Home › Surahs › Surah At-Tawba
Surah At-Tawba التوبة
129 verses · Medina · revelation order 113
بَرَآءَةٌ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦٓ إِلَى ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّم مِّنَ ٱلْمُشْرِكِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isheen kun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (qaqqabduudha). {1}
See all translations of this verse →
فَسِيحُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ أَرْبَعَةَ أَشْهُرٍ وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّكُمْ غَيْرُ مُعْجِزِى ٱللَّهِ وَأَنَّ ٱللَّهَ مُخْزِى ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ji’oota afuriif dachii keessa deemaa, Isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa. Rabbiin salphisaa kaafirootaati.
See all translations of this verse →
وَأَذَٰنٌ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦٓ إِلَى ٱلنَّاسِ يَوْمَ ٱلْحَجِّ ٱلْأَكْبَرِ أَنَّ ٱللَّهَ بَرِىٓءٌ مِّنَ ٱلْمُشْرِكِينَ وَرَسُولُهُۥ فَإِن تُبْتُمْ فَهُوَ خَيْرٌ لَّكُمْ وَإِن تَوَلَّيْتُمْ فَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّكُمْ غَيْرُ مُعْجِزِى ٱللَّهِ وَبَشِّرِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor (Kuni) labsii Rabbiifi ergamaa Isaa irraa gara namaatti guyyaa hajji guddaa keessatti tahe, “Rabbiin qindeessitoota irraa qulqulluudha; Ergamaan Isaas (akkasuma), Yoo tawbattaniif, inni isiniif caalaadha, Yoo garagaltan immoo isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa” jechuudhaan. Warra kafaran adabbii laalessaadhaan gammachiisi.
See all translations of this verse →
إِلَّا ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّم مِّنَ ٱلْمُشْرِكِينَ ثُمَّ لَمْ يَنقُصُوكُمْ شَيْـًٔا وَلَمْ يُظَٰهِرُوا۟ عَلَيْكُمْ أَحَدًا فَأَتِمُّوٓا۟ إِلَيْهِمْ عَهْدَهُمْ إِلَىٰ مُدَّتِهِمْ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Garuu qindeessitoota irraa Warri waadaa walii seentanii sana booda homaa isin hin hirdhisiniifi (nama) tokkollee isin irratti hin gargaarin, malee, hanga beellama isaaniitti waadaa isaanii isaaniif guutaa, Dhugumatti Rabbiin sodaattota (isaa) ni jaalata.
See all translations of this verse →
فَإِذَا ٱنسَلَخَ ٱلْأَشْهُرُ ٱلْحُرُمُ فَٱقْتُلُوا۟ ٱلْمُشْرِكِينَ حَيْثُ وَجَدتُّمُوهُمْ وَخُذُوهُمْ وَٱحْصُرُوهُمْ وَٱقْعُدُوا۟ لَهُمْ كُلَّ مَرْصَدٍ فَإِن تَابُوا۟ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُا۟ ٱلزَّكَوٰةَ فَخَلُّوا۟ سَبِيلَهُمْ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo ji’oonni kabajamoon dabran, mushrikoota bakka isaan argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aa; isaan marsaa; karaa hunda irra isaaniif taa’aa, Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan karaa isaanii isaaniif gadi dhiisaa, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَإِنْ أَحَدٌ مِّنَ ٱلْمُشْرِكِينَ ٱسْتَجَارَكَ فَأَجِرْهُ حَتَّىٰ يَسْمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبْلِغْهُ مَأْمَنَهُۥ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo tokkoon qindeessitoota irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade,nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, Sana booda iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.
See all translations of this verse →
كَيْفَ يَكُونُ لِلْمُشْرِكِينَ عَهْدٌ عِندَ ٱللَّهِ وَعِندَ رَسُولِهِۦٓ إِلَّا ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّمْ عِندَ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ فَمَا ٱسْتَقَٰمُوا۟ لَكُمْ فَٱسْتَقِيمُوا۟ لَهُمْ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Qindeessitootaaf waadaan Rabbiin biraafi ergamaa Isaa bira akkamitti jiraataaf? isaan masjiida kabajamaa biratti waadaa walii seentan malee, hanga isaan (waadaadhaan) isiniif dhaabbatanitti isinis isaaniif dhaabbadhaa, Dhugumatti Rabbiin warra Isa sodaatan jaalata.
See all translations of this verse →
كَيْفَ وَإِن يَظْهَرُوا۟ عَلَيْكُمْ لَا يَرْقُبُوا۟ فِيكُمْ إِلًّا وَلَا ذِمَّةً يُرْضُونَكُم بِأَفْوَٰهِهِمْ وَتَأْبَىٰ قُلُوبُهُمْ وَأَكْثَرُهُمْ فَٰسِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? Afaanoowwan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneewwan isaanii immoo ni diddi. Irra hedduun isaaniis finciltoota.
See all translations of this verse →
ٱشْتَرَوْا۟ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ ثَمَنًا قَلِيلًا فَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِهِۦٓ إِنَّهُمْ سَآءَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Keeyyattoota Rabbiitiin bu’aa xiqqaa bitatanii karaa Isaa irraas (namoota) dhorgan, Dhugumatti isaan wanti isaan dalagaa turan waa fokkate.
See all translations of this verse →
لَا يَرْقُبُونَ فِى مُؤْمِنٍ إِلًّا وَلَا ذِمَّةً وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُعْتَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mu’umina keessatti, firummaas ta’ee waadaa hin eeggatanu, Warri sun isaanumatu daangaa dabritoota.
See all translations of this verse →
فَإِن تَابُوا۟ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُا۟ ٱلزَّكَوٰةَ فَإِخْوَٰنُكُمْ فِى ٱلدِّينِ وَنُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan (isaan) amantii keessatti obboleeyyan keessani, keeyyattoota keenya ni addeessina Ummata xiinxalaniif .
See all translations of this verse →
وَإِن نَّكَثُوٓا۟ أَيْمَٰنَهُم مِّنۢ بَعْدِ عَهْدِهِمْ وَطَعَنُوا۟ فِى دِينِكُمْ فَقَٰتِلُوٓا۟ أَئِمَّةَ ٱلْكُفْرِ إِنَّهُمْ لَآ أَيْمَٰنَ لَهُمْ لَعَلَّهُمْ يَنتَهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo erga waadaa seenanii booda waadaa isaanii diiganii amantii keessan xiqqeesan,hoggantoota kufriitin lolaa isaan waadaan isaaniif hin jiruu, akka dhorgamaniif.
See all translations of this verse →
أَلَا تُقَٰتِلُونَ قَوْمًا نَّكَثُوٓا۟ أَيْمَٰنَهُمْ وَهَمُّوا۟ بِإِخْرَاجِ ٱلرَّسُولِ وَهُم بَدَءُوكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ أَتَخْشَوْنَهُمْ فَٱللَّهُ أَحَقُّ أَن تَخْشَوْهُ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyya irraa baasuuf barbaadan, isaan dursanii kan isin (miidhuu) jalqaban odoo ta’anii jiranuu maaliif isaaniin hin lolle? Sila isaan sodaattuu?Rabbitu isin Isa sodaachuu irra haqa godhata Yoo mu’uminoota taatan.
See all translations of this verse →
قَٰتِلُوهُمْ يُعَذِّبْهُمُ ٱللَّهُ بِأَيْدِيكُمْ وَيُخْزِهِمْ وَيَنصُرْكُمْ عَلَيْهِمْ وَيَشْفِ صُدُورَ قَوْمٍ مُّؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniin lolaa, Rabbiin harkoowwan keessaniin isaan adaba; isaan salphisa; isaan irratti isinii tumsa; qalbii warra mu’uminootaa ni fayyisa.
See all translations of this verse →
وَيُذْهِبْ غَيْظَ قُلُوبِهِمْ وَيَتُوبُ ٱللَّهُ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dallansuu onneewwan isaaniis ni deemsisa; Rabbiin nama fedhe irra toowbaa qeebala, Rabbiin beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
أَمْ حَسِبْتُمْ أَن تُتْرَكُوا۟ وَلَمَّا يَعْلَمِ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ جَٰهَدُوا۟ مِنكُمْ وَلَمْ يَتَّخِذُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَا رَسُولِهِۦ وَلَا ٱلْمُؤْمِنِينَ وَلِيجَةً وَٱللَّهُ خَبِيرٌۢ بِمَا تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila odoo Rabbiin isin irraa namoota qabsaa’aniifi kan -Rabbiin, ergamaa isaatiifi mu’uminootaan- ala jaalalloo hin godhatin adda hin baafne dhiifamtu seetuu? Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.
See all translations of this verse →
مَا كَانَ لِلْمُشْرِكِينَ أَن يَعْمُرُوا۟ مَسَٰجِدَ ٱللَّهِ شَٰهِدِينَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِم بِٱلْكُفْرِ أُو۟لَٰٓئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَٰلُهُمْ وَفِى ٱلنَّارِ هُمْ خَٰلِدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor mushrikootaaf hin malu masjiidota Rabbii jiraachisuun, Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii. Isaan dalagaaleen isaanii badde. Isaan ibidda keessa yeroo hunda jiraatu.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا يَعْمُرُ مَسَٰجِدَ ٱللَّهِ مَنْ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَأَقَامَ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَى ٱلزَّكَوٰةَ وَلَمْ يَخْشَ إِلَّا ٱللَّهَ فَعَسَىٰٓ أُو۟لَٰٓئِكَ أَن يَكُونُوا۟ مِنَ ٱلْمُهْتَدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Masjiidota Rabbii kan jiraachisu nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amane, kan salaata gadi dhaabe, zakaa kenneefi Rabbiin malee homaa hin sodaanne qofa, Warri kun isaan karaa sirrii qabatan irraa ta’uun mirkana’eera.
See all translations of this verse →
أَجَعَلْتُمْ سِقَايَةَ ٱلْحَآجِّ وَعِمَارَةَ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ كَمَنْ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَجَٰهَدَ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ لَا يَسْتَوُۥنَ عِندَ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila warra hajja’u obaasuufi masjiida kabajamaa jiraachisuu akka (imaana) nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amanee, karaa Rabbii keessatti qabsaa’ee gootuu? Rabbiin biratti wal hin qixxaa’an. Rabbiin ummata midhaa hojjatoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَهَاجَرُوا۟ وَجَٰهَدُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ أَعْظَمُ دَرَجَةً عِندَ ٱللَّهِ وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْفَآئِزُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii, godaananiifi karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an; Rabbiin biratti sadarkaadhaan irra guddatoodha. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
See all translations of this verse →
يُبَشِّرُهُمْ رَبُّهُم بِرَحْمَةٍ مِّنْهُ وَرِضْوَٰنٍ وَجَنَّٰتٍ لَّهُمْ فِيهَا نَعِيمٌ مُّقِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaan isaanii isaan gammachiisa rahmata isarraa taheen, jaalalaafi jannatoowwan ishee keessa qananiin yeroo hundaa isaaniif jirtuun.
See all translations of this verse →
خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا إِنَّ ٱللَّهَ عِندَهُۥٓ أَجْرٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo hunda ishee keessa kan jiraatan ta’anii (isaan gammachiisa); Dhugumatti, Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَّخِذُوٓا۟ ءَابَآءَكُمْ وَإِخْوَٰنَكُمْ أَوْلِيَآءَ إِنِ ٱسْتَحَبُّوا۟ ٱلْكُفْرَ عَلَى ٱلْإِيمَٰنِ وَمَن يَتَوَلَّهُم مِّنكُمْ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Abbootii keessaniifi obboleeyyan keessan yoo isaan iimaana irra kufrii jaallatan, jaalallee hin taasifatinaa, Isin irraa namni jaalallee isaan taasifate, warri sun isaanumatu midhaa raawwatoota.
See all translations of this verse →
قُلْ إِن كَانَ ءَابَآؤُكُمْ وَأَبْنَآؤُكُمْ وَإِخْوَٰنُكُمْ وَأَزْوَٰجُكُمْ وَعَشِيرَتُكُمْ وَأَمْوَٰلٌ ٱقْتَرَفْتُمُوهَا وَتِجَٰرَةٌ تَخْشَوْنَ كَسَادَهَا وَمَسَٰكِنُ تَرْضَوْنَهَآ أَحَبَّ إِلَيْكُم مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَجِهَادٍ فِى سَبِيلِهِۦ فَتَرَبَّصُوا۟ حَتَّىٰ يَأْتِىَ ٱللَّهُ بِأَمْرِهِۦ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلْفَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor jedhiin “Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin ishee horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti (yoo) jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaa” (jedhi). Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
لَقَدْ نَصَرَكُمُ ٱللَّهُ فِى مَوَاطِنَ كَثِيرَةٍ وَيَوْمَ حُنَيْنٍ إِذْ أَعْجَبَتْكُمْ كَثْرَتُكُمْ فَلَمْ تُغْنِ عَنكُمْ شَيْـًٔا وَضَاقَتْ عَلَيْكُمُ ٱلْأَرْضُ بِمَا رَحُبَتْ ثُمَّ وَلَّيْتُم مُّدْبِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Rabbiin iddoo baay’eetti isin tumseera. Guyyaa (lola) Hunayni, yeroo baay’inni keessan isin dinqisiise, kan homaa isin irraa hin deebisin, dachiin bal’ina ishee wajjin isinitti dhiphattee, sana booda yeroo baqa duubatti garagaltan (waan ta’e yaadadhu).
See all translations of this verse →
ثُمَّ أَنزَلَ ٱللَّهُ سَكِينَتَهُۥ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَعَلَى ٱلْمُؤْمِنِينَ وَأَنزَلَ جُنُودًا لَّمْ تَرَوْهَا وَعَذَّبَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَذَٰلِكَ جَزَآءُ ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii Rabbiin ergamaa Isaatiifi mu’uminoota irratti tasgabbii Isaa buuse. Waraana isin hin argines buusee, Isaan kafaran adabe. Kun galata kaafirootaati.
See all translations of this verse →
ثُمَّ يَتُوبُ ٱللَّهُ مِنۢ بَعْدِ ذَٰلِكَ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin sana booda nama fedhe irraa tawbaa isaa qeebala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِنَّمَا ٱلْمُشْرِكُونَ نَجَسٌ فَلَا يَقْرَبُوا۟ ٱلْمَسْجِدَ ٱلْحَرَامَ بَعْدَ عَامِهِمْ هَٰذَا وَإِنْ خِفْتُمْ عَيْلَةً فَسَوْفَ يُغْنِيكُمُ ٱللَّهُ مِن فَضْلِهِۦٓ إِن شَآءَ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Mushrikoonni najisa; waggaa isaanii kana booda masjiidicha kabajamatti akka hin dhiyaanne. Yoo beela sodaattan Rabbiin yoo fedhe tola Isa irraa ta’een isin duroomsa. Dhugumatti, Rabbiin beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
قَٰتِلُوا۟ ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَلَا بِٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَلَا يُحَرِّمُونَ مَا حَرَّمَ ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥ وَلَا يَدِينُونَ دِينَ ٱلْحَقِّ مِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْكِتَٰبَ حَتَّىٰ يُعْطُوا۟ ٱلْجِزْيَةَ عَن يَدٍ وَهُمْ صَٰغِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan Rabbiifi Guyyaa Dhumaatti hin amannen lolaa, kan waan Rabbiifi ergamaan Isaa haraam godhe haraam hin godhin, kan amantii haqaa hin fudhanne, warra kitaabni kennameef irraa kan ta’an hanga isaan salpatoo ta’anii gibira harkatti kennanitti (loolaani).
See all translations of this verse →
وَقَالَتِ ٱلْيَهُودُ عُزَيْرٌ ٱبْنُ ٱللَّهِ وَقَالَتِ ٱلنَّصَٰرَى ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ ٱللَّهِ ذَٰلِكَ قَوْلُهُم بِأَفْوَٰهِهِمْ يُضَٰهِـُٔونَ قَوْلَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن قَبْلُ قَٰتَلَهُمُ ٱللَّهُ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yahuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jedhan. Kiristaanonni “Masiih ilma Rabbiiti” jedhan. Kun jecha isaanii kanuma afaanoowwan isaaniiti. Jecha isaan duraan kafaraniitti ni fakkeessu. Rabbi isaan haa abaaru, akkamitti (dhugaa irraa) garagalu!
See all translations of this verse →
ٱتَّخَذُوٓا۟ أَحْبَارَهُمْ وَرُهْبَٰنَهُمْ أَرْبَابًا مِّن دُونِ ٱللَّهِ وَٱلْمَسِيحَ ٱبْنَ مَرْيَمَ وَمَآ أُمِرُوٓا۟ إِلَّا لِيَعْبُدُوٓا۟ إِلَٰهًا وَٰحِدًا لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ سُبْحَٰنَهُۥ عَمَّا يُشْرِكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Hayyoota isaaniitiifi molokseewwan isaanii Rabbiin alatti gabaramtoota godhatan; Masiih ilma Maryamis (gabbaramaa godhatan). Gooftaa tokkicha gabbarutti malee hin ajajamne, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru, Inni waan isaan itti qindessan irraa qulqullaa’e.
See all translations of this verse →
يُرِيدُونَ أَن يُطْفِـُٔوا۟ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفْوَٰهِهِمْ وَيَأْبَى ٱللَّهُ إِلَّآ أَن يُتِمَّ نُورَهُۥ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْكَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu fedhu, Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida, Oduma kaafirtoonni jibbanuu.
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni (Rabbiin) Isa ergamaa Isaa qajeelumaafi amantii haqaatiin ergeedha,amantii hundarra ol taasisuuf jecha, odoma mushrikoonni jibbanuu,
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِنَّ كَثِيرًا مِّنَ ٱلْأَحْبَارِ وَٱلرُّهْبَانِ لَيَأْكُلُونَ أَمْوَٰلَ ٱلنَّاسِ بِٱلْبَٰطِلِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلَّذِينَ يَكْنِزُونَ ٱلذَّهَبَ وَٱلْفِضَّةَ وَلَا يُنفِقُونَهَا فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَبَشِّرْهُم بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Dhugumatti irra hedduun hayyootaafi moloksootaa qabeenya namootaa haqaan malee nyaatan; karaa Rabbii irraa (namoota) deebisu, Isaan meetaafi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne adabbii laalessaan isaan gammachiisi.
See all translations of this verse →
يَوْمَ يُحْمَىٰ عَلَيْهَا فِى نَارِ جَهَنَّمَ فَتُكْوَىٰ بِهَا جِبَاهُهُمْ وَجُنُوبُهُمْ وَظُهُورُهُمْ هَٰذَا مَا كَنَزْتُمْ لِأَنفُسِكُمْ فَذُوقُوا۟ مَا كُنتُمْ تَكْنِزُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addawwan isaanii, cinaachowwan isaaniitiifi dugdoowwan isaanii isheen gubamu (kawuyeeffamu), “Kun waan isin lubbuulee keessaniif kuusaattani; waan kuusaa turtan dhandhamaa” (jedhamu)
See all translations of this verse →
إِنَّ عِدَّةَ ٱلشُّهُورِ عِندَ ٱللَّهِ ٱثْنَا عَشَرَ شَهْرًا فِى كِتَٰبِ ٱللَّهِ يَوْمَ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ مِنْهَآ أَرْبَعَةٌ حُرُمٌ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلْقَيِّمُ فَلَا تَظْلِمُوا۟ فِيهِنَّ أَنفُسَكُمْ وَقَٰتِلُوا۟ ٱلْمُشْرِكِينَ كَآفَّةً كَمَا يُقَٰتِلُونَكُمْ كَآفَّةً وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Lakkoofsi ji’ootaa Rabbi biratti ji’a kudha lamaI, kitaaba Rabbii keessatti, gaafuma samiifi dachii uume. saan keessaa afur kabajamoodha. Sanatu amantii sirriiti. Isaan keessatti lubbuulee keessan hin miidhinaa. Mushrikoota tokko ta’aatii lolaa akkuma isaan tokko ta’anii isiniin lolan; Rabbiin warra isa sodaatan wajjin ta’uu beekaa.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا ٱلنَّسِىٓءُ زِيَادَةٌ فِى ٱلْكُفْرِ يُضَلُّ بِهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ يُحِلُّونَهُۥ عَامًا وَيُحَرِّمُونَهُۥ عَامًا لِّيُوَاطِـُٔوا۟ عِدَّةَ مَا حَرَّمَ ٱللَّهُ فَيُحِلُّوا۟ مَا حَرَّمَ ٱللَّهُ زُيِّنَ لَهُمْ سُوٓءُ أَعْمَٰلِهِمْ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti siqsuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudha, Warri kafaran isaan jallifamu, Waggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhu, Akka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha, waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhu, Fokkataan hojii isaanii isaaniif miidhagfame, Rabbiin ummata kaafira hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَا لَكُمْ إِذَا قِيلَ لَكُمُ ٱنفِرُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ ٱثَّاقَلْتُمْ إِلَى ٱلْأَرْضِ أَرَضِيتُم بِٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا مِنَ ٱلْـَٔاخِرَةِ فَمَا مَتَٰعُ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ إِلَّا قَلِيلٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Maaltu isiniif jiraayyi yeroo karaa Rabbii keessatti (lolaaf) bahaa isiniin jedhame gara lafaatti rinciccu? Sila jireenya Addunyaa Aakhiraa irra jaalatanii? Qananiin jireenya Adunyaa Aakhiraa biratti xiqqo malee hintaane.
See all translations of this verse →
إِلَّا تَنفِرُوا۟ يُعَذِّبْكُمْ عَذَابًا أَلِيمًا وَيَسْتَبْدِلْ قَوْمًا غَيْرَكُمْ وَلَا تَضُرُّوهُ شَيْـًٔا وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isin (jihaadaaf) hin bahin, (Rabbiin) adabbii laalessaa isin adaba; Ummata isiniin alaa bakka keessan buusa; isin homaa Isa hin miitan, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
See all translations of this verse →
إِلَّا تَنصُرُوهُ فَقَدْ نَصَرَهُ ٱللَّهُ إِذْ أَخْرَجَهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ثَانِىَ ٱثْنَيْنِ إِذْ هُمَا فِى ٱلْغَارِ إِذْ يَقُولُ لِصَٰحِبِهِۦ لَا تَحْزَنْ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَنَا فَأَنزَلَ ٱللَّهُ سَكِينَتَهُۥ عَلَيْهِ وَأَيَّدَهُۥ بِجُنُودٍ لَّمْ تَرَوْهَا وَجَعَلَ كَلِمَةَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱلسُّفْلَىٰ وَكَلِمَةُ ٱللَّهِ هِىَ ٱلْعُلْيَا وَٱللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isin isaaf tumsuu baattan, dhugumatti Rabbiin isaaf tumseera -yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaarraa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda keessa ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin “hin gaddin Rabbiin nu waliin jiraa; ” jedhu san- (Rabbiin isaaf tumseera). Rabbiin tasgabbii Isa irraa ta’e isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesse, Jecha warra kafaranii gad aantuu taasise, Jechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudha, Rabbiin injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
ٱنفِرُوا۟ خِفَافًا وَثِقَالًا وَجَٰهِدُوا۟ بِأَمْوَٰلِكُمْ وَأَنفُسِكُمْ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Salphoo taatanii yookiin ulfaatoo[] taataniis duulaaf bahaa; Qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin karaa Rabbii keessatti lolaa. kanatu isiniif caalaadha, Yoo kan beektan taatan.
See all translations of this verse →
لَوْ كَانَ عَرَضًا قَرِيبًا وَسَفَرًا قَاصِدًا لَّٱتَّبَعُوكَ وَلَٰكِنۢ بَعُدَتْ عَلَيْهِمُ ٱلشُّقَّةُ وَسَيَحْلِفُونَ بِٱللَّهِ لَوِ ٱسْتَطَعْنَا لَخَرَجْنَا مَعَكُمْ يُهْلِكُونَ أَنفُسَهُمْ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ إِنَّهُمْ لَكَٰذِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Wanti ati itti isaan waamtu) odoo bu’aa dhihoofi imala giddu galeessa ta’ee silaa si hordofu turan. Garuu imalatu isaanitti fagaate, “Odoo dandeenyee silaa isin wajjiin baana turre” (jedhanii) Rabbiin kakatu. Lubbuulee isaanii balleessu. Rabbiin nibeeka kijibdoota ta’uu isaanii.
See all translations of this verse →
عَفَا ٱللَّهُ عَنكَ لِمَ أَذِنتَ لَهُمْ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَكَ ٱلَّذِينَ صَدَقُوا۟ وَتَعْلَمَ ٱلْكَٰذِبِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Rabbiin dhiifama siif godhee,(lola irraa hafuu) maalif isaaniif hayyamte? hanga isaan dhugaa dubbatan ifa siif ta’anii warra soban beektutti.
See all translations of this verse →
لَا يَسْتَـْٔذِنُكَ ٱلَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ أَن يُجَٰهِدُوا۟ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’uu irraa (hafuuf) hayyama si hin gaafatanu. Rabbiin warra Isa sodaatu beekaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا يَسْتَـْٔذِنُكَ ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَٱرْتَابَتْ قُلُوبُهُمْ فَهُمْ فِى رَيْبِهِمْ يَتَرَدَّدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Lola irraa hafuuf) hayyama kan si gaafatu isaan Rabbiifi guyyaa aakhiraatti hin amanin kan onneewwan isaanii shakkiteedha; Isaanis shakkii isaanii keessa deddeebi’u.
See all translations of this verse →
وَلَوْ أَرَادُوا۟ ٱلْخُرُوجَ لَأَعَدُّوا۟ لَهُۥ عُدَّةً وَلَٰكِن كَرِهَ ٱللَّهُ ٱنۢبِعَاثَهُمْ فَثَبَّطَهُمْ وَقِيلَ ٱقْعُدُوا۟ مَعَ ٱلْقَٰعِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo (lolaaf) bahuu fedhanii silaa qophii isaaf qophaa’u turan, Garuu Rabbiin bahuu isaanii jibbee duubatti isaan hanbise; “warra taa’uu[1] wajjiin taa’aa” jedhame.
See all translations of this verse →
لَوْ خَرَجُوا۟ فِيكُم مَّا زَادُوكُمْ إِلَّا خَبَالًا وَلَأَوْضَعُوا۟ خِلَٰلَكُمْ يَبْغُونَكُمُ ٱلْفِتْنَةَ وَفِيكُمْ سَمَّٰعُونَ لَهُمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoma isinii waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanu. Rakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turan, Isin keessas namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiru. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka.
See all translations of this verse →
لَقَدِ ٱبْتَغَوُا۟ ٱلْفِتْنَةَ مِن قَبْلُ وَقَلَّبُوا۟ لَكَ ٱلْأُمُورَ حَتَّىٰ جَآءَ ٱلْحَقُّ وَظَهَرَ أَمْرُ ٱللَّهِ وَهُمْ كَٰرِهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor isaan duraanis rakkoo barbaadanii dhimmoota siif gara gaggalchanii turan, hanga dhugaan dhufee murtiin Rabbii ifa ba’utti osomaa isaan jibbanuu.
See all translations of this verse →
وَمِنْهُم مَّن يَقُولُ ٱئْذَن لِّى وَلَا تَفْتِنِّىٓ أَلَا فِى ٱلْفِتْنَةِ سَقَطُوا۟ وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمُحِيطَةٌۢ بِٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraa nama “(hafuuf) naaf hayyami; nas hin qormaatin” jedhuutu jira, Dhagayaa! (isaan) qormaata keessatti kufaniiru. Dhugumatti Jahannam kaafirootatti marsituudha.
See all translations of this verse →
إِن تُصِبْكَ حَسَنَةٌ تَسُؤْهُمْ وَإِن تُصِبْكَ مُصِيبَةٌ يَقُولُوا۟ قَدْ أَخَذْنَآ أَمْرَنَا مِن قَبْلُ وَيَتَوَلَّوا۟ وَّهُمْ فَرِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo toltuun si mudatte, isaan gaddisiifti, Yoo balaan si mudatte immoo “nuti dursinee of eeggannoo keenya qabannee jirra” jedhan; kan gammadan ta’anii duuba deebi’u.
See all translations of this verse →
قُل لَّن يُصِيبَنَآ إِلَّا مَا كَتَبَ ٱللَّهُ لَنَا هُوَ مَوْلَىٰنَا وَعَلَى ٱللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatu. Inni tiksaa keenya” jedhi, Mu’uminoonni Rabbuma (qofa) irratti haa hirkatan.
See all translations of this verse →
قُلْ هَلْ تَرَبَّصُونَ بِنَآ إِلَّآ إِحْدَى ٱلْحُسْنَيَيْنِ وَنَحْنُ نَتَرَبَّصُ بِكُمْ أَن يُصِيبَكُمُ ٱللَّهُ بِعَذَابٍ مِّنْ عِندِهِۦٓ أَوْ بِأَيْدِينَا فَتَرَبَّصُوٓا۟ إِنَّا مَعَكُم مُّتَرَبِّصُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhiin “Sila tokkoo toltuu lamaanii malee waan biraa nutti eegduu? Nuti Rabbiin adabbii Isa biraa ta’een yookiin harkoowwan keenyaan isin tuquu eegna. Isinis eegaa; nutis isin wajjiin eegoodha” (jedhi).
See all translations of this verse →
قُلْ أَنفِقُوا۟ طَوْعًا أَوْ كَرْهًا لَّن يُتَقَبَّلَ مِنكُمْ إِنَّكُمْ كُنتُمْ قَوْمًا فَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Kan jaallattanis ta’aatii yookiin kan jibbitan ta’aa arjoomaa; isin irraa hin qeebalamu, Dhugumatti, isin ummata finciltoota turtan” jedhi.
See all translations of this verse →
وَمَا مَنَعَهُمْ أَن تُقْبَلَ مِنْهُمْ نَفَقَٰتُهُمْ إِلَّآ أَنَّهُمْ كَفَرُوا۟ بِٱللَّهِ وَبِرَسُولِهِۦ وَلَا يَأْتُونَ ٱلصَّلَوٰةَ إِلَّا وَهُمْ كُسَالَىٰ وَلَا يُنفِقُونَ إِلَّا وَهُمْ كَٰرِهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor wanti sadaqaan isaanii isaan irraa qeebalamuu dhorge hin jiru Rabbiifi ergamaa isaatti kafaruu,isaanii malee, (akkasuma) salaata hifatoo ta’anii malee kan hin dhufneefi, kan jibban ta’anii malee arjoomuu dhabuu (isaanii malee). .
See all translations of this verse →
فَلَا تُعْجِبْكَ أَمْوَٰلُهُمْ وَلَآ أَوْلَٰدُهُمْ إِنَّمَا يُرِيدُ ٱللَّهُ لِيُعَذِّبَهُم بِهَا فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَتَزْهَقَ أَنفُسُهُمْ وَهُمْ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Qabeenyaaleen isaaniitiifi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisin, Dhugumatti, wanti Rabbiin fedhu jireenya Addunyaa keessatti isheedhaan isaan adabuufi kaafiroota ta’anii lubbuun isaanii bahuu fedha.
See all translations of this verse →
وَيَحْلِفُونَ بِٱللَّهِ إِنَّهُمْ لَمِنكُمْ وَمَا هُم مِّنكُمْ وَلَٰكِنَّهُمْ قَوْمٌ يَفْرَقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan dhugumatti isin irraayyi jechuun Rabbiin kakatu; isaan isin irraayii miti, Garuu isaan ummata sodaatanuudha.
See all translations of this verse →
لَوْ يَجِدُونَ مَلْجَـًٔا أَوْ مَغَٰرَٰتٍ أَوْ مُدَّخَلًا لَّوَلَّوْا۟ إِلَيْهِ وَهُمْ يَجْمَحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo iddoo itti baqatan yookiin goda wahii yookiin iddoo seenan (qaawwa wahii) argatanii silaa kan fiigan ta’anii gara isaatti deebi’u turan.
See all translations of this verse →
وَمِنْهُم مَّن يَلْمِزُكَ فِى ٱلصَّدَقَٰتِ فَإِنْ أُعْطُوا۟ مِنْهَا رَضُوا۟ وَإِن لَّمْ يُعْطَوْا۟ مِنْهَآ إِذَا هُمْ يَسْخَطُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraas nama (qooda) sadaqaa keessatti maqaa si xureessutu jira, Yoo ishee irraa kennaman ni jaallatu; yoo ishee irraa hin kennamne immoo yoosan isaan ni jibbu.
See all translations of this verse →
وَلَوْ أَنَّهُمْ رَضُوا۟ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥ وَقَالُوا۟ حَسْبُنَا ٱللَّهُ سَيُؤْتِينَا ٱللَّهُ مِن فَضْلِهِۦ وَرَسُولُهُۥٓ إِنَّآ إِلَى ٱللَّهِ رَٰغِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo isaan waan Rabbiifi ergamaan Isaa isaaniif kenne jaalatanii “Rabbiin nuuf ga’aadha, Rabbiin fuula dura tola Isaa irraa nuuf kenna, Ergamaan Isaas (akkasuma). nuti gara Rabbii kajeeloodha” jedhanii (silaa isaaniif caalaa ture).
See all translations of this verse →
إِنَّمَا ٱلصَّدَقَٰتُ لِلْفُقَرَآءِ وَٱلْمَسَٰكِينِ وَٱلْعَٰمِلِينَ عَلَيْهَا وَٱلْمُؤَلَّفَةِ قُلُوبُهُمْ وَفِى ٱلرِّقَابِ وَٱلْغَٰرِمِينَ وَفِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱبْنِ ٱلسَّبِيلِ فَرِيضَةً مِّنَ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Zakaawwan (kan qoodamtu) dhabeeyyiif, hiyyeeyyiif, warra ishee irratti hojjataniif, warra onneewwan isaanii (Islaamummaa) barsiifamtuuf, gabra bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruuf, karaa Rabbii keessattiifi kara deemaadhaaf, (qofa). Dirqama Rabbi irraa ta’e (qabadhaa). Rabbiin beekaa, ogeessa
See all translations of this verse →
وَمِنْهُمُ ٱلَّذِينَ يُؤْذُونَ ٱلنَّبِىَّ وَيَقُولُونَ هُوَ أُذُنٌ قُلْ أُذُنُ خَيْرٍ لَّكُمْ يُؤْمِنُ بِٱللَّهِ وَيُؤْمِنُ لِلْمُؤْمِنِينَ وَرَحْمَةٌ لِّلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنكُمْ وَٱلَّذِينَ يُؤْذُونَ رَسُولَ ٱللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraas warra Nabiyyii rakkisantu jiru; “Inni gurra” jedhu, Jedhiin: “(Eeyyeen inni) gurra isiniif gaarii ta’eedha; Rabbitti ni amana, Mu’uminootas ni dhugoomsa. Isin irraa warra amananiifis rahmata.” Isaan ergamaa Rabbii rakkisan, isaaniif adabbii laalessaatu jira.
See all translations of this verse →
يَحْلِفُونَ بِٱللَّهِ لَكُمْ لِيُرْضُوكُمْ وَٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥٓ أَحَقُّ أَن يُرْضُوهُ إِن كَانُوا۟ مُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isin gammachiisuf Rabbiin isiniif kakatu;Rabbiifi ergamaa Isaatu isaan isa gammachiisuu irra haqa godhata yoo mu’uminoota ta’an .
See all translations of this verse →
أَلَمْ يَعْلَمُوٓا۟ أَنَّهُۥ مَن يُحَادِدِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَأَنَّ لَهُۥ نَارَ جَهَنَّمَ خَٰلِدًا فِيهَا ذَٰلِكَ ٱلْخِزْىُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan hin beeknee? nama Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, ibidda jahannamtu ishee keessatti kan hafu ta’ee isaaf jira jechuu. Kun salphina guddaadha.
See all translations of this verse →
يَحْذَرُ ٱلْمُنَٰفِقُونَ أَن تُنَزَّلَ عَلَيْهِمْ سُورَةٌ تُنَبِّئُهُم بِمَا فِى قُلُوبِهِمْ قُلِ ٱسْتَهْزِءُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ مُخْرِجٌ مَّا تَحْذَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Munaafiqoonni suuraan waan onneewwan isaanii keessa jiru isaanitti odeessitu isaan irratti buufamuu sodaatu. Jedhiin: “qishnaa godhaa. Rabbiin waan isin sodaattan (ifa) baasaadha.”
See all translations of this verse →
وَلَئِن سَأَلْتَهُمْ لَيَقُولُنَّ إِنَّمَا كُنَّا نَخُوضُ وَنَلْعَبُ قُلْ أَبِٱللَّهِ وَءَايَٰتِهِۦ وَرَسُولِهِۦ كُنتُمْ تَسْتَهْزِءُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan gaafatte “Nuti haasawatti kan seennuufi kan taphannu qofa turre” jedhu. “Sila Rabbitti, keeyyattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti qishnaa kan gootan taatanii? jedhiin.
See all translations of this verse →
لَا تَعْتَذِرُوا۟ قَدْ كَفَرْتُم بَعْدَ إِيمَٰنِكُمْ إِن نَّعْفُ عَن طَآئِفَةٍ مِّنكُمْ نُعَذِّبْ طَآئِفَةًۢ بِأَنَّهُمْ كَانُوا۟ مُجْرِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rakkoo hin himatinaa! Dhugumatti isin erga amanuu keessaniitii booda kafartanii jirtu. Yoo garee isin irraa ta’eef irra dabarre, garee biraa ni adabna, waan isaan yakkamtoota ta’aniif.
See all translations of this verse →
ٱلْمُنَٰفِقُونَ وَٱلْمُنَٰفِقَٰتُ بَعْضُهُم مِّنۢ بَعْضٍ يَأْمُرُونَ بِٱلْمُنكَرِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ ٱلْمَعْرُوفِ وَيَقْبِضُونَ أَيْدِيَهُمْ نَسُوا۟ ٱللَّهَ فَنَسِيَهُمْ إِنَّ ٱلْمُنَٰفِقِينَ هُمُ ٱلْفَٰسِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Munaafiqoonni dhiiraatiifi munaafiqoonni dubartii gariin isaanii garii irraayi. Waan jibbamaatti ni ajaju; waan gaarii irraa immoo ni dhorgu; harkoowwan isaanii (kenna irraa) ni deeffatu; Rabbiin dagatan; Innis isaan dhiise. Dhug munaafiqoonni isaanumatu finciltoota.
See all translations of this verse →
وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلْمُنَٰفِقِينَ وَٱلْمُنَٰفِقَٰتِ وَٱلْكُفَّارَ نَارَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَا هِىَ حَسْبُهُمْ وَلَعَنَهُمُ ٱللَّهُ وَلَهُمْ عَذَابٌ مُّقِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin munaafiqoota dhiiraa, munaafiqoota dubartiifi kaafirootaafis ibidda jahannam beellamee jira, ishee keessatti kan hafoodha, isheen isaaniif geessuudha, Rabbiin isaan abaareera. Isaaniif adabbii itti fufaatu jira.
See all translations of this verse →
كَٱلَّذِينَ مِن قَبْلِكُمْ كَانُوٓا۟ أَشَدَّ مِنكُمْ قُوَّةً وَأَكْثَرَ أَمْوَٰلًا وَأَوْلَٰدًا فَٱسْتَمْتَعُوا۟ بِخَلَٰقِهِمْ فَٱسْتَمْتَعْتُم بِخَلَٰقِكُمْ كَمَا ٱسْتَمْتَعَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِكُم بِخَلَٰقِهِمْ وَخُضْتُمْ كَٱلَّذِى خَاضُوٓا۟ أُو۟لَٰٓئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَٰلُهُمْ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْخَٰسِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isin) akkuma warra isin dura dabraniiti; Isaan humnaan isin irra jajjaboo turan, qabeenyaafi ilmaaniinis isin irra baay’ee turan, Isaan qooda isaaniitiin ni qanani’an, akkuma warri isin dura (dabran) qooda isaanitti qanani’an isiniis qooda keessanitti qananiitan. Akkuma isaan (tapha) keessa seenan isinis (tapha) keessa seentan. Warri sun Addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
See all translations of this verse →
أَلَمْ يَأْتِهِمْ نَبَأُ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَقَوْمِ إِبْرَٰهِيمَ وَأَصْحَٰبِ مَدْيَنَ وَٱلْمُؤْتَفِكَٰتِ أَتَتْهُمْ رُسُلُهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ فَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيَظْلِمَهُمْ وَلَٰكِن كَانُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila oduun warra isaan duraa isaanitti hin dhufnee? (Oduun) ummata Nuuh, Aad, Samuud, ummata Ibraahiim, jiraattota Madyaniifi (gandattii) garagalfamtuu (isaanitti hin dhufnee)? Ergamtoonni isaanii ragaa ifa ta’een isaanitti dhufanii jiru. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan.
See all translations of this verse →
وَٱلْمُؤْمِنُونَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتُ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَآءُ بَعْضٍ يَأْمُرُونَ بِٱلْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ ٱلْمُنكَرِ وَيُقِيمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤْتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَيُطِيعُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓ أُو۟لَٰٓئِكَ سَيَرْحَمُهُمُ ٱللَّهُ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Mu’uminoonni dhiiratiifi Mu’uminoonni dubaraa gariin isaanii jaalallee gariiti. Toltutti ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu, salaata gadi dhaabu; Zakaa ni kennu; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ni ajajamu. Warri sun Rabbiin fuula dura rahmata isaaniif godha. Rabbiin injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا وَمَسَٰكِنَ طَيِّبَةً فِى جَنَّٰتِ عَدْنٍ وَرِضْوَٰنٌ مِّنَ ٱللَّهِ أَكْبَرُ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin mu’uminoota dhiiraatiifi dubartootaatiifis jannata laggeen ishee jala yaatu,waadaa galee, ishee keessatti kan hafan ta’anii manneen gaggaarii jannata qubsumaa keessa taates (waadaa galee jira). Jaalalli Rabbiin irraa ta’e (hunda) irra guddaadha. Kun milkii guddaadha.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ جَٰهِدِ ٱلْكُفَّارَ وَٱلْمُنَٰفِقِينَ وَٱغْلُظْ عَلَيْهِمْ وَمَأْوَىٰهُمْ جَهَنَّمُ وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa Nabiyyichaa! kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa’i; isaan irratti jabeessi. Teesson isaanii jahannami. Deebiin isaanii (jahannam) waa fokkatee!
See all translations of this verse →
يَحْلِفُونَ بِٱللَّهِ مَا قَالُوا۟ وَلَقَدْ قَالُوا۟ كَلِمَةَ ٱلْكُفْرِ وَكَفَرُوا۟ بَعْدَ إِسْلَٰمِهِمْ وَهَمُّوا۟ بِمَا لَمْ يَنَالُوا۟ وَمَا نَقَمُوٓا۟ إِلَّآ أَنْ أَغْنَىٰهُمُ ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥ مِن فَضْلِهِۦ فَإِن يَتُوبُوا۟ يَكُ خَيْرًا لَّهُمْ وَإِن يَتَوَلَّوْا۟ يُعَذِّبْهُمُ ٱللَّهُ عَذَابًا أَلِيمًا فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ وَمَا لَهُمْ فِى ٱلْأَرْضِ مِن وَلِىٍّ وَلَا نَصِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Homaa hin jenne jedhanii Rabbiin kakatu. Dhugumatti isaan jecha kufrii jedhaniiru; Erga Islaamummaa isaaniitii kafaraniiru; Waan itti hin geenye yaadaniiru; Rabbiifi ergamaan isaa tola Isa irraa ta’een isaan duroomsuu malee waan biraa hin jibbine. Yoo tawbatan caalaa isaaniif ta’a; yoo (irraa) garagalan immoo Rabbiin Addunyaafi Aakhiraattis adabbii laalessaan isaan adaba. Dachii keessatti jaalalleefi tumsaan isaaniif hin jiru.
See all translations of this verse →
وَمِنْهُم مَّنْ عَٰهَدَ ٱللَّهَ لَئِنْ ءَاتَىٰنَا مِن فَضْلِهِۦ لَنَصَّدَّقَنَّ وَلَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraas namoota “Yoo (Rabbiin) tola Isaa irraa nuuf kenne, silaa dhugumatti ni arjoomna; Gaggaarii irraas ni taana turre” (jechuun) Rabbiif waadaa seenantu jiru.
See all translations of this verse →
فَلَمَّآ ءَاتَىٰهُم مِّن فَضْلِهِۦ بَخِلُوا۟ بِهِۦ وَتَوَلَّوا۟ وَّهُم مُّعْرِضُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma (Rabbiin) tola Isaa irraa isaaniif kenne, ittiin doynoomani; kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an.
See all translations of this verse →
فَأَعْقَبَهُمْ نِفَاقًا فِى قُلُوبِهِمْ إِلَىٰ يَوْمِ يَلْقَوْنَهُۥ بِمَآ أَخْلَفُوا۟ ٱللَّهَ مَا وَعَدُوهُ وَبِمَا كَانُوا۟ يَكْذِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Munaafiqummaa onnee isaanii keessatti isaan dhaalchise, hanga guyyaa Isaan wal qunnamaniitti. waan Rabbiin waadaa isaa faallessaniifi waan sobaa turaniif.
See all translations of this verse →
أَلَمْ يَعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ يَعْلَمُ سِرَّهُمْ وَنَجْوَىٰهُمْ وَأَنَّ ٱللَّهَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila Rabbiin iccitii isaaniitiifi maqoo isaaniis kan beeku ta’uufi Rabbiin wantoota fagoo hundas akkaan beekaa ta’uu hin beeknee?
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ يَلْمِزُونَ ٱلْمُطَّوِّعِينَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ فِى ٱلصَّدَقَٰتِ وَٱلَّذِينَ لَا يَجِدُونَ إِلَّا جُهْدَهُمْ فَيَسْخَرُونَ مِنْهُمْ سَخِرَ ٱللَّهُ مِنْهُمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isaan) warra mu’uminoota irraa warra arjoomuu keessatti tola oolaniifi isaan waan dandeettii isaanii malee hin arganne maqaa xureessaniidha; Isaan isaanitti qishinu. Rabbiin isaanitti qishina (isaan adaba). Isaaniif adabbii laalessaatu jira.
See all translations of this verse →
ٱسْتَغْفِرْ لَهُمْ أَوْ لَا تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ إِن تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ سَبْعِينَ مَرَّةً فَلَن يَغْفِرَ ٱللَّهُ لَهُمْ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَفَرُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلْفَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Araarama isaaniif kadhadhus yookiin araarama isaaniif kadhachuu dhiisis; yoo yeroo torbaatama araarama isaaniif kadhattes, Rabbiin isaaniif hin araaramu. Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti kafaraniifi. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
فَرِحَ ٱلْمُخَلَّفُونَ بِمَقْعَدِهِمْ خِلَٰفَ رَسُولِ ٱللَّهِ وَكَرِهُوٓا۟ أَن يُجَٰهِدُوا۟ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَقَالُوا۟ لَا تَنفِرُوا۟ فِى ٱلْحَرِّ قُلْ نَارُ جَهَنَّمَ أَشَدُّ حَرًّا لَّوْ كَانُوا۟ يَفْقَهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan (duula irraa) hafan, booda ergamaa Rabbiitii taa’uu isaaniitti gammadan; qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’u ni jibban; “ho’a keessa duulaaf hin bahinaa” jedhan. “Odoo beekanii ibidda jahannamtu ho’atti irra cimaadha” jedhiin.
See all translations of this verse →
فَلْيَضْحَكُوا۟ قَلِيلًا وَلْيَبْكُوا۟ كَثِيرًا جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor xiqqoo kolfanii baay’ee haa boo’an. Galata waan kan hojjatan tahaniitiif.
See all translations of this verse →
فَإِن رَّجَعَكَ ٱللَّهُ إِلَىٰ طَآئِفَةٍ مِّنْهُمْ فَٱسْتَـْٔذَنُوكَ لِلْخُرُوجِ فَقُل لَّن تَخْرُجُوا۟ مَعِىَ أَبَدًا وَلَن تُقَٰتِلُوا۟ مَعِىَ عَدُوًّا إِنَّكُمْ رَضِيتُم بِٱلْقُعُودِ أَوَّلَ مَرَّةٍ فَٱقْعُدُوا۟ مَعَ ٱلْخَٰلِفِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo Rabbiin gara garee isaan irraa ta’eetti si deebisee, (duulaaf) bahuuf hayyama si gaafatan,jedhiin. “Ana wajjiin gonkumaa hin baatanu; Ana wajjinis diinaan hin loltanu, Isin dhugumatti yeroo jalqabaa taa’umsa jaalattanii jirtu. Kanaafuu warra (mana) taa’an wajjin taa’aa”(jedhiin).
See all translations of this verse →
وَلَا تُصَلِّ عَلَىٰٓ أَحَدٍ مِّنْهُم مَّاتَ أَبَدًا وَلَا تَقُمْ عَلَىٰ قَبْرِهِۦٓ إِنَّهُمْ كَفَرُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَمَاتُوا۟ وَهُمْ فَٰسِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraa nama du’e tokkollee irratti hin sagadin, Qabrii isaa irras hin dhaabbatin, Dhugumatti isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaran. finciltoota ta’anii du’aniiru.
See all translations of this verse →
وَلَا تُعْجِبْكَ أَمْوَٰلُهُمْ وَأَوْلَٰدُهُمْ إِنَّمَا يُرِيدُ ٱللَّهُ أَن يُعَذِّبَهُم بِهَا فِى ٱلدُّنْيَا وَتَزْهَقَ أَنفُسُهُمْ وَهُمْ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Qabenyi isaaniitiifi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisin. Rabbiin isheedhaan addunyaa keessatti isaan adabuu fedha, isaan kaafiroota ta’anii lubbuun isaanii bahuu (fedha).
See all translations of this verse →
وَإِذَآ أُنزِلَتْ سُورَةٌ أَنْ ءَامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَجَٰهِدُوا۟ مَعَ رَسُولِهِ ٱسْتَـْٔذَنَكَ أُو۟لُوا۟ ٱلطَّوْلِ مِنْهُمْ وَقَالُوا۟ ذَرْنَا نَكُن مَّعَ ٱلْقَٰعِدِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo suuraan Rabbitti amanaa ergamaa Isaa wajjiinis qabsaa’aa isaaniin jettu tokko buufamte, isaan irraa warri qabeenya qaban si hayyamsiifatu“Nu dhiisi; nuti warra taa’an wajjin taanaa” jedhan.
See all translations of this verse →
رَضُوا۟ بِأَن يَكُونُوا۟ مَعَ ٱلْخَوَالِفِ وَطُبِعَ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَفْقَهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warra (duula irraa) hafan wajjiin ta’uu jaalatan. Onneewwan isaanii irratti cufameera, isaan hin hubatanu.
See all translations of this verse →
لَٰكِنِ ٱلرَّسُولُ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَعَهُۥ جَٰهَدُوا۟ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ وَأُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلْخَيْرَٰتُ وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Garuu ergamichiifi warri isaa wajjin amanan, qabeenyaaleefi lubbuuwwan isaaniitiin qabsaa’anii jiru. Warri sun toltuu baay’eetu isaaniif jira. Warri sun isaanumatu milkaa’oodha.
See all translations of this verse →
أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُمْ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا ذَٰلِكَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin jannata laggeen ishee jala yaatu, Isaan ishee keessatti kan hafan ta’anii, isaaniif qopheessee jira. Kuni milkii guddaadha.
See all translations of this verse →
وَجَآءَ ٱلْمُعَذِّرُونَ مِنَ ٱلْأَعْرَابِ لِيُؤْذَنَ لَهُمْ وَقَعَدَ ٱلَّذِينَ كَذَبُوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ سَيُصِيبُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Tikfattoota baadiyyaa irraa warri rakkoo himatan akka hayyamni isaaniif godhamuuf jecha dhufan. Isaan Rabbiifi ergamaa Isaa kijiban ni taa’an. Isaan irraa warra kafaran fuula dura adabbii laalessaatu isaan mudata.
See all translations of this verse →
لَّيْسَ عَلَى ٱلضُّعَفَآءِ وَلَا عَلَى ٱلْمَرْضَىٰ وَلَا عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يَجِدُونَ مَا يُنفِقُونَ حَرَجٌ إِذَا نَصَحُوا۟ لِلَّهِ وَرَسُولِهِۦ مَا عَلَى ٱلْمُحْسِنِينَ مِن سَبِيلٍ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dadhaboota, dhukkubsattootaafi isaan waan kennatan hin arganne irratti diliin hin jiru, yoo Rabbiifi ergamaa Isaatiif toltuu yaadan (duuluu baatanis). Toltuu raawattoota irra karaan (komii) hin jiru. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَلَا عَلَى ٱلَّذِينَ إِذَا مَآ أَتَوْكَ لِتَحْمِلَهُمْ قُلْتَ لَآ أَجِدُ مَآ أَحْمِلُكُمْ عَلَيْهِ تَوَلَّوا۟ وَّأَعْيُنُهُمْ تَفِيضُ مِنَ ٱلدَّمْعِ حَزَنًا أَلَّا يَجِدُوا۟ مَا يُنفِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan akka waan yaabbatan isaaniif kennitu yeroo sitti dhufan, ati “waan yaabbattan isiniif arguu hin danda’u” jetteen, waan sadaqatan dhabuu irraa gaddaan ijji isaanii imimmaan yaasaa deebi’an irras (komiin) hin jiru.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا ٱلسَّبِيلُ عَلَى ٱلَّذِينَ يَسْتَـْٔذِنُونَكَ وَهُمْ أَغْنِيَآءُ رَضُوا۟ بِأَن يَكُونُوا۟ مَعَ ٱلْخَوَالِفِ وَطَبَعَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Karaan (Komii) kan jiru warra dureeyyii ta’anii hayyama si gaafatan qofa irra. Warra hafan waliin ta’uu jaalatan; Rabbiin onnee isaanii irratti cufe; kanaafuu, isaan homaa hin beekan.
See all translations of this verse →
يَعْتَذِرُونَ إِلَيْكُمْ إِذَا رَجَعْتُمْ إِلَيْهِمْ قُل لَّا تَعْتَذِرُوا۟ لَن نُّؤْمِنَ لَكُمْ قَدْ نَبَّأَنَا ٱللَّهُ مِنْ أَخْبَارِكُمْ وَسَيَرَى ٱللَّهُ عَمَلَكُمْ وَرَسُولُهُۥ ثُمَّ تُرَدُّونَ إِلَىٰ عَٰلِمِ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo gara isaanii deebitan rakkina kara keessan dhiheeffatu. jedhiin “rakkina hin himatinaa; Nuti isiniif hin amannu. Dhugumatti, Rabbiin oduu keessan irraa nuuf himee jira. Rabbiifi ergamaan Isaas hojii keessan arguuf jiru. Sana booda gara isa waan mul’atuufi hin mul’anne beekuutti deebifamtu. Waan isin dalagaa turtan isinitti hima” (jedhiin).
See all translations of this verse →
سَيَحْلِفُونَ بِٱللَّهِ لَكُمْ إِذَا ٱنقَلَبْتُمْ إِلَيْهِمْ لِتُعْرِضُوا۟ عَنْهُمْ فَأَعْرِضُوا۟ عَنْهُمْ إِنَّهُمْ رِجْسٌ وَمَأْوَىٰهُمْ جَهَنَّمُ جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo isin gara isaanii deebitan akka isin isaan irraa gara galtaniif Rabbiin isiniif kakatu; isaan irraa gara galaa; isaan najisa.teesson isaanii jahannama galata waan dalagaa turaniitiif .
See all translations of this verse →
يَحْلِفُونَ لَكُمْ لِتَرْضَوْا۟ عَنْهُمْ فَإِن تَرْضَوْا۟ عَنْهُمْ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يَرْضَىٰ عَنِ ٱلْقَوْمِ ٱلْفَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka isin isaan irraa jaalattaniif isiniif kakatu, Yoo isin isaan irraa jaalattanis, Rabbiin dhugumatti ummata finciltoota irraa hin jaalatu.
See all translations of this verse →
ٱلْأَعْرَابُ أَشَدُّ كُفْرًا وَنِفَاقًا وَأَجْدَرُ أَلَّا يَعْلَمُوا۟ حُدُودَ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Horsiisee bultoonni kufriifi munaafiqummaatti irra cimoodha; daangaawwan waan Rabbiin ergamaa Isaa irratti buusee beekuu dhabuutti irra dhihoodha. Rabbiin hunda beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
وَمِنَ ٱلْأَعْرَابِ مَن يَتَّخِذُ مَا يُنفِقُ مَغْرَمًا وَيَتَرَبَّصُ بِكُمُ ٱلدَّوَآئِرَ عَلَيْهِمْ دَآئِرَةُ ٱلسَّوْءِ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Horsiisee bultoota irraa namoota waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomu akka idaatti qabatujjira. naannoowwan (rakkinaa) isinitti eega. Naannoon hamtuu isaan irratti haa ta’u. Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.
See all translations of this verse →
وَمِنَ ٱلْأَعْرَابِ مَن يُؤْمِنُ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَيَتَّخِذُ مَا يُنفِقُ قُرُبَٰتٍ عِندَ ٱللَّهِ وَصَلَوَٰتِ ٱلرَّسُولِ أَلَآ إِنَّهَا قُرْبَةٌ لَّهُمْ سَيُدْخِلُهُمُ ٱللَّهُ فِى رَحْمَتِهِۦٓ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ammas tikfattoota baadiyyaa irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomus Rabbiin biratti dhiheenyaafi kadhaa ergamichaa godhatutu jira. Dhagayaa! dhugumatti isheen isaaniif dhiheenya. Rabbiin fuula dura rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَٱلسَّٰبِقُونَ ٱلْأَوَّلُونَ مِنَ ٱلْمُهَٰجِرِينَ وَٱلْأَنصَارِ وَٱلَّذِينَ ٱتَّبَعُوهُم بِإِحْسَٰنٍ رَّضِىَ ٱللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا۟ عَنْهُ وَأَعَدَّ لَهُمْ جَنَّٰتٍ تَجْرِى تَحْتَهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا ذَٰلِكَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Muhaajirootaafi Ansaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru. Jannata ishee jala laggeen yaatu kan ishee keessatti abad hafan ta’anii isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaadha.
See all translations of this verse →
وَمِمَّنْ حَوْلَكُم مِّنَ ٱلْأَعْرَابِ مُنَٰفِقُونَ وَمِنْ أَهْلِ ٱلْمَدِينَةِ مَرَدُوا۟ عَلَى ٱلنِّفَاقِ لَا تَعْلَمُهُمْ نَحْنُ نَعْلَمُهُمْ سَنُعَذِّبُهُم مَّرَّتَيْنِ ثُمَّ يُرَدُّونَ إِلَىٰ عَذَابٍ عَظِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Tikfattoota baadiyyaa irraa gariin warra naannoo keessan jiruu munaafiqoota. Warra Madiinaa irraas (namoota) munaafiqummaa irratti ragga’an jiru, ati isaan hin beeknetu. Nuti isaan ni beekna. Fuula dura yeroo lama[1] isaan adabna. Ergasii isaan gara adabbii guddaa deebifamu.
See all translations of this verse →
وَءَاخَرُونَ ٱعْتَرَفُوا۟ بِذُنُوبِهِمْ خَلَطُوا۟ عَمَلًا صَٰلِحًا وَءَاخَرَ سَيِّئًا عَسَى ٱللَّهُ أَن يَتُوبَ عَلَيْهِمْ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri biroo immoo kan badiilee isaanii fudhatan, dalagaa gaariifi fokkataa biraa walitti makantu jiru; Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebaluun nikajeelama, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
خُذْ مِنْ أَمْوَٰلِهِمْ صَدَقَةً تُطَهِّرُهُمْ وَتُزَكِّيهِم بِهَا وَصَلِّ عَلَيْهِمْ إِنَّ صَلَوٰتَكَ سَكَنٌ لَّهُمْ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituufi isaaniif dabaltuun fuudhi. Rabbiinis isaaniif kadhu; kadhaan kee isaaniif tasgabbiidha. Rabbiin dhagayaa, beekadha.
See all translations of this verse →
أَلَمْ يَعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ هُوَ يَقْبَلُ ٱلتَّوْبَةَ عَنْ عِبَادِهِۦ وَيَأْخُذُ ٱلصَّدَقَٰتِ وَأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan ‘Rabbiin Isatu gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalaafi sadaqaas fudha’ jechuu hin beeknee? Ammas dhugumatti ‘Rabbiin isatu tawbaa qeebalaafi rahmata godhaa dha’ jechuus (hin beeknee?).
See all translations of this verse →
وَقُلِ ٱعْمَلُوا۟ فَسَيَرَى ٱللَّهُ عَمَلَكُمْ وَرَسُولُهُۥ وَٱلْمُؤْمِنُونَ وَسَتُرَدُّونَ إِلَىٰ عَٰلِمِ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Hojjadhaa jedhiin, Rabbiin, ergamaan Isaatiifi mu’uminoonnis fuula dura dalagaa keessan ni argu, Gara beekaa wantoota hin mul’anneefi wantoota mul’ataniis fuula dura ni deebitu, Waan isin dalagaa turtanis isinitti odeessa.
See all translations of this verse →
وَءَاخَرُونَ مُرْجَوْنَ لِأَمْرِ ٱللَّهِ إِمَّا يُعَذِّبُهُمْ وَإِمَّا يَتُوبُ عَلَيْهِمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri biroo immoo kan murtii Rabbii (eeguuf) booda aanfamantu jiru. Yookiin isaan adaba, yookiin immoo tawbaa isaan irraa qeebala. Rabbiin beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُوا۟ مَسْجِدًا ضِرَارًا وَكُفْرًا وَتَفْرِيقًۢا بَيْنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ وَإِرْصَادًا لِّمَنْ حَارَبَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ مِن قَبْلُ وَلَيَحْلِفُنَّ إِنْ أَرَدْنَآ إِلَّا ٱلْحُسْنَىٰ وَٱللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّهُمْ لَكَٰذِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri (mu’uminoota) rakkisuuf,masjiida tolfatan, akkasuma kufrii (babal’isuuf), gidduu mu’uminootaa addaan baasuufi, nama duraan Rabbiifi ergamaa Isaatiin loleef eegumsa godhuuf, (jecha masjiida tolfatanis isaanuma irraayyi). Dhugumatti kakatu “Nuti toltuu malee homaa hin feene” jedhanii. Rabbiin isaan kijibdoota tahuu ragaa baha.{1}
See all translations of this verse →
لَا تَقُمْ فِيهِ أَبَدًا لَّمَسْجِدٌ أُسِّسَ عَلَى ٱلتَّقْوَىٰ مِنْ أَوَّلِ يَوْمٍ أَحَقُّ أَن تَقُومَ فِيهِ فِيهِ رِجَالٌ يُحِبُّونَ أَن يَتَطَهَّرُوا۟ وَٱللَّهُ يُحِبُّ ٱلْمُطَّهِّرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gonkumaa isa (masjiidicha) keessa hin dhaabbatin. masjiida guyyaa jalqabaa irraa sodaa (Rabbii) irratti bu'ureeffametu ati isa keessa dhaabbachuu haqa godhata. Isa keessa namoota qulqulleeffachuu jaalatantu jiru. Rabbiin qulqulleeffattoota jaalata. {2}
See all translations of this verse →
أَفَمَنْ أَسَّسَ بُنْيَٰنَهُۥ عَلَىٰ تَقْوَىٰ مِنَ ٱللَّهِ وَرِضْوَٰنٍ خَيْرٌ أَم مَّنْ أَسَّسَ بُنْيَٰنَهُۥ عَلَىٰ شَفَا جُرُفٍ هَارٍ فَٱنْهَارَ بِهِۦ فِى نَارِ جَهَنَّمَ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila nama jaarmaya isaa sodaa Rabbi irraa ta’eefi jaalala (Isaa) irratti bu’uurse moo, nama jaarmaya isaa afaan boollaa kan cituutti dhiyaate irratti bu’uuressee, ibidda jahannam keessatti isaan kufetu caala? Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
لَا يَزَالُ بُنْيَٰنُهُمُ ٱلَّذِى بَنَوْا۟ رِيبَةً فِى قُلُوبِهِمْ إِلَّآ أَن تَقَطَّعَ قُلُوبُهُمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ijaarsi isaanii inni isaan ijaaran onneewwan isaanii keessatti (munaafiqummaafi) shakkii ta’uu irraa hin deemu.yoo onneewwan isaanii ciccitte malee. Rabbiin beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ ٱشْتَرَىٰ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ أَنفُسَهُمْ وَأَمْوَٰلَهُم بِأَنَّ لَهُمُ ٱلْجَنَّةَ يُقَٰتِلُونَ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَيَقْتُلُونَ وَيُقْتَلُونَ وَعْدًا عَلَيْهِ حَقًّا فِى ٱلتَّوْرَىٰةِ وَٱلْإِنجِيلِ وَٱلْقُرْءَانِ وَمَنْ أَوْفَىٰ بِعَهْدِهِۦ مِنَ ٱللَّهِ فَٱسْتَبْشِرُوا۟ بِبَيْعِكُمُ ٱلَّذِى بَايَعْتُم بِهِۦ وَذَٰلِكَ هُوَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin mu’uminoota irraa jannanni isaaniif ta’uudhaan lubbuuleefi qabeenyaalee isaanii biteera. Karaa Rabbii keessatti lolu; ni ajjeesu; ni ajjeefamus. Kun Tawraat, Injiiliifi Qur’aana keessatti waadaa Isa irratti mirkanaa’eedha. Namni Rabbi irra waadaa isaa guutu eenyu? Kanaafuu gurgurtaa keessan isa gurgurttaniin gammadaa. Sunis isatu milkii guddaadha.
See all translations of this verse →
ٱلتَّٰٓئِبُونَ ٱلْعَٰبِدُونَ ٱلْحَٰمِدُونَ ٱلسَّٰٓئِحُونَ ٱلرَّٰكِعُونَ ٱلسَّٰجِدُونَ ٱلْـَٔامِرُونَ بِٱلْمَعْرُوفِ وَٱلنَّاهُونَ عَنِ ٱلْمُنكَرِ وَٱلْحَٰفِظُونَ لِحُدُودِ ٱللَّهِ وَبَشِّرِ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isaan) tawbattoota, gabbartoota, faarsitoota, soomtoota, warra rukuu’a godhan, warra sujuuda godhan, warra toltuutti ajajan, warra hamtuu irraa dhorganiifi warra daangaalee Rabbii eeganiidha. Mu’uminootas (jannataan) gammachiisi.
See all translations of this verse →
مَا كَانَ لِلنَّبِىِّ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَن يَسْتَغْفِرُوا۟ لِلْمُشْرِكِينَ وَلَوْ كَانُوٓا۟ أُو۟لِى قُرْبَىٰ مِنۢ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمْ أَنَّهُمْ أَصْحَٰبُ ٱلْجَحِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Nabiyyichaafi warra amananiif, mushrikootaaf (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane, odoo firoota dhihoo ta’anillee, erga warra jahannam ta’uun ifa isaaniif ta’ee booda, .
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ ٱسْتِغْفَارُ إِبْرَٰهِيمَ لِأَبِيهِ إِلَّا عَن مَّوْعِدَةٍ وَعَدَهَآ إِيَّاهُ فَلَمَّا تَبَيَّنَ لَهُۥٓ أَنَّهُۥ عَدُوٌّ لِّلَّهِ تَبَرَّأَ مِنْهُ إِنَّ إِبْرَٰهِيمَ لَأَوَّٰهٌ حَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Araarama abbaa isaatiif kadhachuun Ibraahiim waadattii ishee isaaf seene sana (guutuu) irraayyi malee waan biraa hin turre. Yeroma inni diina Rabbii ta’uun ifa isaaf ta’u isa irraa qulqullaa’e, Dhugumatti, Ibraahiim akkaan Rabbi kadhataadha, obsaadha.
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيُضِلَّ قَوْمًۢا بَعْدَ إِذْ هَدَىٰهُمْ حَتَّىٰ يُبَيِّنَ لَهُم مَّا يَتَّقُونَ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin ummata tokko erga isaan qajeelchee booda hanga waan isaan eeggachuu qaban isaaniif ibsutti kan (isaan) jallisu (yakkamaa godhu) hin taane, Dhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يُحْىِۦ وَيُمِيتُ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِن وَلِىٍّ وَلَا نَصِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Rabbiin mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Ni jiraachisa; ni ajjeesas. Rabbiin alatti tiksaafi tumsaan tokkollee isiniif hin jiru.
See all translations of this verse →
لَّقَد تَّابَ ٱللَّهُ عَلَى ٱلنَّبِىِّ وَٱلْمُهَٰجِرِينَ وَٱلْأَنصَارِ ٱلَّذِينَ ٱتَّبَعُوهُ فِى سَاعَةِ ٱلْعُسْرَةِ مِنۢ بَعْدِ مَا كَادَ يَزِيغُ قُلُوبُ فَرِيقٍ مِّنْهُمْ ثُمَّ تَابَ عَلَيْهِمْ إِنَّهُۥ بِهِمْ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti Rabbiin nabiyyicha, muhaajirootaafi ansaarota itti araarame. warra yerottii rakkoo keessa isa hordofan, erga onneen garee isaan irraa ta’anii jallachuutti dhihaatee booda. Sana booda Rabbiin tawbaa isaanii qeebaleera, inni isaaniif mararfataa rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَعَلَى ٱلثَّلَٰثَةِ ٱلَّذِينَ خُلِّفُوا۟ حَتَّىٰٓ إِذَا ضَاقَتْ عَلَيْهِمُ ٱلْأَرْضُ بِمَا رَحُبَتْ وَضَاقَتْ عَلَيْهِمْ أَنفُسُهُمْ وَظَنُّوٓا۟ أَن لَّا مَلْجَأَ مِنَ ٱللَّهِ إِلَّآ إِلَيْهِ ثُمَّ تَابَ عَلَيْهِمْ لِيَتُوبُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Warra sadeen booda aanfaman (irraa Rabbiin tawbaa qeebale) kaneen hanga dachiin bal’ina ishee wajjin isaan irratti dhiphattee, lubbuun isaaniis isaan irratti dhiphattee, Rabbi irraas gara Isaatti malee iddoon itti baqatan hin jiruu hanga mirkaneeffatanitti (booda aanfaman irraas) (Rabbiin tawbaa qeebaleera). Sana booda akka isaan tawbataniif jecha tawbaa isaan irraa qeebale. Dhugumatti, Rabbiin Isatu araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَكُونُوا۟ مَعَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; warra dhugaa wajjiiniis ta’aa.
See all translations of this verse →
مَا كَانَ لِأَهْلِ ٱلْمَدِينَةِ وَمَنْ حَوْلَهُم مِّنَ ٱلْأَعْرَابِ أَن يَتَخَلَّفُوا۟ عَن رَّسُولِ ٱللَّهِ وَلَا يَرْغَبُوا۟ بِأَنفُسِهِمْ عَن نَّفْسِهِۦ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ لَا يُصِيبُهُمْ ظَمَأٌ وَلَا نَصَبٌ وَلَا مَخْمَصَةٌ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَلَا يَطَـُٔونَ مَوْطِئًا يَغِيظُ ٱلْكُفَّارَ وَلَا يَنَالُونَ مِنْ عَدُوٍّ نَّيْلًا إِلَّا كُتِبَ لَهُم بِهِۦ عَمَلٌ صَٰلِحٌ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ ٱلْمُحْسِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warra Madiinaatiifi tikfattoota baadiyyaa irraa warra moggaa isaaniitti argamaniif ergamaa Rabbii irraa duubatti hafuufi lubbuu isaaniis lubbuu isaa irra jaalachuun isaaniif hin malu ture. Sunis sababa hojiin gaariin ittiin isaaniif barreeffamu malee karaa Rabbii keessatti dheebuun, dadhabbiifi beellis kan isaan hin mudanne ta’ee akkasumas iddoo ejjannaa kaafiroota dallansiisu tokkoos hin ejjanneefi diina irraas (ajjeesuufi booji’uun) qaqqabiinsa tokkos kan hin qaqqabne (waan) ta’eefiDhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu raawwattootaa hin balleessu.
See all translations of this verse →
وَلَا يُنفِقُونَ نَفَقَةً صَغِيرَةً وَلَا كَبِيرَةً وَلَا يَقْطَعُونَ وَادِيًا إِلَّا كُتِبَ لَهُمْ لِيَجْزِيَهُمُ ٱللَّهُ أَحْسَنَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kennaa xiqqoos ta’ee guddaa hin kennan; laga tokkos hin qaxxaamuran, yoo isaaniif barreeffame malee, Rabbiin gaarii waan isaan dalagaa turanii isaanii galata galchuuf jecha.
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ ٱلْمُؤْمِنُونَ لِيَنفِرُوا۟ كَآفَّةً فَلَوْلَا نَفَرَ مِن كُلِّ فِرْقَةٍ مِّنْهُمْ طَآئِفَةٌ لِّيَتَفَقَّهُوا۟ فِى ٱلدِّينِ وَلِيُنذِرُوا۟ قَوْمَهُمْ إِذَا رَجَعُوٓا۟ إِلَيْهِمْ لَعَلَّهُمْ يَحْذَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mu’uminoonni (nabiyyii wajjin yoo ta’e malee) dimshaashatti duulatti bahuun isaaniin hin malu. Sila maaliif garee hunda irraa muraasni tokko hin lolle? (Warri biroo immoo) akka amantii keessatti hubannoo godhatanii yeroo gara isaaniitti deebi’an, akka isaan dinniinaniif (gorsaniif) jecha (maaliif hin hafne). Akka isaan (hamtuu) eeggataniif.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ قَٰتِلُوا۟ ٱلَّذِينَ يَلُونَكُم مِّنَ ٱلْكُفَّارِ وَلْيَجِدُوا۟ فِيكُمْ غِلْظَةً وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Kuffaara irraa warra isinitti aananiin lolaa. Isin keessattis jabeenya haa arganu. Rabbiinis warra Isa sodaatan wajjin jiraachuu beekaa.
See all translations of this verse →
وَإِذَا مَآ أُنزِلَتْ سُورَةٌ فَمِنْهُم مَّن يَقُولُ أَيُّكُمْ زَادَتْهُ هَٰذِهِۦٓ إِيمَٰنًا فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ فَزَادَتْهُمْ إِيمَٰنًا وَهُمْ يَسْتَبْشِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo suuraan tokka buute isaan irraa nama “eenyuu keessaniif isheen tun iimaana dabalte?” jedhutu jira. Egaa isaan amananiif kan gammadanu ta’anii iimaana isaaniif dabalte.
See all translations of this verse →
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ فَزَادَتْهُمْ رِجْسًا إِلَىٰ رِجْسِهِمْ وَمَاتُوا۟ وَهُمْ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru immoo najisa isaanii irratti najisa isaaniif dabalte. Isaan kaafiroota ta’anii du’an.
See all translations of this verse →
أَوَلَا يَرَوْنَ أَنَّهُمْ يُفْتَنُونَ فِى كُلِّ عَامٍ مَّرَّةً أَوْ مَرَّتَيْنِ ثُمَّ لَا يَتُوبُونَ وَلَا هُمْ يَذَّكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan waggaa hunda keessa yeroo tokko yookiin yeroo lama mokkoramuu isaanii hin arganuu? Ergasii hin tawbatanii? Isaanis hin gorfamanuu?
See all translations of this verse →
وَإِذَا مَآ أُنزِلَتْ سُورَةٌ نَّظَرَ بَعْضُهُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ هَلْ يَرَىٰكُم مِّنْ أَحَدٍ ثُمَّ ٱنصَرَفُوا۟ صَرَفَ ٱللَّهُ قُلُوبَهُم بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَفْقَهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo suuraan (isaan saaxiltu) takka buufamte, gariin isaanii gara garii isaanii ilaala “namni tokko sila isin argaa jiraa?” jedhaa. Sana booda garagalanii deemu. Rabbiin onneewwan isaanii garagalche Waan isaan ummata hubannoo hin qabne ta’aniif.
See all translations of this verse →
لَقَدْ جَآءَكُمْ رَسُولٌ مِّنْ أَنفُسِكُمْ عَزِيزٌ عَلَيْهِ مَا عَنِتُّمْ حَرِيصٌ عَلَيْكُم بِٱلْمُؤْمِنِينَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, iisinitti dhufe ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e.
See all translations of this verse →
فَإِن تَوَلَّوْا۟ فَقُلْ حَسْبِىَ ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَهُوَ رَبُّ ٱلْعَرْشِ ٱلْعَظِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan (sirraa) garagalan, jedhi “Rabbiin naaf gahaadha. Isa malee haqaan Gabbaramaan hin jiru. Isa qofa irrattin irkadhe; Innis Gooftaa arshii guddaati”.
See all translations of this verse →
← Surah Al-Anfaal
Surah Yunus →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.