أَلَهُمْ أَرْجُلٌ يَمْشُونَ بِهَآ أَمْ لَهُمْ أَيْدٍ يَبْطِشُونَ بِهَآ أَمْ لَهُمْ أَعْيُنٌ يُبْصِرُونَ بِهَآ أَمْ لَهُمْ ءَاذَانٌ يَسْمَعُونَ بِهَا قُلِ ٱدْعُوا۟ شُرَكَآءَكُمْ ثُمَّ كِيدُونِ فَلَا تُنظِرُونِ
Oromo Translation - Gali AbaborSila isaaniif miiloowwantu tahee kan isiidhaan deeman? moo isaaniif harkoowwantu taheekan isiidhaan qabatan? moo isaaniif ijoowwantu kan isiidhaan argan? moo isaaniif gurroowwantu tahee kan isiidhaan dhagayan? jedhi " shariikota keessan (warra Rabbii waliin gabbartan) waamadhaa, Ergasii tooftaa natti baasaa, Yeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu).