caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-An'aam الأنعام

165 verses · Mecca · revelation order 55

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَجَعَلَ ٱلظُّلُمَٰتِ وَٱلنُّورَ ثُمَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِرَبِّهِمْ يَعْدِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborFaaruun hundi kan Rabbii isa samiifi dachii uumee, dukkanaafi ifa argamsiiseeti. Ergasii isaan kafaran Rabbii isaaniitti qindeessu.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَكُم مِّن طِينٍ ثُمَّ قَضَىٰٓ أَجَلًا وَأَجَلٌ مُّسَمًّى عِندَهُۥ ثُمَّ أَنتُمْ تَمْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni isa dhoqqee irraa isin uumee ergasii beellama (du'aa) murteesseedha. Beellamni beekamaan (Qiyaamaan) immoo Isa bira jira. Ergasii isin ni shakkitu.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱللَّهُ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَفِى ٱلْأَرْضِ يَعْلَمُ سِرَّكُمْ وَجَهْرَكُمْ وَيَعْلَمُ مَا تَكْسِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni samiileefii keessattiifi dachii keessattis gabbaramaadha. Iccitii keessaniifi ifa bahaa keessanis ni beeka. Waan isin hojjattanis ni beeka.

See all translations of this verse →

وَمَا تَأْتِيهِم مِّنْ ءَايَةٍ مِّنْ ءَايَٰتِ رَبِّهِمْ إِلَّا كَانُوا۟ عَنْهَا مُعْرِضِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKeeyyanni keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa ta'e isaanitti dhufee yoo kan isaan ishee irraa gara galan ta'e malee hin hafu.

See all translations of this verse →

فَقَدْ كَذَّبُوا۟ بِٱلْحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمْ فَسَوْفَ يَأْتِيهِمْ أَنۢبَٰٓؤُا۟ مَا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan yeroma dhugaan isaanitti dhufu sobsiisaniiru. Oduun waan (adabbii) isaan itti qoosaa turanii fuulduratti isaanitti dhufa.

See all translations of this verse →

أَلَمْ يَرَوْا۟ كَمْ أَهْلَكْنَا مِن قَبْلِهِم مِّن قَرْنٍ مَّكَّنَّٰهُمْ فِى ٱلْأَرْضِ مَا لَمْ نُمَكِّن لَّكُمْ وَأَرْسَلْنَا ٱلسَّمَآءَ عَلَيْهِم مِّدْرَارًا وَجَعَلْنَا ٱلْأَنْهَٰرَ تَجْرِى مِن تَحْتِهِمْ فَأَهْلَكْنَٰهُم بِذُنُوبِهِمْ وَأَنشَأْنَا مِنۢ بَعْدِهِمْ قَرْنًا ءَاخَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaaniin dura jaarraa (ummata) irraa heddu balleessuu keenya hin ilaalanuu? kan dachii keessatti hanga isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessine. Rooba wal hordofaa ta'ee isaan irratti buufne. Laggeenis jala isaanii akka yaatu goone. Badiilee isaaniitiin isaan balleessinee. booda isaaniitii jaarraa biraa uumne.

See all translations of this verse →

وَلَوْ نَزَّلْنَا عَلَيْكَ كِتَٰبًا فِى قِرْطَاسٍ فَلَمَسُوهُ بِأَيْدِيهِمْ لَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِنْ هَٰذَآ إِلَّا سِحْرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo kitaaba waraqaa irratti barreeffame sirratti buufnee silaa harka isaanitiin isa tuqanii warri kafaran "kun sihrii ifa bahe malee hintaane" jedhu.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ لَوْلَآ أُنزِلَ عَلَيْهِ مَلَكٌ وَلَوْ أَنزَلْنَا مَلَكًا لَّقُضِىَ ٱلْأَمْرُ ثُمَّ لَا يُنظَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhu: "Maaliif Maleykaan isa irratti hin buufamin? " Odoo Maleykaa buufnee silaa dhimmichi ni murteeffama; Ergasii hintursiifaman.

See all translations of this verse →

وَلَوْ جَعَلْنَٰهُ مَلَكًا لَّجَعَلْنَٰهُ رَجُلًا وَلَلَبَسْنَا عَلَيْهِم مَّا يَلْبِسُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoma (nabiyyicha) maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa (nama) dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre.

See all translations of this verse →

وَلَقَدِ ٱسْتُهْزِئَ بِرُسُلٍ مِّن قَبْلِكَ فَحَاقَ بِٱلَّذِينَ سَخِرُوا۟ مِنْهُم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ergamoota si dura turanitti qoosamee ture. Isaan irraa warra qoosanitti wanti isaan itti qoosaa turan isaanitti marse.

See all translations of this verse →

قُلْ سِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ ثُمَّ ٱنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُكَذِّبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "dachii keessa deemaa; ergasii booddeen warra dhugaa kijibsiisee akkam akka ta’e ilaalaa."

See all translations of this verse →

قُل لِّمَن مَّا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ قُل لِّلَّهِ كَتَبَ عَلَىٰ نَفْسِهِ ٱلرَّحْمَةَ لَيَجْمَعَنَّكُمْ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ لَا رَيْبَ فِيهِ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor"Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran hundi kan eenyuuti?" jedhi. “Kan Rabbiiti” jedhi. Lubbuu Isaa irratti rahmata barreessee jira. Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa mamiin isa keessa hin jirreef walitti isin qaba. Isaan lubbuulee isaanii hoongessan, isaan hin amananu.

See all translations of this verse →

وَلَهُۥ مَا سَكَنَ فِى ٱلَّيْلِ وَٱلنَّهَارِ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti halkaniifi guyyaa keessa callises kan isaati. Inni dhagayaa, beekaadha.

See all translations of this verse →

قُلْ أَغَيْرَ ٱللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيًّا فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَهُوَ يُطْعِمُ وَلَا يُطْعَمُ قُلْ إِنِّىٓ أُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ أَوَّلَ مَنْ أَسْلَمَ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi "Sila Rabbiin malee gabbaramaa biraa godhadhaa? (inni) uumaa samiifi dachiiti, inni ni nyaachisa hin nyaatu". jedhi "Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajame. Mushrikoota irraas hin ta'in (naan jedhame)".

See all translations of this verse →

قُلْ إِنِّىٓ أَخَافُ إِنْ عَصَيْتُ رَبِّى عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali Ababor"Ani yoon Gooftaa kiyyatti dilaaye adabbii guyyaa guddaan sodaadha" jedhi.

See all translations of this verse →

مَّن يُصْرَفْ عَنْهُ يَوْمَئِذٍ فَقَدْ رَحِمَهُۥ وَذَٰلِكَ ٱلْفَوْزُ ٱلْمُبِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni guyyaa san isa (adabicha) irraa deebifame, dhugumatti (Rabbiin) isa mararfateera. Kun milkii guddaadha.

See all translations of this verse →

وَإِن يَمْسَسْكَ ٱللَّهُ بِضُرٍّ فَلَا كَاشِفَ لَهُۥٓ إِلَّا هُوَ وَإِن يَمْسَسْكَ بِخَيْرٍ فَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo Rabbiin miidhaan si tuqe, Isa malee deemsisaan isaaf hin jiru. Yoo toltuudhaan si tuqe, Inni waan hunda irratti danda’aadha.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلْقَاهِرُ فَوْقَ عِبَادِهِۦ وَهُوَ ٱلْحَكِيمُ ٱلْخَبِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborInni gabroota Isaa irratti mo’ataadha. Inni ogeessa, keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

قُلْ أَىُّ شَىْءٍ أَكْبَرُ شَهَٰدَةً قُلِ ٱللَّهُ شَهِيدٌۢ بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَأُوحِىَ إِلَىَّ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانُ لِأُنذِرَكُم بِهِۦ وَمَنۢ بَلَغَ أَئِنَّكُمْ لَتَشْهَدُونَ أَنَّ مَعَ ٱللَّهِ ءَالِهَةً أُخْرَىٰ قُل لَّآ أَشْهَدُ قُلْ إِنَّمَا هُوَ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ وَإِنَّنِى بَرِىٓءٌ مِّمَّا تُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali Ababorjedhi "Sila ragaadhaaf waan hunda irra maaltu guddaadha?" jedhi. "Rabbiin Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaadha. Qur’aanni kuni akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifame. Sila isin dhugumatti Rabbii wajjin gabbaramtoonni biraa jiraachuu ragaa baatuu?". jedhiin "Ani ragaa (akkasii) hin ba’u". jedhi "Dhugumatti, Inni dhugaan gabbaramaa tokkicha. Anis waan isin qindeessitan irraa qulqulluudha" (jedhi).

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ ءَاتَيْنَٰهُمُ ٱلْكِتَٰبَ يَعْرِفُونَهُۥ كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَآءَهُمُ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri kitaaba isaaniif kennine akka ilmaan isaanii beekanitti isa (muhammadiin) beeku. Warri lubbuulee isaanii hoongessan, isaan hin amananu.

See all translations of this verse →

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوْ كَذَّبَ بِـَٔايَٰتِهِۦٓ إِنَّهُۥ لَا يُفْلِحُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNama Rabbirratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu.

See all translations of this verse →

وَيَوْمَ نَحْشُرُهُمْ جَمِيعًا ثُمَّ نَقُولُ لِلَّذِينَ أَشْرَكُوٓا۟ أَيْنَ شُرَكَآؤُكُمُ ٱلَّذِينَ كُنتُمْ تَزْعُمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa hunda isaanii walitti qabnee, ergasii isaan qindeessaniin "gabbaramtoonni keessan kan himaa turtan eessa jiru?" jennuun san [yaadadhu].

See all translations of this verse →

ثُمَّ لَمْ تَكُن فِتْنَتُهُمْ إِلَّآ أَن قَالُوا۟ وَٱللَّهِ رَبِّنَا مَا كُنَّا مُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii mokkaramuun (deebiin) isaanii "Allaaha Rabbii keenyaan kakannee! nuti mushrikoota hin taane" jechuu malee hin taane.

See all translations of this verse →

ٱنظُرْ كَيْفَ كَذَبُوا۟ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborLaali Akka itti isaan lubbuulee isaaniirratti kijiban. wanti isaan sobaan odeessaa turan akka itti isaan irraa bade (mee ilaali!).

See all translations of this verse →

وَمِنْهُم مَّن يَسْتَمِعُ إِلَيْكَ وَجَعَلْنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ أَكِنَّةً أَن يَفْقَهُوهُ وَفِىٓ ءَاذَانِهِمْ وَقْرًا وَإِن يَرَوْا۟ كُلَّ ءَايَةٍ لَّا يُؤْمِنُوا۟ بِهَا حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءُوكَ يُجَٰدِلُونَكَ يَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِنْ هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraas nama gara kee dhageeffatutu jira. Akka isaan isa hin hubanne onneewwan isaanii irratti haguuggaa, gurra isaanii irratti immoo duudina taasifnee jirra. Odoma mallattoowwan hundaa arganiiyyuu, isheetti hin amananu. hanga kan sitti falman ta'anii sibira dhufanitti, Warri kafare (Qur’aanni) kun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti" jedhu.

See all translations of this verse →

وَهُمْ يَنْهَوْنَ عَنْهُ وَيَنْـَٔوْنَ عَنْهُ وَإِن يُهْلِكُونَ إِلَّآ أَنفُسَهُمْ وَمَا يَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan isa (Muhammadiin) irraa dhorgu; Isa irraa fagaatan. Lubbuullee isaanii malee homaa hin balleessan; garuu hin beekanu.

See all translations of this verse →

وَلَوْ تَرَىٰٓ إِذْ وُقِفُوا۟ عَلَى ٱلنَّارِ فَقَالُوا۟ يَٰلَيْتَنَا نُرَدُّ وَلَا نُكَذِّبَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّنَا وَنَكُونَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan ibidda irra dhaabaman osoo argitee nijedhan "yaa gaabbii keenya! odoo (addunyaatti) deebifamnee aayatoota Rabbii keenyaas kijibsiisuu dhiifnee mu'umina irraas taanee" (waan rifachiisaa argita ture)

See all translations of this verse →

بَلْ بَدَا لَهُم مَّا كَانُوا۟ يُخْفُونَ مِن قَبْلُ وَلَوْ رُدُّوا۟ لَعَادُوا۟ لِمَا نُهُوا۟ عَنْهُ وَإِنَّهُمْ لَكَٰذِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti wanti isaan kana dura dhoksaa turan isaaniif mul’ate. silaa Odoo deebifamanii waan irraa dhorgamanitti deebi’u. Isaan kijibdoota.

See all translations of this verse →

وَقَالُوٓا۟ إِنْ هِىَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنْيَا وَمَا نَحْنُ بِمَبْعُوثِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan."Isheen jireenya keenya kan addunyaati malee waan biraa miti, nuti (du’a booda) hin kaafamnu"

See all translations of this verse →

وَلَوْ تَرَىٰٓ إِذْ وُقِفُوا۟ عَلَىٰ رَبِّهِمْ قَالَ أَلَيْسَ هَٰذَا بِٱلْحَقِّ قَالُوا۟ بَلَىٰ وَرَبِّنَا قَالَ فَذُوقُوا۟ ٱلْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture) "Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe. "Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan. "Waan kafaraa turtaniif (amma) adabicha dhandhamaa!" jedhe.

See all translations of this verse →

قَدْ خَسِرَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِلِقَآءِ ٱللَّهِ حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَتْهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغْتَةً قَالُوا۟ يَٰحَسْرَتَنَا عَلَىٰ مَا فَرَّطْنَا فِيهَا وَهُمْ يَحْمِلُونَ أَوْزَارَهُمْ عَلَىٰ ظُهُورِهِمْ أَلَا سَآءَ مَا يَزِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan wal qunnamtii Rabbii kijibsiisan dhugumatti hoonga’aniiru. hanga Qiyaamattiin tasa isaanitti dhuftetti nijedhan "Waan ishee (addunyaa) keessatti hanqifneef yaa gaabbii keenya!" isaan badiilee isaanii dugdoowwan isaanii irratti baatan. Dhagayaa! Ba’aan isaanii waa fokkate!

See all translations of this verse →

وَمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَآ إِلَّا لَعِبٌ وَلَهْوٌ وَلَلدَّارُ ٱلْـَٔاخِرَةُ خَيْرٌ لِّلَّذِينَ يَتَّقُونَ أَفَلَا تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJireenyi addunyaa taphaafi qoosaa malee waan biraa miti. Dhugumatti ganda Aakhiraatu caala warra (Rabbiin) sodaataniif. Sila isin hin xiinxaltanuu?

See all translations of this verse →

قَدْ نَعْلَمُ إِنَّهُۥ لَيَحْزُنُكَ ٱلَّذِى يَقُولُونَ فَإِنَّهُمْ لَا يُكَذِّبُونَكَ وَلَٰكِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ يَجْحَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti wanti isaan jedhan si gaddisiisuu ni beekna. Isaan (onnee isaatiin) si hin kijibsiisanu. Garuu miidhaa raawwattoonni keeyyattoota Rabbii mormu.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ كُذِّبَتْ رُسُلٌ مِّن قَبْلِكَ فَصَبَرُوا۟ عَلَىٰ مَا كُذِّبُوا۟ وَأُوذُوا۟ حَتَّىٰٓ أَتَىٰهُمْ نَصْرُنَا وَلَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِ ٱللَّهِ وَلَقَدْ جَآءَكَ مِن نَّبَإِى۟ ٱلْمُرْسَلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ergamoonni si duraas kijibsiifamaniiru. Waan kijibsiifaman irrattis ni obsan. Hanga tumsi keenya isaaniif dhufuttis ni rakkifaman. Jechoota Rabbiitiif jijjiiraan hin jiru. Dhugumatti, oduu ergamootaa irraa (hangi tokko) sitti dhufeera.

See all translations of this verse →

وَإِن كَانَ كَبُرَ عَلَيْكَ إِعْرَاضُهُمْ فَإِنِ ٱسْتَطَعْتَ أَن تَبْتَغِىَ نَفَقًا فِى ٱلْأَرْضِ أَوْ سُلَّمًا فِى ٱلسَّمَآءِ فَتَأْتِيَهُم بِـَٔايَةٍ وَلَوْ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَمَعَهُمْ عَلَى ٱلْهُدَىٰ فَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلْجَٰهِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo (sirraa) garagaluun isaanii sitti ulfaate, mallattoon isaanitti dhufuuf yoo qaawwa dachii keessa barbaaduu yookiin kortoo samii keessaa dandeesse (raawwadhu). Rabbiin odoo fedhee, (hunda isaanii) qajeeluma irratti walitti isaan qaba. Wallaalaa irraa hin ta’in.

See all translations of this verse →

إِنَّمَا يَسْتَجِيبُ ٱلَّذِينَ يَسْمَعُونَ وَٱلْمَوْتَىٰ يَبْعَثُهُمُ ٱللَّهُ ثُمَّ إِلَيْهِ يُرْجَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKan owwaatu warruma dhaga’u qofa. Du'aawwan immoo Rabbiin isaan kaasa. Ergasii gara Isaatti deebifamu.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ لَوْلَا نُزِّلَ عَلَيْهِ ءَايَةٌ مِّن رَّبِّهِۦ قُلْ إِنَّ ٱللَّهَ قَادِرٌ عَلَىٰٓ أَن يُنَزِّلَ ءَايَةً وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor"Maaliif mallattoon Gooftaa isaa irraa isa irratti hin buufamne?" jedhu. "Dhugumatti, Rabbiin mallattoo buusuu irratti danda’aa dha" jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

See all translations of this verse →

وَمَا مِن دَآبَّةٍ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا طَٰٓئِرٍ يَطِيرُ بِجَنَاحَيْهِ إِلَّآ أُمَمٌ أَمْثَالُكُم مَّا فَرَّطْنَا فِى ٱلْكِتَٰبِ مِن شَىْءٍ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّهِمْ يُحْشَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDeddeemtuu dachii keessaas ta'ee simbirroon koola isaa lamaaniin bararus ummatoota akka keessanii malee hin taane. Kitaaba keessatti Nuti homaa hin dhiifne. Ergasii gara Gooftaa isaanii oofamu.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا صُمٌّ وَبُكْمٌ فِى ٱلظُّلُمَٰتِ مَن يَشَإِ ٱللَّهُ يُضْلِلْهُ وَمَن يَشَأْ يَجْعَلْهُ عَلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan keeyyattoota keenya kijibsiisan duudaafi arraba qabamaa dukkanoowwan keessa jiraniidha. Rabbiin nama fedhe isa jallisa; nama fedhe immoo karaa qajeelaa irra isa godha.

See all translations of this verse →

قُلْ أَرَءَيْتَكُمْ إِنْ أَتَىٰكُمْ عَذَابُ ٱللَّهِ أَوْ أَتَتْكُمُ ٱلسَّاعَةُ أَغَيْرَ ٱللَّهِ تَدْعُونَ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: mee naaf himaa! "Sila yoo adabbiin Rabbii isinitti dhufe yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waan Rabbiin alaa ni kadhattuu?"

See all translations of this verse →

بَلْ إِيَّاهُ تَدْعُونَ فَيَكْشِفُ مَا تَدْعُونَ إِلَيْهِ إِن شَآءَ وَتَنسَوْنَ مَا تُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Isa qofa kadhattu, yoo fedhe waan isin gara isaatti kadhattan san isin irraa kaasa. Waan qindeessitan ni irraanfattu.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَآ إِلَىٰٓ أُمَمٍ مِّن قَبْلِكَ فَأَخَذْنَٰهُم بِٱلْبَأْسَآءِ وَٱلضَّرَّآءِ لَعَلَّهُمْ يَتَضَرَّعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, gara ummattoota siin duraatti erginee jirra. Akka isaan (Rabbitti) watwaataniif hiyyummaafi dhukkubaan isaan qabnee jirra.

See all translations of this verse →

فَلَوْلَآ إِذْ جَآءَهُم بَأْسُنَا تَضَرَّعُوا۟ وَلَٰكِن قَسَتْ قُلُوبُهُمْ وَزَيَّنَ لَهُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatin. Garuu onneewwan isaanii ni gogde. Sheyxaanni waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا نَسُوا۟ مَا ذُكِّرُوا۟ بِهِۦ فَتَحْنَا عَلَيْهِمْ أَبْوَٰبَ كُلِّ شَىْءٍ حَتَّىٰٓ إِذَا فَرِحُوا۟ بِمَآ أُوتُوٓا۟ أَخَذْنَٰهُم بَغْتَةً فَإِذَا هُم مُّبْلِسُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbaloowwan waan hundaa isaanitti banne; hanga isaan waan kennamaniin gammadanitti odoo hin beekne dafxaa (adabaan) isaan qabne. Isaan yoosuu abdii murattoota.

See all translations of this verse →

فَقُطِعَ دَابِرُ ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ وَٱلْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborBooddeen ummata isaan miidhaa hojjatanii murame. Faaruun kan Rabbii Gooftaa aalamaati.

See all translations of this verse →

قُلْ أَرَءَيْتُمْ إِنْ أَخَذَ ٱللَّهُ سَمْعَكُمْ وَأَبْصَٰرَكُمْ وَخَتَمَ عَلَىٰ قُلُوبِكُم مَّنْ إِلَٰهٌ غَيْرُ ٱللَّهِ يَأْتِيكُم بِهِ ٱنظُرْ كَيْفَ نُصَرِّفُ ٱلْـَٔايَٰتِ ثُمَّ هُمْ يَصْدِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Mee naaf himaa! Yoo Rabbiin dhageettiifi argituuwwan keessan fudhatee, onneewwan keessan irratti cufe, gabbaramaan Rabbiin alaa isa isiniif fidu eenyu?” Akkamitti keeyyattoota akka ibsinuufi ergasii akkamitti akka isaan gara galan ilaali.

See all translations of this verse →

قُلْ أَرَءَيْتَكُمْ إِنْ أَتَىٰكُمْ عَذَابُ ٱللَّهِ بَغْتَةً أَوْ جَهْرَةً هَلْ يُهْلَكُ إِلَّا ٱلْقَوْمُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Mee naaf himaa! Yoo adabbiin Rabbii tasa yookiin ifatti isinitti dhufe, sila ummata miidhaa hojjattoota malee ni balleeffama?"

See all translations of this verse →

وَمَا نُرْسِلُ ٱلْمُرْسَلِينَ إِلَّا مُبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ فَمَنْ ءَامَنَ وَأَصْلَحَ فَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti ergamoota gammachiisoofi dinniinoo taasifnee malee hin erginu. Warri amananiifi toltuu hojjatan sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا يَمَسُّهُمُ ٱلْعَذَابُ بِمَا كَانُوا۟ يَفْسُقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan keeyyattoota keenya kijibsiisan, waan isaan fincilaa turaniif azaabni isaan tuqa.

See all translations of this verse →

قُل لَّآ أَقُولُ لَكُمْ عِندِى خَزَآئِنُ ٱللَّهِ وَلَآ أَعْلَمُ ٱلْغَيْبَ وَلَآ أَقُولُ لَكُمْ إِنِّى مَلَكٌ إِنْ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰٓ إِلَىَّ قُلْ هَلْ يَسْتَوِى ٱلْأَعْمَىٰ وَٱلْبَصِيرُ أَفَلَا تَتَفَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; fagoos hin beeku; ani Maleykaa dhas isiniin hin jedhu. Waan gara kiyya buufame malee hin hordofu. Sila jaamaafi argaan wal qixxaataa? Sila hin xiinxaltanii?" (jedhi).

See all translations of this verse →

وَأَنذِرْ بِهِ ٱلَّذِينَ يَخَافُونَ أَن يُحْشَرُوٓا۟ إِلَىٰ رَبِّهِمْ لَيْسَ لَهُم مِّن دُونِهِۦ وَلِىٌّ وَلَا شَفِيعٌ لَّعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababorisaan (Qur’aanaan) dinniini warreen gara Gooftaa isaaniitti walitti qabamuu sodaatan, isa (Rabbiin) malee jaalalleefi araarsaan isaaniif hintaane, akka isaan (Rabbiin) sodaataniif.

See all translations of this verse →

وَلَا تَطْرُدِ ٱلَّذِينَ يَدْعُونَ رَبَّهُم بِٱلْغَدَوٰةِ وَٱلْعَشِىِّ يُرِيدُونَ وَجْهَهُۥ مَا عَلَيْكَ مِنْ حِسَابِهِم مِّن شَىْءٍ وَمَا مِنْ حِسَابِكَ عَلَيْهِم مِّن شَىْءٍ فَتَطْرُدَهُمْ فَتَكُونَ مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra ganamaafi galgala fuula Isaa barbaaduuf Gooftaa isaanii kadhatan hin ari’in. qormaata isaanii irraa waa tokko sirra hin jiru; qormaata kee irraas waa tokko isaan irra hin jiru, Isaan ariitee miidhaa raawwattoota irraa akka taatuufuu.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ فَتَنَّا بَعْضَهُم بِبَعْضٍ لِّيَقُولُوٓا۟ أَهَٰٓؤُلَآءِ مَنَّ ٱللَّهُ عَلَيْهِم مِّنۢ بَيْنِنَآ أَلَيْسَ ٱللَّهُ بِأَعْلَمَ بِٱلشَّٰكِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkasuma garii isaanii gariin mokkorre. Akka isaan jedhaniif. "isaan kana Rabbiin nu gidduudhaa tola itti oolee?". Sila Rabbiin galateeffattoota akkaan beekaa hin taanee?

See all translations of this verse →

وَإِذَا جَآءَكَ ٱلَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِـَٔايَٰتِنَا فَقُلْ سَلَٰمٌ عَلَيْكُمْ كَتَبَ رَبُّكُمْ عَلَىٰ نَفْسِهِ ٱلرَّحْمَةَ أَنَّهُۥ مَنْ عَمِلَ مِنكُمْ سُوٓءًۢا بِجَهَٰلَةٍ ثُمَّ تَابَ مِنۢ بَعْدِهِۦ وَأَصْلَحَ فَأَنَّهُۥ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo warri keeyyattoota keenyatti amanan sitti dhufan jedhi "Nageenyi isin irra haa jiraatu. Gooftaan keessan lubbuu Isaa irratti rahmata barreesseera: ‘namni isin irraa wallaalumaan hamtuu hojjatee ergasii isa booda gara Rabbii deebi’ee tolche, dhugumatti Inni (isaaf) araaramaa, (isaaf) rahmata godhaa dha" (jedhi).

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ وَلِتَسْتَبِينَ سَبِيلُ ٱلْمُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkasumas akka (dhugaan mirkanaa'uu fi) karaan yakkamtootaas ifa ta’uuf jecha keeyyattoota addeessina.

See all translations of this verse →

قُلْ إِنِّى نُهِيتُ أَنْ أَعْبُدَ ٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ قُل لَّآ أَتَّبِعُ أَهْوَآءَكُمْ قَدْ ضَلَلْتُ إِذًا وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلْمُهْتَدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor"Ani warra isin Rabbiin ala gabbartan gabbaruu irraa dhorgameera" jedhi. "Ani fedha lubbuu keessanii hin hordofu, yoos dhugumatti ani jalladhe; warra qajeelan irraahii miti" jedhi.

See all translations of this verse →

قُلْ إِنِّى عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّى وَكَذَّبْتُم بِهِۦ مَا عِندِى مَا تَسْتَعْجِلُونَ بِهِۦٓ إِنِ ٱلْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ يَقُصُّ ٱلْحَقَّ وَهُوَ خَيْرُ ٱلْفَٰصِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Ani ragaa ifa ta’e kan Gooftaa kiyya irraa tahe irran jira. Isin isa kijibsiiftani. Wanti isin arifachiifattan ana bira hin jiru. Murtiin Rabbiif malee hin taane. Inni dhugaa murteessa. Inni irra caalaa murteessitootaati."

See all translations of this verse →

قُل لَّوْ أَنَّ عِندِى مَا تَسْتَعْجِلُونَ بِهِۦ لَقُضِىَ ٱلْأَمْرُ بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَٱللَّهُ أَعْلَمُ بِٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Odoo wanti isin arifachiifattan ana bira jiraatee, silaa dhimmichi gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ni murtaa’a ture. Rabbiin miidhaa hojjattoota akkaan beekaadha."

See all translations of this verse →

وَعِندَهُۥ مَفَاتِحُ ٱلْغَيْبِ لَا يَعْلَمُهَآ إِلَّا هُوَ وَيَعْلَمُ مَا فِى ٱلْبَرِّ وَٱلْبَحْرِ وَمَا تَسْقُطُ مِن وَرَقَةٍ إِلَّا يَعْلَمُهَا وَلَا حَبَّةٍ فِى ظُلُمَٰتِ ٱلْأَرْضِ وَلَا رَطْبٍ وَلَا يَابِسٍ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborFurtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa biratti tahe. Isa malee (tokkolleenuu) ishee hin beeku. Inni waan dachii (goggoyduu) keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala (mukaa) irraa tokkollee inni beeku malee hin buutu. Firiin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa tahu malee hin taane.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى يَتَوَفَّىٰكُم بِٱلَّيْلِ وَيَعْلَمُ مَا جَرَحْتُم بِٱلنَّهَارِ ثُمَّ يَبْعَثُكُمْ فِيهِ لِيُقْضَىٰٓ أَجَلٌ مُّسَمًّى ثُمَّ إِلَيْهِ مَرْجِعُكُمْ ثُمَّ يُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa halkan isin ajjeesuudha (isin raffisuudha); Waan isin guyyaa carraaqxanis ni beeka. Ergasii akka beellamni murtaa'aan dhumuuf isa (guyyaa) keessa isin kaasa. Ergasii deebiin keessan gara Isaati. Ergasii waan isin hojjachaa turtan isinitti hima.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلْقَاهِرُ فَوْقَ عِبَادِهِۦ وَيُرْسِلُ عَلَيْكُمْ حَفَظَةً حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَحَدَكُمُ ٱلْمَوْتُ تَوَفَّتْهُ رُسُلُنَا وَهُمْ لَا يُفَرِّطُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni gabroota Isaa gubbaa ta'ee, hundaa injifataadha. Isin irrattis tiksitoota erga. hanga duuti tokkoon keessanitti dhufe ergamoonni keenya isaan kan (ajaja) hin hanqifne ta'anii isa ajjeesu.

See all translations of this verse →

ثُمَّ رُدُّوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ مَوْلَىٰهُمُ ٱلْحَقِّ أَلَا لَهُ ٱلْحُكْمُ وَهُوَ أَسْرَعُ ٱلْحَٰسِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasiis gara Gooftaa isaanii dhugaa ta'e, gara Rabbii deebifamu. Dhagayaa! murtiin kan Isaa qofa. Innis irra arifataa qorattootaati.

See all translations of this verse →

قُلْ مَن يُنَجِّيكُم مِّن ظُلُمَٰتِ ٱلْبَرِّ وَٱلْبَحْرِ تَدْعُونَهُۥ تَضَرُّعًا وَخُفْيَةً لَّئِنْ أَنجَىٰنَا مِنْ هَٰذِهِۦ لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلشَّٰكِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Sila eenyutu isin baraarsa? dukkanoowwan dachiifi bahraa irraa. kan isin isa waammattan mul'iftaniifi iccitiin ‘yoo kana irraa nu baraarseef, nuti galateeffattoota irraa taana’ (jettanu)

See all translations of this verse →

قُلِ ٱللَّهُ يُنَجِّيكُم مِّنْهَا وَمِن كُلِّ كَرْبٍ ثُمَّ أَنتُمْ تُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Rabbumatu isheefi rakkoo hunda irraa isin baraarsa. Ergasii isin ni qindeessitu."

See all translations of this verse →

قُلْ هُوَ ٱلْقَادِرُ عَلَىٰٓ أَن يَبْعَثَ عَلَيْكُمْ عَذَابًا مِّن فَوْقِكُمْ أَوْ مِن تَحْتِ أَرْجُلِكُمْ أَوْ يَلْبِسَكُمْ شِيَعًا وَيُذِيقَ بَعْضَكُم بَأْسَ بَعْضٍ ٱنظُرْ كَيْفَ نُصَرِّفُ ٱلْـَٔايَٰتِ لَعَلَّهُمْ يَفْقَهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Inni danda'aadha adabbii gubbaa keessan irraa yookiin miilleen keessan jalaa isin irratti erguu, yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisuu irratti (danda’aadha)." Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali.

See all translations of this verse →

وَكَذَّبَ بِهِۦ قَوْمُكَ وَهُوَ ٱلْحَقُّ قُل لَّسْتُ عَلَيْكُم بِوَكِيلٍ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo inni dhugaa ta'ee jiruu ummanni kee isa kijibsiisan. "Ani isin irratti tiksaa miti" jedhiin.

See all translations of this verse →

لِّكُلِّ نَبَإٍ مُّسْتَقَرٌّ وَسَوْفَ تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jira. Fuula dura beektu.

See all translations of this verse →

وَإِذَا رَأَيْتَ ٱلَّذِينَ يَخُوضُونَ فِىٓ ءَايَٰتِنَا فَأَعْرِضْ عَنْهُمْ حَتَّىٰ يَخُوضُوا۟ فِى حَدِيثٍ غَيْرِهِۦ وَإِمَّا يُنسِيَنَّكَ ٱلشَّيْطَٰنُ فَلَا تَقْعُدْ بَعْدَ ٱلذِّكْرَىٰ مَعَ ٱلْقَوْمِ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo warra keeyyattoota keenya keessa seenan (itti qoosan) argite, irraa garagali, hanga isaan dubbii sanaan alaa keessa seenanitti. Yoo sheyxaanni si dagachiise, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota wajjin hin taa’in.

See all translations of this verse →

وَمَا عَلَى ٱلَّذِينَ يَتَّقُونَ مِنْ حِسَابِهِم مِّن شَىْءٍ وَلَٰكِن ذِكْرَىٰ لَعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra (Rabbiin) sodaatan irra dilii isaanii irraa homaayyuu hin jiru. Garuu akka isaan eeggataniif jecha gorsatu (isaaniif jira).

See all translations of this verse →

وَذَرِ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُوا۟ دِينَهُمْ لَعِبًا وَلَهْوًا وَغَرَّتْهُمُ ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا وَذَكِّرْ بِهِۦٓ أَن تُبْسَلَ نَفْسٌۢ بِمَا كَسَبَتْ لَيْسَ لَهَا مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلِىٌّ وَلَا شَفِيعٌ وَإِن تَعْدِلْ كُلَّ عَدْلٍ لَّا يُؤْخَذْ مِنْهَآ أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ أُبْسِلُوا۟ بِمَا كَسَبُوا۟ لَهُمْ شَرَابٌ مِّنْ حَمِيمٍ وَعَذَابٌ أَلِيمٌۢ بِمَا كَانُوا۟ يَكْفُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra amantii isaanii taphaafi qoosaa godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite isaan dhiisi. Akka lubbuun waan hojjatteen hin banne isaan (Qur’aanaan) gorsi. Rabbii gaditti jaalalleefi araarsaan isaaniif hin taane. Lubbuun hundi odoo kafaltii hunda kafalteeyyuu ishee irraa hin fuudhamu. Isaan sun warra waan hojjataniin balleeffamani. Isaaniif dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaa ta’etu jira waan kafaraa turaniif jecha.

