caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Ma'aarij المعارج

44 verses · Mecca · revelation order 79

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ سَأَلَ سَآئِلٌۢ بِعَذَابٍ وَاقِعٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAdaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan kadhate.

See all translations of this verse →

لِّلْكَٰفِرِينَ لَيْسَ لَهُۥ دَافِعٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.

See all translations of this verse →

مِّنَ ٱللَّهِ ذِى ٱلْمَعَارِجِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama).

See all translations of this verse →

تَعْرُجُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ وَٱلرُّوحُ إِلَيْهِ فِى يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُۥ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ

Oromo Translation - Gali AbaborMalaykonniifi Jibiriil gara Isaa ol koru guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti.

See all translations of this verse →

فَٱصْبِرْ صَبْرًا جَمِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborObsa gaarii obsi.

See all translations of this verse →

إِنَّهُمْ يَرَوْنَهُۥ بَعِيدًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.

See all translations of this verse →

وَنَرَىٰهُ قَرِيبًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti immoo dhihootti isa argina.

See all translations of this verse →

يَوْمَ تَكُونُ ٱلسَّمَآءُ كَٱلْمُهْلِ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.

See all translations of this verse →

وَتَكُونُ ٱلْجِبَالُ كَٱلْعِهْنِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.

See all translations of this verse →

وَلَا يَسْـَٔلُ حَمِيمٌ حَمِيمًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Guyyaa) firri fira hin gaafanne.

See all translations of this verse →

يُبَصَّرُونَهُمْ يَوَدُّ ٱلْمُجْرِمُ لَوْ يَفْتَدِى مِنْ عَذَابِ يَوْمِئِذٍۭ بِبَنِيهِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan agarsiifamu Namni dilaawaan odoo ilmaan isaatiin adabbii guyyaa sanii uffuree jaalata.

See all translations of this verse →

وَصَٰحِبَتِهِۦ وَأَخِيهِ

Oromo Translation - Gali AbaborNiitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);

See all translations of this verse →

وَفَصِيلَتِهِ ٱلَّتِى تُـْٔوِيهِ

Oromo Translation - Gali AbaborFiroota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;

See all translations of this verse →

وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا ثُمَّ يُنجِيهِ

Oromo Translation - Gali AbaborNama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).

See all translations of this verse →

كَلَّآ إِنَّهَا لَظَىٰ

Oromo Translation - Gali AbaborDhorgamaa! isheen lazaadha (maqaa hulaa ibiddaati).

See all translations of this verse →

نَزَّاعَةً لِّلشَّوَىٰ

Oromo Translation - Gali AbaborBuqqiftuu gogaa sammuuti.

See all translations of this verse →

تَدْعُوا۟ مَنْ أَدْبَرَ وَتَوَلَّىٰ

Oromo Translation - Gali AbaborNama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.

See all translations of this verse →

وَجَمَعَ فَأَوْعَىٰٓ

Oromo Translation - Gali Ababor(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti).

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْإِنسَٰنَ خُلِقَ هَلُوعًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.

See all translations of this verse →

إِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ جَزُوعًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo hamtuun isa tuqe mufataa (gammachuu dhaba).

See all translations of this verse →

وَإِذَا مَسَّهُ ٱلْخَيْرُ مَنُوعًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.

See all translations of this verse →

إِلَّا ٱلْمُصَلِّينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra sagadan malee;

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ دَآئِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ فِىٓ أَمْوَٰلِهِمْ حَقٌّ مَّعْلُومٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,

See all translations of this verse →

لِّلسَّآئِلِ وَٱلْمَحْرُومِ

Oromo Translation - Gali AbaborHiyyeessa Kadhataafi kan hin kadhanneef,

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يُصَدِّقُونَ بِيَوْمِ ٱلدِّينِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ هُم مِّنْ عَذَابِ رَبِّهِم مُّشْفِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).

See all translations of this verse →

إِنَّ عَذَابَ رَبِّهِمْ غَيْرُ مَأْمُونٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAdabbiin Gooftaa isaanii (nama tuquu dhabuun isaa) amanamaa miti.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ هُمْ لِفُرُوجِهِمْ حَٰفِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan qaama saalaa isaanii tiiksan,

See all translations of this verse →

إِلَّا عَلَىٰٓ أَزْوَٰجِهِمْ أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُهُمْ فَإِنَّهُمْ غَيْرُ مَلُومِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNiitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; (kanarratti) isaan komatamoo miti.

See all translations of this verse →

فَمَنِ ٱبْتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْعَادُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni sanaan ala (fedhii guutachuu) barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ هُمْ لِأَمَٰنَٰتِهِمْ وَعَهْدِهِمْ رَٰعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAmmas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ هُم بِشَهَٰدَٰتِهِمْ قَآئِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ يُحَافِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan salaata isaanii irratti tiikfatan.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ فِى جَنَّٰتٍ مُّكْرَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri sun jannata keessatti kabajamoodha.

See all translations of this verse →

فَمَالِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ قِبَلَكَ مُهْطِعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra kafareef maaltu jiraayi sirratti xiyyeefatu?

See all translations of this verse →

عَنِ ٱلْيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ عِزِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGaree gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.

See all translations of this verse →

أَيَطْمَعُ كُلُّ ٱمْرِئٍ مِّنْهُمْ أَن يُدْخَلَ جَنَّةَ نَعِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?

See all translations of this verse →

كَلَّآ إِنَّا خَلَقْنَٰهُم مِّمَّا يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHaa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.

See all translations of this verse →

فَلَآ أُقْسِمُ بِرَبِّ ٱلْمَشَٰرِقِ وَٱلْمَغَٰرِبِ إِنَّا لَقَٰدِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa Bahootaatiifi Dhihootaatiin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.

See all translations of this verse →

عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ خَيْرًا مِّنْهُمْ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha). Nuti dadhabsiifamoo hin taane.

See all translations of this verse →

فَذَرْهُمْ يَخُوضُوا۟ وَيَلْعَبُوا۟ حَتَّىٰ يُلَٰقُوا۟ يَوْمَهُمُ ٱلَّذِى يُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَخْرُجُونَ مِنَ ٱلْأَجْدَاثِ سِرَاعًا كَأَنَّهُمْ إِلَىٰ نُصُبٍ يُوفِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa qabroota irraa arifataa ba'an isaan akka waan gara taabotootaatti dhangala'an fakkaatu.

See all translations of this verse →

خَٰشِعَةً أَبْصَٰرُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ذَٰلِكَ ٱلْيَوْمُ ٱلَّذِى كَانُوا۟ يُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIjjoonni isaanii xiqqaattuu salphinni isaan haguugdi. Sun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70