وَلَوْ تَرَىٰٓ إِذْ وُقِفُوا۟ عَلَىٰ رَبِّهِمْ قَالَ أَلَيْسَ هَٰذَا بِٱلْحَقِّ قَالُوا۟ بَلَىٰ وَرَبِّنَا قَالَ فَذُوقُوا۟ ٱلْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture) "Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe. "Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan. "Waan kafaraa turtaniif (amma) adabicha dhandhamaa!" jedhe.