Surah At-Tahrim التحريم
12 verses · Medina · revelation order 107
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ لِمَ تُحَرِّمُ مَآ أَحَلَّ ٱللَّهُ لَكَ تَبْتَغِى مَرْضَاتَ أَزْوَٰجِكَ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa Nabiyyichaa! Maaliif waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota haadholee manaa tee jaalachiisuu barbaachaaf ? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
قَدْ فَرَضَ ٱللَّهُ لَكُمْ تَحِلَّةَ أَيْمَٰنِكُمْ وَٱللَّهُ مَوْلَىٰكُمْ وَهُوَ ٱلْعَلِيمُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Rabbiin karaa kakuulee keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseera. Rabbiin gargaaraa keessani. Inni beekaa ogeessa.
See all translations of this verse →
وَإِذْ أَسَرَّ ٱلنَّبِىُّ إِلَىٰ بَعْضِ أَزْوَٰجِهِۦ حَدِيثًا فَلَمَّا نَبَّأَتْ بِهِۦ وَأَظْهَرَهُ ٱللَّهُ عَلَيْهِ عَرَّفَ بَعْضَهُۥ وَأَعْرَضَ عَنۢ بَعْضٍ فَلَمَّا نَبَّأَهَا بِهِۦ قَالَتْ مَنْ أَنۢبَأَكَ هَٰذَا قَالَ نَبَّأَنِىَ ٱلْعَلِيمُ ٱلْخَبِيرُ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]. Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara gale. Yeroo inni isa isheetti himu “eenyutu kana sitti hime” jette. "Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen.
See all translations of this verse →
إِن تَتُوبَآ إِلَى ٱللَّهِ فَقَدْ صَغَتْ قُلُوبُكُمَا وَإِن تَظَٰهَرَا عَلَيْهِ فَإِنَّ ٱللَّهَ هُوَ مَوْلَىٰهُ وَجِبْرِيلُ وَصَٰلِحُ ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةُ بَعْدَ ذَٰلِكَ ظَهِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama) Onneen lamaan keessanii dhugumaan jallattee jirti. Yoo isa irratti wal gargaartan Rabbiin isatu gargaaraa isaati Jibriiliifi gaggaariin Mu'umintootaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati.
See all translations of this verse →
عَسَىٰ رَبُّهُۥٓ إِن طَلَّقَكُنَّ أَن يُبْدِلَهُۥٓ أَزْوَٰجًا خَيْرًا مِّنكُنَّ مُسْلِمَٰتٍ مُّؤْمِنَٰتٍ قَٰنِتَٰتٍ تَٰٓئِبَٰتٍ عَٰبِدَٰتٍ سَٰٓئِحَٰتٍ ثَيِّبَٰتٍ وَأَبْكَارًا
Oromo Translation - Gali AbaborYoo inni isin hiike, Gooftaan isaa niitolee kan isin irra caalan bakka isaaf buusuun ni kajeelama. (kan) Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, soomantoota, kan beeraa (gursummeeyyii)fi durba ta'an.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ قُوٓا۟ أَنفُسَكُمْ وَأَهْلِيكُمْ نَارًا وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلْحِجَارَةُ عَلَيْهَا مَلَٰٓئِكَةٌ غِلَاظٌ شِدَادٌ لَّا يَعْصُونَ ٱللَّهَ مَآ أَمَرَهُمْ وَيَفْعَلُونَ مَا يُؤْمَرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Lubbuulee teessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qabsiisaan isii namootaafi dhagaalee ta'e, irraa eegaa. Isirra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo ta'antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu, waan ajajaman ni hojjatu.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَا تَعْتَذِرُوا۟ ٱلْيَوْمَ إِنَّمَا تُجْزَوْنَ مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor"Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin galata galfamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu).
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ تُوبُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ تَوْبَةً نَّصُوحًا عَسَىٰ رَبُّكُمْ أَن يُكَفِّرَ عَنكُمْ سَيِّـَٔاتِكُمْ وَيُدْخِلَكُمْ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ يَوْمَ لَا يُخْزِى ٱللَّهُ ٱلنَّبِىَّ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَعَهُۥ نُورُهُمْ يَسْعَىٰ بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَبِأَيْمَٰنِهِمْ يَقُولُونَ رَبَّنَآ أَتْمِمْ لَنَا نُورَنَا وَٱغْفِرْ لَنَآ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! gara Rabbiitti tawbadhaaTawbaa qulqulluu. Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelama. Guyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san, ifaan isaanii fuuldura isaaniitiifi mirgoowwan isaanii deema. Nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti danda'aa dha".
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ جَٰهِدِ ٱلْكُفَّارَ وَٱلْمُنَٰفِقِينَ وَٱغْلُظْ عَلَيْهِمْ وَمَأْوَىٰهُمْ جَهَنَّمُ وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa'ii. isaan irrattis cimi. Teessoon isaaniis ibidda Jahannami. Deebiin waa hammaatee!
See all translations of this verse →
ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا لِّلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱمْرَأَتَ نُوحٍ وَٱمْرَأَتَ لُوطٍ كَانَتَا تَحْتَ عَبْدَيْنِ مِنْ عِبَادِنَا صَٰلِحَيْنِ فَخَانَتَاهُمَا فَلَمْ يُغْنِيَا عَنْهُمَا مِنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا وَقِيلَ ٱدْخُلَا ٱلنَّارَ مَعَ ٱلدَّٰخِلِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godhe. Gabroota keenya gaggaarii keessaa gabroota lama jala turan. isaan ganan. Isaan lamaanis (Nuuhifi Luux) (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin duroomsine. "Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen.
See all translations of this verse →
وَضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا لِّلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱمْرَأَتَ فِرْعَوْنَ إِذْ قَالَتْ رَبِّ ٱبْنِ لِى عِندَكَ بَيْتًا فِى ٱلْجَنَّةِ وَنَجِّنِى مِن فِرْعَوْنَ وَعَمَلِهِۦ وَنَجِّنِى مِنَ ٱلْقَوْمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborAmmas Rabbiin isaan amananiif niitii Fir'awni fakkeenya godhe. Yeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Fir'awniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette.
See all translations of this verse →
وَمَرْيَمَ ٱبْنَتَ عِمْرَٰنَ ٱلَّتِىٓ أَحْصَنَتْ فَرْجَهَا فَنَفَخْنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتْ بِكَلِمَٰتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِۦ وَكَانَتْ مِنَ ٱلْقَٰنِتِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborMaryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera). Ruuhii (uumaa) keenya irraa ta'e isa keessatti afuufne. Jechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsite. Warra Rabbiif ajajamu irraas taate.
See all translations of this verse →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→