caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Muhammad, Verse 4

Medina · revelation order 95 · 47:4

فَإِذَا لَقِيتُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَضَرْبَ ٱلرِّقَابِ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَثْخَنتُمُوهُمْ فَشُدُّوا۟ ٱلْوَثَاقَ فَإِمَّا مَنًّۢا بَعْدُ وَإِمَّا فِدَآءً حَتَّىٰ تَضَعَ ٱلْحَرْبُ أَوْزَارَهَا ذَٰلِكَ وَلَوْ يَشَآءُ ٱللَّهُ لَٱنتَصَرَ مِنْهُمْ وَلَٰكِن لِّيَبْلُوَا۟ بَعْضَكُم بِبَعْضٍ وَٱلَّذِينَ قُتِلُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَلَن يُضِلَّ أَعْمَٰلَهُمْ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo warra kafare qunnamtan mormoota dhawaa. hanga yeroo isaan dadhabsiiftanitti (isaan baay’ee ajjeeftanitti), hidhaa jabeessaa. Sana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa). Dubbiin kana, Rabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahata. Garuu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jecha. Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70