وَإِذْ أَخَذَ رَبُّكَ مِنۢ بَنِىٓ ءَادَمَ مِن ظُهُورِهِمْ ذُرِّيَّتَهُمْ وَأَشْهَدَهُمْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ أَلَسْتُ بِرَبِّكُمْ قَالُوا۟ بَلَىٰ شَهِدْنَآ أَن تَقُولُوا۟ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ إِنَّا كُنَّا عَنْ هَٰذَا غَٰفِلِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu] "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jecheen, Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, Kunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.