كَيْفَ يَكُونُ لِلْمُشْرِكِينَ عَهْدٌ عِندَ ٱللَّهِ وَعِندَ رَسُولِهِۦٓ إِلَّا ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّمْ عِندَ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ فَمَا ٱسْتَقَٰمُوا۟ لَكُمْ فَٱسْتَقِيمُوا۟ لَهُمْ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborQindeessitootaaf waadaan Rabbiin biraafi ergamaa Isaa bira akkamitti jiraataaf? isaan masjiida kabajamaa biratti waadaa walii seentan malee, hanga isaan (waadaadhaan) isiniif dhaabbatanitti isinis isaaniif dhaabbadhaa, Dhugumatti Rabbiin warra Isa sodaatan jaalata.