يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ حَرِّضِ ٱلْمُؤْمِنِينَ عَلَى ٱلْقِتَالِ إِن يَكُن مِّنكُمْ عِشْرُونَ صَٰبِرُونَ يَغْلِبُوا۟ مِا۟ئَتَيْنِ وَإِن يَكُن مِّنكُم مِّا۟ئَةٌ يَغْلِبُوٓا۟ أَلْفًا مِّنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَفْقَهُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasi, Isin irraa obsitoonni digdamni yoo argame, dhibba lama haa injifatanu, Isin irraa dhibbi tokko yoo argame isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu, waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif.