إِنَّ ٱلَّذِينَ يُلْحِدُونَ فِىٓ ءَايَٰتِنَا لَا يَخْفَوْنَ عَلَيْنَآ أَفَمَن يُلْقَىٰ فِى ٱلنَّارِ خَيْرٌ أَم مَّن يَأْتِىٓ ءَامِنًا يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ ٱعْمَلُوا۟ مَا شِئْتُمْ إِنَّهُۥ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa hindhokatan. Sila isa ibidda keessatti darbamu caala moo, isa nagaa ta’ee Guyyaa Qiyaamaa dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha.