Home › Surahs › Surah Yaseen
Surah Yaseen يس
83 verses · Mecca · revelation order 41
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يسٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa Siin.
See all translations of this verse →
وَٱلْقُرْءَانِ ٱلْحَكِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha.
See all translations of this verse →
إِنَّكَ لَمِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ati dhugumatti ergamtoota irraayyi.
See all translations of this verse →
عَلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Karaa qajeelaa irra jirta.
See all translations of this verse →
تَنزِيلَ ٱلْعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame).
See all translations of this verse →
لِتُنذِرَ قَوْمًا مَّآ أُنذِرَ ءَابَآؤُهُمْ فَهُمْ غَٰفِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka akeekkachiiftuufi Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan.
See all translations of this verse →
لَقَدْ حَقَّ ٱلْقَوْلُ عَلَىٰٓ أَكْثَرِهِمْ فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; isaan hin amananu.
See all translations of this verse →
إِنَّا جَعَلْنَا فِىٓ أَعْنَٰقِهِمْ أَغْلَٰلًا فَهِىَ إِلَى ٱلْأَذْقَانِ فَهُم مُّقْمَحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti mormoota isaanii irratti sakaallaalee goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi). isaan (mataa) ol fudhamoodha.
See all translations of this verse →
وَجَعَلْنَا مِنۢ بَيْنِ أَيْدِيهِمْ سَدًّا وَمِنْ خَلْفِهِمْ سَدًّا فَأَغْشَيْنَٰهُمْ فَهُمْ لَا يُبْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dura isaaniitti cufaa, duuba isaanittis cufaa goonee isaan haguugne. Kanaafuu isaan hin argan.
See all translations of this verse →
وَسَوَآءٌ عَلَيْهِمْ ءَأَنذَرْتَهُمْ أَمْ لَمْ تُنذِرْهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan akeekkachiiftus, isaan akeekkachiisuu baattus isaan irratti wal qixa; isaan hin amananu.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا تُنذِرُ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلذِّكْرَ وَخَشِىَ ٱلرَّحْمَٰنَ بِٱلْغَيْبِ فَبَشِّرْهُ بِمَغْفِرَةٍ وَأَجْرٍ كَرِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofa. Araaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi.
See all translations of this verse →
إِنَّا نَحْنُ نُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ وَنَكْتُبُ مَا قَدَّمُوا۟ وَءَاثَٰرَهُمْ وَكُلَّ شَىْءٍ أَحْصَيْنَٰهُ فِىٓ إِمَامٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti numatu du’aa jiraachifna. Waan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessina. Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra.
See all translations of this verse →
وَٱضْرِبْ لَهُم مَّثَلًا أَصْحَٰبَ ٱلْقَرْيَةِ إِذْ جَآءَهَا ٱلْمُرْسَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniif fakkeenya godhi warra gandaa kan yeroo ergamtoonni isheetti dhuftee.
See all translations of this verse →
إِذْ أَرْسَلْنَآ إِلَيْهِمُ ٱثْنَيْنِ فَكَذَّبُوهُمَا فَعَزَّزْنَا بِثَالِثٍ فَقَالُوٓا۟ إِنَّآ إِلَيْكُم مُّرْسَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif).
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ مَآ أَنتُمْ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَمَآ أَنزَلَ ٱلرَّحْمَٰنُ مِن شَىْءٍ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا تَكْذِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa miti. Rahmaan homa tokkoyyuu hin buufne; isin kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ رَبُّنَا يَعْلَمُ إِنَّآ إِلَيْكُمْ لَمُرْسَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Ergamtoonnis) “Rabbiin keenya ni beeka nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan.
See all translations of this verse →
وَمَا عَلَيْنَآ إِلَّا ٱلْبَلَٰغُ ٱلْمُبِينُ
Oromo Translation - Gali Ababor “ homtuu nurra hin jiru geessiinsa ifa ta’e geessuu malee .”
See all translations of this verse →
قَالُوٓا۟ إِنَّا تَطَيَّرْنَا بِكُمْ لَئِن لَّمْ تَنتَهُوا۟ لَنَرْجُمَنَّكُمْ وَلَيَمَسَّنَّكُم مِّنَّا عَذَابٌ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumna. Adabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ طَٰٓئِرُكُم مَّعَكُمْ أَئِن ذُكِّرْتُم بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ مُّسْرِفُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhan. Sila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii miti Isinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan.
See all translations of this verse →
وَجَآءَ مِنْ أَقْصَا ٱلْمَدِينَةِ رَجُلٌ يَسْعَىٰ قَالَ يَٰقَوْمِ ٱتَّبِعُوا۟ ٱلْمُرْسَلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa.
See all translations of this verse →
ٱتَّبِعُوا۟ مَن لَّا يَسْـَٔلُكُمْ أَجْرًا وَهُم مُّهْتَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Namoota mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa.
See all translations of this verse →
وَمَا لِىَ لَآ أَعْبُدُ ٱلَّذِى فَطَرَنِى وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani maaltu naaftahe kan Isa na uume hin gabbarre? siniis gara Isaa deebifamtu.
See all translations of this verse →
ءَأَتَّخِذُ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً إِن يُرِدْنِ ٱلرَّحْمَٰنُ بِضُرٍّ لَّا تُغْنِ عَنِّى شَفَٰعَتُهُمْ شَيْـًٔا وَلَا يُنقِذُونِ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa godhadhaa? kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadne isaaniis ana hin baraaran.
See all translations of this verse →
إِنِّىٓ إِذًا لَّفِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani yeroo san jallina ifa galaa keessa ta’eera
See all translations of this verse →
إِنِّىٓ ءَامَنتُ بِرَبِّكُمْ فَٱسْمَعُونِ
Oromo Translation - Gali Ababor Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” [jedhe] (Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan).
See all translations of this verse →
قِيلَ ٱدْخُلِ ٱلْجَنَّةَ قَالَ يَٰلَيْتَ قَوْمِى يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Jannata seeni” jedhameen. Innis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa!
See all translations of this verse →
بِمَا غَفَرَ لِى رَبِّى وَجَعَلَنِى مِنَ ٱلْمُكْرَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).”
See all translations of this verse →
وَمَآ أَنزَلْنَا عَلَىٰ قَوْمِهِۦ مِنۢ بَعْدِهِۦ مِن جُندٍ مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا كُنَّا مُنزِلِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Booda isaatii ummata isaa irratti hoomaa waraanaa samii irraa hin buufne! Kan buufnus hin taane.
See all translations of this verse →
إِن كَانَتْ إِلَّا صَيْحَةً وَٰحِدَةً فَإِذَا هُمْ خَٰمِدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taane. Yeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha.
See all translations of this verse →
يَٰحَسْرَةً عَلَى ٱلْعِبَادِ مَا يَأْتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa gaabbii gabrootarratti! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu.
See all translations of this verse →
أَلَمْ يَرَوْا۟ كَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّنَ ٱلْقُرُونِ أَنَّهُمْ إِلَيْهِمْ لَا يَرْجِعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu.
See all translations of this verse →
وَإِن كُلٌّ لَّمَّا جَمِيعٌ لَّدَيْنَا مُحْضَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) nubiratti dhihaatoodha.
See all translations of this verse →
وَءَايَةٌ لَّهُمُ ٱلْأَرْضُ ٱلْمَيْتَةُ أَحْيَيْنَٰهَا وَأَخْرَجْنَا مِنْهَا حَبًّا فَمِنْهُ يَأْكُلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniif mallattoodha Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee (magarsine) isa irraa nyaatan.
See all translations of this verse →
وَجَعَلْنَا فِيهَا جَنَّٰتٍ مِّن نَّخِيلٍ وَأَعْنَٰبٍ وَفَجَّرْنَا فِيهَا مِنَ ٱلْعُيُونِ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerra, Ishee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra.
See all translations of this verse →
لِيَأْكُلُوا۟ مِن ثَمَرِهِۦ وَمَا عَمِلَتْهُ أَيْدِيهِمْ أَفَلَا يَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone), Sila hin galateeffatanuu?
See all translations of this verse →
سُبْحَٰنَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلْأَزْوَٰجَ كُلَّهَا مِمَّا تُنۢبِتُ ٱلْأَرْضُ وَمِنْ أَنفُسِهِمْ وَمِمَّا لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni cimdii hunda ishee uume qulqullaa’eera, waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuulee isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa (kanta'an).
See all translations of this verse →
وَءَايَةٌ لَّهُمُ ٱلَّيْلُ نَسْلَخُ مِنْهُ ٱلنَّهَارَ فَإِذَا هُم مُّظْلِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniif mallattoodha halkan Isarraa guyyaa baafna. Yeroma san isaan dukkana keessatti ta’u.
See all translations of this verse →
وَٱلشَّمْسُ تَجْرِى لِمُسْتَقَرٍّ لَّهَا ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ ٱلْعَزِيزِ ٱلْعَلِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Aduun hanga buufata isheef taheetti deemti, Sun murtee (Rabbii) injifataa, beekaati.
See all translations of this verse →
وَٱلْقَمَرَ قَدَّرْنَٰهُ مَنَازِلَ حَتَّىٰ عَادَ كَٱلْعُرْجُونِ ٱلْقَدِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Baatii buufataalee isaa goonee jirra. hanga inni akka damee meexxii dullattiitti deebi’utti (deemsifne).
See all translations of this verse →
لَا ٱلشَّمْسُ يَنۢبَغِى لَهَآ أَن تُدْرِكَ ٱلْقَمَرَ وَلَا ٱلَّيْلُ سَابِقُ ٱلنَّهَارِ وَكُلٌّ فِى فَلَكٍ يَسْبَحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Aduun baatii dhaqqabuun isheef hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursu, Hunduu sarara keessa (daaku).
See all translations of this verse →
وَءَايَةٌ لَّهُمْ أَنَّا حَمَلْنَا ذُرِّيَّتَهُمْ فِى ٱلْفُلْكِ ٱلْمَشْحُونِ
Oromo Translation - Gali Ababor mallattoodha isaaniif, Nuti sanyii isaanii doonii guutame keessatti fe’uun keenya .
See all translations of this verse →
وَخَلَقْنَا لَهُم مِّن مِّثْلِهِۦ مَا يَرْكَبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif uumneerra.
See all translations of this verse →
وَإِن نَّشَأْ نُغْرِقْهُمْ فَلَا صَرِيخَ لَهُمْ وَلَا هُمْ يُنقَذُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turre. Birmataan tokkos isaaniif hin jiru, Isaan hin baraarfamanus.
See all translations of this verse →
إِلَّا رَحْمَةً مِّنَّا وَمَتَٰعًا إِلَىٰ حِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre).
See all translations of this verse →
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱتَّقُوا۟ مَا بَيْنَ أَيْدِيكُمْ وَمَا خَلْفَكُمْ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo ''waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa akka rahmanni isiniif godhamuuf” isaanin jadhame (irraa gara galu)
See all translations of this verse →
وَمَا تَأْتِيهِم مِّنْ ءَايَةٍ مِّنْ ءَايَٰتِ رَبِّهِمْ إِلَّا كَانُوا۟ عَنْهَا مُعْرِضِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan.
See all translations of this verse →
وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ أَنفِقُوا۟ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَنُطْعِمُ مَن لَّوْ يَشَآءُ ٱللَّهُ أَطْعَمَهُۥٓ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu.
See all translations of this verse →
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلْوَعْدُ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhu: “ baallamni kun yoomi Yoo warra dhugaa dubbatu taatan?”
See all translations of this verse →
مَا يَنظُرُونَ إِلَّا صَيْحَةً وَٰحِدَةً تَأْخُذُهُمْ وَهُمْ يَخِصِّمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Iyyansa tokkittii kan haala isaan wal falmaa jiranuun isaan qabdu malee homaa hin eeganu.
See all translations of this verse →
فَلَا يَسْتَطِيعُونَ تَوْصِيَةً وَلَآ إِلَىٰٓ أَهْلِهِمْ يَرْجِعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yeroo san) dhaamsa (walii dabarsuu) hin danda’an; gara maatii isaaniis hin deebi’anu.
See all translations of this verse →
وَنُفِخَ فِى ٱلصُّورِ فَإِذَا هُم مِّنَ ٱلْأَجْدَاثِ إِلَىٰ رَبِّهِمْ يَنسِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Garriin (xurunbaan) ni afuufama; yoosuu isaan qabroota irraa gara Gooftaa isaanii bahu.
See all translations of this verse →
قَالُوا۟ يَٰوَيْلَنَا مَنۢ بَعَثَنَا مِن مَّرْقَدِنَا هَٰذَا مَا وَعَدَ ٱلرَّحْمَٰنُ وَصَدَقَ ٱلْمُرْسَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhan “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan.
See all translations of this verse →
إِن كَانَتْ إِلَّا صَيْحَةً وَٰحِدَةً فَإِذَا هُمْ جَمِيعٌ لَّدَيْنَا مُحْضَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isheen iyyaansa (afuuffii) tokko malee waan biraatii hintaane. Yeroo san isaan hundi nu bira fidamoodha.
See all translations of this verse →
فَٱلْيَوْمَ لَا تُظْلَمُ نَفْسٌ شَيْـًٔا وَلَا تُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Har’a lubbuun tamillee homaa hin miidhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” (isaaniin jedhama).
See all translations of this verse →
إِنَّ أَصْحَٰبَ ٱلْجَنَّةِ ٱلْيَوْمَ فِى شُغُلٍ فَٰكِهُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamoodha.
See all translations of this verse →
هُمْ وَأَزْوَٰجُهُمْ فِى ظِلَٰلٍ عَلَى ٱلْأَرَآئِكِ مُتَّكِـُٔونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisoowwaa keessatti, sireewwan irratti hirkatoodha.
See all translations of this verse →
لَهُمْ فِيهَا فَٰكِهَةٌ وَلَهُم مَّا يَدَّعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan yaammatan hunduu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
سَلَٰمٌ قَوْلًا مِّن رَّبٍّ رَّحِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama.
See all translations of this verse →
وَٱمْتَٰزُوا۟ ٱلْيَوْمَ أَيُّهَا ٱلْمُجْرِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama).
See all translations of this verse →
أَلَمْ أَعْهَدْ إِلَيْكُمْ يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ أَن لَّا تَعْبُدُوا۟ ٱلشَّيْطَٰنَ إِنَّهُۥ لَكُمْ عَدُوٌّ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor “Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee?
See all translations of this verse →
وَأَنِ ٱعْبُدُونِى هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor “Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)?
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ أَضَلَّ مِنكُمْ جِبِلًّا كَثِيرًا أَفَلَمْ تَكُونُوا۟ تَعْقِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti (sheyxaanni) isin irraa uumama baay’ee jalliseera. Sila isin sammuu hin qabdanuu?
See all translations of this verse →
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِى كُنتُمْ تُوعَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Isheen tun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha.
See all translations of this verse →
ٱصْلَوْهَا ٱلْيَوْمَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan kafaraa turtaniif har’a ishee seenaa” (jedhamaani).
See all translations of this verse →
ٱلْيَوْمَ نَخْتِمُ عَلَىٰٓ أَفْوَٰهِهِمْ وَتُكَلِّمُنَآ أَيْدِيهِمْ وَتَشْهَدُ أَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Har’a afaanoowwan isaanii ni cufna; harkoowwan isaanii Nutti dubbatti; miilloowwan isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati.
See all translations of this verse →
وَلَوْ نَشَآءُ لَطَمَسْنَا عَلَىٰٓ أَعْيُنِهِمْ فَٱسْتَبَقُوا۟ ٱلصِّرَٰطَ فَأَنَّىٰ يُبْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo feenee ijaalee isaanii haqna turre. Gama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu!
See all translations of this verse →
وَلَوْ نَشَآءُ لَمَسَخْنَٰهُمْ عَلَىٰ مَكَانَتِهِمْ فَمَا ٱسْتَطَٰعُوا۟ مُضِيًّا وَلَا يَرْجِعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turre. Isaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu.
See all translations of this verse →
وَمَن نُّعَمِّرْهُ نُنَكِّسْهُ فِى ٱلْخَلْقِ أَفَلَا يَعْقِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama umrii dheeressine uumaa kessatti isa gadi dabsina Sila qalbiin hin yaadanuu?
See all translations of this verse →
وَمَا عَلَّمْنَٰهُ ٱلشِّعْرَ وَمَا يَنۢبَغِى لَهُۥٓ إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ وَقُرْءَانٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin malu. Inni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti.
See all translations of this verse →
لِّيُنذِرَ مَن كَانَ حَيًّا وَيَحِقَّ ٱلْقَوْلُ عَلَى ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne).(1)
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّا خَلَقْنَا لَهُم مِّمَّا عَمِلَتْ أَيْدِينَآ أَنْعَٰمًا فَهُمْ لَهَا مَٰلِكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila waan harkoowwan keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee?
See all translations of this verse →
وَذَلَّلْنَٰهَا لَهُمْ فَمِنْهَا رَكُوبُهُمْ وَمِنْهَا يَأْكُلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ishee isaaniif laaffifne. Gariin isheerraa yaabbii isaaniitiif oolu; garii isheerraa immoo ni nyaatu
See all translations of this verse →
وَلَهُمْ فِيهَا مَنَٰفِعُ وَمَشَارِبُ أَفَلَا يَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaaniif ishee keessa faayidaaleefii dhugaatiiwwantu jira. Sila (Rabbiin) hin galateeffattanuu?
See all translations of this verse →
وَٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةً لَّعَلَّهُمْ يُنصَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin ala gabbaramtoota godhatan Akka tumsamaniif jecha.
See all translations of this verse →
لَا يَسْتَطِيعُونَ نَصْرَهُمْ وَهُمْ لَهُمْ جُندٌ مُّحْضَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan (isaaniif) tumsuu hin danda’an. Isaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha.
See all translations of this verse →
فَلَا يَحْزُنكَ قَوْلُهُمْ إِنَّا نَعْلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعْلِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jechi isaanii si hin yaaddessin. Nuti waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekna.
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَرَ ٱلْإِنسَٰنُ أَنَّا خَلَقْنَٰهُ مِن نُّطْفَةٍ فَإِذَا هُوَ خَصِيمٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama.
See all translations of this verse →
وَضَرَبَ لَنَا مَثَلًا وَنَسِىَ خَلْقَهُۥ قَالَ مَن يُحْىِ ٱلْعِظَٰمَ وَهِىَ رَمِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe.
See all translations of this verse →
قُلْ يُحْيِيهَا ٱلَّذِىٓ أَنشَأَهَآ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَهُوَ بِكُلِّ خَلْقٍ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor “Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi. Inni uumama hunda beekaadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلشَّجَرِ ٱلْأَخْضَرِ نَارًا فَإِذَآ أَنتُم مِّنْهُ تُوقِدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Inni) Isa muka magariisa irraa ibidda isiniif godheedha. Yeroo san isin isa irraa qabsiifattu.
See all translations of this verse →
أَوَلَيْسَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يَخْلُقَ مِثْلَهُم بَلَىٰ وَهُوَ ٱلْخَلَّٰقُ ٱلْعَلِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila Inni samiileefi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!) Inni akkaan uumaadha, akkaan beekaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّمَآ أَمْرُهُۥٓ إِذَآ أَرَادَ شَيْـًٔا أَن يَقُولَ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Oromo Translation - Gali Ababor Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” isaan jechuma qofa; yoosuu taha.
See all translations of this verse →
فَسُبْحَٰنَ ٱلَّذِى بِيَدِهِۦ مَلَكُوتُ كُلِّ شَىْءٍ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru qulqullaa’e! Garuma Isaatti deebifamtu.
See all translations of this verse →
← Surah Faatir
Surah As-Saaffaat →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.