Home › Surahs › Surah Maryam
Surah Maryam مريم
98 verses · Mecca · revelation order 44
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ كٓهيعٓصٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Kaaf Haa Yaa Ayn Saade
See all translations of this verse →
ذِكْرُ رَحْمَتِ رَبِّكَ عَبْدَهُۥ زَكَرِيَّآ
Oromo Translation - Gali Ababor (Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha.
See all translations of this verse →
إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُۥ نِدَآءً خَفِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo inni Rabbii Isaa waamicha dhoksaa waame (dubbadhu).
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ إِنِّى وَهَنَ ٱلْعَظْمُ مِنِّى وَٱشْتَعَلَ ٱلرَّأْسُ شَيْبًا وَلَمْ أَكُنۢ بِدُعَآئِكَ رَبِّ شَقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nijedhe “Rabbii kiyya! Ani lafeen kiyya na laafe; mataan kiyyas Arrii makatee; Rabbii kiyya ani kadhaa keetiin hoonga’aa hin taane”.
See all translations of this verse →
وَإِنِّى خِفْتُ ٱلْمَوَٰلِىَ مِن وَرَآءِى وَكَانَتِ ٱمْرَأَتِى عَاقِرًا فَهَبْ لِى مِن لَّدُنكَ وَلِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor “Ani booda kootii firoota kiyya sodaadheen jira. Niitiin kiyyas maseentuudha. Suma biraa ilma naaf kenni.
See all translations of this verse →
يَرِثُنِى وَيَرِثُ مِنْ ءَالِ يَعْقُوبَ وَٱجْعَلْهُ رَبِّ رَضِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor “Kan (amantii kiyya) na dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaalu, Yaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaa isa taasisi.”
See all translations of this verse →
يَٰزَكَرِيَّآ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ ٱسْمُهُۥ يَحْيَىٰ لَمْ نَجْعَل لَّهُۥ مِن قَبْلُ سَمِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’een sigammachiifna. kan ammaan dura moggoo isaaf hingodhin (kan maqaa isaa namni biroo hinbaafatin)”
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِى غُلَٰمٌ وَكَانَتِ ٱمْرَأَتِى عَاقِرًا وَقَدْ بَلَغْتُ مِنَ ٱلْكِبَرِ عِتِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! akkamitti ilmi naaf ta’a? Odoo jaartiin too maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu ?”
See all translations of this verse →
قَالَ كَذَٰلِكَ قَالَ رَبُّكَ هُوَ عَلَىَّ هَيِّنٌ وَقَدْ خَلَقْتُكَ مِن قَبْلُ وَلَمْ تَكُ شَيْـًٔا
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhe “(Dhimmichi) akkuma kana, Rabbiin kee ‘Kun anarratti laafaadha jedhe. ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira.”
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ ٱجْعَل لِّىٓ ءَايَةً قَالَ ءَايَتُكَ أَلَّا تُكَلِّمَ ٱلنَّاسَ ثَلَٰثَ لَيَالٍ سَوِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo naaf godhi.” (Rabbiin) ni jedhe: “Mallattoon kee halkan sadihiif (guyyaa sadihiif) odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha (dadhabuudha).”
See all translations of this verse →
فَخَرَجَ عَلَىٰ قَوْمِهِۦ مِنَ ٱلْمِحْرَابِ فَأَوْحَىٰٓ إِلَيْهِمْ أَن سَبِّحُوا۟ بُكْرَةً وَعَشِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Mihraabarraa ummata isaa irratti gadi ba’ee, ganamaafi galgala Rabbiin qulqulleessuu (mallattoon) itti beeksise.
See all translations of this verse →
يَٰيَحْيَىٰ خُذِ ٱلْكِتَٰبَ بِقُوَّةٍ وَءَاتَيْنَٰهُ ٱلْحُكْمَ صَبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor “Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen). Beekumsa (ogummaa) ijoollummaan isaaf kennine.
