إِذْ أَوَى ٱلْفِتْيَةُ إِلَى ٱلْكَهْفِ فَقَالُوا۟ رَبَّنَآ ءَاتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً وَهَيِّئْ لَنَا مِنْ أَمْرِنَا رَشَدًا
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo dargaggoonni gara godaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu).