Home › Surahs › Surah Faatir
Surah Faatir فاطر
45 verses · Mecca · revelation order 43
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ جَاعِلِ ٱلْمَلَٰٓئِكَةِ رُسُلًا أُو۟لِىٓ أَجْنِحَةٍ مَّثْنَىٰ وَثُلَٰثَ وَرُبَٰعَ يَزِيدُ فِى ٱلْخَلْقِ مَا يَشَآءُ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiileefi dachii ta’eeti, kan maleykota ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasise. Uumama keessattis waan fedhe ni dabala. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha
See all translations of this verse →
مَّا يَفْتَحِ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ مِن رَّحْمَةٍ فَلَا مُمْسِكَ لَهَا وَمَا يُمْسِكْ فَلَا مُرْسِلَ لَهُۥ مِنۢ بَعْدِهِۦ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu tokkoyyuu hin jiru. Wanta Inni dhorge Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiru. Inni injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱذْكُرُوا۟ نِعْمَتَ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ هَلْ مِنْ خَٰلِقٍ غَيْرُ ٱللَّهِ يَرْزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلْأَرْضِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa namootaa! Ni’imaa Allaah tan isinirratti taate yaadadhaa. Sila Rabbiin ala uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Akkamitti isa (irraa) garagaltu?
See all translations of this verse →
وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَتْ رُسُلٌ مِّن قَبْلِكَ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرْجَعُ ٱلْأُمُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiru. Dhimmoonni hundi gara Rabbiitti deebifamu.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّ وَعْدَ ٱللَّهِ حَقٌّ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا وَلَا يَغُرَّنَّكُم بِٱللَّهِ ٱلْغَرُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadha. Kanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsine. Gowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلشَّيْطَٰنَ لَكُمْ عَدُوٌّ فَٱتَّخِذُوهُ عَدُوًّا إِنَّمَا يَدْعُوا۟ حِزْبَهُۥ لِيَكُونُوا۟ مِنْ أَصْحَٰبِ ٱلسَّعِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababor Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaa. Gareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Isaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
أَفَمَن زُيِّنَ لَهُۥ سُوٓءُ عَمَلِهِۦ فَرَءَاهُ حَسَنًا فَإِنَّ ٱللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِى مَن يَشَآءُ فَلَا تَذْهَبْ نَفْسُكَ عَلَيْهِمْ حَسَرَٰتٍ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌۢ بِمَا يَصْنَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan bareedaa taasisee isa ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelcha. Isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baane. Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.
See all translations of this verse →
وَٱللَّهُ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ ٱلرِّيَٰحَ فَتُثِيرُ سَحَابًا فَسُقْنَٰهُ إِلَىٰ بَلَدٍ مَّيِّتٍ فَأَحْيَيْنَا بِهِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا كَذَٰلِكَ ٱلنُّشُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaafti. gara lafa duutieetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda isaan jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana.
See all translations of this verse →
مَن كَانَ يُرِيدُ ٱلْعِزَّةَ فَلِلَّهِ ٱلْعِزَّةُ جَمِيعًا إِلَيْهِ يَصْعَدُ ٱلْكَلِمُ ٱلطَّيِّبُ وَٱلْعَمَلُ ٱلصَّٰلِحُ يَرْفَعُهُۥ وَٱلَّذِينَ يَمْكُرُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ وَمَكْرُ أُو۟لَٰٓئِكَ هُوَ يَبُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu) Jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Haasofni gaariin gara isaa ol baha. Dalagaa gaariitu isa ol fuudha. Isaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada.
See all translations of this verse →
وَٱللَّهُ خَلَقَكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ جَعَلَكُمْ أَزْوَٰجًا وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِۦ وَمَا يُعَمَّرُ مِن مُّعَمَّرٍ وَلَا يُنقَصُ مِنْ عُمُرِهِۦٓ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin biyyee irraa isin uume, ergasii bishaan irraa, ergasii cimdii isin taasise. dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessus Beekumsa Isaatiin ala. Namni umrii dheereffame tokkollee, umriin isaa hin dheereffamu. Umrii isaa irraa hin hir’ifamus kitaaba keessa jiraatu malee; sun Allaah irratti laafaadha.
See all translations of this verse →
وَمَا يَسْتَوِى ٱلْبَحْرَانِ هَٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ سَآئِغٌ شَرَابُهُۥ وَهَٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ وَمِن كُلٍّ تَأْكُلُونَ لَحْمًا طَرِيًّا وَتَسْتَخْرِجُونَ حِلْيَةً تَلْبَسُونَهَا وَتَرَى ٱلْفُلْكَ فِيهِ مَوَاخِرَ لِتَبْتَغُوا۟ مِن فَضْلِهِۦ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadha. Hunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattu. dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta, Akka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf
See all translations of this verse →
يُولِجُ ٱلَّيْلَ فِى ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِى ٱلَّيْلِ وَسَخَّرَ ٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِى لِأَجَلٍ مُّسَمًّى ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمْ لَهُ ٱلْمُلْكُ وَٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِهِۦ مَا يَمْلِكُونَ مِن قِطْمِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu.
See all translations of this verse →
إِن تَدْعُوهُمْ لَا يَسْمَعُوا۟ دُعَآءَكُمْ وَلَوْ سَمِعُوا۟ مَا ٱسْتَجَابُوا۟ لَكُمْ وَيَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ يَكْفُرُونَ بِشِرْكِكُمْ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثْلُ خَبِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu. (Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ أَنتُمُ ٱلْفُقَرَآءُ إِلَى ٱللَّهِ وَٱللَّهُ هُوَ ٱلْغَنِىُّ ٱلْحَمِيدُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa namootaa! Isin gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.
See all translations of this verse →
إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.
See all translations of this verse →
وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ بِعَزِيزٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Suni Allaah irratti ulfaataa miti.
See all translations of this verse →
وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ وَإِن تَدْعُ مُثْقَلَةٌ إِلَىٰ حِمْلِهَا لَا يُحْمَلْ مِنْهُ شَىْءٌ وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَىٰٓ إِنَّمَا تُنذِرُ ٱلَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُم بِٱلْغَيْبِ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَمَن تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفْسِهِۦ وَإِلَى ٱللَّهِ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor (Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.
See all translations of this verse →
وَمَا يَسْتَوِى ٱلْأَعْمَىٰ وَٱلْبَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Jaamaafi namni Ija qabu wal hin qixxaatu.
See all translations of this verse →
وَلَا ٱلظُّلُمَٰتُ وَلَا ٱلنُّورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Dukkanootaafi iftis (akkasuma).
See all translations of this verse →
وَلَا ٱلظِّلُّ وَلَا ٱلْحَرُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Gaaddisniifi ho’inis.
See all translations of this verse →
وَمَا يَسْتَوِى ٱلْأَحْيَآءُ وَلَا ٱلْأَمْوَٰتُ إِنَّ ٱللَّهَ يُسْمِعُ مَن يَشَآءُ وَمَآ أَنتَ بِمُسْمِعٍ مَّن فِى ٱلْقُبُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor kanneen lubbuun jiraniifi isaan du’an wal qixaa miti. Allaahn nama fedhe ni dhageessisa. Ati nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti.
See all translations of this verse →
إِنْ أَنتَ إِلَّا نَذِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.
See all translations of this verse →
إِنَّآ أَرْسَلْنَٰكَ بِٱلْحَقِّ بَشِيرًا وَنَذِيرًا وَإِن مِّنْ أُمَّةٍ إِلَّا خَلَا فِيهَا نَذِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taatee si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti dabru malee hintaane.
See all translations of this verse →
وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ وَبِٱلزُّبُرِ وَبِٱلْكِتَٰبِ ٱلْمُنِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo si sobsiisan, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiru. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.
See all translations of this verse →
ثُمَّ أَخَذْتُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasiis isaan kafaran qabeen jira. adabbiin kiyya akkam ta’e!
