiseefi uumama keessattis bal'ina isiniif dabale (yaadadhaa).qananiilee Rabbii yaadadhaa Akka milkooftaniif jecha ."
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ أَجِئْتَنَا لِنَعْبُدَ ٱللَّهَ وَحْدَهُۥ وَنَذَرَ مَا كَانَ يَعْبُدُ ءَابَآؤُنَا فَأْتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor nijedhan "sila nutti dhuftee Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruufi, wantoota abbootiin keenya gabbaraa turanakka dhiifnuuf?waan ittiin nu sodaachiftu san nutti fidi Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef "
See all translations of this verse →
قَالَ قَدْ وَقَعَ عَلَيْكُم مِّن رَّبِّكُمْ رِجْسٌ وَغَضَبٌ أَتُجَٰدِلُونَنِى فِىٓ أَسْمَآءٍ سَمَّيْتُمُوهَآ أَنتُمْ وَءَابَآؤُكُم مَّا نَزَّلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلْطَٰنٍ فَٱنتَظِرُوٓا۟ إِنِّى مَعَكُم مِّنَ ٱلْمُنتَظِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor nijedhe "Dhugumatti, adabniifi dallansuun Gooftaa keessan irraa isin irratti bu’eera, Sila isin maqaalee keessatti na mormituu kan isiniifi abbootiin keessan ishee moggaaftan, kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin? Eegaa; ani isin wajjin warra eegan irraayii".
See all translations of this verse →
فَأَنجَيْنَٰهُ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥ بِرَحْمَةٍ مِّنَّا وَقَطَعْنَا دَابِرَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَمَا كَانُوا۟ مُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaafi warra isa waliin turan rahmata nurraa ta’een nagaa baafne, Warra keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi hundee isaanii murre.isaan mu’uminootas hin taane.
See all translations of this verse →
وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمْ صَٰلِحًا قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥ قَدْ جَآءَتْكُم بَيِّنَةٌ مِّن رَّبِّكُمْ هَٰذِهِۦ نَاقَةُ ٱللَّهِ لَكُمْ ءَايَةً فَذَرُوهَا تَأْكُلْ فِىٓ أَرْضِ ٱللَّهِ وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalihiin (erginaan) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirti. Kun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattu, Hamtuun ishee hin tuqinaa adabbii laalessaatu isin qabata.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرُوٓا۟ إِذْ جَعَلَكُمْ خُلَفَآءَ مِنۢ بَعْدِ عَادٍ وَبَوَّأَكُمْ فِى ٱلْأَرْضِ تَتَّخِذُونَ مِن سُهُولِهَا قُصُورًا وَتَنْحِتُونَ ٱلْجِبَالَ بُيُوتًا فَٱذْكُرُوٓا۟ ءَالَآءَ ٱللَّهِ وَلَا تَعْثَوْا۟ فِى ٱلْأَرْضِ مُفْسِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Inni Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaa. Dirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftu. qananiilee Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa."
See all translations of this verse →
قَالَ ٱلْمَلَأُ ٱلَّذِينَ ٱسْتَكْبَرُوا۟ مِن قَوْمِهِۦ لِلَّذِينَ ٱسْتُضْعِفُوا۟ لِمَنْ ءَامَنَ مِنْهُمْ أَتَعْلَمُونَ أَنَّ صَٰلِحًا مُّرْسَلٌ مِّن رَّبِّهِۦ قَالُوٓا۟ إِنَّا بِمَآ أُرْسِلَ بِهِۦ مُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor nijedhe qondaalonni warri boonan ummata isaarraa warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektuu?". "(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسْتَكْبَرُوٓا۟ إِنَّا بِٱلَّذِىٓ ءَامَنتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan.
See all translations of this verse →
فَعَقَرُوا۟ ٱلنَّاقَةَ وَعَتَوْا۟ عَنْ أَمْرِ رَبِّهِمْ وَقَالُوا۟ يَٰصَٰلِحُ ٱئْتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma san gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraa bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu nutti fidi" jedhan.
See all translations of this verse →
فَأَخَذَتْهُمُ ٱلرَّجْفَةُ فَأَصْبَحُوا۟ فِى دَارِهِمْ جَٰثِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariisifatan.
See all translations of this verse →
فَتَوَلَّىٰ عَنْهُمْ وَقَالَ يَٰقَوْمِ لَقَدْ أَبْلَغْتُكُمْ رِسَالَةَ رَبِّى وَنَصَحْتُ لَكُمْ وَلَٰكِن لَّا تُحِبُّونَ ٱلنَّٰصِحِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Saalihis) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera; tolas isiniif yaadeera, Garuu isin nama toltu isiniif yaadu hin jaalattanu" jedhe.
See all translations of this verse →
وَلُوطًا إِذْ قَالَ لِقَوْمِهِۦٓ أَتَأْتُونَ ٱلْفَٰحِشَةَ مَا سَبَقَكُم بِهَا مِنْ أَحَدٍ مِّنَ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Luuxiinis, yeroo inni ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkoyyuu isheedhaan isin hin dursin raawwattuu?
See all translations of this verse →
إِنَّكُمْ لَتَأْتُونَ ٱلرِّجَالَ شَهْوَةً مِّن دُونِ ٱلنِّسَآءِ بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ مُّسْرِفُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha."
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ جَوَابَ قَوْمِهِۦٓ إِلَّآ أَن قَالُوٓا۟ أَخْرِجُوهُم مِّن قَرْيَتِكُمْ إِنَّهُمْ أُنَاسٌ يَتَطَهَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Deebiin ummata isaas "magaalaa keessan irraa isaan baasaa; isaan Dhugumatti, ummata qulqulleeffatanuu dha" jechuu malee homaa hin turre.
See all translations of this verse →
فَأَنجَيْنَٰهُ وَأَهْلَهُۥٓ إِلَّا ٱمْرَأَتَهُۥ كَانَتْ مِنَ ٱلْغَٰبِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaafi maatii isaa nagaya baasne. Niitiin isaa malee isiin warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate.
See all translations of this verse →
وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِم مَّطَرًا فَٱنظُرْ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُجْرِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rooba (adabaas) isaan irratti roobsifne, Booddeen yakkamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
See all translations of this verse →
وَإِلَىٰ مَدْيَنَ أَخَاهُمْ شُعَيْبًا قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥ قَدْ جَآءَتْكُم بَيِّنَةٌ مِّن رَّبِّكُمْ فَأَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ وَٱلْمِيزَانَ وَلَا تَبْخَسُوا۟ ٱلنَّاسَ أَشْيَآءَهُمْ وَلَا تُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ بَعْدَ إِصْلَٰحِهَا ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gara Madyan obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, ragaan ifa taate Rabbii keessanirraa isiniif dhuftee jirti, Safaraafi madaalas guutaa, Namoota wantoota isaanii jalaa hin hir’isinaa. Dachii keessatti erga toluu isheetii hin balleessinaa, sanatu isiniif caala Yoo mu’uminoota taatan .
See all translations of this verse →
وَلَا تَقْعُدُوا۟ بِكُلِّ صِرَٰطٍ تُوعِدُونَ وَتَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ مَنْ ءَامَنَ بِهِۦ وَتَبْغُونَهَا عِوَجًا وَٱذْكُرُوٓا۟ إِذْ كُنتُمْ قَلِيلًا فَكَثَّرَكُمْ وَٱنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُفْسِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Karaa hunda irraa hin taa’inaa Namoota sodaachisuufi karaa Rabbii irraas namoota isatti amanan deebisuun, akka isheen jallattu kan barbaaddan taatanii. yaadadhaa yeroo xiqqoo turtanii isin baay’esse. Booddeen warra badii raawwatanii akkam akka ta’e ilaalaa.
See all translations of this verse →
وَإِن كَانَ طَآئِفَةٌ مِّنكُمْ ءَامَنُوا۟ بِٱلَّذِىٓ أُرْسِلْتُ بِهِۦ وَطَآئِفَةٌ لَّمْ يُؤْمِنُوا۟ فَٱصْبِرُوا۟ حَتَّىٰ يَحْكُمَ ٱللَّهُ بَيْنَنَا وَهُوَ خَيْرُ ٱلْحَٰكِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo gareen isin irraa ta’e tokko waan ani ittiin ergametti amananii gareen biraa immoo hin amanin hanga Rabbiin gidduu keenyatti murteessutti obsaa, Innis irra caalaa warra murteessaniiti" (isaaniin jedhe).
See all translations of this verse →
قَالَ ٱلْمَلَأُ ٱلَّذِينَ ٱسْتَكْبَرُوا۟ مِن قَوْمِهِۦ لَنُخْرِجَنَّكَ يَٰشُعَيْبُ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَعَكَ مِن قَرْيَتِنَآ أَوْ لَتَعُودُنَّ فِى مِلَّتِنَا قَالَ أَوَلَوْ كُنَّا كَٰرِهِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nijedhan ummata isaa irraa qondaalonni warra boonanii "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, siifi isaan si waliin amananis magaalaa teenya irraa ni baafna; yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan"Sila odoo kan jibbinus taanee moo!" jedhe.
See all translations of this verse →
قَدِ ٱفْتَرَيْنَا عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا إِنْ عُدْنَا فِى مِلَّتِكُم بَعْدَ إِذْ نَجَّىٰنَا ٱللَّهُ مِنْهَا وَمَا يَكُونُ لَنَآ أَن نَّعُودَ فِيهَآ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّنَا وَسِعَ رَبُّنَا كُلَّ شَىْءٍ عِلْمًا عَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلْنَا رَبَّنَا ٱفْتَحْ بَيْنَنَا وَبَيْنَ قَوْمِنَا بِٱلْحَقِّ وَأَنتَ خَيْرُ ٱلْفَٰتِحِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor " Dhugumatti Rabbiin irratti kijiba uumnee jirra yoo gara amantii keessanii deebine, erga Rabbiin ishee irraa nu baraarsee booda,ishee keessatti deebi’uun nuuf hin taane yoo Rabbiin Gooftaan keenya fedhe malee. Gooftaan keenya beekumsaan waan hunda bal'atee jira, Rabbi irratti hirkannee jirra, (Yaa) Gooftaa keenya! Gidduu keenyaafi gidduu namoota keenyaatti dhugaan murteessi; Ati irra caalaa warra murteessaniiti" (jedhe).
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلْمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن قَوْمِهِۦ لَئِنِ ٱتَّبَعْتُمْ شُعَيْبًا إِنَّكُمْ إِذًا لَّخَٰسِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor nijedhan Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oo dha".
See all translations of this verse →
فَأَخَذَتْهُمُ ٱلرَّجْفَةُ فَأَصْبَحُوا۟ فِى دَارِهِمْ جَٰثِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta'anii (du'anii) bariisifatan.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ شُعَيْبًا كَأَن لَّمْ يَغْنَوْا۟ فِيهَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ شُعَيْبًا كَانُوا۟ هُمُ ٱلْخَٰسِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri Shu’aybiin kijibsiisan akka waan ishee keessa hin turree ta’an, Warri Shu’aybiin kijibsiisan isaan hoonga’oo ta’an.
See all translations of this verse →
فَتَوَلَّىٰ عَنْهُمْ وَقَالَ يَٰقَوْمِ لَقَدْ أَبْلَغْتُكُمْ رِسَٰلَٰتِ رَبِّى وَنَصَحْتُ لَكُمْ فَكَيْفَ ءَاسَىٰ عَلَىٰ قَوْمٍ كَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Shu’ayb) isaan irraa gara galee nijedhe "yaa ummata kiyya! Ani ergaalee Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera. Toltuu isiniif dhaameera. Kanaafuu ani ummata kafaran irratti akkamittiin gadda!".
See all translations of this verse →
وَمَآ أَرْسَلْنَا فِى قَرْيَةٍ مِّن نَّبِىٍّ إِلَّآ أَخَذْنَآ أَهْلَهَا بِٱلْبَأْسَآءِ وَٱلضَّرَّآءِ لَعَلَّهُمْ يَضَّرَّعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti gara magaalaa tokkoo nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee hiyyummaafi dhibeen isaan qabnee malee hin hafne akka isaan gadi of qabaniif jecha,.
See all translations of this verse →
ثُمَّ بَدَّلْنَا مَكَانَ ٱلسَّيِّئَةِ ٱلْحَسَنَةَ حَتَّىٰ عَفَوا۟ وَّقَالُوا۟ قَدْ مَسَّ ءَابَآءَنَا ٱلضَّرَّآءُ وَٱلسَّرَّآءُ فَأَخَذْنَٰهُم بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii bakka hamtuu toltuutti jijjiirre, hanga isaan baay’atanii jedhanitti "Dhugumatti, abbootii keenyas rakkinniifi toltuun tuqxee jirti (kun waanuma yeroon fiduu dha)" Achumaan tasa isaan qabne, odoo isaan hin beekne.
See all translations of this verse →
وَلَوْ أَنَّ أَهْلَ ٱلْقُرَىٰٓ ءَامَنُوا۟ وَٱتَّقَوْا۟ لَفَتَحْنَا عَلَيْهِم بَرَكَٰتٍ مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلْأَرْضِ وَلَٰكِن كَذَّبُوا۟ فَأَخَذْنَٰهُم بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo warri magaalattii amananii (Rabbiin) sodaatanii, silaa Dhugumatti, Nuti samiifi dachii irraa barakaawwan isaaniif banna turre, Garuu isaan ni sobsiisan. Kanaafuu waan isaan kan hojjata tahaniif isaan qabne.
See all translations of this verse →
أَفَأَمِنَ أَهْلُ ٱلْقُرَىٰٓ أَن يَأْتِيَهُم بَأْسُنَا بَيَٰتًا وَهُمْ نَآئِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu adabbiin keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanuu (sodaa dhabanii)?
See all translations of this verse →
أَوَأَمِنَ أَهْلُ ٱلْقُرَىٰٓ أَن يَأْتِيَهُم بَأْسُنَا ضُحًى وَهُمْ يَلْعَبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya waaree isaanitti dhufuu of amanuu (sodaa dhabanii)?
See all translations of this verse →
أَفَأَمِنُوا۟ مَكْرَ ٱللَّهِ فَلَا يَأْمَنُ مَكْرَ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلْقَوْمُ ٱلْخَٰسِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu.
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَهْدِ لِلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلْأَرْضَ مِنۢ بَعْدِ أَهْلِهَآ أَن لَّوْ نَشَآءُ أَصَبْنَٰهُم بِذُنُوبِهِمْ وَنَطْبَعُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaannan dachii (dhumiinsa) warra ishee boodaan dhaalanuuf ifa hin taanee nuti odoo feenee diliilee isaaniitiin kan isaan adabnu ta’uun keenya? Onneewwan isaanii irratti cufaa goonaa, isaan hin dhaga’anu.
See all translations of this verse →
تِلْكَ ٱلْقُرَىٰ نَقُصُّ عَلَيْكَ مِنْ أَنۢبَآئِهَا وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ فَمَا كَانُوا۟ لِيُؤْمِنُوا۟ بِمَا كَذَّبُوا۟ مِن قَبْلُ كَذَٰلِكَ يَطْبَعُ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِ ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) {1} seenaalee isaanii irraa siif odeessina. Dhugumatti, ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiru, Waan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taane, Akka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa.
See all translations of this verse →
وَمَا وَجَدْنَا لِأَكْثَرِهِم مِّنْ عَهْدٍ وَإِن وَجَدْنَآ أَكْثَرَهُمْ لَفَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Irra hedduu isaanii waadaa isaanii irra kan gadi dhaabbatan hin argine; irra hedduu isaanii finciltoota ta’uu argine.
See all translations of this verse →
ثُمَّ بَعَثْنَا مِنۢ بَعْدِهِم مُّوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَمَلَإِي۟هِۦ فَظَلَمُوا۟ بِهَا فَٱنظُرْ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُفْسِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii isaan booda mallattoowwan keenyaan Muusaa gara Fir’awniifi qondaalota isaatti erginee jirra, Isaan fudhachuu didan, Booddeen (itti galli) balleessa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
See all translations of this verse →
وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰفِرْعَوْنُ إِنِّى رَسُولٌ مِّن رَّبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan ni jedhe: "Yaa Fir’awna! Dhugumatti, ani ergamaa Gooftaa aalamootaa irraa ta’eedha.
See all translations of this verse →
حَقِيقٌ عَلَىٰٓ أَن لَّآ أَقُولَ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلْحَقَّ قَدْ جِئْتُكُم بِبَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ فَأَرْسِلْ مَعِىَ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti, ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeera, Kanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi."
See all translations of this verse →
قَالَ إِن كُنتَ جِئْتَ بِـَٔايَةٍ فَأْتِ بِهَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Fir’awni) "Yoo mallattoon kandhufte taate, ishee fidi, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef" jedheen.
See all translations of this verse →
فَأَلْقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ ثُعْبَانٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ulee isaa darbate; isheen yeroma san bofa mul'ataa (guddaa) taate
See all translations of this verse →
وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِىَ بَيْضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Harka isaa ni baase; isheen yoosuu warra ilaalaniif adii (calaqqisaa) taate.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱلْمَلَأُ مِن قَوْمِ فِرْعَوْنَ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Qondaalonni ummata Fir’awni irraa ta'an ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti, saahiree (falfalaa) beekaadha.
See all translations of this verse →
يُرِيدُ أَن يُخْرِجَكُم مِّنْ أَرْضِكُمْ فَمَاذَا تَأْمُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dachii keessan irraa isin baasuu fedha; maal ajajjuree?" (jedheen).
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ أَرْجِهْ وَأَخَاهُ وَأَرْسِلْ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor [Isaan] ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisi, Magaalota keessa walitti qabdoota ergi.
See all translations of this verse →
يَأْتُوكَ بِكُلِّ سَٰحِرٍ عَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Falfalaa beekaa hundaan sitti dhufu."
See all translations of this verse →
وَجَآءَ ٱلسَّحَرَةُ فِرْعَوْنَ قَالُوٓا۟ إِنَّ لَنَا لَأَجْرًا إِن كُنَّا نَحْنُ ٱلْغَٰلِبِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Saahiroonni gara Fir’awni dhufanii "yoo nuti kan injifannu taane mindaan nuuf jiraa?" jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ نَعَمْ وَإِنَّكُمْ لَمِنَ ٱلْمُقَرَّبِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor [Inni] "Eeyyeen Isin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ يَٰمُوسَىٰٓ إِمَّآ أَن تُلْقِىَ وَإِمَّآ أَن نَّكُونَ نَحْنُ ٱلْمُلْقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Yaa Muusaa! yookaa ati darbachuu yooka nuti darbattoota tahuu " jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ أَلْقُوا۟ فَلَمَّآ أَلْقَوْا۟ سَحَرُوٓا۟ أَعْيُنَ ٱلنَّاسِ وَٱسْتَرْهَبُوهُمْ وَجَآءُو بِسِحْرٍ عَظِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor "Darbadhaa" jedhe, Yeroma (funyoo isaanii) darbatan ija namootaa falfalanii isaan shoorarkeesan, Sihrii guddaan dhufan.
See all translations of this verse →
وَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنْ أَلْقِ عَصَاكَ فَإِذَا هِىَ تَلْقَفُ مَا يَأْفِكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gara Muusaatti "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa goone, Achumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti.
See all translations of this verse →
فَوَقَعَ ٱلْحَقُّ وَبَطَلَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni bade.
See all translations of this verse →
فَغُلِبُوا۟ هُنَالِكَ وَٱنقَلَبُوا۟ صَٰغِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an.
See all translations of this verse →
وَأُلْقِىَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhan: "Gooftaa aalamootaatti amanneerra.
See all translations of this verse →
رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaa Muusaafi Haaruunitti."
See all translations of this verse →
قَالَ فِرْعَوْنُ ءَامَنتُم بِهِۦ قَبْلَ أَنْ ءَاذَنَ لَكُمْ إِنَّ هَٰذَا لَمَكْرٌ مَّكَرْتُمُوهُ فِى ٱلْمَدِينَةِ لِتُخْرِجُوا۟ مِنْهَآ أَهْلَهَا فَسَوْفَ تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Fir’awnis ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, kun tooftaa isin magaalattii keessatti mari’attaniidha jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha. Fuulduratti beekuuf jiraattu.
See all translations of this verse →
لَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَٰفٍ ثُمَّ لَأُصَلِّبَنَّكُمْ أَجْمَعِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti,ninmura harkoowwan keessaniifi miilleen keessan wal faallessuunan, eegasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa."
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaanis "Nuti Dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan.
See all translations of this verse →
وَمَا تَنقِمُ مِنَّآ إِلَّآ أَنْ ءَامَنَّا بِـَٔايَٰتِ رَبِّنَا لَمَّا جَآءَتْنَا رَبَّنَآ أَفْرِغْ عَلَيْنَا صَبْرًا وَتَوَفَّنَا مُسْلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiru, Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi, Muslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan)
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلْمَلَأُ مِن قَوْمِ فِرْعَوْنَ أَتَذَرُ مُوسَىٰ وَقَوْمَهُۥ لِيُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ وَيَذَرَكَ وَءَالِهَتَكَ قَالَ سَنُقَتِّلُ أَبْنَآءَهُمْ وَنَسْتَحْىِۦ نِسَآءَهُمْ وَإِنَّا فَوْقَهُمْ قَٰهِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata Fir’awni irraas qondaalonni nijedhan "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessanii (Muusaanis) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) dhiiftaa?". ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefna, Dubartoota isaanii immoo ni jiraachifna, (nidhiifna). nuti isaan irratti moo’attoota."
See all translations of this verse →
قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ ٱسْتَعِينُوا۟ بِٱللَّهِ وَٱصْبِرُوٓا۟ إِنَّ ٱلْأَرْضَ لِلَّهِ يُورِثُهَا مَن يَشَآءُ مِنْ عِبَادِهِۦ وَٱلْعَٰقِبَةُ لِلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan ummata isaatiin nijedhe "Rabbiin gargaarsifadhaa; obsaa, Dhugumatti, dachiin tan Rabbiiti, Gabroota Isaa irraa nama fedhe ishee dhaalchisa, Booddeen tan warra Rabbiin sodaataniiti".
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ أُوذِينَا مِن قَبْلِ أَن تَأْتِيَنَا وَمِنۢ بَعْدِ مَا جِئْتَنَا قَالَ عَسَىٰ رَبُّكُمْ أَن يُهْلِكَ عَدُوَّكُمْ وَيَسْتَخْلِفَكُمْ فِى ٱلْأَرْضِ فَيَنظُرَ كَيْفَ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nijedhan "Nuti rakkifamnee jirra odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas ". nijedhe " nimala Gooftaan keessan diinota keessan balleessee, dachii keessatti bakka isin buusee, ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluun".
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ أَخَذْنَآ ءَالَ فِرْعَوْنَ بِٱلسِّنِينَ وَنَقْصٍ مِّنَ ٱلثَّمَرَٰتِ لَعَلَّهُمْ يَذَّكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Nuti ummata Fir’awni caama waggootaaf tureefi hir’ina oomishaatiin isaan qabne. akka isaan gorfamaniif jecha.
See all translations of this verse →
فَإِذَا جَآءَتْهُمُ ٱلْحَسَنَةُ قَالُوا۟ لَنَا هَٰذِهِۦ وَإِن تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌ يَطَّيَّرُوا۟ بِمُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَلَآ إِنَّمَا طَٰٓئِرُهُمْ عِندَ ٱللَّهِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo toltuun wahii isaanitti dhufte "kun nuuf malti" jedhu, Yoo hamtuun isaan tuqxe immoo Muusaafi namoota isa waliinii irratti hooddatu, Dhagayaa! Dhugumatti,hooddannaan isaanii Rabbiin bira jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ مَهْمَا تَأْتِنَا بِهِۦ مِنْ ءَايَةٍ لِّتَسْحَرَنَا بِهَا فَمَا نَحْنُ لَكَ بِمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane."
See all translations of this verse →
فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمُ ٱلطُّوفَانَ وَٱلْجَرَادَ وَٱلْقُمَّلَ وَٱلضَّفَادِعَ وَٱلدَّمَ ءَايَٰتٍ مُّفَصَّلَٰتٍ فَٱسْتَكْبَرُوا۟ وَكَانُوا۟ قَوْمًا مُّجْرِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Achumaan nuti lolaa (bishaan) dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga mallattoowwan addeeffamaa haala ta'aniin isaan irratti erginee jirra. Isaan garuu ni boonan, (Isaan) ummata yakkamtoota turan.
See all translations of this verse →
وَلَمَّا وَقَعَ عَلَيْهِمُ ٱلرِّجْزُ قَالُوا۟ يَٰمُوسَى ٱدْعُ لَنَا رَبَّكَ بِمَا عَهِدَ عِندَكَ لَئِن كَشَفْتَ عَنَّا ٱلرِّجْزَ لَنُؤْمِنَنَّ لَكَ وَلَنُرْسِلَنَّ مَعَكَ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo adabichi isaan irratti bu'u ni jedhan: "yaa Muusaa! Gooftaa kee nuuf kadhu waan Inni si biraa waadaa qabuun , yoo ati adabicha nurraa deebifte, Dhugumatti, nuti siif amanna; Ilmaan Israa’il si waliin ergina."
See all translations of this verse →
فَلَمَّا كَشَفْنَا عَنْهُمُ ٱلرِّجْزَ إِلَىٰٓ أَجَلٍ هُم بَٰلِغُوهُ إِذَا هُمْ يَنكُثُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor yeroma nuti isaan irraa adabicha Hanga beellama isaan dhaqqabanuutti deebifnu achumaan isaan waadaa isaanii diigu.
See all translations of this verse →
فَٱنتَقَمْنَا مِنْهُمْ فَأَغْرَقْنَٰهُمْ فِى ٱلْيَمِّ بِأَنَّهُمْ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُوا۟ عَنْهَا غَٰفِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor galaana keessatti isaan dhidhimsinee haaloo isaan irraa ba’anne, Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis dagattoota ta’aniif .
See all translations of this verse →
وَأَوْرَثْنَا ٱلْقَوْمَ ٱلَّذِينَ كَانُوا۟ يُسْتَضْعَفُونَ مَشَٰرِقَ ٱلْأَرْضِ وَمَغَٰرِبَهَا ٱلَّتِى بَٰرَكْنَا فِيهَا وَتَمَّتْ كَلِمَتُ رَبِّكَ ٱلْحُسْنَىٰ عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ بِمَا صَبَرُوا۟ وَدَمَّرْنَا مَا كَانَ يَصْنَعُ فِرْعَوْنُ وَقَوْمُهُۥ وَمَا كَانُوا۟ يَعْرِشُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti namoota hacuucamaa turan Bahaafi Dhiha dachii dhaalchifne, ishee barakaa keessa goonee. jechi Rabbii keetii toltuun Banii Israa’iil irratti guutamte Sababa isaan obsaniif. Waan Fir’awniifi ummanni isaa dalagaa turaniifi waan isaan ijaaraa turanis ni barbadeessine.
See all translations of this verse →
وَجَٰوَزْنَا بِبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱلْبَحْرَ فَأَتَوْا۟ عَلَىٰ قَوْمٍ يَعْكُفُونَ عَلَىٰٓ أَصْنَامٍ لَّهُمْ قَالُوا۟ يَٰمُوسَى ٱجْعَل لَّنَآ إِلَٰهًا كَمَا لَهُمْ ءَالِهَةٌ قَالَ إِنَّكُمْ قَوْمٌ تَجْهَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ilmaan Israa’iilin bahara ceesifne, ummata taabota isaanii (gabbaruu) irra taa’aa jirutti dhufanii "yaa Muusaa akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi" jedhan, [Inni] ni jedhe: "Isin ummata wallaaloodha.
See all translations of this verse →
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ مُتَبَّرٌ مَّا هُمْ فِيهِ وَبَٰطِلٌ مَّا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadha. Wanti isaan dalagaa turanis kufaadha."
See all translations of this verse →
قَالَ أَغَيْرَ ٱللَّهِ أَبْغِيكُمْ إِلَٰهًا وَهُوَ فَضَّلَكُمْ عَلَى ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Sila ani Rabbiin ala gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruu?" jedhe.
See all translations of this verse →
وَإِذْ أَنجَيْنَٰكُم مِّنْ ءَالِ فِرْعَوْنَ يَسُومُونَكُمْ سُوٓءَ ٱلْعَذَابِ يُقَتِّلُونَ أَبْنَآءَكُمْ وَيَسْتَحْيُونَ نِسَآءَكُمْ وَفِى ذَٰلِكُم بَلَآءٌ مِّن رَّبِّكُمْ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Nuti namoota (adabbii) ummata Fir’awni irraa nagaa isin baafnes [yaadadhaa] kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisan, kan ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan. Kana keessas balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
See all translations of this verse →
وَوَٰعَدْنَا مُوسَىٰ ثَلَٰثِينَ لَيْلَةً وَأَتْمَمْنَٰهَا بِعَشْرٍ فَتَمَّ مِيقَٰتُ رَبِّهِۦٓ أَرْبَعِينَ لَيْلَةً وَقَالَ مُوسَىٰ لِأَخِيهِ هَٰرُونَ ٱخْلُفْنِى فِى قَوْمِى وَأَصْلِحْ وَلَا تَتَّبِعْ سَبِيلَ ٱلْمُفْسِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaaf halkan soddoma waadaa seenne. Kudhaniin ishee guunne. Beellamni Gooftaa isaa halkan afurtama guute. Muusaan obboleessa isaa Haaruunin ni jedhe: "Bakka na bu’i ummata kiyya keessatti tolchi, Karaa warra balleessaa hojjatanii hin hordofin."
See all translations of this verse →
وَلَمَّا جَآءَ مُوسَىٰ لِمِيقَٰتِنَا وَكَلَّمَهُۥ رَبُّهُۥ قَالَ رَبِّ أَرِنِىٓ أَنظُرْ إِلَيْكَ قَالَ لَن تَرَىٰنِى وَلَٰكِنِ ٱنظُرْ إِلَى ٱلْجَبَلِ فَإِنِ ٱسْتَقَرَّ مَكَانَهُۥ فَسَوْفَ تَرَىٰنِى فَلَمَّا تَجَلَّىٰ رَبُّهُۥ لِلْجَبَلِ جَعَلَهُۥ دَكًّا وَخَرَّ مُوسَىٰ صَعِقًا فَلَمَّآ أَفَاقَ قَالَ سُبْحَٰنَكَ تُبْتُ إِلَيْكَ وَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu "Yaa gooftaa kiyya (uf) na argisiisi sin ilaalaa!" jedhe. (Rabbiin) "Nan argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti ragga'eef Na argitaa" jedhe. Yeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu caccaphaa isa godhe. Muusaan of wallaalee kufe, Yeroma bayyanatu nijedhe "ati qulqulloofte; ani gara keetti deebi’e, anis jalqaba mu’uminootaati".
See all translations of this verse →
قَالَ يَٰمُوسَىٰٓ إِنِّى ٱصْطَفَيْتُكَ عَلَى ٱلنَّاسِ بِرِسَٰلَٰتِى وَبِكَلَٰمِى فَخُذْ مَآ ءَاتَيْتُكَ وَكُن مِّنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheera, Waan Ani siif kenne qabadhu, Galateeffattoota irraa ta’i."
See all translations of this verse →
وَكَتَبْنَا لَهُۥ فِى ٱلْأَلْوَاحِ مِن كُلِّ شَىْءٍ مَّوْعِظَةً وَتَفْصِيلًا لِّكُلِّ شَىْءٍ فَخُذْهَا بِقُوَّةٍ وَأْمُرْ قَوْمَكَ يَأْخُذُوا۟ بِأَحْسَنِهَا سَأُو۟رِيكُمْ دَارَ ٱلْفَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Loohiwwan keessatti waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine. "Ishee ciminaan qabadhu, ummata keetis akka toltuu ishee qabatan ajaji. Ani biyya finciltootaa fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen).
See all translations of this verse →
سَأَصْرِفُ عَنْ ءَايَٰتِىَ ٱلَّذِينَ يَتَكَبَّرُونَ فِى ٱلْأَرْضِ بِغَيْرِ ٱلْحَقِّ وَإِن يَرَوْا۟ كُلَّ ءَايَةٍ لَّا يُؤْمِنُوا۟ بِهَا وَإِن يَرَوْا۟ سَبِيلَ ٱلرُّشْدِ لَا يَتَّخِذُوهُ سَبِيلًا وَإِن يَرَوْا۟ سَبِيلَ ٱلْغَىِّ يَتَّخِذُوهُ سَبِيلًا ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُوا۟ عَنْهَا غَٰفِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani warra haqaan ala dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galcha, Yoo mallattoolee hunda arganis isatti hin amananu, Yoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatanu, Yoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatu, Kun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَلِقَآءِ ٱلْـَٔاخِرَةِ حَبِطَتْ أَعْمَٰلُهُمْ هَلْ يُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii badde, Sila waan hojjataa turan malee mindeeffamuu?
See all translations of this verse →
وَٱتَّخَذَ قَوْمُ مُوسَىٰ مِنۢ بَعْدِهِۦ مِنْ حُلِيِّهِمْ عِجْلًا جَسَدًا لَّهُۥ خُوَارٌ أَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّهُۥ لَا يُكَلِّمُهُمْ وَلَا يَهْدِيهِمْ سَبِيلًا ٱتَّخَذُوهُ وَكَانُوا۟ ظَٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama sagaleen (akka koqiinsaa) isaaf taate tolfatan, Sila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganuu? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattootas ta’an.
See all translations of this verse →
وَلَمَّا سُقِطَ فِىٓ أَيْدِيهِمْ وَرَأَوْا۟ أَنَّهُمْ قَدْ ضَلُّوا۟ قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ يَرْحَمْنَا رَبُّنَا وَيَغْفِرْ لَنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلْخَٰسِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo gaabbanii jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture."
See all translations of this verse →
وَلَمَّا رَجَعَ مُوسَىٰٓ إِلَىٰ قَوْمِهِۦ غَضْبَٰنَ أَسِفًا قَالَ بِئْسَمَا خَلَفْتُمُونِى مِنۢ بَعْدِىٓ أَعَجِلْتُمْ أَمْرَ رَبِّكُمْ وَأَلْقَى ٱلْأَلْوَاحَ وَأَخَذَ بِرَأْسِ أَخِيهِ يَجُرُّهُۥٓ إِلَيْهِ قَالَ ٱبْنَ أُمَّ إِنَّ ٱلْقَوْمَ ٱسْتَضْعَفُونِى وَكَادُوا۟ يَقْتُلُونَنِى فَلَا تُشْمِتْ بِىَ ٱلْأَعْدَآءَ وَلَا تَجْعَلْنِى مَعَ ٱلْقَوْمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan waa fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii jarjarfattani moo?" jedhe. Loohiiwwan darbee mataa obboleessa isaa qabe, kan ufitti harkisu ta'ee. (Obboleessis) nijedhe "Yaa ilma haadha tiyyaa! Ummanni na hacuucanii na ajjeesuuf dhihaatani, Kanaafuu diina natti hin gammachiisin, Ummata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe.
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ ٱغْفِرْ لِى وَلِأَخِى وَأَدْخِلْنَا فِى رَحْمَتِكَ وَأَنتَ أَرْحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) nijedhe "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araarami, Rahmata kee keessas nu seensisi, Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti".
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُوا۟ ٱلْعِجْلَ سَيَنَالُهُمْ غَضَبٌ مِّن رَّبِّهِمْ وَذِلَّةٌ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْمُفْتَرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaannan mirgoo (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa tanaa keessatti isaan argata፣ Akka kanatti kijiba uumtota (adabaan) galata galchina.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ عَمِلُوا۟ ٱلسَّيِّـَٔاتِ ثُمَّ تَابُوا۟ مِنۢ بَعْدِهَا وَءَامَنُوٓا۟ إِنَّ رَبَّكَ مِنۢ بَعْدِهَا لَغَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan dilii heddu hojjatanii sana booda tawbataniifi amanan, Dhugumatti, Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَلَمَّا سَكَتَ عَن مُّوسَى ٱلْغَضَبُ أَخَذَ ٱلْأَلْوَاحَ وَفِى نُسْخَتِهَا هُدًى وَرَحْمَةٌ لِّلَّذِينَ هُمْ لِرَبِّهِمْ يَرْهَبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma dallansuun Muusaa irraa qabbanaa’u loohiwwan fuudhe, Barreefama ishee keessa qajeelfamaafi rahmatatu warra Gooftaa isaanii sodaataniif jira.
See all translations of this verse →
وَٱخْتَارَ مُوسَىٰ قَوْمَهُۥ سَبْعِينَ رَجُلًا لِّمِيقَٰتِنَا فَلَمَّآ أَخَذَتْهُمُ ٱلرَّجْفَةُ قَالَ رَبِّ لَوْ شِئْتَ أَهْلَكْتَهُم مِّن قَبْلُ وَإِيَّٰىَ أَتُهْلِكُنَا بِمَا فَعَلَ ٱلسُّفَهَآءُ مِنَّآ إِنْ هِىَ إِلَّا فِتْنَتُكَ تُضِلُّ بِهَا مَن تَشَآءُ وَتَهْدِى مَن تَشَآءُ أَنتَ وَلِيُّنَا فَٱغْفِرْ لَنَا وَٱرْحَمْنَا وَأَنتَ خَيْرُ ٱلْغَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filate, Yeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita ture, Sila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee homaa miti, Isheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchita, Ati gargaaraa keenya, Nuuf araarami, Rahmatas nuuf godhi, Ati caalaa araaramtootaati.
See all translations of this verse →
وَٱكْتُبْ لَنَا فِى هَٰذِهِ ٱلدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِى ٱلْـَٔاخِرَةِ إِنَّا هُدْنَآ إِلَيْكَ قَالَ عَذَابِىٓ أُصِيبُ بِهِۦ مَنْ أَشَآءُ وَرَحْمَتِى وَسِعَتْ كُلَّ شَىْءٍ فَسَأَكْتُبُهَا لِلَّذِينَ يَتَّقُونَ وَيُؤْتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَٱلَّذِينَ هُم بِـَٔايَٰتِنَا يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabi, Nuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) azaaba kiyya; naman fedhen isaan tuqa, Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatte, Ishee fuulduratti nin barreessa warra Rabbiin sodaataniif, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin."
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ يَتَّبِعُونَ ٱلرَّسُولَ ٱلنَّبِىَّ ٱلْأُمِّىَّ ٱلَّذِى يَجِدُونَهُۥ مَكْتُوبًا عِندَهُمْ فِى ٱلتَّوْرَىٰةِ وَٱلْإِنجِيلِ يَأْمُرُهُم بِٱلْمَعْرُوفِ وَيَنْهَىٰهُمْ عَنِ ٱلْمُنكَرِ وَيُحِلُّ لَهُمُ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَيُحَرِّمُ عَلَيْهِمُ ٱلْخَبَٰٓئِثَ وَيَضَعُ عَنْهُمْ إِصْرَهُمْ وَٱلْأَغْلَٰلَ ٱلَّتِى كَانَتْ عَلَيْهِمْ فَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِهِۦ وَعَزَّرُوهُ وَنَصَرُوهُ وَٱتَّبَعُوا۟ ٱلنُّورَ ٱلَّذِىٓ أُنزِلَ مَعَهُۥٓ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isaan) warra ergamaa, nabiyyii hin barreessineefi hin dubbifne hordofani, isa isaan biratti Tawraatiifi Injiiliin keessatti barreeffamee isa argan, kan toltutti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu, fokkataawwan immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitiifi hidhaa isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu. (hordofaniidha). Isaannan isatti amananii isa kabajan, kan isa gargaaraniifi ifa isa waliin bu’e hordofan, isaan isaanumatu warra milkaa’oodha.
See all translations of this verse →
قُلْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُمْ جَمِيعًا ٱلَّذِى لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحْىِۦ وَيُمِيتُ فَـَٔامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِ ٱلنَّبِىِّ ٱلْأُمِّىِّ ٱلَّذِى يُؤْمِنُ بِٱللَّهِ وَكَلِمَٰتِهِۦ وَٱتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa,kan Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha."
See all translations of this verse →
وَمِن قَوْمِ مُوسَىٰٓ أُمَّةٌ يَهْدُونَ بِٱلْحَقِّ وَبِهِۦ يَعْدِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata Muusaa irraa ummata dhugaan qajeelaniifi ittiin haqa murteessantu jira.
See all translations of this verse →
وَقَطَّعْنَٰهُمُ ٱثْنَتَىْ عَشْرَةَ أَسْبَاطًا أُمَمًا وَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ إِذِ ٱسْتَسْقَىٰهُ قَوْمُهُۥٓ أَنِ ٱضْرِب بِّعَصَاكَ ٱلْحَجَرَ فَٱنۢبَجَسَتْ مِنْهُ ٱثْنَتَا عَشْرَةَ عَيْنًا قَدْ عَلِمَ كُلُّ أُنَاسٍ مَّشْرَبَهُمْ وَظَلَّلْنَا عَلَيْهِمُ ٱلْغَمَٰمَ وَأَنزَلْنَا عَلَيْهِمُ ٱلْمَنَّ وَٱلسَّلْوَىٰ كُلُوا۟ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقْنَٰكُمْ وَمَا ظَلَمُونَا وَلَٰكِن كَانُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodne, Gara Muusatti yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee teetiin dhagaa dhayi" jechuu beeksifne, Isa irraas burqituu kudha lamatu maddite, Namoonni hunduu iddoo irraa dhugan ni beekan, Duumessa isaan irratti gaaddiseessine, Mannii'fi 'salwiis' isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen). Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan.
See all translations of this verse →
وَإِذْ قِيلَ لَهُمُ ٱسْكُنُوا۟ هَٰذِهِ ٱلْقَرْيَةَ وَكُلُوا۟ مِنْهَا حَيْثُ شِئْتُمْ وَقُولُوا۟ حِطَّةٌ وَٱدْخُلُوا۟ ٱلْبَابَ سُجَّدًا نَّغْفِرْ لَكُمْ خَطِيٓـَٰٔتِكُمْ سَنَزِيدُ ٱلْمُحْسِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isaaniin jedhame [yaadadhaa] "magaalattii tana keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa, (kan nu feenu Badiin nurraa) harca'uudhas' jedhaa, Balbalas sujuuda godhaa seenaa, Badiiwwan keessan isiniif dhiifna,(galata) warra toltuu hojjataniis ni daballa"
See all translations of this verse →
فَبَدَّلَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ مِنْهُمْ قَوْلًا غَيْرَ ٱلَّذِى قِيلَ لَهُمْ فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِجْزًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ بِمَا كَانُوا۟ يَظْلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiran,azaaba samii irraa isaan irratti ergine Waan miidhaa hojjataa turaniif jecha.{1}
See all translations of this verse →
وَسْـَٔلْهُمْ عَنِ ٱلْقَرْيَةِ ٱلَّتِى كَانَتْ حَاضِرَةَ ٱلْبَحْرِ إِذْ يَعْدُونَ فِى ٱلسَّبْتِ إِذْ تَأْتِيهِمْ حِيتَانُهُمْ يَوْمَ سَبْتِهِمْ شُرَّعًا وَيَوْمَ لَا يَسْبِتُونَ لَا تَأْتِيهِمْ كَذَٰلِكَ نَبْلُوهُم بِمَا كَانُوا۟ يَفْسُقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor isaan gaafadhu Waa’ee magaalattii galaanicha cinaa jirtuu, yeroo isaan sanbata keessatti daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu; guyyaa isaan hinsanbateessine (hin guddifne) (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftu,akka kanatti isaan qormaanna waan isaan fincilaa turaniif.
See all translations of this verse →
وَإِذْ قَالَتْ أُمَّةٌ مِّنْهُمْ لِمَ تَعِظُونَ قَوْمًا ٱللَّهُ مُهْلِكُهُمْ أَوْ مُعَذِّبُهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا قَالُوا۟ مَعْذِرَةً إِلَىٰ رَبِّكُمْ وَلَعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [1]
See all translations of this verse →
فَلَمَّا نَسُوا۟ مَا ذُكِّرُوا۟ بِهِۦٓ أَنجَيْنَا ٱلَّذِينَ يَنْهَوْنَ عَنِ ٱلسُّوٓءِ وَأَخَذْنَا ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ بِعَذَابٍۭ بَـِٔيسٍۭ بِمَا كَانُوا۟ يَفْسُقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee, isaan miidhaa hojjatan immoo adabbii hamaan isaan qabne waan isaan fincilaa turaniif jecha. {2}
See all translations of this verse →
فَلَمَّا عَتَوْا۟ عَن مَّا نُهُوا۟ عَنْهُ قُلْنَا لَهُمْ كُونُوا۟ قِرَدَةً خَٰسِـِٔينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa".
See all translations of this verse →
وَإِذْ تَأَذَّنَ رَبُّكَ لَيَبْعَثَنَّ عَلَيْهِمْ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ مَن يَسُومُهُمْ سُوٓءَ ٱلْعَذَابِ إِنَّ رَبَّكَ لَسَرِيعُ ٱلْعِقَابِ وَإِنَّهُۥ لَغَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَقَطَّعْنَٰهُمْ فِى ٱلْأَرْضِ أُمَمًا مِّنْهُمُ ٱلصَّٰلِحُونَ وَمِنْهُمْ دُونَ ذَٰلِكَ وَبَلَوْنَٰهُم بِٱلْحَسَنَٰتِ وَٱلسَّيِّـَٔاتِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraas gaggaariitu jira, Isaan irraa sanaan alatu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.
See all translations of this verse →
فَخَلَفَ مِنۢ بَعْدِهِمْ خَلْفٌ وَرِثُوا۟ ٱلْكِتَٰبَ يَأْخُذُونَ عَرَضَ هَٰذَا ٱلْأَدْنَىٰ وَيَقُولُونَ سَيُغْفَرُ لَنَا وَإِن يَأْتِهِمْ عَرَضٌ مِّثْلُهُۥ يَأْخُذُوهُ أَلَمْ يُؤْخَذْ عَلَيْهِم مِّيثَٰقُ ٱلْكِتَٰبِ أَن لَّا يَقُولُوا۟ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلْحَقَّ وَدَرَسُوا۟ مَا فِيهِ وَٱلدَّارُ ٱلْـَٔاخِرَةُ خَيْرٌ لِّلَّذِينَ يَتَّقُونَ أَفَلَا تَعْقِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor bakka bu’an booda isaaniitii bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan. Meeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa, "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhu, Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufe ni fudhatu, Sila waadaan kitaabaa akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraa isaan Rabbiin sodaataniif caalaadha, Sila isin hin xiinxaltanuu?
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ يُمَسِّكُونَ بِٱلْكِتَٰبِ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجْرَ ٱلْمُصْلِحِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan kitaabicha qabatanii, salaata sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa tolchitoota hin balleessinu.
See all translations of this verse →
وَإِذْ نَتَقْنَا ٱلْجَبَلَ فَوْقَهُمْ كَأَنَّهُۥ ظُلَّةٌ وَظَنُّوٓا۟ أَنَّهُۥ وَاقِعٌۢ بِهِمْ خُذُوا۟ مَآ ءَاتَيْنَٰكُم بِقُوَّةٍ وَٱذْكُرُوا۟ مَا فِيهِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Nuti gaara xuur gubbaa isaanii irratti akka gaaddisaa ta’ee ol fuunee, isaan isaanirratti kufa jechuu dhugoomsanii "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa, Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru qhubadhaa" (jenne yaadadhu)
See all translations of this verse →
وَإِذْ أَخَذَ رَبُّكَ مِنۢ بَنِىٓ ءَادَمَ مِن ظُهُورِهِمْ ذُرِّيَّتَهُمْ وَأَشْهَدَهُمْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ أَلَسْتُ بِرَبِّكُمْ قَالُوا۟ بَلَىٰ شَهِدْنَآ أَن تَقُولُوا۟ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ إِنَّا كُنَّا عَنْ هَٰذَا غَٰفِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu] "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jecheen, Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, Kunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.
See all translations of this verse →
أَوْ تَقُولُوٓا۟ إِنَّمَآ أَشْرَكَ ءَابَآؤُنَا مِن قَبْلُ وَكُنَّا ذُرِّيَّةً مِّنۢ بَعْدِهِمْ أَفَتُهْلِكُنَا بِمَا فَعَلَ ٱلْمُبْطِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nutis sanyii isaaniin boodaa turre, Sila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ وَلَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka isaan (yaadanii)fi deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.
See all translations of this verse →
وَٱتْلُ عَلَيْهِمْ نَبَأَ ٱلَّذِىٓ ءَاتَيْنَٰهُ ءَايَٰتِنَا فَٱنسَلَخَ مِنْهَا فَأَتْبَعَهُ ٱلشَّيْطَٰنُ فَكَانَ مِنَ ٱلْغَاوِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor isaan irratti dubbisi oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninee, ishee irraa luqqa'e, sheyxaana isa hordofsiise, jallattoota irraa ta’e.
See all translations of this verse →
وَلَوْ شِئْنَا لَرَفَعْنَٰهُ بِهَا وَلَٰكِنَّهُۥٓ أَخْلَدَ إِلَى ٱلْأَرْضِ وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ فَمَثَلُهُۥ كَمَثَلِ ٱلْكَلْبِ إِن تَحْمِلْ عَلَيْهِ يَلْهَثْ أَوْ تَتْرُكْهُ يَلْهَث ذَّٰلِكَ مَثَلُ ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا فَٱقْصُصِ ٱلْقَصَصَ لَعَلَّهُمْ يَتَفَكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna ture, Garuu inni gara dachiitti gadi dide; fedhii lubbuu isaa hordofe, Fakkeenyi isaa akka fakkii sareeti yoo ariite arraba baasee harganu, yoo dhiiftes arraba baasee harganuuti, Kuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniiti, seenaalee odeessi akka isaan xiinxalaniif jecha .
See all translations of this verse →
سَآءَ مَثَلًا ٱلْقَوْمُ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَأَنفُسَهُمْ كَانُوا۟ يَظْلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisanii waa fokkate! lubbuulee isaanii kan miidhan ta’anii.
See all translations of this verse →
مَن يَهْدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلْمُهْتَدِى وَمَن يُضْلِلْ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْخَٰسِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadha, Namni Inni jallise immoo, isaan warra hoonga’oodha.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ ذَرَأْنَا لِجَهَنَّمَ كَثِيرًا مِّنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ لَهُمْ قُلُوبٌ لَّا يَفْقَهُونَ بِهَا وَلَهُمْ أَعْيُنٌ لَّا يُبْصِرُونَ بِهَا وَلَهُمْ ءَاذَانٌ لَّا يَسْمَعُونَ بِهَآ أُو۟لَٰٓئِكَ كَٱلْأَنْعَٰمِ بَلْ هُمْ أَضَلُّ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْغَٰفِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirra, Isaaniif onneewwantu tahe, isiin hinhubatan. isaaniif ijoowwantu tahe, isiidhaan hinargan.isaaniif gurroowwantu tahe, isiin hindhagayan. Warri sun akka beyladootaati, Inumaa jarri irra jallatoodha, Isaan isaanumatu dagattoota.
See all translations of this verse →
وَلِلَّهِ ٱلْأَسْمَآءُ ٱلْحُسْنَىٰ فَٱدْعُوهُ بِهَا وَذَرُوا۟ ٱلَّذِينَ يُلْحِدُونَ فِىٓ أَسْمَٰٓئِهِۦ سَيُجْزَوْنَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiru, Isheedhaan Isa kadhaa, Warra maqaalee Isaa keessatti jallisan dhiisaa, Waan dalagaa turan fuulduratti galata galfamu.
See all translations of this verse →
وَمِمَّنْ خَلَقْنَآ أُمَّةٌ يَهْدُونَ بِٱلْحَقِّ وَبِهِۦ يَعْدِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Namoota Nuti uumne irraa, ummata dhugaan qajeelaniifi isaanis haqa murteessantu jiru.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaannan keeyyattoota keenya kijibsiisan, Nuti karaa isaan hin beekne irraan suuta suutaan isaan qabna.
See all translations of this verse →
وَأُمْلِى لَهُمْ إِنَّ كَيْدِى مَتِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isaaniifin kenna; Dhugumatti, tooftaan kiyya cimaadha.
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَتَفَكَّرُوا۟ مَا بِصَاحِبِهِم مِّن جِنَّةٍ إِنْ هُوَ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan saahiba (Nabiyyii) isaaniitti (muhammaditti) maraatummaan akka hinjirre hin xiinxalanuu? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee waan biraatii miti.
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَنظُرُوا۟ فِى مَلَكُوتِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا خَلَقَ ٱللَّهُ مِن شَىْءٍ وَأَنْ عَسَىٰٓ أَن يَكُونَ قَدِ ٱقْتَرَبَ أَجَلُهُمْ فَبِأَىِّ حَدِيثٍۭ بَعْدَهُۥ يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila mootummaa samiileefii dachiifi, keessatti hinlaalanii? waan Rabbiin wantoota hunda irraa uumes, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu (hin ilaalanuu?). Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu?
See all translations of this verse →
مَن يُضْلِلِ ٱللَّهُ فَلَا هَادِىَ لَهُۥ وَيَذَرُهُمْ فِى طُغْيَٰنِهِمْ يَعْمَهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiru, Jallina isaanii keessatti dhama'oota ta'anii isaan dhiisa.
See all translations of this verse →
يَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرْسَىٰهَا قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِندَ رَبِّى لَا يُجَلِّيهَا لِوَقْتِهَآ إِلَّا هُوَ ثَقُلَتْ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ لَا تَأْتِيكُمْ إِلَّا بَغْتَةً يَسْـَٔلُونَكَ كَأَنَّكَ حَفِىٌّ عَنْهَا قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِندَ ٱللَّهِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waa’ee Qiyaamaa irraa yoomi dhaabbatiinsi isii (dhufti isii) (jedhanii) si gaafatu, jedhi "Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira qofa. Isa malee homtuu yeroo isheetiif ishee hin ibsu, Samiileefi dachii keessatti ulfaatte, Isheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" (jedhi). Akka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu, jedhi Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jira, Garuu irra hedduun namootaa hin beekan".
See all translations of this verse →
قُل لَّآ أَمْلِكُ لِنَفْسِى نَفْعًا وَلَا ضَرًّا إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُ وَلَوْ كُنتُ أَعْلَمُ ٱلْغَيْبَ لَٱسْتَكْثَرْتُ مِنَ ٱلْخَيْرِ وَمَا مَسَّنِىَ ٱلسُّوٓءُ إِنْ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi "Ani lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَكُم مِّن نَّفْسٍ وَٰحِدَةٍ وَجَعَلَ مِنْهَا زَوْجَهَا لِيَسْكُنَ إِلَيْهَا فَلَمَّا تَغَشَّىٰهَا حَمَلَتْ حَمْلًا خَفِيفًا فَمَرَّتْ بِهِۦ فَلَمَّآ أَثْقَلَت دَّعَوَا ٱللَّهَ رَبَّهُمَا لَئِنْ ءَاتَيْتَنَا صَٰلِحًا لَّنَكُونَنَّ مِنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun) .
See all translations of this verse →
فَلَمَّآ ءَاتَىٰهُمَا صَٰلِحًا جَعَلَا لَهُۥ شُرَكَآءَ فِيمَآ ءَاتَىٰهُمَا فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ عَمَّا يُشْرِكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Inni (ilma) gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisan, Rabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera.
See all translations of this verse →
أَيُشْرِكُونَ مَا لَا يَخْلُقُ شَيْـًٔا وَهُمْ يُخْلَقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila warra waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu? kan ofiifuu uumamoo ta’an.
See all translations of this verse →
وَلَا يَسْتَطِيعُونَ لَهُمْ نَصْرًا وَلَآ أَنفُسَهُمْ يَنصُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan gargaaruu hin danda’an, lubbuulee isaaniis hingargaaran.
See all translations of this verse →
وَإِن تَدْعُوهُمْ إِلَى ٱلْهُدَىٰ لَا يَتَّبِعُوكُمْ سَوَآءٌ عَلَيْكُمْ أَدَعَوْتُمُوهُمْ أَمْ أَنتُمْ صَٰمِتُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isin gara qajeelumaa isaan waamtan isin hin hordofan, Isaan waamtanus yookiin cal’iftoota taatanus isin irratti walqixa.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ عِبَادٌ أَمْثَالُكُمْ فَٱدْعُوهُمْ فَلْيَسْتَجِيبُوا۟ لَكُمْ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan gabrootuma fakkiiwwan keessaniiti, mee isaan kadhaa isiniif haa awwaatanuu Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif.
See all translations of this verse →
أَلَهُمْ أَرْجُلٌ يَمْشُونَ بِهَآ أَمْ لَهُمْ أَيْدٍ يَبْطِشُونَ بِهَآ أَمْ لَهُمْ أَعْيُنٌ يُبْصِرُونَ بِهَآ أَمْ لَهُمْ ءَاذَانٌ يَسْمَعُونَ بِهَا قُلِ ٱدْعُوا۟ شُرَكَآءَكُمْ ثُمَّ كِيدُونِ فَلَا تُنظِرُونِ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaaniif miiloowwantu tahee kan isiidhaan deeman? moo isaaniif harkoowwantu taheekan isiidhaan qabatan? moo isaaniif ijoowwantu kan isiidhaan argan? moo isaaniif gurroowwantu tahee kan isiidhaan dhagayan? jedhi " shariikota keessan (warra Rabbii waliin gabbartan) waamadhaa, Ergasii tooftaa natti baasaa, Yeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu).
See all translations of this verse →
إِنَّ وَلِـِّۧىَ ٱللَّهُ ٱلَّذِى نَزَّلَ ٱلْكِتَٰبَ وَهُوَ يَتَوَلَّى ٱلصَّٰلِحِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedha, Inni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin).
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَسْتَطِيعُونَ نَصْرَكُمْ وَلَآ أَنفُسَهُمْ يَنصُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruu hindandayan, lubbuulee isaaniitis hingargaaranu.
See all translations of this verse →
وَإِن تَدْعُوهُمْ إِلَى ٱلْهُدَىٰ لَا يَسْمَعُوا۟ وَتَرَىٰهُمْ يَنظُرُونَ إِلَيْكَ وَهُمْ لَا يُبْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo gara qajeelumaa isaan waamtan hin dhaga'anu. Kan isaan gara kee ilaalanu argita isaan hinargan.
See all translations of this verse →
خُذِ ٱلْعَفْوَ وَأْمُرْ بِٱلْعُرْفِ وَأَعْرِضْ عَنِ ٱلْجَٰهِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; toltuutti ajaji; wallaaltota irraa gara gali.
See all translations of this verse →
وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيْطَٰنِ نَزْغٌ فَٱسْتَعِذْ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوْا۟ إِذَا مَسَّهُمْ طَٰٓئِفٌ مِّنَ ٱلشَّيْطَٰنِ تَذَكَّرُوا۟ فَإِذَا هُم مُّبْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e isaan tuqe, (Rabbiin) yaadatu, Achumaan isaan argoodha..
See all translations of this verse →
وَإِخْوَٰنُهُمْ يَمُدُّونَهُمْ فِى ٱلْغَىِّ ثُمَّ لَا يُقْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Obboleeyyan isaanii jallina isaaniif dabalu, Ergasii (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.
See all translations of this verse →
وَإِذَا لَمْ تَأْتِهِم بِـَٔايَةٍ قَالُوا۟ لَوْلَا ٱجْتَبَيْتَهَا قُلْ إِنَّمَآ أَتَّبِعُ مَا يُوحَىٰٓ إِلَىَّ مِن رَّبِّى هَٰذَا بَصَآئِرُ مِن رَّبِّكُمْ وَهُدًى وَرَحْمَةٌ لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu. jedhi "Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa, (Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e, qajeelfamaafi rahmata ummata amananiif ".
See all translations of this verse →
وَإِذَا قُرِئَ ٱلْقُرْءَانُ فَٱسْتَمِعُوا۟ لَهُۥ وَأَنصِتُوا۟ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Qur’aanni qara’ame isaaf dhageeffadhaa; cal’isaa akka rahmanni isiniif godhamuuf .
See all translations of this verse →
وَٱذْكُر رَّبَّكَ فِى نَفْسِكَ تَضَرُّعًا وَخِيفَةً وَدُونَ ٱلْجَهْرِ مِنَ ٱلْقَوْلِ بِٱلْغُدُوِّ وَٱلْـَٔاصَالِ وَلَا تَكُن مِّنَ ٱلْغَٰفِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaa kee faarsi lubbuu tee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala. Dagattoota irraa hin ta’in.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ لَا يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِهِۦ وَيُسَبِّحُونَهُۥ وَلَهُۥ يَسْجُدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessu; Isaaf sujuuda godhu. {1}
See all translations of this verse →
← Surah Al-An'aam
Surah Al-Anfaal →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.