Home › Surahs › Surah Al-Furqaan
Surah Al-Furqaan الفرقان
77 verses · Mecca · revelation order 42
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ تَبَارَكَ ٱلَّذِى نَزَّلَ ٱلْفُرْقَانَ عَلَىٰ عَبْدِهِۦ لِيَكُونَ لِلْعَٰلَمِينَ نَذِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِى لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَلَمْ يَتَّخِذْ وَلَدًا وَلَمْ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٌ فِى ٱلْمُلْكِ وَخَلَقَ كُلَّ شَىْءٍ فَقَدَّرَهُۥ تَقْدِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor [Inni] Isa mootummaan samiileefi dachii Isaaf ta’e; ilma kan hin godhatin; kan mootummaa [isaa] keessatti waahelli Isaaf hin jirreefi waan hundaa uumee (akka isaaniin maluun) likkeessuu likkeesse.
See all translations of this verse →
وَٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً لَّا يَخْلُقُونَ شَيْـًٔا وَهُمْ يُخْلَقُونَ وَلَا يَمْلِكُونَ لِأَنفُسِهِمْ ضَرًّا وَلَا نَفْعًا وَلَا يَمْلِكُونَ مَوْتًا وَلَا حَيَوٰةً وَلَا نُشُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaa (Rabbii) gaditti gooftolee godhatan kan homaa hin uumne, kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye.
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِنْ هَٰذَآ إِلَّآ إِفْكٌ ٱفْتَرَىٰهُ وَأَعَانَهُۥ عَلَيْهِ قَوْمٌ ءَاخَرُونَ فَقَدْ جَآءُو ظُلْمًا وَزُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Warri kafaran nijedhan “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti”. Dhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru
See all translations of this verse →
وَقَالُوٓا۟ أَسَٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ ٱكْتَتَبَهَا فَهِىَ تُمْلَىٰ عَلَيْهِ بُكْرَةً وَأَصِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor “(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheen ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan.
See all translations of this verse →
قُلْ أَنزَلَهُ ٱلَّذِى يَعْلَمُ ٱلسِّرَّ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ إِنَّهُۥ كَانَ غَفُورًا رَّحِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor ”Isa samiileefi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhi. Dhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ مَالِ هَٰذَا ٱلرَّسُولِ يَأْكُلُ ٱلطَّعَامَ وَيَمْشِى فِى ٱلْأَسْوَاقِ لَوْلَآ أُنزِلَ إِلَيْهِ مَلَكٌ فَيَكُونَ مَعَهُۥ نَذِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nijedhan “ergamaa kana maaltu isaaf tahe kan nyaata nyaatu kan magaalota keessa adeemu? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamee isaa wajjin dinniinaa hin taane”.
See all translations of this verse →
أَوْ يُلْقَىٰٓ إِلَيْهِ كَنزٌ أَوْ تَكُونُ لَهُۥ جَنَّةٌ يَأْكُلُ مِنْهَا وَقَالَ ٱلظَّٰلِمُونَ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا رَجُلًا مَّسْحُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor ”Yookiin immoo maaliif dilbiin (qabeenyi guddaan wahii) gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu). Miidhaa hojjatoonni “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan.
See all translations of this verse →
ٱنظُرْ كَيْفَ ضَرَبُوا۟ لَكَ ٱلْأَمْثَٰلَ فَضَلُّوا۟ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Laali Akka isaan fakkeenyota siif godhan. jallatan, karaa sirrii [qabachuu] hin dandayan.
See all translations of this verse →
تَبَارَكَ ٱلَّذِىٓ إِن شَآءَ جَعَلَ لَكَ خَيْرًا مِّن ذَٰلِكَ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ وَيَجْعَل لَّكَ قُصُورًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Toltuun isaa baay’ate Isa (Rabbii) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannatoota jala ishee laggeen yaatu siif godhee, gamoowwanis siif godhu.