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَخْرَجْنَا بِهِۦ ثَمَرَٰتٍ مُّخْتَلِفًا أَلْوَٰنُهَا وَمِنَ ٱلْجِبَالِ جُدَدٌۢ بِيضٌ وَحُمْرٌ مُّخْتَلِفٌ أَلْوَٰنُهَا وَغَرَابِيبُ سُودٌ
Oromo Translation - Gali Ababor sila hin laallee Rabbiin bishaan samii irraa buusee, fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e ittiin magarsine. Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti ishee gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?)
See all translations of this verse →
وَمِنَ ٱلنَّاسِ وَٱلدَّوَآبِّ وَٱلْأَنْعَٰمِ مُخْتَلِفٌ أَلْوَٰنُهُۥ كَذَٰلِكَ إِنَّمَا يَخْشَى ٱللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ ٱلْعُلَمَٰٓؤُا۟ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis akkasuma warra bifti isaanii waldhabaa tahe uume. Gabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofa. Rabbiin injifataa, araaramaadha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَتْلُونَ كِتَٰبَ ٱللَّهِ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنفَقُوا۟ مِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً يَرْجُونَ تِجَٰرَةً لَّن تَبُورَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu.
See all translations of this verse →
لِيُوَفِّيَهُمْ أُجُورَهُمْ وَيَزِيدَهُم مِّن فَضْلِهِۦٓ إِنَّهُۥ غَفُورٌ شَكُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka Inni (Rabbiin) galatoota isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu). Inni araaramaa, galateeffataadha.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ مِنَ ٱلْكِتَٰبِ هُوَ ٱلْحَقُّ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ إِنَّ ٱللَّهَ بِعِبَادِهِۦ لَخَبِيرٌۢ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Kitaaba (Qur’aana) irraa waani Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadha, (kitaabban) isa duraa kan dhugoomsuudha. Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha.
See all translations of this verse →
ثُمَّ أَوْرَثْنَا ٱلْكِتَٰبَ ٱلَّذِينَ ٱصْطَفَيْنَا مِنْ عِبَادِنَا فَمِنْهُمْ ظَالِمٌ لِّنَفْسِهِۦ وَمِنْهُم مُّقْتَصِدٌ وَمِنْهُمْ سَابِقٌۢ بِٱلْخَيْرَٰتِ بِإِذْنِ ٱللَّهِ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلْفَضْلُ ٱلْكَبِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirra. Isaan irraa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jira. Isaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jira. Sun isumatu tola guddaadha.
See all translations of this verse →
جَنَّٰتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَلُؤْلُؤًا وَلِبَاسُهُمْ فِيهَا حَرِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira). Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ ٱلَّذِىٓ أَذْهَبَ عَنَّا ٱلْحَزَنَ إِنَّ رَبَّنَا لَغَفُورٌ شَكُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhu: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseeti. Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِىٓ أَحَلَّنَا دَارَ ٱلْمُقَامَةِ مِن فَضْلِهِۦ لَا يَمَسُّنَا فِيهَا نَصَبٌ وَلَا يَمَسُّنَا فِيهَا لُغُوبٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa nu qubachiiseedha. kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَهُمْ نَارُ جَهَنَّمَ لَا يُقْضَىٰ عَلَيْهِمْ فَيَمُوتُوا۟ وَلَا يُخَفَّفُ عَنْهُم مِّنْ عَذَابِهَا كَذَٰلِكَ نَجْزِى كُلَّ كَفُورٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jira. Isaanitti murteeffamtees hin du’anu. adabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamu. akka kanatti haalaan kafaraa hundaa galata galchina.
See all translations of this verse →
وَهُمْ يَصْطَرِخُونَ فِيهَا رَبَّنَآ أَخْرِجْنَا نَعْمَلْ صَٰلِحًا غَيْرَ ٱلَّذِى كُنَّا نَعْمَلُ أَوَلَمْ نُعَمِّرْكُم مَّا يَتَذَكَّرُ فِيهِ مَن تَذَكَّرَ وَجَآءَكُمُ ٱلنَّذِيرُ فَذُوقُوا۟ فَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِن نَّصِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan ishee keessaa waywaatu “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun. “Sila (umrii dheeraa) namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsarraa homaa hin jiru.”
