caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Ahqaf الأحقاف

35 verses · Mecca · revelation order 66

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ حمٓ

Oromo Translation - Gali AbaborHaa Miim.

See all translations of this verse →

تَنزِيلُ ٱلْكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلْعَزِيزِ ٱلْحَكِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborBuufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi.

See all translations of this verse →

مَا خَلَقْنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَآ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَأَجَلٍ مُّسَمًّى وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ عَمَّآ أُنذِرُوا۟ مُعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSamii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jiranis dhugaafi yeroo beekamaa ta’eef malee hin uumne. Isaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloodha.

See all translations of this verse →

قُلْ أَرَءَيْتُم مَّا تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَرُونِى مَاذَا خَلَقُوا۟ مِنَ ٱلْأَرْضِ أَمْ لَهُمْ شِرْكٌ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱئْتُونِى بِكِتَٰبٍ مِّن قَبْلِ هَٰذَآ أَوْ أَثَٰرَةٍ مِّنْ عِلْمٍ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) jedhi: “wantoota Rabbiin ala gabbartan naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman natti agarsiisaa. Moo samiilee keessatti shariikummaan isaaniif jira? mee kitaaba (Qur’aana) kana dura (bu’e) yookiin hambaa beekumsa durii wahii naaf dhiyeessaa Yoo dhugaa dubbattoota taataniif.”

See all translations of this verse →

وَمَنْ أَضَلُّ مِمَّن يَدْعُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَن لَّا يَسْتَجِيبُ لَهُۥٓ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ وَهُمْ عَن دُعَآئِهِمْ غَٰفِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin owwaanneefi {1} isaan kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu?

See all translations of this verse →

وَإِذَا حُشِرَ ٱلنَّاسُ كَانُوا۟ لَهُمْ أَعْدَآءً وَكَانُوا۟ بِعِبَادَتِهِمْ كَٰفِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ilmi namaa walitti qabamu diinota isaaniif ta’u. Ibaadaa isaaniittis kafaroo ta’u.

See all translations of this verse →

وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِلْحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمْ هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo keeyyatoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman, isaan kafaran dhugaan nijedhan yeroo isaanitti dhufe “kun Sihrii ifa galaadha”.

See all translations of this verse →

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُ قُلْ إِنِ ٱفْتَرَيْتُهُۥ فَلَا تَمْلِكُونَ لِى مِنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا هُوَ أَعْلَمُ بِمَا تُفِيضُونَ فِيهِ كَفَىٰ بِهِۦ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَهُوَ ٱلْغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborMoo “(Muhammadtu SAW) sobaan isa uume” jedhu? (Yaa Muhammad!) jedhi “yoo ani sobaan isa uume (adabbii) Rabbii irraa homaa naaf tumsuu hin dandeessanu. Inni (Rabbiin) waan isin keessa galtan beekaadha. Anaafi isin giddutti ragaaf Inni ga’aadha. Inni araaramaa, rahmata godhaadha”.

See all translations of this verse →

قُلْ مَا كُنتُ بِدْعًا مِّنَ ٱلرُّسُلِ وَمَآ أَدْرِى مَا يُفْعَلُ بِى وَلَا بِكُمْ إِنْ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰٓ إِلَىَّ وَمَآ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalaqabaatii (kan fakkii hinqabnee) miti. Waan anaafi isin irratti dalagamuuf jiru hin beeku. Waan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofu. Ani sodaachisaa ifa bahaadha malee waan biraatii miti.”

See all translations of this verse →

قُلْ أَرَءَيْتُمْ إِن كَانَ مِنْ عِندِ ٱللَّهِ وَكَفَرْتُم بِهِۦ وَشَهِدَ شَاهِدٌ مِّنۢ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ عَلَىٰ مِثْلِهِۦ فَـَٔامَنَ وَٱسْتَكْبَرْتُمْ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni kun) Rabbi biraa ta’ee itti kafartan, raga bahaan Ilmaan Israa’ilii irraa ta’e fakkaataa isaa irratti ragaa bahee, yoo amanee isin immoo boontan, (isin miidhaa hin hojjannee)? Rabbiin miidhaa raawwattoota hin qajeelchu”.

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَوْ كَانَ خَيْرًا مَّا سَبَقُونَآ إِلَيْهِ وَإِذْ لَمْ يَهْتَدُوا۟ بِهِۦ فَسَيَقُولُونَ هَٰذَآ إِفْكٌ قَدِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran isaan amananiin ni jedhu: “Odoo inni (Qur’aanni) waan gaarii ta’ee silaa gara isaatti nu hin dursanu ture.” Isaan eega hin qajeelinii “kun dhara duriiti” jechuuf jiru.