See all translations of this verse →
وَحَنَانًا مِّن لَّدُنَّا وَزَكَوٰةً وَكَانَ تَقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra). Inni (Rabbiin) sodaataa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَبَرًّۢا بِوَٰلِدَيْهِ وَلَمْ يَكُن جَبَّارًا عَصِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eera, Of tuulaa, dilaawaa hin taane.
See all translations of this verse →
وَسَلَٰمٌ عَلَيْهِ يَوْمَ وُلِدَ وَيَوْمَ يَمُوتُ وَيَوْمَ يُبْعَثُ حَيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nageenyi isarratti haajiraatu, guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni jiraataa tahee kaafamus.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَٰبِ مَرْيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتْ مِنْ أَهْلِهَا مَكَانًا شَرْقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiin yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu.
See all translations of this verse →
فَٱتَّخَذَتْ مِن دُونِهِمْ حِجَابًا فَأَرْسَلْنَآ إِلَيْهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرًا سَوِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregine, Inni nama (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate.
See all translations of this verse →
قَالَتْ إِنِّىٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحْمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jette: “Ani sirraa Rahmaanitti maganfadha. Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef (naa tuqin)”
See all translations of this verse →
قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمًا زَكِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Jibriil) nijedhe “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)”.
See all translations of this verse →
قَالَتْ أَنَّىٰ يَكُونُ لِى غُلَٰمٌ وَلَمْ يَمْسَسْنِى بَشَرٌ وَلَمْ أَكُ بَغِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jette: “akkamitti ilmi naaf ta’a Odoo namni tokko nan tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in?”
See all translations of this verse →
قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَىَّ هَيِّنٌ وَلِنَجْعَلَهُۥٓ ءَايَةً لِّلنَّاسِ وَرَحْمَةً مِّنَّا وَكَانَ أَمْرًا مَّقْضِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana, Gooftaan kee ‘kuni narratti laafaadha; Namootaaf raajiifi rahmata Nu irraa ta’es isa godhuufi” jedhe. (Kun) dhimma murtaa’e ta’eera.
See all translations of this verse →
فَحَمَلَتْهُ فَٱنتَبَذَتْ بِهِۦ مَكَانًا قَصِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte.
See all translations of this verse →
فَأَجَآءَهَا ٱلْمَخَاضُ إِلَىٰ جِذْعِ ٱلنَّخْلَةِ قَالَتْ يَٰلَيْتَنِى مِتُّ قَبْلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسْيًا مَّنسِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqse, Ni jette: “Yaa gaabbii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamee hafe ta’ee maal qaba!”
See all translations of this verse →
فَنَادَىٰهَا مِن تَحْتِهَآ أَلَّا تَحْزَنِى قَدْ جَعَلَ رَبُّكِ تَحْتَكِ سَرِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee jalaa “Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun isheetti lallabe.
See all translations of this verse →
وَهُزِّىٓ إِلَيْكِ بِجِذْعِ ٱلنَّخْلَةِ تُسَٰقِطْ عَلَيْكِ رُطَبًا جَنِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor “Muka timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti.
See all translations of this verse →
فَكُلِى وَٱشْرَبِى وَقَرِّى عَيْنًا فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلْبَشَرِ أَحَدًا فَقُولِىٓ إِنِّى نَذَرْتُ لِلرَّحْمَٰنِ صَوْمًا فَلَنْ أُكَلِّمَ ٱلْيَوْمَ إِنسِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadi. Yoo ilma namarraa tokko argite jedhiin ‘ani Rahmaaniif callisuu qodhaa (nazrii) galeen jira, hardha nama tokkos hin dubbisu”.
See all translations of this verse →
فَأَتَتْ بِهِۦ قَوْمَهَا تَحْمِلُهُۥ قَالُوا۟ يَٰمَرْيَمُ لَقَدْ جِئْتِ شَيْـًٔا فَرِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isa baadhattee gara ummata ishee dhufte, [Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan hamtuu hojjatte.
See all translations of this verse →
يَٰٓأُخْتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمْرَأَ سَوْءٍ وَمَا كَانَتْ أُمُّكِ بَغِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati teetis sagaagaltuu hin turre.”
See all translations of this verse →
فَأَشَارَتْ إِلَيْهِ قَالُوا۟ كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِى ٱلْمَهْدِ صَبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Isiinis) gara isaatti akeekte, [Isaan] nijedhan “Akkamitti daaima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?”.
See all translations of this verse →
قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (daa’imichi) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
See all translations of this verse →
وَجَعَلَنِى مُبَارَكًا أَيْنَ مَا كُنتُ وَأَوْصَٰنِى بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمْتُ حَيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor essalee jiraadhu barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naatti dhaamee jira.
See all translations of this verse →
وَبَرًّۢا بِوَٰلِدَتِى وَلَمْ يَجْعَلْنِى جَبَّارًا شَقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Haadha tiyyaaf tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aa, nan taasifne.
See all translations of this verse →
وَٱلسَّلَٰمُ عَلَىَّ يَوْمَ وُلِدتُّ وَيَوْمَ أَمُوتُ وَيَوْمَ أُبْعَثُ حَيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nageenyi narratti jiraata Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus ”.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ قَوْلَ ٱلْحَقِّ ٱلَّذِى فِيهِ يَمْتَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (kan waayee isaarraa dubbatame kun) Kun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkaniidha.
See all translations of this verse →
مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٍ سُبْحَٰنَهُۥٓ إِذَا قَضَىٰٓ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiif ilma taasifachuun hin malu, Inni qulqullaa’e, Yeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a.
See all translations of this verse →
وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani, Kanaaf Isa qofa gabbaraa, kun karaa qajeelaadha”(jedhe.)
See all translations of this verse →
فَٱخْتَلَفَ ٱلْأَحْزَابُ مِنۢ بَيْنِهِمْ فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن مَّشْهَدِ يَوْمٍ عَظِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; warra kafaraniif halaakni tahe wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti.
See all translations of this verse →
أَسْمِعْ بِهِمْ وَأَبْصِرْ يَوْمَ يَأْتُونَنَا لَٰكِنِ ٱلظَّٰلِمُونَ ٱلْيَوْمَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise, (Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan. Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru.
See all translations of this verse →
وَأَنذِرْهُمْ يَوْمَ ٱلْحَسْرَةِ إِذْ قُضِىَ ٱلْأَمْرُ وَهُمْ فِى غَفْلَةٍ وَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa Gaabbii san isaan sodaachisi, yeroo dhimmichi murtaa’u Haala isaan daguu keessatti ta’aniin isaanII hin amanin.
See all translations of this verse →
إِنَّا نَحْنُ نَرِثُ ٱلْأَرْضَ وَمَنْ عَلَيْهَا وَإِلَيْنَا يُرْجَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti Numatu dachiifi waan ishee irra jiru dhaala; garuma keenya deebifamus.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَٰبِ إِبْرَٰهِيمَ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقًا نَّبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaaba keessatti Ibraahiim dubbadhu, inni nama akkaan dhugaa dubbataa, nabiyyii ture.
See all translations of this verse →
إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ لِمَ تَعْبُدُ مَا لَا يَسْمَعُ وَلَا يُبْصِرُ وَلَا يُغْنِى عَنكَ شَيْـًٔا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo inni abbaa isaatiin jedhe “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?”(dubbadhu).
