caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Az-Zukhruf الزخرف

89 verses · Mecca · revelation order 63

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ حمٓ

Oromo Translation - Gali AbaborHaa Miim.

See all translations of this verse →

وَٱلْكِتَٰبِ ٱلْمُبِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborKitaaba addeessaa ta’eenin kakadha.

See all translations of this verse →

إِنَّا جَعَلْنَٰهُ قُرْءَٰنًا عَرَبِيًّا لَّعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti Qur’aana Arabiffaa isa taasifne Akka isin hubattaniif.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُۥ فِىٓ أُمِّ ٱلْكِتَٰبِ لَدَيْنَا لَعَلِىٌّ حَكِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni haadha kitaabaa Nu bira jiru keessatti tahaadha, ol aanaa ogummaan guutameedha.

See all translations of this verse →

أَفَنَضْرِبُ عَنكُمُ ٱلذِّكْرَ صَفْحًا أَن كُنتُمْ قَوْمًا مُّسْرِفِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gorsa isin irraa dabsinaa Ummata daangaa dabritoota waan taataniif?

See all translations of this verse →

وَكَمْ أَرْسَلْنَا مِن نَّبِىٍّ فِى ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNabiyyoota meeqaatama erginee jirra Warra duraa keessatti.

See all translations of this verse →

وَمَا يَأْتِيهِم مِّن نَّبِىٍّ إِلَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNabiyyiin tokkollee isaanitti dhufee yoo isatti qishinan (baacan) malee hin hafne.

See all translations of this verse →

فَأَهْلَكْنَآ أَشَدَّ مِنْهُم بَطْشًا وَمَضَىٰ مَثَلُ ٱلْأَوَّلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborHumnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirra. Fakkeenyi warra jalqabaa dabreera.

See all translations of this verse →

وَلَئِن سَأَلْتَهُم مَّنْ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ لَيَقُولُنَّ خَلَقَهُنَّ ٱلْعَزِيزُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo samiileefi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُمُ ٱلْأَرْضَ مَهْدًا وَجَعَلَ لَكُمْ فِيهَا سُبُلًا لَّعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) Isa dachii afaa isiniif godhee, ishee keessattis akka qajeeltaniif karaalee isiniif godhe.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِى نَزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءًۢ بِقَدَرٍ فَأَنشَرْنَا بِهِۦ بَلْدَةً مَّيْتًا كَذَٰلِكَ تُخْرَجُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAmmas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, dachii duutuu isaan jiraachifne. Akkuma kana baafamtu.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِى خَلَقَ ٱلْأَزْوَٰجَ كُلَّهَا وَجَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلْفُلْكِ وَٱلْأَنْعَٰمِ مَا تَرْكَبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa cimdii hunda uumee, dooniileefi beyladoota irraa waan yaabbattan isiniif godhe.

See all translations of this verse →

لِتَسْتَوُۥا۟ عَلَىٰ ظُهُورِهِۦ ثُمَّ تَذْكُرُوا۟ نِعْمَةَ رَبِّكُمْ إِذَا ٱسْتَوَيْتُمْ عَلَيْهِ وَتَقُولُوا۟ سُبْحَٰنَ ٱلَّذِى سَخَّرَ لَنَا هَٰذَا وَمَا كُنَّا لَهُۥ مُقْرِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo (duuyda) isaarratti (geejjibaarratti) ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif.

See all translations of this verse →

وَإِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.

See all translations of this verse →

وَجَعَلُوا۟ لَهُۥ مِنْ عِبَادِهِۦ جُزْءًا إِنَّ ٱلْإِنسَٰنَ لَكَفُورٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGabroota Isaa irraa qooda Isaaf taasisani. Namni dhugumatti kafraa ifa bahaadha.

See all translations of this verse →

أَمِ ٱتَّخَذَ مِمَّا يَخْلُقُ بَنَاتٍ وَأَصْفَىٰكُم بِٱلْبَنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee?

See all translations of this verse →

وَإِذَا بُشِّرَ أَحَدُهُم بِمَا ضَرَبَ لِلرَّحْمَٰنِ مَثَلًا ظَلَّ وَجْهُهُۥ مُسْوَدًّا وَهُوَ كَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, fuulli isaa gurraacha ta’a dallansuun guutamaa tahee.

See all translations of this verse →

أَوَمَن يُنَشَّؤُا۟ فِى ٱلْحِلْيَةِ وَهُوَ فِى ٱلْخِصَامِ غَيْرُ مُبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNama faaya (miidhaginaa) keessatti guddifamu, kan falmii keessatti hinibsine (godhatee)?

