caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Qamar القمر

55 verses · Mecca · revelation order 37

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱقْتَرَبَتِ ٱلسَّاعَةُ وَٱنشَقَّ ٱلْقَمَرُ

Oromo Translation - Gali AbaborQiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe.

See all translations of this verse →

وَإِن يَرَوْا۟ ءَايَةً يُعْرِضُوا۟ وَيَقُولُوا۟ سِحْرٌ مُّسْتَمِرٌّ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo mallattoo argan gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu.

See all translations of this verse →

وَكَذَّبُوا۟ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَهْوَآءَهُمْ وَكُلُّ أَمْرٍ مُّسْتَقِرٌّ

Oromo Translation - Gali Ababor(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofu. Wanti hunduu galma ga’aadha.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ جَآءَهُم مِّنَ ٱلْأَنۢبَآءِ مَا فِيهِ مُزْدَجَرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa sodaachisni jiru isaanitti dhufeera.

See all translations of this verse →

حِكْمَةٌۢ بَٰلِغَةٌ فَمَا تُغْنِ ٱلنُّذُرُ

Oromo Translation - Gali AbaborBeekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera). Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.

See all translations of this verse →

فَتَوَلَّ عَنْهُمْ يَوْمَ يَدْعُ ٱلدَّاعِ إِلَىٰ شَىْءٍ نُّكُرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa garagali Guyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu (yaadachiisi).

See all translations of this verse →

خُشَّعًا أَبْصَٰرُهُمْ يَخْرُجُونَ مِنَ ٱلْأَجْدَاثِ كَأَنَّهُمْ جَرَادٌ مُّنتَشِرٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’an akka awwaannisa faca’ee fakkaatu.

See all translations of this verse →

مُّهْطِعِينَ إِلَى ٱلدَّاعِ يَقُولُ ٱلْكَٰفِرُونَ هَٰذَا يَوْمٌ عَسِرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGara waamaatti ori’u Kaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ فَكَذَّبُوا۟ عَبْدَنَا وَقَالُوا۟ مَجْنُونٌ وَٱزْدُجِرَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteera. Gabricha keenya (Nuuh) sobsiisan, “inni maraataa dhajedhan" rakkifame.

See all translations of this verse →

فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنِّى مَغْلُوبٌ فَٱنتَصِرْ

Oromo Translation - Gali Ababor“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.

See all translations of this verse →

فَفَتَحْنَآ أَبْوَٰبَ ٱلسَّمَآءِ بِمَآءٍ مُّنْهَمِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborBishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne.

See all translations of this verse →

وَفَجَّرْنَا ٱلْأَرْضَ عُيُونًا فَٱلْتَقَى ٱلْمَآءُ عَلَىٰٓ أَمْرٍ قَدْ قُدِرَ

Oromo Translation - Gali AbaborBurqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan.

See all translations of this verse →

وَحَمَلْنَٰهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلْوَٰحٍ وَدُسُرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDoonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa yaabbachiifne (feene).

See all translations of this verse →

تَجْرِى بِأَعْيُنِنَا جَزَآءً لِّمَن كَانَ كُفِرَ

Oromo Translation - Gali AbaborTika keenyaan deemti Galata isa itti kafaramee (haa taatuuf kana goone).

See all translations of this verse →

وَلَقَد تَّرَكْنَٰهَآ ءَايَةً فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifne. Namni ittiin gorfamu jiraa laata?

See all translations of this verse →

فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِى وَنُذُرِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا ٱلْقُرْءَانَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerra gorfamaan jiraa?

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ عَادٌ فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِى وَنُذُرِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. adabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?

See all translations of this verse →

إِنَّآ أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِى يَوْمِ نَحْسٍ مُّسْتَمِرٍّ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti qilleensa qorraa isaanitti ergine guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa.

See all translations of this verse →

تَنزِعُ ٱلنَّاسَ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ مُّنقَعِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNama ni buqqifti (Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.

See all translations of this verse →

فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِى وَنُذُرِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا ٱلْقُرْءَانَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirra. gorfamaan jiraa?

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ ثَمُودُ بِٱلنُّذُرِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.

See all translations of this verse →

فَقَالُوٓا۟ أَبَشَرًا مِّنَّا وَٰحِدًا نَّتَّبِعُهُۥٓ إِنَّآ إِذًا لَّفِى ضَلَٰلٍ وَسُعُرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti yuggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.

See all translations of this verse →

أَءُلْقِىَ ٱلذِّكْرُ عَلَيْهِ مِنۢ بَيْنِنَا بَلْ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.

See all translations of this verse →

سَيَعْلَمُونَ غَدًا مَّنِ ٱلْكَذَّابُ ٱلْأَشِرُ

Oromo Translation - Gali AbaborSobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru.

See all translations of this verse →

إِنَّا مُرْسِلُوا۟ ٱلنَّاقَةِ فِتْنَةً لَّهُمْ فَٱرْتَقِبْهُمْ وَٱصْطَبِرْ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodha. Kanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.

See all translations of this verse →

وَنَبِّئْهُمْ أَنَّ ٱلْمَآءَ قِسْمَةٌۢ بَيْنَهُمْ كُلُّ شِرْبٍ مُّحْتَضَرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborBishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha.

See all translations of this verse →

فَنَادَوْا۟ صَاحِبَهُمْ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ

Oromo Translation - Gali AbaborHiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane.

See all translations of this verse →

فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِى وَنُذُرِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?

See all translations of this verse →

إِنَّآ أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ صَيْحَةً وَٰحِدَةً فَكَانُوا۟ كَهَشِيمِ ٱلْمُحْتَظِرِ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti iyya tokkittii isaan irratti ergine. Ergasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا ٱلْقُرْءَانَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍۭ بِٱلنُّذُرِ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.

See all translations of this verse →

إِنَّآ أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ حَاصِبًا إِلَّآ ءَالَ لُوطٍ نَّجَّيْنَٰهُم بِسَحَرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirra. Maatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine.

See all translations of this verse →

نِّعْمَةً مِّنْ عِندِنَا كَذَٰلِكَ نَجْزِى مَن شَكَرَ

Oromo Translation - Gali AbaborQananii Nu biraa ta’eef (baraarsine). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَنذَرَهُم بَطْشَتَنَا فَتَمَارَوْا۟ بِٱلنُّذُرِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ رَٰوَدُوهُ عَن ضَيْفِهِۦ فَطَمَسْنَآ أَعْيُنَهُمْ فَذُوقُوا۟ عَذَابِى وَنُذُرِ

Oromo Translation - Gali AbaborKeessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ صَبَّحَهُم بُكْرَةً عَذَابٌ مُّسْتَقِرٌّ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate.

See all translations of this verse →

فَذُوقُوا۟ عَذَابِى وَنُذُرِ

Oromo Translation - Gali AbaborAdaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا ٱلْقُرْءَانَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ جَآءَ ءَالَ فِرْعَوْنَ ٱلنُّذُرُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera.

See all translations of this verse →

كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذْنَٰهُمْ أَخْذَ عَزِيزٍ مُّقْتَدِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborMallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.

See all translations of this verse →

أَكُفَّارُكُمْ خَيْرٌ مِّنْ أُو۟لَٰٓئِكُمْ أَمْ لَكُم بَرَآءَةٌ فِى ٱلزُّبُرِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?

See all translations of this verse →

أَمْ يَقُولُونَ نَحْنُ جَمِيعٌ مُّنتَصِرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborHinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.

See all translations of this verse →

سَيُهْزَمُ ٱلْجَمْعُ وَيُوَلُّونَ ٱلدُّبُرَ

Oromo Translation - Gali AbaborTuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru.

See all translations of this verse →

بَلِ ٱلسَّاعَةُ مَوْعِدُهُمْ وَٱلسَّاعَةُ أَدْهَىٰ وَأَمَرُّ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُجْرِمِينَ فِى ضَلَٰلٍ وَسُعُرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يُسْحَبُونَ فِى ٱلنَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ ذُوقُوا۟ مَسَّ سَقَرَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa fuulleen isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan).

See all translations of this verse →

إِنَّا كُلَّ شَىْءٍ خَلَقْنَٰهُ بِقَدَرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti waan hunda likki likkiin isa uumne.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَمْرُنَآ إِلَّا وَٰحِدَةٌ كَلَمْحٍۭ بِٱلْبَصَرِ

Oromo Translation - Gali AbaborAjajni keenya waantaane takka malee akkuma liphsuu ijaa.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَهْلَكْنَآ أَشْيَاعَكُمْ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirra. Namni gorfamu jiraa?

See all translations of this verse →

وَكُلُّ شَىْءٍ فَعَلُوهُ فِى ٱلزُّبُرِ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira.

See all translations of this verse →

وَكُلُّ صَغِيرٍ وَكَبِيرٍ مُّسْتَطَرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُتَّقِينَ فِى جَنَّٰتٍ وَنَهَرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri Rabbiin sodaatan jannatootaafi laggeen keessa jiraatu.

See all translations of this verse →

فِى مَقْعَدِ صِدْقٍ عِندَ مَلِيكٍ مُّقْتَدِرٍۭ

Oromo Translation - Gali AbaborTeessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70