caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Ahzaab الأحزاب

73 verses · Medina · revelation order 90

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ ٱتَّقِ ٱللَّهَ وَلَا تُطِعِ ٱلْكَٰفِرِينَ وَٱلْمُنَٰفِقِينَ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa nabiyyichaa! Allaah sodaadhu, Kaafirootaafi munaafiqootaafis hin ajajamin. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَٱتَّبِعْ مَا يُوحَىٰٓ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborWaan Gooftaa kee irraa gara keetti beeksisa godhame hordofi. Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱللَّهِ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborAllaah irratti hirkadhu; hirkoo ta’uuf Rabbiin gayaadha.

See all translations of this verse →

مَّا جَعَلَ ٱللَّهُ لِرَجُلٍ مِّن قَلْبَيْنِ فِى جَوْفِهِۦ وَمَا جَعَلَ أَزْوَٰجَكُمُ ٱلَّٰٓـِٔى تُظَٰهِرُونَ مِنْهُنَّ أُمَّهَٰتِكُمْ وَمَا جَعَلَ أَدْعِيَآءَكُمْ أَبْنَآءَكُمْ ذَٰلِكُمْ قَوْلُكُم بِأَفْوَٰهِكُمْ وَٱللَّهُ يَقُولُ ٱلْحَقَّ وَهُوَ يَهْدِى ٱلسَّبِيلَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin nama tokkoof keessa (garaa) isaatti onnee lama hin taasifne. Niitolii keessan kan isaan irraa dugda (haadhaatti) fakkeessitan san haadholii keessan hin goone; guddifachaa keessanis ilmaan keessan hin goone. Sun jecha keessan kan isin afaanoowwan keessaniin haasoftaniidha. Rabbiin dhuguma jedha Isatu karaa sirriitti qajeelcha.

See all translations of this verse →

ٱدْعُوهُمْ لِـَٔابَآئِهِمْ هُوَ أَقْسَطُ عِندَ ٱللَّهِ فَإِن لَّمْ تَعْلَمُوٓا۟ ءَابَآءَهُمْ فَإِخْوَٰنُكُمْ فِى ٱلدِّينِ وَمَوَٰلِيكُمْ وَلَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ فِيمَآ أَخْطَأْتُم بِهِۦ وَلَٰكِن مَّا تَعَمَّدَتْ قُلُوبُكُمْ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborAbboota isaaniitiin isaan waamaa, Isatu Rabbiin biratti irra sirriidha. Yoo abbootii isaanii beekuu baattan, obboleewwan keessan kan amantiitiifi jaalalleewwan keessani. Waan isa dogoggortan keessatti diliin isin irra hin jiru. Garuu waan onneewwan keessan hamilteef (isin qaba). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

ٱلنَّبِىُّ أَوْلَىٰ بِٱلْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنفُسِهِمْ وَأَزْوَٰجُهُۥٓ أُمَّهَٰتُهُمْ وَأُو۟لُوا۟ ٱلْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِى كِتَٰبِ ٱللَّهِ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُهَٰجِرِينَ إِلَّآ أَن تَفْعَلُوٓا۟ إِلَىٰٓ أَوْلِيَآئِكُم مَّعْرُوفًا كَانَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْكِتَٰبِ مَسْطُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborNabiyyiin Mu’uminootatti lubbuulee isaanii irra itti aanaadha, jaartiiwwan isaa haadholee isaaniiti. Kitaaba Rabbii keessatti, warra firooma qabantu gariin isaanii garii (dhaaluutti) haqa mu’iminootaafi godaantota caalaa. Garuu gara jaalalleewwan keessaniitti [dhaamsa dhaamuudhaan] gaarii yoo hojjattan [ni eeyyamama]. Kun kitaaba (Lawhal mahfuuz) keessatti barreeffamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَإِذْ أَخَذْنَا مِنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِيثَٰقَهُمْ وَمِنكَ وَمِن نُّوحٍ وَإِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَى ٱبْنِ مَرْيَمَ وَأَخَذْنَا مِنْهُم مِّيثَٰقًا غَلِيظًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii fuune: sirraas, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas qabne [yaadadhu]. Isaan irraa waadaa cimaa qabne.

See all translations of this verse →

لِّيَسْـَٔلَ ٱلصَّٰدِقِينَ عَن صِدْقِهِمْ وَأَعَدَّ لِلْكَٰفِرِينَ عَذَابًا أَلِيمًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) warra dhugaa dubbatan dhugaa dubbatuu isaanii irraa akka isaan gaafatuuf (kana godhe). Kaafirootaaf immoo adabbii laalessaa ta’e qopheessee jira.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱذْكُرُوا۟ نِعْمَةَ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ جَآءَتْكُمْ جُنُودٌ فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا وَجُنُودًا لَّمْ تَرَوْهَا وَكَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan isin irra jiru yaadadhaa. yeroo hoomaawwan (waraanaa) isinitti dhufanii, ergasii bubbeefi hoomaawwan isin hin agarre isaan irratti ergine, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’eera.

See all translations of this verse →

إِذْ جَآءُوكُم مِّن فَوْقِكُمْ وَمِنْ أَسْفَلَ مِنكُمْ وَإِذْ زَاغَتِ ٱلْأَبْصَٰرُ وَبَلَغَتِ ٱلْقُلُوبُ ٱلْحَنَاجِرَ وَتَظُنُّونَ بِٱللَّهِ ٱلظُّنُونَا۠

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo gubbaa keessaniifi garjalee keessan irraa isinitti dhufan, yeroo ijjoowan jallattee (hiramtee), onneewwanis kokkeewwan geessee, Rabbitti yaada fokkataa yaaddan san [yaadadhaa].

See all translations of this verse →

هُنَالِكَ ٱبْتُلِىَ ٱلْمُؤْمِنُونَ وَزُلْزِلُوا۟ زِلْزَالًا شَدِيدًا

Oromo Translation - Gali AbaborBakka sanitti mu’uminoonni mokkoramaniiti, kirkira cimaa kirkireeffaman.

See all translations of this verse →

وَإِذْ يَقُولُ ٱلْمُنَٰفِقُونَ وَٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ مَّا وَعَدَنَا ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥٓ إِلَّا غُرُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo munaafiqootaafi isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru “Rabbiifi ergamaan Isaas gowwoomsaa malee wanta biraa waadaa nuuf hin goone” jedhan [yaadadhaa].

See all translations of this verse →

وَإِذْ قَالَت طَّآئِفَةٌ مِّنْهُمْ يَٰٓأَهْلَ يَثْرِبَ لَا مُقَامَ لَكُمْ فَٱرْجِعُوا۟ وَيَسْتَـْٔذِنُ فَرِيقٌ مِّنْهُمُ ٱلنَّبِىَّ يَقُولُونَ إِنَّ بُيُوتَنَا عَوْرَةٌ وَمَا هِىَ بِعَوْرَةٍ إِن يُرِيدُونَ إِلَّا فِرَارًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo gareen isaan irraa taate “Yaa warra madiinaa teessumti isiniif hin jiruu deebi’aa” jatte [yaadadhaa]. Gareen isaan irraa ta’e nabiyyicha hayyama gaafate “manneen keenya hadiyyoo (duwwaa)dha” jedhan, odoo isheen hadiyyoo hin ta’iin, dheefa malee isaan waan biraa hin fedhanu.

See all translations of this verse →

وَلَوْ دُخِلَتْ عَلَيْهِم مِّنْ أَقْطَارِهَا ثُمَّ سُئِلُوا۟ ٱلْفِتْنَةَ لَـَٔاتَوْهَا وَمَا تَلَبَّثُوا۟ بِهَآ إِلَّا يَسِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo (magaalattiin) moggaalee ishee (hundaan) isaan irratti seenamtee, ergasii shirkii (diin irraa gara galuu) gaafatamanii, dhugumatti ni raawwatu turan. Ishee (shirkii simachuu) irraa waa xiqqoo malee hin turanu.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ كَانُوا۟ عَٰهَدُوا۟ ٱللَّهَ مِن قَبْلُ لَا يُوَلُّونَ ٱلْأَدْبَٰرَ وَكَانَ عَهْدُ ٱللَّهِ مَسْـُٔولًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kana dura hin baqannu jechuun Rabbiif waadaa galanii turan. Waadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

قُل لَّن يَنفَعَكُمُ ٱلْفِرَارُ إِن فَرَرْتُم مِّنَ ٱلْمَوْتِ أَوِ ٱلْقَتْلِ وَإِذًا لَّا تُمَتَّعُونَ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Yoo du’a yookiin ajjeechaa irraa baqattan ta’e baqachuun isin hin fayyadu. Yeroo san xiqqoo malee hin qanansiifamtanu” jedhiin.

See all translations of this verse →

قُلْ مَن ذَا ٱلَّذِى يَعْصِمُكُم مِّنَ ٱللَّهِ إِنْ أَرَادَ بِكُمْ سُوٓءًا أَوْ أَرَادَ بِكُمْ رَحْمَةً وَلَا يَجِدُونَ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Yoo Inni hamtuu isinitti yaade yookiin rahmata isiniif fedhe, ka Rabbi irraa isin baraaru eenyu? Rabbiin ala jaalalleefi tumsaa isaaniif hin argatanu.

See all translations of this verse →

قَدْ يَعْلَمُ ٱللَّهُ ٱلْمُعَوِّقِينَ مِنكُمْ وَٱلْقَآئِلِينَ لِإِخْوَٰنِهِمْ هَلُمَّ إِلَيْنَا وَلَا يَأْتُونَ ٱلْبَأْسَ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Rabbiin nibeeka warra duubatti (namoota) deebasaniifi obboleeyyan isaaniitiin “gara keenya kottaa” jedhan. yeroo xiqqoo malee lola hin dhaqan.