See all translations of this verse →
يَٰٓأَبَتِ إِنِّى قَدْ جَآءَنِى مِنَ ٱلْعِلْمِ مَا لَمْ يَأْتِكَ فَٱتَّبِعْنِىٓ أَهْدِكَ صِرَٰطًا سَوِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor “Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin natti dhufee jira. na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَبَتِ لَا تَعْبُدِ ٱلشَّيْطَٰنَ إِنَّ ٱلشَّيْطَٰنَ كَانَ لِلرَّحْمَٰنِ عَصِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin; sheyxaanni Rahmaanitti fincilaa ta’eera.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَبَتِ إِنِّىٓ أَخَافُ أَن يَمَسَّكَ عَذَابٌ مِّنَ ٱلرَّحْمَٰنِ فَتَكُونَ لِلشَّيْطَٰنِ وَلِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa abbaa koo! ani Rahmaan irraa adabbiin si tuquun sodaadha, atis sheyxaanaaf jaalallee ta’uu keen (sodaadha)”.
See all translations of this verse →
قَالَ أَرَاغِبٌ أَنتَ عَنْ ءَالِهَتِى يَٰٓإِبْرَٰهِيمُ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ لَأَرْجُمَنَّكَ وَٱهْجُرْنِى مَلِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Abbaan isaa) nijedhe “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya (jibbitee) irraa garagaltaa? Yoo hin dhorgamne, ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa), Yeroo dheeraaf narraa fagaadhu”.
See all translations of this verse →
قَالَ سَلَٰمٌ عَلَيْكَ سَأَسْتَغْفِرُ لَكَ رَبِّىٓ إِنَّهُۥ كَانَ بِى حَفِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Ibraahiim) nijedhe “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadha, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera”.
See all translations of this verse →
وَأَعْتَزِلُكُمْ وَمَا تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَأَدْعُوا۟ رَبِّى عَسَىٰٓ أَلَّآ أَكُونَ بِدُعَآءِ رَبِّى شَقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor “Isiniifi wantoota isin Rabbiin gaditti gabbartan irraan fagaadha. Gooftaa kiyya qofan gabbara, kadhaa gooftaa kiyyaatiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha”.
See all translations of this verse →
فَلَمَّا ٱعْتَزَلَهُمْ وَمَا يَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَهَبْنَا لَهُۥٓ إِسْحَٰقَ وَيَعْقُوبَ وَكُلًّا جَعَلْنَا نَبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma inni isaaniifi waan isaan Rabbii gaditti gabbaran irraa fagaatu, Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennine, Hunda isaanii nabiyyii taasifne.
See all translations of this verse →
وَوَهَبْنَا لَهُم مِّن رَّحْمَتِنَا وَجَعَلْنَا لَهُمْ لِسَانَ صِدْقٍ عَلِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Rahmata keenya irraas isaaniif kennine, Gaariin dubbatamuu (faaruu) ol fuudhamaas isaaniif goone.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَٰبِ مُوسَىٰٓ إِنَّهُۥ كَانَ مُخْلَصًا وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhu, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyii ta’eera.
See all translations of this verse →
وَنَٰدَيْنَٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلْأَيْمَنِ وَقَرَّبْنَٰهُ نَجِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine!
See all translations of this verse →
وَوَهَبْنَا لَهُۥ مِن رَّحْمَتِنَآ أَخَاهُ هَٰرُونَ نَبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Tola keenya irraa obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَٰبِ إِسْمَٰعِيلَ إِنَّهُۥ كَانَ صَادِقَ ٱلْوَعْدِ وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iil dubbadhu, inni beellama kabajaa ta’ee jira, Ergamaa, nabiyyii ta’ee jira.
See all translations of this verse →
وَكَانَ يَأْمُرُ أَهْلَهُۥ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ وَكَانَ عِندَ رَبِّهِۦ مَرْضِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju ture. Gooftaa isaa biratti jaallatamaa ture.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَٰبِ إِدْرِيسَ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقًا نَّبِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaaba keessatti Idriisiin dubbadhu, inni dhugaa dubbataa, nabiyyii ture.
See all translations of this verse →
وَرَفَعْنَٰهُ مَكَانًا عَلِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Iddoo ol aanaattis ol isa fuunee jirra.
See all translations of this verse →
أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ أَنْعَمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِن ذُرِّيَّةِ ءَادَمَ وَمِمَّنْ حَمَلْنَا مَعَ نُوحٍ وَمِن ذُرِّيَّةِ إِبْرَٰهِيمَ وَإِسْرَٰٓءِيلَ وَمِمَّنْ هَدَيْنَا وَٱجْتَبَيْنَآ إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُ ٱلرَّحْمَٰنِ خَرُّوا۟ سُجَّدًا وَبُكِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan sun warra Rabbiin isaan irratti tola oole; nabiyyoota ilmaan Aadam irraa ta’anii, warra Nuuhii wajjiin (doonii irratti) yaabbachiifne irraa ta’anii, ilmaan Ibraahiimiifi Israa’iil irraas ta’anii, warra Nuti qajeelchinee filanne irraas kan ta’aniidha, Kan yeroo keeyyattoonni Rahmaan isaan irratti dubbifamtu sujuudaafi booyaa kufaniidha. {1}
See all translations of this verse →
فَخَلَفَ مِنۢ بَعْدِهِمْ خَلْفٌ أَضَاعُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَٱتَّبَعُوا۟ ٱلشَّهَوَٰتِ فَسَوْفَ يَلْقَوْنَ غَيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan boodaas bakka bu’oota (gadhee)tu bakka bu'e. kan salaata miidhaniifi fedhaalee lubbuu isaanii hordofan. Hallayyaa jahannam quunnamuuf jiru.
See all translations of this verse →
إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَأُو۟لَٰٓئِكَ يَدْخُلُونَ ٱلْجَنَّةَ وَلَا يُظْلَمُونَ شَيْـًٔا
Oromo Translation - Gali Ababor Nama tawbatee, amanee, gaarii hojjate malee Warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu.
See all translations of this verse →
جَنَّٰتِ عَدْنٍ ٱلَّتِى وَعَدَ ٱلرَّحْمَٰنُ عِبَادَهُۥ بِٱلْغَيْبِ إِنَّهُۥ كَانَ وَعْدُهُۥ مَأْتِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Jannatoowwan qubsumaa ishee Rahmaan gabroota Isaatiif fagootti waadaa gale (seenu). Inni waadaan Isaa dhufamaa ta’eera
See all translations of this verse →
لَّا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا إِلَّا سَلَٰمًا وَلَهُمْ رِزْقُهُمْ فِيهَا بُكْرَةً وَعَشِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a fokkataa hin dhagayan. Ishee keessatti isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira.
See all translations of this verse →
تِلْكَ ٱلْجَنَّةُ ٱلَّتِى نُورِثُ مِنْ عِبَادِنَا مَن كَانَ تَقِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.
See all translations of this verse →
وَمَا نَتَنَزَّلُ إِلَّا بِأَمْرِ رَبِّكَ لَهُۥ مَا بَيْنَ أَيْدِينَا وَمَا خَلْفَنَا وَمَا بَيْنَ ذَٰلِكَ وَمَا كَانَ رَبُّكَ نَسِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin ala hin buunu, Wanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan Isaati, Gooftaan kee dagataa hin taane.
See all translations of this verse →
رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا فَٱعْبُدْهُ وَٱصْطَبِرْ لِعِبَٰدَتِهِۦ هَلْ تَعْلَمُ لَهُۥ سَمِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiraniiti. Isa (qofa) gabbari; gabbartii isaarratti obsi. Sila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?
See all translations of this verse →
وَيَقُولُ ٱلْإِنسَٰنُ أَءِذَا مَا مِتُّ لَسَوْفَ أُخْرَجُ حَيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Namni nijedha “Sila ani ergan du’ee lubbuun jiraadhee (qabrii) baafamaa?”.
See all translations of this verse →
أَوَلَا يَذْكُرُ ٱلْإِنسَٰنُ أَنَّا خَلَقْنَٰهُ مِن قَبْلُ وَلَمْ يَكُ شَيْـًٔا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila namni hin yaadatuu akka Nuti kanaan dura isa uumne, ka waa argamaa hintahin?
See all translations of this verse →
فَوَرَبِّكَ لَنَحْشُرَنَّهُمْ وَٱلشَّيَٰطِينَ ثُمَّ لَنُحْضِرَنَّهُمْ حَوْلَ جَهَنَّمَ جِثِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabna, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna.
See all translations of this verse →
ثُمَّ لَنَنزِعَنَّ مِن كُلِّ شِيعَةٍ أَيُّهُمْ أَشَدُّ عَلَى ٱلرَّحْمَٰنِ عِتِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Eegasii garee hunda irraa isaan Rahmaan irratti jallinatti irra cimoo ta’an ni baafna.
See all translations of this verse →
ثُمَّ لَنَحْنُ أَعْلَمُ بِٱلَّذِينَ هُمْ أَوْلَىٰ بِهَا صِلِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii, dhugumatti, Nuti (isaan irraa) warra ishee (Ibidda) seenuu qaban ni beekna.
See all translations of this verse →
وَإِن مِّنكُمْ إِلَّا وَارِدُهَا كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ حَتْمًا مَّقْضِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isin irraa eenyulleen ishee bu'u malee hin hafu, Dirqama Rabbii keetiin murteeffameedha. {1}
See all translations of this verse →
ثُمَّ نُنَجِّى ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوا۟ وَّنَذَرُ ٱلظَّٰلِمِينَ فِيهَا جِثِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna.
See all translations of this verse →
وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَىُّ ٱلْفَرِيقَيْنِ خَيْرٌ مَّقَامًا وَأَحْسَنُ نَدِيًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman kaafiroonni mu’uminootaan nijedhan “Garee lamaan keessaa isa kamtu caalmaa sadarkaatiifi miidhagina teessoo qaba?”.
See all translations of this verse →
وَكَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّن قَرْنٍ هُمْ أَحْسَنُ أَثَٰثًا وَرِءْيًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniin dura dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’an balleessinee jirra?
See all translations of this verse →
قُلْ مَن كَانَ فِى ٱلضَّلَٰلَةِ فَلْيَمْدُدْ لَهُ ٱلرَّحْمَٰنُ مَدًّا حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوْا۟ مَا يُوعَدُونَ إِمَّا ٱلْعَذَابَ وَإِمَّا ٱلسَّاعَةَ فَسَيَعْلَمُونَ مَنْ هُوَ شَرٌّ مَّكَانًا وَأَضْعَفُ جُندًا
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; hanga waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku.
See all translations of this verse →
وَيَزِيدُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ٱهْتَدَوْا۟ هُدًى وَٱلْبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيْرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابًا وَخَيْرٌ مَّرَدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin warra qajeelaniif qajeeluma dabala, Hojiiwwan gaggaarii haftuu taateetu Rabbii kee biratti mindaadhaan caalaadha; deebiidhaanis isatu (irra) caalaadha.
See all translations of this verse →
أَفَرَءَيْتَ ٱلَّذِى كَفَرَ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالَ لَأُوتَيَنَّ مَالًا وَوَلَدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree hinarginee ati? kan “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe.
See all translations of this verse →
أَطَّلَعَ ٱلْغَيْبَ أَمِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحْمَٰنِ عَهْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila (iccitii) fagoo irratti mul’atemoo Rahmaan biratti waadaa wahii godhate?
See all translations of this verse →
كَلَّا سَنَكْتُبُ مَا يَقُولُ وَنَمُدُّ لَهُۥ مِنَ ٱلْعَذَابِ مَدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhu ni barreessina; azaabarraa dabaltii (isaaf malu) isaaf daballa.
See all translations of this verse →
وَنَرِثُهُۥ مَا يَقُولُ وَيَأْتِينَا فَرْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; inni kophaa isaa Nutti dhufa.
See all translations of this verse →
وَٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةً لِّيَكُونُوا۟ لَهُمْ عِزًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbii achitti gabbaramtoota godhatan Akka humnaafi kabajaa isaaniif ta’aniif jecha.
See all translations of this verse →
كَلَّا سَيَكْفُرُونَ بِعِبَادَتِهِمْ وَيَكُونُونَ عَلَيْهِمْ ضِدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa tahu.
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَ أَنَّآ أَرْسَلْنَا ٱلشَّيَٰطِينَ عَلَى ٱلْكَٰفِرِينَ تَؤُزُّهُمْ أَزًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila ati hinarginee akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasiinsa isaan kakaafti.
See all translations of this verse →
فَلَا تَعْجَلْ عَلَيْهِمْ إِنَّمَا نَعُدُّ لَهُمْ عَدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkooyna.
See all translations of this verse →
يَوْمَ نَحْشُرُ ٱلْمُتَّقِينَ إِلَى ٱلرَّحْمَٰنِ وَفْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti jiila (garee kabajamoo) taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu].
See all translations of this verse →
وَنَسُوقُ ٱلْمُجْرِمِينَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ وِرْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Badii raawwattoota immoo dheebotoo taasifnee gara Jahannam oofna.
See all translations of this verse →
لَّا يَمْلِكُونَ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَنِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحْمَٰنِ عَهْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nama Rahmaan biraa waadaa qabate malee araarsaa argachuu hin danda’anu.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحْمَٰنُ وَلَدًا
Oromo Translation - Gali Ababor “Rahmaan ilma godhate” jedhan.
See all translations of this verse →
لَّقَدْ جِئْتُمْ شَيْـًٔا إِدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isin waan fokkataa fiddaniirtu.
See all translations of this verse →
تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرْنَ مِنْهُ وَتَنشَقُّ ٱلْأَرْضُ وَتَخِرُّ ٱلْجِبَالُ هَدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor (Kana) irraa samiileen babbaqaquu, dachiin dhodhooyuufi gaarreen caccabanii kufuuf dhiaatu (fiddan).
See all translations of this verse →
أَن دَعَوْا۟ لِلرَّحْمَٰنِ وَلَدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu).
See all translations of this verse →
وَمَا يَنۢبَغِى لِلرَّحْمَٰنِ أَن يَتَّخِذَ وَلَدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rahmaan ilma godhachuun isaaf hin malu.
See all translations of this verse →
إِن كُلُّ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ إِلَّآ ءَاتِى ٱلرَّحْمَٰنِ عَبْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti samiileefi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan.
See all translations of this verse →
لَّقَدْ أَحْصَىٰهُمْ وَعَدَّهُمْ عَدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera.
See all translations of this verse →
وَكُلُّهُمْ ءَاتِيهِ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ فَرْدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Hundi isaanii Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَيَجْعَلُ لَهُمُ ٱلرَّحْمَٰنُ وُدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Rahmaan jaalala isaaniif taasisa.
See all translations of this verse →
فَإِنَّمَا يَسَّرْنَٰهُ بِلِسَانِكَ لِتُبَشِّرَ بِهِ ٱلْمُتَّقِينَ وَتُنذِرَ بِهِۦ قَوْمًا لُّدًّا
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti Nuti arraba kee irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi.
See all translations of this verse →
وَكَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّن قَرْنٍ هَلْ تُحِسُّ مِنْهُم مِّنْ أَحَدٍ أَوْ تَسْمَعُ لَهُمْ رِكْزًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan dura dhaloota irraa meeqaatama balleessinee jirra! Sila isaan irraa tokkos argitaa? Yookiin hasaasa (qilixii) isaaniif ni dhageessaa?
See all translations of this verse →
← Surah Al-Kahf
Surah Taa-Haa →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.