Home › Surahs › Surah Nooh
Surah Nooh نوح
28 verses · Mecca · revelation order 71
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ إِنَّآ أَرْسَلْنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوْمِهِۦٓ أَنْ أَنذِرْ قَوْمَكَ مِن قَبْلِ أَن يَأْتِيَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun.
See all translations of this verse →
قَالَ يَٰقَوْمِ إِنِّى لَكُمْ نَذِيرٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
See all translations of this verse →
أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ وَٱتَّقُوهُ وَأَطِيعُونِ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.
See all translations of this verse →
يَغْفِرْ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمْ وَيُؤَخِّرْكُمْ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى إِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ إِذَا جَآءَ لَا يُؤَخَّرُ لَوْ كُنتُمْ تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor "Diliilee keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisa. Beellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamu. Odoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).
See all translations of this verse →
قَالَ رَبِّ إِنِّى دَعَوْتُ قَوْمِى لَيْلًا وَنَهَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.
See all translations of this verse →
فَلَمْ يَزِدْهُمْ دُعَآءِىٓ إِلَّا فِرَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe.
See all translations of this verse →
وَإِنِّى كُلَّمَا دَعَوْتُهُمْ لِتَغْفِرَ لَهُمْ جَعَلُوٓا۟ أَصَٰبِعَهُمْ فِىٓ ءَاذَانِهِمْ وَٱسْتَغْشَوْا۟ ثِيَابَهُمْ وَأَصَرُّوا۟ وَٱسْتَكْبَرُوا۟ ٱسْتِكْبَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurroowwan isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan.
See all translations of this verse →
ثُمَّ إِنِّى دَعَوْتُهُمْ جِهَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii ani lallabeen isaan waame.
See all translations of this verse →
ثُمَّ إِنِّىٓ أَعْلَنتُ لَهُمْ وَأَسْرَرْتُ لَهُمْ إِسْرَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase.
See all translations of this verse →
فَقُلْتُ ٱسْتَغْفِرُوا۟ رَبَّكُمْ إِنَّهُۥ كَانَ غَفَّارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nin jedhe ‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; Inni Akkaan Araaramaadhan’.
See all translations of this verse →
يُرْسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيْكُم مِّدْرَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga. (rooba guddaa isiniif roobsa).
See all translations of this verse →
وَيُمْدِدْكُم بِأَمْوَٰلٍ وَبَنِينَ وَيَجْعَل لَّكُمْ جَنَّٰتٍ وَيَجْعَل لَّكُمْ أَنْهَٰرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha laggeenis isiniif taasisa.
See all translations of this verse →
مَّا لَكُمْ لَا تَرْجُونَ لِلَّهِ وَقَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?
See all translations of this verse →
وَقَدْ خَلَقَكُمْ أَطْوَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَوْا۟ كَيْفَ خَلَقَ ٱللَّهُ سَبْعَ سَمَٰوَٰتٍ طِبَاقًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isin hin arginee akkamitti Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti akka uume ?
See all translations of this verse →
وَجَعَلَ ٱلْقَمَرَ فِيهِنَّ نُورًا وَجَعَلَ ٱلشَّمْسَ سِرَاجًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan keessatti ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.
See all translations of this verse →
وَٱللَّهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلْأَرْضِ نَبَاتًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.
See all translations of this verse →
ثُمَّ يُعِيدُكُمْ فِيهَا وَيُخْرِجُكُمْ إِخْرَاجًا
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii ishee keessatti isin deebisa, baasuus isin baasa.
See all translations of this verse →
وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُمُ ٱلْأَرْضَ بِسَاطًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin dachii afata isiniif godhe.
See all translations of this verse →
لِّتَسْلُكُوا۟ مِنْهَا سُبُلًا فِجَاجًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.
See all translations of this verse →
قَالَ نُوحٌ رَّبِّ إِنَّهُمْ عَصَوْنِى وَٱتَّبَعُوا۟ مَن لَّمْ يَزِدْهُ مَالُهُۥ وَوَلَدُهُۥٓ إِلَّا خَسَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.
See all translations of this verse →
وَمَكَرُوا۟ مَكْرًا كُبَّارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Shira gurguddaa shiran.
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ لَا تَذَرُنَّ ءَالِهَتَكُمْ وَلَا تَذَرُنَّ وَدًّا وَلَا سُوَاعًا وَلَا يَغُوثَ وَيَعُوقَ وَنَسْرًا
Oromo Translation - Gali Ababor ‘Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.
See all translations of this verse →
وَقَدْ أَضَلُّوا۟ كَثِيرًا وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا ضَلَٰلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiru. Miidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
See all translations of this verse →
مِّمَّا خَطِيٓـَٰٔتِهِمْ أُغْرِقُوا۟ فَأُدْخِلُوا۟ نَارًا فَلَمْ يَجِدُوا۟ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ أَنصَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifaman, ibidda seensifaman. Rabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.
See all translations of this verse →
وَقَالَ نُوحٌ رَّبِّ لَا تَذَرْ عَلَى ٱلْأَرْضِ مِنَ ٱلْكَٰفِرِينَ دَيَّارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.
See all translations of this verse →
إِنَّكَ إِن تَذَرْهُمْ يُضِلُّوا۟ عِبَادَكَ وَلَا يَلِدُوٓا۟ إِلَّا فَاجِرًا كَفَّارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).
See all translations of this verse →
رَّبِّ ٱغْفِرْ لِى وَلِوَٰلِدَىَّ وَلِمَن دَخَلَ بَيْتِىَ مُؤْمِنًا وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا تَبَارًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaa kiyya! Anaaf, araarami abbaafi haadha kiyyaafis, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneefis, mu'uminootaafi mu'umintittiifis (araarami). Kaafirootaaf badii malee hin dabalin.”
See all translations of this verse →
← Surah Al-Ma'aarij
Surah Al-Jinn →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.