caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Anbiyaa الأنبياء

112 verses · Mecca · revelation order 73

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱقْتَرَبَ لِلنَّاسِ حِسَابُهُمْ وَهُمْ فِى غَفْلَةٍ مُّعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamootaaf,qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira, odoo isaan daguu keessatti gara galanii.

See all translations of this verse →

مَا يَأْتِيهِم مِّن ذِكْرٍ مِّن رَّبِّهِم مُّحْدَثٍ إِلَّا ٱسْتَمَعُوهُ وَهُمْ يَلْعَبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGorsi haaraan Rabbii isaanii irraa isaanitti hin dhufu, kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee.

See all translations of this verse →

لَاهِيَةً قُلُوبُهُمْ وَأَسَرُّوا۟ ٱلنَّجْوَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ هَلْ هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ أَفَتَأْتُونَ ٱلسِّحْرَ وَأَنتُمْ تُبْصِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOnneewwan isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu), Miidhaa hojjattoonnis marii dhooyfatan,“Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu).

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّى يَعْلَمُ ٱلْقَوْلَ فِى ٱلسَّمَآءِ وَٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beeka. Innis dhaga’aa, beekaadha.

See all translations of this verse →

بَلْ قَالُوٓا۟ أَضْغَٰثُ أَحْلَٰمٍۭ بَلِ ٱفْتَرَىٰهُ بَلْ هُوَ شَاعِرٌ فَلْيَأْتِنَا بِـَٔايَةٍ كَمَآ أُرْسِلَ ٱلْأَوَّلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadha, Lakkii! Soba inni of irraa uumee, Lakkii! Inni weellisaadha, (Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu”

See all translations of this verse →

مَآ ءَامَنَتْ قَبْلَهُم مِّن قَرْيَةٍ أَهْلَكْنَٰهَآ أَفَهُمْ يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGandi Nuti ishee balleessine tokkolleen isaaniin duratti hin amanne; sila isaan ni amanuu?

See all translations of this verse →

وَمَآ أَرْسَلْنَا قَبْلَكَ إِلَّا رِجَالًا نُّوحِىٓ إِلَيْهِمْ فَسْـَٔلُوٓا۟ أَهْلَ ٱلذِّكْرِ إِن كُنتُمْ لَا تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSi dura dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergine, Yoo kan hin beekne taatan warra beekumsaa gaafadhaa.

See all translations of this verse →

وَمَا جَعَلْنَٰهُمْ جَسَدًا لَّا يَأْكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَمَا كَانُوا۟ خَٰلِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) zalaalam jiraatanis hin taane

See all translations of this verse →

ثُمَّ صَدَقْنَٰهُمُ ٱلْوَعْدَ فَأَنجَيْنَٰهُمْ وَمَن نَّشَآءُ وَأَهْلَكْنَا ٱلْمُسْرِفِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborEegasii waadicha isaaniif dhugaa goonee, isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine.

See all translations of this verse →

لَقَدْ أَنزَلْنَآ إِلَيْكُمْ كِتَٰبًا فِيهِ ذِكْرُكُمْ أَفَلَا تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirra, Sila hin xiinxaltanuu?

See all translations of this verse →

وَكَمْ قَصَمْنَا مِن قَرْيَةٍ كَانَتْ ظَالِمَةً وَأَنشَأْنَا بَعْدَهَا قَوْمًا ءَاخَرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baay'ee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne.

See all translations of this verse →

فَلَمَّآ أَحَسُّوا۟ بَأْسَنَآ إِذَا هُم مِّنْهَا يَرْكُضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu.

See all translations of this verse →

لَا تَرْكُضُوا۟ وَٱرْجِعُوٓا۟ إِلَىٰ مَآ أُتْرِفْتُمْ فِيهِ وَمَسَٰكِنِكُمْ لَعَلَّكُمْ تُسْـَٔلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHin gulufinaa, gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa akka gaafatamtaniif jecha.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰوَيْلَنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa hojjattoota turre.

See all translations of this verse →

فَمَا زَالَت تِّلْكَ دَعْوَىٰهُمْ حَتَّىٰ جَعَلْنَٰهُمْ حَصِيدًا خَٰمِدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Jechi nuti miidhaa raawwattoota taane jedhu) sun watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti .

See all translations of this verse →

وَمَا خَلَقْنَا ٱلسَّمَآءَ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا لَٰعِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.

See all translations of this verse →

لَوْ أَرَدْنَآ أَن نَّتَّخِذَ لَهْوًا لَّٱتَّخَذْنَٰهُ مِن لَّدُنَّآ إِن كُنَّا فَٰعِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane.

See all translations of this verse →

بَلْ نَقْذِفُ بِٱلْحَقِّ عَلَى ٱلْبَٰطِلِ فَيَدْمَغُهُۥ فَإِذَا هُوَ زَاهِقٌ وَلَكُمُ ٱلْوَيْلُ مِمَّا تَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborLakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadha. Isiniif waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira.

See all translations of this verse →

وَلَهُۥ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَنْ عِندَهُۥ لَا يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِهِۦ وَلَا يَسْتَحْسِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWantoonni samiileefi dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Isaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis.

See all translations of this verse →

يُسَبِّحُونَ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ لَا يَفْتُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHalkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatan.

See all translations of this verse →

أَمِ ٱتَّخَذُوٓا۟ ءَالِهَةً مِّنَ ٱلْأَرْضِ هُمْ يُنشِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gabbaramtoota (gabbaran), dachii irraa godhatuu? kanneen (namoota) du’aa kaasan,

See all translations of this verse →

لَوْ كَانَ فِيهِمَآ ءَالِهَةٌ إِلَّا ٱللَّهُ لَفَسَدَتَا فَسُبْحَٰنَ ٱللَّهِ رَبِّ ٱلْعَرْشِ عَمَّا يَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu ture, Rabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e!

See all translations of this verse →

لَا يُسْـَٔلُ عَمَّا يَفْعَلُ وَهُمْ يُسْـَٔلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu.

See all translations of this verse →

أَمِ ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً قُلْ هَاتُوا۟ بُرْهَٰنَكُمْ هَٰذَا ذِكْرُ مَن مَّعِىَ وَذِكْرُ مَن قَبْلِى بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْلَمُونَ ٱلْحَقَّ فَهُم مُّعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiin, Kun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniiti, Garuu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanu, Kanaafuu (isa) irraa garagalu.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ مِن رَّسُولٍ إِلَّا نُوحِىٓ إِلَيْهِ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعْبُدُونِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.

See all translations of this verse →

وَقَالُوا۟ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحْمَٰنُ وَلَدًا سُبْحَٰنَهُۥ بَلْ عِبَادٌ مُّكْرَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan “Rahmaan ilma godhate” jedhu, Inni qulqullaa’eera, Lakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha.

See all translations of this verse →

لَا يَسْبِقُونَهُۥ بِٱلْقَوْلِ وَهُم بِأَمْرِهِۦ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.

See all translations of this verse →

يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَلَا يَشْفَعُونَ إِلَّا لِمَنِ ٱرْتَضَىٰ وَهُم مِّنْ خَشْيَتِهِۦ مُشْفِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beeka, Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha.

See all translations of this verse →

وَمَن يَقُلْ مِنْهُمْ إِنِّىٓ إِلَٰهٌ مِّن دُونِهِۦ فَذَٰلِكَ نَجْزِيهِ جَهَنَّمَ كَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchina, Akkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina.

See all translations of this verse →

أَوَلَمْ يَرَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَنَّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ كَانَتَا رَتْقًا فَفَتَقْنَٰهُمَا وَجَعَلْنَا مِنَ ٱلْمَآءِ كُلَّ شَىْءٍ حَىٍّ أَفَلَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraa lubbu qabeeyyii hunda ni uumne, Sila hin amananuu?

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا فِى ٱلْأَرْضِ رَوَٰسِىَ أَن تَمِيدَ بِهِمْ وَجَعَلْنَا فِيهَا فِجَاجًا سُبُلًا لَّعَلَّهُمْ يَهْتَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen (lafa qabataa) taasifneerra, Ishee keessatti daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَا ٱلسَّمَآءَ سَقْفًا مَّحْفُوظًا وَهُمْ عَنْ ءَايَٰتِهَا مُعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSamiilee qaaxee (jaarmaya kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirra, Garuu isaan mallattoolee ishee irraa garagaloodha.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ وَٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ كُلٌّ فِى فَلَكٍ يَسْبَحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu).

See all translations of this verse →

وَمَا جَعَلْنَا لِبَشَرٍ مِّن قَبْلِكَ ٱلْخُلْدَ أَفَإِي۟ن مِّتَّ فَهُمُ ٱلْخَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Si dura ilma namaatiif jireenya waaru (zalaalam) hin taasifne, Sila yoo ati duute, isaan ni waaruu?

See all translations of this verse →

كُلُّ نَفْسٍ ذَآئِقَةُ ٱلْمَوْتِ وَنَبْلُوكُم بِٱلشَّرِّ وَٱلْخَيْرِ فِتْنَةً وَإِلَيْنَا تُرْجَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborLubbuun hundi du’a dhandhamtuudha. Isin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorra, Garuma keenyatti deebifamtu.

See all translations of this verse →

وَإِذَا رَءَاكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِن يَتَّخِذُونَكَ إِلَّا هُزُوًا أَهَٰذَا ٱلَّذِى يَذْكُرُ ءَالِهَتَكُمْ وَهُم بِذِكْرِ ٱلرَّحْمَٰنِ هُمْ كَٰفِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran yeroo si argan “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu, isaan faaruu Rahmaanitti isaanumaatu kafaroodha.

See all translations of this verse →

خُلِقَ ٱلْإِنسَٰنُ مِنْ عَجَلٍ سَأُو۟رِيكُمْ ءَايَٰتِى فَلَا تَسْتَعْجِلُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni jarjara irraa uumame, Ani mallattoolee tiyya isinittin agarsiisaa, nan jerjersiifatinaa.

See all translations of this verse →

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلْوَعْدُ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom? jedhu.

See all translations of this verse →

لَوْ يَعْلَمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ حِينَ لَا يَكُفُّونَ عَن وُجُوهِهِمُ ٱلنَّارَ وَلَا عَن ظُهُورِهِمْ وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran odoo yeroo ibidda fuulleen isaanii irraafi dugdawwan isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture).

See all translations of this verse →

بَلْ تَأْتِيهِم بَغْتَةً فَتَبْهَتُهُمْ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ رَدَّهَا وَلَا هُمْ يُنظَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaafti, Ishee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu.

See all translations of this verse →

وَلَقَدِ ٱسْتُهْزِئَ بِرُسُلٍ مِّن قَبْلِكَ فَحَاقَ بِٱلَّذِينَ سَخِرُوا۟ مِنْهُم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ergamtoota si duraatti qishnamee (baacamee). isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.

See all translations of this verse →

قُلْ مَن يَكْلَؤُكُم بِٱلَّيْلِ وَٱلنَّهَارِ مِنَ ٱلرَّحْمَٰنِ بَلْ هُمْ عَن ذِكْرِ رَبِّهِم مُّعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha.

See all translations of this verse →

أَمْ لَهُمْ ءَالِهَةٌ تَمْنَعُهُم مِّن دُونِنَا لَا يَسْتَطِيعُونَ نَصْرَ أَنفُسِهِمْ وَلَا هُم مِّنَّا يُصْحَبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMoo isaaniif gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksantu tahee? Lubbuulee isaaniitiifuu tumsuu hin danda’anu, Isaan Nu irraa tikfamoo hintaane.

See all translations of this verse →

بَلْ مَتَّعْنَا هَٰٓؤُلَآءِ وَءَابَآءَهُمْ حَتَّىٰ طَالَ عَلَيْهِمُ ٱلْعُمُرُ أَفَلَا يَرَوْنَ أَنَّا نَأْتِى ٱلْأَرْضَ نَنقُصُهَا مِنْ أَطْرَافِهَآ أَفَهُمُ ٱلْغَٰلِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifne, Sila Nuti dachii moggaalee ishee irraa (suuta suutaan) hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa?

See all translations of this verse →

قُلْ إِنَّمَآ أُنذِرُكُم بِٱلْوَحْىِ وَلَا يَسْمَعُ ٱلصُّمُّ ٱلدُّعَآءَ إِذَا مَا يُنذَرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaani. duudaan yaamicha hindhagayu, yeroo dinniinaman.

See all translations of this verse →

وَلَئِن مَّسَّتْهُمْ نَفْحَةٌ مِّنْ عَذَابِ رَبِّكَ لَيَقُولُنَّ يَٰوَيْلَنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborQoonni adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa raawwattoota turreerra.”

See all translations of this verse →

وَنَضَعُ ٱلْمَوَٰزِينَ ٱلْقِسْطَ لِيَوْمِ ٱلْقِيَٰمَةِ فَلَا تُظْلَمُ نَفْسٌ شَيْـًٔا وَإِن كَانَ مِثْقَالَ حَبَّةٍ مِّنْ خَرْدَلٍ أَتَيْنَا بِهَا وَكَفَىٰ بِنَا حَٰسِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti Guyyaa Qiyaamatiif miizaana haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo (waan) ulfina (hanga) firii (ija) raafuu (takka)(qabu) ta’es Nuti ishee ni fidna. Qormaataaf Nuti ga’oodha.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ ٱلْفُرْقَانَ وَضِيَآءً وَذِكْرًا لِّلْمُتَّقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُم بِٱلْغَيْبِ وَهُم مِّنَ ٱلسَّاعَةِ مُشْفِقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha.

See all translations of this verse →

وَهَٰذَا ذِكْرٌ مُّبَارَكٌ أَنزَلْنَٰهُ أَفَأَنتُمْ لَهُۥ مُنكِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedha, Sila isin isaaf mormitootaa?

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَآ إِبْرَٰهِيمَ رُشْدَهُۥ مِن قَبْلُ وَكُنَّا بِهِۦ عَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti kana dura qajeelfama isaa Ibraahiimiif kenninee jirra. Nuti isa beekoo taanee.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِۦ مَا هَٰذِهِ ٱلتَّمَاثِيلُ ٱلَّتِىٓ أَنتُمْ لَهَا عَٰكِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan tun maali?” jedhe (kennineef).

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ وَجَدْنَآ ءَابَآءَنَا لَهَا عَٰبِدِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”

See all translations of this verse →

قَالَ لَقَدْ كُنتُمْ أَنتُمْ وَءَابَآؤُكُمْ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali Ababor[Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَجِئْتَنَا بِٱلْحَقِّ أَمْ أَنتَ مِنَ ٱللَّٰعِبِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”

See all translations of this verse →

قَالَ بَل رَّبُّكُمْ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ ٱلَّذِى فَطَرَهُنَّ وَأَنَا۠ عَلَىٰ ذَٰلِكُم مِّنَ ٱلشَّٰهِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiileefi dachiiti, kan isaan uume sani, Ani kana irratti ragaa bahootarraayi.”

See all translations of this verse →

وَتَٱللَّهِ لَأَكِيدَنَّ أَصْنَٰمَكُم بَعْدَ أَن تُوَلُّوا۟ مُدْبِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabotoota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe).

See all translations of this verse →

فَجَعَلَهُمْ جُذَٰذًا إِلَّا كَبِيرًا لَّهُمْ لَعَلَّهُمْ إِلَيْهِ يَرْجِعُونَ

Oromo Translation - Gali Ababorcaccabaa isaan godhe. guddaa isaaniif ta’e malee (isa nihanbise) Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ مَن فَعَلَ هَٰذَا بِـَٔالِهَتِنَآ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ سَمِعْنَا فَتًى يَذْكُرُهُمْ يُقَالُ لَهُۥٓ إِبْرَٰهِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan “Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu (tokko) kan (hamtuun) isaan dubbatu dhageenyeerra”.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ فَأْتُوا۟ بِهِۦ عَلَىٰٓ أَعْيُنِ ٱلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَشْهَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “ijoowwan namootaa dura isa fidaa, Akka isaan ragaa (irratti) bahaniif jecha.”

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ ءَأَنتَ فَعَلْتَ هَٰذَا بِـَٔالِهَتِنَا يَٰٓإِبْرَٰهِيمُ

Oromo Translation - Gali Ababor“Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ بَلْ فَعَلَهُۥ كَبِيرُهُمْ هَٰذَا فَسْـَٔلُوهُمْ إِن كَانُوا۟ يَنطِقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjate, Yoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe.

See all translations of this verse →

فَرَجَعُوٓا۟ إِلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ فَقَالُوٓا۟ إِنَّكُمْ أَنتُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara lubbuulee isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan.

See all translations of this verse →

ثُمَّ نُكِسُوا۟ عَلَىٰ رُءُوسِهِمْ لَقَدْ عَلِمْتَ مَا هَٰٓؤُلَآءِ يَنطِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborEegasii mataalee isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ أَفَتَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُكُمْ شَيْـًٔا وَلَا يَضُرُّكُمْ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbii achitti waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu?

See all translations of this verse →

أُفٍّ لَّكُمْ وَلِمَا تَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَفَلَا تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ حَرِّقُوهُ وَٱنصُرُوٓا۟ ءَالِهَتَكُمْ إِن كُنتُمْ فَٰعِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “ isa gubaa; gabbaramtoota keessaniif tumsaa. Yoo kan hojjattan taataniif”

See all translations of this verse →

قُلْنَا يَٰنَارُ كُونِى بَرْدًا وَسَلَٰمًا عَلَىٰٓ إِبْرَٰهِيمَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijenne “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i".

See all translations of this verse →

وَأَرَادُوا۟ بِهِۦ كَيْدًا فَجَعَلْنَٰهُمُ ٱلْأَخْسَرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborHamtuu isatti fedhan, irra hoonga’oo isaan goone.

See all translations of this verse →

وَنَجَّيْنَٰهُ وَلُوطًا إِلَى ٱلْأَرْضِ ٱلَّتِى بَٰرَكْنَا فِيهَا لِلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti nagaya baafne.

See all translations of this verse →

وَوَهَبْنَا لَهُۥٓ إِسْحَٰقَ وَيَعْقُوبَ نَافِلَةً وَكُلًّا جَعَلْنَا صَٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine) Hundaayyuu gaggaarii goone.

See all translations of this verse →

وَجَعَلْنَٰهُمْ أَئِمَّةً يَهْدُونَ بِأَمْرِنَا وَأَوْحَيْنَآ إِلَيْهِمْ فِعْلَ ٱلْخَيْرَٰتِ وَإِقَامَ ٱلصَّلَوٰةِ وَإِيتَآءَ ٱلزَّكَوٰةِ وَكَانُوا۟ لَنَا عَٰبِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborImaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirra. toltuuwwan hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuu gara isaanitti wahyii goone. nuuf gabbartoota turan.

See all translations of this verse →

وَلُوطًا ءَاتَيْنَٰهُ حُكْمًا وَعِلْمًا وَنَجَّيْنَٰهُ مِنَ ٱلْقَرْيَةِ ٱلَّتِى كَانَت تَّعْمَلُ ٱلْخَبَٰٓئِثَ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ قَوْمَ سَوْءٍ فَٰسِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborLuuxiin murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra. (Ummata) ganda badii fokkatoo hojjattu irraa isa baraarsinee jirra. isaan ummata badoo, finciltoota turan.

See all translations of this verse →

وَأَدْخَلْنَٰهُ فِى رَحْمَتِنَآ إِنَّهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborRahmata keenya keessas isa seensifne. inni warra gaggaarii irraayi.

See all translations of this verse →

وَنُوحًا إِذْ نَادَىٰ مِن قَبْلُ فَٱسْتَجَبْنَا لَهُۥ فَنَجَّيْنَٰهُ وَأَهْلَهُۥ مِنَ ٱلْكَرْبِ ٱلْعَظِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborNuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]

See all translations of this verse →

وَنَصَرْنَٰهُ مِنَ ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَآ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ قَوْمَ سَوْءٍ فَأَغْرَقْنَٰهُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafne, isaan warra hamtuu turan. hunda isaanii bishaaniin dhidhimsiifne.

See all translations of this verse →

وَدَاوُۥدَ وَسُلَيْمَٰنَ إِذْ يَحْكُمَانِ فِى ٱلْحَرْثِ إِذْ نَفَشَتْ فِيهِ غَنَمُ ٱلْقَوْمِ وَكُنَّا لِحُكْمِهِمْ شَٰهِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDaawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu], Nuti murtii isaanii ni beekna turre.

See all translations of this verse →

فَفَهَّمْنَٰهَا سُلَيْمَٰنَ وَكُلًّا ءَاتَيْنَا حُكْمًا وَعِلْمًا وَسَخَّرْنَا مَعَ دَاوُۥدَ ٱلْجِبَالَ يُسَبِّحْنَ وَٱلطَّيْرَ وَكُنَّا فَٰعِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifne, Hundaafuu (beekumsa murtii) haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerra. Gaarreen Daawuudii waliin akka na qulqulleessan laaffifne, allaattis. Nuti hojjatoo taane

See all translations of this verse →

وَعَلَّمْنَٰهُ صَنْعَةَ لَبُوسٍ لَّكُمْ لِتُحْصِنَكُم مِّنۢ بَأْسِكُمْ فَهَلْ أَنتُمْ شَٰكِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborUffata sibiilaa kan isiniif tahe isa barsiifne. lola keessanirraa akka isin tiiysituuf jecha, Sila isin (Nu) galatoomfattootaa?

See all translations of this verse →

وَلِسُلَيْمَٰنَ ٱلرِّيحَ عَاصِفَةً تَجْرِى بِأَمْرِهِۦٓ إِلَى ٱلْأَرْضِ ٱلَّتِى بَٰرَكْنَا فِيهَا وَكُنَّا بِكُلِّ شَىْءٍ عَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSuleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra). Nuti waan hunda beekoo taaneerra.

See all translations of this verse →

وَمِنَ ٱلشَّيَٰطِينِ مَن يَغُوصُونَ لَهُۥ وَيَعْمَلُونَ عَمَلًا دُونَ ذَٰلِكَ وَكُنَّا لَهُمْ حَٰفِظِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSheyxaanota irraa isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jira. Nuti tiksoo isaanii taaneerra.

See all translations of this verse →

وَأَيُّوبَ إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّى مَسَّنِىَ ٱلضُّرُّ وَأَنتَ أَرْحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAyyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)

See all translations of this verse →

فَٱسْتَجَبْنَا لَهُۥ فَكَشَفْنَا مَا بِهِۦ مِن ضُرٍّ وَءَاتَيْنَٰهُ أَهْلَهُۥ وَمِثْلَهُم مَّعَهُمْ رَحْمَةً مِّنْ عِندِنَا وَذِكْرَىٰ لِلْعَٰبِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furre. maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine, Rahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha.

See all translations of this verse →

وَإِسْمَٰعِيلَ وَإِدْرِيسَ وَذَا ٱلْكِفْلِ كُلٌّ مِّنَ ٱلصَّٰبِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsmaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.

See all translations of this verse →

وَأَدْخَلْنَٰهُمْ فِى رَحْمَتِنَآ إِنَّهُم مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborRahmata keenya keessas isaan seensifne, isaan warra gaggaarii irraayi.

See all translations of this verse →

وَذَا ٱلنُّونِ إِذ ذَّهَبَ مُغَٰضِبًا فَظَنَّ أَن لَّن نَّقْدِرَ عَلَيْهِ فَنَادَىٰ فِى ٱلظُّلُمَٰتِ أَن لَّآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنتَ سُبْحَٰنَكَ إِنِّى كُنتُ مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborZannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti isa irratti dhiphisuu dhabuu yaade. Dukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ati qulqulloofte, Dhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe

See all translations of this verse →

فَٱسْتَجَبْنَا لَهُۥ وَنَجَّيْنَٰهُ مِنَ ٱلْغَمِّ وَكَذَٰلِكَ نُـۨجِى ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsine, Akka kanatti mu’uminoota nagaa baafna.

See all translations of this verse →

وَزَكَرِيَّآ إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُۥ رَبِّ لَا تَذَرْنِى فَرْدًا وَأَنتَ خَيْرُ ٱلْوَٰرِثِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborZakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) nan dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).

See all translations of this verse →

فَٱسْتَجَبْنَا لَهُۥ وَوَهَبْنَا لَهُۥ يَحْيَىٰ وَأَصْلَحْنَا لَهُۥ زَوْجَهُۥٓ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ يُسَٰرِعُونَ فِى ٱلْخَيْرَٰتِ وَيَدْعُونَنَا رَغَبًا وَرَهَبًا وَكَانُوا۟ لَنَا خَٰشِعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaf owwaannee Yahyaa isaaf kennine, Niitii isaas (akka deessu) isaaf tolchine, Isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'an, kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhatan turan, Nuuf sodaatoo turan.

See all translations of this verse →

وَٱلَّتِىٓ أَحْصَنَتْ فَرْجَهَا فَنَفَخْنَا فِيهَا مِن رُّوحِنَا وَجَعَلْنَٰهَا وَٱبْنَهَآ ءَايَةً لِّلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu). Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufne, Isheefi ilma ishees aalamootaaf mallattoo taasifne.

See all translations of this verse →

إِنَّ هَٰذِهِۦٓ أُمَّتُكُمْ أُمَّةً وَٰحِدَةً وَأَنَا۠ رَبُّكُمْ فَٱعْبُدُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen tun amantii keessan amantii tokkittiidha, Ani Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa.

See all translations of this verse →

وَتَقَطَّعُوٓا۟ أَمْرَهُم بَيْنَهُمْ كُلٌّ إِلَيْنَا رَٰجِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAmantii isaanii keessatti jidduu isaaniitti adda qoodaman, Hunduu gara keenya deebi’oodha.

See all translations of this verse →

فَمَن يَعْمَلْ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَلَا كُفْرَانَ لِسَعْيِهِۦ وَإِنَّا لَهُۥ كَٰتِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiru, Nuti isaaf galmeessaadha.

See all translations of this verse →

وَحَرَٰمٌ عَلَىٰ قَرْيَةٍ أَهْلَكْنَٰهَآ أَنَّهُمْ لَا يَرْجِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGanda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an.

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا فُتِحَتْ يَأْجُوجُ وَمَأْجُوجُ وَهُم مِّن كُلِّ حَدَبٍ يَنسِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamtee isaan tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu).

See all translations of this verse →

وَٱقْتَرَبَ ٱلْوَعْدُ ٱلْحَقُّ فَإِذَا هِىَ شَٰخِصَةٌ أَبْصَٰرُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ يَٰوَيْلَنَا قَدْ كُنَّا فِى غَفْلَةٍ مِّنْ هَٰذَا بَلْ كُنَّا ظَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaadaan dhugaa dhihaatee jira, Yeroo san ijjoowwan warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha, “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre (Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota taane" (jedhu).

See all translations of this verse →

إِنَّكُمْ وَمَا تَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ حَصَبُ جَهَنَّمَ أَنتُمْ لَهَا وَٰرِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha.

See all translations of this verse →

لَوْ كَانَ هَٰٓؤُلَآءِ ءَالِهَةً مَّا وَرَدُوهَا وَكُلٌّ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan ture, Hundi isaanii ishee keessatti waaru (hafu).

See all translations of this verse →

لَهُمْ فِيهَا زَفِيرٌ وَهُمْ فِيهَا لَا يَسْمَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; isaan ishee keessatti hin dhaga’an.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ سَبَقَتْ لَهُم مِّنَّا ٱلْحُسْنَىٰٓ أُو۟لَٰٓئِكَ عَنْهَا مُبْعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra Nurraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha.

See all translations of this verse →

لَا يَسْمَعُونَ حَسِيسَهَا وَهُمْ فِى مَا ٱشْتَهَتْ أَنفُسُهُمْ خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSagalee (didichaa) ishee hin dhaga’anu, Isaan waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha.

See all translations of this verse →

لَا يَحْزُنُهُمُ ٱلْفَزَعُ ٱلْأَكْبَرُ وَتَتَلَقَّىٰهُمُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ هَٰذَا يَوْمُكُمُ ٱلَّذِى كُنتُمْ تُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu, Maleykonni isaan simatu. “Kun guyyaa keessan kan baallamamoo taataniidha.” (jedhaniin)

See all translations of this verse →

يَوْمَ نَطْوِى ٱلسَّمَآءَ كَطَىِّ ٱلسِّجِلِّ لِلْكُتُبِ كَمَا بَدَأْنَآ أَوَّلَ خَلْقٍ نُّعِيدُهُۥ وَعْدًا عَلَيْنَآ إِنَّا كُنَّا فَٰعِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa samii marru akka mariinsa barreessan xalayaalee (galmeewwan) marutti [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ كَتَبْنَا فِى ٱلزَّبُورِ مِنۢ بَعْدِ ٱلذِّكْرِ أَنَّ ٱلْأَرْضَ يَرِثُهَا عِبَادِىَ ٱلصَّٰلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti kitaabota keessatti barreessine, erga ‘Lawhal Mahfuuz’ (keessatti barreessinee) booda. “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” (jechuu).

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى هَٰذَا لَبَلَٰغًا لِّقَوْمٍ عَٰبِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu orma (Rabbiin) gabbaraniif jira.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا رَحْمَةً لِّلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee (waan) si hin ergine.

See all translations of this verse →

قُلْ إِنَّمَا يُوحَىٰٓ إِلَىَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ فَهَلْ أَنتُم مُّسْلِمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”

See all translations of this verse →

فَإِن تَوَلَّوْا۟ فَقُلْ ءَاذَنتُكُمْ عَلَىٰ سَوَآءٍ وَإِنْ أَدْرِىٓ أَقَرِيبٌ أَم بَعِيدٌ مَّا تُوعَدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksise, Ani wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.

See all translations of this verse →

إِنَّهُۥ يَعْلَمُ ٱلْجَهْرَ مِنَ ٱلْقَوْلِ وَيَعْلَمُ مَا تَكْتُمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beeka, Waan isin dhoksitanis ni beeka.

See all translations of this verse →

وَإِنْ أَدْرِى لَعَلَّهُۥ فِتْنَةٌ لَّكُمْ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAni inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.

See all translations of this verse →

قَٰلَ رَبِّ ٱحْكُم بِٱلْحَقِّ وَرَبُّنَا ٱلرَّحْمَٰنُ ٱلْمُسْتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhi, Gooftaan keenya Rahmaani, waan isin jettan irratti gargaarsifatamaadha.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70