ٱتَّخَذُوٓا۟ أَحْبَارَهُمْ وَرُهْبَٰنَهُمْ أَرْبَابًا مِّن دُونِ ٱللَّهِ وَٱلْمَسِيحَ ٱبْنَ مَرْيَمَ وَمَآ أُمِرُوٓا۟ إِلَّا لِيَعْبُدُوٓا۟ إِلَٰهًا وَٰحِدًا لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ سُبْحَٰنَهُۥ عَمَّا يُشْرِكُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborHayyoota isaaniitiifi molokseewwan isaanii Rabbiin alatti gabaramtoota godhatan; Masiih ilma Maryamis (gabbaramaa godhatan). Gooftaa tokkicha gabbarutti malee hin ajajamne, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru, Inni waan isaan itti qindessan irraa qulqullaa’e.