See all translations of this verse →

وَمِن قَبْلِهِۦ كِتَٰبُ مُوسَىٰٓ إِمَامًا وَرَحْمَةً وَهَٰذَا كِتَٰبٌ مُّصَدِّقٌ لِّسَانًا عَرَبِيًّا لِّيُنذِرَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ وَبُشْرَىٰ لِلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa (Qur’aana) duras kitaaba Muusaa kan qajeelfamaafi rahmata ta’etu (ture). Kuni kitaaba dhugoomsaa, Afaan Arabaatiin (bu’ee) dha. akka warra miidhaa hojjatan sodaachisee, toltuu hojjattoota immoo gammachiisuuf.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُوا۟ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسْتَقَٰمُوا۟ فَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan “Gooftaan keenya Allaahdha” jedhanii ergasii (sana irratti) gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hunda jiraatu; mindaa waan dalagaa turaniif (isaanif kenname).

See all translations of this verse →

وَوَصَّيْنَا ٱلْإِنسَٰنَ بِوَٰلِدَيْهِ إِحْسَٰنًا حَمَلَتْهُ أُمُّهُۥ كُرْهًا وَوَضَعَتْهُ كُرْهًا وَحَمْلُهُۥ وَفِصَٰلُهُۥ ثَلَٰثُونَ شَهْرًا حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ أَشُدَّهُۥ وَبَلَغَ أَرْبَعِينَ سَنَةً قَالَ رَبِّ أَوْزِعْنِىٓ أَنْ أَشْكُرَ نِعْمَتَكَ ٱلَّتِىٓ أَنْعَمْتَ عَلَىَّ وَعَلَىٰ وَٰلِدَىَّ وَأَنْ أَعْمَلَ صَٰلِحًا تَرْضَىٰهُ وَأَصْلِحْ لِى فِى ذُرِّيَّتِىٓ إِنِّى تُبْتُ إِلَيْكَ وَإِنِّى مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamaaf abbaafi haadha isaatti tola ooluu dhaamne. Haati isaa rakkoon isa baadhattee (ulfooftee), rakkoon isa deesse, Ulfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; hanga jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisi. Sanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisi. Ani gara kee tawbaa deebi’eera. Ani Muslimtoota irraayi” jedhe.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ نَتَقَبَّلُ عَنْهُمْ أَحْسَنَ مَا عَمِلُوا۟ وَنَتَجَاوَزُ عَن سَيِّـَٔاتِهِمْ فِىٓ أَصْحَٰبِ ٱلْجَنَّةِ وَعْدَ ٱلصِّدْقِ ٱلَّذِى كَانُوا۟ يُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun warra irra gaggaarii wantoota isaan dalaganii nuti irraa qeeballee, hamtuu isaanii dhiifama goonufi. (Fuula duras) namoota Jannataa keessatti ta’u. (Kun) waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa ture.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِى قَالَ لِوَٰلِدَيْهِ أُفٍّ لَّكُمَآ أَتَعِدَانِنِىٓ أَنْ أُخْرَجَ وَقَدْ خَلَتِ ٱلْقُرُونُ مِن قَبْلِى وَهُمَا يَسْتَغِيثَانِ ٱللَّهَ وَيْلَكَ ءَامِنْ إِنَّ وَعْدَ ٱللَّهِ حَقٌّ فَيَقُولُ مَا هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni abbaafi haadha isaatiin “isin lachaniifuu ish (uffi)! akka ani kaafamu natti himtuu Kanuma dhaloonni baay’een naan dura dabrtee jirtu, ?” jedhe. Haala isaan lamaan birmachuu Rabbii gaafachaa, “yaa badii kee!amani Beellamni Rabbii dhugaadhaa” (jedhanii gorsanuu) “kun ogbarruu warra duriiti malee waa biraa miti” jedha;

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ حَقَّ عَلَيْهِمُ ٱلْقَوْلُ فِىٓ أُمَمٍ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِم مِّنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ خَٰسِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun warra jechi (adabbii) isaan irratti mirkanaa’eedha, ummattoota isaan dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessatti. Isaan hoonga’oota ta’aniiru.

See all translations of this verse →

وَلِكُلٍّ دَرَجَٰتٌ مِّمَّا عَمِلُوا۟ وَلِيُوَفِّيَهُمْ أَعْمَٰلَهُمْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHundaafuu sadarkaatu jira waan dalagan irraa, hojii isaanii isaanii guutuuf (mindeessa) isaan hin miidhaman.

See all translations of this verse →

وَيَوْمَ يُعْرَضُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ عَلَى ٱلنَّارِ أَذْهَبْتُمْ طَيِّبَٰتِكُمْ فِى حَيَاتِكُمُ ٱلدُّنْيَا وَٱسْتَمْتَعْتُم بِهَا فَٱلْيَوْمَ تُجْزَوْنَ عَذَابَ ٱلْهُونِ بِمَا كُنتُمْ تَسْتَكْبِرُونَ فِى ٱلْأَرْضِ بِغَيْرِ ٱلْحَقِّ وَبِمَا كُنتُمْ تَفْسُقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa isaan kafaran ibidda irra fidaman: “(wantoota) gaggaarii keessan jireenya keessan kan addunyaa keessatti dabarfattan. isitti qananiitan. Har’a adabbii salphisaa mindeeffamtu waan dachii keessatti dhugaan ala boonaa turtaniifi waan fincilaa turtaniif jecha (isaaniin jedhama).

See all translations of this verse →

وَٱذْكُرْ أَخَا عَادٍ إِذْ أَنذَرَ قَوْمَهُۥ بِٱلْأَحْقَافِ وَقَدْ خَلَتِ ٱلنُّذُرُ مِنۢ بَيْنِ يَدَيْهِ وَمِنْ خَلْفِهِۦٓ أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّا ٱللَّهَ إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali Ababorobboleessa Aad (Huud) yaadadhu, yeroo Ahqaafitti ummata isaa dinniine. Isa duraafi isa boodas sodaachiftoonni dabartee turte. “Allaah malee waan biraa hin gabbarinaa; ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha” (jechuun).

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَجِئْتَنَا لِتَأْفِكَنَا عَنْ ءَالِهَتِنَا فَأْتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ummanni isaas) ni jedhan: “Sila ati gooftolii keenya irraa akka gara nu galchituuf nutti dhuftee? waan nuun sodaachiftuun nutti koottu Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef.”

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّمَا ٱلْعِلْمُ عِندَ ٱللَّهِ وَأُبَلِّغُكُم مَّآ أُرْسِلْتُ بِهِۦ وَلَٰكِنِّىٓ أَرَىٰكُمْ قَوْمًا تَجْهَلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Huud) ni jedhe: “Beekumsi (adabbittii) Allaah bira jira. Ani waanuman ittiin ergame qofan isinitti geessa. Garuu ani ummata wollaaloo ta’uun isin arga.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا رَأَوْهُ عَارِضًا مُّسْتَقْبِلَ أَوْدِيَتِهِمْ قَالُوا۟ هَٰذَا عَارِضٌ مُّمْطِرُنَا بَلْ هُوَ مَا ٱسْتَعْجَلْتُم بِهِۦ رِيحٌ فِيهَا عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isa (adabicha) (duumessa fakkaatee) gara laggeen isaanii garagalee dhufaa ta’uu argan: “kun duumessa nuuf roobu” jedhan. “Lakkisaa! Inni waan isa jarjarfachaa turtan sanii; bubbee adabbiin laalessaan isa keessa jiruudha” (jedhaman).

See all translations of this verse →

تُدَمِّرُ كُلَّ شَىْءٍۭ بِأَمْرِ رَبِّهَا فَأَصْبَحُوا۟ لَا يُرَىٰٓ إِلَّا مَسَٰكِنُهُمْ كَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْقَوْمَ ٱلْمُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan hunda ajaja Rabbii isheetiin balleessiti. Manneen isaanii malee wanti tokkos kan hin mul’anne ta’an. Akka kanatti namoota badii hojjatan mindeessina.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ مَكَّنَّٰهُمْ فِيمَآ إِن مَّكَّنَّٰكُمْ فِيهِ وَجَعَلْنَا لَهُمْ سَمْعًا وَأَبْصَٰرًا وَأَفْـِٔدَةً فَمَآ أَغْنَىٰ عَنْهُمْ سَمْعُهُمْ وَلَآ أَبْصَٰرُهُمْ وَلَآ أَفْـِٔدَتُهُم مِّن شَىْءٍ إِذْ كَانُوا۟ يَجْحَدُونَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Qureyshotaa!) dhugumatti, Nuti waan isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessinee turre. Dhageettii, agartuuleefi qalbiilees isaaniif goonee. Dhageettiin, agartuuleefi qalbiileen isaanii homaa isaan irraa hin deebifne. waan aayatoota keenya mormaa turaniif. Wanti isaan qishnaa itti godhaa turan isaanitti qubate.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَهْلَكْنَا مَا حَوْلَكُم مِّنَ ٱلْقُرَىٰ وَصَرَّفْنَا ٱلْـَٔايَٰتِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, magaalota (ummatoota) moggaa keessan jiran gidduu (heddu) balleessinee jirra. Mallattoolee (keenyas) karaa adda addaatiin isaan argisiifne akka isaan deebi'aniif..

See all translations of this verse →

فَلَوْلَا نَصَرَهُمُ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ قُرْبَانًا ءَالِهَةًۢ بَلْ ضَلُّوا۟ عَنْهُمْ وَذَٰلِكَ إِفْكُهُمْ وَمَا كَانُوا۟ يَفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif wantoonni isaan akka Rabbiitti isaan dhiheessituuf gabbaramoo godhatan isaan hin tumsin? Lakkisaa! (yeroo san) gonkumaa isaan irraa fagaatan. Kun kijiba isaanitiifi waan isaan sobaan haasa’aa turaniidha.

See all translations of this verse →

وَإِذْ صَرَفْنَآ إِلَيْكَ نَفَرًا مِّنَ ٱلْجِنِّ يَسْتَمِعُونَ ٱلْقُرْءَانَ فَلَمَّا حَضَرُوهُ قَالُوٓا۟ أَنصِتُوا۟ فَلَمَّا قُضِىَ وَلَّوْا۟ إِلَىٰ قَوْمِهِم مُّنذِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e gara keetti garagalchine [yaadadhu] kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii, Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa (dhageeffadhaa)” (waliin) jedhan. Yeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰقَوْمَنَآ إِنَّا سَمِعْنَا كِتَٰبًا أُنزِلَ مِنۢ بَعْدِ مُوسَىٰ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ يَهْدِىٓ إِلَى ٱلْحَقِّ وَإِلَىٰ طَرِيقٍ مُّسْتَقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Yaa ummata keenya! Nuti kitaaba Muusaa booda bu’e dhageenyee jirra, kan waan isa duraa dhugoomsaa ta’e, kan gara dhugaafi gara karaa sirrii qajeelchu.

See all translations of this verse →

يَٰقَوْمَنَآ أَجِيبُوا۟ دَاعِىَ ٱللَّهِ وَءَامِنُوا۟ بِهِۦ يَغْفِرْ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمْ وَيُجِرْكُم مِّنْ عَذَابٍ أَلِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata keenya! Waamaa Rabbii (nabi Muhammadiin) tole jedhaa; isattis amanaa. Inni (Rabbiin) badiilee keessan irraa isiniif araarama; adabbii laalessaa irraas isin baraara.

See all translations of this verse →

وَمَن لَّا يُجِبْ دَاعِىَ ٱللَّهِ فَلَيْسَ بِمُعْجِزٍ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَيْسَ لَهُۥ مِن دُونِهِۦٓ أَوْلِيَآءُ أُو۟لَٰٓئِكَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni waamaa Rabbii tole hin jenne, dachii keessatti dadhabsiisaa miti; isaan (Allaahn) alas gargaaraan biraa isaaf hin jiru. Warri sun jallina ifa ta’e keessa jiru.”

See all translations of this verse →

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَلَمْ يَعْىَ بِخَلْقِهِنَّ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحْـِۧىَ ٱلْمَوْتَىٰ بَلَىٰٓ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSila Rabbiin, Isa samiileefi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha.

See all translations of this verse →

وَيَوْمَ يُعْرَضُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ عَلَى ٱلنَّارِ أَلَيْسَ هَٰذَا بِٱلْحَقِّ قَالُوا۟ بَلَىٰ وَرَبِّنَا قَالَ فَذُوقُوا۟ ٱلْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa isaan kafaran ibidda irratti fidaman “sila kun dhugaa mitii?” (isaanin jedhama). Isaanis “Eeyyeen; Gooftaa keenyatti kakannee! (Dhugaa dha)” jedhu. Innis “Waan (Rabbitti) kafaraa turtaniif adabbii kana dhandhamaa” (isaaniin) jedha.

See all translations of this verse →

فَٱصْبِرْ كَمَا صَبَرَ أُو۟لُوا۟ ٱلْعَزْمِ مِنَ ٱلرُّسُلِ وَلَا تَسْتَعْجِل لَّهُمْ كَأَنَّهُمْ يَوْمَ يَرَوْنَ مَا يُوعَدُونَ لَمْ يَلْبَثُوٓا۟ إِلَّا سَاعَةً مِّن نَّهَارٍۭ بَلَٰغٌ فَهَلْ يُهْلَكُ إِلَّا ٱلْقَوْمُ ٱلْفَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Akkuma ergamtoota irraa warri murannoo obsetti, obsi. Isaanitti hin ariifatin. Guyyaa waan waadaa isaaniif galame argan akka waan guyyaa irraa sa’aatii tokko malee hin jiraatiniitti of lakkaa’u. (Qur’aanni) (ergaa) ga’aadha. Sila finciltoota malee namni biraa ni badaa?

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70