See all translations of this verse →

وَجَعَلُوا۟ ٱلْمَلَٰٓئِكَةَ ٱلَّذِينَ هُمْ عِبَٰدُ ٱلرَّحْمَٰنِ إِنَٰثًا أَشَهِدُوا۟ خَلْقَهُمْ سَتُكْتَبُ شَهَٰدَتُهُمْ وَيُسْـَٔلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisan. uumama isaanii bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura nibarreeffamti, nigaafataman.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ لَوْ شَآءَ ٱلرَّحْمَٰنُ مَا عَبَدْنَٰهُم مَّا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنْ عِلْمٍ إِنْ هُمْ إِلَّا يَخْرُصُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhan. sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban isaan kijiboo malee hintaane.

See all translations of this verse →

أَمْ ءَاتَيْنَٰهُمْ كِتَٰبًا مِّن قَبْلِهِۦ فَهُم بِهِۦ مُسْتَمْسِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMoo (Qur’aana) kana dura kitaaba isaaniif kennine, kan isaan isa qabatoo tahan?

See all translations of this verse →

بَلْ قَالُوٓا۟ إِنَّا وَجَدْنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٍ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّهْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborLakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faanoowwan isaanii irra qajeeloodha” jedhan.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ مَآ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ فِى قَرْيَةٍ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتْرَفُوهَآ إِنَّا وَجَدْنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٍ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّقْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne.

See all translations of this verse →

قَٰلَ أَوَلَوْ جِئْتُكُم بِأَهْدَىٰ مِمَّا وَجَدتُّمْ عَلَيْهِ ءَابَآءَكُمْ قَالُوٓا۟ إِنَّا بِمَآ أُرْسِلْتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufeelleemoo (isaanuma hordoftuu)?” jedhe. (Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.

See all translations of this verse →

فَٱنتَقَمْنَا مِنْهُمْ فَٱنظُرْ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُكَذِّبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborKanaafuu isaan irraa haaloo ba’anne. Booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaali.

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَ إِبْرَٰهِيمُ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِۦٓ إِنَّنِى بَرَآءٌ مِّمَّا تَعْبُدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhe [yaadadhu] :“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.

See all translations of this verse →

إِلَّا ٱلَّذِى فَطَرَنِى فَإِنَّهُۥ سَيَهْدِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa na uume malee. Inni na qajeelcha.”

See all translations of this verse →

وَجَعَلَهَا كَلِمَةًۢ بَاقِيَةً فِى عَقِبِهِۦ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJechattii isa booda haftuu ishee godhe Akka isaan deebi’aniif.

See all translations of this verse →

بَلْ مَتَّعْتُ هَٰٓؤُلَآءِ وَءَابَآءَهُمْ حَتَّىٰ جَآءَهُمُ ٱلْحَقُّ وَرَسُولٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis qanansiise hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufutti.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلْحَقُّ قَالُوا۟ هَٰذَا سِحْرٌ وَإِنَّا بِهِۦ كَٰفِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugaan isaanitti dhufnaan immoo “kuni falfala; nuti isatti kafaroodha” jedhan.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ لَوْلَا نُزِّلَ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانُ عَلَىٰ رَجُلٍ مِّنَ ٱلْقَرْيَتَيْنِ عَظِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Qur’aanni kun nama guddaa ganda lamaan irraa ta’etti maaliif buufamuu dhabe?”

See all translations of this verse →

أَهُمْ يَقْسِمُونَ رَحْمَتَ رَبِّكَ نَحْنُ قَسَمْنَا بَيْنَهُم مَّعِيشَتَهُمْ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَرَفَعْنَا بَعْضَهُمْ فَوْقَ بَعْضٍ دَرَجَٰتٍ لِّيَتَّخِذَ بَعْضُهُم بَعْضًا سُخْرِيًّا وَرَحْمَتُ رَبِّكَ خَيْرٌ مِّمَّا يَجْمَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaantu Rahmata Gooftaa keetii qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoode.garii isaanii garii irra sadarkaaleen ol fuune Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha. Rahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala.

See all translations of this verse →

وَلَوْلَآ أَن يَكُونَ ٱلنَّاسُ أُمَّةً وَٰحِدَةً لَّجَعَلْنَا لِمَن يَكْفُرُ بِٱلرَّحْمَٰنِ لِبُيُوتِهِمْ سُقُفًا مِّن فِضَّةٍ وَمَعَارِجَ عَلَيْهَا يَظْهَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaanii meeta irraa taasifna turre. sadarkaawwan irrattii ol ba’anis.

See all translations of this verse →

وَلِبُيُوتِهِمْ أَبْوَٰبًا وَسُرُرًا عَلَيْهَا يَتَّكِـُٔونَ

Oromo Translation - Gali AbaborManneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).

