caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Muhammad محمد

38 verses · Medina · revelation order 95

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ أَضَلَّ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَءَامَنُوا۟ بِمَا نُزِّلَ عَلَىٰ مُحَمَّدٍ وَهُوَ ٱلْحَقُّ مِن رَّبِّهِمْ كَفَّرَ عَنْهُمْ سَيِّـَٔاتِهِمْ وَأَصْلَحَ بَالَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti amanan, ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ , (Rabbiin) diliilee isaanii isaan irraa haqe, haala isaaniis tolche.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱتَّبَعُوا۟ ٱلْبَٰطِلَ وَأَنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّبَعُوا۟ ٱلْحَقَّ مِن رَّبِّهِمْ كَذَٰلِكَ يَضْرِبُ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ أَمْثَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan warri kafaran dhara (bu’ura hin qabne) hordofaniifi, warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e hordofaniifi. Akka kanatti Rabbiin fakkeenyota isaanii ilma namaatiif ibsa.

See all translations of this verse →

فَإِذَا لَقِيتُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَضَرْبَ ٱلرِّقَابِ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَثْخَنتُمُوهُمْ فَشُدُّوا۟ ٱلْوَثَاقَ فَإِمَّا مَنًّۢا بَعْدُ وَإِمَّا فِدَآءً حَتَّىٰ تَضَعَ ٱلْحَرْبُ أَوْزَارَهَا ذَٰلِكَ وَلَوْ يَشَآءُ ٱللَّهُ لَٱنتَصَرَ مِنْهُمْ وَلَٰكِن لِّيَبْلُوَا۟ بَعْضَكُم بِبَعْضٍ وَٱلَّذِينَ قُتِلُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَلَن يُضِلَّ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo warra kafare qunnamtan mormoota dhawaa. hanga yeroo isaan dadhabsiiftanitti (isaan baay’ee ajjeeftanitti), hidhaa jabeessaa. Sana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa). Dubbiin kana, Rabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahata. Garuu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jecha. Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu.

See all translations of this verse →

سَيَهْدِيهِمْ وَيُصْلِحُ بَالَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborFuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.

See all translations of this verse →

وَيُدْخِلُهُمُ ٱلْجَنَّةَ عَرَّفَهَا لَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborJannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِن تَنصُرُوا۟ ٱللَّهَ يَنصُرْكُمْ وَيُثَبِّتْ أَقْدَامَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isinii tumsa. Faannaan keessanis gadi dhaaba.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَتَعْسًا لَّهُمْ وَأَضَلَّ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri kafaran badiin isaaniif ta’aadha. (Rabbiin) dalagaalee (hojii) isaanii ni balleessa.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَرِهُوا۟ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأَحْبَطَ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan isaan waan Rabbiin buuse (Qur’aana) jibbaniifi. Kanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse.

See all translations of this verse →

أَفَلَمْ يَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَيَنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ دَمَّرَ ٱللَّهُ عَلَيْهِمْ وَلِلْكَٰفِرِينَ أَمْثَٰلُهَا

Oromo Translation - Gali AbaborSila dachii keessa deemanii hin ilaallee booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e? Rabbiin isaan barbadeesse. Kaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ مَوْلَى ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَأَنَّ ٱلْكَٰفِرِينَ لَا مَوْلَىٰ لَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafiroonni immoo gargaaraan isaaniif hinjiru.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱللَّهَ يُدْخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ يَتَمَتَّعُونَ وَيَأْكُلُونَ كَمَا تَأْكُلُ ٱلْأَنْعَٰمُ وَٱلنَّارُ مَثْوًى لَّهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannatoowwan laggeen ishee keessa yaa’u seensisa. Warri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa (jiraatan). Ibiddi bakka jireenya isaaniiti.

See all translations of this verse →

وَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ هِىَ أَشَدُّ قُوَّةً مِّن قَرْيَتِكَ ٱلَّتِىٓ أَخْرَجَتْكَ أَهْلَكْنَٰهُمْ فَلَا نَاصِرَ لَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborBaay’ee magaalotaa, kan magaalaa tee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirra. Homaa tumsaan isaaniif hin jiru.

See all translations of this verse →

أَفَمَن كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّهِۦ كَمَن زُيِّنَ لَهُۥ سُوٓءُ عَمَلِهِۦ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَهْوَآءَهُم

Oromo Translation - Gali AbaborSila inni ragaa (ifa ba’aa) Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee nitahee? kan fedha lubbuu isaanii hordofan.

See all translations of this verse →

مَّثَلُ ٱلْجَنَّةِ ٱلَّتِى وُعِدَ ٱلْمُتَّقُونَ فِيهَآ أَنْهَٰرٌ مِّن مَّآءٍ غَيْرِ ءَاسِنٍ وَأَنْهَٰرٌ مِّن لَّبَنٍ لَّمْ يَتَغَيَّرْ طَعْمُهُۥ وَأَنْهَٰرٌ مِّنْ خَمْرٍ لَّذَّةٍ لِّلشَّٰرِبِينَ وَأَنْهَٰرٌ مِّنْ عَسَلٍ مُّصَفًّى وَلَهُمْ فِيهَا مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ وَمَغْفِرَةٌ مِّن رَّبِّهِمْ كَمَنْ هُوَ خَٰلِدٌ فِى ٱلنَّارِ وَسُقُوا۟ مَآءً حَمِيمًا فَقَطَّعَ أَمْعَآءَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaatan waadaa galamanii (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’etu jira, (akkasuma) laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa (ta’etu jira). Ammas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira. (Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii? (lakki jarru sun akka jara kanaatii miti).

See all translations of this verse →

وَمِنْهُم مَّن يَسْتَمِعُ إِلَيْكَ حَتَّىٰٓ إِذَا خَرَجُوا۟ مِنْ عِندِكَ قَالُوا۟ لِلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ مَاذَا قَالَ ءَانِفًا أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَهْوَآءَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa namoota si dhaggeeffatee hanga yeroo si biraa gadi bahanii nijedhan warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?”. Isaan sun warra qalbiilee isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhiilee isaanii hordofan.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ ٱهْتَدَوْا۟ زَادَهُمْ هُدًى وَءَاتَىٰهُمْ تَقْوَىٰهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan qajeelan (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.

See all translations of this verse →

فَهَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا ٱلسَّاعَةَ أَن تَأْتِيَهُم بَغْتَةً فَقَدْ جَآءَ أَشْرَاطُهَا فَأَنَّىٰ لَهُمْ إِذَا جَآءَتْهُمْ ذِكْرَىٰهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborSila ni eeganii Qiyaaman tasa isaanitti dhufuu malee? Mallattooleen ishee dhufe. Yeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?

See all translations of this verse →

فَٱعْلَمْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ وَٱسْتَغْفِرْ لِذَنۢبِكَ وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ مُتَقَلَّبَكُمْ وَمَثْوَىٰكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa hinjiruu beeki; dilii teetiif araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu). Rabbiin sochii keessaniifi qubannoota keessanis ni beeka.

See all translations of this verse →

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَوْلَا نُزِّلَتْ سُورَةٌ فَإِذَآ أُنزِلَتْ سُورَةٌ مُّحْكَمَةٌ وَذُكِرَ فِيهَا ٱلْقِتَالُ رَأَيْتَ ٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ يَنظُرُونَ إِلَيْكَ نَظَرَ ٱلْمَغْشِىِّ عَلَيْهِ مِنَ ٱلْمَوْتِ فَأَوْلَىٰ لَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhu. Yeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru - ilaalcha nama machii du’aa isa gaggabsee- kan gara kee ilaalan argita. Badiin isaaniif haa ta’u.

See all translations of this verse →

طَاعَةٌ وَقَوْلٌ مَّعْرُوفٌ فَإِذَا عَزَمَ ٱلْأَمْرُ فَلَوْ صَدَقُوا۟ ٱللَّهَ لَكَانَ خَيْرًا لَّهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborAjaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala). Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture.

See all translations of this verse →

فَهَلْ عَسَيْتُمْ إِن تَوَلَّيْتُمْ أَن تُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ وَتُقَطِّعُوٓا۟ أَرْحَامَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborSila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii?

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُ فَأَصَمَّهُمْ وَأَعْمَىٰٓ أَبْصَٰرَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ijoowwan isaanii jaamseedha.

See all translations of this verse →

أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلْقُرْءَانَ أَمْ عَلَىٰ قُلُوبٍ أَقْفَالُهَآ

Oromo Translation - Gali AbaborSila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onneewwan isaanii irra cufaa isheetu jira?

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱرْتَدُّوا۟ عَلَىٰٓ أَدْبَٰرِهِم مِّنۢ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلْهُدَى ٱلشَّيْطَٰنُ سَوَّلَ لَهُمْ وَأَمْلَىٰ لَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan duubatti garagalan erga karaan qajeelaan isaaniif ibsame booda, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا۟ لِلَّذِينَ كَرِهُوا۟ مَا نَزَّلَ ٱللَّهُ سَنُطِيعُكُمْ فِى بَعْضِ ٱلْأَمْرِ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ إِسْرَارَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan isaan warra waan Rabbiin buuse jibbaniin “dhimma garii keessatti ajaja keessan fudhanna” jedhaniif. Rabbiin iccitii isaanii ni beeka.

See all translations of this verse →

فَكَيْفَ إِذَا تَوَفَّتْهُمُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَٰرَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborAkkam tahuu taa’an Yeroo maleeykonni isaan ajjeeftu, fuulleen isaaniitiifi dugdowwan isaanii tumaadhaa?

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمُ ٱتَّبَعُوا۟ مَآ أَسْخَطَ ٱللَّهَ وَكَرِهُوا۟ رِضْوَٰنَهُۥ فَأَحْبَطَ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborKun waan isaan waan Rabbiin dallansiisu hordofaniifii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifi. (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleesse.

See all translations of this verse →

أَمْ حَسِبَ ٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ أَن لَّن يُخْرِجَ ٱللَّهُ أَضْغَٰنَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborSila warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa (garaa isaanii keessa jiru) hin baasuu yaadanii?

See all translations of this verse →

وَلَوْ نَشَآءُ لَأَرَيْنَٰكَهُمْ فَلَعَرَفْتَهُم بِسِيمَٰهُمْ وَلَتَعْرِفَنَّهُمْ فِى لَحْنِ ٱلْقَوْلِ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ أَعْمَٰلَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo feenee isaan sitti argisiifneeti, mallattoolee isaanitiin isaan beekta. Ergaa jechootaatiinis isaan ni beekta. Rabbiin dalagaalee keessan ni beeka.

See all translations of this verse →

وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ حَتَّىٰ نَعْلَمَ ٱلْمُجَٰهِدِينَ مِنكُمْ وَٱلصَّٰبِرِينَ وَنَبْلُوَا۟ أَخْبَارَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsin mokkorra Hanga beeknutti (adda baafnutti) nqabsaa’otaafi obsitoota isin irraa tahan. oduulee keessanis nimokkorra (adda baafna).

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَشَآقُّوا۟ ٱلرَّسُولَ مِنۢ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلْهُدَىٰ لَن يَضُرُّوا۟ ٱللَّهَ شَيْـًٔا وَسَيُحْبِطُ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaranii karaa Rabbii irraa (nama) dhorgan, erga karaan qajeelaan isaaniif ifa ta’e booda ergamaa (Rabbii) didan, homaa Rabbiin hin miidhanu (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleessuuf jira.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ وَلَا تُبْطِلُوٓا۟ أَعْمَٰلَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamaa (Isaatifis) ajajamaa; dalagaawwan keessan hin balleessinaa.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ ثُمَّ مَاتُوا۟ وَهُمْ كُفَّارٌ فَلَن يَغْفِرَ ٱللَّهُ لَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaranii (namoota) karaa Rabbii irraa dhorgan, ergasii kafaroo ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu.

See all translations of this verse →

فَلَا تَهِنُوا۟ وَتَدْعُوٓا۟ إِلَى ٱلسَّلْمِ وَأَنتُمُ ٱلْأَعْلَوْنَ وَٱللَّهُ مَعَكُمْ وَلَن يَتِرَكُمْ أَعْمَٰلَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborHin dadhabinaa; gara araaramaatti hin waaminaa. isintu injifatoodha. Rabbiin isin waliin jira; dalagaalee keessan isin irraa hin hir’isu.

See all translations of this verse →

إِنَّمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا لَعِبٌ وَلَهْوٌ وَإِن تُؤْمِنُوا۟ وَتَتَّقُوا۟ يُؤْتِكُمْ أُجُورَكُمْ وَلَا يَسْـَٔلْكُمْ أَمْوَٰلَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborJireenyi addunyaa taphaafi dagduudha, Yoo amantanii Rabbiin sodaattan mindaalee keessan isiniif kenna; qabeenya keessan isin hin gaafatu.

See all translations of this verse →

إِن يَسْـَٔلْكُمُوهَا فَيُحْفِكُمْ تَبْخَلُوا۟ وَيُخْرِجْ أَضْغَٰنَكُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) gadoo keessan ni baasa.

See all translations of this verse →

هَٰٓأَنتُمْ هَٰٓؤُلَآءِ تُدْعَوْنَ لِتُنفِقُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَمِنكُم مَّن يَبْخَلُ وَمَن يَبْخَلْ فَإِنَّمَا يَبْخَلُ عَن نَّفْسِهِۦ وَٱللَّهُ ٱلْغَنِىُّ وَأَنتُمُ ٱلْفُقَرَآءُ وَإِن تَتَوَلَّوْا۟ يَسْتَبْدِلْ قَوْمًا غَيْرَكُمْ ثُمَّ لَا يَكُونُوٓا۟ أَمْثَٰلَكُم

Oromo Translation - Gali AbaborIsin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtu. Isin irraa nama doynoomuutu jira. Namni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isin hiyyeeyyiidha. Yoo garagaltan, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan ergasii akka keessan hin ta’an.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70