إِذْ يُرِيكَهُمُ ٱللَّهُ فِى مَنَامِكَ قَلِيلًا وَلَوْ أَرَىٰكَهُمْ كَثِيرًا لَّفَشِلْتُمْ وَلَتَنَٰزَعْتُمْ فِى ٱلْأَمْرِ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ سَلَّمَ إِنَّهُۥ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Rabbiin abjuu kee keessatti xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiise [yaadadhu], Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee, silaa luynoomtanii, dhimmicha keessatti wal mormitu turtan. Garuu Rabbiin nagaya (isin) godhe. Dhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.