قُلْ مَن كَانَ فِى ٱلضَّلَٰلَةِ فَلْيَمْدُدْ لَهُ ٱلرَّحْمَٰنُ مَدًّا حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوْا۟ مَا يُوعَدُونَ إِمَّا ٱلْعَذَابَ وَإِمَّا ٱلسَّاعَةَ فَسَيَعْلَمُونَ مَنْ هُوَ شَرٌّ مَّكَانًا وَأَضْعَفُ جُندًا
Oromo Translation - Gali AbaborJedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; hanga waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku.