Home › Surahs › Surah Taa-Haa
Surah Taa-Haa طه
135 verses · Mecca · revelation order 45
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ طه
Oromo Translation - Gali Ababor Xaa haa.
See all translations of this verse →
مَآ أَنزَلْنَا عَلَيْكَ ٱلْقُرْءَانَ لِتَشْقَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne.
See all translations of this verse →
إِلَّا تَذْكِرَةً لِّمَن يَخْشَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee.
See all translations of this verse →
تَنزِيلًا مِّمَّنْ خَلَقَ ٱلْأَرْضَ وَٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلْعُلَى
Oromo Translation - Gali Ababor Isa dachiifi samiilee ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha.
See all translations of this verse →
ٱلرَّحْمَٰنُ عَلَى ٱلْعَرْشِ ٱسْتَوَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera.
See all translations of this verse →
لَهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَمَا تَحْتَ ٱلثَّرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti samiilee, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati.
See all translations of this verse →
وَإِن تَجْهَرْ بِٱلْقَوْلِ فَإِنَّهُۥ يَعْلَمُ ٱلسِّرَّ وَأَخْفَى
Oromo Translation - Gali Ababor Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka.
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ لَهُ ٱلْأَسْمَآءُ ٱلْحُسْنَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Maqoonni babbareedoon isaaf tahe.
See all translations of this verse →
وَهَلْ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa?
See all translations of this verse →
إِذْ رَءَا نَارًا فَقَالَ لِأَهْلِهِ ٱمْكُثُوٓا۟ إِنِّىٓ ءَانَسْتُ نَارًا لَّعَلِّىٓ ءَاتِيكُم مِّنْهَا بِقَبَسٍ أَوْ أَجِدُ عَلَى ٱلنَّارِ هُدًى
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Ibidda argee maatii isaatin jedhe “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isii irraa isinii fida. yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa”.
See all translations of this verse →
فَلَمَّآ أَتَىٰهَا نُودِىَ يَٰمُوسَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroma gara ishee dhaqe “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee.
See all translations of this verse →
إِنِّىٓ أَنَا۠ رَبُّكَ فَٱخْلَعْ نَعْلَيْكَ إِنَّكَ بِٱلْوَادِ ٱلْمُقَدَّسِ طُوًى
Oromo Translation - Gali Ababor “Ani anumaatu Gooftaa keeti; kophee tee lamaan baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa.
See all translations of this verse →
وَأَنَا ٱخْتَرْتُكَ فَٱسْتَمِعْ لِمَا يُوحَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani si filadheeraa waan (sitti) beeysifamu dhageeffadhu.
See all translations of this verse →
إِنَّنِىٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعْبُدْنِى وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكْرِىٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٌ أَكَادُ أُخْفِيهَا لِتُجْزَىٰ كُلُّ نَفْسٍۭ بِمَا تَسْعَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha. akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha. ishee dhoksuuttin dhihaadha.
See all translations of this verse →
فَلَا يَصُدَّنَّكَ عَنْهَا مَن لَّا يُؤْمِنُ بِهَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ فَتَرْدَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee irraa gara si hin galchin Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe, (Yoo isa hordofte) ni badda.”
See all translations of this verse →
وَمَا تِلْكَ بِيَمِينِكَ يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
See all translations of this verse →
قَالَ هِىَ عَصَاىَ أَتَوَكَّؤُا۟ عَلَيْهَا وَأَهُشُّ بِهَا عَلَىٰ غَنَمِى وَلِىَ فِيهَا مَـَٔارِبُ أُخْرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee tiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee tiyyaaf isheenin (baala mukaa) harcaasa. Ishee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira” .
See all translations of this verse →
قَالَ أَلْقِهَا يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
See all translations of this verse →
فَأَلْقَىٰهَا فَإِذَا هِىَ حَيَّةٌ تَسْعَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigdu taate.
See all translations of this verse →
قَالَ خُذْهَا وَلَا تَخَفْ سَنُعِيدُهَا سِيرَتَهَا ٱلْأُولَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatin; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa.
See all translations of this verse →
وَٱضْمُمْ يَدَكَ إِلَىٰ جَنَاحِكَ تَخْرُجْ بَيْضَآءَ مِنْ غَيْرِ سُوٓءٍ ءَايَةً أُخْرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi, adii taatee baati dhibee (tokko) malee, Mallattoo biraati.
See all translations of this verse →
لِنُرِيَكَ مِنْ ءَايَٰتِنَا ٱلْكُبْرَى
Oromo Translation - Gali Ababor Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa si agarsiisuufi.
See all translations of this verse →
ٱذْهَبْ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Gara Fir’awnaa deemi, inni daangaa dabree jira.
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ ٱشْرَحْ لِى صَدْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi.
See all translations of this verse →
وَيَسِّرْ لِىٓ أَمْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor Hojii kiyyaas naaf laaffisi.
See all translations of this verse →
وَٱحْلُلْ عُقْدَةً مِّن لِّسَانِى
Oromo Translation - Gali Ababor Hidhaa (Cabaqa) arraba kiyya irraa hiiki.
See all translations of this verse →
يَفْقَهُوا۟ قَوْلِى
Oromo Translation - Gali Ababor Jecha kiyya haa hubatanii.
See all translations of this verse →
وَٱجْعَل لِّى وَزِيرًا مِّنْ أَهْلِى
Oromo Translation - Gali Ababor Maatii kiyya irraa gargaaraa (qondaala) naaf godhi.
See all translations of this verse →
هَٰرُونَ أَخِى
Oromo Translation - Gali Ababor Haaruun obboleessa kiyya.
See all translations of this verse →
ٱشْدُدْ بِهِۦٓ أَزْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irree kiyya cimsi.
See all translations of this verse →
وَأَشْرِكْهُ فِىٓ أَمْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi.
See all translations of this verse →
كَىْ نُسَبِّحَكَ كَثِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akka baay’ee si faarsinuuf.
See all translations of this verse →
وَنَذْكُرَكَ كَثِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
See all translations of this verse →
إِنَّكَ كُنتَ بِنَا بَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
See all translations of this verse →
قَالَ قَدْ أُوتِيتَ سُؤْلَكَ يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ مَنَنَّا عَلَيْكَ مَرَّةً أُخْرَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre.
See all translations of this verse →
إِذْ أَوْحَيْنَآ إِلَىٰٓ أُمِّكَ مَا يُوحَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo waan beeksifamu gara haadha teetii (wahyii) beeysifne.
See all translations of this verse →
أَنِ ٱقْذِفِيهِ فِى ٱلتَّابُوتِ فَٱقْذِفِيهِ فِى ٱلْيَمِّ فَلْيُلْقِهِ ٱلْيَمُّ بِٱلسَّاحِلِ يَأْخُذْهُ عَدُوٌّ لِّى وَعَدُوٌّ لَّهُۥ وَأَلْقَيْتُ عَلَيْكَ مَحَبَّةً مِّنِّى وَلِتُصْنَعَ عَلَىٰ عَيْنِىٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhata. Jaalala Ana biraa ta’e si irratti darbeera; argaa ija tiyyaa (tika kiyya) irratti akka guddattuuf.
See all translations of this verse →
إِذْ تَمْشِىٓ أُخْتُكَ فَتَقُولُ هَلْ أَدُلُّكُمْ عَلَىٰ مَن يَكْفُلُهُۥ فَرَجَعْنَٰكَ إِلَىٰٓ أُمِّكَ كَىْ تَقَرَّ عَيْنُهَا وَلَا تَحْزَنَ وَقَتَلْتَ نَفْسًا فَنَجَّيْنَٰكَ مِنَ ٱلْغَمِّ وَفَتَنَّٰكَ فُتُونًا فَلَبِثْتَ سِنِينَ فِىٓ أَهْلِ مَدْيَنَ ثُمَّ جِئْتَ عَلَىٰ قَدَرٍ يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu], gara haadha keetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree, mokkora cimaas si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. Sana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!
See all translations of this verse →
وَٱصْطَنَعْتُكَ لِنَفْسِى
Oromo Translation - Gali Ababor lubbuu tiyyaaf si filadheera.
See all translations of this verse →
ٱذْهَبْ أَنتَ وَأَخُوكَ بِـَٔايَٰتِى وَلَا تَنِيَا فِى ذِكْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
See all translations of this verse →
ٱذْهَبَآ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira.
See all translations of this verse →
فَقُولَا لَهُۥ قَوْلًا لَّيِّنًا لَّعَلَّهُۥ يَتَذَكَّرُ أَوْ يَخْشَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa. akka gorfamuuf yookiin akka sodaatuuf jecha”
See all translations of this verse →
قَالَا رَبَّنَآ إِنَّنَا نَخَافُ أَن يَفْرُطَ عَلَيْنَآ أَوْ أَن يَطْغَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! nuti adabbii cimaa nu adabuu; yookiin (nurratti) daangaa darbuu sodaanna”
See all translations of this verse →
قَالَ لَا تَخَافَآ إِنَّنِى مَعَكُمَآ أَسْمَعُ وَأَرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaa, Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
See all translations of this verse →
فَأْتِيَاهُ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولَا رَبِّكَ فَأَرْسِلْ مَعَنَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ وَلَا تُعَذِّبْهُمْ قَدْ جِئْنَٰكَ بِـَٔايَةٍ مِّن رَّبِّكَ وَٱلسَّلَٰمُ عَلَىٰ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلْهُدَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Isin lachanuu isa bira dhaqaa isaan jedhaa ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabin; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa keetirraa sitti dhufne. Nageenyi nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti taha.
See all translations of this verse →
إِنَّا قَدْ أُوحِىَ إِلَيْنَآ أَنَّ ٱلْعَذَابَ عَلَىٰ مَن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor “nuti gara keenyatti wahyiin godhameera, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti tahaadha”
See all translations of this verse →
قَالَ فَمَن رَّبُّكُمَا يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Fir’awn) “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe.
See all translations of this verse →
قَالَ رَبُّنَا ٱلَّذِىٓ أَعْطَىٰ كُلَّ شَىْءٍ خَلْقَهُۥ ثُمَّ هَدَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana, eegasii isa qajeelcheedha.”
See all translations of this verse →
قَالَ فَمَا بَالُ ٱلْقُرُونِ ٱلْأُولَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummatoota darbanii hoo akkam ta’a?”
See all translations of this verse →
قَالَ عِلْمُهَا عِندَ رَبِّى فِى كِتَٰبٍ لَّا يَضِلُّ رَبِّى وَلَا يَنسَى
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira, Gooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus”
See all translations of this verse →
ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُمُ ٱلْأَرْضَ مَهْدًا وَسَلَكَ لَكُمْ فِيهَا سُبُلًا وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَخْرَجْنَا بِهِۦٓ أَزْوَٰجًا مِّن نَّبَاتٍ شَتَّىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse sani, Isaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne (nimagarsine).
See all translations of this verse →
كُلُوا۟ وَٱرْعَوْا۟ أَنْعَٰمَكُمْ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّأُو۟لِى ٱلنُّهَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaa, Dhugumatti, kana keessa namoota qalbiilee (sammuu) qabaniif mallattoleetu jira.
See all translations of this verse →
مِنْهَا خَلَقْنَٰكُمْ وَفِيهَا نُعِيدُكُمْ وَمِنْهَا نُخْرِجُكُمْ تَارَةً أُخْرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ أَرَيْنَٰهُ ءَايَٰتِنَا كُلَّهَا فَكَذَّبَ وَأَبَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
See all translations of this verse →
قَالَ أَجِئْتَنَا لِتُخْرِجَنَا مِنْ أَرْضِنَا بِسِحْرِكَ يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii teenya irraa sihrii teetiin nu baasuuf nutti dhuftee?
See all translations of this verse →
فَلَنَأْتِيَنَّكَ بِسِحْرٍ مِّثْلِهِۦ فَٱجْعَلْ بَيْنَنَا وَبَيْنَكَ مَوْعِدًا لَّا نُخْلِفُهُۥ نَحْنُ وَلَآ أَنتَ مَكَانًا سُوًى
Oromo Translation - Gali Ababor Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufna, gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama godhi. kan nutiifi atis irraa hin hafne, iddoo giddu galeessa ta’etti”
See all translations of this verse →
قَالَ مَوْعِدُكُمْ يَوْمُ ٱلزِّينَةِ وَأَن يُحْشَرَ ٱلنَّاسُ ضُحًى
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree walitti qabamuudha”
See all translations of this verse →
فَتَوَلَّىٰ فِرْعَوْنُ فَجَمَعَ كَيْدَهُۥ ثُمَّ أَتَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee eegasii dhufe.
See all translations of this verse →
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰ وَيْلَكُمْ لَا تَفْتَرُوا۟ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا فَيُسْحِتَكُم بِعَذَابٍ وَقَدْ خَابَ مَنِ ٱفْتَرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan isaaniin nijedhe “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessa, Dhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira”.
