caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Ash-Shu'araa الشعراء

227 verses · Mecca · revelation order 47

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ طسٓمٓ

Oromo Translation - Gali AbaborXaa Siin Miim.

See all translations of this verse →

تِلْكَ ءَايَٰتُ ٱلْكِتَٰبِ ٱلْمُبِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborTun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti.

See all translations of this verse →

لَعَلَّكَ بَٰخِعٌ نَّفْسَكَ أَلَّا يَكُونُوا۟ مُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama.

See all translations of this verse →

إِن نَّشَأْ نُنَزِّلْ عَلَيْهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ ءَايَةً فَظَلَّتْ أَعْنَٰقُهُمْ لَهَا خَٰضِعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormoowwan isaanii isheedhaaf gadi jedhoo taati ture.

See all translations of this verse →

وَمَا يَأْتِيهِم مِّن ذِكْرٍ مِّنَ ٱلرَّحْمَٰنِ مُحْدَثٍ إِلَّا كَانُوا۟ عَنْهُ مُعْرِضِينَ

Oromo Translation - Gali Ababorgorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane isa irraa garagaloo tahan malee.

See all translations of this verse →

فَقَدْ كَذَّبُوا۟ فَسَيَأْتِيهِمْ أَنۢبَٰٓؤُا۟ مَا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiru. Oduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira.

See all translations of this verse →

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ إِلَى ٱلْأَرْضِ كَمْ أَنۢبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan gara Dachii hin ilaallee akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine?

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii kan amanan hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَإِذْ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱئْتِ ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Gooftaan kee Muusaa waame [yaadadhu] “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee].

See all translations of this verse →

قَوْمَ فِرْعَوْنَ أَلَا يَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]. Sila Rabbiin hin sodaatanii?”

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ إِنِّىٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.

See all translations of this verse →

وَيَضِيقُ صَدْرِى وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِى فَأَرْسِلْ إِلَىٰ هَٰرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Yoo na sobsiisan] qomti kiyya ni dhiphata. Arrabni kiyyas hin diriiru. Kanaafuu gara Haaruunitti ergi.

See all translations of this verse →

وَلَهُمْ عَلَىَّ ذَنۢبٌ فَأَخَافُ أَن يَقْتُلُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniif yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”

See all translations of this verse →

قَالَ كَلَّا فَٱذْهَبَا بِـَٔايَٰتِنَآ إِنَّا مَعَكُم مُّسْتَمِعُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Rabbiin] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu) Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaa, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”

See all translations of this verse →

فَأْتِيَا فِرْعَوْنَ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولُ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa.

See all translations of this verse →

أَنْ أَرْسِلْ مَعَنَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa].

See all translations of this verse →

قَالَ أَلَمْ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدًا وَلَبِثْتَ فِينَا مِنْ عُمُرِكَ سِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awni] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?

See all translations of this verse →

وَفَعَلْتَ فَعْلَتَكَ ٱلَّتِى فَعَلْتَ وَأَنتَ مِنَ ٱلْكَٰفِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) san hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].

See all translations of this verse →

قَالَ فَعَلْتُهَآ إِذًا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.

See all translations of this verse →

فَفَرَرْتُ مِنكُمْ لَمَّا خِفْتُكُمْ فَوَهَبَ لِى رَبِّى حُكْمًا وَجَعَلَنِى مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyya beekumsa naaf kenne, ergamtoota irraa na godhe.

See all translations of this verse →

وَتِلْكَ نِعْمَةٌ تَمُنُّهَا عَلَىَّ أَنْ عَبَّدتَّ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ

Oromo Translation - Gali AbaborSun tola ati narratti himattuudha Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin”.

See all translations of this verse →

قَالَ فِرْعَوْنُ وَمَا رَبُّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborFir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَآ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan]: “gooftaa Samiilee, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.

See all translations of this verse →

قَالَ لِمَنْ حَوْلَهُۥٓ أَلَا تَسْتَمِعُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ رَبُّكُمْ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِىٓ أُرْسِلَ إِلَيْكُمْ لَمَجْنُونٌ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ رَبُّ ٱلْمَشْرِقِ وَٱلْمَغْرِبِ وَمَا بَيْنَهُمَآ إِن كُنتُمْ تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذْتَ إِلَٰهًا غَيْرِى لَأَجْعَلَنَّكَ مِنَ ٱلْمَسْجُونِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ أَوَلَوْ جِئْتُكَ بِشَىْءٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ فَأْتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.

See all translations of this verse →

فَأَلْقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ ثُعْبَانٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.

See all translations of this verse →

وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِىَ بَيْضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborHarka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.

See all translations of this verse →

قَالَ لِلْمَلَإِ حَوْلَهُۥٓ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe.

See all translations of this verse →

يُرِيدُ أَن يُخْرِجَكُم مِّنْ أَرْضِكُم بِسِحْرِهِۦ فَمَاذَا تَأْمُرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَرْجِهْ وَأَخَاهُ وَٱبْعَثْ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisi, Magaalota keessatti walitti qabdoota ergi.

See all translations of this verse →

يَأْتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSaahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”

See all translations of this verse →

فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَٰتِ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSaahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman.

See all translations of this verse →

وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلْ أَنتُم مُّجْتَمِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamootaanis ni jedhame: “sila isin walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);

See all translations of this verse →

لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُوا۟ هُمُ ٱلْغَٰلِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُوا۟ لِفِرْعَوْنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجْرًا إِن كُنَّا نَحْنُ ٱلْغَٰلِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborFalfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ نَعَمْ وَإِنَّكُمْ إِذًا لَّمِنَ ٱلْمُقَرَّبِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلْقُوا۟ مَآ أَنتُم مُّلْقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMuusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.

See all translations of this verse →

فَأَلْقَوْا۟ حِبَالَهُمْ وَعِصِيَّهُمْ وَقَالُوا۟ بِعِزَّةِ فِرْعَوْنَ إِنَّا لَنَحْنُ ٱلْغَٰلِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHaadoowwaniifi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin kakannee! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.

See all translations of this verse →

فَأَلْقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ تَلْقَفُ مَا يَأْفِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMuusaanis ulee isaa ni darbate, Yeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.

See all translations of this verse →

فَأُلْقِىَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborFalfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan.

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne.

See all translations of this verse →

رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa Muusaafi Haaruunitti.”

See all translations of this verse →

قَالَ ءَامَنتُمْ لَهُۥ قَبْلَ أَنْ ءَاذَنَ لَكُمْ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِى عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحْرَ فَلَسَوْفَ تَعْلَمُونَ لَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَٰفٍ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Fir’awni] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Fuulduratti [waan ta’u] beekuuf jirtu, Dhugumatti, ani Harkoowwan keessaniifi Lukoowwan keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummura, Dhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ لَا ضَيْرَ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Rakkoon hin jiru! nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.

See all translations of this verse →

إِنَّا نَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَٰيَٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti jalqaba mu'imintootaa ta’uudhaan Rabbiin keenya badiilee teenya nuuf araaramuu ni kajeella”.

See all translations of this verse →

وَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِىٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Muusaatti beeysisa goone “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun.

See all translations of this verse →

فَأَرْسَلَ فِرْعَوْنُ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborFir’awni magaalota keessatti walitti qabdoota ergee.

See all translations of this verse →

إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَشِرْذِمَةٌ قَلِيلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Warri kun gareewwan xiqqoowaniidha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُمْ لَنَا لَغَآئِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan nuuf dallansiisoodha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَٰذِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti hedduuwwan of eegdota” [jedhe].

See all translations of this verse →

فَأَخْرَجْنَٰهُم مِّن جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAshaakiltiileefi burqaawwan irraa isaan baafne.

See all translations of this verse →

وَكُنُوزٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.

See all translations of this verse →

كَذَٰلِكَ وَأَوْرَثْنَٰهَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.

See all translations of this verse →

فَأَتْبَعُوهُم مُّشْرِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBariifatoo ta’anii isaan hordofan.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلْجَمْعَانِ قَالَ أَصْحَٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدْرَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ كَلَّآ إِنَّ مَعِىَ رَبِّى سَيَهْدِينِ

Oromo Translation - Gali Ababor[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni [furmaatatti] na qajeelcha.”

See all translations of this verse →

فَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضْرِب بِّعَصَاكَ ٱلْبَحْرَ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرْقٍ كَٱلطَّوْدِ ٱلْعَظِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.

See all translations of this verse →

وَأَزْلَفْنَا ثَمَّ ٱلْـَٔاخَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBakka sanatti warra biraa dhiheessine.

See all translations of this verse →

وَأَنجَيْنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMuusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine.

See all translations of this verse →

ثُمَّ أَغْرَقْنَا ٱلْـَٔاخَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsiifne.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَٱتْلُ عَلَيْهِمْ نَبَأَ إِبْرَٰهِيمَ

Oromo Translation - Gali AbaborSeenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِۦ مَا تَعْبُدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ نَعْبُدُ أَصْنَامًا فَنَظَلُّ لَهَا عَٰكِفِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ هَلْ يَسْمَعُونَكُمْ إِذْ تَدْعُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?

See all translations of this verse →

أَوْ يَنفَعُونَكُمْ أَوْ يَضُرُّونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ بَلْ وَجَدْنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفْعَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ أَفَرَءَيْتُم مَّا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?

See all translations of this verse →

أَنتُمْ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلْأَقْدَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?

See all translations of this verse →

فَإِنَّهُمْ عَدُوٌّ لِّىٓ إِلَّا رَبَّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti).

See all translations of this verse →

ٱلَّذِى خَلَقَنِى فَهُوَ يَهْدِينِ

Oromo Translation - Gali Ababor[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِى هُوَ يُطْعِمُنِى وَيَسْقِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.

See all translations of this verse →

وَإِذَا مَرِضْتُ فَهُوَ يَشْفِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِى يُمِيتُنِى ثُمَّ يُحْيِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِىٓ أَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لِى خَطِيٓـَٔتِى يَوْمَ ٱلدِّينِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa guyyaa murtii badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.

See all translations of this verse →

رَبِّ هَبْ لِى حُكْمًا وَأَلْحِقْنِى بِٱلصَّٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi.

See all translations of this verse →

وَٱجْعَل لِّى لِسَانَ صِدْقٍ فِى ٱلْـَٔاخِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi.

See all translations of this verse →

وَٱجْعَلْنِى مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ ٱلنَّعِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhaaltota Jannata qananii (dhaalan) irraas na taasisi.

See all translations of this verse →

وَٱغْفِرْ لِأَبِىٓ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAbbaa kiyyaaf araarami, inni jallattoota irraa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَلَا تُخْزِنِى يَوْمَ يُبْعَثُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa isaan (gabroonni) kaafaman na hin xinneessin.”

See all translations of this verse →

يَوْمَ لَا يَنفَعُ مَالٌ وَلَا بَنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne.

See all translations of this verse →

إِلَّا مَنْ أَتَى ٱللَّهَ بِقَلْبٍ سَلِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.

See all translations of this verse →

وَأُزْلِفَتِ ٱلْجَنَّةُ لِلْمُتَّقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Guyyaa] Jannanni warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte.

See all translations of this verse →

وَبُرِّزَتِ ٱلْجَحِيمُ لِلْغَاوِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Guyyaa] Ibiddi jahannam jallattootaaf muldhifamte.

See all translations of this verse →

وَقِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame.

See all translations of this verse →

مِن دُونِ ٱللَّهِ هَلْ يَنصُرُونَكُمْ أَوْ يَنتَصِرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isiniif tumsuu? Yookiin ni tumsamuu?”

See all translations of this verse →

فَكُبْكِبُوا۟ فِيهَا هُمْ وَٱلْغَاوُۥنَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbamanii konkolaatan..

See all translations of this verse →

وَجُنُودُ إِبْلِيسَ أَجْمَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaraanni Ibliis hunduu (ni darbaman).

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ وَهُمْ فِيهَا يَخْتَصِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu:

See all translations of this verse →

تَٱللَّهِ إِن كُنَّا لَفِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAllaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.

See all translations of this verse →

إِذْ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Gooftaa aalamtootaatti isin qixxeessinu san.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَضَلَّنَآ إِلَّا ٱلْمُجْرِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborFiciltoota malee homtuu nu hin jallisne.

See all translations of this verse →

فَمَا لَنَا مِن شَٰفِعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAraarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru.

See all translations of this verse →

وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborHiriyaan garaa laafus (hin jiru)

See all translations of this verse →

فَلَوْ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَكُونَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ قَوْمُ نُوحٍ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii.

See all translations of this verse →

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isiniif ergamaa amanamaadha.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa, naaf ajajamaa.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.”

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَنُؤْمِنُ لَكَ وَٱتَّبَعَكَ ٱلْأَرْذَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ وَمَا عِلْمِى بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka?

See all translations of this verse →

إِنْ حِسَابُهُمْ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّى لَوْ تَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane

See all translations of this verse →

إِنْ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَٰنُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمَرْجُومِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوْمِى كَذَّبُونِ

Oromo Translation - Gali Ababor[Nuuh] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya ummanni koo na sobsiisaniiru.

See all translations of this verse →

فَٱفْتَحْ بَيْنِى وَبَيْنَهُمْ فَتْحًا وَنَجِّنِى وَمَن مَّعِىَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAti gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessi, Anaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraari.”

See all translations of this verse →

فَأَنجَيْنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِى ٱلْفُلْكِ ٱلْمَشْحُونِ

Oromo Translation - Gali Ababorisaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarre

See all translations of this verse →

ثُمَّ أَغْرَقْنَا بَعْدُ ٱلْبَاقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsiifne.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKana keessa mallattootu jira, Garuu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ عَادٌ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo obboleessi isaanii Huud “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii? isaaniin jedhe.

See all translations of this verse →

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isiniif ergamaa amanamaadha.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

See all translations of this verse →

أَتَبْنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ ءَايَةً تَعْبَثُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isin kan [nama tarutti] qishnitan taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?

See all translations of this verse →

وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمْ تَخْلُدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?

See all translations of this verse →

وَإِذَا بَطَشْتُم بَطَشْتُمْ جَبَّارِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo [namoota adabbiif] qabdan gara jabeeyyii taatanii qabdan.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.

See all translations of this verse →

وَٱتَّقُوا۟ ٱلَّذِىٓ أَمَدَّكُم بِمَا تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaase sodaadhaa.

See all translations of this verse →

أَمَدَّكُم بِأَنْعَٰمٍ وَبَنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBeyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase.

See all translations of this verse →

وَجَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAshaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].

See all translations of this verse →

إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAni adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ سَوَآءٌ عَلَيْنَآ أَوَعَظْتَ أَمْ لَمْ تَكُن مِّنَ ٱلْوَٰعِظِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo gorsitoota irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa.

See all translations of this verse →

إِنْ هَٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.

See all translations of this verse →

وَمَا نَحْنُ بِمُعَذَّبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti kan adabamnuu miti” [jedhan].

See all translations of this verse →

فَكَذَّبُوهُ فَأَهْلَكْنَٰهُمْ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa sobsiisan. Nutis isaan balleessine. Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira. irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ ثَمُودُ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSamuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ صَٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

See all translations of this verse →

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isiniif ergamaa amanamaadha.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa; ajaja kiyya fudhaa.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

See all translations of this verse →

أَتُتْرَكُونَ فِى مَا هَٰهُنَآ ءَامِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?

See all translations of this verse →

فِى جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAshaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,

See all translations of this verse →

وَزُرُوعٍ وَنَخْلٍ طَلْعُهَا هَضِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborOorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)

See all translations of this verse →

وَتَنْحِتُونَ مِنَ ٱلْجِبَالِ بُيُوتًا فَٰرِهِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborCocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

See all translations of this verse →

وَلَا تُطِيعُوٓا۟ أَمْرَ ٱلْمُسْرِفِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAjaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يُفْسِدُونَ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا يُصْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلْمُسَحَّرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

See all translations of this verse →

مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا فَأْتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAti namuma akka keenyaati malee waan biraatii miti, Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”

See all translations of this verse →

قَالَ هَٰذِهِۦ نَاقَةٌ لَّهَا شِرْبٌ وَلَكُمْ شِرْبُ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ

Oromo Translation - Gali Ababor[Saalihis] ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.

See all translations of this verse →

وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابُ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborHamtuun ishee hin tuqinaa, [Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”

See all translations of this verse →

فَعَقَرُوهَا فَأَصْبَحُوا۟ نَٰدِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee waraananii sheena’oota ta’an

See all translations of this verse →

فَأَخَذَهُمُ ٱلْعَذَابُ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAdabbichis isaan qabate, Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmanni Luuxis ergamoota sobsiifte

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

See all translations of this verse →

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isiniif ergamaa amanamaadha.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

See all translations of this verse →

أَتَأْتُونَ ٱلذُّكْرَانَ مِنَ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?

See all translations of this verse →

وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمْ رَبُّكُم مِّنْ أَزْوَٰجِكُم بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ عَادُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan Gooftaan keessan isiniif uume jaartiiwwan teessan iraa ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمُخْرَجِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”

See all translations of this verse →

قَالَ إِنِّى لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلْقَالِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.

See all translations of this verse →

رَبِّ نَجِّنِى وَأَهْلِى مِمَّا يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”

See all translations of this verse →

فَنَجَّيْنَٰهُ وَأَهْلَهُۥٓ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarre.

See all translations of this verse →

إِلَّا عَجُوزًا فِى ٱلْغَٰبِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDullattii warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee.

See all translations of this verse →

ثُمَّ دَمَّرْنَا ٱلْـَٔاخَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii warra biroo ni balleessine.

See all translations of this verse →

وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِم مَّطَرًا فَسَآءَ مَطَرُ ٱلْمُنذَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBokkaa [adabbii] isaan irratti roobsine, Roobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

كَذَّبَ أَصْحَٰبُ لْـَٔيْكَةِ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لَهُمْ شُعَيْبٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?

See all translations of this verse →

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isiniif ergamaa amanamaadha.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

See all translations of this verse →

أَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ وَلَا تَكُونُوا۟ مِنَ ٱلْمُخْسِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSafara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.

See all translations of this verse →

وَزِنُوا۟ بِٱلْقِسْطَاسِ ٱلْمُسْتَقِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborMadaala sirrii ta’een madaalaa.

See all translations of this verse →

وَلَا تَبْخَسُوا۟ ٱلنَّاسَ أَشْيَآءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا۟ فِى ٱلْأَرْضِ مُفْسِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa, badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.

See all translations of this verse →

وَٱتَّقُوا۟ ٱلَّذِى خَلَقَكُمْ وَٱلْجِبِلَّةَ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلْمُسَحَّرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ ٱلْكَٰذِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAti nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna.

See all translations of this verse →

فَأَسْقِطْ عَلَيْنَا كِسَفًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin].

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّىٓ أَعْلَمُ بِمَا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”

See all translations of this verse →

فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمْ عَذَابُ يَوْمِ ٱلظُّلَّةِ إِنَّهُۥ كَانَ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa sobsiisan, Adabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabate, Dhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kana keessa mallattootu jira, irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati.

See all translations of this verse →

نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلْأَمِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborRuuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e.

See all translations of this verse →

عَلَىٰ قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ ٱلْمُنذِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababoronnee kee irratti [buuse] Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha.

See all translations of this verse →

بِلِسَانٍ عَرَبِىٍّ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborQooqa Arabiffaa ifaa ta’een.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُۥ لَفِى زُبُرِ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.

See all translations of this verse →

أَوَلَمْ يَكُن لَّهُمْ ءَايَةً أَن يَعْلَمَهُۥ عُلَمَٰٓؤُا۟ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu?

See all translations of this verse →

وَلَوْ نَزَّلْنَٰهُ عَلَىٰ بَعْضِ ٱلْأَعْجَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,

See all translations of this verse →

فَقَرَأَهُۥ عَلَيْهِم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ مُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborInnis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane.

See all translations of this verse →

كَذَٰلِكَ سَلَكْنَٰهُ فِى قُلُوبِ ٱلْمُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onneewwan badi raawwattootaa keessa seensifne.

See all translations of this verse →

لَا يُؤْمِنُونَ بِهِۦ حَتَّىٰ يَرَوُا۟ ٱلْعَذَابَ ٱلْأَلِيمَ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga adabbii laalessaa arganitti isatti hin amananu.

See all translations of this verse →

فَيَأْتِيَهُم بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa.

See all translations of this verse →

فَيَقُولُوا۟ هَلْ نَحْنُ مُنظَرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamaa?” jedhu.

See all translations of this verse →

أَفَبِعَذَابِنَا يَسْتَعْجِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila adabbii keenya jarjarsiifatuu?

See all translations of this verse →

أَفَرَءَيْتَ إِن مَّتَّعْنَٰهُمْ سِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee,

See all translations of this verse →

ثُمَّ جَآءَهُم مَّا كَانُوا۟ يُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,

See all translations of this verse →

مَآ أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يُمَتَّعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?

See all translations of this verse →

وَمَآ أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMagaalotarraa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.

See all translations of this verse →

ذِكْرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَمَا تَنَزَّلَتْ بِهِ ٱلشَّيَٰطِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborSheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.

See all translations of this verse →

وَمَا يَنۢبَغِى لَهُمْ وَمَا يَسْتَطِيعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniifis hin malu, [Isa fiduu] hin danda’anus.

See all translations of this verse →

إِنَّهُمْ عَنِ ٱلسَّمْعِ لَمَعْزُولُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha.

See all translations of this verse →

فَلَا تَدْعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلْمُعَذَّبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin, [Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.

See all translations of this verse →

وَأَنذِرْ عَشِيرَتَكَ ٱلْأَقْرَبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborFiroota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.

See all translations of this verse →

وَٱخْفِضْ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.

See all translations of this verse →

فَإِنْ عَصَوْكَ فَقُلْ إِنِّى بَرِىٓءٌ مِّمَّا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.

See all translations of this verse →

وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ

Oromo Translation - Gali Ababor[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِى يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu].

See all translations of this verse →

وَتَقَلُّبَكَ فِى ٱلسَّٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu].

See all translations of this verse →

إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.

See all translations of this verse →

هَلْ أُنَبِّئُكُمْ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَٰطِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborSheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?

See all translations of this verse →

تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti.

See all translations of this verse →

يُلْقُونَ ٱلسَّمْعَ وَأَكْثَرُهُمْ كَٰذِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWanta dhagahan [waa himtuu irratti] gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.

See all translations of this verse →

وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلْغَاوُۥنَ

Oromo Translation - Gali AbaborWalaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ أَنَّهُمْ فِى كُلِّ وَادٍ يَهِيمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sulula (oduu) hunda keessa akka seenan hin agartuu?

See all translations of this verse →

وَأَنَّهُمْ يَقُولُونَ مَا لَا يَفْعَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?

See all translations of this verse →

إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَذَكَرُوا۟ ٱللَّهَ كَثِيرًا وَٱنتَصَرُوا۟ مِنۢ بَعْدِ مَا ظُلِمُوا۟ وَسَيَعْلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓا۟ أَىَّ مُنقَلَبٍ يَنقَلِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee [Isaan hin komatanu]. Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70