Home › Surahs › Surah Fussilat
Surah Fussilat فصلت
54 verses · Mecca · revelation order 61
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ حمٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Haa Miim.
See all translations of this verse →
تَنزِيلٌ مِّنَ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor (Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha.
See all translations of this verse →
كِتَٰبٌ فُصِّلَتْ ءَايَٰتُهُۥ قُرْءَانًا عَرَبِيًّا لِّقَوْمٍ يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaaba keeyyattoonni isaa adda baafamteedha dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, namoota akeekkataiif.
See all translations of this verse →
بَشِيرًا وَنَذِيرًا فَأَعْرَضَ أَكْثَرُهُمْ فَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galan. Isaan hin dhagayan.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ قُلُوبُنَا فِىٓ أَكِنَّةٍ مِّمَّا تَدْعُونَآ إِلَيْهِ وَفِىٓ ءَاذَانِنَا وَقْرٌ وَمِنۢ بَيْنِنَا وَبَيْنِكَ حِجَابٌ فَٱعْمَلْ إِنَّنَا عَٰمِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhan: “onneewwan teenya haguuggaa keessa jirti waan isin itti nu waamtan irraa. Gurroowan keenya keessa duudummaatu jira. Gidduu keenyaafi gidduu kee haguuggiitu jira. Ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagoodha.
See all translations of this verse →
قُلْ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ يُوحَىٰٓ إِلَىَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ فَٱسْتَقِيمُوٓا۟ إِلَيْهِ وَٱسْتَغْفِرُوهُ وَوَيْلٌ لِّلْمُشْرِكِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: “ani namuma fakkaataa keessaniiti; gara kiyyatti beeksisaatu godhama (akkana jechuudhaan) ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa kadhadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira".
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ لَا يُؤْتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَهُم بِٱلْـَٔاخِرَةِ هُمْ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhiratti kafaraniidha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii, toltuuwwan hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira.
See all translations of this verse →
قُلْ أَئِنَّكُمْ لَتَكْفُرُونَ بِٱلَّذِى خَلَقَ ٱلْأَرْضَ فِى يَوْمَيْنِ وَتَجْعَلُونَ لَهُۥٓ أَندَادًا ذَٰلِكَ رَبُّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaalee Isaaf gootanii? Sun Gooftaa aalamootaati.
See all translations of this verse →
وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِىَ مِن فَوْقِهَا وَبَٰرَكَ فِيهَا وَقَدَّرَ فِيهَآ أَقْوَٰتَهَا فِىٓ أَرْبَعَةِ أَيَّامٍ سَوَآءً لِّلسَّآئِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessatti barakaa godhe. Ishee keessatti soora ishee murteesse guyyuma afur keessatti. kadhattootaaf qixa haala taheen.
See all translations of this verse →
ثُمَّ ٱسْتَوَىٰٓ إِلَى ٱلسَّمَآءِ وَهِىَ دُخَانٌ فَقَالَ لَهَا وَلِلْأَرْضِ ٱئْتِيَا طَوْعًا أَوْ كَرْهًا قَالَتَآ أَتَيْنَا طَآئِعِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii gara samii ol ta’e, haala isheen aara taatee jirtuun. isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedhe. Isaanis “jaalannee dhufne” jedhan.
See all translations of this verse →
فَقَضَىٰهُنَّ سَبْعَ سَمَٰوَاتٍ فِى يَوْمَيْنِ وَأَوْحَىٰ فِى كُلِّ سَمَآءٍ أَمْرَهَا وَزَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنْيَا بِمَصَٰبِيحَ وَحِفْظًا ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ ٱلْعَزِيزِ ٱلْعَلِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Samii torba godhee isheewwan xumuree Guyyaa lama keessatti. samii hunda keessatti, dhimma ishee beeksisa itti godhe. Samii addunyaas ifaadhaaleen (urjiileen) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine). Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati.
See all translations of this verse →
فَإِنْ أَعْرَضُوا۟ فَقُلْ أَنذَرْتُكُمْ صَٰعِقَةً مِّثْلَ صَٰعِقَةِ عَادٍ وَثَمُودَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan gara galan “ani isin sodaachiseera iyyansa (hamaa), akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin” jedhiin.
See all translations of this verse →
إِذْ جَآءَتْهُمُ ٱلرُّسُلُ مِنۢ بَيْنِ أَيْدِيهِمْ وَمِنْ خَلْفِهِمْ أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّا ٱللَّهَ قَالُوا۟ لَوْ شَآءَ رَبُّنَا لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةً فَإِنَّا بِمَآ أُرْسِلْتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; Nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise).
See all translations of this verse →
فَأَمَّا عَادٌ فَٱسْتَكْبَرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ بِغَيْرِ ٱلْحَقِّ وَقَالُوا۟ مَنْ أَشَدُّ مِنَّا قُوَّةً أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِى خَلَقَهُمْ هُوَ أَشَدُّ مِنْهُمْ قُوَّةً وَكَانُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا يَجْحَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Aad immoo dachii keessatti haqaan malee boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhan. Sila Rabbiin, Inni isaan uume sun inni humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormaa turan.
See all translations of this verse →
فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِىٓ أَيَّامٍ نَّحِسَاتٍ لِّنُذِيقَهُمْ عَذَابَ ٱلْخِزْىِ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَلَعَذَابُ ٱلْـَٔاخِرَةِ أَخْزَىٰ وَهُمْ لَا يُنصَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine, Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha. (Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadha. Isaan hin tumsamanu.
See all translations of this verse →
وَأَمَّا ثَمُودُ فَهَدَيْنَٰهُمْ فَٱسْتَحَبُّوا۟ ٱلْعَمَىٰ عَلَى ٱلْهُدَىٰ فَأَخَذَتْهُمْ صَٰعِقَةُ ٱلْعَذَابِ ٱلْهُونِ بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; duuti adabbii salphisaa isaan qabatte waan isaan hojjataa turaniif .
See all translations of this verse →
وَنَجَّيْنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَكَانُوا۟ يَتَّقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii, Rabbiin sodaatoo tahan nagaya baafne.
See all translations of this verse →
وَيَوْمَ يُحْشَرُ أَعْدَآءُ ٱللَّهِ إِلَى ٱلنَّارِ فَهُمْ يُوزَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii isaan ittifaman san [yaadadhu].
See all translations of this verse →
حَتَّىٰٓ إِذَا مَا جَآءُوهَا شَهِدَ عَلَيْهِمْ سَمْعُهُمْ وَأَبْصَٰرُهُمْ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuuwwan isaanitiifi gogaaleen isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ لِجُلُودِهِمْ لِمَ شَهِدتُّمْ عَلَيْنَا قَالُوٓا۟ أَنطَقَنَا ٱللَّهُ ٱلَّذِىٓ أَنطَقَ كُلَّ شَىْءٍ وَهُوَ خَلَقَكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gogaalee isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan. [Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiisetu nu dubbachiise, inni kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtan.”
See all translations of this verse →
وَمَا كُنتُمْ تَسْتَتِرُونَ أَن يَشْهَدَ عَلَيْكُمْ سَمْعُكُمْ وَلَآ أَبْصَٰرُكُمْ وَلَا جُلُودُكُمْ وَلَٰكِن ظَنَنتُمْ أَنَّ ٱللَّهَ لَا يَعْلَمُ كَثِيرًا مِّمَّا تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isin kan of dhoksitan hin taane dhageettiin keessan, agartuuleen keessaniifi gogaaleen keessan ragaa isin irratti ba’uurraa. Haa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii hinbeekuu yaaddan. {1}
See all translations of this verse →
وَذَٰلِكُمْ ظَنُّكُمُ ٱلَّذِى ظَنَنتُم بِرَبِّكُمْ أَرْدَىٰكُمْ فَأَصْبَحْتُم مِّنَ ٱلْخَٰسِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidha. Isin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan.
See all translations of this verse →
فَإِن يَصْبِرُوا۟ فَٱلنَّارُ مَثْوًى لَّهُمْ وَإِن يَسْتَعْتِبُوا۟ فَمَا هُم مِّنَ ٱلْمُعْتَبِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo obsan, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadan, isaan warra ceephefamu irraayii miti.
See all translations of this verse →
وَقَيَّضْنَا لَهُمْ قُرَنَآءَ فَزَيَّنُوا۟ لَهُم مَّا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَحَقَّ عَلَيْهِمُ ٱلْقَوْلُ فِىٓ أُمَمٍ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِم مِّنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ خَٰسِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechan. Jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, Isaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru.
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَا تَسْمَعُوا۟ لِهَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ وَٱلْغَوْا۟ فِيهِ لَعَلَّكُمْ تَغْلِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa akka injifattaniif ” jedhan.
See all translations of this verse →
فَلَنُذِيقَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ عَذَابًا شَدِيدًا وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَسْوَأَ ٱلَّذِى كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna. Dhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis (adabaan) isaanii galata galchina.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ جَزَآءُ أَعْدَآءِ ٱللَّهِ ٱلنَّارُ لَهُمْ فِيهَا دَارُ ٱلْخُلْدِ جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا يَجْحَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefi. Isaaniif ishee keessa mana jireenya turaatu jira. Waan keeyyattoota keenya mormaa turaniif galata galfaman.
See all translations of this verse →
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ رَبَّنَآ أَرِنَا ٱلَّذَيْنِ أَضَلَّانَا مِنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ نَجْعَلْهُمَا تَحْتَ أَقْدَامِنَا لِيَكُونَا مِنَ ٱلْأَسْفَلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran nijedhan “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; faana keenya jala isaan goona, akka warra jalaa keessa irraa ta’aniif” (jedhan.)
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُوا۟ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسْتَقَٰمُوا۟ تَتَنَزَّلُ عَلَيْهِمُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ أَلَّا تَخَافُوا۟ وَلَا تَحْزَنُوا۟ وَأَبْشِرُوا۟ بِٱلْجَنَّةِ ٱلَّتِى كُنتُمْ تُوعَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. (isaaniin jetti).
See all translations of this verse →
نَحْنُ أَوْلِيَآؤُكُمْ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَفِى ٱلْـَٔاخِرَةِ وَلَكُمْ فِيهَا مَا تَشْتَهِىٓ أَنفُسُكُمْ وَلَكُمْ فِيهَا مَا تَدَّعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuuleenn teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.
See all translations of this verse →
نُزُلًا مِّنْ غَفُورٍ رَّحِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu).
See all translations of this verse →
وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِّمَّن دَعَآ إِلَى ٱللَّهِ وَعَمِلَ صَٰلِحًا وَقَالَ إِنَّنِى مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni jecha bareedu eenyu Nama gara Rabbiitti waame caalaa? kan hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe.
See all translations of this verse →
وَلَا تَسْتَوِى ٱلْحَسَنَةُ وَلَا ٱلسَّيِّئَةُ ٱدْفَعْ بِٱلَّتِى هِىَ أَحْسَنُ فَإِذَا ٱلَّذِى بَيْنَكَ وَبَيْنَهُۥ عَدَٰوَةٌ كَأَنَّهُۥ وَلِىٌّ حَمِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’an. Ishee toltuu taateen deebisi. Yoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jirtu akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta).
See all translations of this verse →
وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ٱلَّذِينَ صَبَرُوا۟ وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ذُو حَظٍّ عَظِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatu. Abbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu.
See all translations of this verse →
وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيْطَٰنِ نَزْغٌ فَٱسْتَعِذْ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhu. Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
See all translations of this verse →
وَمِنْ ءَايَٰتِهِ ٱلَّيْلُ وَٱلنَّهَارُ وَٱلشَّمْسُ وَٱلْقَمَرُ لَا تَسْجُدُوا۟ لِلشَّمْسِ وَلَا لِلْقَمَرِ وَٱسْجُدُوا۟ لِلَّهِ ٱلَّذِى خَلَقَهُنَّ إِن كُنتُمْ إِيَّاهُ تَعْبُدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mallattoolee Isaa irraayyi Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis, Aduufii baatiifis hin sujuudinaa Rabbii isaan uume qofaaf sagadaa, Yoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan.
See all translations of this verse →
فَإِنِ ٱسْتَكْبَرُوا۟ فَٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ يُسَبِّحُونَ لَهُۥ بِٱلَّيْلِ وَٱلنَّهَارِ وَهُمْ لَا يَسْـَٔمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo boonan, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu.
See all translations of this verse →
وَمِنْ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنَّكَ تَرَى ٱلْأَرْضَ خَٰشِعَةً فَإِذَآ أَنزَلْنَا عَلَيْهَا ٱلْمَآءَ ٱهْتَزَّتْ وَرَبَتْ إِنَّ ٱلَّذِىٓ أَحْيَاهَا لَمُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰٓ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Mallattoolee Isaa irraayi Ati dachii gogduu taate arguun. yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُلْحِدُونَ فِىٓ ءَايَٰتِنَا لَا يَخْفَوْنَ عَلَيْنَآ أَفَمَن يُلْقَىٰ فِى ٱلنَّارِ خَيْرٌ أَم مَّن يَأْتِىٓ ءَامِنًا يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ ٱعْمَلُوا۟ مَا شِئْتُمْ إِنَّهُۥ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa hindhokatan. Sila isa ibidda keessatti darbamu caala moo, isa nagaa ta’ee Guyyaa Qiyaamaa dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِٱلذِّكْرِ لَمَّا جَآءَهُمْ وَإِنَّهُۥ لَكِتَٰبٌ عَزِيزٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran erga inni itti dhufee booda. (nidhabamsiifamu). Inni kitaaba injifataadha.
See all translations of this verse →
لَّا يَأْتِيهِ ٱلْبَٰطِلُ مِنۢ بَيْنِ يَدَيْهِ وَلَا مِنْ خَلْفِهِۦ تَنزِيلٌ مِّنْ حَكِيمٍ حَمِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu.(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.
See all translations of this verse →
مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدْ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبْلِكَ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغْفِرَةٍ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiru. Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati.
See all translations of this verse →
وَلَوْ جَعَلْنَٰهُ قُرْءَانًا أَعْجَمِيًّا لَّقَالُوا۟ لَوْلَا فُصِّلَتْ ءَايَٰتُهُۥٓ ءَا۬عْجَمِىٌّ وَعَرَبِىٌّ قُلْ هُوَ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ هُدًى وَشِفَآءٌ وَٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ فِىٓ ءَاذَانِهِمْ وَقْرٌ وَهُوَ عَلَيْهِمْ عَمًى أُو۟لَٰٓئِكَ يُنَادَوْنَ مِن مَّكَانٍۭ بَعِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin jedhu, akkamitti (Qur'aanni) afaan Ajamiin (ergamaan) Arabaan tahe?” (jedhu turan). (Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qoricha. Isaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jira. Innis isaan irratti jaamummaadha. Isaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَٰبَ فَٱخْتُلِفَ فِيهِ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ لَقُضِىَ بَيْنَهُمْ وَإِنَّهُمْ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُ مُرِيبٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabame. Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama ture. Isaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru.
See all translations of this verse →
مَّنْ عَمِلَ صَٰلِحًا فَلِنَفْسِهِۦ وَمَنْ أَسَآءَ فَعَلَيْهَا وَمَا رَبُّكَ بِظَلَّٰمٍ لِّلْعَبِيدِ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni toltuu hojjate lubbuu isaatiifi. Namni hammaates isimarratti. Gooftaan kee gabroota miidhaa hintaane.
See all translations of this verse →
إِلَيْهِ يُرَدُّ عِلْمُ ٱلسَّاعَةِ وَمَا تَخْرُجُ مِن ثَمَرَٰتٍ مِّنْ أَكْمَامِهَا وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِۦ وَيَوْمَ يُنَادِيهِمْ أَيْنَ شُرَكَآءِى قَالُوٓا۟ ءَاذَنَّٰكَ مَا مِنَّا مِن شَهِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Beekumsi yerottii (Qiyaamaa) garuma Isaatti deebifama. firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessus Beekumsa isaatiin malee. Guyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) si beeksifna nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u hinjiru.”
See all translations of this verse →
وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَدْعُونَ مِن قَبْلُ وَظَنُّوا۟ مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turan isaan irraa bade. Karri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu.
See all translations of this verse →
لَّا يَسْـَٔمُ ٱلْإِنسَٰنُ مِن دُعَآءِ ٱلْخَيْرِ وَإِن مَّسَّهُ ٱلشَّرُّ فَيَـُٔوسٌ قَنُوطٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni toltuu (qabeenya) kadhachuu irraa hin hifatu. Yeroo hamtuun (hiyyummaan) isa tuqe akkaan abdii murataa, mufataa ta’a.
See all translations of this verse →
وَلَئِنْ أَذَقْنَٰهُ رَحْمَةً مِّنَّا مِنۢ بَعْدِ ضَرَّآءَ مَسَّتْهُ لَيَقُولَنَّ هَٰذَا لِى وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةً وَلَئِن رُّجِعْتُ إِلَىٰ رَبِّىٓ إِنَّ لِى عِندَهُۥ لَلْحُسْنَىٰ فَلَنُنَبِّئَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِمَا عَمِلُوا۟ وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنْ عَذَابٍ غَلِيظٍ
Oromo Translation - Gali Ababor (namni) Yoo rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifne erga rakkoon isa tuqee booda nijedha “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira gaariitu naaf jira” (jedha). Dhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjatan isaanitti odeessina, adabbii ulfaataa isaan dhandamsiisiifna.
See all translations of this verse →
وَإِذَآ أَنْعَمْنَا عَلَى ٱلْإِنسَٰنِ أَعْرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ فَذُو دُعَآءٍ عَرِيضٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, (galatoomfachurraa) gara gala cinaacha isaatiin fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a.
See all translations of this verse →
قُلْ أَرَءَيْتُمْ إِن كَانَ مِنْ عِندِ ٱللَّهِ ثُمَّ كَفَرْتُم بِهِۦ مَنْ أَضَلُّ مِمَّنْ هُوَ فِى شِقَاقٍۭ بَعِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru caalaa jallaan eenyu?
See all translations of this verse →
سَنُرِيهِمْ ءَايَٰتِنَا فِى ٱلْـَٔافَاقِ وَفِىٓ أَنفُسِهِمْ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَهُمْ أَنَّهُ ٱلْحَقُّ أَوَلَمْ يَكْفِ بِرَبِّكَ أَنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifna Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti. Inni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu?
See all translations of this verse →
أَلَآ إِنَّهُمْ فِى مِرْيَةٍ مِّن لِّقَآءِ رَبِّهِمْ أَلَآ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَىْءٍ مُّحِيطٌۢ
Oromo Translation - Gali Ababor Mee dhagayaa! isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiru. Dhaga’aa! Inni waan hundaan marsee jira.
See all translations of this verse →
← Surah Al-Ghaafir
Surah Ash-Shura →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.