caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Saad ص

88 verses · Mecca · revelation order 38

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ صٓ وَٱلْقُرْءَانِ ذِى ٱلذِّكْرِ

Oromo Translation - Gali AbaborSaad Qur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)!

See all translations of this verse →

بَلِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فِى عِزَّةٍ وَشِقَاقٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru.

See all translations of this verse →

كَمْ أَهْلَكْنَا مِن قَبْلِهِم مِّن قَرْنٍ فَنَادَوا۟ وَّلَاتَ حِينَ مَنَاصٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirra. Yeroo baqaaf hin taane walitti lallaban.

See all translations of this verse →

وَعَجِبُوٓا۟ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٌ مِّنْهُمْ وَقَالَ ٱلْكَٰفِرُونَ هَٰذَا سَٰحِرٌ كَذَّابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, kaafirtoonni ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha.

See all translations of this verse →

أَجَعَلَ ٱلْـَٔالِهَةَ إِلَٰهًا وَٰحِدًا إِنَّ هَٰذَا لَشَىْءٌ عُجَابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”

See all translations of this verse →

وَٱنطَلَقَ ٱلْمَلَأُ مِنْهُمْ أَنِ ٱمْشُوا۟ وَٱصْبِرُوا۟ عَلَىٰٓ ءَالِهَتِكُمْ إِنَّ هَٰذَا لَشَىْءٌ يُرَادُ

Oromo Translation - Gali AbaborGurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “deemaa gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha" (waliin jedhan).

See all translations of this verse →

مَا سَمِعْنَا بِهَٰذَا فِى ٱلْمِلَّةِ ٱلْـَٔاخِرَةِ إِنْ هَٰذَآ إِلَّا ٱخْتِلَٰقٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAmantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenye. Kun waanuma haara’a uumame malee homaa miti."

See all translations of this verse →

أَءُنزِلَ عَلَيْهِ ٱلذِّكْرُ مِنۢ بَيْنِنَا بَلْ هُمْ فِى شَكٍّ مِّن ذِكْرِى بَل لَّمَّا يَذُوقُوا۟ عَذَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiru. Garuu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran).

See all translations of this verse →

أَمْ عِندَهُمْ خَزَآئِنُ رَحْمَةِ رَبِّكَ ٱلْعَزِيزِ ٱلْوَهَّابِ

Oromo Translation - Gali AbaborFurtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa?

See all translations of this verse →

أَمْ لَهُم مُّلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا فَلْيَرْتَقُوا۟ فِى ٱلْأَسْبَٰبِ

Oromo Translation - Gali AbaborMoo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaalee keessaan (gara samii) ol haa ba’anii.

See all translations of this verse →

جُندٌ مَّا هُنَالِكَ مَهْزُومٌ مِّنَ ٱلْأَحْزَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo (dha). Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru).

See all translations of this verse →

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَعَادٌ وَفِرْعَوْنُ ذُو ٱلْأَوْتَادِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa tae (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru.

See all translations of this verse →

وَثَمُودُ وَقَوْمُ لُوطٍ وَأَصْحَٰبُ لْـَٔيْكَةِ أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلْأَحْزَابُ

Oromo Translation - Gali AbaborSamuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru) Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha).

See all translations of this verse →

إِن كُلٌّ إِلَّا كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ عِقَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborHundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafne. Kanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e.

See all translations of this verse →

وَمَا يَنظُرُ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا صَيْحَةً وَٰحِدَةً مَّا لَهَا مِن فَوَاقٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ رَبَّنَا عَجِّل لَّنَا قِطَّنَا قَبْلَ يَوْمِ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”

See all translations of this verse →

ٱصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱذْكُرْ عَبْدَنَا دَاوُۥدَ ذَا ٱلْأَيْدِ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan isaan jedhan irratti obsi. Gabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhu. Inni akkaan tawbataa ture.

See all translations of this verse →

إِنَّا سَخَّرْنَا ٱلْجِبَالَ مَعَهُۥ يُسَبِّحْنَ بِٱلْعَشِىِّ وَٱلْإِشْرَاقِ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra.

See all translations of this verse →

وَٱلطَّيْرَ مَحْشُورَةً كُلٌّ لَّهُۥٓ أَوَّابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAllaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra). Hunduu gara Isaa deebi’oodha.

See all translations of this verse →

وَشَدَدْنَا مُلْكَهُۥ وَءَاتَيْنَٰهُ ٱلْحِكْمَةَ وَفَصْلَ ٱلْخِطَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborMootummaa isaa jabeessinee jirra. Hikmaa (nabiyyummaa) fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra.

See all translations of this verse →

وَهَلْ أَتَىٰكَ نَبَؤُا۟ ٱلْخَصْمِ إِذْ تَسَوَّرُوا۟ ٱلْمِحْرَابَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa?

See all translations of this verse →

إِذْ دَخَلُوا۟ عَلَىٰ دَاوُۥدَ فَفَزِعَ مِنْهُمْ قَالُوا۟ لَا تَخَفْ خَصْمَانِ بَغَىٰ بَعْضُنَا عَلَىٰ بَعْضٍ فَٱحْكُم بَيْنَنَا بِٱلْحَقِّ وَلَا تُشْطِطْ وَٱهْدِنَآ إِلَىٰ سَوَآءِ ٱلصِّرَٰطِ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan daawud irratti seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedha. Kanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessi. Hin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan.

See all translations of this verse →

إِنَّ هَٰذَآ أَخِى لَهُۥ تِسْعٌ وَتِسْعُونَ نَعْجَةً وَلِىَ نَعْجَةٌ وَٰحِدَةٌ فَقَالَ أَكْفِلْنِيهَا وَعَزَّنِى فِى ٱلْخِطَابِ

Oromo Translation - Gali Ababorkun obboleessa kiyya, Isaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jira. Anaaf immoo hoolaa dhaltuu takka qofatu jira. “Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse.

See all translations of this verse →

قَالَ لَقَدْ ظَلَمَكَ بِسُؤَالِ نَعْجَتِكَ إِلَىٰ نِعَاجِهِۦ وَإِنَّ كَثِيرًا مِّنَ ٱلْخُلَطَآءِ لَيَبْغِى بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَقَلِيلٌ مَّا هُمْ وَظَنَّ دَاوُۥدُ أَنَّمَا فَتَنَّٰهُ فَٱسْتَغْفَرَ رَبَّهُۥ وَخَرَّ رَاكِعًا وَأَنَابَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa tee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jira. Dhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan malee Isaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e.

See all translations of this verse →

فَغَفَرْنَا لَهُۥ ذَٰلِكَ وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلْفَىٰ وَحُسْنَ مَـَٔابٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Nutis) sana isaaf araaramne. Dhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira.

See all translations of this verse →

يَٰدَاوُۥدُ إِنَّا جَعَلْنَٰكَ خَلِيفَةً فِى ٱلْأَرْضِ فَٱحْكُم بَيْنَ ٱلنَّاسِ بِٱلْحَقِّ وَلَا تَتَّبِعِ ٱلْهَوَىٰ فَيُضِلَّكَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَضِلُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌۢ بِمَا نَسُوا۟ يَوْمَ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirra. gidduu namootaatti dhugaan murteessi. fedha lubbuu hin hordofin karaa Rabbii irraa si jallisaa. Dhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira.

See all translations of this verse →

وَمَا خَلَقْنَا ٱلسَّمَآءَ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا بَٰطِلًا ذَٰلِكَ ظَنُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنَ ٱلنَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborSamii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran, taphaaf hin uumne. Sun sehaa warra kafaraniiti. Isaan kafaraniif laga ibidda irraa ta’etu jira.

See all translations of this verse →

أَمْ نَجْعَلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَٱلْمُفْسِدِينَ فِى ٱلْأَرْضِ أَمْ نَجْعَلُ ٱلْمُتَّقِينَ كَٱلْفُجَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan amananii, toltuuwwan dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Moo Warra Allaah sodaatan akka warra yakkamoo ni taasifnaa?

See all translations of this verse →

كِتَٰبٌ أَنزَلْنَٰهُ إِلَيْكَ مُبَٰرَكٌ لِّيَدَّبَّرُوٓا۟ ءَايَٰتِهِۦ وَلِيَتَذَكَّرَ أُو۟لُوا۟ ٱلْأَلْبَٰبِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Kun) kitaaba gara keetti isa buufneedha. Barakeeffamaadha. akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuulee qaban ittiin gorfamuuf jecha.

See all translations of this verse →

وَوَهَبْنَا لِدَاوُۥدَ سُلَيْمَٰنَ نِعْمَ ٱلْعَبْدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDaawuudiif Suleeymaaniin kennine. Gabricha akkam tole! Inni akkaan tawbataadha.

See all translations of this verse →

إِذْ عُرِضَ عَلَيْهِ بِٱلْعَشِىِّ ٱلصَّٰفِنَٰتُ ٱلْجِيَادُ

Oromo Translation - Gali AbaborWaaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu).

See all translations of this verse →

فَقَالَ إِنِّىٓ أَحْبَبْتُ حُبَّ ٱلْخَيْرِ عَن ذِكْرِ رَبِّى حَتَّىٰ تَوَارَتْ بِٱلْحِجَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “ani jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa jaaladhe. hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti.

See all translations of this verse →

رُدُّوهَا عَلَىَّ فَطَفِقَ مَسْحًۢا بِٱلسُّوقِ وَٱلْأَعْنَاقِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ فَتَنَّا سُلَيْمَٰنَ وَأَلْقَيْنَا عَلَىٰ كُرْسِيِّهِۦ جَسَدًا ثُمَّ أَنَابَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Suleeymaaniin mokkorre. Siree isaa irratti qaama (laafaa) darbine. Eegasii ( tawbaa) deebi’e.

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ ٱغْفِرْ لِى وَهَبْ لِى مُلْكًا لَّا يَنۢبَغِى لِأَحَدٍ مِّنۢ بَعْدِىٓ إِنَّكَ أَنتَ ٱلْوَهَّابُ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenni. Dhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”

See all translations of this verse →

فَسَخَّرْنَا لَهُ ٱلرِّيحَ تَجْرِى بِأَمْرِهِۦ رُخَآءً حَيْثُ أَصَابَ

Oromo Translation - Gali AbaborQilleensa isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti.

See all translations of this verse →

وَٱلشَّيَٰطِينَ كُلَّ بَنَّآءٍ وَغَوَّاصٍ

Oromo Translation - Gali AbaborShayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne).

See all translations of this verse →

وَءَاخَرِينَ مُقَرَّنِينَ فِى ٱلْأَصْفَادِ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne).

See all translations of this verse →

هَٰذَا عَطَآؤُنَا فَٱمْنُنْ أَوْ أَمْسِكْ بِغَيْرِ حِسَابٍ

Oromo Translation - Gali Ababor“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! Herreegaan maletti” (janneen).

See all translations of this verse →

وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلْفَىٰ وَحُسْنَ مَـَٔابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaaf Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira.

See all translations of this verse →

وَٱذْكُرْ عَبْدَنَآ أَيُّوبَ إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّى مَسَّنِىَ ٱلشَّيْطَٰنُ بِنُصْبٍ وَعَذَابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGabricha keenya Ayyuubiin dubbadhu yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe).

See all translations of this verse →

ٱرْكُضْ بِرِجْلِكَ هَٰذَا مُغْتَسَلٌۢ بَارِدٌ وَشَرَابٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukuti, Kun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen).

See all translations of this verse →

وَوَهَبْنَا لَهُۥٓ أَهْلَهُۥ وَمِثْلَهُم مَّعَهُمْ رَحْمَةً مِّنَّا وَذِكْرَىٰ لِأُو۟لِى ٱلْأَلْبَٰبِ

Oromo Translation - Gali AbaborMaatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe). Rahmata nubiraa taheefii, gorsa warra sammuu qabaniif jecha.

See all translations of this verse →

وَخُذْ بِيَدِكَ ضِغْثًا فَٱضْرِب بِّهِۦ وَلَا تَحْنَثْ إِنَّا وَجَدْنَٰهُ صَابِرًا نِّعْمَ ٱلْعَبْدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ

Oromo Translation - Gali Ababor“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen). (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarre. Gabricha akkam gaarii ta’e! inni akkaan tawbaa deebi’aadha.

See all translations of this verse →

وَٱذْكُرْ عِبَٰدَنَآ إِبْرَٰهِيمَ وَإِسْحَٰقَ وَيَعْقُوبَ أُو۟لِى ٱلْأَيْدِى وَٱلْأَبْصَٰرِ

Oromo Translation - Gali AbaborGabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.

See all translations of this verse →

إِنَّآ أَخْلَصْنَٰهُم بِخَالِصَةٍ ذِكْرَى ٱلدَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّهُمْ عِندَنَا لَمِنَ ٱلْمُصْطَفَيْنَ ٱلْأَخْيَارِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.

See all translations of this verse →

وَٱذْكُرْ إِسْمَٰعِيلَ وَٱلْيَسَعَ وَذَا ٱلْكِفْلِ وَكُلٌّ مِّنَ ٱلْأَخْيَارِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsmaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.

See all translations of this verse →

هَٰذَا ذِكْرٌ وَإِنَّ لِلْمُتَّقِينَ لَحُسْنَ مَـَٔابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKuni (isaaniif) faaruudha. Isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira.

See all translations of this verse →

جَنَّٰتِ عَدْنٍ مُّفَتَّحَةً لَّهُمُ ٱلْأَبْوَٰبُ

Oromo Translation - Gali AbaborJannata qubsumaa kan balballoonni isaaniif banaa ta’antu jira.

See all translations of this verse →

مُتَّكِـِٔينَ فِيهَا يَدْعُونَ فِيهَا بِفَٰكِهَةٍ كَثِيرَةٍ وَشَرَابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatu. Ishee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.

See all translations of this verse →

وَعِندَهُمْ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرْفِ أَتْرَابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDubartoota (nama biraa ilaaluu irraa) ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira.

See all translations of this verse →

هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِيَوْمِ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.

See all translations of this verse →

إِنَّ هَٰذَا لَرِزْقُنَا مَا لَهُۥ مِن نَّفَادٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.

See all translations of this verse →

هَٰذَا وَإِنَّ لِلطَّٰغِينَ لَشَرَّ مَـَٔابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborKun (kan mu’uminootaati) Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira.

See all translations of this verse →

جَهَنَّمَ يَصْلَوْنَهَا فَبِئْسَ ٱلْمِهَادُ

Oromo Translation - Gali AbaborJahannama ishee seenantu jira. Afatichi waa fokkate!

See all translations of this verse →

هَٰذَا فَلْيَذُوقُوهُ حَمِيمٌ وَغَسَّاقٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.

See all translations of this verse →

وَءَاخَرُ مِن شَكْلِهِۦٓ أَزْوَٰجٌ

Oromo Translation - Gali Ababor[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.

See all translations of this verse →

هَٰذَا فَوْجٌ مُّقْتَحِمٌ مَّعَكُمْ لَا مَرْحَبًۢا بِهِمْ إِنَّهُمْ صَالُوا۟ ٱلنَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborKuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin) “Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ بَلْ أَنتُمْ لَا مَرْحَبًۢا بِكُمْ أَنتُمْ قَدَّمْتُمُوهُ لَنَا فَبِئْسَ ٱلْقَرَارُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhamin. Isintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ رَبَّنَا مَن قَدَّمَ لَنَا هَٰذَا فَزِدْهُ عَذَابًا ضِعْفًا فِى ٱلنَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ مَا لَنَا لَا نَرَىٰ رِجَالًا كُنَّا نَعُدُّهُم مِّنَ ٱلْأَشْرَارِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine?

See all translations of this verse →

أَتَّخَذْنَٰهُمْ سِخْرِيًّا أَمْ زَاغَتْ عَنْهُمُ ٱلْأَبْصَٰرُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijoowantu isaan irraa nu dabe?”

See all translations of this verse →

إِنَّ ذَٰلِكَ لَحَقٌّ تَخَاصُمُ أَهْلِ ٱلنَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati.

See all translations of this verse →

قُلْ إِنَّمَآ أَنَا۠ مُنذِرٌ وَمَا مِنْ إِلَٰهٍ إِلَّا ٱللَّهُ ٱلْوَٰحِدُ ٱلْقَهَّارُ

Oromo Translation - Gali Ababor“Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi.

See all translations of this verse →

رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ٱلْعَزِيزُ ٱلْغَفَّٰرُ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee.

See all translations of this verse →

قُلْ هُوَ نَبَؤٌا۟ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha.

See all translations of this verse →

أَنتُمْ عَنْهُ مُعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsin isa irraa garagaltani.

See all translations of this verse →

مَا كَانَ لِىَ مِنْ عِلْمٍۭ بِٱلْمَلَإِ ٱلْأَعْلَىٰٓ إِذْ يَخْتَصِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu.

See all translations of this verse →

إِن يُوحَىٰٓ إِلَىَّ إِلَّآ أَنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAni sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّى خَٰلِقٌۢ بَشَرًا مِّن طِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu].

See all translations of this verse →

فَإِذَا سَوَّيْتُهُۥ وَنَفَخْتُ فِيهِ مِن رُّوحِى فَقَعُوا۟ لَهُۥ سَٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“yeroo isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufe isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).

See all translations of this verse →

فَسَجَدَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمْ أَجْمَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMalaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an.

See all translations of this verse →

إِلَّآ إِبْلِيسَ ٱسْتَكْبَرَ وَكَانَ مِنَ ٱلْكَٰفِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIbliis malee (sujuuda dide) boonee, kaafiroota irraa ta’e.

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰٓإِبْلِيسُ مَا مَنَعَكَ أَن تَسْجُدَ لِمَا خَلَقْتُ بِيَدَىَّ أَسْتَكْبَرْتَ أَمْ كُنتَ مِنَ ٱلْعَالِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”

See all translations of this verse →

قَالَ أَنَا۠ خَيْرٌ مِّنْهُ خَلَقْتَنِى مِن نَّارٍ وَخَلَقْتَهُۥ مِن طِينٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibliis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”

See all translations of this verse →

قَالَ فَٱخْرُجْ مِنْهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati (rahmata irraa) fageeffamaadha.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ عَلَيْكَ لَعْنَتِىٓ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلدِّينِ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ فَأَنظِرْنِىٓ إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibliis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”

See all translations of this verse →

قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلْمُنظَرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen.

See all translations of this verse →

إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْوَقْتِ ٱلْمَعْلُومِ

Oromo Translation - Gali Ababor“Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”

See all translations of this verse →

قَالَ فَبِعِزَّتِكَ لَأُغْوِيَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibliis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa.

See all translations of this verse →

إِلَّا عِبَادَكَ مِنْهُمُ ٱلْمُخْلَصِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”

See all translations of this verse →

قَالَ فَٱلْحَقُّ وَٱلْحَقَّ أَقُولُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedha.

See all translations of this verse →

لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكَ وَمِمَّن تَبِعَكَ مِنْهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborJahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”

See all translations of this verse →

قُلْ مَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلْمُتَكَلِّفِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhu. Ani warra of dirqan irraayis miti.

See all translations of this verse →

إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni gorsa aalama hundaati malee waanbiraa miti.

See all translations of this verse →

وَلَتَعْلَمُنَّ نَبَأَهُۥ بَعْدَ حِينٍۭ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70