See all translations of this verse →

قُلْ أَنَدْعُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُنَا وَلَا يَضُرُّنَا وَنُرَدُّ عَلَىٰٓ أَعْقَابِنَا بَعْدَ إِذْ هَدَىٰنَا ٱللَّهُ كَٱلَّذِى ٱسْتَهْوَتْهُ ٱلشَّيَٰطِينُ فِى ٱلْأَرْضِ حَيْرَانَ لَهُۥٓ أَصْحَٰبٌ يَدْعُونَهُۥٓ إِلَى ٱلْهُدَى ٱئْتِنَا قُلْ إِنَّ هُدَى ٱللَّهِ هُوَ ٱلْهُدَىٰ وَأُمِرْنَا لِنُسْلِمَ لِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Sila nuti Rabbii gaditti waan nu hin fayyanneefi nu hin miine gabbarraa? Erga Rabbiin nu qajeelchee booda uf duuba deebinaa? akka isa dhama'aa ta'ee sheyxaanni dachii keessa isa fuudhee, kan isaaf hiriyoonni 'gara keenya kottu' (jechuun) gara qajeelumaa isa waaman jiranu (kan isaan hin hordofnee san)". Dhugumatti, qajeelfamni Rabbii isatu qajeelfama (sirrii)ti. Nuti Gooftaa aalamatiif akka tole jennu ajajamnee jirra" jedhi.

See all translations of this verse →

وَأَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَٱتَّقُوهُ وَهُوَ ٱلَّذِىٓ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSalaata gadidhaabaa, isa sodaadhaa, Innis Isa gara Isaatti walitti qabamtaniidha.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِٱلْحَقِّ وَيَوْمَ يَقُولُ كُن فَيَكُونُ قَوْلُهُ ٱلْحَقُّ وَلَهُ ٱلْمُلْكُ يَوْمَ يُنفَخُ فِى ٱلصُّورِ عَٰلِمُ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ وَهُوَ ٱلْحَكِيمُ ٱلْخَبِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa samiileefi dachii dhugaan uume. Guyyaa ‘ta’i’ jennaan achumaan ta’u san [yaadadhu]. Jechi Isaa dhugaadha.mootummaan isaaf tahe. Guyyaa xurumbaan afuufamu. Inni beekaa fagoo (gheybii)fi dhihooti. Inni ogeessa, keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَ إِبْرَٰهِيمُ لِأَبِيهِ ءَازَرَ أَتَتَّخِذُ أَصْنَامًا ءَالِهَةً إِنِّىٓ أَرَىٰكَ وَقَوْمَكَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaadadhu) Yeroo Ibraahiim abbaa isaa Azaariin jedhe "sila ati taabotowwan gabbaramoota godhattaa? Dhugumatti, ani siifi ummata kee jallina ifaa keessattiin argaara".

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ نُرِىٓ إِبْرَٰهِيمَ مَلَكُوتَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَلِيَكُونَ مِنَ ٱلْمُوقِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti Ibraahiimiin mootummaa samiileefi dachii agarsiifne. Akka (beekee) mirkaneeffattoota irraa tahuuf.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَنَّ عَلَيْهِ ٱلَّيْلُ رَءَا كَوْكَبًا قَالَ هَٰذَا رَبِّى فَلَمَّآ أَفَلَ قَالَ لَآ أُحِبُّ ٱلْـَٔافِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo halkan isa irratti dukkanaa’e, urjii argeetiin "kun Gooftaa kiyya" jedhe. Yeroo inni seenu ani seentota hin jaaladhu" jedhe.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا رَءَا ٱلْقَمَرَ بَازِغًا قَالَ هَٰذَا رَبِّى فَلَمَّآ أَفَلَ قَالَ لَئِن لَّمْ يَهْدِنِى رَبِّى لَأَكُونَنَّ مِنَ ٱلْقَوْمِ ٱلضَّآلِّينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma ji’as ba’aa ta'ee argu "kuni Gooftaa kiyya" jedhe. Yeroo inni seenus "odoo Gooftaan kiyya na qajeelchuu baatee silaa ani ummata jallattoota irraan ta’a" jedhe.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا رَءَا ٱلشَّمْسَ بَازِغَةً قَالَ هَٰذَا رَبِّى هَٰذَآ أَكْبَرُ فَلَمَّآ أَفَلَتْ قَالَ يَٰقَوْمِ إِنِّى بَرِىٓءٌ مِّمَّا تُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma aduu tan baate taatee argu "kun Gooftaa kiyya; kanatu irra guddaa dha" jedhe. Yeroo isheen seentu "yaa ummata kiyya! ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluudha" jedhe.

See all translations of this verse →

إِنِّى وَجَّهْتُ وَجْهِىَ لِلَّذِى فَطَرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ حَنِيفًا وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلْمُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ani fuula kiyya qajeelaa haalan ta’een gara Isa samiileefi dachii uumee deebiseen jira; Ani mushrikoota irraa miti.

See all translations of this verse →

وَحَآجَّهُۥ قَوْمُهُۥ قَالَ أَتُحَٰٓجُّوٓنِّى فِى ٱللَّهِ وَقَدْ هَدَىٰنِ وَلَآ أَخَافُ مَا تُشْرِكُونَ بِهِۦٓ إِلَّآ أَن يَشَآءَ رَبِّى شَيْـًٔا وَسِعَ رَبِّى كُلَّ شَىْءٍ عِلْمًا أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmanni isaas isaan falme [Inni] ni jedhe: "Sila dhugumatti odoo Inni na qajeelchee jiruu isin (waa’ee) Rabbii keessatti na falmituu? Waan isin Isatti qindeessitan hin sodaadhu. Yoo Gooftaan kiyya wahi fedhe malee (homtuu narra hin ga’u) Gooftaan kiyya beekumsa Isaatiin waan hunda waliin ga’eera. Sila hin gorfamtanuu?

See all translations of this verse →

وَكَيْفَ أَخَافُ مَآ أَشْرَكْتُمْ وَلَا تَخَافُونَ أَنَّكُمْ أَشْرَكْتُم بِٱللَّهِ مَا لَمْ يُنَزِّلْ بِهِۦ عَلَيْكُمْ سُلْطَٰنًا فَأَىُّ ٱلْفَرِيقَيْنِ أَحَقُّ بِٱلْأَمْنِ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni akkamittin waan isin qindeessitan sodaadha? Odoo isin waan Inni ragaa isaa isin irratti hin buusin kan qindeesitan hin sodaanne taatanuu, garee lamaan keessaa isa kamtu tasgabbii haqa godhata? Yoo kan beektan taataniif (jedhi).

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَلَمْ يَلْبِسُوٓا۟ إِيمَٰنَهُم بِظُلْمٍ أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلْأَمْنُ وَهُم مُّهْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaannan amananii, iimaana isaanii shirkiidhaan hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaan qajeelfamoodha.

See all translations of this verse →

وَتِلْكَ حُجَّتُنَآ ءَاتَيْنَٰهَآ إِبْرَٰهِيمَ عَلَىٰ قَوْمِهِۦ نَرْفَعُ دَرَجَٰتٍ مَّن نَّشَآءُ إِنَّ رَبَّكَ حَكِيمٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen tun ragaa keenya. Ibraahiimiif ummata isaa irratti kenninee jirra. Nama feenes sadarkaawwan keessatti ol fuuna. Dhugumatti, Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَوَهَبْنَا لَهُۥٓ إِسْحَٰقَ وَيَعْقُوبَ كُلًّا هَدَيْنَا وَنُوحًا هَدَيْنَا مِن قَبْلُ وَمِن ذُرِّيَّتِهِۦ دَاوُۥدَ وَسُلَيْمَٰنَ وَأَيُّوبَ وَيُوسُفَ وَمُوسَىٰ وَهَٰرُونَ وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennine. Hundaahuu ni qajeelchine, Sana duras Nuuhiin qajeelchinee jirra. Sanyii isaa irraas Daawuud, Sulaymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaafi Haaruunin (qajeelchinee jirra). Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

See all translations of this verse →

وَزَكَرِيَّا وَيَحْيَىٰ وَعِيسَىٰ وَإِلْيَاسَ كُلٌّ مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborZakariyyaa, Yahyaa, Iisaafi Ilyaasiinis (ni qajeelchine). Hundinuu gaggaarii irraayyi.

See all translations of this verse →

وَإِسْمَٰعِيلَ وَٱلْيَسَعَ وَيُونُسَ وَلُوطًا وَكُلًّا فَضَّلْنَا عَلَى ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsmaa’il, Yasa’i, Yuunusiifi Luuxiinis (qajeelchine). Hundaayyuu aalamoota irra caalchifne.

See all translations of this verse →

وَمِنْ ءَابَآئِهِمْ وَذُرِّيَّٰتِهِمْ وَإِخْوَٰنِهِمْ وَٱجْتَبَيْنَٰهُمْ وَهَدَيْنَٰهُمْ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAbbootii isaanii, ilmaan isaaniifi obboleeyyan isaanii irraas (qajeelchine). Isaan fillee, gara karaa qajeelaa isaan qajeelchinee jirra.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ هُدَى ٱللَّهِ يَهْدِى بِهِۦ مَن يَشَآءُ مِنْ عِبَادِهِۦ وَلَوْ أَشْرَكُوا۟ لَحَبِطَ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun qajeelloo Rabbiiti. Gabroota isaa irraa nama fedhe isaan qajeelcha. Odoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ ءَاتَيْنَٰهُمُ ٱلْكِتَٰبَ وَٱلْحُكْمَ وَٱلنُّبُوَّةَ فَإِن يَكْفُرْ بِهَا هَٰٓؤُلَآءِ فَقَدْ وَكَّلْنَا بِهَا قَوْمًا لَّيْسُوا۟ بِهَا بِكَٰفِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra nuti kitaaba, ogummaafi nabiyyummaa isaaniif kennineedha, Yoo isaan kun (warri Makkaa) isheetti kafaran, dhugumatti Nuti namoota isheetti kafaroo hintahin isheef qopheessineerra.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ هَدَى ٱللَّهُ فَبِهُدَىٰهُمُ ٱقْتَدِهْ قُل لَّآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ أَجْرًا إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرَىٰ لِلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra Rabbiin qajeelcheedha. Qajeelfama isaanii hordofi. jedhi Ani isa irratti mindaa isin hin gaafadhu, Inni aalamootaaf yaadannoo malee waanbiraatii miti.

See all translations of this verse →

وَمَا قَدَرُوا۟ ٱللَّهَ حَقَّ قَدْرِهِۦٓ إِذْ قَالُوا۟ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ عَلَىٰ بَشَرٍ مِّن شَىْءٍ قُلْ مَنْ أَنزَلَ ٱلْكِتَٰبَ ٱلَّذِى جَآءَ بِهِۦ مُوسَىٰ نُورًا وَهُدًى لِّلنَّاسِ تَجْعَلُونَهُۥ قَرَاطِيسَ تُبْدُونَهَا وَتُخْفُونَ كَثِيرًا وَعُلِّمْتُم مَّا لَمْ تَعْلَمُوٓا۟ أَنتُمْ وَلَآ ءَابَآؤُكُمْ قُلِ ٱللَّهُ ثُمَّ ذَرْهُمْ فِى خَوْضِهِمْ يَلْعَبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuddina Isaaf malu Rabbiin hin guddifne. Yeroo "Rabbiin nama irratti homaa hin buufne" jedhan.kitaaba Muusaan ittiin dhufe eenyutu buuse? jedhi. "Ifaafi namootaaf qajeelfama haala ta'een. kan isin waraqaalee heddu isa gootan (Kan feetan) ishee mul'iftu, Heddu immoo ni dhoksitu, Waan isiniifi abbootiin keessan hin beekne beeksifamtanii jirtan" jedhi. "(Kan isa buuse) Rabbuma" jedhi. Ergasii haala isaan dhara isaanii keessa taphataniin isaan dhiisi.

See all translations of this verse →

وَهَٰذَا كِتَٰبٌ أَنزَلْنَٰهُ مُبَارَكٌ مُّصَدِّقُ ٱلَّذِى بَيْنَ يَدَيْهِ وَلِتُنذِرَ أُمَّ ٱلْقُرَىٰ وَمَنْ حَوْلَهَا وَٱلَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِٱلْـَٔاخِرَةِ يُؤْمِنُونَ بِهِۦ وَهُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ يُحَافِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKunis kitaabanuti isa buufne kan barakaa qabu kan (kitaabota) isa duraa dhugoomsu, (jiraattota) haadha magaalotaa (Makkaa)fi namoota naannoo ishee jiran akka ittiin dinniinuuf. Warri Aakhiratti amanan isatti ni amanu. isaan salaata isaanii irratti tikfatoodha.

See all translations of this verse →

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوْ قَالَ أُوحِىَ إِلَىَّ وَلَمْ يُوحَ إِلَيْهِ شَىْءٌ وَمَن قَالَ سَأُنزِلُ مِثْلَ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ وَلَوْ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلظَّٰلِمُونَ فِى غَمَرَٰتِ ٱلْمَوْتِ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةُ بَاسِطُوٓا۟ أَيْدِيهِمْ أَخْرِجُوٓا۟ أَنفُسَكُمُ ٱلْيَوْمَ تُجْزَوْنَ عَذَابَ ٱلْهُونِ بِمَا كُنتُمْ تَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ غَيْرَ ٱلْحَقِّ وَكُنتُمْ عَنْ ءَايَٰتِهِۦ تَسْتَكْبِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNama Rabbi irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? yookiin odoo wahyiin homaatuu isatti hin beeksifamin "wahyiin gara kiyyatti bu’eera" jedheefi, nama "anis fakkaataa waan Rabbiin buuseetiin buusa" jedhe. Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’an argitee, kan malaykonni harkoowwan isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; har'a isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adabbii salphisaa galata galfamtu" (jedhanu argitee dubbii rifachiisaa argita ture).

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ جِئْتُمُونَا فُرَٰدَىٰ كَمَا خَلَقْنَٰكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَتَرَكْتُم مَّا خَوَّلْنَٰكُمْ وَرَآءَ ظُهُورِكُمْ وَمَا نَرَىٰ مَعَكُمْ شُفَعَآءَكُمُ ٱلَّذِينَ زَعَمْتُمْ أَنَّهُمْ فِيكُمْ شُرَكَٰٓؤُا۟ لَقَد تَّقَطَّعَ بَيْنَكُمْ وَضَلَّ عَنكُم مَّا كُنتُمْ تَزْعُمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti isin kophaa taatanii gara keenya dhuftaniittu, akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti Wantoota Nuti isiniif kennine hunda dugdoowwan duuba keessanitti dhiiftanii. Nuti manguddoota (taabota) keessan kan isin “kun warra Rabbiin waliin gabbarru” jedhaa turtan isin wajjiin hin arginu. (Hariiroon) gidduu keessanii dhugumatti citeera. Wanti isin himataa turtan isin jalaa badeera.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱللَّهَ فَالِقُ ٱلْحَبِّ وَٱلنَّوَىٰ يُخْرِجُ ٱلْحَىَّ مِنَ ٱلْمَيِّتِ وَمُخْرِجُ ٱلْمَيِّتِ مِنَ ٱلْحَىِّ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin baqaqsaa fireetiifi ija tamriiti. (Inni) du’aa irraa fayyaa baasa. Fayyaa irraas du’aa baasaadha. Kun Rabbii keessani. Isin akkamumatti gara galturee?

See all translations of this verse →

فَالِقُ ٱلْإِصْبَاحِ وَجَعَلَ ٱلَّيْلَ سَكَنًا وَٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ حُسْبَانًا ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ ٱلْعَزِيزِ ٱلْعَلِيمِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Inni) baqaqsaa bariiti, Halkan (yeroo) boqonnaa, aduufi ji’a lakkoofsa (yeroo ittiin beekuuf) godhe. Kun qideessuu (Rabbii) injifataa, beekaati.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُمُ ٱلنُّجُومَ لِتَهْتَدُوا۟ بِهَا فِى ظُلُمَٰتِ ٱلْبَرِّ وَٱلْبَحْرِ قَدْ فَصَّلْنَا ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Rabbiin) Isa akka dukkanoowwan dachiifi bahraa keessa isaaniin qajeeltaniif urjiiwwan isiniif godhe sani. Dhugumatti, Nuti keeyyattoota ummata beekaniif addeessinee jirra.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَنشَأَكُم مِّن نَّفْسٍ وَٰحِدَةٍ فَمُسْتَقَرٌّ وَمُسْتَوْدَعٌ قَدْ فَصَّلْنَا ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍ يَفْقَهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Rabbiin) Isa lubbuu takka irraa isin uumeedha. Bakka ragga'iinsaa (gadaamessaa)fi bakka qubsumaa (dugdatu isiniif jira). Dhugumatti, Nuti namoota hubataniif keeyyattoota addeessineerra.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَخْرَجْنَا بِهِۦ نَبَاتَ كُلِّ شَىْءٍ فَأَخْرَجْنَا مِنْهُ خَضِرًا نُّخْرِجُ مِنْهُ حَبًّا مُّتَرَاكِبًا وَمِنَ ٱلنَّخْلِ مِن طَلْعِهَا قِنْوَانٌ دَانِيَةٌ وَجَنَّٰتٍ مِّنْ أَعْنَابٍ وَٱلزَّيْتُونَ وَٱلرُّمَّانَ مُشْتَبِهًا وَغَيْرَ مُتَشَٰبِهٍ ٱنظُرُوٓا۟ إِلَىٰ ثَمَرِهِۦٓ إِذَآ أَثْمَرَ وَيَنْعِهِۦٓ إِنَّ فِى ذَٰلِكُمْ لَـَٔايَٰتٍ لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa samii irraa bishaan buuse, Isaanis biqilaa waan hundaa baafnee, isa irraahis magariisa baafne, Isa irraa firii wal koraa, muka Timiraa irraa, daraaraa ishee irraa yudoo dhihoo taate, ashaakiltii inaba irraa ta'e, zaytuuna, rummaana wal fakkaataafi wal fakkaataa hin taane baafna. Mee gara oomisha isaa yeroo inni fireesseefi (gara) bilchina isaas ilaalaa. Dhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattoowwantu jira.

See all translations of this verse →

وَجَعَلُوا۟ لِلَّهِ شُرَكَآءَ ٱلْجِنَّ وَخَلَقَهُمْ وَخَرَقُوا۟ لَهُۥ بَنِينَ وَبَنَٰتٍۭ بِغَيْرِ عِلْمٍ سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo inni isaanis uumee jiruu jinnoota Rabbiif shariikoowwan taasisan; isaan beekumsaan maleetti ilmaan dhiiraafi dhalaa Isaaf (Rabbiif) kijibaan (uuman), Inni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluufi ol ta’aadha.

See all translations of this verse →

بَدِيعُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ أَنَّىٰ يَكُونُ لَهُۥ وَلَدٌ وَلَمْ تَكُن لَّهُۥ صَٰحِبَةٌ وَخَلَقَ كُلَّ شَىْءٍ وَهُوَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborJalqabaa uumama samiileefi dachiiti.Niitii kan hin qabne ta'ee akkamitti ilmoon isaaf ta’a? Waan hundaa uumee, Inni waan hunda beekaadha.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمْ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ خَٰلِقُ كُلِّ شَىْءٍ فَٱعْبُدُوهُ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ وَكِيلٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Kan akkana hojjate) kun Rabbii keessani, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, (Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraa, Inni waan hunda tiksaadha.

See all translations of this verse →

لَّا تُدْرِكُهُ ٱلْأَبْصَٰرُ وَهُوَ يُدْرِكُ ٱلْأَبْصَٰرَ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلْخَبِيرُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Addunyaatti) agartuun (ijji) Isa hin agartu, Inni immoo agartuu hunda ni arga, Inni mararfataa, beekaadha. {1}

See all translations of this verse →

قَدْ جَآءَكُم بَصَآئِرُ مِن رَّبِّكُمْ فَمَنْ أَبْصَرَ فَلِنَفْسِهِۦ وَمَنْ عَمِىَ فَعَلَيْهَا وَمَآ أَنَا۠ عَلَيْكُم بِحَفِيظٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeera. Namni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiif (itti fayyadama). Namni jaame isheedhuma irratti (miidhaa geessisa). Anii isin irratti tiksaa miti.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ نُصَرِّفُ ٱلْـَٔايَٰتِ وَلِيَقُولُوا۟ دَرَسْتَ وَلِنُبَيِّنَهُۥ لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkanatti keeyyattoota addeessina, qu'ate akka jedhaniifi, ummata beekaniif isa ibsuuf.

See all translations of this verse →

ٱتَّبِعْ مَآ أُوحِىَ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ وَأَعْرِضْ عَنِ ٱلْمُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan Gooftaa kee irraa sitti beeksifame hordofi. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; mushrikoota irraas garagali.

See all translations of this verse →

وَلَوْ شَآءَ ٱللَّهُ مَآ أَشْرَكُوا۟ وَمَا جَعَلْنَٰكَ عَلَيْهِمْ حَفِيظًا وَمَآ أَنتَ عَلَيْهِم بِوَكِيلٍ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Rabbiin fedhee, silaa (isatti) hin qindeessanu ture, Isaan irratti tiksaa si hin goone, Ati isaan irratti moosifamaa miti.

See all translations of this verse →

وَلَا تَسُبُّوا۟ ٱلَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ فَيَسُبُّوا۟ ٱللَّهَ عَدْوًۢا بِغَيْرِ عِلْمٍ كَذَٰلِكَ زَيَّنَّا لِكُلِّ أُمَّةٍ عَمَلَهُمْ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّهِم مَّرْجِعُهُمْ فَيُنَبِّئُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra isaan Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, Beekumsa maleetti jibbaadhaan Rabbiin arrabsuu, Akka kanatti ummata hundaaf dalagaa isaanii miidhagsine. Ergasii deebiin isaanii gara Gooftaa isaaniiti; waan isaan dalagaa turan isaanitti hima.

See all translations of this verse →

وَأَقْسَمُوا۟ بِٱللَّهِ جَهْدَ أَيْمَٰنِهِمْ لَئِن جَآءَتْهُمْ ءَايَةٌ لَّيُؤْمِنُنَّ بِهَا قُلْ إِنَّمَا ٱلْـَٔايَٰتُ عِندَ ٱللَّهِ وَمَا يُشْعِرُكُمْ أَنَّهَآ إِذَا جَآءَتْ لَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali Ababorkakuulee isaanii cimaa Rabbitti kakatan "Odoo mallattoon wahii isaanitti dhuftee, silaa isitti amanna" jedhanii, "Mallattoowwan Rabbuma biraayi" jedhi. Yeroo isheen (raajiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu).

See all translations of this verse →

وَنُقَلِّبُ أَفْـِٔدَتَهُمْ وَأَبْصَٰرَهُمْ كَمَا لَمْ يُؤْمِنُوا۟ بِهِۦٓ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَنَذَرُهُمْ فِى طُغْيَٰنِهِمْ يَعْمَهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOnneewwan isaaniitiifi agartuuwwan isaanii gara gaggalchina, Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amanin. Kan dhama'an ta'anii jallina isaanii keessatti isaan dhiifna.

See all translations of this verse →

وَلَوْ أَنَّنَا نَزَّلْنَآ إِلَيْهِمُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةَ وَكَلَّمَهُمُ ٱلْمَوْتَىٰ وَحَشَرْنَا عَلَيْهِمْ كُلَّ شَىْءٍ قُبُلًا مَّا كَانُوا۟ لِيُؤْمِنُوٓا۟ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ يَجْهَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Nuti malaykota gara isaaniitti buufnee, du’aawwanis isaaniin haasa'anii, waan hundayyuu isaan duratti walitti qabnellee, isaan yoo Rabbiin fedhe malee kan amananii miti. Garuu irra hedduun isaanii ni wallaalu.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَا لِكُلِّ نَبِىٍّ عَدُوًّا شَيَٰطِينَ ٱلْإِنسِ وَٱلْجِنِّ يُوحِى بَعْضُهُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ زُخْرُفَ ٱلْقَوْلِ غُرُورًا وَلَوْ شَآءَ رَبُّكَ مَا فَعَلُوهُ فَذَرْهُمْ وَمَا يَفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti nabiyyii hundaafuu diina shayxaana namaafi jinnii irraa ta’an,godheera. kan gowwoomsuuf jecha gariin isaanii gara gariitti jecha miidhagaa beeksisan. Odoo Gooftaan kee fedhee silaa san hin raawwatanu ture. Isaaniifi kijiba isaan uumanis dhiisi.

See all translations of this verse →

وَلِتَصْغَىٰٓ إِلَيْهِ أَفْـِٔدَةُ ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِٱلْـَٔاخِرَةِ وَلِيَرْضَوْهُ وَلِيَقْتَرِفُوا۟ مَا هُم مُّقْتَرِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka onneewwan warra Aakhiratti hin amaninii gara isaa dabaniifi, akka isas jaalataniifi (adaba irraa) waan raawwachaa jiranis akka raawwataniif.

See all translations of this verse →

أَفَغَيْرَ ٱللَّهِ أَبْتَغِى حَكَمًا وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَنزَلَ إِلَيْكُمُ ٱلْكِتَٰبَ مُفَصَّلًا وَٱلَّذِينَ ءَاتَيْنَٰهُمُ ٱلْكِتَٰبَ يَعْلَمُونَ أَنَّهُۥ مُنَزَّلٌ مِّن رَّبِّكَ بِٱلْحَقِّ فَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمُمْتَرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor" Rabbiin alatti murteessaa barbaaddadhaa?, innni kitaaba addeeffamaa gara keessanitti buusee jira " (jedhi). Warri kitaaba isaaniif kennine akka inni dhugaan Gooftaa kee irraa buufame ni beeku. Warra maman irraa hin ta’in.

See all translations of this verse →

وَتَمَّتْ كَلِمَتُ رَبِّكَ صِدْقًا وَعَدْلًا لَّا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborJechi Gooftaa keetii dhugaafi haqa haala ta'een xumurameera. Jechoota Isaatiif jijjiiraan hin jiru. Inni dhagayaa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَإِن تُطِعْ أَكْثَرَ مَن فِى ٱلْأَرْضِ يُضِلُّوكَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَإِنْ هُمْ إِلَّا يَخْرُصُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo irra hedduu namoota dachii keessaa tole jette, karaa Rabbii irraa si jallisu. Isaan shakkii malee homaa hin hordofan. Isaan kijiboo malee homaa hin taane.

See all translations of this verse →

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ مَن يَضِلُّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعْلَمُ بِٱلْمُهْتَدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Gooftaan kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallatu irra beeka; warra qajeelanis Isumatu beeka.

See all translations of this verse →

فَكُلُوا۟ مِمَّا ذُكِرَ ٱسْمُ ٱللَّهِ عَلَيْهِ إِن كُنتُم بِـَٔايَٰتِهِۦ مُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo keeyyattoota Isaatti kan amantan taataniif, waan maqaan Rabbii irratti dubbatame irraa qofa nyaadhaa.{1}

See all translations of this verse →

وَمَا لَكُمْ أَلَّا تَأْكُلُوا۟ مِمَّا ذُكِرَ ٱسْمُ ٱللَّهِ عَلَيْهِ وَقَدْ فَصَّلَ لَكُم مَّا حَرَّمَ عَلَيْكُمْ إِلَّا مَا ٱضْطُرِرْتُمْ إِلَيْهِ وَإِنَّ كَثِيرًا لَّيُضِلُّونَ بِأَهْوَآئِهِم بِغَيْرِ عِلْمٍ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِٱلْمُعْتَدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila maaltu isiniif jiraayyi waan maqaan Rabbii irratti dubbatame nyaachuu dhiiftan? dhugumatti, Inni wantoota isin irratti dhorgamaa godhe isiniif addeesseera,Wanti gara isaatti rakkifamtan odoo hafuu. Dhugumatti, (namoonni) baay’een beekumsaan malee fedha lubbuu isaaniitiin jallatu. Dhugumatti, Gooftaan kee Isaatu irra beekaa warra daangaa dabraniiti.

See all translations of this verse →

وَذَرُوا۟ ظَٰهِرَ ٱلْإِثْمِ وَبَاطِنَهُۥٓ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكْسِبُونَ ٱلْإِثْمَ سَيُجْزَوْنَ بِمَا كَانُوا۟ يَقْتَرِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborBadii ifa bahaafi dhokataa isaas dhiisaa. Dhugumatti, isaannan cubbuu hojjatan waan kijiba uumaniif fuuldura galata galfamu (ni adabamu).

See all translations of this verse →

وَلَا تَأْكُلُوا۟ مِمَّا لَمْ يُذْكَرِ ٱسْمُ ٱللَّهِ عَلَيْهِ وَإِنَّهُۥ لَفِسْقٌ وَإِنَّ ٱلشَّيَٰطِينَ لَيُوحُونَ إِلَىٰٓ أَوْلِيَآئِهِمْ لِيُجَٰدِلُوكُمْ وَإِنْ أَطَعْتُمُوهُمْ إِنَّكُمْ لَمُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan maqaan Rabbii isarratti hin dubbatamin hin nyaatinaa. Dhugumatti, inni fincila. Dhugumatti, shayxaanonni akka isiniin falmanuuf gara jaalallee isaanii hasaasu. Isin yoo isaaniif ajajamtan dhugumatti isin mushrikoota.

See all translations of this verse →

أَوَمَن كَانَ مَيْتًا فَأَحْيَيْنَٰهُ وَجَعَلْنَا لَهُۥ نُورًا يَمْشِى بِهِۦ فِى ٱلنَّاسِ كَمَن مَّثَلُهُۥ فِى ٱلظُّلُمَٰتِ لَيْسَ بِخَارِجٍ مِّنْهَا كَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِلْكَٰفِرِينَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifnee ifaa isaaf goone, kan isaan nama keessa deemu, akka fakkii nama dukkanoowwan keessa jiru, kan ishee irraa hin baanee ta'aa? Akka kanatti kaafirootaaf wanti isaan dalagaa turan miidhagfame.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَا فِى كُلِّ قَرْيَةٍ أَكَٰبِرَ مُجْرِمِيهَا لِيَمْكُرُوا۟ فِيهَا وَمَا يَمْكُرُونَ إِلَّا بِأَنفُسِهِمْ وَمَا يَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkasumas magaalota hunda keessatti gugurdoo jallattoota ishee akka ishee keessatti dhara karoorsaniif goone. Hin beekanu malee, lubbuu isaanii irratti malee dhara hin karoorsanu.

See all translations of this verse →

وَإِذَا جَآءَتْهُمْ ءَايَةٌ قَالُوا۟ لَن نُّؤْمِنَ حَتَّىٰ نُؤْتَىٰ مِثْلَ مَآ أُوتِىَ رُسُلُ ٱللَّهِ ٱللَّهُ أَعْلَمُ حَيْثُ يَجْعَلُ رِسَالَتَهُۥ سَيُصِيبُ ٱلَّذِينَ أَجْرَمُوا۟ صَغَارٌ عِندَ ٱللَّهِ وَعَذَابٌ شَدِيدٌۢ بِمَا كَانُوا۟ يَمْكُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo mallattoon isaanitti dhufte "hanga fakkaataan waan ergamoonni Rabbii kennamanii nuuf kennamutti hin amannu" jedhu. Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaayu akkaan beeka. Warra badii hojjatan Rabbiin biratti xiqqeenyaafi adabbii cimaa ta’etu (isaan) tuqa.waan isaan dhara karoorsaa turaniif.

See all translations of this verse →

فَمَن يُرِدِ ٱللَّهُ أَن يَهْدِيَهُۥ يَشْرَحْ صَدْرَهُۥ لِلْإِسْلَٰمِ وَمَن يُرِدْ أَن يُضِلَّهُۥ يَجْعَلْ صَدْرَهُۥ ضَيِّقًا حَرَجًا كَأَنَّمَا يَصَّعَّدُ فِى ٱلسَّمَآءِ كَذَٰلِكَ يَجْعَلُ ٱللَّهُ ٱلرِّجْسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni Rabbiin isa qajeelchuu fedhe, qoma Isaa Islaamaaf bal’isa. Nama isa jallisuu fedhe immoo qoma isaa akkaan dhiphaa, rakkataa akka nama samii keessa ol koruu taasisa. Akka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irratti godha.

See all translations of this verse →

وَهَٰذَا صِرَٰطُ رَبِّكَ مُسْتَقِيمًا قَدْ فَصَّلْنَا ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍ يَذَّكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun qajeelaa haala ta’een karaa Gooftaa keetiiti. Ummata gorfamaniif mallattoo dhugaadhaan adda baafneerra.

See all translations of this verse →

لَهُمْ دَارُ ٱلسَّلَٰمِ عِندَ رَبِّهِمْ وَهُوَ وَلِيُّهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniif Gooftaa isaanii bira ganda nagayaatu jira. Innis waan isaan dalagaa turaniif jecha gargaaraa isaaniiti.

See all translations of this verse →

وَيَوْمَ يَحْشُرُهُمْ جَمِيعًا يَٰمَعْشَرَ ٱلْجِنِّ قَدِ ٱسْتَكْثَرْتُم مِّنَ ٱلْإِنسِ وَقَالَ أَوْلِيَآؤُهُم مِّنَ ٱلْإِنسِ رَبَّنَا ٱسْتَمْتَعَ بَعْضُنَا بِبَعْضٍ وَبَلَغْنَآ أَجَلَنَا ٱلَّذِىٓ أَجَّلْتَ لَنَا قَالَ ٱلنَّارُ مَثْوَىٰكُمْ خَٰلِدِينَ فِيهَآ إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُ إِنَّ رَبَّكَ حَكِيمٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa hunda isaanii walitti qabee "Yaa garee jinnootaa! Namoota daneeffattanii jirtu" (jedhuun yaadadhu). Jaalalleen isaanii kan namoota irraa ta’an "Gooftaa keenya! gariin keenya gariitti qanani'e; beellama keenya Ati nuuf beellamte geenyee jirra" jedhu. "Hanga Rabbiin fedhe malee Ibiddi qubannaa keessani isii keessatti hafoodha" jedha. Dhugumatti Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ نُوَلِّى بَعْضَ ٱلظَّٰلِمِينَ بَعْضًۢا بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti garii miidhaa hojjattoota garii irratti moosifna. Waan isaan hojjataa turaniif jecha.

See all translations of this verse →

يَٰمَعْشَرَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ أَلَمْ يَأْتِكُمْ رُسُلٌ مِّنكُمْ يَقُصُّونَ عَلَيْكُمْ ءَايَٰتِى وَيُنذِرُونَكُمْ لِقَآءَ يَوْمِكُمْ هَٰذَا قَالُوا۟ شَهِدْنَا عَلَىٰٓ أَنفُسِنَا وَغَرَّتْهُمُ ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا وَشَهِدُوا۟ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ أَنَّهُمْ كَانُوا۟ كَٰفِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor"Yaa garee jinniifi namaa! Sila ergamoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’aniifi qunnamtii guyyaa keessanii kana kan isin dinniinanu isinitti hin dhufnee?" (jedhamu). "Nuti lubbuulee keenya irratti ragaa baanee jirra" jedhan. Jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite. Dhugumatti isaan kaafiroota akka turan lubbuulee isaanii irratti ragaa ba’an.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ أَن لَّمْ يَكُن رَّبُّكَ مُهْلِكَ ٱلْقُرَىٰ بِظُلْمٍ وَأَهْلُهَا غَٰفِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan Gooftaan kee ganda tokko haala warri ishee dagataa ta'een, badii (isheetiif jecha) kan balleessu hin ta'iniifi.

See all translations of this verse →

وَلِكُلٍّ دَرَجَٰتٌ مِّمَّا عَمِلُوا۟ وَمَا رَبُّكَ بِغَٰفِلٍ عَمَّا يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHundaafuu waan hojjattan irraa sadarkaaleetu jira. Gooftaan kee waan isaan dalagan irraa dagataa miti.

See all translations of this verse →

وَرَبُّكَ ٱلْغَنِىُّ ذُو ٱلرَّحْمَةِ إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَسْتَخْلِفْ مِنۢ بَعْدِكُم مَّا يَشَآءُ كَمَآ أَنشَأَكُم مِّن ذُرِّيَّةِ قَوْمٍ ءَاخَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee dureessa, abbaa rahmataati, yoo fedhe, isin adeemsiseeti (dhabamsiiseti) isin booda waan fedhe bakka buusa. Akkuma isin sanyii ummata biraa irraa argamsiise,

See all translations of this verse →

إِنَّ مَا تُوعَدُونَ لَـَٔاتٍ وَمَآ أَنتُم بِمُعْجِزِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, wanti waadaa isiniif galame dhufaadha. Isin kan (adabbii jalaa) dadhabsiisoo hintaane.

See all translations of this verse →

قُلْ يَٰقَوْمِ ٱعْمَلُوا۟ عَلَىٰ مَكَانَتِكُمْ إِنِّى عَامِلٌ فَسَوْفَ تَعْلَمُونَ مَن تَكُونُ لَهُۥ عَٰقِبَةُ ٱلدَّارِ إِنَّهُۥ لَا يُفْلِحُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi. "Yaa ummata kiyya! Akkaataa adeemsa keessanii irratti dalagaa; Anis dalagaadha, Namni manni booddee isaaf ta’u eenyuun akka ta’e fuulduratti ni beektu, Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaa’anu"

See all translations of this verse →

وَجَعَلُوا۟ لِلَّهِ مِمَّا ذَرَأَ مِنَ ٱلْحَرْثِ وَٱلْأَنْعَٰمِ نَصِيبًا فَقَالُوا۟ هَٰذَا لِلَّهِ بِزَعْمِهِمْ وَهَٰذَا لِشُرَكَآئِنَا فَمَا كَانَ لِشُرَكَآئِهِمْ فَلَا يَصِلُ إِلَى ٱللَّهِ وَمَا كَانَ لِلَّهِ فَهُوَ يَصِلُ إِلَىٰ شُرَكَآئِهِمْ سَآءَ مَا يَحْكُمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOyruufi beyladoota inni uumerraa qooda Rabbiif godhan. yaaduma isaaniitiin "kun kan Rabbiiti, kun immoo kan gooftolee keenyaati" jedhan. Wanti gabbaramtoota isaaniitiif ta’e gara Rabbiitti hin ga’u; wanni Rabbiif ta’e immoo gara gabbaramtoota isaaniitti ni ga’a, Wanti isaan murteessan waa fokkate!

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ زَيَّنَ لِكَثِيرٍ مِّنَ ٱلْمُشْرِكِينَ قَتْلَ أَوْلَٰدِهِمْ شُرَكَآؤُهُمْ لِيُرْدُوهُمْ وَلِيَلْبِسُوا۟ عَلَيْهِمْ دِينَهُمْ وَلَوْ شَآءَ ٱللَّهُ مَا فَعَلُوهُ فَذَرْهُمْ وَمَا يَفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti shariikonni isaanii hedduu mushrikoota irraa ta'aniif ajjeechaa ilmaan isaanii miidhagseef, isaan balleessuufi amantii isaanii isaan irratti walitti makuuf jecha. Odoo Rabbiin fedhee hin raawwatanu ture. isaan dhiisi waan isaan kijibanis.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ هَٰذِهِۦٓ أَنْعَٰمٌ وَحَرْثٌ حِجْرٌ لَّا يَطْعَمُهَآ إِلَّا مَن نَّشَآءُ بِزَعْمِهِمْ وَأَنْعَٰمٌ حُرِّمَتْ ظُهُورُهَا وَأَنْعَٰمٌ لَّا يَذْكُرُونَ ٱسْمَ ٱللَّهِ عَلَيْهَا ٱفْتِرَآءً عَلَيْهِ سَيَجْزِيهِم بِمَا كَانُوا۟ يَفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan Yaada isaaniitiin kun horiifi oyruu dhorgamtuudha; Nama nuti feene malee ishee hin nyaatu, (kun) horii dugdi ishee (yaabbii irraa) dhorgamteedha; (kun immoo) horii maqaa Rabbii isii irratti hin dubbannee dha" (jedhan), Rabbi irratti kijiba uumuuf (kana hojjatan). Rabbiin waan isaan kijibaa turaniin fuulduratti galata isaanii galcha (isaan adaba)..

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ مَا فِى بُطُونِ هَٰذِهِ ٱلْأَنْعَٰمِ خَالِصَةٌ لِّذُكُورِنَا وَمُحَرَّمٌ عَلَىٰٓ أَزْوَٰجِنَا وَإِن يَكُن مَّيْتَةً فَهُمْ فِيهِ شُرَكَآءُ سَيَجْزِيهِمْ وَصْفَهُمْ إِنَّهُۥ حَكِيمٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: "Wanti garaalee horii kanneen keessaa dhiirota keenya qofaaf (hayyamamtuudha); dubartoota keenya irratti immoo dhorgamoodha, Yoo du’aa ta’e, isaan (hunduu) isa keessatti shariika" Ibsa isaaniitiin (kijiba Rabbi irra kaa'aniin) (adabbiin) galata isaanii galcha. Inni ogeessa, beekaadha

See all translations of this verse →

قَدْ خَسِرَ ٱلَّذِينَ قَتَلُوٓا۟ أَوْلَٰدَهُمْ سَفَهًۢا بِغَيْرِ عِلْمٍ وَحَرَّمُوا۟ مَا رَزَقَهُمُ ٱللَّهُ ٱفْتِرَآءً عَلَى ٱللَّهِ قَدْ ضَلُّوا۟ وَمَا كَانُوا۟ مُهْتَدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti hoonga’aniiru Warri doofummaan beekumsaan amalee ilmaan isaanii ajjeesan, Rabbiin irratti kijiba maxxansuun waan Rabbiin isaaniif kenne haraama taasisan, Isaan jallataniiru; qajeeloo hin taane.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَنشَأَ جَنَّٰتٍ مَّعْرُوشَٰتٍ وَغَيْرَ مَعْرُوشَٰتٍ وَٱلنَّخْلَ وَٱلزَّرْعَ مُخْتَلِفًا أُكُلُهُۥ وَٱلزَّيْتُونَ وَٱلرُّمَّانَ مُتَشَٰبِهًا وَغَيْرَ مُتَشَٰبِهٍ كُلُوا۟ مِن ثَمَرِهِۦٓ إِذَآ أَثْمَرَ وَءَاتُوا۟ حَقَّهُۥ يَوْمَ حَصَادِهِۦ وَلَا تُسْرِفُوٓا۟ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلْمُسْرِفِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin isa ashaakiltii sireen godhamuufiifi sireen hin godhamneef uumeedha. Muka timiraa, sanyii, dhandhamni wal dhabaa ta'e, Zaytuunaafi Rummaana wal fakkaataniifi wal hin fakkaannes (kan uumee dha). Firee isaa irraa yeroo inni fireesse nyaadhaa; guyyaa haamama isaas haqa isaa (zakaa) kennaa. (Kennaan) daangaa hin dabrinaa. Inni warra daangaa dabran hin jaalatu.

See all translations of this verse →

وَمِنَ ٱلْأَنْعَٰمِ حَمُولَةً وَفَرْشًا كُلُوا۟ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ وَلَا تَتَّبِعُوا۟ خُطُوَٰتِ ٱلشَّيْطَٰنِ إِنَّهُۥ لَكُمْ عَدُوٌّ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali Ababorbeeyladoota irraa isaan fe’isaaf oolaniifi fe’isaaf hin oolle (uume). Waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaa; tarkaanfiilee shayxaanaas hin hordofinaa. inni isiniif diina ifa bahaadha.

See all translations of this verse →

ثَمَٰنِيَةَ أَزْوَٰجٍ مِّنَ ٱلضَّأْنِ ٱثْنَيْنِ وَمِنَ ٱلْمَعْزِ ٱثْنَيْنِ قُلْ ءَآلذَّكَرَيْنِ حَرَّمَ أَمِ ٱلْأُنثَيَيْنِ أَمَّا ٱشْتَمَلَتْ عَلَيْهِ أَرْحَامُ ٱلْأُنثَيَيْنِ نَبِّـُٔونِى بِعِلْمٍ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborQindiiwwan saddeeti (uumne): hoolaa irraa lama (kormaafi dhalaa), Re’ee irraas lama (kormaafi dhalaa). "Sila (Rabbiin) korma lamaan haraam godhe moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu lamaanii of keessaa tti qabatte? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beekumsaan naaf himaa" jedhiin.

See all translations of this verse →

وَمِنَ ٱلْإِبِلِ ٱثْنَيْنِ وَمِنَ ٱلْبَقَرِ ٱثْنَيْنِ قُلْ ءَآلذَّكَرَيْنِ حَرَّمَ أَمِ ٱلْأُنثَيَيْنِ أَمَّا ٱشْتَمَلَتْ عَلَيْهِ أَرْحَامُ ٱلْأُنثَيَيْنِ أَمْ كُنتُمْ شُهَدَآءَ إِذْ وَصَّىٰكُمُ ٱللَّهُ بِهَٰذَا فَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا لِّيُضِلَّ ٱلنَّاسَ بِغَيْرِ عِلْمٍ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGaala irraas lama, Loon irraas lama (kormaafi dhalaa uume). jedhi "Sila (Rabbiin) korma lamaan dhorge moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu walitti qabatte? Moo yeroo Rabbiin kanatti isin ajaju hirmaataa turtani? Nama beekumsa malee namoota jallisuuf jecha Rabbiin irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate hin jiru. Dhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.

See all translations of this verse →

قُل لَّآ أَجِدُ فِى مَآ أُوحِىَ إِلَىَّ مُحَرَّمًا عَلَىٰ طَاعِمٍ يَطْعَمُهُۥٓ إِلَّآ أَن يَكُونَ مَيْتَةً أَوْ دَمًا مَّسْفُوحًا أَوْ لَحْمَ خِنزِيرٍ فَإِنَّهُۥ رِجْسٌ أَوْ فِسْقًا أُهِلَّ لِغَيْرِ ٱللَّهِ بِهِۦ فَمَنِ ٱضْطُرَّ غَيْرَ بَاغٍ وَلَا عَادٍ فَإِنَّ رَبَّكَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee ." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَعَلَى ٱلَّذِينَ هَادُوا۟ حَرَّمْنَا كُلَّ ذِى ظُفُرٍ وَمِنَ ٱلْبَقَرِ وَٱلْغَنَمِ حَرَّمْنَا عَلَيْهِمْ شُحُومَهُمَآ إِلَّا مَا حَمَلَتْ ظُهُورُهُمَآ أَوِ ٱلْحَوَايَآ أَوْ مَا ٱخْتَلَطَ بِعَظْمٍ ذَٰلِكَ جَزَيْنَٰهُم بِبَغْيِهِمْ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra yahuudoman irratti abbaa qeensaa hunda haraama taasifnee jirra. Sa'aa, busaa'ee (re’eefi hoolaa) irraas cooma isaan lamaanii, isaan irratti haraama taasifnee jirra, waan dugdi isaaniitiifi marrimaan isaanii baatte (malee) yookiin waan lafeetti makame malee. Kana daangaa dabruu isaaniitiif isaanii galata galchine (isaan adabne). Nuti dhugaa dubbatoodha.

See all translations of this verse →

فَإِن كَذَّبُوكَ فَقُل رَّبُّكُمْ ذُو رَحْمَةٍ وَٰسِعَةٍ وَلَا يُرَدُّ بَأْسُهُۥ عَنِ ٱلْقَوْمِ ٱلْمُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo isaan si kijibsiisan "Gooftaan keessan abbaa rahmata bal’aati, adabbiin Isaaa ummata yakkamaa irraa hin deebifamu" jedhiin.

