Home › Surahs › Surah Ash-Shura
Surah Ash-Shura الشورى
53 verses · Mecca · revelation order 62
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ حمٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Haa Miim.
See all translations of this verse →
عٓسٓقٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Ayn Siin Qaaf.
See all translations of this verse →
كَذَٰلِكَ يُوحِىٓ إِلَيْكَ وَإِلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِكَ ٱللَّهُ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka kanaan gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha Rabbiin injifataa ogeessa ta’e.
See all translations of this verse →
لَهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَلِىُّ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti samiileefi wanti dachii keessaa hundi kan Isaati. Inni ol ta’aa, guddaadha.
See all translations of this verse →
تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرْنَ مِن فَوْقِهِنَّ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةُ يُسَبِّحُونَ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَيَسْتَغْفِرُونَ لِمَن فِى ٱلْأَرْضِ أَلَآ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Samiileen (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaatti. Maleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessu. warra dachii keessa jiruufis araarama kadhatu. Dhaga’aa! Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ أَوْلِيَآءَ ٱللَّهُ حَفِيظٌ عَلَيْهِمْ وَمَآ أَنتَ عَلَيْهِم بِوَكِيلٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ata. Ati isaan irratti itti gaafatamaa miti.
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ قُرْءَانًا عَرَبِيًّا لِّتُنذِرَ أُمَّ ٱلْقُرَىٰ وَمَنْ حَوْلَهَا وَتُنذِرَ يَوْمَ ٱلْجَمْعِ لَا رَيْبَ فِيهِ فَرِيقٌ فِى ٱلْجَنَّةِ وَفَرِيقٌ فِى ٱلسَّعِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka kanatti Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa goone Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa) fi waarra moggaa ishee sodaachiftuuf, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf. Gariin jannata keessa (seenu); gariin immoo ibidda keessa.
See all translations of this verse →
وَلَوْ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَهُمْ أُمَّةً وَٰحِدَةً وَلَٰكِن يُدْخِلُ مَن يَشَآءُ فِى رَحْمَتِهِۦ وَٱلظَّٰلِمُونَ مَا لَهُم مِّن وَلِىٍّ وَلَا نَصِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galcha. Miidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru.
See all translations of this verse →
أَمِ ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ أَوْلِيَآءَ فَٱللَّهُ هُوَ ٱلْوَلِىُّ وَهُوَ يُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Moo Isaan ala gargaaraawwan taasifatu? Rabbiin Isumatu gargaaraadha. Isumatu du’aa jiraachisa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
See all translations of this verse →
وَمَا ٱخْتَلَفْتُمْ فِيهِ مِن شَىْءٍ فَحُكْمُهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبِّى عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَإِلَيْهِ أُنِيبُ
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti. Inni sun Allaahdha Gooftaa kiyya; Isa irratti irkadhe; garuma Isaattin deebi’a.
See all translations of this verse →
فَاطِرُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ جَعَلَ لَكُم مِّنْ أَنفُسِكُمْ أَزْوَٰجًا وَمِنَ ٱلْأَنْعَٰمِ أَزْوَٰجًا يَذْرَؤُكُمْ فِيهِ لَيْسَ كَمِثْلِهِۦ شَىْءٌ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْبَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor (Inni) uumaa samiifi dachiiti. Lubbuulee teessan irraa qindiiwwaa (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise). kanaan isin baay’isa. Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha.
See all translations of this verse →
لَهُۥ مَقَالِيدُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يَبْسُطُ ٱلرِّزْقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقْدِرُ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Furtuuleen samiileefi dachii isaaf taate. Nama fedheef hiree bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisa. Inni waan hunda beekaadha.
See all translations of this verse →
شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحًا وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِۦٓ إِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓ أَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا۟ فِيهِ كَبُرَ عَلَى ٱلْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِ ٱللَّهُ يَجْتَبِىٓ إِلَيْهِ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ
Oromo Translation - Gali Ababor Amantii irraa karaa isiniif godhe waan Nuuhiif dhaameefi isa gara keetti wahyii goone, waan Ibraahiimiif dhaamne, Muusaafi Iisaaf (dhaamne). [Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa (jechuudha). Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabate gara Isaatti qajeelcha.
See all translations of this verse →
وَمَا تَفَرَّقُوٓا۟ إِلَّا مِنۢ بَعْدِ مَا جَآءَهُمُ ٱلْعِلْمُ بَغْيًۢا بَيْنَهُمْ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى لَّقُضِىَ بَيْنَهُمْ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ أُورِثُوا۟ ٱلْكِتَٰبَ مِنۢ بَعْدِهِمْ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُ مُرِيبٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaane. Odoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a ture. Warri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
See all translations of this verse →
فَلِذَٰلِكَ فَٱدْعُ وَٱسْتَقِمْ كَمَآ أُمِرْتَ وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَآءَهُمْ وَقُلْ ءَامَنتُ بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِن كِتَٰبٍ وَأُمِرْتُ لِأَعْدِلَ بَيْنَكُمُ ٱللَّهُ رَبُّنَا وَرَبُّكُمْ لَنَآ أَعْمَٰلُنَا وَلَكُمْ أَعْمَٰلُكُمْ لَا حُجَّةَ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ ٱللَّهُ يَجْمَعُ بَيْنَنَا وَإِلَيْهِ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Kanaafuu (tokkummaa) (sanatti) waami, Akkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhu. Fedhiilee isaanii hin hordofin “Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera jedhi; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameera. Allaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessani. Nuuf hojiilee keenyatu jira; Isiniifis hojiilee keessantu jira. Gidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiru. Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qaba. Deebiin garuma Isaatti” jedhi.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ يُحَآجُّونَ فِى ٱللَّهِ مِنۢ بَعْدِ مَا ٱسْتُجِيبَ لَهُۥ حُجَّتُهُمْ دَاحِضَةٌ عِندَ رَبِّهِمْ وَعَلَيْهِمْ غَضَبٌ وَلَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri (diin) Rabbii keessatti falman erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudha. Dallansuun (Rabbii) isaan irratti tahaadha; adabbiin cimaanis isaaniif jira
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ ٱلَّذِىٓ أَنزَلَ ٱلْكِتَٰبَ بِٱلْحَقِّ وَٱلْمِيزَانَ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّ ٱلسَّاعَةَ قَرِيبٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedha. Qiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise?!
See all translations of this verse →
يَسْتَعْجِلُ بِهَا ٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِهَا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مُشْفِقُونَ مِنْهَا وَيَعْلَمُونَ أَنَّهَا ٱلْحَقُّ أَلَآ إِنَّ ٱلَّذِينَ يُمَارُونَ فِى ٱلسَّاعَةِ لَفِى ضَلَٰلٍۭ بَعِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarfatu. Isaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beeku. Dhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru.
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ لَطِيفٌۢ بِعِبَادِهِۦ يَرْزُقُ مَن يَشَآءُ وَهُوَ ٱلْقَوِىُّ ٱلْعَزِيزُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaNama fedhes ni sooraInni jabaa injifataadha.
See all translations of this verse →
مَن كَانَ يُرِيدُ حَرْثَ ٱلْـَٔاخِرَةِ نَزِدْ لَهُۥ فِى حَرْثِهِۦ وَمَن كَانَ يُرِيدُ حَرْثَ ٱلدُّنْيَا نُؤْتِهِۦ مِنْهَا وَمَا لَهُۥ فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ مِن نَّصِيبٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballa. Nama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kennina. Aakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru.
See all translations of this verse →
أَمْ لَهُمْ شُرَكَٰٓؤُا۟ شَرَعُوا۟ لَهُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا لَمْ يَأْذَنۢ بِهِ ٱللَّهُ وَلَوْلَا كَلِمَةُ ٱلْفَصْلِ لَقُضِىَ بَيْنَهُمْ وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama ture. Miidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
See all translations of this verse →
تَرَى ٱلظَّٰلِمِينَ مُشْفِقِينَ مِمَّا كَسَبُوا۟ وَهُوَ وَاقِعٌۢ بِهِمْ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فِى رَوْضَاتِ ٱلْجَنَّاتِ لَهُم مَّا يَشَآءُونَ عِندَ رَبِّهِمْ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلْفَضْلُ ٱلْكَبِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argita. Isaan amananii, toltuuwwan hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jiraKun isumatu tola guddaadha
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ ٱلَّذِى يُبَشِّرُ ٱللَّهُ عِبَادَهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ قُل لَّآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ أَجْرًا إِلَّا ٱلْمَوَدَّةَ فِى ٱلْقُرْبَىٰ وَمَن يَقْتَرِفْ حَسَنَةً نَّزِدْ لَهُۥ فِيهَا حُسْنًا إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ شَكُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha“Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhu
Nama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballaRabbiin araaramaa, galateeffataadha
See all translations of this verse →
أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا فَإِن يَشَإِ ٱللَّهُ يَخْتِمْ عَلَىٰ قَلْبِكَ وَيَمْحُ ٱللَّهُ ٱلْبَٰطِلَ وَيُحِقُّ ٱلْحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦٓ إِنَّهُۥ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Moo Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin yoo fedhe onnee kee irratti cufa. Rabbiin dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessa. Inni waan qoma keessa jiru beekaadha.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى يَقْبَلُ ٱلتَّوْبَةَ عَنْ عِبَادِهِۦ وَيَعْفُوا۟ عَنِ ٱلسَّيِّـَٔاتِ وَيَعْلَمُ مَا تَفْعَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuuwwan irra dabruufi kan waan isin dalagdan beekuudha.
See all translations of this verse →
وَيَسْتَجِيبُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَيَزِيدُهُم مِّن فَضْلِهِۦ وَٱلْكَٰفِرُونَ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii toltuuwwan dalaganiif ni owwaata. Tola Isaa irraas isaaniif dabala. Kaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira
See all translations of this verse →
وَلَوْ بَسَطَ ٱللَّهُ ٱلرِّزْقَ لِعِبَادِهِۦ لَبَغَوْا۟ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَٰكِن يُنَزِّلُ بِقَدَرٍ مَّا يَشَآءُ إِنَّهُۥ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرٌۢ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turan. Garuu waan fedhe likkiin buusa. Inni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى يُنَزِّلُ ٱلْغَيْثَ مِنۢ بَعْدِ مَا قَنَطُوا۟ وَيَنشُرُ رَحْمَتَهُۥ وَهُوَ ٱلْوَلِىُّ ٱلْحَمِيدُ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa erga abdii kutatanii, bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuudha. Inni gargaaraa, faarfamaadha.
See all translations of this verse →
وَمِنْ ءَايَٰتِهِۦ خَلْقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَثَّ فِيهِمَا مِن دَآبَّةٍ وَهُوَ عَلَىٰ جَمْعِهِمْ إِذَا يَشَآءُ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Mallattooleewwan isaa irraayyi, Samiilee dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun. yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irratti danda’aadha.
See all translations of this verse →
وَمَآ أَصَٰبَكُم مِّن مُّصِيبَةٍ فَبِمَا كَسَبَتْ أَيْدِيكُمْ وَيَعْفُوا۟ عَن كَثِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ee irraa dhiifama godha.
See all translations of this verse →
وَمَآ أَنتُم بِمُعْجِزِينَ فِى ٱلْأَرْضِ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِن وَلِىٍّ وَلَا نَصِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo miti. Rabbiin ala jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru.
See all translations of this verse →
وَمِنْ ءَايَٰتِهِ ٱلْجَوَارِ فِى ٱلْبَحْرِ كَٱلْأَعْلَٰمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Mallattoolee isaa irraayi Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’an.
See all translations of this verse →
إِن يَشَأْ يُسْكِنِ ٱلرِّيحَ فَيَظْلَلْنَ رَوَاكِدَ عَلَىٰ ظَهْرِهِۦٓ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turan. Kana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
See all translations of this verse →
أَوْ يُوبِقْهُنَّ بِمَا كَسَبُوا۟ وَيَعْفُ عَن كَثِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ee irraa dhiifama godha.
See all translations of this verse →
وَيَعْلَمَ ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِىٓ ءَايَٰتِنَا مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka beekaniif Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakki itti goran isaaniif hinjiru.
See all translations of this verse →
فَمَآ أُوتِيتُم مِّن شَىْءٍ فَمَتَٰعُ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَمَا عِندَ ٱللَّهِ خَيْرٌ وَأَبْقَىٰ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Wahirraa wanti isin kennamtan kamiyyuu qananii jireenya addunyaati. Waan Rabbiin bira jiruutu caalaafi hafaadha isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif .
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ يَجْتَنِبُونَ كَبَٰٓئِرَ ٱلْإِثْمِ وَٱلْفَوَٰحِشَ وَإِذَا مَا غَضِبُوا۟ هُمْ يَغْفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ ٱسْتَجَابُوا۟ لِرَبِّهِمْ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَمْرُهُمْ شُورَىٰ بَيْنَهُمْ وَمِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ يُنفِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraa arjoomaniidha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَصَابَهُمُ ٱلْبَغْىُ هُمْ يَنتَصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
See all translations of this verse →
وَجَزَٰٓؤُا۟ سَيِّئَةٍ سَيِّئَةٌ مِّثْلُهَا فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُۥ عَلَى ٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Galanni hamtuu hamtuma akka isheeti. Namni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jira. Inni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
See all translations of this verse →
وَلَمَنِ ٱنتَصَرَ بَعْدَ ظُلْمِهِۦ فَأُو۟لَٰٓئِكَ مَا عَلَيْهِم مِّن سَبِيلٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni erga miidhamee booda haaloo bahate, isaan sun diliin isaan irra hin jiru.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا ٱلسَّبِيلُ عَلَى ٱلَّذِينَ يَظْلِمُونَ ٱلنَّاسَ وَيَبْغُونَ فِى ٱلْأَرْضِ بِغَيْرِ ٱلْحَقِّ أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irratti. Isaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
وَلَمَن صَبَرَ وَغَفَرَ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمِنْ عَزْمِ ٱلْأُمُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni obsee irra dabre, sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
See all translations of this verse →
وَمَن يُضْلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن وَلِىٍّ مِّنۢ بَعْدِهِۦ وَتَرَى ٱلظَّٰلِمِينَ لَمَّا رَأَوُا۟ ٱلْعَذَابَ يَقُولُونَ هَلْ إِلَىٰ مَرَدٍّ مِّن سَبِيلٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiru. Miidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan (gaabbanii) kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
See all translations of this verse →
وَتَرَىٰهُمْ يُعْرَضُونَ عَلَيْهَا خَٰشِعِينَ مِنَ ٱلذُّلِّ يَنظُرُونَ مِن طَرْفٍ خَفِىٍّ وَقَالَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِنَّ ٱلْخَٰسِرِينَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ وَأَهْلِيهِمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ أَلَآ إِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ فِى عَذَابٍ مُّقِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argita Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa. Isaan amanan nijedhan “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatiilee isaanii hoonga’aniidha” jedhu. Dhagayaa! Miidhaa hojjattoonni adabbii yeroo hundaa keessa jiraatu.
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ لَهُم مِّنْ أَوْلِيَآءَ يَنصُرُونَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ وَمَن يُضْلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن سَبِيلٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiru. Nama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru.
See all translations of this verse →
ٱسْتَجِيبُوا۟ لِرَبِّكُم مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِىَ يَوْمٌ لَّا مَرَدَّ لَهُۥ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَكُم مِّن مَّلْجَإٍ يَوْمَئِذٍ وَمَا لَكُم مِّن نَّكِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbii keessaniif owwaadhaa Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura. Guyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiru. Mormiinis isiniif hin jiru.
See all translations of this verse →
فَإِنْ أَعْرَضُوا۟ فَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ عَلَيْهِمْ حَفِيظًا إِنْ عَلَيْكَ إِلَّا ٱلْبَلَٰغُ وَإِنَّآ إِذَآ أَذَقْنَا ٱلْإِنسَٰنَ مِنَّا رَحْمَةً فَرِحَ بِهَا وَإِن تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌۢ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ فَإِنَّ ٱلْإِنسَٰنَ كَفُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo (dhugaa irraa) garagalan, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergine. Ergaa geessuu malee homaa sirra hinjiru. Nuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne, isheetti gammada. Yoo hamtuun waan harkoowwan isaanii hojjatteef isaan tuqxe (abdii muratan), namni akkaan kafaraadha.
See all translations of this verse →
لِّلَّهِ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يَخْلُقُ مَا يَشَآءُ يَهَبُ لِمَن يَشَآءُ إِنَٰثًا وَيَهَبُ لِمَن يَشَآءُ ٱلذُّكُورَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiirota kenna.
See all translations of this verse →
أَوْ يُزَوِّجُهُمْ ذُكْرَانًا وَإِنَٰثًا وَيَجْعَلُ مَن يَشَآءُ عَقِيمًا إِنَّهُۥ عَلِيمٌ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aadha.
See all translations of this verse →
وَمَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُكَلِّمَهُ ٱللَّهُ إِلَّا وَحْيًا أَوْ مِن وَرَآئِ حِجَابٍ أَوْ يُرْسِلَ رَسُولًا فَيُوحِىَ بِإِذْنِهِۦ مَا يَشَآءُ إِنَّهُۥ عَلِىٌّ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Namaaf hintaane Rabbiin isa dubbisuun yoo wahyiin tahe malee, yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee. Inni ol aanaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ رُوحًا مِّنْ أَمْرِنَا مَا كُنتَ تَدْرِى مَا ٱلْكِتَٰبُ وَلَا ٱلْإِيمَٰنُ وَلَٰكِن جَعَلْنَٰهُ نُورًا نَّهْدِى بِهِۦ مَن نَّشَآءُ مِنْ عِبَادِنَا وَإِنَّكَ لَتَهْدِىٓ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Akkuma kana (Qur’aana) ruuhii ajaja keenya irraa ta’e gara keetti wahyii goone. Kitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turre. Garuu ifaa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa goone. Ati gara karaa qajeelaatti ni qajeelchita.
See all translations of this verse →
صِرَٰطِ ٱللَّهِ ٱلَّذِى لَهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ أَلَآ إِلَى ٱللَّهِ تَصِيرُ ٱلْأُمُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Karaa Rabbii wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita). Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a.
See all translations of this verse →
← Surah Fussilat
Surah Az-Zukhruf →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.