Home › Surahs › Surah As-Sajda
Surah As-Sajda السجدة
30 verses · Mecca · revelation order 75
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓمٓ
Oromo Translation - Gali Ababor Alif Laam Miim.
See all translations of this verse →
تَنزِيلُ ٱلْكِتَٰبِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hinjiru.
See all translations of this verse →
أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُ بَلْ هُوَ ٱلْحَقُّ مِن رَّبِّكَ لِتُنذِرَ قَوْمًا مَّآ أَتَىٰهُم مِّن نَّذِيرٍ مِّن قَبْلِكَ لَعَلَّهُمْ يَهْتَدُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhuu? Akkasii miti, Dhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame) akka isaan qajeelaniif.
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ مَا لَكُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِىٍّ وَلَا شَفِيعٍ أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Allaahn isa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee sana. eegasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedha. Isaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiru. Sila hin gorfamtanuu?
See all translations of this verse →
يُدَبِّرُ ٱلْأَمْرَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ إِلَى ٱلْأَرْضِ ثُمَّ يَعْرُجُ إِلَيْهِ فِى يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُۥٓ أَلْفَ سَنَةٍ مِّمَّا تَعُدُّونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa) Sana booda gara isaa olbaha guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ عَٰلِمُ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni sana hojjate beekaa fagoofi waan mul’atuu, kan injifataa, rahmata godhaa ta’eedha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِىٓ أَحْسَنَ كُلَّ شَىْءٍ خَلَقَهُۥ وَبَدَأَ خَلْقَ ٱلْإِنسَٰنِ مِن طِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor (Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.
See all translations of this verse →
ثُمَّ جَعَلَ نَسْلَهُۥ مِن سُلَٰلَةٍ مِّن مَّآءٍ مَّهِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Sana booda sanyii isaa dhangala'aa bishaan laafaa irraa ta’e irraa godhe.
See all translations of this verse →
ثُمَّ سَوَّىٰهُ وَنَفَخَ فِيهِ مِن رُّوحِهِۦ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمْعَ وَٱلْأَبْصَٰرَ وَٱلْأَفْـِٔدَةَ قَلِيلًا مَّا تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufe. Dhageettii, argaaleefi Onneewwanis isiniif taasise. Xiqquma galateeffattu.
See all translations of this verse →
وَقَالُوٓا۟ أَءِذَا ضَلَلْنَا فِى ٱلْأَرْضِ أَءِنَّا لَفِى خَلْقٍ جَدِيدٍۭ بَلْ هُم بِلِقَآءِ رَبِّهِمْ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhan. Dhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha.
See all translations of this verse →
قُلْ يَتَوَفَّىٰكُم مَّلَكُ ٱلْمَوْتِ ٱلَّذِى وُكِّلَ بِكُمْ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمْ تُرْجَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhiin “Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesa, eegasii gara gooftaa keessanii deebifamtu”.
See all translations of this verse →
وَلَوْ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلْمُجْرِمُونَ نَاكِسُوا۟ رُءُوسِهِمْ عِندَ رَبِّهِمْ رَبَّنَآ أَبْصَرْنَا وَسَمِعْنَا فَٱرْجِعْنَا نَعْمَلْ صَٰلِحًا إِنَّا مُوقِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor osoo gartee Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataalee isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee,(addunyaatti) nu deebisi hojii gaarii hojjannaa nuti dhugoomsoodhaa” jedhan (argitee ) [silaa dubbii cimaa argita turte].
See all translations of this verse →
وَلَوْ شِئْنَا لَـَٔاتَيْنَا كُلَّ نَفْسٍ هُدَىٰهَا وَلَٰكِنْ حَقَّ ٱلْقَوْلُ مِنِّى لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ ٱلْجِنَّةِ وَٱلنَّاسِ أَجْمَعِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turre. Garuu jechi narraa tahe haqa tahee jira. jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta.
See all translations of this verse →
فَذُوقُوا۟ بِمَا نَسِيتُمْ لِقَآءَ يَوْمِكُمْ هَٰذَآ إِنَّا نَسِينَٰكُمْ وَذُوقُوا۟ عَذَابَ ٱلْخُلْدِ بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor “Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaa. Nutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis azaaba zalaalam dhandhamaa” (jedhamu).
See all translations of this verse →
إِنَّمَا يُؤْمِنُ بِـَٔايَٰتِنَا ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُوا۟ بِهَا خَرُّوا۟ سُجَّدًا وَسَبَّحُوا۟ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَهُمْ لَا يَسْتَكْبِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor hangi Keeyyattoota keenyatti amanu warra yeroo isheedhaan gorfaman sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii galatomfataa faarsani. isaan hinboonanu.
See all translations of this verse →
تَتَجَافَىٰ جُنُوبُهُمْ عَنِ ٱلْمَضَاجِعِ يَدْعُونَ رَبَّهُمْ خَوْفًا وَطَمَعًا وَمِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ يُنفِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Cinaachoowwan isaanii ciisichoowan irraa ni fagaatti, Goftaa isaanii ni kadhatu sodaataafii kajeelaa. Waan isaaniif kennine irraa ni sadaqatu.
See all translations of this verse →
فَلَا تَعْلَمُ نَفْسٌ مَّآ أُخْفِىَ لَهُم مِّن قُرَّةِ أَعْيُنٍ جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu gammachuu ijaa irraa.Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha,
See all translations of this verse →
أَفَمَن كَانَ مُؤْمِنًا كَمَن كَانَ فَاسِقًا لَّا يَسْتَوُۥنَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an.
See all translations of this verse →
أَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَلَهُمْ جَنَّٰتُ ٱلْمَأْوَىٰ نُزُلًۢا بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ammoo Warri amananii gaggaarii hojjatan jannata qobsumaatu isaaniif jira, qubannoota waan isaan hojjataa turaniif jecha.
See all translations of this verse →
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ فَسَقُوا۟ فَمَأْوَىٰهُمُ ٱلنَّارُ كُلَّمَآ أَرَادُوٓا۟ أَن يَخْرُجُوا۟ مِنْهَآ أُعِيدُوا۟ فِيهَا وَقِيلَ لَهُمْ ذُوقُوا۟ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّذِى كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibidda. Dhawaatuma ishee irraa ba’uu barbaanii ishee keessatti deebifamu, “Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama.
See all translations of this verse →
وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ ٱلْعَذَابِ ٱلْأَدْنَىٰ دُونَ ٱلْعَذَابِ ٱلْأَكْبَرِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti (Nuti) adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna, adabbii guddaa dura, akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha.
See all translations of this verse →
وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ ثُمَّ أَعْرَضَ عَنْهَآ إِنَّا مِنَ ٱلْمُجْرِمِينَ مُنتَقِمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Eenyu ka ufmiidhe Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa garagale caalaa? Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha.
See all translations of this verse →
وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَٰبَ فَلَا تَكُن فِى مِرْيَةٍ مِّن لِّقَآئِهِۦ وَجَعَلْنَٰهُ هُدًى لِّبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra, Isaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’in, Ilmaan Israa’iiliif qajeeluma isa taasifne.
See all translations of this verse →
وَجَعَلْنَا مِنْهُمْ أَئِمَّةً يَهْدُونَ بِأَمْرِنَا لَمَّا صَبَرُوا۟ وَكَانُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا يُوقِنُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne ,Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsoo tahan.
See all translations of this verse →
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَفْصِلُ بَيْنَهُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُوا۟ فِيهِ يَخْتَلِفُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَهْدِ لَهُمْ كَمْ أَهْلَكْنَا مِن قَبْلِهِم مِّنَ ٱلْقُرُونِ يَمْشُونَ فِى مَسَٰكِنِهِمْ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ أَفَلَا يَسْمَعُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila ifa isaaniif hin taanee? akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii. sana keessa mallattooleetu jira. Sila hin dhagahanuu?
See all translations of this verse →
أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّا نَسُوقُ ٱلْمَآءَ إِلَى ٱلْأَرْضِ ٱلْجُرُزِ فَنُخْرِجُ بِهِۦ زَرْعًا تَأْكُلُ مِنْهُ أَنْعَٰمُهُمْ وَأَنفُسُهُمْ أَفَلَا يُبْصِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiiwwan isaaniitiifi lubbuulee isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu?
See all translations of this verse →
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلْفَتْحُ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor “ murtiin kun yoom ta’a Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif?” jedhu.
See all translations of this verse →
قُلْ يَوْمَ ٱلْفَتْحِ لَا يَنفَعُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِيمَٰنُهُمْ وَلَا هُمْ يُنظَرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyadu, isaan Yeroo kennamoos hintaane.
See all translations of this verse →
فَأَعْرِضْ عَنْهُمْ وَٱنتَظِرْ إِنَّهُم مُّنتَظِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan irraa gara gali. [Adabbii isaanitti bu’u] eegi. isaanis (baduu kee) eegoodha.
See all translations of this verse →
← Surah Luqman
Surah Al-Ahzaab →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.