See all translations of this verse →

سَيَقُولُ ٱلَّذِينَ أَشْرَكُوا۟ لَوْ شَآءَ ٱللَّهُ مَآ أَشْرَكْنَا وَلَآ ءَابَآؤُنَا وَلَا حَرَّمْنَا مِن شَىْءٍ كَذَٰلِكَ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ حَتَّىٰ ذَاقُوا۟ بَأْسَنَا قُلْ هَلْ عِندَكُم مِّنْ عِلْمٍ فَتُخْرِجُوهُ لَنَآ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَإِنْ أَنتُمْ إِلَّا تَخْرُصُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turre, Wanta tokkos haraama hin taasifnu turre. Akkasuma warri isaan dura turan hanga adabbii keenya dhandhamanitti kijibsiisan. jedhi "Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanu, Isin kijiboo malee hin taane".

See all translations of this verse →

قُلْ فَلِلَّهِ ٱلْحُجَّةُ ٱلْبَٰلِغَةُ فَلَوْ شَآءَ لَهَدَىٰكُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi "Ragaan guutuun kan Rabbiiti, Inni odoo fedhee, silaa hunda keessan ni qajeelcha ture" .

See all translations of this verse →

قُلْ هَلُمَّ شُهَدَآءَكُمُ ٱلَّذِينَ يَشْهَدُونَ أَنَّ ٱللَّهَ حَرَّمَ هَٰذَا فَإِن شَهِدُوا۟ فَلَا تَشْهَدْ مَعَهُمْ وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَآءَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِٱلْـَٔاخِرَةِ وَهُم بِرَبِّهِمْ يَعْدِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Mee ragoota keessan kan akka Rabbiin waan kana haraama taasise ragaa ba’an fidadhaa, Yoo isaan ragaa ba’an, ati isaan waliin ragaa hin ba’in, Fedha lubbuu warra keeyyattoota keenya kijibsiisanii,hin hordofin, warra Aakhiraatti hin amanneefi isaan (qaamota biraa) Gooftaa isaanii wajjin wal qixxeessan (hin hordofin)"

See all translations of this verse →

قُلْ تَعَالَوْا۟ أَتْلُ مَا حَرَّمَ رَبُّكُمْ عَلَيْكُمْ أَلَّا تُشْرِكُوا۟ بِهِۦ شَيْـًٔا وَبِٱلْوَٰلِدَيْنِ إِحْسَٰنًا وَلَا تَقْتُلُوٓا۟ أَوْلَٰدَكُم مِّنْ إِمْلَٰقٍ نَّحْنُ نَرْزُقُكُمْ وَإِيَّاهُمْ وَلَا تَقْرَبُوا۟ ٱلْفَوَٰحِشَ مَا ظَهَرَ مِنْهَا وَمَا بَطَنَ وَلَا تَقْتُلُوا۟ ٱلنَّفْسَ ٱلَّتِى حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلْحَقِّ ذَٰلِكُمْ وَصَّىٰكُم بِهِۦ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Kottaa! Waan Gooftaan keessan isin irratti haraama godhen isin irratti qara’a: Isatti waa qindeessuu dhiisuu, abbaafi haadhatti tola ooluu, ilmaan keessan beelaaf jecha hin ajjeesinaa, Nutu isiniifi isaanis soora; wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’ee waan dhokate itti hin dhihaatinaa; lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhes haqaan maleetti hin ajjeesinaa, Isa san isa isiniif dhaame akka xiinxaltaniif.

See all translations of this verse →

وَلَا تَقْرَبُوا۟ مَالَ ٱلْيَتِيمِ إِلَّا بِٱلَّتِى هِىَ أَحْسَنُ حَتَّىٰ يَبْلُغَ أَشُدَّهُۥ وَأَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ وَٱلْمِيزَانَ بِٱلْقِسْطِ لَا نُكَلِّفُ نَفْسًا إِلَّا وُسْعَهَا وَإِذَا قُلْتُمْ فَٱعْدِلُوا۟ وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَىٰ وَبِعَهْدِ ٱللَّهِ أَوْفُوا۟ ذَٰلِكُمْ وَصَّىٰكُم بِهِۦ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborQabeenya yatiimaa yoo toltuudhaan ta’e malee hanga inni umrii cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa; safaraafi miizaana haqaan guutaa, Nuti lubbuu tokkos dandeettii isii malee hin dirqisiifnu, yeroo jettan (ragaa kennitan), haqa dalagaa Odoma fira dhihoo ta’ellee. Waadaa Rabbiis guutaa. Kana akka isin yaadattaniif isinii dhaama.

See all translations of this verse →

وَأَنَّ هَٰذَا صِرَٰطِى مُسْتَقِيمًا فَٱتَّبِعُوهُ وَلَا تَتَّبِعُوا۟ ٱلسُّبُلَ فَتَفَرَّقَ بِكُمْ عَن سَبِيلِهِۦ ذَٰلِكُمْ وَصَّىٰكُم بِهِۦ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaa dhaa, isa hordofaa, karaalee (jallinaa) hin hordofinaa Karaa Rabbii irraa isin baasanii, Kana akka isin sodaattaniif isa isiniif dhaama.

See all translations of this verse →

ثُمَّ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَٰبَ تَمَامًا عَلَى ٱلَّذِىٓ أَحْسَنَ وَتَفْصِيلًا لِّكُلِّ شَىْءٍ وَهُدًى وَرَحْمَةً لَّعَلَّهُم بِلِقَآءِ رَبِّهِمْ يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborEegasii muusaaf kitaaba kennine Isaan toltuu hojjatan irratti (ni’imaa keenya) guutuuf, waan hunda addeessuuf, qajeelfamaafi rahmata gochuuf, akka isaan qunnamtii Gooftaa isaanitti amananiif .

See all translations of this verse →

وَهَٰذَا كِتَٰبٌ أَنزَلْنَٰهُ مُبَارَكٌ فَٱتَّبِعُوهُ وَٱتَّقُوا۟ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedha, Kanaafuu isa hordofaa, (Rabbiin) sodaadhaa, Akka rahmanni isiniif godhamu.

See all translations of this verse →

أَن تَقُولُوٓا۟ إِنَّمَآ أُنزِلَ ٱلْكِتَٰبُ عَلَىٰ طَآئِفَتَيْنِ مِن قَبْلِنَا وَإِن كُنَّا عَن دِرَاسَتِهِمْ لَغَٰفِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka isin hin jenneefi (Arabni amantii hin qabne) "kitaabichi kan buufame garee lamaan nu duraa irratti, nuti qo’annoowwan isaanii irraa wallaaloodha" .

See all translations of this verse →

أَوْ تَقُولُوا۟ لَوْ أَنَّآ أُنزِلَ عَلَيْنَا ٱلْكِتَٰبُ لَكُنَّآ أَهْدَىٰ مِنْهُمْ فَقَدْ جَآءَكُم بَيِّنَةٌ مِّن رَّبِّكُمْ وَهُدًى وَرَحْمَةٌ فَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّن كَذَّبَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَصَدَفَ عَنْهَا سَنَجْزِى ٱلَّذِينَ يَصْدِفُونَ عَنْ ءَايَٰتِنَا سُوٓءَ ٱلْعَذَابِ بِمَا كَانُوا۟ يَصْدِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin akka isin hinjenneefi "nuti odoo kitaabni nurratti buufamee dhugumatti silaa isaan (yahuudotaafi kiristaanota) caalaa qajeella turre" (hin janneefi), Dhugumatti, ragaan ifa ta’e (Qur’aanni), qajeelfamaafi rahmanni Gooftaa keessan irraa isiniif dhufeera. Nama keeyyattoota Rabbii kijibsiiseefi ishee irraa gara gale caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti warra keeyyattoota keenya irraa gara galan sababaa isaan gara galaa turaniif adabbii hamaa isaanii galata galchina (adabna)..

See all translations of this verse →

هَلْ يَنظُرُونَ إِلَّآ أَن تَأْتِيَهُمُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ أَوْ يَأْتِىَ رَبُّكَ أَوْ يَأْتِىَ بَعْضُ ءَايَٰتِ رَبِّكَ يَوْمَ يَأْتِى بَعْضُ ءَايَٰتِ رَبِّكَ لَا يَنفَعُ نَفْسًا إِيمَٰنُهَا لَمْ تَكُنْ ءَامَنَتْ مِن قَبْلُ أَوْ كَسَبَتْ فِىٓ إِيمَٰنِهَا خَيْرًا قُلِ ٱنتَظِرُوٓا۟ إِنَّا مُنتَظِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila ni eeganii malaaykonni isaanitti dhufuu malee, yookiin Gooftaan kee dhufuu, yookiin gariin mallattoolee Gooftaa keetii dhufuu (malee). Guyyaa gariin mallattoolee Gooftaa keetii dhufu lubbuu tokko iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu tan san dura hin amanin, yookiin iimaana ishee keessatti toltuu hin hojjatin,"Isin eegaa; Nuti eegoo dha" jedhiin.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ فَرَّقُوا۟ دِينَهُمْ وَكَانُوا۟ شِيَعًا لَّسْتَ مِنْهُمْ فِى شَىْءٍ إِنَّمَآ أَمْرُهُمْ إِلَى ٱللَّهِ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَفْعَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, warri amantii isaanii qoqqoodaniifi garee garee ta'an, ati waan tokko keessattillee isaan irraayii miti, Dhimmi isaanii gara Rabbiiti, ergasii Inni waan isaan dalagaa turan (hunda) isaanitti hima.

See all translations of this verse →

مَن جَآءَ بِٱلْحَسَنَةِ فَلَهُۥ عَشْرُ أَمْثَالِهَا وَمَن جَآءَ بِٱلسَّيِّئَةِ فَلَا يُجْزَىٰٓ إِلَّا مِثْلَهَا وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jira. Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin galateeffamu, Isaan hin miidhamanu.

See all translations of this verse →

قُلْ إِنَّنِى هَدَىٰنِى رَبِّىٓ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ دِينًا قِيَمًا مِّلَّةَ إِبْرَٰهِيمَ حَنِيفًا وَمَا كَانَ مِنَ ٱلْمُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi "Dhugumatti, ani Gooftaan kiyya na qajeelchee jira gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘haniifa’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti, Inni mushrikoota irraa hin turre".

See all translations of this verse →

قُلْ إِنَّ صَلَاتِى وَنُسُكِى وَمَحْيَاىَ وَمَمَاتِى لِلَّهِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.

See all translations of this verse →

لَا شَرِيكَ لَهُۥ وَبِذَٰلِكَ أُمِرْتُ وَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلْمُسْلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborShariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootati."

See all translations of this verse →

قُلْ أَغَيْرَ ٱللَّهِ أَبْغِى رَبًّا وَهُوَ رَبُّ كُلِّ شَىْءٍ وَلَا تَكْسِبُ كُلُّ نَفْسٍ إِلَّا عَلَيْهَا وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُم مَّرْجِعُكُمْ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: "Sila ani Rabbiin ala Gooftaa biraa barbaadaa odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu. (Lubbuun) ba’aa (badii) baadhattu takka ba’aa tan biraa hin baadhattu, Ergasii gara Gooftaa keessaniiti deebiin keessan, Wantoota isin isa keessatti wal dhabaa turtan (hunda) isinitti hima."

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى جَعَلَكُمْ خَلَٰٓئِفَ ٱلْأَرْضِ وَرَفَعَ بَعْضَكُمْ فَوْقَ بَعْضٍ دَرَجَٰتٍ لِّيَبْلُوَكُمْ فِى مَآ ءَاتَىٰكُمْ إِنَّ رَبَّكَ سَرِيعُ ٱلْعِقَابِ وَإِنَّهُۥ لَغَفُورٌ رَّحِيمٌۢ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin Isa dachii keessatti bakka bu’oo isin godhe; sadarkaa keessatti garii keessan garii irra ol fuudhe isin qormaatuuf jecha waan isinii kenne keessatti, Dhugumatti, Gooftaan kee daddafsiisaa adabbiiti; ammas Inni araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70