Surah Al-Muzzammil المزمل
20 verses · Mecca · revelation order 3
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَٰٓأَيُّهَا ٱلْمُزَّمِّلُ
Oromo Translation - Gali AbaborAti Yaa mammarataa!
See all translations of this verse →
قُمِ ٱلَّيْلَ إِلَّا قَلِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababorhalkan dhaabbadhu Xiqqo malee.
See all translations of this verse →
نِّصْفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصْ مِنْهُ قَلِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborWalakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.
See all translations of this verse →
أَوْ زِدْ عَلَيْهِ وَرَتِّلِ ٱلْقُرْءَانَ تَرْتِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborYookiin isa irratti dabali Qur'aana suutaan dubbisiinsa dubbisi.
See all translations of this verse →
إِنَّا سَنُلْقِى عَلَيْكَ قَوْلًا ثَقِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborNuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra.
See all translations of this verse →
إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيْلِ هِىَ أَشَدُّ وَطْـًٔا وَأَقْوَمُ قِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborKa'umsi halkanii isheen (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّ لَكَ فِى ٱلنَّهَارِ سَبْحًا طَوِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira.
See all translations of this verse →
وَٱذْكُرِ ٱسْمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلْ إِلَيْهِ تَبْتِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborMaqaa Gooftaa keetii faarsi; gara isaattis citiinsa citi.
See all translations of this verse →
رَّبُّ ٱلْمَشْرِقِ وَٱلْمَغْرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذْهُ وَكِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu.
See all translations of this verse →
وَٱصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهْجُرْهُمْ هَجْرًا جَمِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborWaan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.
See all translations of this verse →
وَذَرْنِى وَٱلْمُكَذِّبِينَ أُو۟لِى ٱلنَّعْمَةِ وَمَهِّلْهُمْ قَلِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborAnaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi.
See all translations of this verse →
إِنَّ لَدَيْنَآ أَنكَالًا وَجَحِيمًا
Oromo Translation - Gali AbaborNu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira.
See all translations of this verse →
وَطَعَامًا ذَا غُصَّةٍ وَعَذَابًا أَلِيمًا
Oromo Translation - Gali AbaborNyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira).
See all translations of this verse →
يَوْمَ تَرْجُفُ ٱلْأَرْضُ وَٱلْجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلْجِبَالُ كَثِيبًا مَّهِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu taatu keessa (sakkaalamu).
See all translations of this verse →
إِنَّآ أَرْسَلْنَآ إِلَيْكُمْ رَسُولًا شَٰهِدًا عَلَيْكُمْ كَمَآ أَرْسَلْنَآ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ رَسُولًا
Oromo Translation - Gali AbaborNuti gara keessanitti Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra, akkuma gara Fir'awn Ergamaa ergineetti.
See all translations of this verse →
فَعَصَىٰ فِرْعَوْنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذْنَٰهُ أَخْذًا وَبِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborFir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne.
See all translations of this verse →
فَكَيْفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرْتُمْ يَوْمًا يَجْعَلُ ٱلْوِلْدَٰنَ شِيبًا
Oromo Translation - Gali AbaborYoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu?
See all translations of this verse →
ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرٌۢ بِهِۦ كَانَ وَعْدُهُۥ مَفْعُولًا
Oromo Translation - Gali AbaborSamiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudha. Baallamni Isaa raawwatamaa ta'e.
See all translations of this verse →
إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذْكِرَةٌ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا
Oromo Translation - Gali AbaborIsheen tun gorsa. Nama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.
See all translations of this verse →
إِنَّ رَبَّكَ يَعْلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدْنَىٰ مِن ثُلُثَىِ ٱلَّيْلِ وَنِصْفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٌ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ عَلِمَ أَن لَّن تُحْصُوهُ فَتَابَ عَلَيْكُمْ فَٱقْرَءُوا۟ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلْقُرْءَانِ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرْضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضْرِبُونَ فِى ٱلْأَرْضِ يَبْتَغُونَ مِن فَضْلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَٱقْرَءُوا۟ مَا تَيَسَّرَ مِنْهُ وَأَقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُوا۟ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقْرِضُوا۟ ٱللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا وَمَا تُقَدِّمُوا۟ لِأَنفُسِكُم مِّنْ خَيْرٍ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيْرًا وَأَعْظَمَ أَجْرًا وَٱسْتَغْفِرُوا۟ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌۢ
Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti Gooftaan kee ni beeka akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan(nibeeka). Rabbiin halkaniifi guyyaa ni shallaga. Akka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebale. Qur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aa. Isin irraa dhukkubsataan akka jiru, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise). Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aa. salaata dhaabaa; zakaas kennaa. Liqii bareedaas Rabbiif liqeessaa. Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dura dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argitu. Rabbiin araarama kadhaa; Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→