See all translations of this verse →

أَشِحَّةً عَلَيْكُمْ فَإِذَا جَآءَ ٱلْخَوْفُ رَأَيْتَهُمْ يَنظُرُونَ إِلَيْكَ تَدُورُ أَعْيُنُهُمْ كَٱلَّذِى يُغْشَىٰ عَلَيْهِ مِنَ ٱلْمَوْتِ فَإِذَا ذَهَبَ ٱلْخَوْفُ سَلَقُوكُم بِأَلْسِنَةٍ حِدَادٍ أَشِحَّةً عَلَى ٱلْخَيْرِ أُو۟لَٰٓئِكَ لَمْ يُؤْمِنُوا۟ فَأَحْبَطَ ٱللَّهُ أَعْمَٰلَهُمْ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Boojuu argachuu keessan) isin irratti doynoomoo ta’anii (malee lola hin dhufanu); yeroo sodaan (isaanitti) dhufe, akka isa du’aaf gaggabeetti kan ijjoowwan isaanii naannoftu ta’anii gara kee ilaalan isaan agarta. Yeroo sodaan deeme immoo qabeenya irratti bololoo ta’anii arraboota qaraan isin waraanu. Jarri sun hin amanne; Rabbiin dalagaalee isaanii jalaa balleesseera. kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.

See all translations of this verse →

يَحْسَبُونَ ٱلْأَحْزَابَ لَمْ يَذْهَبُوا۟ وَإِن يَأْتِ ٱلْأَحْزَابُ يَوَدُّوا۟ لَوْ أَنَّهُم بَادُونَ فِى ٱلْأَعْرَابِ يَسْـَٔلُونَ عَنْ أَنۢبَآئِكُمْ وَلَوْ كَانُوا۟ فِيكُم مَّا قَٰتَلُوٓا۟ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Munaafiqoonni) Tuutni kaafiraa hin deemne jedhanii yaadu. Yoo gamtaan diinaa dhufe immoo, (baadiyyaatti) bahanii tikfattoota keessatti (ta’anii) oduulee keessan irraa gaggaafachuu jaallatu. Odoo isin keessa ta’aniillee xiqqoo malee hin lolan ture.

See all translations of this verse →

لَّقَدْ كَانَ لَكُمْ فِى رَسُولِ ٱللَّهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِّمَن كَانَ يَرْجُوا۟ ٱللَّهَ وَٱلْيَوْمَ ٱلْـَٔاخِرَ وَذَكَرَ ٱللَّهَ كَثِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu isiniif tahee jira, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا رَءَا ٱلْمُؤْمِنُونَ ٱلْأَحْزَابَ قَالُوا۟ هَٰذَا مَا وَعَدَنَا ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥ وَصَدَقَ ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥ وَمَا زَادَهُمْ إِلَّآ إِيمَٰنًا وَتَسْلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborMu’umintoonni yeroma gamtaalee diinaa argan “kun waan Rabbiifi ergamaan Isaa waadaa nuuf galani. Rabbiifi ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru” jedhu. Iimaanaafi (Rabbiif) ajajmuu malee wanta biraa isaaniif hin daballe.

See all translations of this verse →

مِّنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ رِجَالٌ صَدَقُوا۟ مَا عَٰهَدُوا۟ ٱللَّهَ عَلَيْهِ فَمِنْهُم مَّن قَضَىٰ نَحْبَهُۥ وَمِنْهُم مَّن يَنتَظِرُ وَمَا بَدَّلُوا۟ تَبْدِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborMu’uminoota irraa dhiirota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraa nama eeggataa jirutu jira. Jijjiirraa (kamillee) hin jijjiirre.

See all translations of this verse →

لِّيَجْزِىَ ٱللَّهُ ٱلصَّٰدِقِينَ بِصِدْقِهِمْ وَيُعَذِّبَ ٱلْمُنَٰفِقِينَ إِن شَآءَ أَوْ يَتُوبَ عَلَيْهِمْ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَّحِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborAkka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَرَدَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِغَيْظِهِمْ لَمْ يَنَالُوا۟ خَيْرًا وَكَفَى ٱللَّهُ ٱلْمُؤْمِنِينَ ٱلْقِتَالَ وَكَانَ ٱللَّهُ قَوِيًّا عَزِيزًا

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin isaan kafaran dallansuu isaaniitiin odoo toltuu tokkollee hin argatin isaan deebise. Mu’uminootas Rabbiin lola (irraa) isaaniif ga’eera. Allaahn jabaa, injifataa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَأَنزَلَ ٱلَّذِينَ ظَٰهَرُوهُم مِّنْ أَهْلِ ٱلْكِتَٰبِ مِن صَيَاصِيهِمْ وَقَذَفَ فِى قُلُوبِهِمُ ٱلرُّعْبَ فَرِيقًا تَقْتُلُونَ وَتَأْسِرُونَ فَرِيقًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) abbootii kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran mooraa isaanii irraa isaan buusee, onneewwan isaanii keessatti sodaa darbe. Garii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu.

