caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Qaaf ق

45 verses · Mecca · revelation order 34

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ قٓ وَٱلْقُرْءَانِ ٱلْمَجِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborQaaf Qur’aana guddaanin (kakadha).

See all translations of this verse →

بَلْ عَجِبُوٓا۟ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٌ مِّنْهُمْ فَقَالَ ٱلْكَٰفِرُونَ هَٰذَا شَىْءٌ عَجِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan.

See all translations of this verse →

أَءِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا ذَٰلِكَ رَجْعٌۢ بَعِيدٌ

Oromo Translation - Gali Ababor“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu).

See all translations of this verse →

قَدْ عَلِمْنَا مَا تَنقُصُ ٱلْأَرْضُ مِنْهُمْ وَعِندَنَا كِتَٰبٌ حَفِيظٌۢ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. kitaabni tiksaan nu biratti tahee jira.

See all translations of this verse →

بَلْ كَذَّبُوا۟ بِٱلْحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمْ فَهُمْ فِىٓ أَمْرٍ مَّرِيجٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti isaan dhugaa sobsiisan yeroo inni isaanitti dhufu. Isaan dubbii wal makataa keessa jiru.

See all translations of this verse →

أَفَلَمْ يَنظُرُوٓا۟ إِلَى ٱلسَّمَآءِ فَوْقَهُمْ كَيْفَ بَنَيْنَٰهَا وَزَيَّنَّٰهَا وَمَا لَهَا مِن فُرُوجٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gara samii gubbaa isaanii jirtuu hin ilaallee? akkamitti akka ishee ijaarreefi ishee miidhagsine, uraan homaatuu isiif hintaane.

See all translations of this verse →

وَٱلْأَرْضَ مَدَدْنَٰهَا وَأَلْقَيْنَا فِيهَا رَوَٰسِىَ وَأَنۢبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍۭ بَهِيجٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee, akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.

See all translations of this verse →

تَبْصِرَةً وَذِكْرَىٰ لِكُلِّ عَبْدٍ مُّنِيبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone).

See all translations of this verse →

وَنَزَّلْنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً مُّبَٰرَكًا فَأَنۢبَتْنَا بِهِۦ جَنَّٰتٍ وَحَبَّ ٱلْحَصِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborSamii irraas bishaan barakaa qabu buufne. isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine.

See all translations of this verse →

وَٱلنَّخْلَ بَاسِقَٰتٍ لَّهَا طَلْعٌ نَّضِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborHundee timiraa dhedheeroo, kan daraaraa dachaa (ni magarsine).

See all translations of this verse →

رِّزْقًا لِّلْعِبَادِ وَأَحْيَيْنَا بِهِۦ بَلْدَةً مَّيْتًا كَذَٰلِكَ ٱلْخُرُوجُ

Oromo Translation - Gali AbaborHiree Gabrootanniitiif (buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Baafamuunis akkuma kana.

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَأَصْحَٰبُ ٱلرَّسِّ وَثَمُودُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniin dura ummanni Nuuh kijibsiifte, warri eelaatiifi Samuudis.

See all translations of this verse →

وَعَادٌ وَفِرْعَوْنُ وَإِخْوَٰنُ لُوطٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis (kijibsiisan).

See all translations of this verse →

وَأَصْحَٰبُ ٱلْأَيْكَةِ وَقَوْمُ تُبَّعٍ كُلٌّ كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ وَعِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri bosonaatiifi ummanni Tubba’is Hunduu ergamtoota sobsiisan, adabbiin (kiyya) isaanitti mirkanaa’e.

See all translations of this verse →

أَفَعَيِينَا بِٱلْخَلْقِ ٱلْأَوَّلِ بَلْ هُمْ فِى لَبْسٍ مِّنْ خَلْقٍ جَدِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ خَلَقْنَا ٱلْإِنسَٰنَ وَنَعْلَمُ مَا تُوَسْوِسُ بِهِۦ نَفْسُهُۥ وَنَحْنُ أَقْرَبُ إِلَيْهِ مِنْ حَبْلِ ٱلْوَرِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun isaa itti hasaastus ni beekna. Nuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (dhamaa) irra gara isaatti dhihoodha.

See all translations of this verse →

إِذْ يَتَلَقَّى ٱلْمُتَلَقِّيَانِ عَنِ ٱلْيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ قَعِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (yaadachiisi).

See all translations of this verse →

مَّا يَلْفِظُ مِن قَوْلٍ إِلَّا لَدَيْهِ رَقِيبٌ عَتِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborJecha tokkoyyuu hin dubbatu Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee .

See all translations of this verse →

وَجَآءَتْ سَكْرَةُ ٱلْمَوْتِ بِٱلْحَقِّ ذَٰلِكَ مَا كُنتَ مِنْهُ تَحِيدُ

Oromo Translation - Gali AbaborMachiin du’aa dhugaan dhuftee jirti. “Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan).

See all translations of this verse →

وَنُفِخَ فِى ٱلصُّورِ ذَٰلِكَ يَوْمُ ٱلْوَعِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborXurumbaan ni afuufama; sun guyyaa sodaachisaati.

See all translations of this verse →

وَجَآءَتْ كُلُّ نَفْسٍ مَّعَهَا سَآئِقٌ وَشَهِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborLubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.

See all translations of this verse →

لَّقَدْ كُنتَ فِى غَفْلَةٍ مِّنْ هَٰذَا فَكَشَفْنَا عَنكَ غِطَآءَكَ فَبَصَرُكَ ٱلْيَوْمَ حَدِيدٌ

Oromo Translation - Gali Ababor“Ati kana irraa daguu keessa turte. Nuti haguuggaa kee sirraa kaafne. ijji kee har’a qara” (jedhamaan).

See all translations of this verse →

وَقَالَ قَرِينُهُۥ هَٰذَا مَا لَدَىَّ عَتِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborQindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira dhihaataa tahee jiruudha.”

See all translations of this verse →

أَلْقِيَا فِى جَهَنَّمَ كُلَّ كَفَّارٍ عَنِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa.

See all translations of this verse →

مَّنَّاعٍ لِّلْخَيْرِ مُعْتَدٍ مُّرِيبٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).

See all translations of this verse →

ٱلَّذِى جَعَلَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَأَلْقِيَاهُ فِى ٱلْعَذَابِ ٱلشَّدِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise azaaba cimaa keessa isa buusaa.

See all translations of this verse →

قَالَ قَرِينُهُۥ رَبَّنَا مَآ أَطْغَيْتُهُۥ وَلَٰكِن كَانَ فِى ضَلَٰلٍۭ بَعِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborHiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani isa hin jallifne. Garuu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”

See all translations of this verse →

قَالَ لَا تَخْتَصِمُوا۟ لَدَىَّ وَقَدْ قَدَّمْتُ إِلَيْكُم بِٱلْوَعِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin ni jedha,“Ana biratti wal hin falminaa, Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.

See all translations of this verse →

مَا يُبَدَّلُ ٱلْقَوْلُ لَدَىَّ وَمَآ أَنَا۠ بِظَلَّٰمٍ لِّلْعَبِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborAna biratti jechi hin jijjiiramu; Ani gabroota kiyya miidhaa miti.”

See all translations of this verse →

يَوْمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ ٱمْتَلَأْتِ وَتَقُولُ هَلْ مِن مَّزِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (isaan sodaachidi.)

See all translations of this verse →

وَأُزْلِفَتِ ٱلْجَنَّةُ لِلْمُتَّقِينَ غَيْرَ بَعِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborJannanni dhiheeffamte namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin.

See all translations of this verse →

هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِكُلِّ أَوَّابٍ حَفِيظٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan waadaa galamtaniidha Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiif, (jedhama).

See all translations of this verse →

مَّنْ خَشِىَ ٱلرَّحْمَٰنَ بِٱلْغَيْبِ وَجَآءَ بِقَلْبٍ مُّنِيبٍ

Oromo Translation - Gali Ababor“Nama fagotti Rahmaan sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi (nidhihaatti).

See all translations of this verse →

ٱدْخُلُوهَا بِسَلَٰمٍ ذَٰلِكَ يَوْمُ ٱلْخُلُودِ

Oromo Translation - Gali AbaborNagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama).

See all translations of this verse →

لَهُم مَّا يَشَآءُونَ فِيهَا وَلَدَيْنَا مَزِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniif waan fedhantu ishee keessa jira, Nu bira daballis jira.

See all translations of this verse →

وَكَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّن قَرْنٍ هُمْ أَشَدُّ مِنْهُم بَطْشًا فَنَقَّبُوا۟ فِى ٱلْبِلَٰدِ هَلْ مِن مَّحِيصٍ

Oromo Translation - Gali AbaborMeeqaa meeqa balleessinee Isaan dura dhalootarraa? (baayyee), isaantu (warra balleeysineetu) humnaan isaan (ammaa kana) irra ciccimoodha. Biyya keessa fiigan (qoratan) “iddoo baqaan jiraa?” jechaa.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَذِكْرَىٰ لِمَن كَانَ لَهُۥ قَلْبٌ أَوْ أَلْقَى ٱلسَّمْعَ وَهُوَ شَهِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSan keessa yaadannootu jira, Nama onnee qabuuf yookin gurra itti kennuuf,haala yeroo (gorsa) irratti hirmaataa taheen.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ خَلَقْنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti samiileefi dachii, wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbirraa homtuu Nu hin tuqne.

See all translations of this verse →

فَٱصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ قَبْلَ طُلُوعِ ٱلشَّمْسِ وَقَبْلَ ٱلْغُرُوبِ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan isaan jedhanu irratti obsi. galata Rabbii keetiitiin baha aduu duraafi lixa (ishee) dura faarsi.

See all translations of this verse →

وَمِنَ ٱلَّيْلِ فَسَبِّحْهُ وَأَدْبَٰرَ ٱلسُّجُودِ

Oromo Translation - Gali AbaborHalkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (isa qulqulleessi).

See all translations of this verse →

وَٱسْتَمِعْ يَوْمَ يُنَادِ ٱلْمُنَادِ مِن مَّكَانٍ قَرِيبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabu dhaggeeffadhu.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَسْمَعُونَ ٱلصَّيْحَةَ بِٱلْحَقِّ ذَٰلِكَ يَوْمُ ٱلْخُرُوجِ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati.

See all translations of this verse →

إِنَّا نَحْنُ نُحْىِۦ وَنُمِيتُ وَإِلَيْنَا ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya.

See all translations of this verse →

يَوْمَ تَشَقَّقُ ٱلْأَرْضُ عَنْهُمْ سِرَاعًا ذَٰلِكَ حَشْرٌ عَلَيْنَا يَسِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya). Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.

See all translations of this verse →

نَّحْنُ أَعْلَمُ بِمَا يَقُولُونَ وَمَآ أَنتَ عَلَيْهِم بِجَبَّارٍ فَذَكِّرْ بِٱلْقُرْءَانِ مَن يَخَافُ وَعِيدِ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniiti. Ati isaan irratti moosifamaa hin taane. Nama adabbii (kiyya) sodaatu Qur’aanaan gorsi.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70