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ عَٰلِمُ غَيْبِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ إِنَّهُۥ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiiti. Inni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِى جَعَلَكُمْ خَلَٰٓئِفَ فِى ٱلْأَرْضِ فَمَن كَفَرَ فَعَلَيْهِ كُفْرُهُۥ وَلَا يَزِيدُ ٱلْكَٰفِرِينَ كُفْرُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ إِلَّا مَقْتًا وَلَا يَزِيدُ ٱلْكَٰفِرِينَ كُفْرُهُمْ إِلَّا خَسَارًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godhe. Namni kafare kufriin isaa isuma irratti. Kaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabalu. Kaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu.
See all translations of this verse →
قُلْ أَرَءَيْتُمْ شُرَكَآءَكُمُ ٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَرُونِى مَاذَا خَلَقُوا۟ مِنَ ٱلْأَرْضِ أَمْ لَهُمْ شِرْكٌ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ أَمْ ءَاتَيْنَٰهُمْ كِتَٰبًا فَهُمْ عَلَىٰ بَيِّنَتٍ مِّنْهُ بَلْ إِن يَعِدُ ٱلظَّٰلِمُونَ بَعْضُهُم بَعْضًا إِلَّا غُرُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor “Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaa. Sila samiilee (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaaniif kenninee, kan isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ يُمْسِكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ أَن تَزُولَا وَلَئِن زَالَتَآ إِنْ أَمْسَكَهُمَا مِنْ أَحَدٍ مِّنۢ بَعْدِهِۦٓ إِنَّهُۥ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin samiileefi dachiin akka hin deemne qaba. Odoo bakkaa deemaniis Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabu. Inni obsaa, araaramaa ta’eera
See all translations of this verse →
وَأَقْسَمُوا۟ بِٱللَّهِ جَهْدَ أَيْمَٰنِهِمْ لَئِن جَآءَهُمْ نَذِيرٌ لَّيَكُونُنَّ أَهْدَىٰ مِنْ إِحْدَى ٱلْأُمَمِ فَلَمَّا جَآءَهُمْ نَذِيرٌ مَّا زَادَهُمْ إِلَّا نُفُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatan Yoo akeekkachiisaan isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa tahan jechuun . Yeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe.
See all translations of this verse →
ٱسْتِكْبَارًا فِى ٱلْأَرْضِ وَمَكْرَ ٱلسَّيِّئِ وَلَا يَحِيقُ ٱلْمَكْرُ ٱلسَّيِّئُ إِلَّا بِأَهْلِهِۦ فَهَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا سُنَّتَ ٱلْأَوَّلِينَ فَلَن تَجِدَ لِسُنَّتِ ٱللَّهِ تَبْدِيلًا وَلَن تَجِدَ لِسُنَّتِ ٱللَّهِ تَحْوِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dachee keessatti boonaafi shira hameenyaa (malee isaaniif hin daballe) shirri hammeenyaa abbaa isaatti malee hin marsu. Sila karaa warra durii malee waan biraa nieeganii? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu.
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَيَنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ وَكَانُوٓا۟ أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيُعْجِزَهُۥ مِن شَىْءٍ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِى ٱلْأَرْضِ إِنَّهُۥ كَانَ عَلِيمًا قَدِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ture hin ilaalanuu? humnaan isaan irra jajjaboo ta’anii turan. Rabbiin samiilee keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiru. Inni beekaa, danda’aa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَلَوْ يُؤَاخِذُ ٱللَّهُ ٱلنَّاسَ بِمَا كَسَبُوا۟ مَا تَرَكَ عَلَىٰ ظَهْرِهَا مِن دَآبَّةٍ وَلَٰكِن يُؤَخِّرُهُمْ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى فَإِذَا جَآءَ أَجَلُهُمْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِعِبَادِهِۦ بَصِيرًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture. Garuu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisa. Yeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa) Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera
See all translations of this verse →
← Surah Saba
Surah Yaseen →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.