See all translations of this verse →

وَزُخْرُفًا وَإِن كُلُّ ذَٰلِكَ لَمَّا مَتَٰعُ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةُ عِندَ رَبِّكَ لِلْمُتَّقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborFaayaas (ni goonaaf) Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofa. Aakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi.

See all translations of this verse →

وَمَن يَعْشُ عَن ذِكْرِ ٱلرَّحْمَٰنِ نُقَيِّضْ لَهُۥ شَيْطَٰنًا فَهُوَ لَهُۥ قَرِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُمْ لَيَصُدُّونَهُمْ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَيَحْسَبُونَ أَنَّهُم مُّهْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo qajeeloo uf sehan.

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَنَا قَالَ يَٰلَيْتَ بَيْنِى وَبَيْنَكَ بُعْدَ ٱلْمَشْرِقَيْنِ فَبِئْسَ ٱلْقَرِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga nutti dhufee “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedha. Hiriyichi waa fokkate!

See all translations of this verse →

وَلَن يَنفَعَكُمُ ٱلْيَوْمَ إِذ ظَّلَمْتُمْ أَنَّكُمْ فِى ٱلْعَذَابِ مُشْتَرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHar’a isin hin fayyadu waan lubbuu keessan miitaniif, ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan (homaa isin hinfayyadu).

See all translations of this verse →

أَفَأَنتَ تُسْمِعُ ٱلصُّمَّ أَوْ تَهْدِى ٱلْعُمْىَ وَمَن كَانَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaa qajeelchitaa, nama jallina ifa ta’e keessa jiru(s niqajeelchitaa)?

See all translations of this verse →

فَإِمَّا نَذْهَبَنَّ بِكَ فَإِنَّا مِنْهُم مُّنتَقِمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo bahatoodha.

See all translations of this verse →

أَوْ نُرِيَنَّكَ ٱلَّذِى وَعَدْنَٰهُمْ فَإِنَّا عَلَيْهِم مُّقْتَدِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifne, Nuti isaan irratti danda’oodha.

See all translations of this verse →

فَٱسْتَمْسِكْ بِٱلَّذِىٓ أُوحِىَ إِلَيْكَ إِنَّكَ عَلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa gara keetti wahyii godhame san qabadhu. Ati karaa qajeelaa irra jirta.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُۥ لَذِكْرٌ لَّكَ وَلِقَوْمِكَ وَسَوْفَ تُسْـَٔلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Qur’aanni) siifi ummata keetiifis gorsa. Fuula dura ni gaafatamtu.

See all translations of this verse →

وَسْـَٔلْ مَنْ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ مِن رُّسُلِنَآ أَجَعَلْنَا مِن دُونِ ٱلرَّحْمَٰنِ ءَالِهَةً يُعْبَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgamtoota keenya irraa nama si dura ergine gaafadhu “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَمَلَإِي۟هِۦ فَقَالَ إِنِّى رَسُولُ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَآءَهُم بِـَٔايَٰتِنَآ إِذَا هُم مِّنْهَا يَضْحَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo raajiiwwan keenyaan isaanitti dhufu, isaan yeroo san isheetti kolfu.

See all translations of this verse →

وَمَا نُرِيهِم مِّنْ ءَايَةٍ إِلَّا هِىَ أَكْبَرُ مِنْ أُخْتِهَا وَأَخَذْنَٰهُم بِٱلْعَذَابِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRaajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnu. Akka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaan isaan qabne.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ يَٰٓأَيُّهَ ٱلسَّاحِرُ ٱدْعُ لَنَا رَبَّكَ بِمَا عَهِدَ عِندَكَ إِنَّنَا لَمُهْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhu. Nuti ni qajeella” jedhan.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا كَشَفْنَا عَنْهُمُ ٱلْعَذَابَ إِذَا هُمْ يَنكُثُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo adabbii isaan irraa saaqnu yoggusuma isaan waadaa diigan.

See all translations of this verse →

وَنَادَىٰ فِرْعَوْنُ فِى قَوْمِهِۦ قَالَ يَٰقَوْمِ أَلَيْسَ لِى مُلْكُ مِصْرَ وَهَٰذِهِ ٱلْأَنْهَٰرُ تَجْرِى مِن تَحْتِىٓ أَفَلَا تُبْصِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborFir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaatuu? Sila hin agartanuu?” jedhe.

See all translations of this verse →

أَمْ أَنَا۠ خَيْرٌ مِّنْ هَٰذَا ٱلَّذِى هُوَ مَهِينٌ وَلَا يَكَادُ يُبِينُ

Oromo Translation - Gali Ababor“Isa laafaa (tuffatamaa), dubbii adda baasuutti hindhihaanne kana irra anatu caala.

See all translations of this verse →

فَلَوْلَآ أُلْقِىَ عَلَيْهِ أَسْوِرَةٌ مِّن ذَهَبٍ أَوْ جَآءَ مَعَهُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ مُقْتَرِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yoo akkas ta’e) maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin qindaawanii maaliif hin dhufne?” (jedhe).

See all translations of this verse →

فَٱسْتَخَفَّ قَوْمَهُۥ فَأَطَاعُوهُ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ قَوْمًا فَٰسِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmata isaa gowwoomse ajaja isaa fudhatan. Isaan ummata fincilaa turan.

See all translations of this verse →

فَلَمَّآ ءَاسَفُونَا ٱنتَقَمْنَا مِنْهُمْ فَأَغْرَقْنَٰهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsiifne.

See all translations of this verse →

فَجَعَلْنَٰهُمْ سَلَفًا وَمَثَلًا لِّلْـَٔاخِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhaloota boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا ضُرِبَ ٱبْنُ مَرْيَمَ مَثَلًا إِذَا قَوْمُكَ مِنْهُ يَصِدُّونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ilmi Maryam (Iisaan) fakkeenya godhamu ummanni kee (kaafiroonni) isarraa kolfu (gammadu).

See all translations of this verse →

وَقَالُوٓا۟ ءَأَٰلِهَتُنَا خَيْرٌ أَمْ هُوَ مَا ضَرَبُوهُ لَكَ إِلَّا جَدَلًۢا بَلْ هُمْ قَوْمٌ خَصِمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhan. Waan kana falmiif malee siif hin godhanu. Dhugumatti, isaan ummata mormitoota.

See all translations of this verse →

إِنْ هُوَ إِلَّا عَبْدٌ أَنْعَمْنَا عَلَيْهِ وَجَعَلْنَٰهُ مَثَلًا لِّبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee malee waan biraa miti, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne .

See all translations of this verse →

وَلَوْ نَشَآءُ لَجَعَلْنَا مِنكُم مَّلَٰٓئِكَةً فِى ٱلْأَرْضِ يَخْلُفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo feenee maleeykota isin irraa bakka bu’an dachii keessa goona turre.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُۥ لَعِلْمٌ لِّلسَّاعَةِ فَلَا تَمْتَرُنَّ بِهَا وَٱتَّبِعُونِ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Qiyaamaaf mallattoo dhaa, ishee hin shakkinaa; ana hordofaa. Kanatu karaa qajeelaadha.

See all translations of this verse →

وَلَا يَصُدَّنَّكُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ إِنَّهُۥ لَكُمْ عَدُوٌّ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSheyxaanni (dhugaa hordofuu irraa) akka isin hin dhorgine. Inni isiniif diina ifa ba’aadha.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا جَآءَ عِيسَىٰ بِٱلْبَيِّنَٰتِ قَالَ قَدْ جِئْتُكُم بِٱلْحِكْمَةِ وَلِأُبَيِّنَ لَكُم بَعْضَ ٱلَّذِى تَخْتَلِفُونَ فِيهِ فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborIisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAllaahn Isumatu Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Isa (qofa) gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha.

See all translations of this verse →

فَٱخْتَلَفَ ٱلْأَحْزَابُ مِنۢ بَيْنِهِمْ فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ مِنْ عَذَابِ يَوْمٍ أَلِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiru. Isaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaa irraa halaakni isaaniif tahe.

See all translations of this verse →

هَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا ٱلسَّاعَةَ أَن تَأْتِيَهُم بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila ni eeganii Qiyaamaa malee daguudhaan isaanitti dhufuu isaanii hinbeeynee?

See all translations of this verse →

ٱلْأَخِلَّآءُ يَوْمَئِذٍۭ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ إِلَّا ٱلْمُتَّقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJaalalleewwan guyyaa san gariin isaanii gariif diina isaan Rabbiin sodaatan malee.

See all translations of this verse →

يَٰعِبَادِ لَا خَوْفٌ عَلَيْكُمُ ٱلْيَوْمَ وَلَآ أَنتُمْ تَحْزَنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa gabroota kiyya! Har’a sodaan isin irra hin jiru; isin hin gadditanus.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُوا۟ مُسْلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan keeyyattoota keenyatti amananii, Muslimoota ta’an.

See all translations of this verse →

ٱدْخُلُوا۟ ٱلْجَنَّةَ أَنتُمْ وَأَزْوَٰجُكُمْ تُحْبَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsiniifi jaartiiwwan teessanis gammadaa jannata seenaa” (isaaniin jedhama).

See all translations of this verse →

يُطَافُ عَلَيْهِم بِصِحَافٍ مِّن ذَهَبٍ وَأَكْوَابٍ وَفِيهَا مَا تَشْتَهِيهِ ٱلْأَنفُسُ وَتَلَذُّ ٱلْأَعْيُنُ وَأَنتُمْ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborQoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaaleen isaan irra naanna’ama. Ishee keessas waan lubbuuleen feetuufi ijoowwan itti gammaddutu jira. Isin ishee (jannata) keessatti hafoodha” (jedhamaani).

See all translations of this verse →

وَتِلْكَ ٱلْجَنَّةُ ٱلَّتِىٓ أُورِثْتُمُوهَا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJannatni sun ta ishee dhalchifamtani waan hojjachaa turtaniini.

See all translations of this verse →

لَكُمْ فِيهَا فَٰكِهَةٌ كَثِيرَةٌ مِّنْهَا تَأْكُلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsiniif ishee keessa fuduraalee baay’eetu jira. ishee irraa nyaattan.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُجْرِمِينَ فِى عَذَابِ جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYakkamtoonni adabbii jahannam keessatti hafu.

See all translations of this verse →

لَا يُفَتَّرُ عَنْهُمْ وَهُمْ فِيهِ مُبْلِسُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis isa keessatti abdii muratoodha.

See all translations of this verse →

وَمَا ظَلَمْنَٰهُمْ وَلَٰكِن كَانُوا۟ هُمُ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti isaan hin miine; garuu isaan (ofumaaf) miidhaa hojjattoota ta’an.

See all translations of this verse →

وَنَادَوْا۟ يَٰمَٰلِكُ لِيَقْضِ عَلَيْنَا رَبُّكَ قَالَ إِنَّكُم مَّٰكِثُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee haa nufixu (nuuf gaafadhuu)” (jedhanii) lallabu. (Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe.

See all translations of this verse →

لَقَدْ جِئْنَٰكُم بِٱلْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَكُمْ لِلْحَقِّ كَٰرِهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufne. Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota.

See all translations of this verse →

أَمْ أَبْرَمُوٓا۟ أَمْرًا فَإِنَّا مُبْرِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMoo Tooftaa baasanii?, nutis tooftaa itti baafne.

See all translations of this verse →

أَمْ يَحْسَبُونَ أَنَّا لَا نَسْمَعُ سِرَّهُمْ وَنَجْوَىٰهُم بَلَىٰ وَرُسُلُنَا لَدَيْهِمْ يَكْتُبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMoo Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyu sehanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessu.

See all translations of this verse →

قُلْ إِن كَانَ لِلرَّحْمَٰنِ وَلَدٌ فَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلْعَٰبِدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) jedhi: “yoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa)(ilma san) gabbaraniiti.” {1}

See all translations of this verse →

سُبْحَٰنَ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ رَبِّ ٱلْعَرْشِ عَمَّا يَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin samiileefi dachii, Gooftaan arshii waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera.

See all translations of this verse →

فَذَرْهُمْ يَخُوضُوا۟ وَيَلْعَبُوا۟ حَتَّىٰ يُلَٰقُوا۟ يَوْمَهُمُ ٱلَّذِى يُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan dhiisi (dhara keessa) seenanii haa taphatanii Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى فِى ٱلسَّمَآءِ إِلَٰهٌ وَفِى ٱلْأَرْضِ إِلَٰهٌ وَهُوَ ٱلْحَكِيمُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa samii keessatti gabbaramaa, dachii keessattis gabbaramaati. Inni ogeessa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَتَبَارَكَ ٱلَّذِى لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَعِندَهُۥ عِلْمُ ٱلسَّاعَةِ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni mootummaan samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e toltuun isaa baay'ate. beekumsi Qiyaamaas Isa biratti tahe, gara Isaatti deebifamtan.

See all translations of this verse →

وَلَا يَمْلِكُ ٱلَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِهِ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَن شَهِدَ بِٱلْحَقِّ وَهُمْ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborManguddummaa seenuu hin danda’anu Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahan malee.

See all translations of this verse →

وَلَئِن سَأَلْتَهُم مَّنْ خَلَقَهُمْ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُ فَأَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborEenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu. Akkamumatti irraa garagalfamuree?

See all translations of this verse →

وَقِيلِهِۦ يَٰرَبِّ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوْمٌ لَّا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira).

See all translations of this verse →

فَٱصْفَحْ عَنْهُمْ وَقُلْ سَلَٰمٌ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70