See all translations of this verse →
بَلْ كَذَّبُوا۟ بِٱلسَّاعَةِ وَأَعْتَدْنَا لِمَن كَذَّبَ بِٱلسَّاعَةِ سَعِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti isaan Qiyaamaa sobsiisan. Nama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
See all translations of this verse →
إِذَا رَأَتْهُم مِّن مَّكَانٍۭ بَعِيدٍ سَمِعُوا۟ لَهَا تَغَيُّظًا وَزَفِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo iddoo fagoo irraa isaan argite dallansuufi halaka (iyya akka harree) isheef dhagahu.
See all translations of this verse →
وَإِذَآ أُلْقُوا۟ مِنْهَا مَكَانًا ضَيِّقًا مُّقَرَّنِينَ دَعَوْا۟ هُنَالِكَ ثُبُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo ishee irraa iddoo dhiphootti darbaman sakaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) achitti badii waammatan.
See all translations of this verse →
لَّا تَدْعُوا۟ ٱلْيَوْمَ ثُبُورًا وَٰحِدًا وَٱدْعُوا۟ ثُبُورًا كَثِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor “Har’a badii tokko qofa hin waaminaa badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama].
See all translations of this verse →
قُلْ أَذَٰلِكَ خَيْرٌ أَمْ جَنَّةُ ٱلْخُلْدِ ٱلَّتِى وُعِدَ ٱلْمُتَّقُونَ كَانَتْ لَهُمْ جَزَآءً وَمَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor ”Sila kanatu caala moo Jannata zalaalam ishee warri Rabbiin sodaatan baallamamantu caala?” jedhiin. Isheen isaaniif mindaafi itti gala taateejirti.
See all translations of this verse →
لَّهُمْ فِيهَا مَا يَشَآءُونَ خَٰلِدِينَ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ وَعْدًا مَّسْـُٔولًا
Oromo Translation - Gali Ababor isaaniif ishee keessatti wanta fedhan hundatu jira; Kan keessatti hafan ta’anii. [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera.
See all translations of this verse →
وَيَوْمَ يَحْشُرُهُمْ وَمَا يَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ فَيَقُولُ ءَأَنتُمْ أَضْلَلْتُمْ عِبَادِى هَٰٓؤُلَآءِ أَمْ هُمْ ضَلُّوا۟ ٱلسَّبِيلَ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa Rabbiin isaaniifi wantoota isaan Rabbii gaditti gabbaran walitti qabee “sila gabroota kiyya kanneen isintu jallisemoo isaanumatu karaa bade?” jedhu san [yaadadhu].
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ سُبْحَٰنَكَ مَا كَانَ يَنۢبَغِى لَنَآ أَن نَّتَّخِذَ مِن دُونِكَ مِنْ أَوْلِيَآءَ وَلَٰكِن مَّتَّعْتَهُمْ وَءَابَآءَهُمْ حَتَّىٰ نَسُوا۟ ٱلذِّكْرَ وَكَانُوا۟ قَوْمًۢا بُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor [Isaanis] nijedhan “[yaa Rabbi!] Ati qulqulloofte! Sii gaditti gargaartota (jaalalleewwan) godhachuun kan nuuf malu hin taane; Garuu Ati isaaniifi abbootii isaaniis qanansiifte hanga gorsa [kee] dagatanii ummata bade ta’anitti ”.
See all translations of this verse →
فَقَدْ كَذَّبُوكُم بِمَا تَقُولُونَ فَمَا تَسْتَطِيعُونَ صَرْفًا وَلَا نَصْرًا وَمَن يَظْلِم مِّنكُمْ نُذِقْهُ عَذَابًا كَبِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiru, Kanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessan. Nama isin irraa miidhaa hojjate adabbii guddaa isa dhandhamsiifna.
See all translations of this verse →
وَمَآ أَرْسَلْنَا قَبْلَكَ مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ إِلَّآ إِنَّهُمْ لَيَأْكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَيَمْشُونَ فِى ٱلْأَسْوَاقِ وَجَعَلْنَا بَعْضَكُمْ لِبَعْضٍ فِتْنَةً أَتَصْبِرُونَ وَكَانَ رَبُّكَ بَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Siin duratti ergamoota irraa kan isaan nyaata nyaataniifi magaalota keessa deeman taasifnee malee hin ergine; garii keessan gariidhaaf mokkoroo taasifne; ni obsituu? Gooftaan kee [waan hunda] argaadha.
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلَّذِينَ لَا يَرْجُونَ لِقَآءَنَا لَوْلَآ أُنزِلَ عَلَيْنَا ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ أَوْ نَرَىٰ رَبَّنَا لَقَدِ ٱسْتَكْبَرُوا۟ فِىٓ أَنفُسِهِمْ وَعَتَوْ عُتُوًّا كَبِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Warri qunnamtii keenya hin sodaanne, “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhan. Dhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru.
See all translations of this verse →
يَوْمَ يَرَوْنَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةَ لَا بُشْرَىٰ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُجْرِمِينَ وَيَقُولُونَ حِجْرًا مَّحْجُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru. [Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti), dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu.
See all translations of this verse →
وَقَدِمْنَآ إِلَىٰ مَا عَمِلُوا۟ مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَٰهُ هَبَآءً مَّنثُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.
See all translations of this verse →
أَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ يَوْمَئِذٍ خَيْرٌ مُّسْتَقَرًّا وَأَحْسَنُ مَقِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha.
See all translations of this verse →
وَيَوْمَ تَشَقَّقُ ٱلسَّمَآءُ بِٱلْغَمَٰمِ وَنُزِّلَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ تَنزِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni buufamiinsa buufaman [yaadadhaa].
See all translations of this verse →
ٱلْمُلْكُ يَوْمَئِذٍ ٱلْحَقُّ لِلرَّحْمَٰنِ وَكَانَ يَوْمًا عَلَى ٱلْكَٰفِرِينَ عَسِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Mootummaan dhugaa guyyaa san kan Rahmaani, Inni guyyaa kaafiroota irratti rakkisaa ta’eedha.
See all translations of this verse →
وَيَوْمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيْهِ يَقُولُ يَٰلَيْتَنِى ٱتَّخَذْتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa miidhaa hojjataan [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinee “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhu [yaadadhu].
See all translations of this verse →
يَٰوَيْلَتَىٰ لَيْتَنِى لَمْ أَتَّخِذْ فُلَانًا خَلِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor ”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee taasifachuu baadheen gaabba!
See all translations of this verse →
لَّقَدْ أَضَلَّنِى عَنِ ٱلذِّكْرِ بَعْدَ إِذْ جَآءَنِى وَكَانَ ٱلشَّيْطَٰنُ لِلْإِنسَٰنِ خَذُولًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, gorsa irraa na jalliseera erga inni natti dhufee booda” Sheyxaanni ilma namaaf salphisaa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلرَّسُولُ يَٰرَبِّ إِنَّ قَوْمِى ٱتَّخَذُوا۟ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانَ مَهْجُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ergamichis nijedhe “Yaa Gooftaa kiyya! ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan”.
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَا لِكُلِّ نَبِىٍّ عَدُوًّا مِّنَ ٱلْمُجْرِمِينَ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ هَادِيًا وَنَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif goone, (Karaa irratti) qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha.
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوْلَا نُزِّلَ عَلَيْهِ ٱلْقُرْءَانُ جُمْلَةً وَٰحِدَةً كَذَٰلِكَ لِنُثَبِّتَ بِهِۦ فُؤَادَكَ وَرَتَّلْنَٰهُ تَرْتِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundaan al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne), Suuta suutaan isa ibsine.
See all translations of this verse →
وَلَا يَأْتُونَكَ بِمَثَلٍ إِلَّا جِئْنَٰكَ بِٱلْحَقِّ وَأَحْسَنَ تَفْسِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan, Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ يُحْشَرُونَ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ إِلَىٰ جَهَنَّمَ أُو۟لَٰٓئِكَ شَرٌّ مَّكَانًا وَأَضَلُّ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor [Isaan] warra fuulleen isaanii irratti gara jahannam oofamaniidha. Isaan warra iddoo hamaa karaa jallaadhaati.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلْنَا مَعَهُۥٓ أَخَاهُ هَٰرُونَ وَزِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee, Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin gargaraa taasifnee jirra.
See all translations of this verse →
فَقُلْنَا ٱذْهَبَآ إِلَى ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا فَدَمَّرْنَٰهُمْ تَدْمِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor ”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenne. [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine.
See all translations of this verse →
وَقَوْمَ نُوحٍ لَّمَّا كَذَّبُوا۟ ٱلرُّسُلَ أَغْرَقْنَٰهُمْ وَجَعَلْنَٰهُمْ لِلنَّاسِ ءَايَةً وَأَعْتَدْنَا لِلظَّٰلِمِينَ عَذَابًا أَلِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata Nuuhis yeroma isaan ergamoota sobsiisan isaan dhidhimsiifne, namootaaf mallattoo isaan taasifne. Miidhaa raawwattootaaf azaaba laalessaa qopheessineerra.
See all translations of this verse →
وَعَادًا وَثَمُودَا۟ وَأَصْحَٰبَ ٱلرَّسِّ وَقُرُونًۢا بَيْنَ ذَٰلِكَ كَثِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor [Ummata] Aad, Samuud, warra Eelaatiifi jaarrota baay’ee jidduu sana jiranis (balleesinee jira).
See all translations of this verse →
وَكُلًّا ضَرَبْنَا لَهُ ٱلْأَمْثَٰلَ وَكُلًّا تَبَّرْنَا تَتْبِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Hunda isaanitiif fakkeenyota taasifnee jirra. Hunda isaanii barbadeessuu barbadeessinee jirra.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ أَتَوْا۟ عَلَى ٱلْقَرْيَةِ ٱلَّتِىٓ أُمْطِرَتْ مَطَرَ ٱلسَّوْءِ أَفَلَمْ يَكُونُوا۟ يَرَوْنَهَا بَلْ كَانُوا۟ لَا يَرْجُونَ نُشُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan Magaalattii Roobni hamaan itti roobe irra qaxxaamuraa turaniiru. Sila isaan kan ishee argan hin taanee [maaliif hin gorfamne]? Dhugaatti kaafama [Qiyaamaa] kan hihkajeelle tahan.
See all translations of this verse →
وَإِذَا رَأَوْكَ إِن يَتَّخِذُونَكَ إِلَّا هُزُوًا أَهَٰذَا ٱلَّذِى بَعَثَ ٱللَّهُ رَسُولًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo si argan qishnaa malee waan biraa si hin taasifatanu “Isa kanaa inni Rabbiin ergamaa taasisee erge” (jedhu).
See all translations of this verse →
إِن كَادَ لَيُضِلُّنَا عَنْ ءَالِهَتِنَا لَوْلَآ أَن صَبَرْنَا عَلَيْهَا وَسَوْفَ يَعْلَمُونَ حِينَ يَرَوْنَ ٱلْعَذَابَ مَنْ أَضَلُّ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor ”Silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture, Odoo nuti ishee [gabbaruu] irratti obsuu baannee” (jedhu). Fuulduratti beekuuf jiru yeroo adabbii argan namni karaa bade eenyuun akka ta’e.
See all translations of this verse →
أَرَءَيْتَ مَنِ ٱتَّخَذَ إِلَٰهَهُۥ هَوَىٰهُ أَفَأَنتَ تَكُونُ عَلَيْهِ وَكِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa?
See all translations of this verse →
أَمْ تَحْسَبُ أَنَّ أَكْثَرَهُمْ يَسْمَعُونَ أَوْ يَعْقِلُونَ إِنْ هُمْ إِلَّا كَٱلْأَنْعَٰمِ بَلْ هُمْ أَضَلُّ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu seetaa? Isaan akka beyladootaa malee hin taane, Inumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha.
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَ إِلَىٰ رَبِّكَ كَيْفَ مَدَّ ٱلظِّلَّ وَلَوْ شَآءَ لَجَعَلَهُۥ سَاكِنًا ثُمَّ جَعَلْنَا ٱلشَّمْسَ عَلَيْهِ دَلِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila gara Gooftaa keetii hin ilaallee akkamitti Gaaddisa akka diriirse ? Odoo fedhee turaa isa taasisa ture. Ergasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne.
See all translations of this verse →
ثُمَّ قَبَضْنَٰهُ إِلَيْنَا قَبْضًا يَسِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيْلَ لِبَاسًا وَٱلنَّوْمَ سُبَاتًا وَجَعَلَ ٱلنَّهَارَ نُشُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasise. Guyyaa yeroo olii gadi sochootan taasiseedha
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ ٱلرِّيَٰحَ بُشْرًۢا بَيْنَ يَدَىْ رَحْمَتِهِۦ وَأَنزَلْنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً طَهُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedha. Samii irraa bishaan qulqulluu buusne.
See all translations of this verse →
لِّنُحْـِۧىَ بِهِۦ بَلْدَةً مَّيْتًا وَنُسْقِيَهُۥ مِمَّا خَلَقْنَآ أَنْعَٰمًا وَأَنَاسِىَّ كَثِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi, waan uumne irraa horiiwwaniifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne].
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ صَرَّفْنَٰهُ بَيْنَهُمْ لِيَذَّكَّرُوا۟ فَأَبَىٰٓ أَكْثَرُ ٱلنَّاسِ إِلَّا كُفُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirra. Irra hedduun namaa kafaruu malee [amanuu] ni didan.
See all translations of this verse →
وَلَوْ شِئْنَا لَبَعَثْنَا فِى كُلِّ قَرْيَةٍ نَّذِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture.
See all translations of this verse →
فَلَا تُطِعِ ٱلْكَٰفِرِينَ وَجَٰهِدْهُم بِهِۦ جِهَادًا كَبِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى مَرَجَ ٱلْبَحْرَيْنِ هَٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ وَهَٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ وَجَعَلَ بَيْنَهُمَا بَرْزَخًا وَحِجْرًا مَّحْجُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa bahara lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiise. jidduu isaan lamaanitti dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ مِنَ ٱلْمَآءِ بَشَرًا فَجَعَلَهُۥ نَسَبًا وَصِهْرًا وَكَانَ رَبُّكَ قَدِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedha. Gooftaan kee danda’aa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَيَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُهُمْ وَلَا يَضُرُّهُمْ وَكَانَ ٱلْكَافِرُ عَلَىٰ رَبِّهِۦ ظَهِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaru. Kaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera.
See all translations of this verse →
وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا مُبَشِّرًا وَنَذِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine.
See all translations of this verse →
قُلْ مَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِلَّا مَن شَآءَ أَن يَتَّخِذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: “Isa irratti mindaarraa waa isin hin gaafadhu; namna karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe malee [inni haa saddaqatu].”
See all translations of this verse →
وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْحَىِّ ٱلَّذِى لَا يَمُوتُ وَسَبِّحْ بِحَمْدِهِۦ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Jiraataa Isa hin duune san irratti hirkadhu. Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi. Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ ٱلرَّحْمَٰنُ فَسْـَٔلْ بِهِۦ خَبِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni isa Samiileefii Dachii, waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee. ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) Rahmaani haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu.
See all translations of this verse →
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱسْجُدُوا۟ لِلرَّحْمَٰنِ قَالُوا۟ وَمَا ٱلرَّحْمَٰنُ أَنَسْجُدُ لِمَا تَأْمُرُنَا وَزَادَهُمْ نُفُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan eenyu? Waan ati nu ajajjuufiif sujuuda goonaa?” jedhu. {Kuni Rabbirraa} fagaachuu isaaniif dabale. {1}
See all translations of this verse →
تَبَارَكَ ٱلَّذِى جَعَلَ فِى ٱلسَّمَآءِ بُرُوجًا وَجَعَلَ فِيهَا سِرَٰجًا وَقَمَرًا مُّنِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Samiilee keessatti buruuja taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى جَعَلَ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ خِلْفَةً لِّمَنْ أَرَادَ أَن يَذَّكَّرَ أَوْ أَرَادَ شُكُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa halkaniifi guyyaa wal irraa bakka bu’aa taasiseedha, nama gorfamuu fedheef yookiin galata galchuu fedheef.
See all translations of this verse →
وَعِبَادُ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلَّذِينَ يَمْشُونَ عَلَى ٱلْأَرْضِ هَوْنًا وَإِذَا خَاطَبَهُمُ ٱلْجَٰهِلُونَ قَالُوا۟ سَلَٰمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deemani; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaama” (nagaa) jedhanuudha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمْ سُجَّدًا وَقِيَٰمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱصْرِفْ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! azaaba jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee nama qabataadha.
See all translations of this verse →
إِنَّهَا سَآءَتْ مُسْتَقَرًّا وَمُقَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor isheen waa hammaattee iddoo qubannaafi iddoo teessumaa ta’uun”
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَنفَقُوا۟ لَمْ يُسْرِفُوا۟ وَلَمْ يَقْتُرُوا۟ وَكَانَ بَيْنَ ذَٰلِكَ قَوَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ لَا يَدْعُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ وَلَا يَقْتُلُونَ ٱلنَّفْسَ ٱلَّتِى حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَلَا يَزْنُونَ وَمَن يَفْعَلْ ذَٰلِكَ يَلْقَ أَثَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ammas isaan warra Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana hojjate, adabbii qunnama.
See all translations of this verse →
يُضَٰعَفْ لَهُ ٱلْعَذَابُ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ وَيَخْلُدْ فِيهِۦ مُهَانًا
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessa salphifamaa ta’ee zalaalam jiraata.
See all translations of this verse →
إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ عَمَلًا صَٰلِحًا فَأُو۟لَٰٓئِكَ يُبَدِّلُ ٱللَّهُ سَيِّـَٔاتِهِمْ حَسَنَٰتٍ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate malee, Isaan san Rabbiin hamtuuwwan isaanii toltuuwwanitti jijjiiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَمَن تَابَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَإِنَّهُۥ يَتُوبُ إِلَى ٱللَّهِ مَتَابًا
Oromo Translation - Gali Ababor Namni tawbateefi gaarii hojjate, inni tawbatiinsa gara Rabbii tawbate.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ لَا يَشْهَدُونَ ٱلزُّورَ وَإِذَا مَرُّوا۟ بِٱللَّغْوِ مَرُّوا۟ كِرَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor (gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُوا۟ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمْ لَمْ يَخِرُّوا۟ عَلَيْهَا صُمًّا وَعُمْيَانًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا هَبْ لَنَا مِنْ أَزْوَٰجِنَا وَذُرِّيَّٰتِنَا قُرَّةَ أَعْيُنٍ وَٱجْعَلْنَا لِلْمُتَّقِينَ إِمَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ammas isaan warra jedhani “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyiiwwan keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniif imaama (dursaa) nu taasisi”.
See all translations of this verse →
أُو۟لَٰٓئِكَ يُجْزَوْنَ ٱلْغُرْفَةَ بِمَا صَبَرُوا۟ وَيُلَقَّوْنَ فِيهَا تَحِيَّةً وَسَلَٰمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamu. Ishee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu.
See all translations of this verse →
خَٰلِدِينَ فِيهَا حَسُنَتْ مُسْتَقَرًّا وَمُقَامًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee keessa zalaalam jiraatu. Isheen iddoo qubannaafi jireenyaa tahuun waa bareeddee.
See all translations of this verse →
قُلْ مَا يَعْبَؤُا۟ بِكُمْ رَبِّى لَوْلَا دُعَآؤُكُمْ فَقَدْ كَذَّبْتُمْ فَسَوْفَ يَكُونُ لِزَامًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u ture, Dhugumatti isin sobsiiftanii jirtu, adabbiin (isiniif qophaa’e) isin qabataa ta’a.”
See all translations of this verse →
← Surah An-Noor
Surah Ash-Shu'araa →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.