وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَا لِكُلِّ نَبِىٍّ عَدُوًّا شَيَٰطِينَ ٱلْإِنسِ وَٱلْجِنِّ يُوحِى بَعْضُهُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ زُخْرُفَ ٱلْقَوْلِ غُرُورًا وَلَوْ شَآءَ رَبُّكَ مَا فَعَلُوهُ فَذَرْهُمْ وَمَا يَفْتَرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti nabiyyii hundaafuu diina shayxaana namaafi jinnii irraa ta’an,godheera. kan gowwoomsuuf jecha gariin isaanii gara gariitti jecha miidhagaa beeksisan. Odoo Gooftaan kee fedhee silaa san hin raawwatanu ture. Isaaniifi kijiba isaan uumanis dhiisi.