caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah An-Naba النبإ

40 verses · Mecca · revelation order 80

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ عَمَّ يَتَسَآءَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan?

See all translations of this verse →

عَنِ ٱلنَّبَإِ ٱلْعَظِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborOduu guddaa irraa [wal gaafatu)

See all translations of this verse →

ٱلَّذِى هُمْ فِيهِ مُخْتَلِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].

See all translations of this verse →

كَلَّا سَيَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHaa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.

See all translations of this verse →

ثُمَّ كَلَّا سَيَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAmmas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.

See all translations of this verse →

أَلَمْ نَجْعَلِ ٱلْأَرْضَ مِهَٰدًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila Nuti dachii firaasha hin goonee?

See all translations of this verse →

وَٱلْجِبَالَ أَوْتَادًا

Oromo Translation - Gali AbaborGaarreenis shikaaloowwan [hin goonee]?

See all translations of this verse →

وَخَلَقْنَٰكُمْ أَزْوَٰجًا

Oromo Translation - Gali AbaborCimdiis goonee isin uumne.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا نَوْمَكُمْ سُبَاتًا

Oromo Translation - Gali AbaborHirriba keessan boqonnaa goone.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا ٱلَّيْلَ لِبَاسًا

Oromo Translation - Gali AbaborHalkan uffata goone.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا ٱلنَّهَارَ مَعَاشًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.

See all translations of this verse →

وَبَنَيْنَا فَوْقَكُمْ سَبْعًا شِدَادًا

Oromo Translation - Gali AbaborGubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا سِرَاجًا وَهَّاجًا

Oromo Translation - Gali AbaborIfaa boba'aas uumne.

See all translations of this verse →

وَأَنزَلْنَا مِنَ ٱلْمُعْصِرَٰتِ مَآءً ثَجَّاجًا

Oromo Translation - Gali AbaborDuumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.

See all translations of this verse →

لِّنُخْرِجَ بِهِۦ حَبًّا وَنَبَاتًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne].

See all translations of this verse →

وَجَنَّٰتٍ أَلْفَافًا

Oromo Translation - Gali AbaborAshaakiltii damee wal keessa seensifattes.

See all translations of this verse →

إِنَّ يَوْمَ ٱلْفَصْلِ كَانَ مِيقَٰتًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يُنفَخُ فِى ٱلصُّورِ فَتَأْتُونَ أَفْوَاجًا

Oromo Translation - Gali Ababor[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.

See all translations of this verse →

وَفُتِحَتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتْ أَبْوَٰبًا

Oromo Translation - Gali Ababor[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.

See all translations of this verse →

وَسُيِّرَتِ ٱلْجِبَالُ فَكَانَتْ سَرَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborGaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.

See all translations of this verse →

إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتْ مِرْصَادًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti jahannam keellaa taateetti.

See all translations of this verse →

لِّلطَّٰغِينَ مَـَٔابًا

Oromo Translation - Gali AbaborWarra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.

See all translations of this verse →

لَّٰبِثِينَ فِيهَآ أَحْقَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo dheeraaf ishee keessa turu.

See all translations of this verse →

لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرْدًا وَلَا شَرَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborIshee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.

See all translations of this verse →

إِلَّا حَمِيمًا وَغَسَّاقًا

Oromo Translation - Gali AbaborBishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu].

See all translations of this verse →

جَزَآءً وِفَاقًا

Oromo Translation - Gali AbaborMindaa wal madaalu [mindeeffaman].

See all translations of this verse →

إِنَّهُمْ كَانُوا۟ لَا يَرْجُونَ حِسَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan qormaata hin sodaatanu turan.

See all translations of this verse →

وَكَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا كِذَّابًا

Oromo Translation - Gali AbaborKeeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.

See all translations of this verse →

وَكُلَّ شَىْءٍ أَحْصَيْنَٰهُ كِتَٰبًا

Oromo Translation - Gali AbaborWanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.

See all translations of this verse →

فَذُوقُوا۟ فَلَن نَّزِيدَكُمْ إِلَّا عَذَابًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].

See all translations of this verse →

إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ مَفَازًا

Oromo Translation - Gali AbaborWarra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.

See all translations of this verse →

حَدَآئِقَ وَأَعْنَٰبًا

Oromo Translation - Gali AbaborAshaakiltiifi inabatu [jira].

See all translations of this verse →

وَكَوَاعِبَ أَتْرَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborDubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].

See all translations of this verse →

وَكَأْسًا دِهَاقًا

Oromo Translation - Gali AbaborGeeba (xoofoo) guutamtuu.

See all translations of this verse →

لَّا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا وَلَا كِذَّٰبًا

Oromo Translation - Gali AbaborAchi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.

See all translations of this verse →

جَزَآءً مِّن رَّبِّكَ عَطَآءً حِسَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborMindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].

See all translations of this verse →

رَّبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ٱلرَّحْمَٰنِ لَا يَمْلِكُونَ مِنْهُ خِطَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]. Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَقُومُ ٱلرُّوحُ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةُ صَفًّا لَّا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنْ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحْمَٰنُ وَقَالَ صَوَابًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ ٱلْيَوْمُ ٱلْحَقُّ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ مَـَٔابًا

Oromo Translation - Gali AbaborSun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaati. Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.

See all translations of this verse →

إِنَّآ أَنذَرْنَٰكُمْ عَذَابًا قَرِيبًا يَوْمَ يَنظُرُ ٱلْمَرْءُ مَا قَدَّمَتْ يَدَاهُ وَيَقُولُ ٱلْكَافِرُ يَٰلَيْتَنِى كُنتُ تُرَٰبًۢا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti adabbii dhihoo tahe isin sodaachifne. kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte argu, kan kaafirri jedhu "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba".

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70