See all translations of this verse →
فَتَنَٰزَعُوٓا۟ أَمْرَهُم بَيْنَهُمْ وَأَسَرُّوا۟ ٱلنَّجْوَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ إِنْ هَٰذَٰنِ لَسَٰحِرَٰنِ يُرِيدَانِ أَن يُخْرِجَاكُم مِّنْ أَرْضِكُم بِسِحْرِهِمَا وَيَذْهَبَا بِطَرِيقَتِكُمُ ٱلْمُثْلَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhan: “Jarri lamaan kun falfaltoota, falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhan, karaa keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu (fedhu).
See all translations of this verse →
فَأَجْمِعُوا۟ كَيْدَكُمْ ثُمَّ ٱئْتُوا۟ صَفًّا وَقَدْ أَفْلَحَ ٱلْيَوْمَ مَنِ ٱسْتَعْلَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaa, Dhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ يَٰمُوسَىٰٓ إِمَّآ أَن تُلْقِىَ وَإِمَّآ أَن نَّكُونَ أَوَّلَ مَنْ أَلْقَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin.
See all translations of this verse →
قَالَ بَلْ أَلْقُوا۟ فَإِذَا حِبَالُهُمْ وَعِصِيُّهُمْ يُخَيَّلُ إِلَيْهِ مِن سِحْرِهِمْ أَنَّهَا تَسْعَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedhe, yoggus haadoowwan isaaniifi uleewwann isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu (bofa) itti fakkeeffama.
See all translations of this verse →
فَأَوْجَسَ فِى نَفْسِهِۦ خِيفَةً مُّوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame.
See all translations of this verse →
قُلْنَا لَا تَخَفْ إِنَّكَ أَنتَ ٱلْأَعْلَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor “Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu ol'aanaa” jenneen.
See all translations of this verse →
وَأَلْقِ مَا فِى يَمِينِكَ تَلْقَفْ مَا صَنَعُوٓا۟ إِنَّمَا صَنَعُوا۟ كَيْدُ سَٰحِرٍ وَلَا يُفْلِحُ ٱلسَّاحِرُ حَيْثُ أَتَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor “Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsiti, Wanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuuti, Falfalaan bakkuma dhufe (hunda)ttuu hin milkaa’u”
See all translations of this verse →
فَأُلْقِىَ ٱلسَّحَرَةُ سُجَّدًا قَالُوٓا۟ ءَامَنَّا بِرَبِّ هَٰرُونَ وَمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ ءَامَنتُمْ لَهُۥ قَبْلَ أَنْ ءَاذَنَ لَكُمْ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِى عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحْرَ فَلَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَٰفٍ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمْ فِى جُذُوعِ ٱلنَّخْلِ وَلَتَعْلَمُنَّ أَيُّنَآ أَشَدُّ عَذَابًا وَأَبْقَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedha, harkowwaniifii miillan keessan wal faallessee mura. jirma muka timiraa irrattin isin fannisa, Isinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ لَن نُّؤْثِرَكَ عَلَىٰ مَا جَآءَنَا مِنَ ٱلْبَيِّنَٰتِ وَٱلَّذِى فَطَرَنَا فَٱقْضِ مَآ أَنتَ قَاضٍ إِنَّمَا تَقْضِى هَٰذِهِ ٱلْحَيَوٰةَ ٱلدُّنْيَآ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin caalchifannu, waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa.
See all translations of this verse →
إِنَّآ ءَامَنَّا بِرَبِّنَا لِيَغْفِرَ لَنَا خَطَٰيَٰنَا وَمَآ أَكْرَهْتَنَا عَلَيْهِ مِنَ ٱلسِّحْرِ وَٱللَّهُ خَيْرٌ وَأَبْقَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor “Nuti Gooftaa keenyatti amannee jirra, Akka dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, Rabbitu caalaafi hafaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّهُۥ مَن يَأْتِ رَبَّهُۥ مُجْرِمًا فَإِنَّ لَهُۥ جَهَنَّمَ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحْيَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus.
See all translations of this verse →
وَمَن يَأْتِهِۦ مُؤْمِنًا قَدْ عَمِلَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَأُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلدَّرَجَٰتُ ٱلْعُلَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojiilee gaarii hojjataa gara Isaa dhufe isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira.
See all translations of this verse →
جَنَّٰتُ عَدْنٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا وَذَٰلِكَ جَزَآءُ مَن تَزَكَّىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Jannatoowwan qubsumaa tan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatu, Kun mindaa nama qulqulleeffateeti.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ أَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِى فَٱضْرِبْ لَهُمْ طَرِيقًا فِى ٱلْبَحْرِ يَبَسًا لَّا تَخَٰفُ دَرَكًا وَلَا تَخْشَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, gara Muusaa beeysifne “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi! Isaaniif galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu) hin sodaattu” jechuudhaan.
See all translations of this verse →
فَأَتْبَعَهُمْ فِرْعَوْنُ بِجُنُودِهِۦ فَغَشِيَهُم مِّنَ ٱلْيَمِّ مَا غَشِيَهُمْ
Oromo Translation - Gali Ababor Fir’awni waraana isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraa wanti isaan haguuge isaan haguuge.
See all translations of this verse →
وَأَضَلَّ فِرْعَوْنُ قَوْمَهُۥ وَمَا هَدَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Fir’awni ummata isaa ni jallise (isaan) hin qajeelchine.
See all translations of this verse →
يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ قَدْ أَنجَيْنَٰكُم مِّنْ عَدُوِّكُمْ وَوَٰعَدْنَٰكُمْ جَانِبَ ٱلطُّورِ ٱلْأَيْمَنَ وَنَزَّلْنَا عَلَيْكُمُ ٱلْمَنَّ وَٱلسَّلْوَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee, moggaa mirga gaara Xuur irratti waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattii isin irratti buufnee jirra.
See all translations of this verse →
كُلُوا۟ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقْنَٰكُمْ وَلَا تَطْغَوْا۟ فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيْكُمْ غَضَبِى وَمَن يَحْلِلْ عَلَيْهِ غَضَبِى فَقَدْ هَوَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa (hinjallatinaa); (yoo jallattan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’a, Namni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade.
See all translations of this verse →
وَإِنِّى لَغَفَّارٌ لِّمَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا ثُمَّ ٱهْتَدَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani akkaan araaramaadha nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef
See all translations of this verse →
وَمَآ أَعْجَلَكَ عَن قَوْمِكَ يَٰمُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor “Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen).
See all translations of this verse →
قَالَ هُمْ أُو۟لَآءِ عَلَىٰٓ أَثَرِى وَعَجِلْتُ إِلَيْكَ رَبِّ لِتَرْضَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiru, Yaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
See all translations of this verse →
قَالَ فَإِنَّا قَدْ فَتَنَّا قَوْمَكَ مِنۢ بَعْدِكَ وَأَضَلَّهُمُ ٱلسَّامِرِىُّ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee siboodaa (bakka ati hin jirretti) mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
See all translations of this verse →
فَرَجَعَ مُوسَىٰٓ إِلَىٰ قَوْمِهِۦ غَضْبَٰنَ أَسِفًا قَالَ يَٰقَوْمِ أَلَمْ يَعِدْكُمْ رَبُّكُمْ وَعْدًا حَسَنًا أَفَطَالَ عَلَيْكُمُ ٱلْعَهْدُ أَمْ أَرَدتُّمْ أَن يَحِلَّ عَلَيْكُمْ غَضَبٌ مِّن رَّبِّكُمْ فَأَخْلَفْتُم مَّوْعِدِى
Oromo Translation - Gali Ababor Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee nijedhe “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ مَآ أَخْلَفْنَا مَوْعِدَكَ بِمَلْكِنَا وَلَٰكِنَّا حُمِّلْنَآ أَوْزَارًا مِّن زِينَةِ ٱلْقَوْمِ فَقَذَفْنَٰهَا فَكَذَٰلِكَ أَلْقَى ٱلسَّامِرِىُّ
Oromo Translation - Gali Ababor [Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigne, Garuu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbine, Akkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
See all translations of this verse →
فَأَخْرَجَ لَهُمْ عِجْلًا جَسَدًا لَّهُۥ خُوَارٌ فَقَالُوا۟ هَٰذَآ إِلَٰهُكُمْ وَإِلَٰهُ مُوسَىٰ فَنَسِىَ
Oromo Translation - Gali Ababor Qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
See all translations of this verse →
أَفَلَا يَرَوْنَ أَلَّا يَرْجِعُ إِلَيْهِمْ قَوْلًا وَلَا يَمْلِكُ لَهُمْ ضَرًّا وَلَا نَفْعًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii?
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ قَالَ لَهُمْ هَٰرُونُ مِن قَبْلُ يَٰقَوْمِ إِنَّمَا فُتِنتُم بِهِۦ وَإِنَّ رَبَّكُمُ ٱلرَّحْمَٰنُ فَٱتَّبِعُونِى وَأَطِيعُوٓا۟ أَمْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, sana dura Haaruun isaaniin jedhee ture.“Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidha, Gooftaan keessan immoo Rahmaani; na hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa”
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ لَن نَّبْرَحَ عَلَيْهِ عَٰكِفِينَ حَتَّىٰ يَرْجِعَ إِلَيْنَا مُوسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor [Isaan] “ Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti” jedhan.
See all translations of this verse →
قَالَ يَٰهَٰرُونُ مَا مَنَعَكَ إِذْ رَأَيْتَهُمْ ضَلُّوٓا۟
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge?
See all translations of this verse →
أَلَّا تَتَّبِعَنِ أَفَعَصَيْتَ أَمْرِى
Oromo Translation - Gali Ababor Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
See all translations of this verse →
قَالَ يَبْنَؤُمَّ لَا تَأْخُذْ بِلِحْيَتِى وَلَا بِرَأْسِىٓ إِنِّى خَشِيتُ أَن تَقُولَ فَرَّقْتَ بَيْنَ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ وَلَمْ تَرْقُبْ قَوْلِى
Oromo Translation - Gali Ababor (Haaruunis) nijedhe “Yaa ilma harmee tiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya na hin qabin, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe”.
See all translations of this verse →
قَالَ فَمَا خَطْبُكَ يَٰسَٰمِرِىُّ
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaan) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
See all translations of this verse →
قَالَ بَصُرْتُ بِمَا لَمْ يَبْصُرُوا۟ بِهِۦ فَقَبَضْتُ قَبْضَةً مِّنْ أَثَرِ ٱلرَّسُولِ فَنَبَذْتُهَا وَكَذَٰلِكَ سَوَّلَتْ لِى نَفْسِى
Oromo Translation - Gali Ababor (Saamiriyyiin) nijedhe “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbe akka kana Lubbuun tiyya naaf miidhagsite”.
See all translations of this verse →
قَالَ فَٱذْهَبْ فَإِنَّ لَكَ فِى ٱلْحَيَوٰةِ أَن تَقُولَ لَا مِسَاسَ وَإِنَّ لَكَ مَوْعِدًا لَّن تُخْلَفَهُۥ وَٱنظُرْ إِلَىٰٓ إِلَٰهِكَ ٱلَّذِى ظَلْتَ عَلَيْهِ عَاكِفًا لَّنُحَرِّقَنَّهُۥ ثُمَّ لَنَنسِفَنَّهُۥ فِى ٱلْيَمِّ نَسْفًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Muusaanis) ni jedhe: “Deemi jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jira. Gara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaali, Nuti dhugumatti, isa gubna; eegasii (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
See all translations of this verse →
إِنَّمَآ إِلَٰهُكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِى لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ وَسِعَ كُلَّ شَىْءٍ عِلْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin keessan Allaah kan Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofa. Inni waan hunda beekumsaan bal'ateera.
See all translations of this verse →
كَذَٰلِكَ نَقُصُّ عَلَيْكَ مِنْ أَنۢبَآءِ مَا قَدْ سَبَقَ وَقَدْ ءَاتَيْنَٰكَ مِن لَّدُنَّا ذِكْرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessina, Nuti dhugumatti, nu biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra.
See all translations of this verse →
مَّنْ أَعْرَضَ عَنْهُ فَإِنَّهُۥ يَحْمِلُ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ وِزْرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata.
See all translations of this verse →
خَٰلِدِينَ فِيهِ وَسَآءَ لَهُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ حِمْلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraatan, Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate!
See all translations of this verse →
يَوْمَ يُنفَخُ فِى ٱلصُّورِ وَنَحْشُرُ ٱلْمُجْرِمِينَ يَوْمَئِذٍ زُرْقًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu), Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna.
See all translations of this verse →
يَتَخَٰفَتُونَ بَيْنَهُمْ إِن لَّبِثْتُمْ إِلَّا عَشْرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu.
See all translations of this verse →
نَّحْنُ أَعْلَمُ بِمَا يَقُولُونَ إِذْ يَقُولُ أَمْثَلُهُمْ طَرِيقَةً إِن لَّبِثْتُمْ إِلَّا يَوْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti waan isaan jedhan beekna yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu .
See all translations of this verse →
وَيَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلْجِبَالِ فَقُلْ يَنسِفُهَا رَبِّى نَسْفًا
Oromo Translation - Gali Ababor Gaarreen irraas si gaafatu, “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin.
See all translations of this verse →
فَيَذَرُهَا قَاعًا صَفْصَفًا
Oromo Translation - Gali Ababor “Lafa wal qixxaa’aa dirree taasisee ishee dhiisa.
See all translations of this verse →
لَّا تَرَىٰ فِيهَا عِوَجًا وَلَآ أَمْتًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”
See all translations of this verse →
يَوْمَئِذٍ يَتَّبِعُونَ ٱلدَّاعِىَ لَا عِوَجَ لَهُۥ وَخَشَعَتِ ٱلْأَصْوَاتُ لِلرَّحْمَٰنِ فَلَا تَسْمَعُ إِلَّا هَمْسًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa san lallabaa jallinni isaaf hinjirre hordofu; Sagaleewwan Rahmaaniif cal jetti, Shokomsaa malee homaa hin dhageessu.
See all translations of this verse →
يَوْمَئِذٍ لَّا تَنفَعُ ٱلشَّفَٰعَةُ إِلَّا مَنْ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحْمَٰنُ وَرَضِىَ لَهُۥ قَوْلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee.
See all translations of this verse →
يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَلَا يُحِيطُونَ بِهِۦ عِلْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beeka, Isaan immoo beekumsaan isa hin marsine
See all translations of this verse →
وَعَنَتِ ٱلْوُجُوهُ لِلْحَىِّ ٱلْقَيُّومِ وَقَدْ خَابَ مَنْ حَمَلَ ظُلْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jette, Dhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e.
See all translations of this verse →
وَمَن يَعْمَلْ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَلَا يَخَافُ ظُلْمًا وَلَا هَضْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, miidhaa (hamtuu irratti dabaluu)s ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu.
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلْنَٰهُ قُرْءَانًا عَرَبِيًّا وَصَرَّفْنَا فِيهِ مِنَ ٱلْوَعِيدِ لَعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ أَوْ يُحْدِثُ لَهُمْ ذِكْرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akkanatti qur'aana Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessatti akeekkachiisa irraa addeessine. akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf
See all translations of this verse →
فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ ٱلْمَلِكُ ٱلْحَقُّ وَلَا تَعْجَلْ بِٱلْقُرْءَانِ مِن قَبْلِ أَن يُقْضَىٰٓ إِلَيْكَ وَحْيُهُۥ وَقُل رَّبِّ زِدْنِى عِلْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eera, Odoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin, “(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ عَهِدْنَآ إِلَىٰٓ ءَادَمَ مِن قَبْلُ فَنَسِىَ وَلَمْ نَجِدْ لَهُۥ عَزْمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, sana dura Aadamitti beeksisa goonee, dagatee ture, Nuti kutannoo isaaf hin argine.
See all translations of this verse →
وَإِذْ قُلْنَا لِلْمَلَٰٓئِكَةِ ٱسْجُدُوا۟ لِـَٔادَمَ فَسَجَدُوٓا۟ إِلَّآ إِبْلِيسَ أَبَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee sujuuda bu’an. Inni ni dide.
See all translations of this verse →
فَقُلْنَا يَٰٓـَٔادَمُ إِنَّ هَٰذَا عَدُوٌّ لَّكَ وَلِزَوْجِكَ فَلَا يُخْرِجَنَّكُمَا مِنَ ٱلْجَنَّةِ فَتَشْقَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiiti, Jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
See all translations of this verse →
إِنَّ لَكَ أَلَّا تَجُوعَ فِيهَا وَلَا تَعْرَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira.
See all translations of this verse →
وَأَنَّكَ لَا تَظْمَؤُا۟ فِيهَا وَلَا تَضْحَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
See all translations of this verse →
فَوَسْوَسَ إِلَيْهِ ٱلشَّيْطَٰنُ قَالَ يَٰٓـَٔادَمُ هَلْ أَدُلُّكَ عَلَىٰ شَجَرَةِ ٱلْخُلْدِ وَمُلْكٍ لَّا يَبْلَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Sheyxaanni gara isaatti hasaasee: nijedhe “Yaa Aadam! Gara muka (as keessa) turiinsaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” {1}
See all translations of this verse →
فَأَكَلَا مِنْهَا فَبَدَتْ لَهُمَا سَوْءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخْصِفَانِ عَلَيْهِمَا مِن وَرَقِ ٱلْجَنَّةِ وَعَصَىٰٓ ءَادَمُ رَبَّهُۥ فَغَوَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalan, Aadam (ajaja) Gooftaa isaa didee dogoggore.
See all translations of this verse →
ثُمَّ ٱجْتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَتَابَ عَلَيْهِ وَهَدَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Eegasii Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche.
See all translations of this verse →
قَالَ ٱهْبِطَا مِنْهَا جَمِيعًۢا بَعْضُكُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ فَإِمَّا يَأْتِيَنَّكُم مِّنِّى هُدًى فَمَنِ ٱتَّبَعَ هُدَاىَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشْقَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedhe: “ isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aa, Gariin keessan gariif diina ta’aatii, Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.
See all translations of this verse →
وَمَنْ أَعْرَضَ عَن ذِكْرِى فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةً ضَنكًا وَنَحْشُرُهُۥ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ أَعْمَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphootu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرْتَنِىٓ أَعْمَىٰ وَقَدْ كُنتُ بَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor “Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
See all translations of this verse →
قَالَ كَذَٰلِكَ أَتَتْكَ ءَايَٰتُنَا فَنَسِيتَهَا وَكَذَٰلِكَ ٱلْيَوْمَ تُنسَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte, Atis hardha akkuma kanatti dagatamta.”
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى مَنْ أَسْرَفَ وَلَمْ يُؤْمِنۢ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ وَلَعَذَابُ ٱلْـَٔاخِرَةِ أَشَدُّ وَأَبْقَىٰٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin galata galchina, azaaba Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha.
See all translations of this verse →
أَفَلَمْ يَهْدِ لَهُمْ كَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّنَ ٱلْقُرُونِ يَمْشُونَ فِى مَسَٰكِنِهِمْ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّأُو۟لِى ٱلنُّهَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaaniif adda hin baanee dhaloota isaaniin duraa irraa meeqaatama akka balleessine, kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran, Dhugumatti kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira.
See all translations of this verse →
وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ لَكَانَ لِزَامًا وَأَجَلٌ مُّسَمًّى
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture.
See all translations of this verse →
فَٱصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ قَبْلَ طُلُوعِ ٱلشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا وَمِنْ ءَانَآئِ ٱلَّيْلِ فَسَبِّحْ وَأَطْرَافَ ٱلنَّهَارِ لَعَلَّكَ تَرْضَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan isaan jedhan irratti obsi, Gooftaa kee galatoomfataa faarsi baha biiftuu duraafi lixa ishee dura. Yeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi, (Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi.
See all translations of this verse →
وَلَا تَمُدَّنَّ عَيْنَيْكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعْنَا بِهِۦٓ أَزْوَٰجًا مِّنْهُمْ زَهْرَةَ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا لِنَفْتِنَهُمْ فِيهِ وَرِزْقُ رَبِّكَ خَيْرٌ وَأَبْقَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ija kee lamaan hin diriirsin gara waan Nuti isaaniin qananiifnee, gareewwan adda addaa isaan irraa ta’an.kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee, akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha, Kennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha.
See all translations of this verse →
وَأْمُرْ أَهْلَكَ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱصْطَبِرْ عَلَيْهَا لَا نَسْـَٔلُكَ رِزْقًا نَّحْنُ نَرْزُقُكَ وَٱلْعَٰقِبَةُ لِلتَّقْوَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Maatii kee salaatatti ajaji; ishee irrattis obsi, Nuti hiree si hin gaafannu, Nutu si soora. Booddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ لَوْلَا يَأْتِينَا بِـَٔايَةٍ مِّن رَّبِّهِۦٓ أَوَلَمْ تَأْتِهِم بَيِّنَةُ مَا فِى ٱلصُّحُفِ ٱلْأُولَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhan: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoon nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee?
See all translations of this verse →
وَلَوْ أَنَّآ أَهْلَكْنَٰهُم بِعَذَابٍ مِّن قَبْلِهِۦ لَقَالُوا۟ رَبَّنَا لَوْلَآ أَرْسَلْتَ إِلَيْنَا رَسُولًا فَنَتَّبِعَ ءَايَٰتِكَ مِن قَبْلِ أَن نَّذِلَّ وَنَخْزَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
See all translations of this verse →
قُلْ كُلٌّ مُّتَرَبِّصٌ فَتَرَبَّصُوا۟ فَسَتَعْلَمُونَ مَنْ أَصْحَٰبُ ٱلصِّرَٰطِ ٱلسَّوِىِّ وَمَنِ ٱهْتَدَىٰ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!): jedhi “Hunduu eegaadha, Isinis eegaa, Namni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele (nuufii isin keessaa) eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu”.
See all translations of this verse →
← Surah Maryam
Surah Al-Anbiyaa →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.