See all translations of this verse →

وَأَوْرَثَكُمْ أَرْضَهُمْ وَدِيَٰرَهُمْ وَأَمْوَٰلَهُمْ وَأَرْضًا لَّمْ تَطَـُٔوهَا وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborDachii isaanii, manneen isaanii, qabeenya isaaniitiifi dachii isin gubbaa hin ejjatiniis isin dhaalchise. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ قُل لِّأَزْوَٰجِكَ إِن كُنتُنَّ تُرِدْنَ ٱلْحَيَوٰةَ ٱلدُّنْيَا وَزِينَتَهَا فَتَعَالَيْنَ أُمَتِّعْكُنَّ وَأُسَرِّحْكُنَّ سَرَاحًا جَمِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa nabiyyichaa! Niitolii teetiin jedhi “jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee kan feetan yoo taataniif, kottaa waan ittiin qananiitan isiniif kenneen, gadi dhiisuu bareedaa ta’e isin gadi dhiisa”.

See all translations of this verse →

وَإِن كُنتُنَّ تُرِدْنَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَٱلدَّارَ ٱلْـَٔاخِرَةَ فَإِنَّ ٱللَّهَ أَعَدَّ لِلْمُحْسِنَٰتِ مِنكُنَّ أَجْرًا عَظِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin, ergamaa Isaatiifi mana Aakhiraa kan filattan yoo taatan immoo, isin irraa warra toltuu hojjataniif Rabbiin mindaa guddaa qopheessee jira.

See all translations of this verse →

يَٰنِسَآءَ ٱلنَّبِىِّ مَن يَأْتِ مِنكُنَّ بِفَٰحِشَةٍ مُّبَيِّنَةٍ يُضَٰعَفْ لَهَا ٱلْعَذَابُ ضِعْفَيْنِ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa dubartoota nabiyyichaa! Isin irraa namni badii ifa galtuu taateen dhufe (raawwate), adabbiin dachaa lama isheetti godhama. Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.

See all translations of this verse →

وَمَن يَقْنُتْ مِنكُنَّ لِلَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتَعْمَلْ صَٰلِحًا نُّؤْتِهَآ أَجْرَهَا مَرَّتَيْنِ وَأَعْتَدْنَا لَهَا رِزْقًا كَرِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsin irraa isheen Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamtee toltuu hojjatte, mindaa ishee yeroo lama isheef kennina. soorata gaariis (jennatas) isheedhaaf qopheessine

See all translations of this verse →

يَٰنِسَآءَ ٱلنَّبِىِّ لَسْتُنَّ كَأَحَدٍ مِّنَ ٱلنِّسَآءِ إِنِ ٱتَّقَيْتُنَّ فَلَا تَخْضَعْنَ بِٱلْقَوْلِ فَيَطْمَعَ ٱلَّذِى فِى قَلْبِهِۦ مَرَضٌ وَقُلْنَ قَوْلًا مَّعْرُوفًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa dubartoota nabiyyichaa! Isin akka dubartii biraa tokkolleetii miti. yoo Rabbiin sodaattan, jecha keessan hin laaffisinaa; Akka inni onnee isaa keessa dhukkubni jiru hin kajeelleef, jecha bareedaa dubbadhaa.

See all translations of this verse →

وَقَرْنَ فِى بُيُوتِكُنَّ وَلَا تَبَرَّجْنَ تَبَرُّجَ ٱلْجَٰهِلِيَّةِ ٱلْأُولَىٰ وَأَقِمْنَ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتِينَ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَطِعْنَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓ إِنَّمَا يُرِيدُ ٱللَّهُ لِيُذْهِبَ عَنكُمُ ٱلرِّجْسَ أَهْلَ ٱلْبَيْتِ وَيُطَهِّرَكُمْ تَطْهِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborManneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriitti miidhagina keessan hin mul’isinaa; salaatas sirnaan dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa,Yaa maatii nabiyyichaa! Wanti Rabbiin fedhu xurii isin irraa deemsisee qulqulleessiinsa isin qulqulleessuu dha.

See all translations of this verse →

وَٱذْكُرْنَ مَا يُتْلَىٰ فِى بُيُوتِكُنَّ مِنْ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ وَٱلْحِكْمَةِ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ لَطِيفًا خَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborKeeyyattoota (Qur’aana) Rabbiifi hadiisa irraa waan manneen keessan keessatti dubbifamu hubadhaa (ittiin gorfamaa). Rabbiin keessa beekaa, hubataa ta’eera

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُسْلِمِينَ وَٱلْمُسْلِمَٰتِ وَٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ وَٱلْقَٰنِتِينَ وَٱلْقَٰنِتَٰتِ وَٱلصَّٰدِقِينَ وَٱلصَّٰدِقَٰتِ وَٱلصَّٰبِرِينَ وَٱلصَّٰبِرَٰتِ وَٱلْخَٰشِعِينَ وَٱلْخَٰشِعَٰتِ وَٱلْمُتَصَدِّقِينَ وَٱلْمُتَصَدِّقَٰتِ وَٱلصَّٰٓئِمِينَ وَٱلصَّٰٓئِمَٰتِ وَٱلْحَٰفِظِينَ فُرُوجَهُمْ وَٱلْحَٰفِظَٰتِ وَٱلذَّٰكِرِينَ ٱللَّهَ كَثِيرًا وَٱلذَّٰكِرَٰتِ أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُم مَّغْفِرَةً وَأَجْرًا عَظِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborDhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.

See all translations of this verse →

وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥٓ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ ٱلْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ وَمَن يَعْصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَٰلًا مُّبِينًا

Oromo Translation - Gali AbaborMu’umintichaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan, ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane. Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.

See all translations of this verse →

وَإِذْ تَقُولُ لِلَّذِىٓ أَنْعَمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِ وَأَنْعَمْتَ عَلَيْهِ أَمْسِكْ عَلَيْكَ زَوْجَكَ وَٱتَّقِ ٱللَّهَ وَتُخْفِى فِى نَفْسِكَ مَا ٱللَّهُ مُبْدِيهِ وَتَخْشَى ٱلنَّاسَ وَٱللَّهُ أَحَقُّ أَن تَخْشَىٰهُ فَلَمَّا قَضَىٰ زَيْدٌ مِّنْهَا وَطَرًا زَوَّجْنَٰكَهَا لِكَىْ لَا يَكُونَ عَلَى ٱلْمُؤْمِنِينَ حَرَجٌ فِىٓ أَزْوَٰجِ أَدْعِيَآئِهِمْ إِذَا قَضَوْا۟ مِنْهُنَّ وَطَرًا وَكَانَ أَمْرُ ٱللَّهِ مَفْعُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ati isa Rabbiin tola irratti oolee atis tola irratti oolteen “Niitii kee qabadhu, Rabbiinis sodaadhu” jatteen [yaadadhu]. Ammas (yeroo) waan Rabbiin isa ifa baasuuf taa’u, ati of keessatti dhoksite. Odoo Rabbiin sodaachuun irra haqa ta’uu yeroo nama sodaattes [yaadadhu]. Yeroo Zeydiin ishee irraa dhimma fixate (ishee hiike), ishee si fuusifne Akka mu’uminoota irratti niitii ilmaan guddisaa (guddifachaa) isaanii yeroo isaan dhimma irraa fixatan (fuuchuu) keessatti rakkoon hin taaneef jecha, Ajajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

مَّا كَانَ عَلَى ٱلنَّبِىِّ مِنْ حَرَجٍ فِيمَا فَرَضَ ٱللَّهُ لَهُۥ سُنَّةَ ٱللَّهِ فِى ٱلَّذِينَ خَلَوْا۟ مِن قَبْلُ وَكَانَ أَمْرُ ٱللَّهِ قَدَرًا مَّقْدُورًا

Oromo Translation - Gali AbaborWaan Rabbiin isaaf murteesse keessatti nabiyyicha irra badiin tokkoyyuu hin jiru. Sun karaa Rabbii kan warra dur dabran keessatti (raawwatamaa) tureedha. Ajajni Rabbii murtee murteeffamaa ta’eedha.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يُبَلِّغُونَ رِسَٰلَٰتِ ٱللَّهِ وَيَخْشَوْنَهُۥ وَلَا يَخْشَوْنَ أَحَدًا إِلَّا ٱللَّهَ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ حَسِيبًا

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra ergaawwan Rabbii geessaniifi Isa sodaataniidha, Isa malee waan tokkollee kan hin sodaanne. Tiksaa ta’uuf Rabbiinuu ga’aadha.

See all translations of this verse →

مَّا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَآ أَحَدٍ مِّن رِّجَالِكُمْ وَلَٰكِن رَّسُولَ ٱللَّهِ وَخَاتَمَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ وَكَانَ ٱللَّهُ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborMuhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane. Garuu inni ergamaa Rabbiitiifi xumura nabiyyootaati. Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱذْكُرُوا۟ ٱللَّهَ ذِكْرًا كَثِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Faaruu baay’ee Allaah faarsaa.

See all translations of this verse →

وَسَبِّحُوهُ بُكْرَةً وَأَصِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborGanamaafi galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِى يُصَلِّى عَلَيْكُمْ وَمَلَٰٓئِكَتُهُۥ لِيُخْرِجَكُم مِّنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ وَكَانَ بِٱلْمُؤْمِنِينَ رَحِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Rabbiin) Isa rahmata isin irratti buusuudha. Maleykonni Isaas (akkasuma rahmata isiniif kadhatu); dukkanoowwan keessaa gara ifaatti isin baasuuf (isin mararfata); mu’uminootaaf akkaan rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

تَحِيَّتُهُمْ يَوْمَ يَلْقَوْنَهُۥ سَلَٰمٌ وَأَعَدَّ لَهُمْ أَجْرًا كَرِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Isa qunnaman salaamtaan isaani ‘nagaan (isin irra haa jiraatuu)’dha, (Allaahn) mindaa gaarii ta’e isaaniif qopheesseera.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ إِنَّآ أَرْسَلْنَٰكَ شَٰهِدًا وَمُبَشِّرًا وَنَذِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa nabiyyichaa! Nuti ragaa, gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee si erginee jirra.

See all translations of this verse →

وَدَاعِيًا إِلَى ٱللَّهِ بِإِذْنِهِۦ وَسِرَاجًا مُّنِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborHayyama Isaatiin gara Rabbiitti waamaafi ifaa (haqa) ibsaa ta’e goonee (si ergine).

See all translations of this verse →

وَبَشِّرِ ٱلْمُؤْمِنِينَ بِأَنَّ لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ فَضْلًا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborMu’uminoota gammachiisi Rabbi irraa tolli guddaan isaaniif jiraachuun.

See all translations of this verse →

وَلَا تُطِعِ ٱلْكَٰفِرِينَ وَٱلْمُنَٰفِقِينَ وَدَعْ أَذَىٰهُمْ وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱللَّهِ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborAjaja kaafirootaafi munaafiqootaa tole hin jedhin. Rakkoo isaaniis (Rabbumatti) dhiisi. Rabbi irratti hirkadhu. Irratti hirkachuuf Rabbumatu ga’a.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نَكَحْتُمُ ٱلْمُؤْمِنَٰتِ ثُمَّ طَلَّقْتُمُوهُنَّ مِن قَبْلِ أَن تَمَسُّوهُنَّ فَمَا لَكُمْ عَلَيْهِنَّ مِنْ عِدَّةٍ تَعْتَدُّونَهَا فَمَتِّعُوهُنَّ وَسَرِّحُوهُنَّ سَرَاحًا جَمِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’uminaa fuutanii, eegasii odoo isaan hintuqin (qunnamtii saalaa hin raawwatin) isaan hiiktan, “Iddaan” isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qanansiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ إِنَّآ أَحْلَلْنَا لَكَ أَزْوَٰجَكَ ٱلَّٰتِىٓ ءَاتَيْتَ أُجُورَهُنَّ وَمَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ مِمَّآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَيْكَ وَبَنَاتِ عَمِّكَ وَبَنَاتِ عَمَّٰتِكَ وَبَنَاتِ خَالِكَ وَبَنَاتِ خَٰلَٰتِكَ ٱلَّٰتِى هَاجَرْنَ مَعَكَ وَٱمْرَأَةً مُّؤْمِنَةً إِن وَهَبَتْ نَفْسَهَا لِلنَّبِىِّ إِنْ أَرَادَ ٱلنَّبِىُّ أَن يَسْتَنكِحَهَا خَالِصَةً لَّكَ مِن دُونِ ٱلْمُؤْمِنِينَ قَدْ عَلِمْنَا مَا فَرَضْنَا عَلَيْهِمْ فِىٓ أَزْوَٰجِهِمْ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُهُمْ لِكَيْلَا يَكُونَ عَلَيْكَ حَرَجٌ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetiifi shamarran haboo (obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf lubbuu ishee kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’uminoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) halaal siif goonee jirra. Isaan (mu’uminoota) irratti niitii isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirra. Akka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone) Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

تُرْجِى مَن تَشَآءُ مِنْهُنَّ وَتُـْٔوِىٓ إِلَيْكَ مَن تَشَآءُ وَمَنِ ٱبْتَغَيْتَ مِمَّنْ عَزَلْتَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكَ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰٓ أَن تَقَرَّ أَعْيُنُهُنَّ وَلَا يَحْزَنَّ وَيَرْضَيْنَ بِمَآ ءَاتَيْتَهُنَّ كُلُّهُنَّ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ مَا فِى قُلُوبِكُمْ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa nama feete dhiiftee, nama feete immoo gara keetti maxxanfatta. Isaan yeroof dhiifte irraa nama feete (yoo fuutes), badiin sirra hin jiru. Ijjooleen isaanii gammaduu, gadduu dhabuufi hundi isaanii waan ati isaaniif kennite jaallachutti kanatu dhihoodha. Rabbiin waan onneewwan teessan keessa jiru ni beeka. Rabbiin beekaa, obsaa ta’eera.

See all translations of this verse →

لَّا يَحِلُّ لَكَ ٱلنِّسَآءُ مِنۢ بَعْدُ وَلَآ أَن تَبَدَّلَ بِهِنَّ مِنْ أَزْوَٰجٍ وَلَوْ أَعْجَبَكَ حُسْنُهُنَّ إِلَّا مَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ رَّقِيبًا

Oromo Translation - Gali AbaborKana booda dubartoonni (biraa) siif halaal hin ta’anu; odoma bareedinni isaanii si dinqisiisellee bakka isaanii warra biraa jijjiiruunis, waan mirgi kee dhuunfatte malee (halaala siif hin ta’u) Rabbiinis waan hunda irratti too’ataa ta’eera.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَدْخُلُوا۟ بُيُوتَ ٱلنَّبِىِّ إِلَّآ أَن يُؤْذَنَ لَكُمْ إِلَىٰ طَعَامٍ غَيْرَ نَٰظِرِينَ إِنَىٰهُ وَلَٰكِنْ إِذَا دُعِيتُمْ فَٱدْخُلُوا۟ فَإِذَا طَعِمْتُمْ فَٱنتَشِرُوا۟ وَلَا مُسْتَـْٔنِسِينَ لِحَدِيثٍ إِنَّ ذَٰلِكُمْ كَانَ يُؤْذِى ٱلنَّبِىَّ فَيَسْتَحْىِۦ مِنكُمْ وَٱللَّهُ لَا يَسْتَحْىِۦ مِنَ ٱلْحَقِّ وَإِذَا سَأَلْتُمُوهُنَّ مَتَٰعًا فَسْـَٔلُوهُنَّ مِن وَرَآءِ حِجَابٍ ذَٰلِكُمْ أَطْهَرُ لِقُلُوبِكُمْ وَقُلُوبِهِنَّ وَمَا كَانَ لَكُمْ أَن تُؤْذُوا۟ رَسُولَ ٱللَّهِ وَلَآ أَن تَنكِحُوٓا۟ أَزْوَٰجَهُۥ مِنۢ بَعْدِهِۦٓ أَبَدًا إِنَّ ذَٰلِكُمْ كَانَ عِندَ ٱللَّهِ عَظِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! manneen nabiyyii hin seeninaa, yoo gara nyaataatti hayyamni isiniif godhame malee, Haala bilchina isaa hin eegneen, Garuu yeroo waamamtan seenaa; yeroo nyaattan bittinnaa’aa haasa’atti mukuu bahuun (boharuun) maleetti. Dhugumatti, (gochi) sun nabiyyii rakkisa; isin irraa ni saalfata, Rabbiin garuu dhugaa irraa hin saalfatu, Yeroo meeshaa isaan (niitolii nabiyyii) gaafattanis haguuggii (girdoo) duubaan isaan gaafadhaa. Akkas gochuu keessantu onneewwan keessaniifi onneewwan isaaniitiifis irra qulqulluudha. Ergamaa Rabbii rakkisuufi niitiwwan isaa booda (du’a) isaatii fuuchuun gonkumaa isiniif hin malu, (gochi) sun Rabbiin biratti (badii) guddaa ta’eera.

See all translations of this verse →

إِن تُبْدُوا۟ شَيْـًٔا أَوْ تُخْفُوهُ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborWaan tokko yoo mul'iftan, yookiin yoo isa dhoksitan (irratti galata galfamtan) Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.

See all translations of this verse →

لَّا جُنَاحَ عَلَيْهِنَّ فِىٓ ءَابَآئِهِنَّ وَلَآ أَبْنَآئِهِنَّ وَلَآ إِخْوَٰنِهِنَّ وَلَآ أَبْنَآءِ إِخْوَٰنِهِنَّ وَلَآ أَبْنَآءِ أَخَوَٰتِهِنَّ وَلَا نِسَآئِهِنَّ وَلَا مَا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُهُنَّ وَٱتَّقِينَ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan (dubartoota) irratti abboota isaanii, ilmaan isaanii, obboleeyyan isaanii, ilmaan obboleeyyan isaanii, ilmaan obbleettiwwan isaanii, dubartoota isaaniitii (Muslimtootaatii) fi waan mirgi isaanii horatte (gabroota isaanii) biratti (miidhaagina isaanii mul’isuu) keessatti badiin isaan irra hin jiru. Allaah sodaadhaa. Rabbiin waan hunda irratti ragaa ta’eera.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِىِّ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ صَلُّوا۟ عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا۟ تَسْلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُؤْذُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ وَأَعَدَّ لَهُمْ عَذَابًا مُّهِينًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Rabbiifi ergamaa Isaa rakkisan, Rabbiin addunyaafi Aakhiraa keessattis isaan abaareera. adabbii xiqqeessaa ta’es isaaniif qopheesseera.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يُؤْذُونَ ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ بِغَيْرِ مَا ٱكْتَسَبُوا۟ فَقَدِ ٱحْتَمَلُوا۟ بُهْتَٰنًا وَإِثْمًا مُّبِينًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan mu’uminoota dhiiraafi mu’uminoota dubartiis waan isaan hin hojjatatiniin rakkisan, dhugumatti isaan cubbuufi badii ifa ba’aa baadhataniiru.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ قُل لِّأَزْوَٰجِكَ وَبَنَاتِكَ وَنِسَآءِ ٱلْمُؤْمِنِينَ يُدْنِينَ عَلَيْهِنَّ مِن جَلَٰبِيبِهِنَّ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰٓ أَن يُعْرَفْنَ فَلَا يُؤْذَيْنَ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

لَّئِن لَّمْ يَنتَهِ ٱلْمُنَٰفِقُونَ وَٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ وَٱلْمُرْجِفُونَ فِى ٱلْمَدِينَةِ لَنُغْرِيَنَّكَ بِهِمْ ثُمَّ لَا يُجَاوِرُونَكَ فِيهَآ إِلَّا قَلِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborMunaafiqoonniifi warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi isaan Madiina keessatti shororkeessitoota ta’aniis yoo (badii isaanii kanarraa) hin dhorgamin, Nuti dhugumatti isaan irratti si kakaafna (moosifna); sana booda yeroo gabaabaaf malee ishee (Madiina) keessa sitti olloomanii hin jiraatan.

See all translations of this verse →

مَّلْعُونِينَ أَيْنَمَا ثُقِفُوٓا۟ أُخِذُوا۟ وَقُتِّلُوا۟ تَقْتِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborAbaaramtoota (ta’anii malee Madiinaa keessatti sitti hin ollooman). Iddoma argamanitti qabamanii ajjeefamiinsa (hamaa) ajjeefaman.

See all translations of this verse →

سُنَّةَ ٱللَّهِ فِى ٱلَّذِينَ خَلَوْا۟ مِن قَبْلُ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّةِ ٱللَّهِ تَبْدِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborKaraa Rabbii kan warra duraan dabran keessatti (Inni karaa godhe). Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu.

See all translations of this verse →

يَسْـَٔلُكَ ٱلنَّاسُ عَنِ ٱلسَّاعَةِ قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِندَ ٱللَّهِ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّ ٱلسَّاعَةَ تَكُونُ قَرِيبًا

Oromo Translation - Gali AbaborNamoonni Qiyaamaa irraa si gaafatu “Dhugumatti, beekumsi ishee Rabbuma bira jira” jedhiin. Maaltu si beeksise? Qiyaamaan dhihoo ta’uun ni malaa.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱللَّهَ لَعَنَ ٱلْكَٰفِرِينَ وَأَعَدَّ لَهُمْ سَعِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aa isaaniif qopheessee jira.

See all translations of this verse →

خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا لَّا يَجِدُونَ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا

Oromo Translation - Gali AbaborZalaalam ishee keessa jiraatu, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan.

See all translations of this verse →

يَوْمَ تُقَلَّبُ وُجُوهُهُمْ فِى ٱلنَّارِ يَقُولُونَ يَٰلَيْتَنَآ أَطَعْنَا ٱللَّهَ وَأَطَعْنَا ٱلرَّسُولَا۠

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa fuulleen isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ رَبَّنَآ إِنَّآ أَطَعْنَا سَادَتَنَا وَكُبَرَآءَنَا فَأَضَلُّونَا ٱلسَّبِيلَا۠

Oromo Translation - Gali Ababor“Yaa Gooftaa keenya! Nuti ajaja matootii keenyaafi gurguddoota keenyaa fudhanneeti isaanis karaa nu jallisan” jedhan.

See all translations of this verse →

رَبَّنَآ ءَاتِهِمْ ضِعْفَيْنِ مِنَ ٱلْعَذَابِ وَٱلْعَنْهُمْ لَعْنًا كَبِيرًا

Oromo Translation - Gali Ababor“Yaa Gooftaa keenya! adabbii irraa dachaa lama isaaniif kennii, abaarsa guddaa ta’es isaan abaari.”(jedhan).

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَكُونُوا۟ كَٱلَّذِينَ ءَاذَوْا۟ مُوسَىٰ فَبَرَّأَهُ ٱللَّهُ مِمَّا قَالُوا۟ وَكَانَ عِندَ ٱللَّهِ وَجِيهًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Akka warra Muusaa rakkifnaani hintahinaa. Rabbiin waan isaan jedhan irraa isa (Muusaa) qulqulleesse. Innis Rabbiin biratti kabajamaa ta’eera.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَقُولُوا۟ قَوْلًا سَدِيدًا

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa.

See all translations of this verse →

يُصْلِحْ لَكُمْ أَعْمَٰلَكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَقَدْ فَازَ فَوْزًا عَظِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborDalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araarama, Namni ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhate dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.

See all translations of this verse →

إِنَّا عَرَضْنَا ٱلْأَمَانَةَ عَلَى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَٱلْجِبَالِ فَأَبَيْنَ أَن يَحْمِلْنَهَا وَأَشْفَقْنَ مِنْهَا وَحَمَلَهَا ٱلْإِنسَٰنُ إِنَّهُۥ كَانَ ظَلُومًا جَهُولًا

Oromo Translation - Gali AbaborNuti amaanaa samii, dachiifi gaarreen irra (bifa filannootiin) fidne, ishee baadhachuu didanii; ishee irraas sodaatan, Namni immoo ishee baadhate, inni akkaan of miidhaa, wallaalaa ta’ee jira.

See all translations of this verse →

لِّيُعَذِّبَ ٱللَّهُ ٱلْمُنَٰفِقِينَ وَٱلْمُنَٰفِقَٰتِ وَٱلْمُشْرِكِينَ وَٱلْمُشْرِكَٰتِ وَيَتُوبَ ٱللَّهُ عَلَى ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًۢا

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin munaafiqoota dhiiraafi dubartii, mushrikoota dhiiraafi dubartiis adabuufi akkasumas Rabbiin mu’uminoota dhiiraafi dubartii irraa tawbaa qeebaluuf jecha (kana godhe). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70