caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Mutaffifin المطففين

36 verses · Mecca · revelation order 86

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ وَيْلٌ لِّلْمُطَفِّفِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSalaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u!

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ إِذَا ٱكْتَالُوا۟ عَلَى ٱلنَّاسِ يَسْتَوْفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,

See all translations of this verse →

وَإِذَا كَالُوهُمْ أَو وَّزَنُوهُمْ يُخْسِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKan Yeroo namootaaf safaran yookiin miizaanan immoo hir’isan.

See all translations of this verse →

أَلَا يَظُنُّ أُو۟لَٰٓئِكَ أَنَّهُم مَّبْعُوثُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?

See all translations of this verse →

لِيَوْمٍ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa guddaadhaaf.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَقُومُ ٱلنَّاسُ لِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.

See all translations of this verse →

كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلْفُجَّارِ لَفِى سِجِّينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَدْرَىٰكَ مَا سِجِّينٌ

Oromo Translation - Gali Ababor"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?

See all translations of this verse →

كِتَٰبٌ مَّرْقُومٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).

See all translations of this verse →

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يُكَذِّبُونَ بِيَوْمِ ٱلدِّينِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan guyyaa murtii sobsiisaniif.

See all translations of this verse →

وَمَا يُكَذِّبُ بِهِۦٓ إِلَّا كُلُّ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDaangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.

See all translations of this verse →

إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte "ogbarruu warra duriiti" jedha.

See all translations of this verse →

كَلَّا بَلْ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHaa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.

See all translations of this verse →

كَلَّآ إِنَّهُمْ عَن رَّبِّهِمْ يَوْمَئِذٍ لَّمَحْجُوبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHaadhoorgamanii! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.

See all translations of this verse →

ثُمَّ إِنَّهُمْ لَصَالُوا۟ ٱلْجَحِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii isaan ibidda seenoodha.

See all translations of this verse →

ثُمَّ يُقَالُ هَٰذَا ٱلَّذِى كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama.

See all translations of this verse →

كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلْأَبْرَارِ لَفِى عِلِّيِّينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessatti ta'aadha.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَدْرَىٰكَ مَا عِلِّيُّونَ

Oromo Translation - Gali Ababor"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?

See all translations of this verse →

كِتَٰبٌ مَّرْقُومٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).

See all translations of this verse →

يَشْهَدُهُ ٱلْمُقَرَّبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْأَبْرَارَ لَفِى نَعِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu.

See all translations of this verse →

عَلَى ٱلْأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSireewwan irra (taa'anii) ilaalu.

See all translations of this verse →

تَعْرِفُ فِى وُجُوهِهِمْ نَضْرَةَ ٱلنَّعِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborFuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.

See all translations of this verse →

يُسْقَوْنَ مِن رَّحِيقٍ مَّخْتُومٍ

Oromo Translation - Gali AbaborFarsoo qadaadamaa irraa obaafamu.

See all translations of this verse →

خِتَٰمُهُۥ مِسْكٌ وَفِى ذَٰلِكَ فَلْيَتَنَافَسِ ٱلْمُتَنَٰفِسُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.

See all translations of this verse →

وَمِزَاجُهُۥ مِن تَسْنِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborMakaan isaas ‘Tasniim’ irraayi.

See all translations of this verse →

عَيْنًا يَشْرَبُ بِهَا ٱلْمُقَرَّبُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ أَجْرَمُوا۟ كَانُوا۟ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ يَضْحَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan.

See all translations of this verse →

وَإِذَا مَرُّوا۟ بِهِمْ يَتَغَامَزُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan bira dabran wal akeeku.

See all translations of this verse →

وَإِذَا ٱنقَلَبُوٓا۟ إِلَىٰٓ أَهْلِهِمُ ٱنقَلَبُوا۟ فَكِهِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo gara maatii isaanii deebi'an gammadaa deebi’u.

See all translations of this verse →

وَإِذَا رَأَوْهُمْ قَالُوٓا۟ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَضَآلُّونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan argan "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu.

See all translations of this verse →

وَمَآ أُرْسِلُوا۟ عَلَيْهِمْ حَٰفِظِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborHaala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.

See all translations of this verse →

فَٱلْيَوْمَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنَ ٱلْكُفَّارِ يَضْحَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHar’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.

See all translations of this verse →

عَلَى ٱلْأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSireewwan irra (ta'anii) ilaalu.

See all translations of this verse →

هَلْ ثُوِّبَ ٱلْكُفَّارُ مَا كَانُوا۟ يَفْعَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu].

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70