Home › Surahs › Surah Al-Jaathiya
Surah Al-Jaathiya الجاثية
37 verses · Mecca · revelation order 65
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ حمٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Haa Miim.
See all translations of this verse →
تَنزِيلُ ٱلْكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلْعَزِيزِ ٱلْحَكِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi.
See all translations of this verse →
إِنَّ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ لَـَٔايَٰتٍ لِّلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Samiileefi dachii keessa Dhugumatti mu’uminootaaf mallattooleetu jira.
See all translations of this verse →
وَفِى خَلْقِكُمْ وَمَا يَبُثُّ مِن دَآبَّةٍ ءَايَٰتٌ لِّقَوْمٍ يُوقِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.
See all translations of this verse →
وَٱخْتِلَٰفِ ٱلَّيْلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مِن رِّزْقٍ فَأَحْيَا بِهِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا وَتَصْرِيفِ ٱلرِّيَٰحِ ءَايَٰتٌ لِّقَوْمٍ يَعْقِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi اhiree (rooba) irraa waan Rabbiin samirraa (duumeessarraa) buusee, dachii eega du'uu (goggogina) isheetii ittiin jiraachise (magarseefi) qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.
See all translations of this verse →
تِلْكَ ءَايَٰتُ ٱللَّهِ نَتْلُوهَا عَلَيْكَ بِٱلْحَقِّ فَبِأَىِّ حَدِيثٍۭ بَعْدَ ٱللَّهِ وَءَايَٰتِهِۦ يُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) tunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti ishee dubbifna. Sila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu?
See all translations of this verse →
وَيْلٌ لِّكُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.
See all translations of this verse →
يَسْمَعُ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ تُتْلَىٰ عَلَيْهِ ثُمَّ يُصِرُّ مُسْتَكْبِرًا كَأَن لَّمْ يَسْمَعْهَا فَبَشِّرْهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufa. adabbii laalessaan isa gammachiisi.
See all translations of this verse →
وَإِذَا عَلِمَ مِنْ ءَايَٰتِنَا شَيْـًٔا ٱتَّخَذَهَا هُزُوًا أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhata. Warra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
مِّن وَرَآئِهِمْ جَهَنَّمُ وَلَا يُغْنِى عَنْهُم مَّا كَسَبُوا۟ شَيْـًٔا وَلَا مَا ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوْلِيَآءَ وَلَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Fuuldura isaanii jahannamtu jira. Wanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalalleewwan godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanu. Isaaniif adabbii guddaatu jira.
See all translations of this verse →
هَٰذَا هُدًى وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمْ لَهُمْ عَذَابٌ مِّن رِّجْزٍ أَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Qur’aanni) kun qajeelfama. Isaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, adabbii gubaa laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ ٱلَّذِى سَخَّرَ لَكُمُ ٱلْبَحْرَ لِتَجْرِىَ ٱلْفُلْكُ فِيهِ بِأَمْرِهِۦ وَلِتَبْتَغُوا۟ مِن فَضْلِهِۦ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin Isa galaana isiniif laaffise sani akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deemtu, akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, akka Isa galateeffattaniif.
See all translations of this verse →
وَسَخَّرَ لَكُم مَّا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا مِّنْهُ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّقَوْمٍ يَتَفَكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffise. Kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
See all translations of this verse →
قُل لِّلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ يَغْفِرُوا۟ لِلَّذِينَ لَا يَرْجُونَ أَيَّامَ ٱللَّهِ لِيَجْزِىَ قَوْمًۢا بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhi. Akka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa).
See all translations of this verse →
مَنْ عَمِلَ صَٰلِحًا فَلِنَفْسِهِۦ وَمَنْ أَسَآءَ فَعَلَيْهَا ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمْ تُرْجَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifi. Namni badii dalages isheedhuma irratti. Ergasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱلْكِتَٰبَ وَٱلْحُكْمَ وَٱلنُّبُوَّةَ وَرَزَقْنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلْنَٰهُمْ عَلَى ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, seeraafii nabiyyummaas kennineerra. Wantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne.
See all translations of this verse →
وَءَاتَيْنَٰهُم بَيِّنَٰتٍ مِّنَ ٱلْأَمْرِ فَمَا ٱخْتَلَفُوٓا۟ إِلَّا مِنۢ بَعْدِ مَا جَآءَهُمُ ٱلْعِلْمُ بَغْيًۢا بَيْنَهُمْ إِنَّ رَبَّكَ يَقْضِى بَيْنَهُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُوا۟ فِيهِ يَخْتَلِفُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannine. Erga beekumsi isaanitti dhufee booda malee (waan birootiif) wal hin dhabne, jibbansa gidduu isaanii jiruuf jecha. Dhugumatti, Gooftaan kee Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.
See all translations of this verse →
ثُمَّ جَعَلْنَٰكَ عَلَىٰ شَرِيعَةٍ مِّنَ ٱلْأَمْرِ فَٱتَّبِعْهَا وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَآءَ ٱلَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ergasii seera ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofi. Fedhaalee lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin.
See all translations of this verse →
إِنَّهُمْ لَن يُغْنُوا۟ عَنكَ مِنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَآءُ بَعْضٍ وَٱللَّهُ وَلِىُّ ٱلْمُتَّقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsan. Miidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalalleewwan gariiti. Rabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti.
See all translations of this verse →
هَٰذَا بَصَٰٓئِرُ لِلنَّاسِ وَهُدًى وَرَحْمَةٌ لِّقَوْمٍ يُوقِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadha. Warra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata.
See all translations of this verse →
أَمْ حَسِبَ ٱلَّذِينَ ٱجْتَرَحُوا۟ ٱلسَّيِّـَٔاتِ أَن نَّجْعَلَهُمْ كَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَوَآءً مَّحْيَاهُمْ وَمَمَاتُهُمْ سَآءَ مَا يَحْكُمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila warri hamtuulee hojjatan, akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis walqixxeessinaa (yaadanii) Wanti isaan murteessan waa fokkate!
See all translations of this verse →
وَخَلَقَ ٱللَّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِٱلْحَقِّ وَلِتُجْزَىٰ كُلُّ نَفْسٍۭ بِمَا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin samiileefi dachii haqaan uume, akka lubbuun hundi waan hojjatteen mindeeffamtuuf, Odoo isaan hin miidhamne.
See all translations of this verse →
أَفَرَءَيْتَ مَنِ ٱتَّخَذَ إِلَٰهَهُۥ هَوَىٰهُ وَأَضَلَّهُ ٱللَّهُ عَلَىٰ عِلْمٍ وَخَتَمَ عَلَىٰ سَمْعِهِۦ وَقَلْبِهِۦ وَجَعَلَ عَلَىٰ بَصَرِهِۦ غِشَٰوَةً فَمَن يَهْدِيهِ مِنۢ بَعْدِ ٱللَّهِ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila agartee nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiinisa jallisee beekumsarratti, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe. Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu?
See all translations of this verse →
وَقَالُوا۟ مَا هِىَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنْيَا نَمُوتُ وَنَحْيَا وَمَا يُهْلِكُنَآ إِلَّا ٱلدَّهْرُ وَمَا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنْ عِلْمٍ إِنْ هُمْ إِلَّا يَظُنُّونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nijedhan “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu. ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna, zamana malee wanti nu balleessu hin jiru”. Waan kanatti beekumsa homaatuu isaaniif hintaane. Isaan se’oo malee hin taane.
See all translations of this verse →
وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ مَّا كَانَ حُجَّتَهُمْ إِلَّآ أَن قَالُوا۟ ٱئْتُوا۟ بِـَٔابَآئِنَآ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifaman, ragaan isaanii waa hintaane “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee.
See all translations of this verse →
قُلِ ٱللَّهُ يُحْيِيكُمْ ثُمَّ يُمِيتُكُمْ ثُمَّ يَجْمَعُكُمْ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ لَا رَيْبَ فِيهِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qaba. mamiin Isa keessa hin jiru. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.”
See all translations of this verse →
وَلِلَّهِ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَيَوْمَ تَقُومُ ٱلسَّاعَةُ يَوْمَئِذٍ يَخْسَرُ ٱلْمُبْطِلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Mootummaan samiifi dachii kan Rabbiiti. Guyyaa Qiyaaman dhaabbattu, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u.
See all translations of this verse →
وَتَرَىٰ كُلَّ أُمَّةٍ جَاثِيَةً كُلُّ أُمَّةٍ تُدْعَىٰٓ إِلَىٰ كِتَٰبِهَا ٱلْيَوْمَ تُجْزَوْنَ مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor (Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argita. Ummanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti. “Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama).
See all translations of this verse →
هَٰذَا كِتَٰبُنَا يَنطِقُ عَلَيْكُم بِٱلْحَقِّ إِنَّا كُنَّا نَسْتَنسِخُ مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudha. Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre.
See all translations of this verse →
فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَيُدْخِلُهُمْ رَبُّهُمْ فِى رَحْمَتِهِۦ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلْفَوْزُ ٱلْمُبِينُ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii, toltuuwwan dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Kun isumatu milkii ifa galaadha.
See all translations of this verse →
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَفَلَمْ تَكُنْ ءَايَٰتِى تُتْلَىٰ عَلَيْكُمْ فَٱسْتَكْبَرْتُمْ وَكُنتُمْ قَوْمًا مُّجْرِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin turree?, boontanii, ummata badoo taatan” (jedhamaan).
See all translations of this verse →
وَإِذَا قِيلَ إِنَّ وَعْدَ ٱللَّهِ حَقٌّ وَٱلسَّاعَةُ لَا رَيْبَ فِيهَا قُلْتُم مَّا نَدْرِى مَا ٱلسَّاعَةُ إِن نَّظُنُّ إِلَّا ظَنًّا وَمَا نَحْنُ بِمُسْتَيْقِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan (akka dhuftu) mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii mamoo malee hintaane. Nuti dhugoomsoo hin taane” jettan.
See all translations of this verse →
وَبَدَا لَهُمْ سَيِّـَٔاتُ مَا عَمِلُوا۟ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif bahe; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaanitti bu'e.
See all translations of this verse →
وَقِيلَ ٱلْيَوْمَ نَنسَىٰكُمْ كَمَا نَسِيتُمْ لِقَآءَ يَوْمِكُمْ هَٰذَا وَمَأْوَىٰكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن نَّٰصِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ni jedhamaani: “ Har’a isin daganna (isin dhiifna) akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattanitti; teessoon keessanis ibidda; tumsitoonni isiniif hin jiranu.”
See all translations of this verse →
ذَٰلِكُم بِأَنَّكُمُ ٱتَّخَذْتُمْ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ هُزُوًا وَغَرَّتْكُمُ ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا فَٱلْيَوْمَ لَا يُخْرَجُونَ مِنْهَا وَلَا هُمْ يُسْتَعْتَبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi, waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefi, Har’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu.
See all translations of this verse →
فَلِلَّهِ ٱلْحَمْدُ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَرَبِّ ٱلْأَرْضِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Faaruun kan Rabbiiti Gooftaa samiileefi Gooftaa dachii, Gooftaa aalamootaa.
See all translations of this verse →
وَلَهُ ٱلْكِبْرِيَآءُ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Samiileefi dachii keessatti boonni Isumaafi. Inni injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
← Surah Ad-Dukhaan
Surah Al-Ahqaf →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.